“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”
FARSAA DAAWIIT 65/6:12
Dn.Takiluu Haayiluutiin
Manni Qulqullummaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo giiftii qopheedha. Kitaaba Qulqulluu bu’uureffachuun Qulqulloota, Toloota, Wareegamtoota isheef yaadannoo ni taasifti. (Faarsa 111/2:6 ). Haaluma kanaan Manni Qulqulummaan keenya yaadannoo qulqullootaaf taasiftu keessaa guyyaa hangafti ergamootaa Qulqullichi Gabri’eelin Waaqayyo irraa ergamuun wareegama Qulqullicha Qiirqoosiifi haadha isaa wareegamtuu Qulqulleettii Iyyeluxaa bishaan danfaa keessaa baase yeroo maraa Adoolessa 19 kabajamee oola. Mannii amantaa keenya seenaa kabaja ayyaana kanaa gabaabumattii akka armaan gadiitti barsiisti.
Barri sun bara Wareegamtootaa ture. Wareegamaa jechuun ragaa ba’aa, waa’ee amantaa ishee sirriifi mootummaa Waaqayyoof jecha kan dhugaa ba’u jechuu dha. Waqtii sana amantaan kiristaanummaa bal’inaan yeroo itti lallabamuu eegalame, kiristaanotaafi mootota biyyattii giddutti sababa amantaa qofaan garagarummaa guddaafi dhumaati yeroo itti godhamaa tureedha. Sababa kanaan jireenyi kiristaanotaa du’aafi jireenya gidduu yeroo tureefi yeroo qorumsa guddaa, dhiigni kiristaanotaa akka lolaa gannaa yeroo lafarra dhangala’aa tureedha. Bara kana wareegamtoota akka warqee ibiddaafi rakkoon dararamaa amantaa isaanitin cimanii dhabatan keessaa daa’imtichi Qulqulluun Qiirqoosifi haati isaa Qulqulleettii Iyyeluxaan isaan tokko. Wareegamaa Qirqoosiin wareegamtoota kaan irra addaa kan isa taasisu umuriin daa’ima ta’uu isaati.
Qiirqoos biyyi isaa Roomaa, Ixaaliyaa, bakkaa Angabeen (አንገቤን) jedhamtudha. Haati isaa Iyyeluxaa, abbaan isaa Qoozimoos (ቆዝሞስ) jedhamu. Bara mooticha hamaa Diyooqilxiyaanos (bara wareegamtoota) –Diiyooqilxiyaanos mudamee waggaa 20ffaa isaatti bara 303 BA, manneen amantaa kiristaanotaa akka barbadaa’an, manneen xa’otaa akka babal’ataan labsiin labsame. Sababa kanaanis kiristaanootni hedduun ari’ataman. Iyyeluxaanis daa’ima waggaa sadii kan ta’e, mucaa ishee Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoosittii baqatte. Yeroo sana bulchaa kutaa biyyaatti kan ture mootichi hamaan Ileeskiindiriyoos jedhamu isaan argate. Mootichis baqattoota kana ofitti waamuun waa’ee amantii isaanii gafate. Iyyeluxaanis “yaa mootii xaa’ota waaqessun gaarii ta’uufi ta’uu dhiisuu isaa daa’imti waggaa sadii ni jiraatii isa gaafadh” jechuun deebisteef. Daa’imtichis bakka jiru akka dhufu taasifame, mootichis ‘’ yaa mucaa gammadaa akkam jirta jechuun gaafate, daa’imtichis eyyeen anaaf gammachuun naaf eegameera, siif garuu gaddaafi ilkaan walitti riguutu sii eeggata’’ jechuun deebiseef. Waaqayyo daa’ima kana irraa ayyaana isaa bulcheeraatii mootichaafi ergamtoota isaas ni rifachise, xaa’otaa sanaas ni abaare. Isaanis cimina daa’imtichaa arguun aja’iibsifatan.