Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

Phaagumeen 2, 2008

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Waldaan Qulqullootaa yaa’iisaa 12ffaa Hagayya 27-29 bara 2008 galma lallaba Wangeelaa Mana Lubummaa Waliigalaafi galma gamoo Waldaa Qulqullootaa darbii 3ffaa irratti guyyoota sadiif gaggeesseera.

Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa

Sagantaan yaa’ii kuni Hagayya 27 galgala keessaa sa’aatii 12:00 irratti kadhannaadhaan kan eegale yoo ta’u hanga hagayya 29 halkan keessaa 7:30 irratti kadhannaadhaan xumuramutti itti fufeera.

Sagantaan yaa’ii kun guyyaafi halkan osoo wal irraa hin citiin kan gaggeeffame yoo ta’u, guyyaa guyyaa galma lallaba Wangeelaa Mana lubummaa Waliigalaatti; halkan halkan ammoo galma gamoo Waldaa Qulqullootaa keessatti gaggeeffamaa tureera. Yaa’ii waliigalaa kana irratti Abbootiin phaaphaasonni kan argaman yoo ta’u, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa kana ta’an Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos dabalatee, Eebbifamoo Abuna Luqaas, Eebbifamoo Abuna Salaamaa, Eebbifamoo Aabuna Gabri’eel, Eebbifamoo Abuna Inxoons guyyoota kanneen keessatti dabareen argamanii sagalee eebbaafi barumsa kennaniiru.

Sagantaa kana irratti Miseensonni Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu hunda irraa dhufan (biyya keessaa hanga biyya alaatti jiran) argamaniiru. Sagantaa kana irrattis qabxiiwwan mariif ka’uumsa ta’anifi hubannaa hirmaattotaa cimsan adda addaa dhiyaataniiru.

Yaa’ii kana irratti waggoota itti aananiif Waldicha kan gaggeessaniifi Koreen Hojii Raawwachiistuu filamaniiru. Akkasumas, Waldaan Qulqullootaa bara 2007-2008tti tajaajilawwan gaggeessaa ture, baasii baaseefi galii galche mara kan ibsu gabaasni dura ta’aa Waldichaan dhiyaateera. Gabaasnii haala qarshii Waldichaa ilaalchisee kan bara tajaajilaa 2006 fi 2007 Odiitara alaan dhiyaatees sagalee guutuun mirkanaa’eera.

Keessumaayyu yaa’ichi Karoora Tarsiimoo (Strategic plan) waggoota 6’n dhufan keessa raawwataman irratti marii gad-fageenyaan gaggeessuun gabbisuun mikaneesseera.

hirmaattonni yaa’ii garee

Hirmaatotni yaa’ichaa gareedhaan ta’uudhaan yeroo marii taasisan

Haaluma walfakkaatuun, Waldaa Qulqullootaa jalatti Pirojeektiin Miidiyaa Afaan Oromoo Hagayya 30 bara 2008 hirmaattota wiirtuulee waldichaa naannoo Oromiyaa irraa dhufaniif dhimma tajaajila afaan Oromootiin kennamu ilaalchisee marii guyyaa tokkoo taasiseera. Sagantaa kana irratti faayidaa afaaniin tajaajiluu, haala tajaajilaafi Pirojeektiin kun hundeeffamee maal akka hojjechaa jiru hubannoon kennameera. Dabalataanis gaheen hirmaattotaa wiirtuulee (godinaafi aanaa) maal ta’uu akka qabu irrattis mariin bal’aan taassifameera.

Kaayyoon pirojeektii kanaa uummanni afaan dhagahuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu ta’uun ibsamee tajaajila Mana Kiristaanaa kana daran guddisuuf Kiristaanonni marri akka irratti hirmaachuu qabanis eerameera.

Hirmaattota yaa’ichaa muraasa

Kanaan dura hubannoo akka kanaa bal’inaan hin qabnu turre kan jedhan hirmaattonni marii kanaa kana booda gara aanaaleefi Wiirtuuleetti yeroo deebinu tajaajila afaanii kana cimsinee itti adeemna jechuun waadaa galaniiru.

Manni Kiristaanaa kan Duukaabutotaafi kan hundaa taatee osoo jirtuu tajaajila afaan uummanni dhagahuun kennuu irratti hanqina qabaachuushee kan dubbatan hirmaattonni marii kanaa ammas yoo barfate iyyuu hin dhiisne waan ta’eef uummata sagalee Waaqayyoo dheeboteef qaqqabuu qabna jedhaniiru. Waldaan Qulqullootaa Afaan uummanni dhagahuun tajaajila wangeelaa kana yaaduudhaan pirojeektii kana hundeessee socho’uu isaattis ni galateeffanna jedhaniiru.

Pirojektiin Miidiyaa Afaan Oromoo Waldaa Qulqullootaa kitaabota amantaa addaddaa Afaan Oromoon qopheessuufi hiikuu dabalatee, weebsaayitii Afaan Oromoon, barruulee “Dhangaa Lubbuu”, sagantaa talaviizyinii OBS irratti Afaan Oromoon darbaa jiruufi yaa’ii wangeelaa ji’aa akka qopheessa jiru ni beekama.

Waaqayyoof galanni haa ta’u; ameen!