Baga nagaan dhuftan !
Nu argadhaa!
Barreeffamoota haaraa
- “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12
- “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14
- “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2
- Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne
- Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname
- Yeroo lama kan koo taate
- “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
- Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
- Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
- “Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2
Hojii kee hojjadhu! (Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos)
Tokkoon tokkoo namaaf Waaqayyo hojii kenneera. Hojii sana hojjachuun immoo gahee abbaa ti. Odoo danda’e, hojii isaa sana gufachiisuun immoo hojii diyaabiloosii dha. Dhugaan jiru, akkuma Waaqayyo hojii kana siif kenneen, seexanni immoo si gufachiisuuf yaala. Waan gar-malee namatti miidhagu sii fiduuf carraaqa. Abdiiwwan fooniitiin si sossobuu danda’a. lolaa hamii gar-malee dhangalaasa. Barreessitootni akka si gaafataniif, namootni bebbeekamoos hammeenyaan akka sirratti dubbatan ittiin fayyadama. Philaaxoos, Heeroodsi, Hannaa, Qayyaafaa fi k.k.f. hundumtuu sirratti ijaaramu. Ati garuu, murtii cimaan inaaffaa Afuurawaa hin worraaqneen dhumarrattis; “Akkan hojjadhuuf hojii naaf kennite xummure. Amantaa koos eege.” jechuuf hanga dandeessutti kaayyoo jireenya kee fi galma uummamteef sana duuka bu’i.
Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos 2ffaa
Duree Phaaphaasota Shawaa 1932-1982 B.A
“Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoTolasaa Juulaa Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu […]
“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoDn. Baacaa Nagaasaa Jalqabni dubbichaas akkami yoo jedhan! Abbaan ishee Qulqulluu Iyyaaqeemii fi haati ishee Qulqulleettii Haannaa jedhamu ture. Isaan kun akka sagalee Kitaaba Qulqulluutti, akka sirna abbootaatti, akka seera oriitiitti, ajajaa fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaan kan jiraatan, Waaqayyoo fuuldurattis qajeelota kan turani dha. Haa ta’u malee, jarreen kun firii gadameessaa(garaa) kan ta’e dhala ykn […]
“ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoMaqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen Qaam’ee/Phaagumee-3 Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa’eel (ቅዱስ ሩፋኤል መራሄ ፍኖት) Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta’e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eelii yommuu ta’u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha. Gosa Niftaaleem jedhamu […]
Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoMaqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen Manni Kiristaanaa miidhama Ortodoksoota irra gahe ibsa isheetin: “Ortodoksummaa isaanii qofaan haala suukaneessaa ta’een gajaraadhaan ni qalaman, qoncooradhaan ni muraman, meeshaa qara qabuu fi albeedhaan ni waraanaman, meencadhaan ni kukkutaman, uleedhaan rukutamanii dhagaadhaan tumamanii du’an, reeffi isaanii karaa irra harkifamuudhaan gidirfamaa oole, qaamni isaanii kan […]
Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname
/in Advert, Tibbana /by EOTC Afaan OromoMaqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen “አማን አማን እብለክሙ ከመ ትበክዩ ወትላህዉ አንትሙ፤ ወዓለምሰ ይትፌሣሕ፤ ወአንትሙሰ ተኃዝኑ፤ ወኃዘንክሙ ፍሥሐ ይከውነክሙ” ዮሐ 16:20 “Dhugaa dhugaa isiniin jedha isin ni boossu, ni wawwaattus, biyyi lafaa garuu ni gammada, isinis ni gadditu, haa ta’u malee gaddi keessan gammachuutti ni geeddarama” Yoh 16:20 Haacaaluu Hundeessaa […]
Yeroo lama kan koo taate
/in Faarfannaa Fi Hog Barruu /by EOTC Afaan OromoYeroo tokko namichi tokko gosoota warqii qubeellaa, amartii mormaa qabu hunda walitti qabuun, baqsuun Fannoo hojjate. Haa ta’u garuu ogummaa harka isaatiin kan hojjate Fannoon warqii sun akkuma salphaatti jalaa bade. Samii ba’ee lafa seenes barbaadu garuu argachuu hin dandeenye. Gaddee abdii erga kuteen booda gara mana nama biraa deemuun mana isaatti fannifamee arge. Sana […]
“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
/in Barumsa Amantaa, Lallaba, Tibbana /by EOTC Afaan Oromo“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa […]
Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
/in Barumsa Amantaa, Icciitii mana kiristaanaa torban, Icciitiiwwan mana kiristaanaa, Tibbana /by EOTC Afaan OromoKutaa Lama Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa […]
Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoSoorii Moosisaa Guyya kanattis fakkeenya Suraafeel kan ta’e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta’e Qulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen Kiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa Aksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan […]
“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2
/in Lallaba /by EOTC Afaan OromoDn. Yooseef Baqqalaa Hiikaa: Soorii Moosisaa Seerri Kiristoos Maali dha? Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala […]