Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”

in Tibbana

“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”

                                                     FARSAA DAAWIIT 65/6:12

Dn.Takiluu Haayiluutiin

Manni Qulqullummaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo giiftii qopheedha. Kitaaba Qulqulluu bu’uureffachuun Qulqulloota, Toloota, Wareegamtoota isheef yaadannoo ni taasifti. (Faarsa 111/2:6 ). Haaluma kanaan Manni Qulqulummaan keenya yaadannoo qulqullootaaf taasiftu keessaa guyyaa hangafti ergamootaa Qulqullichi Gabri’eelin Waaqayyo irraa ergamuun wareegama Qulqullicha Qiirqoosiifi haadha isaa wareegamtuu Qulqulleettii Iyyeluxaa bishaan danfaa keessaa baase yeroo maraa Adoolessa 19 kabajamee oola. Mannii amantaa keenya seenaa kabaja ayyaana kanaa gabaabumattii akka armaan gadiitti barsiisti.

Barri sun bara Wareegamtootaa ture. Wareegamaa jechuun ragaa ba’aa, waa’ee amantaa ishee sirriifi mootummaa Waaqayyoof jecha kan dhugaa ba’u jechuu dha. Waqtii sana amantaan kiristaanummaa bal’inaan yeroo itti lallabamuu eegalame, kiristaanotaafi mootota biyyattii giddutti sababa amantaa qofaan garagarummaa guddaafi dhumaati yeroo itti godhamaa tureedha. Sababa kanaan jireenyi kiristaanotaa du’aafi jireenya gidduu yeroo tureefi yeroo qorumsa guddaa, dhiigni kiristaanotaa akka lolaa gannaa yeroo lafarra dhangala’aa tureedha. Bara kana wareegamtoota akka warqee ibiddaafi rakkoon dararamaa amantaa isaanitin cimanii dhabatan keessaa daa’imtichi Qulqulluun Qiirqoosifi haati isaa Qulqulleettii Iyyeluxaan isaan tokko. Wareegamaa Qirqoosiin wareegamtoota kaan irra addaa kan isa taasisu umuriin daa’ima ta’uu isaati.

Qiirqoos biyyi isaa Roomaa, Ixaaliyaa, bakkaa Angabeen (አንገቤን) jedhamtudha. Haati isaa Iyyeluxaa, abbaan isaa Qoozimoos (ቆዝሞስ) jedhamu. Bara mooticha hamaa Diyooqilxiyaanos (bara wareegamtoota) –Diiyooqilxiyaanos mudamee waggaa 20ffaa isaatti bara 303 BA, manneen amantaa kiristaanotaa akka barbadaa’an, manneen xa’otaa akka babal’ataan labsiin labsame. Sababa kanaanis kiristaanootni hedduun ari’ataman. Iyyeluxaanis daa’ima waggaa sadii kan ta’e, mucaa ishee Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoosittii baqatte. Yeroo sana bulchaa kutaa biyyaatti kan ture mootichi hamaan Ileeskiindiriyoos jedhamu isaan argate. Mootichis baqattoota kana ofitti waamuun waa’ee amantii isaanii gafate. Iyyeluxaanis “yaa mootii xaa’ota waaqessun gaarii ta’uufi ta’uu dhiisuu isaa daa’imti waggaa sadii ni jiraatii isa gaafadh” jechuun deebisteef. Daa’imtichis bakka jiru akka dhufu taasifame, mootichis ‘’ yaa mucaa gammadaa akkam jirta jechuun gaafate, daa’imtichis eyyeen anaaf gammachuun naaf eegameera, siif garuu gaddaafi ilkaan walitti riguutu sii eeggata’’ jechuun deebiseef. Waaqayyo daa’ima kana irraa ayyaana isaa bulcheeraatii mootichaafi ergamtoota isaas ni rifachise, xaa’otaa sanaas ni abaare. Isaanis cimina daa’imtichaa arguun aja’iibsifatan.

 

Mootichis qaana’uun ”okkotee sibiilatti wantoota danfun baay’ee nama gubu danda’an kanneen akka Gagaa(ሰም), Ashaboo, Baruuda(ባሩድ), Muccaa (ሙጫ), adaamii, kkf naquun naaf dhiyeessaa” jechuun hojjettota isaa ajaje. Hojjettotni Ileeskindiriyoosis akkuma ajajaman erga taasisanii booda, “wanta ajajamne hunda raawwanneerra, bishaanis danfeera, sagaleen isaas akka qaqawweessa gannaa ni iyya, laboobni isaas akka halallaa nama waada; bishaan isaas heddu danfuu isaa irra kan ka’e ciqilee 14 ol utaala, egaa waan keessatti darbatamuu/gataman/ ajaji” jechuun gaafatan.

Sababa kiristaanummaa isaaniif qofa kan hidhamanii turan qulqullichi Qiirqoosifi haati isaa Iyyeluxaan “danfaa kanatti akka gatamaniif, hiikaa fidaa” jechuun mootichi isaan ajaje. Bishaan danfaa keessatti gatamuun yeroo afeelaman akka ilaalaniifi, warra abiddichaan gubatan ilaaluun akka sodaataniifis /amantaa kiristaanummaa akka jibbaniifis/ namootni hedduun waamamanii turan.

Yeroo kana qulqulleettiin Iyyeluxaan sagalee danfaa bishaani yeroo dhageessufi yoo argitu ni rifatte; kabaja isaaniif qophaa’e gonfachufis ni sodaatte. Mucaan ishee Qulqullichi Qiirqoos garuu ayyaannii Afuura Qulqulluu isa guutee akka duubatti hin deebineefis isa ciimsee, isa jajjabesse.

Haadha isaatiinis “Yaa hadhaa koo okkotee sibilaafi bishaan danfaa kana ilaaltee hin sodaatiin, hin dhiphatiin; Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’eeliin abidda boba’u keessaa isaan basee nuu walii jira ,nuunis bishaan danfaa kana keessaa nu oolcha” (Dan 3:1-30) jechuun jajjebesse. Haadha koo rakkoofi gadadoo addunyaa darbu kana irraa hafuuf jecha abidda bara baraatti gubachuu filattaa? Kun sitti haa hafu; amma Waaqayyo nu waliin jiraatii nu gargaara. Sosinnaa barsiisota sobdootaa (K. Sosi 1:12), Dani’eeliin afaan leencaa keessaa kan baase (Dan.6:22) Waaqayyo bishaan danfaa kana keessaa nu baasa” jedheen. Garuu haati isaa gorsa mucaa ishee ,kan ishee obsisiisufi cimsu waan hin dandeenyeef, Qulqullichi Qiirqoos ija isa gara saamiitti ol kaasuun ”yaa Waaqayyo gooftaa, garbittii kee dhala kee keessaa kan footu yoo ta’e anaanis kitaaba kee keessaa na haqi. Hundee [haadha] gubdee firii [ilma] eebbisuu feetaa? Kana taasisuuf arjummaan kee si dhorka. Jirma isaa muraa gubaa, baala isaa qofaa hambisaa hin jettu, ati gaarii waan taateef baala isaas hundee isaa waliin eegaa jetta. Yaa Gooftaa Diyaabiloos ‘warreen abbaa aangoo irraa ani jabaadha; qulqulloota kee mo’adhe; dallaa kee keessaa hoolaa tokko fudhadhee’ jechuun akka of hin jajneef haadha koof obsa, dandeettiifi humna Afuura Qulqulluu kee kenni”, jechuun kadhatee. Yeroo kana Diyaabiloos Iyyeluxaa biraa battalumatti bade. Kana booda Iyyeluxaanis “mootummaa Waaqayyoof abbaa kan naaf taatee, yaa mucaa koo ati kanaan booda abbaa kooti, anis mucaa keeti, guyyaan ati dhalattee kan eebifamtedha’’ jetteen. “Waaqni kee humna naaf kenneera; Qabsuura nurraa eegamu taasifnee moo’icha haa gonfannu. Kunoo okkotee sibilaa keessatti bishaan danfu yoon argu bishaan qabbanaa’aa ta’ee natti mul’ateera” jetteen.

Qulqullootni lamaan kunis bishaan danfaa keessaatti darbataman. Battaluma sana hangafni ergamootaa Qulqulluu Gaabri’eelin samii irraa ergamuun bishaan danfaa fannoo Kiristoosiin mallatteessuun qorrisiiseera; labooba ibiddaas dhaamseera. Wareegamtotni kunis osoo hin gubatiin, bishaan danfaa keessaa eegumsa Waaqayyoofi gargaarsa ergamtichaan bahaniiru. Eergamtootni Waaqayyoo yeroo gaddaa, gammachuu, dhiphinaa, sodaa, warreen isaan sodaatan cina ni buufatu, (Farsaa 33/4:7 Ho.Duk 5:19; 12:11) badii keenyaaf Waaqayyoon dhifama nuuf kadhatu (Luq 1:19, Xoob. 12:15).

Gooftaan akkuma mooticha Daawit irra bulee dubbate gochaan isaa raajii dha. Warrootni hamoon yoo mataa isaani ol ol qaban illee harki araara isaa bal’aa waan ta’eef abiddaafi bishaan danfaa, rakkoofi gidiraa gidduu nu dabarsa (Far 65/6:12), lafa onaa irraa gara lafa boqonnaatti nu baasa. Abbootiin kenyaa kanaaf “Waaqayyoon tiksee kooti, kan na dhabsiisu hin jiru” jechuun kan dubbatan (Far 22/3:1-6). Kanaafuu nuyis jaalala Kiristoosiifi amantaa keenyatti cimuu qabna. Ifni addunyaa Qulqullichi Phaawuloos “jaalala Kiristoos irra kan adda na baasu maali?” (Room 8:36) akkuma jedhe, yeroo tasgabbiis ta’e yeroo dhiphinaa amantii keenyatti cimuu jaalala Waaqayyoof qabnus jireenyaa qabatamaan ibsuun hunda keenya irraa eegama (2Ximo 4:2).

Walumaa galatti yaadannoo kabaja ayyaana kana yeroo taasifnu, salphumatti qulqulloota wareegamtoota kana irraa wantoota gurguddoo sadii hubanna. Kunis:

  1. Hanga dhumaatii amantaa keenyaan cimuu akka qabnu;
  2. Waaqayyoon warreen isaan abdataniitti dhiyoo, kan isaan hin leyasiifne (Far 25:3), fi Waaqni waaqessinu Waaqa fayyisuufi abiddaafi bishaan keessaallee nu baasee gara boqonnaatti kan nu ceesisu ta’uu; fi
  3. Ergamootni qulqullootni yeroo maraa akka nuuf dhaabbatan, fayyina akka argannuf akka nuuf ergaman ni hubanna.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee akkuma Qulqulloota Qiirqosiifi Iyyeluxaa ragaa baanee, addunyaa hamaa kana irraa fagannee, gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa fooniifi qulqulluu dhiiga Gooftaa fudhannee dhaaltota mootummaa Isaa akka taanuuf Waaqayyoo nu haa gargaru.

Eegumsi hangafa Ergamoota Qulqullu Gabri’eelii, wareegamticha Qulqulluu Qiirqoosifi hadhaa isaa Qulqullettii Iyyeluxaa nuu waliin haa ta’uu.

Madda:

v  Sinkisaara ji’a Adooleessa, Guyyaa 19.

v  Dirsaana Q/Gabri’eelii

v  Weebsaayitti Waldaa qulqullota fuula Amaariffaafi Barruulee Hamer

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-07-26 11:26:282018-10-26 09:21:06“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት) Link to: YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት) YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት) Link to: “Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte” Link to: “Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte” “Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte”
Scroll to top