Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen

Dhimmoota  Yeroo ilaalchisuudhaan Ibsa Waldaa Qulqullootaa Irraa Kenname

Manni Kiristaanaa Baroota 1950 irraa eegaltee Kallattii hundumaan Waraanni xiin-Yaadaa irratti taasifamaa tureera. Waraanni xiin-Yaadaa kun yeroodhaa gara yerootti gara waraana caaseeffamaatti guddachuun yeroo ammaa sadarkaa har’a irra jirru kana irra geenyee jirra. Miidhaa baroota dheeraa kana keessatti Mana Kiristaanaa irra gahaa ture agarsiistoo kan ta’an raawwwiiwwan hedduu caqasuun ni danda’ama.

 Fakkeenyaaf baroota darban keessa naannoowwan Adda addaatti Kiristaanotni Kiristaanota waanuma ta’an qofaaf  adda baafamanii ajjeefamuu, ari’atamuu, gubachuu Mana Kiristaanaa, saamamuu qabeenya Kiristaanotaa, tokko yoo ta’u, Qabeenya ibsama eenyummaa ishee kan ta’an daangaa /qarqaraa/ hanga walakkaatti saamuu fi balleessuu  darbees qaamota isaan birootiif tajaajila akka laatu taasifamuun immoo agarsiistuu adda ta’ee dha.

Keessattuu bara amma keessa jirru kana keessatti Miidhaa Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru Adda kan isa taasisu, bilisummaa, wal-qixxummaa, wal danda’uu fi waliin jiraachuu jechoota jedhaman dawoo taasifachuu isaati. Bilisummaa, wal qixxummaa, isaan biroo akka ofii taasifatanii jaalachuun bu’uura barsiifata Kiristaanummaa keenya akkuma ta’uu isaatti hawaasni Kiristaanaa keenya kana aadaa isaa taasifatee jiraachaa tureera. Kana Ta’uu isaatiinis hawaasni Kiristaanaa hanga har’aatti, gidiraa fi qormaata suukaneessaa irra gahaa jiru kana nageenyaa fi tokkummaa biyyattii dursiisuun fi dandeettii fageessee yaaduu waan goonfateef akkasuma illee abdii gara fuula duraatti ni fooyya’a jedhuu fi jijjiiramni ni dhufa jedhuun obsa daangaa darbeen obsee dabarsaa turee jira. Garuu, obsi kun akka gowwummaa fi sodaatti lakkaawamuun inni ni fooyya’a jennee gara bal’inaan eegaa turre caalaattuu, ibsamni Eenyummaa Mana Kiristaanaa ta’an, iddoowwan waaqeeffannaa ishee saamamuun itti cimaa dhufeera. Kana irraas kan ka’e Baadiyyaatti inni jalqabame Manni Kiristaanaa Ayyaanota adda babbayiidhaaf kan itti fayyadamtu iddoowwan Waaqeeffannaa ishee irraa fudhachuu fi tajaajila birootiif oolchuun guddachaa dhufee, sadarkaa guutuu Addunyaatti Ayyaana kan itti kabajju iddoo kabaja Fannoo tajaajila birootiif oolchuu fi yaalii dabarsanii laachuu sadarkaa arguu irra gahuun keenya, Miidhaan kun sadarkaa guddaa irra gahuusaaf agarsiisa guddaa dha.

Kana Hundumaa wajjiin qabiyyeen isaa maalis haa ta’u maal Qulqulluu Paatriyaarkiin akka namaatti Miira itti dhagahamuu fi yaada isaanii ibsachuu danda’uun mirgaa uumamaa isaanii ta’ee osoo jiru, dubbii isaanii akka fedhii siyaasa isaanii bakkaan gahachuuf akka milkaa’inaatti fayyadamanii Siinoodoosii qoqqooduu fi laaffisuuf darbees dhaabbata tokkummaa ishee walitti buusuuf gurmaa’inni taasifamaa jiru baay’isee kan nama gaddisiisu ta’ee arganneerra.

Dabalataanis, raawwii Mana Kiristaanaa kana godaansisuu keessatti Qaamota ishee dhimmichaaf itti fayyadamuuf fageenyi deemame dhimmicha baay’isee yaaddeesaa isa taasisa.

Isaan Kana Hundumaa iddoo tokkotti yommuu  ilaallu Hawaasa idil-Addunyaa fi qaamota birootiif mitii Kiristaanota hundumaaf illee karaa qixatti ifa hin taaneen Mannni Kiristaanaa Godaansa Irra jiraachuu ishee muul’isa.

Kanaaf:-

1ffaa.  Hawaasni Kiristaanaa hundi keenya Manni Kiristaanaa yeroo kam iyyuu caalaa godaansa irra akka jirtu hubannee akka Abbootii keenya darbanii daandii isaan Godaansa Mana Kiristaanaa simataniin simachuuf qophaa’uu qabna.

2ffaa. Qaamota Mana Kiristaanaa Taatanii garuu Miidhaa Mana Kiristaanaa irratti tooftaa fi haala dhokataa ta’een irra gahaa jiru hubachuu dadhabuudhaan sadarkaalee adda addaatiin qaama rakkina kana cimsu ta’aa kan jirtan gocha keessan kana duubatti deebitanii ilaaluun akka irraa of qusattan akeekkachiisna.

3ffaa.  Mana Kiristaanaatti Iddoo itti gaafatamummaa irra teessaniii mirga Mana Kiristaanaa eegsisuu fi adaraa /yaboo/ Amantoota eeguuf isinitti laatame faayidaa yerootii fi fedhii siyaasaaf fayyadamaa qaamotni of taasistan gocha keessan kana irraa akka of qusattan isin beeksisuu barbaanna. Dabalataanis, Qulqulluu Paatriyaarikii wajjiin wal qabatee beekkamtii Qulqulluu Siinoodoosii fi qajeelcha isheetiin ala akkasumas, sirna Mana Kiristaanaa bifa hin hordofneen qaamotni sosochii taasisan gocha isaanii kana irraa akka of qusatan yaadachiisuu barbaanna.

4ffaa. Lammiiwwan Itiyoophiyaa Biyyaa fi nageenya jaalattoota ta’an Mana Kiristaanaa irratti karaa tokkummaa fi qindaa’een dhiibamaa fi Godaansa ishee kana hubatanii Mana Kiristaanaa Maddii akka dhaabbatanii fi rakkinoota kana dhabamsiisuuf gahee isaanii akka bahan ni gaafanna.

5ffaa. Yeroo dhiyoo booda diinotni Mana Kiristaanaa Caaseeffama mootummaa fayyadamanii Mana Kiristaanaa keenya karaalee adda addaatiin yeroo miidhaa irraan gahan, Kiristaanota yeroo ajjeesan, fi yeroo qa’ee isaanii irraa buqqisan mootummaan ibsaa kan ture ta’us, garuu, guyyaa tokkoo ifatti ba’ee dhiifama gaafatee hin beeku. Birqabaan, qaamotni biroo qabeenyawwan Mana Kiristaanaa irratti gaaffii seeraan alaa kaasaniif deebii kennuuf deemsa dheeraa taasisuuf fageenya dheeraa deemuun dhiifama yeroo gaafatu ni muul’ata. Kun godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru miidhaa mootummaadhaan irratti taasisfaamaa jiru ta’ee akka fudhatamu taasiseera. Kanaaf, mootummaan godaansi Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru  dhaabsisuuf gahee isaa akka bahatu waamicha dabarsina

6ffaa. Mootummaan murtiiwwan yeroo murteessu bifa amma muul’achaa jiruun, iyyaa fi mirga Mana Kiristaanaa dhiibaa haqummaas jal’isaa kan deemuu fi godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru  dhaabsisuuf gahee isaa kan hin baanee fi hin dhaabsisne yoo ta’e, nageenya dhabuu gahuu fi rakkina dhufuuf itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’uu qalbeeffachiisuu jaalanna.

7ffaa. Dhuma irrattis Amantoota dhimma kana wajjiin wal qabatee  haalota gara fuula duraatti jiraatan hordofaa kan ibsinu ta’uu hubattanii dammaqinaan akka hordoftan isin hubachiisuu barbaanna.

Caamsaa guyyaa 3/2013  B.A.

Waldaa Qulqullootaa