Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Lama

Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa

 Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa dhala namaatiif kan kennu ta’uu Isaa dursa karaa Raajota Isaatin fedha Isaa nuuf ibsee jira. Faarsaa Daawit irratti “Afuura kee ni ergita; ni uumamus; fuula lafaas ni haaromsita” inni jedhu sagalee du’aa ka’uuti. (Faar.103: 30). Waaqayyo du’a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul’ata Yohaannis keessatti “Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa”  jedhee nutti hima. (Mul. 21:5) Raajichi Isaayiyyaasis “warri du’an jiraattota ta’u; reeffawwanis ni ka’u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta’eef; laftis warra du’an baasti waan ta’eef ka’aa faarfadhaa!” jedhee barreesse.(Isaa. 26:19). Kunis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamuu nu hubachiisa.

Akkasuma raajichi Daani’eel “Bara sanas waa’ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu Ergamaa guddaan Mikaa’elin ni ka’a; uummata irrattis erga ta’ee eegalee hanga bara sanaatti rakkoon ta’ee hin beekne bara rakkoo ta’a; bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii ni fayyu. Warri biyya lafaa keessatti mugan  baay’een isaaniis ni ka’u; gariin (walakkaan) isaanii gara jireenya bara baraa; gariin  isaanii ammoo gara qaanii fi gara rakkoo bara baraatti. Ogeessonni akka ifaa; warri namoota baay’ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo akka urjiitti bara baraan ifu.” (Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.“Gariin isaanii gara jireenya bara baraatti” kan jedhame du’aa ka’uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta’u; “gariin isaanii gara rakkoo bara baraatti” kan jedhu ammoo du’aa ka’uu cubbamtootaa kan agarsiisudha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du’aa ka’uu dhumaa irratti akka biiftuutti ifanii; akka urjiilees bareedanii mul’achuun isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi’u jalqaba irratti cubbuun isaa yoo isaaf haqamu; abaarsi isaas yemmuu irraa ka’u dha. Kanaafis Gooftaan nama ta’ee murtii du’aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa ta’ee du’as du’a Isaatiin haqeera. Sababa du’a Isaatiin namootaaf du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa kennee jira. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta’ee guyyaa jimaataa fannifame sana lubbuu Isaa Qulqulleettii taate foon Isaa Qulqulluu ta’e irraa yeroo adda baasetti awwaalonni banamanii Qulqulloota rafanii (du’anii) turan keessaa foon baay’een ka’ani. ( Maat.27:52)

Gaafa guyyaa sanaa ture lubbuuwwanis si’ool keessaa baasee jannatatti kan isaan galche. Egaa, Kiristoos aarsaa ta’uun du’a Isaa kabajamaa ta’een cubbuu fi du’a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebisee jira. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu isaa walitti deebisee (tokko taassisee) Du’aa Ka’uumsa kabajaa kenneefi mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre uffatee akka du’aa ka’uuf abdii kenne. Abdii isaa kanas haala itti raawwatu Qulqulluu Phaawuloos yeroo ibsu:- “kan hin tortorre ta’anii ka’u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du’u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du’u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du’a waraanni kee eessa jira? Yaa si’ool injifannoon kee meerre? Waraanni du’aa cubbuudha; humni cubbuus seeradha; Garuu  karaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo injifannoo  nuuf kennuuf galatni haa ta’u.”( 1Qor. 15:51-57) jedha. Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du’aa ka’uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu jireenyi dhala namaa hanga lafa irra deddeebi’u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du’uudhaan du’aa ka’ee agarsiisuu Isaati.

Abdiin Du’aa Ka’uu Nuuf Kenname Du’aa Ka’uu Gooftaatiin Mirkanaa’e

Manni kiristaanaa keenya du’aa ka’uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabattee malee akkanumaan miti.  Ragaan ishee kunis jalqaba kan Mana Kiristaanaa hundeesse Gooftaa fi uumaan ishee du’ee du’a injifachuun du’aa ka’uu kiristoos bu’uura godhachuudhaanidha. Ka’umsii fi ga’umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du’aa fi du’aa ka’uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. Kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta’ee du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta’e sagalee wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka’umsa isaa irraa, wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. (HDB.2:14-36) Yihudoonni foon Gooftaa boolla keessaa akka hin kaane taassisuun awwaalanii ture. (Maat.27:62-66) Garuu, Gooftaan  boolla naaf bana! Kanan ittiin gannazame naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin boolla cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa Isaatin du’a irraa adda bahee gaafa guyyaa sadaffaa ka’e. Boolli inni itti awwaalames duwwaatti hafe, Kiristoos, inni du’aa ka’es, harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiise Duukaa Bu’oota fi hordoftoota Isaa hundatti mul’ate.

Yihudoonni Kiristoos akka du’aa hin kaanetti boolla inni itti awwaalame marsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta’anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas Qulqulluu Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- “Yaa Gooftaa du’aa ka’uun kee akka mirkanaa’uuf Yihudoonni awwaala kee marsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta’ee; duuka bu’oonni kee dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee marsanii eeguu isaaniitiin du’aa ka’uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa Duuka Bu’oota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii!” jechuun dubbata.

Yihudoonni boolla Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame marsanii eeganis du’aa ka’uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du’aa ka’uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu’oonni Isaa ragoota du’aa ka’uu Isaa ta’uun amantaa Kiristaanummaa babal’isani. Warra diinota du’aa ka’uu ta’an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya’iin hanga du’aatti Wangeela du’aa ka’uu Isaa barsiisanii jiru. Sababni isaan du’a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’an waan amananiifi dha ture. Egaa hangafni du’aa ka’uu, jechuunis, Kiristoos isa du’aa  ka’uudhaaf isa jalqabaa ta’e akka ilaalle; sagalee isaa irraas akka baranne du’aa ka’uun akka jiru haa amannu; abdiis haa godhannu. “Kiristoos ka’umsaa fi jireenyadhaatii Kan isatti amanu yoo du’e illee jiraataa ta’a; kan  jiraataa ta’es, kan  isatti amanus  hunduu bara baraan hin du’u” ( Yoh. 11:25-26)

Du’aa ka’uu dhala namaa ilaalchisee Qulqulluu phaawuloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qoronxoos keessaa muraasni nami du’e akkamiin du’aa ka’a gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqulluu Phaawuloos“Kiristoos du’a akka ka’e kan lallabu yoo ta’e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du’aa ka’uun hin jiru jedhu?” jechuun gaaffiiwwan namoonni Qoronxoos kaasaniif yemmuu deebisu: “du’aa ka’uun erga hin jiraannee Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta’e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin hirriba rafan (du’an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan ( jireenya lafa irraa  qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta’e nama hunda caala nuti gowwoota dha.” erga jedhee booda itti fufuun waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jedhee dubbate. Kanuma wajjin walqabsiisuunis  Duukaa Bu’ichi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: “Akkana ta’uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du’a; akka nama Eefeesoonitti bineensa wajjin akkan wal’aansoo wal qabe? Warri du’an kan hin kaane yoo ta’e kana raawwachuun koo maal na fayyada?” (1Qor.15:12-32) jedhees gaafata.

Ragaa ba’uun Duuka Bu’aa Phaawuloos kun dhugaa ta’uun kan bara baraan jiraatu ta’a. Warri ergaa isaa dubbisan hundi dhugummaa fi sirrii ta’uu ragummaa isaas hubatu. Sababiin isaas jalqaba irratti inni diina du’aa ka’uu ta’ee Yihudoota wajjin walii galuun Kiristaanota osoo ari’aa jiruu Kiristoos inni du’ee ka’e waan isatti mul’ateef amantaa du’aa ka’uu isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatinis, jireenya isaatiinis, du’a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( HDB. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)

Maarree isa Qulqulluu Phaawuloos argee dhandhamee barsiise kana nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du’aniif angafa ta’uun akkuma du’aa ka’e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraatiif akka du’aa ka’u amanuu fi abdachuun of qopheessinee eeggachuu qabna.

Akkuma armaan olitti ilaalle jalqaba irraa uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du’etti akka hin hafneef abdii du’aa ka’uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du’e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta’ee du’ee du’a ajjeese. Waaqayyoo ofii du’ee du’aa ka’uudhaanis abdii du’aa ka’uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu namoonni amma gowwummaadhaan dhalli namaa du’aa ka’uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akka kanaa kan amma eegale osoo hin taane durumaa namni du’ee tortoree biyyee erga ta’ee booda akkamiin ka’a? jechuun gaafachaa turaniiru. Garuu namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu lafa biyyee, irraa akka ta’e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume. (S.Uum.2: 7) Ammas uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du’aa ka’uu warra du’aniitti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani. ( Yoh. 5:24-29)

Kanaaf amantaadhaan dhaabannee du’aa ka’uu dhala namaa abdannee cimnee eeguun nu irra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa lammaffaa irratti “Isin yaa eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin uumamiin dura gara bakka isinii qophaa’eetti koottaa” sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Lubummaan Eenyuuf Mala?

Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu’uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo “Lubummaan maali dha?” Kan jedhuu dha.  Namootaaf waa’een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta’u hubannoo bal’aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi’iizitiin (ተክህነ- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta’u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya Waaqayyoof bichisiisuu dha. Lubummaan yoo jiraate luboonni /lubootni/ ni jiraatu. Lubummaan tajaajila, dibata, luboonni /lubootni/ immoo tajaajiltoota, dibatamtoota dha.

‘Lubummaan eenyuufi?’ kan jedhu yemmuu ilaallu lubootni jalqabaa ergamoota Waaqayyoo dha. Akkasumas, tajaajiltoota jalqabaa kan Waaqayyoo fi kan namaati

Read more