Promotion picture

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa”

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa”  Luqa. 24:49

Luba Misgaanuu Aagaasaan

Caamsaa 26/09/2009 B.A

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’umsa isaatiin booda guyyaa afurtamaaf yeroofi bakka adda addaatti duuka bu’oota isaa barsiisaa tureera. (H.Er. 1:3)

          Guyyaa afurtamaa Isaatti barattoota Isaa gara Biitaaniyaatti qabatee ba’eetu “Isin garuu samii irraa hanga humna argattanitti Iyyeruusaaleemiin turaa .”jedheen.(Luq.24:49-50)

          Iyyaruusaaleem jechuun magaalaa nageenyaa jechuu dha. Maqaan ishee durattii Saaleem ture (Ser.um 14:48). Booda Iyyaabuus (Iyya 15:63,18:16),Tsiyoon(far 136:1)jedhamuun waamamteetti. Mootummaa Daawwitiin booda garuu maqaa Iyyaruusaaleem jedhamuun jabaattee magaalaa guddoo Israa’eelootaa taate.(2 saamu 5:6-10).

                   Iyyaruusaaleem baroota (waggoota) hedduuf mootota Asooriifi Baabilooniin balaan weeraramuufi diigamuu irra ga’eera.(2 mooto.25:1-30). Lammii ishee booji’anii fudhachuun wanjoo gidiraafi rakkina suukkanneessaa ta’e irraan ga’aniiru. Qulqulluun Daawwit “ Lageen Baabiloon teenyee yeroo Iyyaruusaaleemii yaadnetti ni boonye…. Yaa Iyyaruusaaleem yoon si irraanfadhe mirgi kiyya na haa irraanfattu,yoon si hiyyaadanne arrabni kiyya laagaa kootti haamaxxanu ,gammachuu koo hundaa olitti yoon Iyyaruusaaleemiin hin jaalanne”( far 136/137:1-6) jechuun kan faarse gidiraa isaanii kan ija raagaatiin waan ilaaleefi dha. Israa’eelonni magaalaa isaanii Iyyaruusaaleemiin baay’ee jaallatu. Dallaa ishee ijaaranii,balbala (karra) ishee cufanii diinota jalaa akka itti baqachuuf danda’anitti hojjetanii ittiin fayyadamaniiru. Kanaafuu Tsiyoon hambaa,hirkoo,itti baqannaa jechuun waamaa turaniiru.

          Gooftaafi fayyisaan keenyas barattoota isaan kan akeekachiise magaalaa kanaatii hin ba’inaa jechuuni. Sababiin isaa yeroo sanatti Duukaa Bu’oonni humna Afuura Qulqulluu waan hin gonfanneef, bakkeen qorumsi cimaan jiru obsaan dabarfachuu waan hindandeenyeef dha. Kunis “hanga Samiirraa humna argattanitti…” jechuusaatiin ifa ta’eera. Dabalatas, Iyyaruusaaleem bakka aarsaan qulqulluun Waaqayyoof itti dhiyaatu,manni qulqullummaa Taabota isaa wajjin bakka itti argamu dha. Gama biraanis Inni uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessa deddeebi’ee keessatti kan barsiise,dhiigaafi foon isaa bakka itti nuu laate,du’aa ka’umsa Isaa bakka itti agarsiise(mul’ise), walumaagala biyya Gooftaan eebbisamteefi bakka fayyinaa dha.

          Ajajaa kana eegu kenneefii booda harka Isaa qulqulluu diriirsee tokkoo tokkoo isaanii eebbise sanaan booda osuma isaan ilaalanii gidduu isaaniitii gara samiitti ol ba’e. Eyyamaafi fedhii Isaatiin samii samii irraa gad bu’ee Qulqulleettii Maariyaamii irraa nama ta’e,addunyaa kana keessa deddeebi’e,ni fayyise,ajaa’iba Waaqummaa Isaa raawwate,harka Yihuudotaan qabamee fannifame,ni du’es. Awwaala keessa guyyoota sadiifi halkan sadii ture. Guyyaa sadaffaatti aangoofi humna Isaan du’a ajjeesee awwaala keessaa ka’e. Du’aa ka’ee guyyaa afurtamaffaa Isaattis eeyyamaafi dandeettii Isaatiin kabajaafi ulfina ol’aanaatiin samiitti ol ba’e,”Waaqayyo ililleefi faaruun ol ba’e….” jechuun akkuma ibsame. (Faar.47:5-6)       Ijoo dubbii keenyaatti yeroo deebinu guyyaa humnaafi aangoo Isaatiin samiitti ol ba’e kana ajaja Gooftaan dabarse hanga humna argattanitti Iyyaruusaaleemiin turaa kan jedhu, sababiin isaa yoo Iyyaruusaaleemiin turan ol irraa humna argattu jedhameera; yoo achi hin turre immoo humna hin arganne jechuu dha.

Seenaa eerame kanarraa barachuun,  Kiristaanotaaf Iyyaruusaaleem isheen nuyi keessa turuu qabnu maali  ?

  1. Mana kiristaanaa dha. Manni kiristaanaa dhiiga Gooftaa keenyaan kan hundeeffamte,lafa jabaa (kattaa) irratti kan hundoofte,jireenyafi fedhii addunyaa irraa adda baatee bakka Waaqeffannaa  kan taate dha. Maate.16:18

“Isa bakka kanatti kadhate. Kadhannaa Isaaf ija koo nan banaaf,gurri koos ni dhaggeeffataan. Ammas maqaa koo bara baraaf akka achi jirutti mana kana filadheera; qulqulleesseeraanis. Ijjii fi yaadni koos yeroo hundaa achuma ta’u.(2seena bar.7:15-16).

Haaluma kanaan Duuka bu’ootaan Iyyaruusaaleemii hin deemiinaa jechuun Isaa Afuura Qulqulluu jalaa dhabanii humnichi kan deebi’u ta’ee osoo hin ta’iin waan qulqulluun(eebbi) bakka eebbisamaatti ( qulqullaa’aatti) argachuun waan barbaachisuuf.

Kiristaannis jireenyi isaa yoomuu qulqullinaan jiraachuu waan qabuuf,qulqulleetti mana kiristaanatti yoo argamtan ni qulqullooftu,ni eebbifamtu,humna Afuura Qulqulluutiin guutamtu jechuu isaati.1Qoro 1:2;3:16-17. Manni kiristaanaa qulqulleetti dha. Mana kiristaanaa malee qulqullummaan,amantaafi sirni, barumsifi qulqullummaan (eebbi) hin argamu. Kanaaf Waaqayyoon amananii mana Isaa keessa jiraachuun dirqama kiristaanaa ti.

  1. Iyyaruusaaleem Giiftii keenya Maariyaamii dha. Iyyaruusaaleem isheen Gooftaan keessa deddebi’aa ture biyya jireenya Isaa turte. Haati keenya giiftii Maariyaamiin immoo ji’a(baatii) sagal guutuu  magaalaa(biyya) inni Gooftaan keessa jiraatu taateetti. Kanaafuu biyyi (magaala) dhugaan Iyyaruusaaleem Inni kan keessa jiraate,foon ishee irraa foon,dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee kan irraa nama ta’e giiftii keenya Maariyaamii dha. “Waaqayyo Tsiyooniin (Maariyaamii) filateera, bultoo isaa akka taatuuf jaalateera,akkana jedhee,Isheen kun bara baraaf bultoo kooti,ishee filadheera, irra nan bula”.(faar.131/132:13) jedhamee akkuma ibsame Iyyarusaaleemiin ishee dhugaa haadha koo Maariyaam irraa fagaattanii humna (afuura) Waaqayyoo argachuuf hin dandeessan jechuu Isaati. Duuka bu’oonni Isaa kana amananii ishee jidduu (walakkaa) isaanii teessisanii soomaafi kadhannaatti jabaachaa turan. Kan Waaqayyo kabaje kabajuun Isa kabajuu waan ta’eef Waaqayyoon kan filatamteefi kabajamte(Luq 1:39;42)giiftiin Maariyaamiin abdii kiristaanotaati. Kanaaf eebba Waaqayyoo argannee,cubbuu irraa qulqulloofnee jireenya qulqullummaatiin akka jiraannutti ishee waammachaa hojii dinqii Waaqayyoo hubannee ittiin galateeffachaa jiraachuun nurraa eegama.
  2. Iyyarusaaleem Mootummaa Samii ti. Dhalli namaa guyyaa dhufaatii Kiristoos lammataatiin booda kan keessa jiraatu Iyyaruusaaleem ishee samii jedhamti. Isheeni mootummaa Waaqayyoo kan amantoota Isaaf qopheesse.( Maat.25:34). Mul’ata yohaannis irratti “Iyyaruusaaleem isheen qulqulleettiin akka misirroo abbaa warraa isheef faayofteetti qophooftee samii irraa Waaqayyo biraa yeroo buutu nan arge”(Mul’a 3:12,21:2) jedhamee akkuma ibsame. Qulqulluun Phaawuloosis “Haa ta’uutii gara tulluu Tsiyooniifi gara magaalaa Waaqayyo jiraataatti gammachuun gara walitti qabaman gara Ergamoota kumaataatti (kitilaatti)…”jechuun kan ibse isheen Iyyaruusaaleem mootummaa Waaqayyoo booda kan kiristaanonni qulqulloonni keessa jiraatani dha.(Ibro.12:22). Gooftaan duuka bu’ootaan Iyyaruusaaleemiin turaa jechuun Isaa amantaafi hojii naamusaa gaariin jabaatanii abdii mootummaa Waaqayyo isa bara baraa kan taate Iyyaruusaaleem ishee samii yaadachaa abdachaa jiraadhaa jechuu Isaati.

Nuti kiristaanonnis qorumsa seexanaafi gowwoomsaa biyya lafaa irraa akka fayyinutti amantaa duuka bu’ootaa Kanaan jabaannee abdii mootummaa Waaqayyoo (Iyyaruusaaleem) ishee samiin jiraachuun nurraa eegama. Dhaaltuu mootummaa samii Iyyaruusaaleemiin akka taanu ajaja Waaqayyoo eeguun jabaannee, araarsummaa giiftii keenyaan amannee mana kiristaanaa keessa akka jiraannu. “Iyyaruusaaleemiin turaa” jedhamneerra.

Bara jireenyaa keenya hunda mana Isaa keessa akka turru Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen !