Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu

QULQULLUU SINOODOOSI

QULQULLUU SINOODOOSI

1.     Seensa

Raajii dubbatameen barri lakkaa’amee yeroo raawwatu addunyaan kun ni dabarti. Akka baruumsa Kitaaba Qulqulluutti yoo ta’e addunyaan kun erga darbee booda jireenya bara baraa hin badnee fi hin jijjiiramne kan ta’e addunyaan haaraa fi addaa ni jira. Innis Mootummaa samii irraa Mootummaa Waaqayyooti.

Mootummaa Waaqayyoo kana argachuuf bakka badhaadhinaa fi hawwattuu taate keessaa sababa cubbuu isaatiif kan ari’atame dhalli namaas; cubbuu fi yakka Uumaa isaa irratti raawwateen waan gaabbeef gatii kanfalee gara ofii Isaatitti araarse bakka cufamtee turtee fi keessaa ari’atame kanatti deebisuun boodas immoo dhufaatii Isaa lammaffaa fi darbuu addunyaa kanaan booda abdii Mootummaa Isaatii akka argatu abdiin kennameefi jira.

Daandiin gara Mootummaa Isaatitti dhala namootaa hunda fidduu fi Mootummaa Waaqayyoo kanaaf namoota qaqqabsiistu immoo daandii dhugaa Kiristanummaati. Daandii tokkittii fi dhugaati. /Ermi. 6:16/.

Amantaan Kiristaanaa bu’uura Raajotaa fi Duuka Bu’ootaa irratti akkuma hundofte /Efe. 2:20/; gonkumaa si’a tokkichaa Waaqayyoo biraa karaa Qulqullootaan nuuf kennamteetti. /Yihu. 1:3/

Kiristanummaanis nu Fayyisuuf foon keenya /dhala namaa/ kan uffatee fi kabajamaa Dhiiga Isaatiin gara Fayyinaatti kan nu deebise Iyyasuus Kiristoosiin; boodas sirritti Isa kan hordofaanii fi rakkina Inni fudhateen Isa fakkaachuuf waadaa kan galan maatiiwwan Gooftaa keenyaa 120’n fi boodas adda durummaan abboota Wareegamtootaa, Beektootaa, Qajeeltootaa, Phaaphaasotaa fi dabalatanis warreen maqaa Isaatti amananiin lallabamuun addunyaaf misiraachoo lallabdeetti.

Kana jechuun Kiristaanummaan Kiristoosiin argame jechuu dha. Namoota Kiristoositti amananii, maqaa Isaatiin Cuuphamanii fi mucummaa Sillaassee argatan hundumaaf itti waamama Fayyisaa kan ta’e Kiristoosiin argatanii dha. Kiristoos irraa, Kiristoosiin, Kiristoos biraa kan nuuf hundoofte Kiristanummaan waa’ee Kiristoosi lallabuun, waa’ee Kiristosii ragaa bahuun dhugaa addunyaatti kan labsitu jireenyi Kiristaanummaa jireenya Kiristosiin taateti.

Kiristaanummaan Amantaa Gooftaan tokko kan itti Waaqeeffamu; cuuphaa tokkoon mucummaan kan ittiin argamu, abdii tokkoon tokkummaadhaan kan itti jiraatamuuti. Galmi Kiristaanummaas dhala namaa hundaaf sagalee misiraachoo kan ta’e Wangeela lallabuun; Kiristoositti amanuun jiraatanii Mootummaa Waaqayyoo akka dhaalan dandeessisuu dha. Kiristaanummaanis kan babal’altu karaa Mana Kiristaanaatini. Manni Kiristaanaas immoo namoonni Kiristootti amananii fi Kiristoosi Waaqeffatan kan itti walitti qabaman; akkasumas, gamtaa namoota Kiristoositti amananii; tokkoon tokkoo Kiristaanotaas jechuu dandeenya. Manni Kiristaanaa kun Kiristoosiin kan hundooftee fi Dhiiga Isaatiin kan ishee hundeesse dha.

Haa ta’uu malee, amantii kana keessa namoota jiraatan kan jeequu fi yaada isaanii kan hiru yaadonni faallaa fi addaa ta’an yeroo addaa addaatti kaayyoo fi galma adda addaa qabatanii ka’aa turaniiru. Yaadonni fi ilaalchonni kunniin namoota Mootummaa Waaqayyoo keessaa baasuu fi hundee muka wayinii /Yoh. 15:1-/ Kiristoos irraa kutuuf; tokkummaa akka hin qabaanne waan taasisuuf; tokkummaan Kiristaanotaa akka hin diigamnee fi abdii Mootummaa Waaqayyootti seenuu akka hin dhabneef yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosi barbaachiise.

Tartiiba arginu kana keessaa isa guddaa fi olaanaa kan ta’e waa’ee Qulqulluu Sinoodosii ilaalla. Inni Mana Kiristaanaa keenyaaf sadarkaa hoggansaa isa olaanaa kan qabuu fi seera ittiin bulmaata Mana Kiristaanaa kan baasuu fi raawwii isaatiif haal-duree barbaachisu kan dabarsu, murteewwan kan murteessuu fi raawwachisiisu dha waan ta’eefi.

Qulqulluun Sinoodoosiin bulchaa, hogganaa fi qaama olaanaa Mana Kiristaanaati akkuma jenne bulchiinsi Mana Kiristaanaa immoo qabxiiwwan armaan gadiitiin gaggeeffamuu qaban. Qaamonni Mana Kiristaanaa sadarkaa isa xiqqaatii hanga guddaatti tartiibaan keenye kunninis akkaataa seera Mana Kiristaanaa keeyyata 11 irratti barreeffameen sirna bulchiinsa gaarii fiduuf waantota armaan gadiitiin akka hogganamaniif ni hubachiisti. Manni Kiristaanaa bu’uura Kitaabota Qulqulla’oon irra guddeessaan waantota armaan gadiin ni gaggeeffamti.

1. Afuurawummaa

2. Haq-qabeessummaan

3. Seera Qabeessummaa

4. Iftoomina

5. Amanamummaa

6. Itti gaafatamummaa

7. Tajaajiltummaa

8. Icciitii eeguun

Gaggeessitoonni Mana Kiristaanaas qabxiiwwan armaan gadiitiin gaggeeffamuun Mana Kiristaanaa haala gaariitiin gaggeessuu qaban.

2.     Hiikkaa Qulqulluu Sinoodoosi

Sinoodoosi jechuun jecha afaan Giriikii irraa kan argame yommuu ta’u, hiikaan isaas yaa’ii, wal gahii yookiin walitti qabama jechuu dha.      Sinoodoosii jechuun yaa’ii tiksitootaa, yaa’ii Abbootaa, Yaa’ii bulchitootaa (hoggantootaa), walitti qabamaa (walgahii) bulchitoota Manneen Kiristaanaa yeroo ta’u, Paatriyaarikiin yaa’ii Phaaphaasotaa gaggeeffamuu dha.

Qulqulluun Sinoodosii Abbootiin Hangafoota Phaaphaasotaa waa’ee Doogmaa, Qannoonaa, Sirnaa fi darbii darboo Mana Kiristaanaa akkasumas, akkaataa hoggaansa isheetiin kan itti mari’atan yaa’ii Afuura Qulqulluutiin durfamuu dha. Kunis “Qulqulluu Sinoodoosii jechuun yaa’ii guddaa Paatriyaarikii, Hangafootni Phaaphaasotaa, Phaaphaasotaa fi Ephiisqophosootni raawwatanii dha” jedhamee Seera Mana Kiristaanaa keessatti kan ibsamee dha. /Seera Mana Kiristaanaa Keeyyata 2(2)/.

Qulqulluun Sinoodoosii yaa’ii Afuuraa Waaqayyoo yaadaa fi fedhii Isaa ijjoollotaa fi Mana Kiristaanaa Isaatiif ittiin dabarsuu dha.

Jechoota (maqoota) hiikkaa (galmee jechootaa) barbaadan muraasa asii gadiitti haa ilaallu:-

3.     Egaluu Qulqulluu Sinoodoosii

Beektonni tokko tokko sirna Qulqulluu Sinoodoosii kan eegale Gooftaan Duuka Bu’oota Isaa waliin yaa’iiwwan taasise bu’uura godhachuuni.

4.     Qulqulluu Sinoodoosii baroota keessatti.

4.1. Bara Duuka Bu’ootaa

Yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosii kan eegale Qulqulloota Duuka Bu’ootaani dha. Ajaja Kiristoosiin gara kallattiiwwan afranutti Duuka Bu’oonni ergamanii akka barsiisan yeroo ajajaman, bu’uura abboommii uumaa isaanii yeroo raawwatan sababoota garaagaraaf ta’us, Duuka Bu’oonni wal gahii taasisaa, yaa’ii gaggeeffachaas turaniiru.

Qulqullootni Duuka Bu’oonni Kitaaba Qulqulluu irratti galmaa’ee akkuma jiru yaa’iiwwan sadii taasisaniiru. Inni jalqabaa bakka Yihudaatti abbaa tokko filanii Duuka Bu’aa muuduudhaaf taasisanii dha. /Hoji.Du.Bu.1:15-16/

Inni lammaffaan immoo diyaaqoonota 7’n muuduuf yaa’ii /Sinoodoosii/ taasifamee dha. /Hoji.Du.Bu.6:1-6/

Inni sadaffaaan ykn xummuraa namoota al-amantoota (ormootaa) fi Yihuudota keessaa gara Kiristaanaatti deebi’an giddutti rakkina uumame furuuf yaa’ii taasifamee dha. /Hoji.Du.Bu.15:1/

4.2.  Baroota adda addaa keessattii hanga bara keenyaatti.

Akkuma bara Duuka Bu’ootaatti ilaalle Abbootni bara isaanitii fufanii ka’anii fi Mana Kiristaanaa itti fufsiisanis rakkinoota Mana Kiristaanaa mudatan hiikuudhaaf walitti qabamaa turan. Seenaa gara boodaatti yeroo ilaallu Mana Kiristaanaa ishee duriitti Amantaa Qulqullootaaf si’a tokkicha kennamte eeguudhaaf walitti qabama naannoo (local council) fi kan adduunyaa (ecumenical council) yaa’iiwwan Sinoodoosii ta’an akka gaggeeffaman ni hubanna.

Sababa Yaa’ii Keelqeedooniitiin Amantaadhaan gargar bahuun jalqabuu isaatiin dura Sinoodoosiin nannoo hin amaleeffatmne ture. Har’as Kiristaanoota fi Manneen Kiristaanaa hundumaa biratti yaa’iiwwan sadi qofatu fudhatama akka qaban ragaa seenaa Mana Kiristaanaa ni ifoomsa. Yaa’iiwwan kunninis dursummaa abbootiiwwan fi Beektota Mana Kiristaanaatiin kan raawwatamee dha. Isaaniis amantaa deebisuuf, shakkitootaaf deebii kennuuf, Mana Kiristaanaa itti fufsiisuuf, yaadni fi ilaalchi amantootaa akka hin bittinoofneef gochuuf kanneen gaggeeffamanii dha. Yaa’iiwwan kunninis yaa’ii Niiqiyaa (325 B.A); yaa’ii Qusxinxiniyaa (381 B.A); yaa’ii Efeesoon (431) tti kanneen raawwatamani dha.

Sanaan booda garuu, teessoo Mana Kiristaanaa mataa isaaniitiin Sinoodosii nannoo hundeeffachuun itti fufeera. Egaa Manni Kiristaanaa keenyaas Sinoodoosii mataa isheetiin buluu erga jalqabdee jaarraan walakkaa ol lakka’ameera.

5.      Miseensota Qulqulluu Sinoodoosii

Akka Seera Mana Kiristaanaa keenyaa kan bara 2015 Qulqulluu Sinoodosiitiin foyya’uun qophaa’e boqonnaa lama (Caasefamaa fi qoqqoodamiinsa aangoo bulchiinsa Mana Kiristaanaa) jedhu irratti dhaabbachuun keeyyata 18 jalatti waa’ee miseensota Qulqulluu Sinoodoosii kana akka armaan gaditti kallattiin keeyyatichi guutummaan hiikameera.

6.      Qaamota Qulqulluu Sinoodoosii

Seera Mana Kiristaanaa keeyyata 17 irratti akkuma barreeffameen kaayyoowwn Mana Kiristaanaa keeyyata 17 irratti barreeffame hojii irra oolchuf qaamota Qulqulluu Sinoodoosii armaan gadii tarreessera. Kaayyoowwan Mana Kiristaanaa raawwachuu fi raawwachiisuuf qaamonni barbaachisan.

Nuu haa turu.

Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?   Link to: Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?   Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?   Link to: QULQULLUU SINOODOOSI Link to: QULQULLUU SINOODOOSI QULQULLUU SINOODOOSI
Scroll to top