“Jaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa?” (Room. 8:35)

  Kutaa Lammaffaa

Fannoonis Rakkina yeroo jennu haala lamaan ilaaluu qabna. Isaaniis:-

1. Rakkina Kiristoos

  • Dhala namaa garbummaa cubbuu jalatti kufee ture Fayyisuuf, waanjoo garbummaa irraa kaasuuf akkuma Galata Maariyaamii kessatti dubbatame ‘Addaamiin bilisa baasuuf gara bultoo isaatii duraatti deebisuuf jaallate’ isa jedhame mirkanneesuuf, waadaa kennaa dhabuu fi Ganataa ari’atamuu dhala nama irraa kan ka’e gaabbuu ilma namaatiif Waaqayyoon kenname sana “Guyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen, walakkaa addunyaatti Fannoo irratti fannifamee  dhufee si Fayyisa” isa jedhuun Waaqa sadan keessaa tokko Ilmi salphina keenya fudhachuuf gara lafaatti dhufe salphina argateen, rakkina irra gaheetiin kan hubatamuu dha.
  • Kanaafi Fannoo gaafa jennuu Kiristoosiin irraa addaan baasne ilaaluun Kiristaanootaaf hin malu. Dhugaatti utuu Kiristoos hin dhalatiinii fi Qaraniyoottis Fannoo hin dhaabiin dura Fannoon tureera. Garuu tajaajjilli itti oola tureef kan amma beeknuun faallaa dha.
  • Rakkinni Kiristosiis kan mirkanaa’e Fannoo irratti ture. Dhiiga dhangalaasuun tajaajjila gara biyya lafaatti dhufeef raawwachuuf Aarsaa fudhataan, Aarsaa ta’ee ofii Isaas dhiyeessee gara Fayyisummaa Fannoo mirkanneessuun handhuura addunyaatti Fannoo bu’uuresse irraa kaaneetu:-
    • Fannoo gubbaa irratti waraanamuu qooma Isaa,
    • Cituu Foon fi dhangaluu Dhiiga Isaa,
    • Fannoo jiidhaa baatee bitaa fi mirgaatti kufee ka’uu Isaa
    • Fannoo irratti gidiraa fudhachuu ni yaadanna waan ta’eef, Fannoo jechuun rakkina Gooftaa keenya irra gahe mul’isa.

   2 Rakkina Kiristaanootaa

“Eenyu iyyuu kan Na faana bu’uu barbaadu Fannoo Koo haa baatu Na faanas haa bu’u” kan jedhuun Gooftaan keenya tokko rakkina Kiristoosiin yaadachuu akka qabnu nu barsiisuuf.

Dabalees raawwiin Kiristaanummaa Kiristoosiin fakkaachuu, akka Kiristoositti, waa’ee Kiristoosiif, Kiristosiin deddeebi’u dha waan ta’eef guddummaan ilaalcha Kiristaanootaas kan irratti bu’uureeffamee Isa fakkaatanii jiraachuu dhaan, ibsamuun isaa Qulqullichi Phaawuloos “Kiristoosiin fakkaatanii jiraachuu kan jaallatan ni godansiifamu” akka jedhe rakkina Kiristoos irra gahe hirmaachuun Kiristaanootaa, Fannoo isa jechiisisa.

Kanaaf Abbaan Sinoodaa Phaaphaasii biyya Gibxii “In fact, christian life is practically a journey to Golgotha; and christianity without a cross is really not christianity.
Those who have received their good things on earth, will have no share in the Kingdom, as the story of the rich man and Lazarus explains to us (Luke 16:25).

“Dhugaatti, jireenya Kiristaanaa shaakkalli daandii gara Golgotaatti, fi Kiristaanummaan Fannoo malee Kiristaanummaa dhugaa miti. Akkuma seenaan sooresichaa fi Alaazaar nutti himuuttis, lafa irratti warreen waantoota gaarii fudhatan, mooticha biratti gatii hin qaban” jechuun jireenya Kiristaanummaa jireenya Fannoo ta’uu himan.

Akkuma dubbanne akka dhuunfaatti, garee fi Mana Amantaas waliin ni qabata. Kiristaanummaaf hirmaannaa rakkina /gidiraa/ Kiristoosii irratiini akkuma Qulqullichi Phaawuloos “Isaa fi humna du’aa ka’uumsa Isaa akkan beekuuf, rakkina Isaatiinis akkan hirmaadhuuf, gara du’aa ka’uumsa warra du’aaniittis naaf ta’ee akkan gahuuf, du’aa Isaatiin fakkaachuun hawwa”(Filiph. 3:10-11) akkuma jedhe.

Ammas waa’ee hirmaannaa Kiristaanootaa kan rakkina Kiristoosii kana “Kiristoos waliin fannifameera, anis ammaa jiraataa ta’ee hin jiraadhuu Kiristoos garuu anaan irratti ni jiraata” (Gal 2:20).

Kanaafuu, yoo kiristoos waliin jiraachuuu jaallatte, Kiristoos waliin rakkachuu /fannifamuu/ qabda, ykn Isaaf rakkachuu /fannifamuu/ qabda, akkasumas yoo gara du’aatti si qaqqabsiisa ta’ee illee, dhiphachuufii qabda” jechuun beekaan biyya Gibxii jireenyi Fannoo jireenya Kiristaanummaa, jireenyi Kiristaanummaas jireenya Fannoo ta’uu nutti himan. Kanumatti fufuunis

Kiristanummaa keessatti, dhiphinni kee, rakkina keessatti kan ati gammaddu fi goonfoo jireenya isa qorumsa keen ifoome sanan gara galataatti jijjiramta. Jaalala Fannoo, jaalala rakkinaa fi wareegamumma akkasumas dadhabbii Waaqayyoof fi Mootummaa isa dhuftuuf jecha qabachuu dha.  Qulqullichi Phaawuloos waa’ee Waaqummaa Kiristoos “Inni gammachuu isa fuldura jiruuf Fannoo dhaan obsee, teessoo mirga Waaqayyoo ta’eera” (Ibr. 12:2) akka jedhe. Dabalees “Kanaafis waa’ee Kiristoosiif rakkina fudhachuu, arrabsamuu, dhiphachuu, rakkachuus, nan jaaladhe. Rakkina yeroon fudhadhutti battalumatti nan jabaadhaatii” (2ffaa Qor. 12:10) sirumaa rakkina fudhachuun akka nama ciimsu hubachiise.

Erga rukkatamanii boodas, Abbaan Duuka Bu’ootaa “Isaaniis yaa’icha fuulduratii utuu gammadanii ba’an, maqaa Isaatiif rakkina akka fudhataniif Afuurri Qulqulluun carroomseeraatii” (Hoji.Du.Bu.5:41) akkuma jedhe, garuu gammachuu fi kabaja rakkina fudhachuun qabus “Rakkinaan yoo Isa fakkaanne kabajaan Isa fakkaanna” (Room. 8:17) jechunis ibseera.

Kanaafuu achii irraan akkas jedhe “Haa ta’uu malee rakkinni biyya lafaa /addunyaa/ kun kabaja nuuyif mul’achuuf jiru sana waliin akka hin qiixxaanne yaadaa” (Room. 8:18) kunis rakkinicha irra kabaja Isaatu caala nuun jedha. Akka Duuka Bu’aan Qulqullichi Pheexiroos jedhutti immoo “Haa ta’uu malee waa’ee qajeelinaaf rakkina yoo fudhattan isiin galateefamoodha, isa isiin doorsiisuus hin sodaatinaa, hin na’inaas.”(1ffaaPheex 3:14)  Kanaafi, rakkinni  eebbaan xumurama. Gooftaan keenya Kiristoosiis “Yeroo isin arrabsanii fi isiin godaansiisan, waa’ee Koos isin, haamaa hundumaa yeroo isinitti dubbatanitti galateeffamoodha. Gammadaa, tolaas taasisaa, gatiin keessan samii irratti baay’eedhaati, isiin dura raajoota turaniis ari’ataniiruutii” (Maat. 5:11-12) jechuun ilaalcha kanaan rakkinaaf gammachuu inni qabu ibse.

Abbaan Sinoodaas ammas akkas jedhu “Nuti Fannoo dhaaf, gammachuu fi badhaasa isa addaan hin baasnu, akkanumas gargarsaa isaa fi kennaa Waaqayyoos addaa adda hin baasnu.

Kiristaanni fannoo baachuu qaba, garuu qofaa baachuu hin qabu Waaqayyoo qofaatti isa hin dhiisuuti. Gargaarsi Waaqumma isa deeggaruu fi ol ol kaasu ni jira. Gargaarsa warra Wareegamtootaa waliin tureetu warra rakkatan gargaaraa, akkasumas kallattii adeemsa hundumaatiin nama amantii waliin dhaabbateefi ni taasifama.

Gooftaanis akkas jedhee ibseeraati “Ani sii waliinan jira hin sodaatiin, haamaa si irratti raawwachuuf kan ka’u hin jiruutii hin sodaatiin” (Hoji.Du.Bu. 18:9,10) akkuma jedheen akkasumas “Gara deemtu hundumaatti Waaqayyoon Waaqni kee si waliin jiraati hin sodaatiin, jabaadhu, “(Iyaa 1:9) Darbees “Sii waliin wal waraanu, haa ta’u malee si Fayyisuuf jecha Ani si waliiniti si hin mo’an” (Erm 1:19) akkuma jedhame barreeffame.

Kanaafuu rakkini Kiristaanootaa Fannoo dha.

Fannoo baachuun kun rakkinaa fi dhiiphina fudhachuun siruumatti Kiristoosiif jecha rakkachuuni.  Guyyaa du’a Isaati dursee Gooftaan keenya Iyyaasuus Kiristoos Duuka Bu’oota isaatiin akkas jechuun dubbatee ture “Addunyaan yoo isiin jibbe, isiin dura Anaan akka jibbe hubadhaa. Addunyaan yoo isiin jibbe isiin dura Anaan akka jibbe beekaa. Addunyaa keessaa yoo taatan addunyaan kan isaa kan ta’e ni jaallata ture, haa ta’u malee addunyaa keessaan isiin filadhe malee addunyaa keessaa waan hin ta’iniif kanaafuu addunyaan isiin jibba” (Yoh. 15:18-19) jechuun dubbata.

Itti fufuunis “Garbichi Gooftaa isaa irra hin caalu jedhee kanan Isiinitti hime yaadadhaa. Anaan ari’atanii akka turan isiininis ni godaansiisu, sagalee Koo eeganii yoo ta’ee sagalee keessaniis ni eegu” jechuunis kan isaa irraan geessisan Inni Abbaa biraa kan ergame, ofii isaatii Ani Ilma Waaqayyooti, Waaqayyoo dha, jedhee barsiisaa, garuu Isa iyyuu yoo kan fannisan ta’e raga baatoota Isaa immoo kana irra kan caalu kabajuu hin danda’aan. Itti dabalees Kiristoos “Dhuguma dhugaan isiniin jedha, isiin ni boossu ni iyyattus. Addunyaa garuu ni gammachiisa, isiinis ni gadditu, haa ta’uu malee gaddi keessan gammachuutti ni jijjiirama” (Yoh. 16:20)

Karaa biraatiin, gammachuu fi moo’ichi Fannoo Kiristoos irraa waadaan Gooftaa keenyaan akka nuuf galame “Anatti utuu jirtanii nageenyi akka isiniif ta’uuf kana isiiniitti dubbadheera. Addunyaa keessa yeroo jirtan rakkinni isiin irra jira. Ta’us jabaadhaa, Ani addunyaa moo’adheeraatii” jechuu dhaan gaddi fi rakkinni har’aas boruu injifachuu fi gammachuu keenyaaf wabii dhaati, moo’achuu isaatiin akka injifannu ibsa. Rakkinni fi gidiraan Kiristaanotaa immoo rakkina Fannooti waan ta’eef rakkachuu fi dhiphachuun ni barbaachisa.

Fannoo baachuun bara Duuka Bu’oota Gooftaatti jireenyi Kiristaanummaa kun ittiin dhugoomeera. Kunis immoo jaallalli Fannoo irraatti isaaniif mul’ate sana ittiin ibsuuf akka jedhanitti. “Gara Mootummaa Waaqayyootti rakkina guddaatiin galuun nu irra barbaachisa jechuudhaan” (Hoji.Du.Bu.14:22). Jireenyi Duuka Bu’oota Gooftaa jalqabaas fakkeenyaaf, hangafni Daaqunootaa fi Wareegamaan jalqabaa Isxifanoos dhagaan rukkutamee du’e. Qulqullichi Yohaanisii fi Qulqullichi Pheexiroos hidhamaniiru. (Hoji.Du.Bu. 4:1-4).  Qulqullichi Yaa’iqoob, obbolleessi Qulqulluu Yohaannis harka mooticha Heerodisitiin rakkina fudhate. (Hoji Du.Bu. 12:1-2) Seefii dhaan Yaa’iqoobinis ajjeessan. Pheexiroosiinis ni hiidhan.(Hoji Du.Bu. 12:5-19).  Qulqulluun Phaawuloos fi Silaas waliin hiidhamaniiru. (Hoji. Du.Bu. 16:25-34) Yaarusaaleem keessatti, Qulqullichi Phaawuloos ni hiidhame. Waaqayyoos isaaf mul’atee ni jajjabeesses akkuma jedhu.( Hoji Du.Bu. 23:10-23)

Duuka Bu’oonni Gooftaa Ilma namaa kan jedhame Iyyaasuus Kiristoos adduunyaa kana dabarsuuf lammaffaa deebi’ee yeroo dhufu hanga ni farraddu jedhuutti kabaja kan argatan rakkinaa fi qoruumsa guddaatiin, galmee samii keessatti aboo kan argatan dhiigaan amma qabsuuranitti.  Kanaafuu, Fannoo baachuunis kan dhugoomu rakkina fi dhiiphinaatiini.

5. Gatii Rakkina Keessatti Cimuu Fi Jabaachuutiin Argamu

Rakkinni sababa cubbuu keenyaaf nu irra ga’u jireenya Samii irraaf waamicha gabbii Waaqayyoo ta’uu isaa yeroo hunda yaadachuun ni barbaachisa. “Du’a nama du’aa hin eeyyamuutii jedha Waaqayyo Gooftaan, kanaafuu deebi’aatii lubbuun (jireenyaan) jiraadhaa” (Hiisq. 18:32) jedha. Kanaafuu, rakkina sababa cubbuutiin dhufu gabbii galuudhaan ce’uun ni barbaachiisa.

Rakkina keessatti jabaachuun lafa irratti keennawwan garaa garaa kan nuuf keennisiisu, samii irratti immoo gonfoo Samii karaa ittiin arganuuti. Qulqullichi Yaa’iqoob “Namni qoruumsa keessatti jaabate (cime) inni ni fayya” (Yaa’i. 1:12) jedha. Qulqullichi Yohaanisiis Mul’ata isaan “Guyyaa kudhanis rakkina ni fudhattu, hanga du’aattis kan amanamte ta’i, gonfoo jireenyaas siifan kennaa” (Mul. Yoh. 2:10) jechuu dhaan kabaja rakkina keessatti argamu ni mul’isa. Aadaa Macaafa Qulqulluu keessatti lakkoobsi kudhan raawwatee guutuu fi waanta guutuu ta’e bakka bu’a, kanaafis kabajaa fi gatii fudhachuutiin dura raawwii kan qabuu fi guutuu akka ta’u Duuka Bu’aan icitii, guyyaa kudhanis rakkina ni fudhattu jechuun icitiin nutti himeera.

6. Rakkina keessatti jabaatanii gatii Samii irraa fudhachuuf Maaltu nu irraa barbaachisa ykn eeggama?

Kaayyoon Kiristaanootaa akka walii galaatti Mootumaa Waaqayyoo seenuu dha. Gara Mootummaa Waaqayyootti seenuuf, biyya abdachiifamte ishee Samii keessa jiraachuuf rakkina cimaatu nu eeggata. Badhaasa kana argachuuf immoo rakkina keessatti cimuutu nu irraa eeggama. Akkamitti yoo jettan:-

1ffaa:- inni guddaan fi bu’uurri kadhannaa dha. Dhalli namaa jiraachuu dhaaf afuura baafachuu qaba, namni qilleensa yoo dhabee fi afuura baafachuu yoo hin dandeenye lubbuun isaa foon isaatti adda baati, qilleensa amma osoo hin taane lakkii boodan barbaada namni jedhe qilleensa baafachuuf yeroo daangeeffatu hin jiruuti. Daangaa yeroo (sa’aatii) malee dhalli namaa hunduu ni barbaada.

Qilleensi amma kana yoo kan barbaachisu ta’e, Waaqni qilleensa uume dhala namaatiif hammam kan barbaachiisu haa ta’u? Qulqullichi Gorgoriyoos inni Inzinaazuu “For we ought to think of God even more often than we draw our breath” jechuunis “Waaqayyoon qilleensa afuura baafattu caalaa yaadadhu” jechuun jireenya keenya keessatti hammam akka nu barbaachiisu nutti hima. (Gregory of Nzianzus on the five theological orations, page 4).

Akka Kiristaana Tokkootti waa’ee ammaa, gara fuulduraa, waa’ee waanta nuuf raawwatamee, kan hin raawwatamneefis, kan nuuf raawwatuufis (fuulduratti) hundumaaf akka kadhannuuf Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa nu barsiisti.

Qulqullichi Yohaannis Kan Qiliimaaqoos “Ulee kadhannaa harkatti yoo qabattan hin kuftanii, yoo kuftaniis kufaatiin keessan du’aaf kan qaqqabsiisu hin ta’u” (John climacus, on the Ladder of Divine Ascent) jechuun nu gorsa. Qoruumsii fi rakkinni nu qaqqabee mitiitii, yeroo nagaa keenyaa illee kadhannaa addaan kutuu fi dhiisuu akka hin qabne Gooftaan keenya yeroo nu barsiisu “Gara qoruumsaatti akka hin galleef jabaadhaati kadhadhaa” (Maat. 26:41) jechuun nu ajajee isatti aansuun Duuka Bu’aan Qulqullichi Phaawuloos immoo “Utuu adda hin kuutiin Kadhadhaa” (1ffaaTaas. 5:17) jechuun nu gorsa. Akkasumas miilla Duuka Bu’ootaan kan bakka bu’an Abbootiin beektoonnis kan nu barsiisan kadhaannan jireenya Afuuraa Kiristaanummaa irraa adda ba’uu kan hin qabne jireenya Afuuraatiif isa bu’uuraati nuun jedhu.

7. Rakkina akkamitti Moo’anna /injifanna/?

Kiristaanootaaf rakkinni Abbootiin akkuma dubbatan daandii ittiin madaalamanii gara olitti guddachuuti. Akkuma warqeen Warqii ta’uu isaaf Ibidda keessa darbu akka jechuuti. Rakkinoota nu muudatan garuu akkamiin injifanna yoo jenne qabxiiwwan armaan gadii haa ilaallu.

  • Obsa:- “Iyoob ni obse, Waaqayyoonis ni dhaga’e” /Yaa’i. 5:11/ jedhamee akka barreeffame obsa haa qabaannu. Kan hin qoramiin kan eebbifame dha hin jedhamne, kan qoramee, qormaticha keessattis jabaate jedhame malee. Kana waan ta’eefis Gooftaa keenyaa fi Isa fakkaatanii Qulqulloota argaman hundumaa yoo ilaallee, Fannoo isaa baachuutiin rakkinnaan fakkaanne obsaan isa hordofuutu nu barbaachisa. Duuka Bu’oota irraa kan barannuus isa kana waan ta’eefi. Isaan Qulqulloota jedhamanii dhaloota biratti kabajamuu isaaniif obsi isaan yeroo rakkinni isaan qaqqabe obsan; yaa’ii duratti rakkinni yeroo isaanitti jabeeffamu, yeroo tuffatamanii fi jibbaman sana duratti akkuma kaasne “Yaa’icha Duraatti waan tuffatamaniif gammadaa (isaanitti tolaa) gadi ba’an” akka jedhu rakkina kennaa dhaan, Ameen nuuf ta’a jechuun simatan.(Hoji. Du. Bu. 5:41)
  • Jaalala:– “Jaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa? Rakkinna moo dhiphinaa?” (Room. 8:35) irratti jedhamuun akka barreefame Jaalala kan qabu rakkina ni obsa. /1ffaa Qoro. 13:7/

Kan nu sodaachiisuu qabu Waaqayyoo irraa adda bahuu dha malee, utuu daandii Waaqayyoo irra deemnuu rakkina nutti dhufuuf dhiiphachuu hin qabnu. Agarsiistuu fi Ibsituun jireenya Kiristaanummaas ta’e jaalala Waaqayyoo Fannoo Isaa baachuun rakkina fudhatanii Isa hordofuu dha. Tajaajilaa fi amanataan waa’ee Waaqayyoo fi Jaalala Mana Kiristaanaa hubates hundumaa dhiisee Gooftaa isaa faana bu’uuf daandii qajeelaa, dhugaa fi Sirrii taate irra adeemuuf ariifata malee daandii dhugaa irraa maquuf sababa rakkinoota kan godhatu miti. Waantotni baay’ee nama sodaachiisan illee yoo qunnaman illee gara boodeetti kan deebi’u miti. Qulqulloonni hundumtuu akkuma dhiisanii isa hordofan jaalalli Waaqayyoo hanga mataa ofii ganuutti nama qaqqabsiisa waan ta’eefi. (Maat. 19:19)

  • Jabina:- Tokkoon tokkoon tajaajilaa rakkina mataa isaati qaba. Bu’aan isaas jabinaan mul’ata. “Tokkoon tokkoon akkuma dadhabbi isaatitti kaffaltii gatii isaas ni fudhata” akkuma jedhame jabinni murteessaa dha.

“Hundumaan ni dhiibamna malee hin yaaddoofnnu, ni godaansifamna (ari’atamna) malee hin darbatamnu” jechuun Qulqullichi Phaawuloos akkuma dubbate kutannoo tajaajilaaf qabnu jabinaan agarsiisuutu barbaachiisa.

Xumura irrattis Jireenyi Kiristaanummaa rakkinni isaa baay’ee gatiin isaas caalaatti hedduu dhaatii Obsaan, jaalalaan, jabinaan taanee haa tattaafannu. Jabina rakkinaatiin fakkaannee, Fannoo Isaa baannee yoo deddeebine kabajaa nu goonfachiisa. Hundumaa biratti waa’ee maqaa Kootiif Kan jibbamtan ni taatu Hamma Xumuraatti kan jabaatu garuu inni ni Fayya akkuma jedhu, /Maat. 10:22/

Guduunfaa

Jireenyi Kiristaanummaa salphaatti kan ilaalamu osoo hin taane cimaa fi ulfaataadha. Yoo kana hubanne immoo dhugaa qabnu irratti hundoofnee yoo rakkinoonni nu muudatan “Fannoo haa baatu” isa jedhu qalbeffachuutu nu barbaachisa.

Walumaagalatti amanataa dhugaa kan hunduu jireenya qoruumsaa fi rakkinaan guutame adduunya kana keessa jiruu fi akkataa jalaa ittiin oollu, Waaqayyo rakkina keessatti maaliif akka callisu, rakkina keessattii obsuun Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qabu fi kkf hundumaa sirritti hubachuu dhaaf, Doonii (Bidiruu) kan jedhamte Mana Kiristaanaatti jabaachuudhaan, bidiruu kana kan oofuu Gooftaa fi Qooricha keenya Iyyaasuus Kiristoositti amanuu dhaan qoruumsa adduunyaa kanaa hundumaa darbuudhaan bakka ga’uumsaa kan jedhamte Mootummaa Waaqayyoo dhaalchisuu fi galchuu kan danda’u jireenya Ortodoksawaa jiraachuu qaba. Kanaafuu, Qulqulluu Fannoo Kiristoos qabannee, Gooftaa keenya rakkinaan fakkaannee, obsaa fi jabinaan dhaabbannee, Mootummaa Isaa akka dhaalluuf nu haa dandeessisu.

Maddoota barreefamichaa

  1. Maxxansa Haamar yeroo 18ffaa lakkoofsa 6, Fulbaana 2003
  2. https://hamer.eotcmk.org/hamer-online/item/342-2021-04-07-13-18-57

Galanni Waaqayyoof!

Haadha Isaa Qulqulleetti Maariyaamiif!

Ulfaataa Fannoo Isaaf Haa Ta’u!!!