“Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

 “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

                                                                                                  Dn. Takluu Haayiluu

Kaayyoon Waaqayyoo dhala namaa uumeef maqaa Isaa galateeffannee akka mootummaa Isaa dhaalluufidha. Haata’u malee dhalli namaa bilisummaa qabutti fayyadamuun Waaqa dachee fi samii akkasumas uumamtoota hunda uume dhiisee Waaqa alagaa waaqessuun (Waaqa tolfamaaf jilbeeffachuun) ajaja Waaqayyoo “Ana malee Waaqonni biroo siif hin ta’iin” jedhu yoo cabsu kitaaba qulqulluu kessatti bakka hedduutti katabamee ni argana. Se. Ba’uu 20:1-4, Mat 6:24, Yoh 5:29.

Israa’eeloonni yeroo wareeramanii biyya Faariis Baabiloon keessa jiraatan Naabukadenetsoor ijoollee Israa’eel gosa moototaa fi abbootii murtii ta’an keessaa mudoo kan hin qabnee fi babbareedoo, beekumsaan kan guutamanii fi kanneen qalbii qabessa ta’an, mootii fuldura dhaabachuu danda’an filatee mana barumsaa kaalaadawiyaanotatti afaanii fi ogummaa akka barataniif gaafate. Daani’eel, Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ni filataman. Akkasumas fuula mootichaatti kabaja argatan. Isaanis Sababa nyaataa fi dhugaatiin akka hin bushoofneef ykn harfoofneef daadhiiif cooma mootii dhiisanii akaayii goggoogaa fi bishaan xiqqoo dhugaa barumsa isaanii baratan (Dan 1:8-21). Mootichiis maqaa isaanii:- Daani’eeliin- Bilxaasoor, Anaaniyaan- Sidiraaq, Azaariyaan- Abidinaagoom, Misaa’eeliin –Misaaq jechuun jijjire. (Dan 1:1-dhumaa).

Ijoolleen kunis beektotaa fi qalbii qabeeyyii waan ta’aniif kutaalee biyya Baabiloon irratti muudaman. Dan2:46-48. Muudamuun ijoollee sadeen kanaa garuu, saboota Baabiloon biratti inaaffaa uume. Isaanis ijoollee sadaniif mooticha wal dhabsisuuf jecha akkas jechuun mala baasan “Firaa fi diina kee kan ittiin addaan foo’attu xaa’ota (tolchaa) itti sagadamu dhaabi” jechuun gorsan. Isaanis kutaalee Baabiloon irratti ijoolleen ati muudde gosoota Ayihuudota ta’an Waaqa ati dhaabdeef hin jilbeeffatan; ajaja kees hin kabajan jechuun mootiitti himan. Yeroo kana mootichis ni dheekkame. Hojjetotaa fi jiraattota biyya sanii hunda xaa’ota (tolchaa) dhaabbateef akka sagadaniif waamamanii, akka jilbeefataniis ajajaman. Mootichis haalota sadiitti fayyadamuun namootni hundi akka xaa’otaaf (tolchaaf) jilbeefatan taasisan. kunis:-

 

v  Labsii baasuun: -labsiin Kun warreen aangoo irra jiranii hanga tokkoon tokkoon namootaa kan laallatu yoo ta’u warreen aangoo qaban fakkenya ta’uu waan qabanif isaan irratti daraan xiyyefata ture.

v  Sagalee Muuziqaan booji’uun:- “wayita sagalee dibbee, nagaaritaa, fi kkf dhagessan kuftanii akka xaa’otaaf sagaddan’’ kan jedhuun sagalee meeshaalee muuziqaan booji’e.

v  Yoo jilbeeffachuu diddan labooba abiddaa keessatti akka darbataman jechuun sodaachisani. Mootichis harka kiyya irraa waaqni isin baasu eenyu? (Dan 3:15), Yoo jilbeeffachuu diddan abiddatti darbatamtu yoo jedhus ijoolleen sadeen garuu “Waaqni nu’i Waaqessinu labooba abidda kana keessaa nu baasa. Nu baasuu baatus waaq-harkee (tolchaa) keef hin jilbeeffannu” jechuun deebisaniif.

Haa ta’uu malee ijoollee sadeen kunis haala kanaan jilbeeffachuu hin dandeenye. “Isaan garuu hin jilbeeffannu” jedhani. Dan 3:13-19.

Yeroo kana mootichi ijoollee sadan labooba abiddaa keessatti darbachise. Laboobni abiddichaas hamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e namootni ijoollee sadeen darbatan battaluma sanatti abiddaan nyaataman.

Daa’imman sadeen garuu hidhaan isaanii hiikamee Afur ta’uun, inni afraffaan garuu isaanirraa adda kan ta’e dha. Innis bifa Waaqoota kan qabu, Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeli dha. Labooba ibiddaan rifeensi mataa isaaniillee osoo hin gubatne labooba ibiddaa keessa afur ta’uun deddeebi’aa “Waaqni abbotii keenyaa ol ol haa jedhu, maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome haa ta’u….”jedhan. (Faaruu ijoollee sadeenii 1:2-dhumaa) jechaa osoo faaraftanii mootichii fi namootni kanneen argan, dhaga’anis.

Kana irraa ka’uun “Waaqni ergamaa isaa ergee, garboota isaa amanamoo Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel labooba Abiddaa keessaa baase haa galatoomu” jedhan.Dan 3:28. Sababni kabaja ayyaanna yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel Mudde 19 kabajamus seena ijoollee sadeeniin kan walqabate dha.

Seenaa kana irraa wantoota gurguddoo armaan gadii baranna.

  1. Cimina amantaa ijoollota sadeeni
  2. Tajaajila qulqulloota Ergamootaa

Amantaan amanuu,amanamuu, murteessuu fi hojiin agarsiisuu of keessatti qabata. Ijoolleen sadeenis Waaqayyootti amananii, jabina amantaa isaanis “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasa” jechuun dubbatani. Amantaa isaan abbootii isaanii irraa fudhataniifis wareegaman, Waan isaan qunnamu mara fudhachuuf murtessan “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasuu ni danda’a; ta’uu baatus abidda kanatti darbatamnee akka wareegamnu fedha Waaqayyoo yoo ta’e abiddatti ni senna” Jechuun amantii isaanii ibsan.

Jecha afaan isaanii hojiin muldhisan. Akkuma qulqullu Ya’iqob “Amantiin hojii malee kan du’ee dha”. (Ya’iqoob 5:12) jedhe. Amantaa yoo qabaanne moo’icha, humnaa fi ogummaa arganna. (1Yoh 5:4) Kanaaf Waaqayyon ergamaa isaa ergee abidda keessaa isaan baase. Ergaamotni Waaqayyoo naannoo warra isaan sodaataniitti ni buufatu ni fayyisuunis (Faar. 33:7). Ciminni isaaniis akka Waaqayyoon afaan warra Waaqayyoon hin beekneen galateeffamuuf sababa ta’e. ( Dan 3:28-30).

  • Ergamootni qulqulloota, jaboota, akkasumas ija namaan hin muldhatamneedha.
  • Ergamootni Baay’inni isaanii kan hin beekamne kumaa fi kumaatama ta’u. Erm. 33:22
  • Ergamootni qulqullootni bara baraan kan jiraatan, kan hin duune, hin fuune fi saala kan hin qabneedha. Mat 22:30

Ergamootni qulqullootni tajaajila gurguddaa lama qabu.

Tokkoffaan boqonnaa malee Waaqayyoon galateeffachuu fi kabajuu (Mul. 4:6-11, Mul 5:6—14, Isa, 6:1, Faarsa 102:20) yoo ta’u

Inni lammaffaan immoo dhala namaa boqonnaa malee tajaajiluu (eeguu) dha. Waaqayyo Ergamaa Isaa ergee afaan Leencotaa cufeera. (Dan 12:1)

Tajaajila Ergamootni dhala namaaf kennan hedduu keessaa isaan muraasni:-

  • Ergamootni dhalli namaa jireenya bara baraa akka argatan ni gargaaru. Ibr 1:4
  • Ergamootni gara uumamtootaatti araaraa fi dheekkamsa fiduuf (2Mot 19:35) ni ergamu. “Ergamaan Waaqayyoos deebisee yaa Gooftaa hunda danda’aa warreen waggaa 70 itti dheekkamte magaalota Iyyerusaaleemii fi Yihudaa kanaaf kan hin dhiifneef hanga yoomiitti?”( Zak 1:12),
  • Ergamootni kadhannaa namootaa fuula Waaqayyootti ni dhiyeessu. Mul 5:8 Mul 8:2-2, Mat 18:10, Yoh 1:52
  • Qulqullootni Ergamootni wanta hamaa irraa ni baraaru (eeguu) gara gaarittis nu geessu. ( Se. Ba’uu 22:32)
  • QuLqulootni Ergamootni dhala namaa ni jajjabeessu ni kunuunsu. 1Mot 19:5, Dan 10:13-21
  • Qulqullootni Ergamootni badii jinnii/seexanaa / jalaa nu baasu
  • Qulqullootni Ergamootni warreen shakkan ni adabu. Luq 1:20
  • Qulqullootni Ergamootni Waaaqayyoo dura nuuf dhaabbatu. Luq 1:19
  • Qulqullootni Ergamootni diinaan nuu falmu
  • Qulqullootni Ergamootni Waaqayyo, yeroo rakkoo keenyaa nu gargaruu.Farf 33(34):7,farf 90:10

Kana irratti yeroo kadhannaa ergamootaa kaasnu wantootni sadii jiraachuu isaanii qalbeeffachuu qabna.

  1. Kan kadhatamu, dhiifama kan laatu, Waaqni araaraa jiraachuu isaa. Ba’uu 32:11-15
  2. Kan kadhatu /araarsituun/ Ergamaan ykn Qulqullootni jiraachuu. Zak 1:12
  3. Kan kadhatamuuf /dhiifama kan barbaadu namnii jiraachuu akka qabu beekuun nurraa eegama. Luq 18:13, Umm 20:7, Hizqeel 14:14

Walumaagalatti yeroo kabaja ayyaanaa qulqullicha Gaabri’elii kabajnu nu’i Kiristaanotni amantaa keenyan cimnee dhaabbachuu akka qabnu, sababa amantaa keenyaaf hanga wareegamuutti deemuu akka qabnu, ijoollota sadeen irraa ni baranna. Itti dabaluunis Waaqayyon yoo ajaja Isaa eegne, akka fedha Isaatti yoo deemne hamaa irraa akka nu eegu ni hubanna. (Faar 118:105, Ibr 8:28.) Akkasumas Ergamootni Waaqayyoo hamaa fi hammaataa irraa akka nu eegan, akka nuuf dhabbatan (nuuf kadhatan) ni baranna. Ijoolleen sadeenis amantii isaaniin cimanii, gaarummaa Waaqayyoo, eegumsa hangafa Ergamaa qulqulluu Gabri’eelii nutti muldhisaniiru. Kanarraa ka’uun mootichis “Ergamaa isaa kan ergee ….garboota isaa kan fayyise Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel kan galatoome haa ta’u” jedhe.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee fakkenya taanee, addunyaa hamaa kana irraa gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa foonii fi qulqulluu dhiiga Waaqayyoo fudhannee dhaaltuu mootummaa Waaqqayyoo akka taanuuf fedhaa fi jaalala Waaqayyoo nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Eegumsi hangafa Ergamaa qulqullu Gabri’eelii nu biraa hin hafin. AMEEN!!!

Madda

      Weebsaayitii Waldaa qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa.

      Kitaaba seenaa

      Kitaaba Raajii Daani’eel

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa        

     Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera.

Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa

               Warquu Baqqalaa

 

Imalli jireenyaa qopheesssummaa waldaa Qulqulloota damee Adaamaan qophaa’ee sadaasa 26/2008 A.L.I gara Mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eelitti deemame. Imaltoonni fi hirmaattoonni sagantaa kanaa dhibba saddeetii(800) oli yoo ta’an, daa’imman irraa jalqabee hanga abboottii manneen kiristaanaa fi gadaamoota bulchanii fi Maanguddoota of keessaa kan qabuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa qopheesse kana irratti imaltoonni marii mata duree garagaraa irratti taasisuun, Faarfannaa fi haala teessuma Gaara Ziquwaalaa hawwataa ta’e waldaawwachiisaa imalaniiru. 

 

Sagantaan imalaa kanaa mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/DabraMihirat Qulqulluu Mikaa’eelii daandii magaalaa Shaashamannee deeman irratti argamu gahuudhaa. Sagantaan kun Kadhannaan erga jalqabamee booda sagantaa gurguddoon dhimma yeroo Tahaadisoon manaa manta irratti raawwachaa jiruuf hubannoo uumuuf,sagantaa barumsaa kutaa lamaan,gorsa abbootti (MikiraAbbowu),tapha gabaabaan dhimma yeroo mana kiristaanaa barattoota mooraa Yuunivarsiitti Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaan agarsiifamee fi ergaawwan garagaraas hirmaattotaaf dhihaataniiru. Hirmaattotni sagantaa imala jireenyaa gama isaaniin saganticharraa Sugaa fi hubannoo waa’ee dhimmaa yeroo mana amantaa irratti akka argatan dubbachuun ,gara fuulduraattis cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Imalli jireenyaa (Hawira Hiwoottin) hojii waldaan Qulqullootaa ergama mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatiin itti kenname galmaan gahuuf sagantaalee waggaa waggaan qophaa’an keessaa isa tokkoodha.

Kaayyoon imala kanaa imaltoonni suga akka argataniif,Barumsa Wangeelaa babal’isuu fi waa’ee dhimma yeroo manni kiristaanaa irratti argamtu hubachiisuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa Qopheesse kanas bulchaan mana kiristaanaa Kaatediraalaa fi Gadaamii Dabra Madihaaniit Madaanalamii Qomos Aabbaa Zeenaa Maarqoos kadhannaan jalqabsiisaniiru.

Kanaan boodas Barumsi Wangeelaa dhimma yeroo sochii Tahaadisoon Mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa miidhuuf taasisaa jiruu fi ture irratti Dn.Taaddasaa Warquutiin kennameera. Dn.Taaddasaan Baruumsa isaaniitin kaayyoon Tahaadisoo,hordoftoonni amantaa mana kiristaanaa Ortodksi Tawaahidoo Itoophiyaa akka Gooftaa fi Fayyisaa                                          

Addunyaa Iyyasuus Kiristoos hin Waaqeffanne taasisuu fi mana kiristaanaa keessa taa’uun barumsa mana amantaan fudhatama hin qabne babal’suudha jedhan.

Kanaaf Tooftaan namoonni ergama Tahaadisoo qaban kunneen ittiin socho’an Barsiisota mana kiristaanaa fakkaatanii dhiyaachuu,barumsa yaada Maartii Luuther ummata Qabachiisuu, deegarsa maallaqaa fi meeshaa adda addaa taasisuun gowwoomsuu fa’aan calaqisa jedhan. Tooftaalee Barsiisotni Tahaadisoo barumsa seexanaatiin mana kiristaanatti jeeqaa jiran kanaaf ragaalee qabatamaa akka Itoophiyaa fi Addunyaatti jiru dhiyyeessaniiru.

Walumaagalatti dhiibbaa mana kiristaanaa irratti gahaa jiru kana dandamachuuf barumsa amantaa bu’uura ta’e ummataaf kennuu,hubannooyeroo yeroon waa’ee tahaadisoo irratti kennuu fi oddeeffannoon caalanii argamuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Sagantaa Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa Dameen Adaamaa qopheesse kana irratti Gorsi Abboottii (Mikira Abaw) tiin maalummaa Giloobalaayizeeshinii fi rakkoo qabu irrattis kennameera. Guyyuma kana walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaa Barsiisaan Geetinat Asiraat, tajaajilawwan waldaan Qulqullootaa caaseffama adda addaan tajaajilu keessaa barattoota dhaabbileee barnoota ol’aanoo barumsa amantaan Qaree baasuu,wangeela ummata daangaa irra jiraniif labsuun akka cuuphaman taasisuu fi dhimmoota mana kiristaanaa biroo irratti hojachaa jira jedhaniiru. Sagantaa imala jireenyaa qophaa’e kanaafis qaamolee deegarsa taasisan galateefataniiru.Hojii gaggeessan manneen kiristaanaa Godina Shawaa bahaa Maggaabbii Tifsiit Qeesiis Mulugeetaa Charinat waldaan Qulqullootaa kan Abbaan keenya Abuna Gorgooriyoos ittiin yaadannuu fi kaayyoo barumsa Wangeelaa ittiin galmaan geenyu waan ta’eef galateeffamuu fi cimuu qaba jedhan. Guyyaa kana mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eeliif qarshiin Kuma kudhashan (15,000) imaltoota irraa walitti qabamuun arjoomameera. Hirmaatonnii imala jireenyaas saganticharraa hubannoo waa’ee tahaadisoo kan itti argatanii fi mana kiristaanaaf barattoota sanbataarraa jalqabuun waardiyyaa ta’uun yeroo itti eeguu qabnuudha jedhan.

               GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!