Sababa cubbuu keenyaaf inni fannoo irratti fannifamee 1Phex 2:24

Sababa cubbuu keenyaaf inni fannoo irratti fannifamee 1Phex 2:24

D/n Takiluu Hayiluutiin

16/01/2010 B.A.

Jechi fannoo isaa warreen badaniif gowwummaa, nuyi warreen fayyinuuf garuu humna Waaqayyootti, akkuma jedhe ifni addunyaa Qulqulliichi Phaawulos, Mannii kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaanota gurguddoo kabajuu kessaa ayyaanni Fannoo (Masqalaa) tokko.

Waaqayyo jaalala dhala namaaf qabuu karaa hedduu mul’iseera. Waadaa dhiifama Addaamiif gale raawwachuuf fayyina addunyaa labsuuf Abbotii hangafoota, Raajota, Mootota, kaasuun fakkeenyaan erga barsissee booda gaafa guyyaan beelama ga’u magaala Daawwiit kan taate Beeteliheemiitti Gooftaa dubroo Maariyaamii irraa mooraa loonii keessatti dhalateera (Gala.4:4). Dhalachuu isaan barri rakkoo fi gadadoo dhumatee, barri Araaraa, barri nageenyaa eegale. Duukkanni muluqfamee, ifni ni ba’e, abdiin Addaamii fi ijoollee isaa lammaffaa ni lalise, guyyaan fayyinaa ni dhiyaate. Luq 2:15

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos daandii fayyinaa gadameessa dubree Maariyaamii keessatti eegalame xumuruuf biyya lafaarraa waggoota soddomii sadiif fi ji’a sadii deddeebi’uun fayyina addunyaatiif du’a fannoo du’uun gaarummaa fi fedha isaatiin gidiraawwan fannoo kudha sadeen(13) gidiramuun guyyaan beellamaa yeroo ga’u fannoo irrattii fannifamuun nuuf jechaa du’e. Abdiin abbootii dubree Maariyaamiin raawwatte qaraaniyoo irratti fannoo qorichaa dhaabe. Sababa mukaan mucummaa isaa kan dhabe Addaam, Gooftaan muka irratti fannifamuun, fannoo isaatiin lammaffaa deebisee bitate (Isa. 53:4-7). Fannoo irra ooluun xumurame jechuun du’a addunyaa irratti moo’ee ture fannoo isaatiin ajjeeseera. Addunyaa osoo hin uumiin dura mootiidha kan ture dachee kana gidduuttis qoricha ta’eera (Faarsa 17:13).

Fannoo bara kakuu moofaa.

Seenaa warra yihuudotaa kan barreesse Yoosef mucaan Koriyoon akkuma ibsutti, Faannoon hawaasa Yihuudota biratti beekamaa ture (Yoseef W. Kor 17:10). Yihuudotni nama yakkamaa fi abaaramaa jedhan gama ittiin adabamu keessaa, fannoon adabuun isa tokko ture (Kessa 21:22-23). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti fannoon mallattoo abaarsaa, yakkamaan kan irratti fannifamu ture. Galatni fi kabajni maqaa isaaf haa ta’uuti, qulqulluu badii kan irratti hin argamne, Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf yihuudotni fannoo filataniif. Harka isaa fi miilla isaa faannoo irratti rukutanii, eeboon isa waraanaanii, yakkamaa dha jechuuni “Iyyesuus isa Naazreet mootii Yihuudotaa” jechuun barreessanii mataa dura fannoo isaatti maxxansaani. Raajiin dubbatame akka raawwatuuf gidiraa hunda isaa Gooftaan fedha isaan gidirame.

Fannoo bara kakuu Haaraa.

Galatni fi kabajni isaaf haa ta’uutii du’aa Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin booda fannoon malattoo yakkaa,abarsaa ta’uu isaa hafee mallattoo bilisummaa, asxa jireenyaa fi nageenyaa ta’e. Fannoon mallattoo faayinaa ta’uun isaa kan itti mirkanaa’e kakuuu haaraatti dhiiga Gooftaa keenyaan biyyi lafaa yommuu qulqullaa’ee duuti bara baraa barbadaa’ee yeroo ilmi namaa nageenyaa fi jireenya argateeti dha. Kanaafi yeroo hunda wayita kadhannaa gaggeessinu “Addunyaa hundumaa fayyisuuf jedhee fannoo Gooftaan keenya IIyyesuus kiristoos irratti fannifameef ni sagadna,Fannoonsaa hunma keenya, humni keenya fannoo isaati, fannoon furaa keenya dha, fannoon isaa fayyisaa lubbuu keenyatti, warri yihuudoota isa ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni fayyina, fayyineerras” kan jennu. Sababa mukaan duuti gara addunyaatti seene, sababa fannoo kiristoosiin jireenyi gara addunyaa dhufe. Sababa mukaan wanjoon garbuummaa dhala addam irratti fe’ame, sababa fannoo kiristoosiin wanjoo garbummaa san nurraa cabe. Muka seexanni Addaamii fi ijoollee Addaamii ittiin reebaa tureen har’a immoo fannoo kiristoosin ijoolleen Adaam seexana reebna, kanaafuu fannoon humna keenya, fannoon furaa keenya. Kanaaf yeroo dalagaa dalagnu mara, yeroo soorachuuf jennu, erga sooratnee booda, yeroo baanu, yeroo gallu, yeroo qo’annu yeroo qo’annee xumurru, hojii kami iyyu yeroo eegalluuf jennu fi yeroo xumuruu yeroo maraa malattoo fannoo Gooftaa keenyaan mallatteefanna.

Fannoo kiristoos kabajamaa fi ulfaataa dha, moototni fi abbootiin kan ittin kabajamanii dha, fannoon dhala namaa kan jabeessu/cimsu muka kabajamaa dha. Isaan yeroo mallatteeffannu jinniin ni baqata, abaaramaan diiyaabiloosis ni rifata. Ergamootni ni kabaju, wareegamtootni ni galateeffatu, duukaa bu’ootni kabajaa isaa lallabu, manni amantaa badhaasaa fi simboo isaa godhatti, kunis abbaan kabajaa kan irratti fannifame fannoo Kiristoosi (kitabaa gibre Himamaat fuula 167).

Bu’uura kabaja ayyaana faannoo

Ayyaannii fannoo yeroo hundaa fulbanaa 17 akka seera M/A/O/T/I haala ho’aan kabajamee oola. Waa’ee kabaja faannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo kaasnu akka abbootiin nu barsiisanitti fannoon Gooftaan kenyaa irratti fannifame raajiiwwan heddu waan taasisuu eegaleef kiristaanota biratti kabajaa guddaa, Yihuudota biratti garuu inaaffaa waan uumeef akkasumas namootni raajii fannoo isaa arganii akka hin fayyineef jecha, yihuudotni fannoo kiristoos dhoksuuf/balleessuuf jecha waggoota 300 oliif naannoo Iyyerusaalemitti awwaalanii turani. Labsii baasuun namnii martuu gataa mana isaa irrratti akka gatu taasisan. Balfaan irratti tuulamuun gaara guddaa ta’e. Fannoo yakkamtoota lamaan mirgaa fi bitaa isaatti fannifaman itti dabaluun akka bakki isaa hin mul’anneef jecha tulluu walfakkaatoo sadii keessaa isa tokko keessatti awwaalani. Badii duraan balleessaniif gaabbii galuu osoo qabanii cubbuu irratti cubbuu hojjechaa turani. Waa’ee fannoo kiristoos nama jalaa dhoksuu, dagachiisuu hedani. Haa ta’u malee kan dhokatee hunda kan argu, kan dagatame kan nama yaadachiisu waaqayyo guyyaan fannoon isaa itti argamu ni ga’e. Waaqayyo nama mootii amantaaf quuqamu Qosxaanxiinos kaase. Jaalalli fannoo kiristoosis laphee keessa bule. Bara 326 BA haati mootii Qosxaanxiiniyoos mootittii Illeeniin nama seenaa beeku fi umurii dheeraa qabu Kiraakos kan jedhamu, Fulbaana 16 damaraa(mukaa jidhaa aaruu danda’u) dhaabde. Damaraa (muka jidhaa walitti qabuun erga dhaabdee booda, ixaana itti naquun yoo gubduu/aarsitu/, aarri damaraa sanaa tulluu fannoon Gooftaa keessatti awwaalame irratti boqatee, ni sagade. Qulqullichi daawwitis bakkee miilli waaqayyoo dhaabateetti ni jilbeefanna akkuma jedhu, ( Fars. 132:7)aarri damaraa fannoo Waaqayyoof jilbeefatee, bakkee fannoon jirus Mootiitti Illeeniitti agarsise. Haaluma kanaan Fuulbana 17 qotuu eegalamee, Bitootessa 10 akka fedha isaatti fannoon Gooftaa argame. Ifni fannoo isaas addunyaa guute, fannoo Waaqayyos akkuma duraanii raajii argisiisuu, du’a kaasuu eegale. Kanaaf nuyis Fulbaana 16, guyyaa itti manneen amantaa mootiittiin Illeenii Iyyerusaalemitti dhaabsifte guyyaa itti eebifamaan, guyyaa damaraan /aarri/ bakka fannoo Gooftaa jiru agarsisee, fulbaana 17 guyyaa itti qotuun eegalaman fi guyyaa kabaja mana isaa fi galatoo sababeeffachuun ni kabajna. Guyyaan fannoon Gooftaa qotamee argame Bitootessa 10, yoo ta’u illee guyyaan kun yeroo maraa soomii Gooftaa waan ta’uf sooma Gooftaa keessa gammachuu taasisuun dhorkamaa sababa waan ta’eef kabaajni ayyaana fannoo Gooftaa Fulbaana 17 akka ta’uu abbootiin seera tumaniiru.

Fannoon nuyi kiristaanotaaf:

vNageenya kan ittiin arganne, hundee nageenyaatti dha Qol. 1:19

vLola ittin ajjeesuun Waaqayyo waliin tokko kan ittiin taane dha Efe 2:13-16

vAbdii keenya dha. Gala 6:14

vGabrummaan seexanaa kan ittiin nurraa ka’e, furaa keenya Qola 2:14

vJaalala Waaqayyoo kan ittiin yaadannu dha. 1Yoh 3:16, yoh 15:13

vDiyaabiloos kan itti qaana’e, du’i kan ittiin nurra barbadaa’e dha 2Phex 2:24, Gal 3:13

vHunma keenya (1Qor 1:18), fannoo furaa keenya dha, fannoon isa fayyisaa lubbuu keenyaati.

Walumaagalatti fannoon fakeenyaan kan fakkeefamuuf, raajiin kan dubbatameef dhiiga kiristoosiin kan kabajame, furaa fi nageenya keenya waan ta’eef ni kabajna, sagada kennaa ni sagadnaaf (Far. 132:7) fannoon humna, keenya hirkoo keenya, jennees ni farfanna.

Kanaafuu nuyis oolmaa Waaqayyoon fannoo irratti nuuf oole, dhala namaaf jecha akka fannifame, fannoo irratti ba’aa keenya akka baate, nuuf jecha akka dhukkubsate yaadachaa akka ayyaana fannoo isaa kabajnu Waaqayyo nu haa gargaru. Jaalalli fannoo Isaa nu hundarra haa bulu.

Galatni Waaqayyoof, hadha isaa dubroof, kabajamaa fannoo Isaa qulqulluuf haa ta’u.Ameen

Madda፡፡:-

  • Barullee Hamer fulbanaa 2008 BA
  • Kitaaba sinkisaari fulbaanaa 16 fi 17 dubbifamu
  • Kitaaba Gibre himaamat
  • Kitaaba Qulqulluu abbaa 81.
  • Toora interneeti Waldaa Qulqullootaa fuula afaan Amaariffaa.

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

Yaadannoo Wareegamaa Zakkaariyaas

Dn Zariyuun Siisayiin

08/01/2010 B.A

Jecha kana kan dubbate onnee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawiti dha. Kaayyoon barnoota kanaa hamma kamiyyuu yoo gidiraan nutti baay’ate obsaan Waaqayyoo akka eegnu ykn hanga dhumaatti amanamaa akka ta’u gochuu dha.

“Gidiraan Qulqullootaa baay’ee dha. Waaqayyo hunda irraa isaan fayyisa. Waaqayyo onnee isaanii hunda iyyuu ni eega. Isaan keessaa tokko illee hin dhokatu.” Far 33:19-20

Egaa yaa saboota Waaqayyoo Manni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Fulbaanni 8 guyyaa boqonnaa Wareegamaa hangafa Lubootaa Qulqulluu Zakkariyaas jettee kabajji.Eebbii fi kabajni isaa nurra haa buluutii abbaan keenya Qulqulluu Zakkaariyaas mana Qulqullummaa Iyyerusaalem keessatti Waaqayyoon kan tajaajilu luba ture. Zakkariyaasii fi Haati manaa isaa Eelsaabeex kan eebifamanii fi kan Qulqullaa’an turan.yeroo hundumaa seeraa fi jecha Waaqayyoo ni eegu turan. Akkasumas namoota rakkateef kan gaddanii fi kan rakkatan rakkina keessaa kan baasan turan. Ta’es garuu dhala hin qaban turan. Sababa Kanaan gaddaan kan guutamanii jiraatan turan. Waaqayyos dhala isaaniif akka kennuuf yeroo hundumaa kadhaa ni dhiyeessu turan. Waaqayyo kan isaan hin dhageenye fakkaatee hanga dullumaatti isaan callise. Isaanis waan dulloomaniif waa’ee dhalaa yaaduu dhiisan. Guyyaa tokko lubni Zakkariyaas Waaqayyoon otoo tajaajiluu fi Ixaanaa aarsuu ergamaan Qulqulluu Gabrieel Waaqa biraa ergamee gara Zakkariyaas dhufe. Ilma akka argatus itti hime. Yaa saboota Waaqayyoo meeqaan keenyaadhaa?gaaffiin keenya deebii yoo dhabu amantaa keenyatti hin cimne,namootni baayee abdii kutachuudhaan gara waa beekan kan jennu deemanii amantaa jijjiiruutti kan deeman ni jiru. Zakkariyas garuu ni obse,Waaqayyoos firii obsa isaa mucaa gaarii Yohaannisii kenneefii. Kanaaf obsaan eegachuun barbaachisaa dha. Kanaafidha Raajichi Inbaaqoom “Mul’anni kun yeroo itti rawwatamu isaaf ta’u ni eega,waa’ee guyyaa booddee ni dubbata,garuu soba miti. Yoo lafa irra harkifameyyuu isa eeggadhaa,Inni dhuguma ni dhufa,hin turus jedhe” kan jedhu Inb.2:3

 

Zakkaariyaas erga dulloomee booda ilma argate. Luq.1:1-26,57 –dhumatti. Arraba isaa irratti qoosus ni callise. Yaa saboota Waaqayyoo yeroo Waaqayyo nu ilaalu quba nutti qabaa turan boquu isaanii gad ni buusu. Zakkaariyaasis ni gammade. Kanaaf Qulqulluun Yaared “…Jaarsa,Lubaa fi ajaja Waaqayyoo kan eege Zakkaariyaas qulqulluu ni dinqisiifate. Dubbachuus jalqabe Waaqni keenya dhiifama isaatiin Aariyaamii irra taa’ee nu daawwate. Kan duukkanaa fi gaaddiduu du’aa jala jiraachaa turaniif ifasaa isaaniif ibsuuf dhalate….”kan jedhe Baha Ifaa 8. Waaqni Zakkariyaas daawwate nuunis haa daawwatu. Xiqqo akka gammadeen gaddi biraa itti dhufe. Heeroods lubbuu Gooftaa keenyaa bara barbaadu sana ture. Namootni Heroods bira deemanii yeroo Yohaannis ulfaa’u Afaan Abbaa isaa kan cufsiise yeroo dhalatu Afaan abbaa isaa kan bansiise mucaa qaba jedhanii itti himan. Heroodsiis mucaa isaa ajjeesuuf barbaade. Zakkaariyaasis mucaa isaa qabatee gara Mana Qulqulummaa deemee kadhannaa eegale. Ergamaan Waaqayyoo dhufee Elsaabeexiin mucaa ishee fudhattee gara bosona akka deemtu godhe. Loltootni Heroods dhufanii mucaa isaa yeroo dhabanitti Fulbaana 8 Mana Qulqullummaa keessatti isa qalanii deemani.

Jireenyi kiristaanaa siree irraa gara sireetti miti. Qaraaniyoo bahuu (ilaaluu) dha malee. Namootni waan xiqqootti abdii kutannu yoo jiraanne qormaanni nu qunname kan nu madaalu malee kan humna keenyaa olii akka hin taane hubachuu qabna. Kanaafidha Qulqulluun Phaawuloos “kanaafuu kan dhaabate kan fakkatu akka hin kufne of haa eegattu. Nama hundaaf kan ta’u irraa ala qormaanni kamiyyuu isin irra hin geenye. Haa ta’u malee humna keessanii oli akka qoramtaniif kan hin eeyyamne Waaqayyoo kan amaname dha. Obsuu akka dandeessaniif qormaata waliin akka baatani isiniif godha. Kanaafuu yaa obboloota koo Waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa of qusadhaa” 1ffaa Qoron. 10:12-14. Kanaafuu gidiraa nurra gahu ilaallee namootni abdii kutannu,Waaqayyo na irraanfateera kan jennu yoo jiraanne, gidiraan nurra gahe kan humna keenyaa ta’uu isaa obsaan Waaqayyoon akka eegnu Waaqayyo nu haa gargaaru. Maarree namootni baay’ee gidiraan xiqqoo yoo irra gahu Waaqa isaanii ni ganu,amantaa isaanii ni jijjiiru,gara waa beektotaa (magic) ni deemu,kun garuu dogongora dha. Kiristaana jechuun waarqii Jechuu dha. Kanaafidha abbaan keenya Iyoob “erga na qoree booda akka Warqiitti naan baha.”kan jedhe Iyob.23:10. Warqiin qotamee lafa keessaa ni baha,gara abiddaattis ni darbatamaa,qormaata kana hunda keessa erga darbee booda garuu kabajaan bakka kabajamaa ni kaawwama. Kiristaannis qormaata itti dhufe obsaan fudhatanii yoo darbanii ulfinaa fi kabajaa argatu. Kanaafi Qulqulluun Yohaannis gidiraa sitti dhufuu jirutti hin sodaatiin. Kunoo Seexanni akka isin qoramtanii ilaalamtaniif isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfaman gochuuf jedha. Guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu. Du’a yoo sitti fide iyyuu ati hamma du’aatti amanamaa ta’i. Ani immoo gonfoo jireenyaa siif kenna.”Mul.yo 2:10-11 kan jedhu. Yaa saboota Waaqayyoo qormaanni ykn gidiraan karaa adda addaa nutti dhufuu damda’a, nuti garuu qormaata yoo nutti dhufu kabajaaf ta’uu isaa hubannee hanga dhumaatti akka dhaabannu araarsummaan Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii nu haa gargaaru. Gara mata duree keenyaatti haa deebinuutii gidiraan Qulqullootaa immoo kan keenyaa oli dha. Kanaafidha Qulqullichi Efireem “Wareegamtootni dhugumatti miidhagina Addunyaa kanaa tuffatani,dhiiga isaanii Waaqayyoof jedhanii dhangalaasani,mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa obsani. Yaa Gooftaa akka baay’ina dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.” Kan jedhe Galata Maariyaamii kan Kamisaa.

Yaa saboota Waaqayyoo Qulqulloonni Wareegamtootni Mana Qulqullummaa keenya amantaa keenya dhiiga isaanii dhangalaasuun nutti dabarsaniiru. Dhalootni har’aa hoo maal hojjechuu jiraa ? baay’een keenya Amantaa keenya nyaataan, fudhaa fi heerumaan fi fedha fooniin jijjiirraa jirra. Dhiigni Abboootii fi Hadhoolii keenyaa akka nu hin gaafanneef dangaa abbootii keenyaa eeguun dirqamaa hunda keenyaati.

Maalif ayyaana kana kabajnaa?

  1. Yaadannoon isaanii baraa hanga baraatti waan ta’eef .Far 111:6
  2. Isaaniin akka fakkaannuuf Ibr.13:7
  3. Eebba isaaniin akka fayyinuufii dha. “amma immoo sagaleen samiirraas kana booda warri Gooftaatiin qabatanii otoo jiranii kan du’an(boqotan) Qulqulloota dha. Jedhii barreessi naan jedhe. Afuura Qulqulluunis eeyyee dadhabbii isaan irraa ni boqotu. Isii hojii isaanii immoo isaan waliin ni bu’a.”Mul.Yoh. 14:13.

Zakkaariyaas araarsaa ture ;har’as ni araarsa. Eebbii fi kabajni isaa hunda keenya waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!!!

Madda :Macaafa Qulqulluu

           Galata Maariyaamii

         Hiikkaa Wangeelaa

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

Dn. Zariyuun Siisaayiin

Qaammee 03/13/2009 B.A

Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo hundaaf baga bara Wangeela Qulqulluu Maatiyoos irraa gara bara Wangeela Qulqulluu Maarqoositti ceetani. Barri kun kana Nagaa,Jaalalaa,Badhaadhinaa fi Gaabbii isiniif haa tahu. Ameen

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”

Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson. 4:22

Jecha kana kan dubbate ifa addunyaa kan jedhame Qulqulluu Phaawuloosi dha. Jecha kana kan dubbateefis uummattoota Kiristaanaa biyya Efesooni fi dha. Kayyoon barnoota kanaa namoonni kaleessa cubbuu keessa jiraachaa turre,bara haaraa kanatti gaabbiidhaan deebinee nama haaraa akka taanu dha. “Jireenya keessan duraa yaadachaa hawwii isa nama gowwomsu isa badu nama moofaa sana dhabamsiisaa. Afuuraan yaada garaa keessanii keessatti haareffamaa. Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti fakkeettii Waaqayyootiin uumame uffadhaa.”Efeson 4:21-24

Yaa saboota Waaqayyoo nama moofaa kan jedhame fedha foonii dha. Barri baraan yammuu jijjiiramu huccuu haaraa Adii uffachuu qofa osoo hin taane qaama keenya cubbuun moofa’e ykn xuraa’e gaabbiin haareffachuun ykn qulqulleeffachuu qabna. Kanaafidha Raajichi Waaqayyoo Iyuu’el “Waaqayyo akkas jedha laphee keessan guutuudhaan,soomuudhaan,booyichaan,gadduudhanis gara kootti deebi’aa laphee keessan malee uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuun kan dubbate Iyuu’el 2:12-13. Laphee keessan tarsaasaa jechuun isaa gaabbii galaa, yarummaa garaa keessan keessa jiru baasaa jechuu dha. Namni fedha foonii hojjetu Waaqayyoo hin sodaatu; hojii Waaqayyo jaalatus hin hojjetu. Namoonni waan akkasii hojjenu yoo jiraanne bara haaraa kanatti hojii keenya moofaa kana dhiisnee barri darbe nu gaha jennee akkuma bara baraan jijjiirre hojii keenya isa moofaa dhiisnee Waaqayyo kan jaalatu hojjechuu qabna. Kanaafidha hangafa Duukaa bu’ootaa kan tahe Qulqulluun Pheexiroos

Kiristoos fooniin waa’ee keenyaaf gidiraa ykn rakkina wan fudhateef kana booda bara isin hafe akka eeyama Waaqayyootti malee akka fedha fooniitti hin jiraatiinaa. Isin immoo yaada sana akka meeshaa lolaatti godhaatii qabadhaa. Fooniin gidiraa kan fudhate cubbuu dhiseeraati dha. Warri saba Waaqayyoo hin ta’iin hojjechuu jaalatan hojjechuudhaan sagaagaluu fi fedha fooniin, machiin,sirbaan, human ol dhuguun Waaqa tolfamaa waaqeffachuun deddeebi’aa kan turre barri darbe nu gaha.” 1ffaaPhex. 4:1-3. Kan jedhe. Kanaafuu yaa saboota Waaqayyoo baroota baay’ee dabarsineerra,baroota haaraa baay’ee argineerra. Baroota baay’ees uffata haaraa uffachuun dabarsineerra. Bara haaraa kana garuu uffata Qulqulluu kan taheen kan hin xuroofne Iyyesuus Kiristoosiin haa uffannu. Nama haaraa haa taahu. Baroota cubbuun dabarsine keessaa baanee nama haaraa haa taanu. Baroota baay’ee ejjaan sirbaan,fedha fooni rawwachuun dabarsineerra ta’a,amma garuu eessatti akka kufne barree, gaabbiin deebi’uutu nurra jira. Mul.Yoh2:5

Waaqayyo dhifamummaa isaatiin bara ni qopheessa.” Fars. 64:11(12). Waaqayo bara baran yoo jijjiiru nuti maal gochuu qabnaa? Ayyaana bara haaraa yammuu kabajnu daraaraa waliif kennuuni dha. Kunis fakkeenyaa fi hiika kan qabu dha. Daaraaraan fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Daraaraan yammuu daraaru fooliin isaa nama hundumaa hawwata. Namni daraaraa ilaalu daawwachuun ni quufa. Iyyesuus Kiristoosis foon isaa fi dhiiga isaa namni nyaatuu fi dhugu hin beela’u,jireenya bara baraas ni jiraata. Yoh 6:35-55. Tokkos daraaraan fakkeenya Giftii keenya Dubroo Maariyaamii dha. Daraaraan daraaree firii kenna firiin isaas namoota rakkoo keessaa fi beela keessaa isaan baasa. Dubroon Maariyaamiinis firii gaarii nuuf argamsiisuun nama moofaa sana nurraa dhabamsiisteetti, Ibidda si’oolii nu baasisteetti. Kanaafuu daraarota ilaallee nama moofaa dhabamsiisame kana ofii Keenya namoonni ofitti deebisne bara haaraa kanatti daraaraa kana ilaaluun namummaa moofaa kana dhabamsiisuu qabna. Tokkos daraaraan fakkeenya sanyii Addaamii dha. Daraaraan ni daraara,ni goga,ni harca’a; namnis akkasuma dha. Kanaafi dha laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawwit “Namootni barri isaanii akka margaa dha, akka daraaraa bosonaattis ni daraara;Qileensi yeroo itti qileensa’uttis ni darba” kan jedhe fars.102:15(16)

Kanaaf maal haa goonu?

  1. Akka fedha foonii keenyaatti kan deddeebine nu haa ga’u. “Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhiyaateef,yeroo kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta’uusaa beekaa, halkanichi sokkee guyyichi dhiyaateera,kanaafis kottaa hojii duukkana keessa hojjetamu of irraa fuunee gannee mi’a lolaa isa ifa keessa hojjetan ni hidhanna. Sirbaafi machiin hin ta’iin ejjaa fi sagaagilaan hin ta’in falmii fi goomii hin ta’iin. Haa ta’u malee Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiin uffadhaa. Hawwii isaas akka raawwatu fooniif hin yaadinaa” Rom 13:11-dh,1ffaa Teselon. 5:7.
  2. Sodaa Waaqayyoo malee fi osoo hin beekiin baroonni dabarsine nu gahu. 1ffaa phex.4:3,s.um 19:20,Gal.5:16 ,Fili.3:13
  3. Gaabbii haa gallu “Cubbuun keessan akka siniif haqamuuf gaabbii galaa,deebi’as” Hoj.duk.3:20
  4. Nama kamiyyuu waliin nageenyaan (Jaalalaan) haa jiraannu. 1ffaa Qor.13:1-13,Rom. 12:18

Yaa jalamtoota dubbistootaa sagalee Waaqayyoo bara haaraatti nama haaraa ta’uu yoo barbaanne,kaleessa afaan keenyaan namoota gaddisiisnerra yoo tahe dhiifama haa gaafannu, kan hanne ,kan sobne,kan ajjeesne,kan hamanne,qabeenya namaa akka malee kan itti fayyadamne, ejjaa fi machiin namootni kufne,afuura mooraa machii falmii kan qabnu fi kkf hundi ofii keenya of miidhuu malee faayidaa akka hin qabne hubannee gaabbii galuun Waaqayyo waliin araaramuutu nurra jira.

Egaahoo guyyaan fayyinaa har’adhaati,cubbuu keenya bishaan gaabbiitiin yeroo itti dhiqannu,Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qeraaniyootti foon nuuf kuteen dhiiga nuuf dhangalaseen kan itti chappeffamnu,cubbamaa isa ture qaama keenya seera Waaqayyoof kan bichisiisnu bara Dhiifamaa akka nuuf ta’uuf mata keenya of haa qulqulleesinu. Bara haaraatti nama haaraa akka taanu Waqti Nagaa,Jaalalaa,Dhiifamaa nu ha gargaaru. Ameen!!!

Maddaa :Macafa Qulqulluu Abbaa 81

             Macaafa Adimtaa Wangeelaa