QULQULLUU SINOODOOSI

1.     Seensa

Raajii dubbatameen barri lakkaa’amee yeroo raawwatu addunyaan kun ni dabarti. Akka baruumsa Kitaaba Qulqulluutti yoo ta’e addunyaan kun erga darbee booda jireenya bara baraa hin badnee fi hin jijjiiramne kan ta’e addunyaan haaraa fi addaa ni jira. Innis Mootummaa samii irraa Mootummaa Waaqayyooti.

Mootummaa Waaqayyoo kana argachuuf bakka badhaadhinaa fi hawwattuu taate keessaa sababa cubbuu isaatiif kan ari’atame dhalli namaas; cubbuu fi yakka Uumaa isaa irratti raawwateen waan gaabbeef gatii kanfalee gara ofii Isaatitti araarse bakka cufamtee turtee fi keessaa ari’atame kanatti deebisuun boodas immoo dhufaatii Isaa lammaffaa fi darbuu addunyaa kanaan booda abdii Mootummaa Isaatii akka argatu abdiin kennameefi jira.

Daandiin gara Mootummaa Isaatitti dhala namootaa hunda fidduu fi Mootummaa Waaqayyoo kanaaf namoota qaqqabsiistu immoo daandii dhugaa Kiristanummaati. Daandii tokkittii fi dhugaati. /Ermi. 6:16/.

Amantaan Kiristaanaa bu’uura Raajotaa fi Duuka Bu’ootaa irratti akkuma hundofte /Efe. 2:20/; gonkumaa si’a tokkichaa Waaqayyoo biraa karaa Qulqullootaan nuuf kennamteetti. /Yihu. 1:3/

Kiristanummaanis nu Fayyisuuf foon keenya /dhala namaa/ kan uffatee fi kabajamaa Dhiiga Isaatiin gara Fayyinaatti kan nu deebise Iyyasuus Kiristoosiin; boodas sirritti Isa kan hordofaanii fi rakkina Inni fudhateen Isa fakkaachuuf waadaa kan galan maatiiwwan Gooftaa keenyaa 120’n fi boodas adda durummaan abboota Wareegamtootaa, Beektootaa, Qajeeltootaa, Phaaphaasotaa fi dabalatanis warreen maqaa Isaatti amananiin lallabamuun addunyaaf misiraachoo lallabdeetti.

Kana jechuun Kiristaanummaan Kiristoosiin argame jechuu dha. Namoota Kiristoositti amananii, maqaa Isaatiin Cuuphamanii fi mucummaa Sillaassee argatan hundumaaf itti waamama Fayyisaa kan ta’e Kiristoosiin argatanii dha. Kiristoos irraa, Kiristoosiin, Kiristoos biraa kan nuuf hundoofte Kiristanummaan waa’ee Kiristoosi lallabuun, waa’ee Kiristosii ragaa bahuun dhugaa addunyaatti kan labsitu jireenyi Kiristaanummaa jireenya Kiristosiin taateti.

Kiristaanummaan Amantaa Gooftaan tokko kan itti Waaqeeffamu; cuuphaa tokkoon mucummaan kan ittiin argamu, abdii tokkoon tokkummaadhaan kan itti jiraatamuuti. Galmi Kiristaanummaas dhala namaa hundaaf sagalee misiraachoo kan ta’e Wangeela lallabuun; Kiristoositti amanuun jiraatanii Mootummaa Waaqayyoo akka dhaalan dandeessisuu dha. Kiristaanummaanis kan babal’altu karaa Mana Kiristaanaatini. Manni Kiristaanaas immoo namoonni Kiristootti amananii fi Kiristoosi Waaqeffatan kan itti walitti qabaman; akkasumas, gamtaa namoota Kiristoositti amananii; tokkoon tokkoo Kiristaanotaas jechuu dandeenya. Manni Kiristaanaa kun Kiristoosiin kan hundooftee fi Dhiiga Isaatiin kan ishee hundeesse dha.

Haa ta’uu malee, amantii kana keessa namoota jiraatan kan jeequu fi yaada isaanii kan hiru yaadonni faallaa fi addaa ta’an yeroo addaa addaatti kaayyoo fi galma adda addaa qabatanii ka’aa turaniiru. Yaadonni fi ilaalchonni kunniin namoota Mootummaa Waaqayyoo keessaa baasuu fi hundee muka wayinii /Yoh. 15:1-/ Kiristoos irraa kutuuf; tokkummaa akka hin qabaanne waan taasisuuf; tokkummaan Kiristaanotaa akka hin diigamnee fi abdii Mootummaa Waaqayyootti seenuu akka hin dhabneef yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosi barbaachiise.

Tartiiba arginu kana keessaa isa guddaa fi olaanaa kan ta’e waa’ee Qulqulluu Sinoodosii ilaalla. Inni Mana Kiristaanaa keenyaaf sadarkaa hoggansaa isa olaanaa kan qabuu fi seera ittiin bulmaata Mana Kiristaanaa kan baasuu fi raawwii isaatiif haal-duree barbaachisu kan dabarsu, murteewwan kan murteessuu fi raawwachisiisu dha waan ta’eefi.

Qulqulluun Sinoodoosiin bulchaa, hogganaa fi qaama olaanaa Mana Kiristaanaati akkuma jenne bulchiinsi Mana Kiristaanaa immoo qabxiiwwan armaan gadiitiin gaggeeffamuu qaban. Qaamonni Mana Kiristaanaa sadarkaa isa xiqqaatii hanga guddaatti tartiibaan keenye kunninis akkaataa seera Mana Kiristaanaa keeyyata 11 irratti barreeffameen sirna bulchiinsa gaarii fiduuf waantota armaan gadiitiin akka hogganamaniif ni hubachiisti. Manni Kiristaanaa bu’uura Kitaabota Qulqulla’oon irra guddeessaan waantota armaan gadiin ni gaggeeffamti.

1. Afuurawummaa

2. Haq-qabeessummaan

3. Seera Qabeessummaa

4. Iftoomina

5. Amanamummaa

6. Itti gaafatamummaa

7. Tajaajiltummaa

8. Icciitii eeguun

Gaggeessitoonni Mana Kiristaanaas qabxiiwwan armaan gadiitiin gaggeeffamuun Mana Kiristaanaa haala gaariitiin gaggeessuu qaban.

2.     Hiikkaa Qulqulluu Sinoodoosi

Sinoodoosi jechuun jecha afaan Giriikii irraa kan argame yommuu ta’u, hiikaan isaas yaa’ii, wal gahii yookiin walitti qabama jechuu dha.      Sinoodoosii jechuun yaa’ii tiksitootaa, yaa’ii Abbootaa, Yaa’ii bulchitootaa (hoggantootaa), walitti qabamaa (walgahii) bulchitoota Manneen Kiristaanaa yeroo ta’u, Paatriyaarikiin yaa’ii Phaaphaasotaa gaggeeffamuu dha.

Qulqulluun Sinoodosii Abbootiin Hangafoota Phaaphaasotaa waa’ee Doogmaa, Qannoonaa, Sirnaa fi darbii darboo Mana Kiristaanaa akkasumas, akkaataa hoggaansa isheetiin kan itti mari’atan yaa’ii Afuura Qulqulluutiin durfamuu dha. Kunis “Qulqulluu Sinoodoosii jechuun yaa’ii guddaa Paatriyaarikii, Hangafootni Phaaphaasotaa, Phaaphaasotaa fi Ephiisqophosootni raawwatanii dha” jedhamee Seera Mana Kiristaanaa keessatti kan ibsamee dha. /Seera Mana Kiristaanaa Keeyyata 2(2)/.

Qulqulluun Sinoodoosii yaa’ii Afuuraa Waaqayyoo yaadaa fi fedhii Isaa ijjoollotaa fi Mana Kiristaanaa Isaatiif ittiin dabarsuu dha.

Jechoota (maqoota) hiikkaa (galmee jechootaa) barbaadan muraasa asii gadiitti haa ilaallu:-

3.     Egaluu Qulqulluu Sinoodoosii

Beektonni tokko tokko sirna Qulqulluu Sinoodoosii kan eegale Gooftaan Duuka Bu’oota Isaa waliin yaa’iiwwan taasise bu’uura godhachuuni.

4.     Qulqulluu Sinoodoosii baroota keessatti.

4.1. Bara Duuka Bu’ootaa

Yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosii kan eegale Qulqulloota Duuka Bu’ootaani dha. Ajaja Kiristoosiin gara kallattiiwwan afranutti Duuka Bu’oonni ergamanii akka barsiisan yeroo ajajaman, bu’uura abboommii uumaa isaanii yeroo raawwatan sababoota garaagaraaf ta’us, Duuka Bu’oonni wal gahii taasisaa, yaa’ii gaggeeffachaas turaniiru.

Qulqullootni Duuka Bu’oonni Kitaaba Qulqulluu irratti galmaa’ee akkuma jiru yaa’iiwwan sadii taasisaniiru. Inni jalqabaa bakka Yihudaatti abbaa tokko filanii Duuka Bu’aa muuduudhaaf taasisanii dha. /Hoji.Du.Bu.1:15-16/

Inni lammaffaan immoo diyaaqoonota 7’n muuduuf yaa’ii /Sinoodoosii/ taasifamee dha. /Hoji.Du.Bu.6:1-6/

Inni sadaffaaan ykn xummuraa namoota al-amantoota (ormootaa) fi Yihuudota keessaa gara Kiristaanaatti deebi’an giddutti rakkina uumame furuuf yaa’ii taasifamee dha. /Hoji.Du.Bu.15:1/

4.2.  Baroota adda addaa keessattii hanga bara keenyaatti.

Akkuma bara Duuka Bu’ootaatti ilaalle Abbootni bara isaanitii fufanii ka’anii fi Mana Kiristaanaa itti fufsiisanis rakkinoota Mana Kiristaanaa mudatan hiikuudhaaf walitti qabamaa turan. Seenaa gara boodaatti yeroo ilaallu Mana Kiristaanaa ishee duriitti Amantaa Qulqullootaaf si’a tokkicha kennamte eeguudhaaf walitti qabama naannoo (local council) fi kan adduunyaa (ecumenical council) yaa’iiwwan Sinoodoosii ta’an akka gaggeeffaman ni hubanna.

Sababa Yaa’ii Keelqeedooniitiin Amantaadhaan gargar bahuun jalqabuu isaatiin dura Sinoodoosiin nannoo hin amaleeffatmne ture. Har’as Kiristaanoota fi Manneen Kiristaanaa hundumaa biratti yaa’iiwwan sadi qofatu fudhatama akka qaban ragaa seenaa Mana Kiristaanaa ni ifoomsa. Yaa’iiwwan kunninis dursummaa abbootiiwwan fi Beektota Mana Kiristaanaatiin kan raawwatamee dha. Isaaniis amantaa deebisuuf, shakkitootaaf deebii kennuuf, Mana Kiristaanaa itti fufsiisuuf, yaadni fi ilaalchi amantootaa akka hin bittinoofneef gochuuf kanneen gaggeeffamanii dha. Yaa’iiwwan kunninis yaa’ii Niiqiyaa (325 B.A); yaa’ii Qusxinxiniyaa (381 B.A); yaa’ii Efeesoon (431) tti kanneen raawwatamani dha.

Sanaan booda garuu, teessoo Mana Kiristaanaa mataa isaaniitiin Sinoodosii nannoo hundeeffachuun itti fufeera. Egaa Manni Kiristaanaa keenyaas Sinoodoosii mataa isheetiin buluu erga jalqabdee jaarraan walakkaa ol lakka’ameera.

5.      Miseensota Qulqulluu Sinoodoosii

Akka Seera Mana Kiristaanaa keenyaa kan bara 2015 Qulqulluu Sinoodosiitiin foyya’uun qophaa’e boqonnaa lama (Caasefamaa fi qoqqoodamiinsa aangoo bulchiinsa Mana Kiristaanaa) jedhu irratti dhaabbachuun keeyyata 18 jalatti waa’ee miseensota Qulqulluu Sinoodoosii kana akka armaan gaditti kallattiin keeyyatichi guutummaan hiikameera.

6.      Qaamota Qulqulluu Sinoodoosii

Seera Mana Kiristaanaa keeyyata 17 irratti akkuma barreeffameen kaayyoowwn Mana Kiristaanaa keeyyata 17 irratti barreeffame hojii irra oolchuf qaamota Qulqulluu Sinoodoosii armaan gadii tarreessera. Kaayyoowwan Mana Kiristaanaa raawwachuu fi raawwachiisuuf qaamonni barbaachisan.

Nuu haa turu.