“Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21

Sagaleen kun katabamee kan argamu Hojii Duuka Bu’ootaa isa harka barreessaa Wangeelaa kan ta’e Luuqaasiin bareeffame keessatti dha. Taateen yeroo sanatti ta’ee tures Duuka Bu’ootarra bu’uu Afuura Qulqulluuti (ርደተ መንፈስ ቅዱስ). Guyyaan sunis ‘Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaanaa’s ni jedhama. Caqasni isaas Hoj.Duu.Bu. 2:1-Dhu.Boq. ti.

Caqasa kanaan wal qabatee shakkitoonni amantaa yaad-rimeewwan adda addaa ni kaasu.

  1. ‘Nuyi Afuura Qulqulluun guutamnee qooqaalee adda addaa dubbanna. Akkuma Kitaabni QulqulluuHundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif laateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani.’ ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል ወአኀዙ ይንብቡ ዘዘዚኣሆሙ በነገረ ኵሉ በሐውርት በከመ ወሀቦሙ መንፈስ ይንብቡ።” H/D/B/ 2:1-21 jedhutti jechuudhaan caqasa Kitaaba Qulqulluu caqasuu yeroo barbaadan ni mul’atu.

Haa ta’u malee, waan Kitaabni Qulqulluu jedhu fi isaan (shakkitootni) kan jedhan walitti hin dhufu. Kitaabni Qulqulluu “Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif lateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani” jedha malee, qooqa hin beekkamneen dubbatani hin jedu. Isa kana hubachuufis Hoj. D/B/ 2:6 irratti “Jarreen kun hundinuu bubbee kana yeroo dhaga’an; iddoo kun ta’etti walitti qabamani. Warri Afuura Qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkoon tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na’anii dinqisiifatanii “Warri dubbachaa jiran kun hundinuu namoota Galiilaa miti moo? jedhani. Dabalataanis, “Tokkoon tokkoon keenya akkamitti afaan itti dhalanneen yeroo dubbatan isaan dhageenya? ”jechuudhaan afaan /qooqni/ isaaniif kenname qooqa biyya lafaarratti dubbatamu ta’uusaa beekuu dandeenya.

  1. Caqasni Hoj.D/B/ 2:6 irratti caqasame akka isaan hin deeggarre yeroo beekanitti gara Wangeela Maariqoos deemanii Maar. 16:16 kaasuudhaan “Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti ija amanneef qooqa armaan dura hin dubbatamne nudubbachiisa.” Jedhu. Dhugaa dha Gooftaan keenya Fayyisaan keennya Iyyasuus Kiristoos  qooqa addunyarratti dubbatamee hin beekne amantoota dhugaaf kennuu akka danda’u shakkii hin qabnu. Garuu, ifa Mana Kiristaana jedhamuun kan beekkamu Qulqulluu Phaawloos 1ffaa 14:11 irratti akkas nuun jedha. Addunyaarratti akaakuu qooqaa lakkoofsa hin qabne (bay’ee) jiraachuu danda’u; uummanni qooqa hin qabne hin jiru. Egaa, hiika qooqa sanaa beekuu dhabnaan hawaasa qooqa sana dubbatu biratti keessummaan ta’a; hawaasni sunis anaaf keessummaa ta’a.” jedhee ka’ee lakkoofsa 13ffaarratti “Kanaafuu, namni qooqaan dubbatu qooqa sana hiikuu akka danda’uuf  gara Waaqayyoo haa kadhatu.” Jechuudhaan erga ibse booda, lakkoofsa 28ffaa rrattii “Namni hiiku dhabamnaan garuu, waldaa keessa callisuudhaan Waaqayyoo waliin ittiin haahaasa’u.” jechuudhaan goolabeera. Ammas asirratti qabxiilee sadi gad-fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.

    1. Qooqni tokko hiikamu kan danda’u ta’uu qaba. Qooqni shakkitoonni amantaa ni dubbanna jedhan kun hiika kan hin qabne fi waldaa ykn gurmii amantootaa amantiin cimsuuf kan hin fayyadne dha.

    2. Namoonni lama fi sanaa ol ifoominni qooqaa isaaniif yoo ifoome dabaree dabareen dubbachuu qabu. Shakkitoonni amntaa garuu yeroo dubbatan waluu hin dhaggeeffatan. Dabaree isaanii eeggatanii dubbachuu dhiisuun isaanii dogongora guddaa akka ta’e Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf baha.

    3. Ifoomonni qooqaa yoo namaaf ifoome, hiika isaas Waaqni akka isaaniif kennu kadhannaa gochuu qabu. Kennaan hiikkaa kennamuu dhiisnaan garuu, waldaa keessa callisuu qabu. Shakkitoonni amntaa qooqa hin beekneen waldaa keessa dubbachuu dhiisuu dhabuun isaaniis dogongora biraa dha.

Kanaaf kana hubannee barsiifata dogongoraa shakkitoonni barsiisan irraa of-eeguu akka qabnu beekuun nurraa eegama.

Galanni Waaqayoof haa ta’u.

Araarsummaan Durbee Isa deesse fi eebbisni Fannoo Isaa ulfaataa nurra haa bulu.

Amen.

“Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49)

Jecha kana kan dubbate Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Warrootni jechichi dubbatameef immoo Duuka Bu’oota isaati. Jecha Inni dubbate guutummaan yoo ilaalle, “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif nan erga; waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa”  jedha (Luuq. 24:49). Kana qofa miti; hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka isaa mataa isaaniirra kaa’ee ni eebbiseen. Karaa biraatiin aangoo lubummaa isa hamma paatriyaarkummaa jiru jiruun isaan muudee osuma Isa argan gara samiitti ol bahe.

Isaan garuu, gara samiitti ol bahuu Gooftaa ilaalaa osuma yaadda’aa jiran Ergamaan waaqayyoo dhufee “Isin namoota Galiilaa, maaliif dhattanii samii keessa ol ilaalaa yaadda’aa jirtu? Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa” jechuudhaan isaan jajjabeessee jira. Asirratti waan lama hobachuu dandeenya.

  1. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nuhubachiisa. Raajoonni dharaa bara keenya kana keessatti jiraatan “Gooftaa Mul’ataan (raa’iyyii) naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” Jechaa fa’a raagu. Kun raajii dharaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyooyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneesseera. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).
  2. Shakkitootni “Malakoonni (Waaqummaan) fooniin hin waloomne” jecha barumsa dogongoraa barsiisaniifis deebii kennuufi dha. Kunis, yeroo Inni (Gooftaan keenya) gara samiitti olbahu Duuka Bu’oonni Isaa arguun isaanii waan Malakoonni fooniin waloomeefi dha malee Malakoonni qofaasaa foon hin qabu ija ta’eef hin mul’atu ture. Jecha Waloomaatu gara samiitti olbahe. Kitaabni Qulqulluus “……ወዘንተ እንዘ ይብሎሙ ተለዐለ ወነሥአቶ ደመና ወዐርገ ሰማየ እንዘ እሙንቱ ይኔጽሩ ኀቤሁ……; kanas isaanitti himaa gara samiitti olbahuu eegale. Duumeessis Isa simatte.” Jechuudhaan yeroo inni olbahu Duuka bu’ootaaf mul’achaa akka ture fi isaanillee Isa laalaa akka turan nuhubachiisa. H/D/Bu. 1:8
  3. ‘Iyyaruusaaleem’ jechi jedhu
    1. Mana Kiristaanaa dha. Kanaauu, mana kiristaanaa keessa turraan (jiraannaan) kennaa Waaqayyoorraa argamu hunda ni arganna ija ta’eef “Iyyaruusaaleem keessa turaa” nuun jedheera.
    2. Iyyarusaalee Giiftii keenya Durbee Maariyaamii dha. Ishiirraa osoo hin fagaatin Iyyaruusaaleemitti (Giiftii keenya wajjiin) turaa nuun jechuufi dha.
    3. “በሰማይ የሀሉ ልብክሙ፤qalbiin keessan samiitti yookan Iyyaruusaaleem ishee samiirraatti haa jiraatu” jechuudhaan waan lafarraa osoo hin taane, waan samiirraa (kan Iyyaruusaaleem ishee samiirraa) abdachuu akka qabnu Kitaabni Sirna Qulqulleessaa nugorsa.

Dhufaatii Isaaf nagaan nuhaagahu.