Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e

Taabonni  Hatame  dinqii  Hojjechuudhaan gara  teessoo  Isaatti  kabajaan  deebi’e

Guraandhala 19/2007                                                                                                

                                                                                                     Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun                                 

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel  Mana kiristaanaa  Daamotaa Dabra Haayil qulqulluu Rufaa’el jedhamutti dinqiin waaqayyoo, humni ergamtootaa bakka itti mul’atedha. Burqaan oduu keenyaa Dursaa Phaaphaasii Godina Wallaggaa Lixaa Abbaan Keenya Heenook kan Gaazexaa Sim’aa Tsidqiif kennan; Poolisii Aanaa Baabboo Gambeelii fi Waldaa qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeelidha.  Qulqulluu Abbaan keenya Heenook Gaazexaa

 Simi’aa Tsidqiif kennaniin:- “Kootaa Dinqii Waaqayyo hojjetu ilaalaa jedhee Abbaan keenya Daawit akkuma dubbate  har’as bara keenyatti Waaqayyo dinqii hojjechaa jira.

Kunis Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’el Onkololeessa 19 bara 2007 hatame dinqii hojjetedha jechuudhaan ibsaniiru. Guyyaa kana halkan keessaa naannoo sa’aatii  torbaa hanga saddeetii gidduutti osoo Waardiyyaan jiruu hattoonni dukkana dahoo godhachuudhaan karaa taabotichi jiruun Beetaliheemii Qulqulluu Rufaa’eel bu’uura isaa qonforuudhaan seenanii taaboticha hatanii fudhatani

Manni kiristaanaa kun kan argamu Magaala Baabboo irraa  miilaan Daqiiqaa 45 kan deemsisu yoo ta’u bakkicha irraa taabota sana fuudhanii magaalatti seenuuf hattoota kanatti sa’aatii shan itti fudhateera.

 

Deemsa isaanii kana irratti kan taabota sana qabee jiru hordofaa amantaa biro yoo ta’u, innis sammuu isaa dhabee maraatee jira. Maraachuu isaatiin durattis “ Fuuldurakootii akka bakakkaa( qaqawweessaa) akka natti  balaqqeessa’e deemuu hin dandeenye; maaloo taabota kana narraa fuudhaa” akka jedhe dubbachaa turuu isaa jecha isaa poolisiitti kenne irraa hubatamuu danda’eera.

Taabota sana baatanii deemuu waan dadhabeefis bosona magaala Baabboo bakka buufata konkolaataa duuba jiru keessa kaa’uun Konkolaataa ittiin baatan barbaadaa erga turanii booda deebi’anii kaasuuf yemmu jedhan akka ibiddaa akka isaan gube akka kaasuu dadhaban ibsaniiru. Bakki taabotichi taa’ee tures baalli naannoo sanaa gubatee akka ture argameera. Sana booda luboonni dhufanii kadhannaa taassisuun erga kaasanii booda yeroodhaaf  Tsillaatii sana Mana kiristaanaa Qulqululluu Gabri’eelii fi  Uraa’eelii akka taa’u taassisame” jedhu.

“ Waaqayyo hojii dinqii Isaa kan jalqabe har’a miti kan jedhan Qulqulluun Abbaan Keenya Heenook; Waaqayyo abbootii keenya Raajotarra bulee, boodarras Duukaabuutotarra bulee, bara beektotaas dinqii baay’ee hojjechaa tureera. Har’as Aanaa Baabboo Gambeel keessatti dinqiin kun mul’achuun isaa amantoonni irra caalatti akka cimanii fi amantaa isaaniitiin cimanii akka jiraatan kan taassisudha. Fedha Waaqayyoo ta’ee dinqii kana bakka kanatti natti agarsiisuu Isaatiin gammadeen jira, anis carroomeeran jedha” jechuudhaan ibsaniiru.

Namni maraachuu isaatiin ni gaddina; kadhannaas isaaf taassisna kan jedhan Abbaan keenya Heenook Dinqii Waaqayyo hojjete garuu ni ajaa’ibsiifanna jedhaniiru.

Akka ibsa Qulqulluu Abbaa keenya Heenookitti yeroo taabonni sun hatametti kiristaanonni  naannoo sanaa gadda cimaa keessa turani; akka nama firri jalaa du’eettis uffata isaanii gadi garagalchanii boo’aa turaniiru; namoonni taabota sana hatanis Waajira Poolisiitti dhiyaatanii  taaboticha akkamiin akka hatan, eenyu akka isaan kakaasee fi sababa maaliin hatuu akka danda’an jecha isaanii erga kennanii guyyaa sadi booda Shakkamaan inni tokko Maraatee jira jedhaniiru.

Yeroo sanatti “ Dhagni koo na gubate” jedhee uffata isaa of irraa baasuun qullaa isaa Mana murtiitti dhiyaachuuf yeroo jedhu Poolisiin mana murtiitti kan dhiyaachuu qabdu uffata uffachuudhaani” jedhee yeroo itti uffisuuf yaalutti uffata sana deebisee yeroo darbatu namni uffatichi tuqe “ Dhagni koo na gubate” jechuudhaan dhukubsatee guyyaa sadiif ciisee ture jedhaniiru.

Namni sun Maraatee uffata isaa of irraa baasuun qullaa isaa deemuu irratti dabalataan  “Gubadhe” jedhee yeroo iyyutti bishaan dhagna isaatti yemmu naqan dhagna isaa irraa akka aaraatti hurkaa akka ture, innis ani gubadhe; ka nana arge akka taabota hin tuqne; ani kanan akkana ta’e taabota Waaqayyoo waanan hateefidha  jedhee bakka kiristaanonnis namoonni amantaa biraa qaban argamanitti ragaa ba’aa ture jedhaniiru.

 Mana Kiristaanaa dadhabsuu fi amantoota abdii kutachiisuuf  alaanis keessaanis diinni yeroo itti baay’ate bara dhumaa waan ta’eef kiristaanni martuu mana kiristaanaa waliin ta’uudhaan akka eegan Imaana koon dabarsa jechuun  Abbaan keenya Heenook ergaa isaanii dabarsaniiru.

Dursaan Lubootaa Aanaa Baabboo Gambeel Luba Girmaa Ittaanaas Hattoota keessaa lamaan isaanii poolisii, dhimma nageenya naannoo fi carraaqqii uummataatiin to’annaa jala oolanii akkamiin akka hatan jecha isaanii kennanniiru. Keessattuu hattuun inni adda dureedhaan dhimma kana raawwachaa ture kan amantaa biraa hordofu yoo ta’u, jecha isaa poolisiitti kennee guyyaa sadi booda maraateera jedhaniiru. Namni kun maraachuu isaas magaala Baabboo Gambeel keessaatti argineerra; yeroo uffata itti uffisanis  “Gubadhe” akka jedhe of irraa baaseet darbata jedhaniiru.

Beetaliheemii Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’eel karaa hattoonni cabsanii seenanii Tsillaatii baasan.

 Qorataa  Poolisii dhimma kana qorachaa ture Itt/Saaj. Daanyee Indaaluu bilbilaan kan haasofsiisne yoo ta’u, isaanis haala raawwannaa yakkichaa fi yakkamtootaa haala armaan gadiitiin  nuuf ibsanii jiru:-

 Galmeen yakkaa Poolisii (CR) aanaa Baabboo Gambeel  galmee lakk 57/2007 akka  ibsutti onkololeessa 19 bara 2007 halkan keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 7 hanga 8 gidduutti Shakkamtoonni lama

(1). Abdii Mahaammadii fi

(2).Raamataa Bayyanaa   jedhaman

Dukkana dahoo godhatanii  Mana kiristaanaa Dabra Haayil Daamotaa Qulqulluu Rufaa’el Beetaliheemii cabsanii seenuudhaan tsillaatii kana hatanii kan deeman yoo ta’u, gara magaala Baabboo geessuun buufata konkolaataa duuba dhoksanii hordoffiin taabonni sunn argameera.

Shakkamtoonnis to’annaa jala oolanii jecha shakkamummaa isaanii bu’uura s/d/f/y keeaawata 27 tiin kan kennan yoo ta’u, yeroo jecha isaanii kennanis yakka kana akka raawwannuuf namoonnni (1) Jamaal Ayyaanaa fi (2) Xaahir teessoo jedhamanitu qarshii 500 (Dhibba shan)  nuuf kennee taabonni sun ni gurguramaatii dhaqaa cabsaa nuuf fidaa jedhani jechuun dubbatani. Nutis jecha isaanii kana irratti hundaa’uun namoota caqasaman kanas to’annaa jala oolchinee yeroo beellamaatiin tursuun qorachaa kan turre yoo ta’u namoota lamaan kana irratti ragaa argachuu hin dandeenye.

Shakkamaan Raamtaa Bayyanaa garuu gocha hannaa kana waajjira poolisiittis ta’e mana murtiitti dhityaatee yemmu gaafatamu kana mane yoo ta’u, ragaadhaanis irratti mirkanaa’ee jira waan ta’eef manni murtii aanaa Baabboo Gambeelaa lakk. Galmee 04099 ta’e irratti dhaddacha gaafa 22/04/2007 ooleen murtee balleessummaa kennuudhaan hidhaa Waggaa sadiitiin adabeera jedheera.

Himatamaa Abdii Mahaammad ilaalchisee Itt. Saj. Daanyeen akka ibsanitti Shakkamaan kun waajjira Poolisiitti dhiyaatee bu’uura s/d/f/y keww. 27 tiin jecha amantaa isaa erga laatee booda  waan mataa dabarsee/ Maraateef/ mana murtiitti dhiyaate jecha himatamummaa isaa kennuu dadhabeera. Jedheera.

Itt. Saj. Daanyeen akka ibsanitti shakkamaa Abdii Mahaammad kan jedhamu kun amma illee maraatee kan qullaa isaa daandiirra deemaa jiru yoo ta’u,  taabota hateen gubadhe, dhagni koo na gubaa jira jedhee akka iyyaa ture, ammas akkasuma akka iyyaa deemu ibsee jira.

 Taabonni hatame kabajaan bakka teessoo isaatti yemmu deebi’u uummanni haala kanaan bahee kabaje

Hattoonni kun namni nu argu hin jiru jechuudhaan Mana Waaqayyoo cabsanii seenuun Tsillaattii Ergamaa Waaqayyoo qulqulluu Rufaa’eel kan mana kiristaanaa sana keessa jiruu fi qabeenyota biros hatuun  Miliquuf ariifatanis akka yaada isaanii ta’uu dhiisee  Taabonni Waaqayyoo Dinqii hojjechuudhaan Gara teessoo isaatti kabajaan deeb’ee jira.

Mana Kiristaanaa  Daamotaa Dabra Haayil Qulquluu Rufaa’eelii kan haaraa ijaarame

Kutaan Qindeesaa Weebsaayitii afaan oromoo Kunis namoota Odeeffannoo nuuf kennuudhaan Qarqaarsa nuuf taassisan Keessaattuu Dursaa Phaaphaasii Kutaa Lallaba Biyaa Wallagga Lixaa qulqulluu Abbaa keenya Heenook, kutaa mana lubummaa Aanaa Baabboo Gambeel, Liqa Tiguhaan Luba Girmaa Ittaanaa waajjira Poolisii Aanaa Baabboo Gambeel, Itt. Saj. Daanyee Indaaluu, Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeeliin Galatoomfachaa Kiristaanni hundinuu caalmaan kadhannaa fi gaabbiidhaan Gara Waaqayyootti deebi’uun mana kiristaanaa isaa akka eege kiristaanummaa isaa cimsachuu qaba jenna.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u,

 Kadhaan Giiftii keenya Qulqulleettii Maariyaam

Egumsi Ergamaa Rufaa’eel nu irraa hin fagaatiin

Ameen!

Soomaa fi gosoota isaa

Soomaa fi gosoota isaa

Dn. Geetaachoo Baqqalaa Jaankaatiin

 Guraandhala 10,2007

Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)

Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun abboome dagachuun kan Seexanni bofaan fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.

Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun (Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa” jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii malee akka jiraatan ta’e.

Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata  nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa hin ilaalle illee abboomamanii abboommii Waaqayyoo kan isaan uumamtoota, Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan  diiganiif /darbaniifi) malee.

Egaa kanarraa kan hubannu Soomni abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.

Sooma jechuun:-

 

  • fedhii foonii hunda fedhii lubbuutiif bichisiisuu/abboomsisuu/,
  • jaalala Waaqayyootiin bitamuun Fedhii/ajaja Waaqayyoo shaakaluu,
  • Yeroo murtaa’eef nyaata soorachuu fi bishaan dhuguu irraa of qusachuu,
  • Guyyoota ykn ji’oota murtaa’aniif nyaata bu’aalee horii (foon, aannan, dhadhaa, killee fi kkf.) irraa of qusachuu jechuudha.

 

Haa ta’u malee, Sooma guutuu kan taasisan kanneen armaan olii lagachuu qofaa miti. Qulqulluu Yaareed akka jedhetti “Miirri keenya hundi tsoomuu qabu:- ijji hamaa ilaaluu irraa, gurri hamaa dhagahuu irraa, arrabni hamaa dubbachuu irraa, harki waan hin malleef diriiruu irraa fi miilli iddoo hin malle dhaabbachuu irraa” lagachuu dabalata.

Faayidaa Soomaa

  • Fedhii foonii lubbuuf abboomsisuun tasgabbii lubbuu argamsiifti.
  • Ilma namaa uumamtoota kaan irraa kan adda taasiftuu fi Qulqulloota Ergamoota waliin wal fakkeessituudha.
  • Boqonnaa sammuu argamsiisa.

Sooma Bara Kakuu Moofaa keessatti

Akkuma armaan olitti eerame Soomni kan eegalame Waaqayyoon Addaamiin “Ija mukaa kana hin nyaatin” jechuun abboommii laate irraa eegaleeti. Sababni isaas Soomni Waaqayyoof abboomamuudha ijaa ta’eef. Addaam abboommii kana ijaa diigeef ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaate. Innis baroota hedduuf addunyaa kanarratti jireenya burjaaja’aa jiraate. Namni abboommii Waaqayyoo yoo diige ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaata, yoo sagalee Isaa dhagahee fi abboomame garuu ayyaannii fi sugni Waaqayyoo isa waliin jiraata.

Sooma Iyyaasuu fi jaarsota Israa’eel (Iyya. 7:6-9) Bara Iyyaasuun Israa’eel bulchaa ture Israa’elootni wanta hoodaa hin tuqinaa jedhaman ijaa tuqaniif Waaqayyo itti dheekkame. “Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee jaarsota Israa’eel waliin Taabota Waaqayyoo fuulduratti ganamaa qabanii hanga galgalaatti adda isaaniitiin gadi gombifamanii  sagadani; gadda irraayis kan ka’e dhukkee mataatti of facaasan”. Iyyaasuu fi jaarsoleen Israa’eel balleessaa dalaganii fi kakuu cabsaniif Waaqayyo irraa araara argachuuf akka sooman hubanna.

Sooma Asteer fi Yihudootaa (Ast.4:16) Haamaan mootii biyya Arxeeks waliin ta’uun sanyiin yihudaa hundi akka dhumu labsee ture. Haadha manaa mootichaa kan turte Asteeris Mardookiyoosiin “dhaqii Yihudoota Suusaa keessa jiran walitti qabi, waa’ee kootiif soomaa, guyyoota sadiif halkaniif guyyaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas, anii fi xomboreewwan koos akkasuma ni soomna; lafa mootichi jirutti ol seenuun seera mootummaa kanaan dhorkaa yoo ta’e iyyuu, akka kanatti ani yoon du’es du’inna, gara lafa mootichi jiruutti ol nan gala” jettee ol galte. Du’a lammii ishee irratti ajajames mootichatti himte. Mootiin labsii labsee ture labsii biroon bakka buuse, warri duuni itti murtaa’e jireenya argatan. Haamaan garuu, fannoo Mardookiyoosiif dhaabe irratti fannifame. Kanaaf soomuun badii nurratti labsame gara jireenyaatti jijjiira.

Sooma Daawit (2Saam. 12:17) Mootichi Daawit mucaan isaa dhukkubsannaan ni soome, nyaatas hin nyaanne. Dabalataanis “ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan uffata gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise” jechuun faarfateera. (Faar. 34(35): 13)

Sooma Eeliyaas Raajichaa (1Moot. 19:6-10) Bara Elzaabeel Raajota Waaqayyoo albeedhaan fixxe, Raajichi Eeliyaas Elzaabeel jalaa utuu baqachaa jiruu dadhabee iddoo muka jala boqotee jirutti Waaqayyo isa rurrukutuun “ka’iitii nyaadhu jedheen, yemmuus Eeliyaas dammaqee asii fi achi ilaale, bixxillee barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee tokko mataa isaa duratti ni arge, ka’ees bixxillicha nyaatee bishaanichas dhugee deebi’ee rafe”. Kanaan booda guyyoota afurtamaaf gara Tulluu Waaqayyootti soomaan ture.

Soomanni fayyina ilmaan Waaqayyoof akka barbaachisu Raajaan Iyyu’eelis akkas jedheera (Iyyu. 2:15) “Tsiyoon keessa finnoo afuufaa sooma qulqullaa’aa labsaa, walga’ii qulqullaa’aas waamaa”

Bara rakkinaa fi hacuuccaan alagaa baay’ate Waaqayyoo waliin kan dubbannu karaa soomaatiin akka ta’e Raajaa Daani’eel akkas jechuun nuu katabeera. “Bara sana ani Daani’eel torban sadiif gaddaan ture, torban sadi hanga guututti ani nyaata addaa hin nyaanne, foon, daadhiin, wayiniinis afaan koo hin geenye, dibatas hin dibanne” (Dan. 10:2)

Daawiit ammoo akkas jedha “Soomuu irraan kan ka’e jilbi koo na hollate, foonkoos  dhadhaa dhabuu koorraa kan ka’es na dadhabe” (Faar. 108:24) jedhe.

Sooma Raajaa Daani’eelii fi Faarfataa Daawit kana irraa qabxiin barannu soommanni barbaachisaa ta’uu caala iyyuu maal maal irraa soomuu akka qabnuudha.

Sooma Saba Nanawee:- Sabni Nanawee bara Waaqayyo isaanitti dheekkame guddaa fi xiqqaan, sa’aa fi namni isaanii hundi guyyoota sadiif ijaa soomaniif dheekkamsi Waaqayyoo gara araaraatti jijjiirameefii fayyina argataniiru. (Yoon. 3:5)

Sooma Kakuu Haaraa Keessatti

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos gara dachee kanaa kan dhufe seeraa fi tumaa kakuu moofaa haquuf ykn jijjiiruuf ijaa hin taaneef gochootni kakuu moofaa keessatti raawwatamaa turan bara kakuu haaraa keessattis inumaayyuu daran cimuun itti fufanii jira. Soomnis akkuma bara kakuu moofaa, bara kakuu haaraas itti fufee jiru. Sooma kakuu haaraa kan eegale immoo, soomuu osoo Isa hin barbaachisin dhala namaaf fakkeenya ta’uuf, Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha.

Gooftaan sooma kakuu haaraa kan eegale ‘soomaa’ jechuun qofa osoo hin taane gara Kuwaala (gadaamii) Qoronxoos deemuun guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf soomuudhaani. (Maat. 4:2) Gooftaan kan soome kaayyoo gara dachee kanaa itti dhufe (dhala namaa fayyisuu) osoo hin eegalin, hangafa tajaajila/fayyina dhala namaa taasiseetu. Kanaaf tajaajila afuuraa kamiyyuu eegaluu dura soomni barbaachisaa ta’uu hubanna.

Sooma kan soomnu utuu nyaachuu fi dhuguu dandeenyuu fedhii keenya daangessuudhaani. Wangeelli akkas jedha mitiiree! “gammadaa isin amma kan beeloftan quufuudhaaf jirtu” (Luq.6:21) kana jechuun utuu nyaachuu dandeenyuu Waaqayyoof abboomamuuf soomni soomnu boru gammachuu daangaa hin qabne argachuufidha. Kanaaf beela keessan ammaa hin ilaalinaa, boru gooftaa keessan wajjin gammachuu qabduuti! (Maat. 6:16, Maat. 9:15, Maar. 9:29, Hoj. 13:3, Hoj. 27:21)

Akka seera Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti soomni bakka lamatti qoodama:-

  • 1.     Sooma Dhuunfaa

Sooma dhuunfaa kan jedhamu kan luba abbaa gaabbii waliin mar’ichuun soomamuudha. Kuni dhoksaatti kan soomamuudha. Inni biroo immoo soomni akka abaaboo (Tsiggees) as sooma dhuunfaa jalatti kan ramadamuudha. Soomni kun fedhii nama soomuu irratti kan hundaa’udha.

  • 2.   Sooma Ajajaa
  • Kuni kiristaanni kamiyyuu sooma soomuu qabuudha.
  • Soomni ajajaa gosa torba qaba

2.1           Sooma Guddaa (Sooma Gooftaa)

2.2          Sooma Duuka Bu’ootaa

2.3         Sooma Raajotaa

2.4         Sooma Filchataa

2.5         Sooma Ifaa (gahaadii)

2.6         Sooma Warra Nanawee

2.7         Sooma Fayyinaa (kan Roobii fi Jimaata soomamu)

Kunneen sooma ajajaa kiristaanni kamiyyuu soomuu qabu yoo ta’an, sooma Gooftaa kana turban torbaniin qoonnee kan ilaallu waan ta’eef nu hordofaa jechaa soomnee akka eebbifamnu Waaqayyoon Gooftaan keenya nu haa gargaaru, araarri Haadha Keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam, eegumsi Ergamootaa nu waliin haa ta’u. Ameen!

 

 

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan  keenya  Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Guraandhala 9  bara 2007

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Ameen !

Warri biyya keessaa fi biyya alaa; naannoo addunyaa maratti argamtan:- Amantaadhaan cimtanii abdiin mootummaa Waaqayyoo akka isinii raawwatamuuf warreen abdiidhaan eeggattan ijoolleen Waaqayyoo cubbuu hojii qulqullummaatiin haquuf diyaabiloosis sagalee Waaqayyootiin kan ittiin injifannu sooma keenya isa guddaa kan Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga’e.

“Dhalli namaa sagalee Waaqayyo irraa bahuun malee biddeena qofaan hin jiraatu” (Maat 4:4) Gooftaan keenya, Waaqayyo keenya, Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomaffaa Isaatti harka Yohaannisitti Laga Yordaanositti cuuphame; osoo oolee hin buliin yeroodhuma sana gara gammoojjii deemuun sooma soomuu eegale. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf yeroo soomu bineensota bosonaa irraa kan hafe kan biraa homti achi hin turre. Guyyaa sooma Isaa erga raawwatee booda Diyaabiloos nyaata Addaamiin ittiin dogoggorseen Isas dogoggorsuu barbaade. Ta’us Gooftaan keenya “Namni sagalee Waaqayyootiin malee biddeena qofaan hin jiraatu” jechuun gamoo dogoggorsa isaa jalaa diige.

 

Itti aansuun Diyaabiloos “ Ergamtoota Isaa keessaa siif ergaatii; miilli kees dhakaadhaan akka hin rukutamneef      (akka hin gufanneef) harka isaaniitiin si kaasu” jedhee kitaaba Isaa afuura of tuulummaatiin caqasuun Gooftaan keenya baaxii mana qulqullummaa Isaa irraa akka of darbatuuf caqasa isaa dogoggoraatiin Isa mooqsuuf yaale. Haa ta’u malee ammas Gooftaan keenya “ Waaqayyo kee hin qoriin jedhamee barreeffameera” jechuudhaan lammata saaphana badii isaa jalaa cireera ( Faar. 90:11 ; Se.Ke.de. 6:6)

Diyaabiloos yeroo sadaffaadhaaf kabajaa fi badhaadhina addunyaa agarsiisuudhaan Gooftaa keenyaan “ Kuftee yoo naaf sagadde kana hunda Siifan kenna” jechee jaalala qabeenyaa ( horii)tiin; waaqeffannaa waaqa alagaatiin kiyyoo keessa galchuuf yemmu yaalu yeroo sana Gooftaan keenya yaa seexana nana asii deemi “ Waaqa kee Gooftaadhaaf sagadi  Isa qofas Waaqeffadhu” (Se.ke.de. 6:13) jedhamee barreeffameera jedhee yeroo deebisuuf diyaabiloosis abdii kutee injifatamee akka deemu taassiseera.

Jaalatamtoota Ijoolee afuuraa keenya

Bara kakuu duraa irraa eegalee raajonni qulqulloonni Waaqayyo irraa wanta tokko yemmu barbaadan bishaanii fi midhaan irraa of dhorkuun soomaan daanga’anii subaa’ee galanii yemmu Waaqayyoon kadhatan  kadhaan isaanii fudhatama akka argachaa turan kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti barreeffameera; kanaanis raajichi Daani’eelii fi Izraan; akkasumas Musee fi Eeliyaas; Asteerii fi obboleessi ishee Mardookiyoos warra caqasaman keessaati. Gama biyyaatiin ammo Magaala Nanawwee yoo ilaalle waa’ee barbaachisummaa soomaa barumsa guddaa irraa arganna ( Ast. 4:1-4; Yon. 3:1-10)

Gooftaan Keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoosis kan hir’ate guutuuf, kan dhokate ifa baasuuf kan jal’ate soroorsuu (sirreessuuf) kan dhufe waan ta’eef  “Seeraa fi Raajii raawwachuufan dhufe malee diiguuf hin dhufne” jechuun barsiiseera. ( Maat.5:17)

Diyaabiloos Gooftaa keenya hojjaa gabaabaadhaan gateettii dhiphoodhaan mul’atee dhaabbina Addaamiin yemmu ilaalu mala Addaam jalqabaa irratti fayyadame fayyadamuun Addaam lammaffaa kuffisuuf baay’ee dhama’eera. Haa ta’u malee malli Addaam jalqabaa irratti bare Gooftaa keenya Isa Addaam lammaffaa jedhame irratti hojjechuu hin dandeenye.

Gooftaan keenya diyaabiloosiin kan injifate waantota sadiin akka ta’e agarra. Isaan kunis;- Sooma, Kadhannaa fi Sagalee Waaqayyooti (Luuq. 4:1-13)

Gooftaan keenya qormaata gama diyaabiloosiin dhufan hunda kan deebise caqasa sagalee Waaqayyoo ta’e  caqasa kitaaba qulqulluutiinidha. Diyaabiloosis isumaan nan waraana jedhee caqasa kitaaba qulqulluu fayyadameera. Haa ta’u malee caqasoonni inni itti fayyadame hiika sirrii fi qabiyyee afuuraatiin osoo hin ta’iin kaayyoo hammeenyummaa isaatiif akka isaaf tolutti oftuulummaa fi jaalala horiitiin kan itti fayyadame waan ta’eef madaala isaaf kaasuu  waan hin dandeenyeef dhuma irratti injifatamee jira.

Jaalatamtoota ijoollee afuuraa keenya

       Soomni  humna afuuraa diyaabiloosii fi meeshaalee dogoggorsaa isaa cabsinee ittiin gannudha.

      Soomaa fi kadhannaadhaan lubbuun madaa cubbuu irraa fayyiti.

      Soomaa fi kadhannaadhaan Waaqayyo wajjin wal qunnamuun ni danda’ama

      Walumaa galatti soomnii fi kadhannaan fedha foonii to’annaa jala oolchuudhaan lubbuun cimina, injifannaa fi ol’aantummaa akka argattu  taassisa.

Egaa sababoonni gurguddoon akka sooma soomnu nu taassisan isaan kana yoo ta’u, raayyaalee baay’ee akka qaban immoo irraanfachuu hin qabnu. Yeroo soomaa:-

 

      Harki keenya kadhannaaf, hiyyeessota qarqaaruuf kan hiixataman

      Afaan  keenya amantaa, nageenya, jaalala,tokkummaa fi obbolummaa kan lallabu

      Gurri keenya sagalee Waaqayyoo, wantoota gaarii fi dhugaa qofa kan dhagahan

      Ijji keenya gara hojii qulqullummaa qofa kan ilaalu

      Miilli keenya gara mana Waaqayyootti kan deeman ta’uu qabu. Afuuraa fi hubannaa kanneeniin sooma yoo soomne diyaabiloosiin mo’achuun keenya, Waaqayyoonis fakkaachuun keenya kan shakkisiisu miti.

 

Ji’a soomaa kana nagaan nu xumursiisee ifa du’aa ka’uu Isaatiin akka nu gahu eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u

 

Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!  Ameen!

Abbaa Maatiyaas I

Dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Dursaa Phaaphaasii Aksum Iceggee Teessoo Takla Haaymaanot

Guraandhala 9 bara 2007

Finfinnee