Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

in Tibbana

Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

Phaagumeen 2, 2008

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Waldaan Qulqullootaa yaa’iisaa 12ffaa Hagayya 27-29 bara 2008 galma lallaba Wangeelaa Mana Lubummaa Waliigalaafi galma gamoo Waldaa Qulqullootaa darbii 3ffaa irratti guyyoota sadiif gaggeesseera.

Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa

Sagantaan yaa’ii kuni Hagayya 27 galgala keessaa sa’aatii 12:00 irratti kadhannaadhaan kan eegale yoo ta’u hanga hagayya 29 halkan keessaa 7:30 irratti kadhannaadhaan xumuramutti itti fufeera.

Sagantaan yaa’ii kun guyyaafi halkan osoo wal irraa hin citiin kan gaggeeffame yoo ta’u, guyyaa guyyaa galma lallaba Wangeelaa Mana lubummaa Waliigalaatti; halkan halkan ammoo galma gamoo Waldaa Qulqullootaa keessatti gaggeeffamaa tureera. Yaa’ii waliigalaa kana irratti Abbootiin phaaphaasonni kan argaman yoo ta’u, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa kana ta’an Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos dabalatee, Eebbifamoo Abuna Luqaas, Eebbifamoo Abuna Salaamaa, Eebbifamoo Aabuna Gabri’eel, Eebbifamoo Abuna Inxoons guyyoota kanneen keessatti dabareen argamanii sagalee eebbaafi barumsa kennaniiru.

Sagantaa kana irratti Miseensonni Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu hunda irraa dhufan (biyya keessaa hanga biyya alaatti jiran) argamaniiru. Sagantaa kana irrattis qabxiiwwan mariif ka’uumsa ta’anifi hubannaa hirmaattotaa cimsan adda addaa dhiyaataniiru.

Yaa’ii kana irratti waggoota itti aananiif Waldicha kan gaggeessaniifi Koreen Hojii Raawwachiistuu filamaniiru. Akkasumas, Waldaan Qulqullootaa bara 2007-2008tti tajaajilawwan gaggeessaa ture, baasii baaseefi galii galche mara kan ibsu gabaasni dura ta’aa Waldichaan dhiyaateera. Gabaasnii haala qarshii Waldichaa ilaalchisee kan bara tajaajilaa 2006 fi 2007 Odiitara alaan dhiyaatees sagalee guutuun mirkanaa’eera.

Keessumaayyu yaa’ichi Karoora Tarsiimoo (Strategic plan) waggoota 6’n dhufan keessa raawwataman irratti marii gad-fageenyaan gaggeessuun gabbisuun mikaneesseera.

hirmaattonni yaa’ii garee

Hirmaatotni yaa’ichaa gareedhaan ta’uudhaan yeroo marii taasisan

Haaluma walfakkaatuun, Waldaa Qulqullootaa jalatti Pirojeektiin Miidiyaa Afaan Oromoo Hagayya 30 bara 2008 hirmaattota wiirtuulee waldichaa naannoo Oromiyaa irraa dhufaniif dhimma tajaajila afaan Oromootiin kennamu ilaalchisee marii guyyaa tokkoo taasiseera. Sagantaa kana irratti faayidaa afaaniin tajaajiluu, haala tajaajilaafi Pirojeektiin kun hundeeffamee maal akka hojjechaa jiru hubannoon kennameera. Dabalataanis gaheen hirmaattotaa wiirtuulee (godinaafi aanaa) maal ta’uu akka qabu irrattis mariin bal’aan taassifameera.

Kaayyoon pirojeektii kanaa uummanni afaan dhagahuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu ta’uun ibsamee tajaajila Mana Kiristaanaa kana daran guddisuuf Kiristaanonni marri akka irratti hirmaachuu qabanis eerameera.

Hirmaattota yaa’ichaa muraasa

Kanaan dura hubannoo akka kanaa bal’inaan hin qabnu turre kan jedhan hirmaattonni marii kanaa kana booda gara aanaaleefi Wiirtuuleetti yeroo deebinu tajaajila afaanii kana cimsinee itti adeemna jechuun waadaa galaniiru.

Manni Kiristaanaa kan Duukaabutotaafi kan hundaa taatee osoo jirtuu tajaajila afaan uummanni dhagahuun kennuu irratti hanqina qabaachuushee kan dubbatan hirmaattonni marii kanaa ammas yoo barfate iyyuu hin dhiisne waan ta’eef uummata sagalee Waaqayyoo dheeboteef qaqqabuu qabna jedhaniiru. Waldaan Qulqullootaa Afaan uummanni dhagahuun tajaajila wangeelaa kana yaaduudhaan pirojeektii kana hundeessee socho’uu isaattis ni galateeffanna jedhaniiru.

Pirojektiin Miidiyaa Afaan Oromoo Waldaa Qulqullootaa kitaabota amantaa addaddaa Afaan Oromoon qopheessuufi hiikuu dabalatee, weebsaayitii Afaan Oromoon, barruulee “Dhangaa Lubbuu”, sagantaa talaviizyinii OBS irratti Afaan Oromoon darbaa jiruufi yaa’ii wangeelaa ji’aa akka qopheessa jiru ni beekama.

Waaqayyoof galanni haa ta’u; ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-09-15 10:13:312018-10-26 09:21:05Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname Link to: Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname Link to: Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef Link to: Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef
Scroll to top