Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃን ማርያም)
Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃንማርያም)
Dn Takiluu Hayiluun
21/01/2010 B.A
Ayyaanota gurguddoo haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyamii yeroo mara kabajaman keessaa ayyaanni Maariyaamii haadha hundaa (ብዙኃንማርያም) jedhamuun Fulbaana digdamii tokko(21) kabajamu isa tokko. Ayyaanni kun sababa gurguddoo lamaaf kabajama.
Inni Duraa Hayyoonni Mana Kiristaanaa fagoodhaas dhiyoodhaas walitti qabamuun amantaa ishee duraa eegsisuuf yaa’ii isaan taasisan sababeeffachuun yoo ta’u,
Inni lamaffaan immoo Fannoon Gooftaa keenya, qoricha keenya, Iyyasuus Kiristoos irratti fannifame GisheenDabra Karbee guyyaa itti gale sababeeffachuun kabajama. Sababiiwwan armaan olitti caqasaman kanneen gabaabsinee yoo ilaallu;
- Duuka bu’aa wareegamaa Qulqulluu Pheexiroos kan ture Aariyoos Kitaaba Fakkeenyaa Abbaa