Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!

in Tibbana

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen

Dhimmoota  Yeroo ilaalchisuudhaan Ibsa Waldaa Qulqullootaa Irraa Kenname

Manni Kiristaanaa Baroota 1950 irraa eegaltee Kallattii hundumaan Waraanni xiin-Yaadaa irratti taasifamaa tureera. Waraanni xiin-Yaadaa kun yeroodhaa gara yerootti gara waraana caaseeffamaatti guddachuun yeroo ammaa sadarkaa har’a irra jirru kana irra geenyee jirra. Miidhaa baroota dheeraa kana keessatti Mana Kiristaanaa irra gahaa ture agarsiistoo kan ta’an raawwwiiwwan hedduu caqasuun ni danda’ama.

 Fakkeenyaaf baroota darban keessa naannoowwan Adda addaatti Kiristaanotni Kiristaanota waanuma ta’an qofaaf  adda baafamanii ajjeefamuu, ari’atamuu, gubachuu Mana Kiristaanaa, saamamuu qabeenya Kiristaanotaa, tokko yoo ta’u, Qabeenya ibsama eenyummaa ishee kan ta’an daangaa /qarqaraa/ hanga walakkaatti saamuu fi balleessuu  darbees qaamota isaan birootiif tajaajila akka laatu taasifamuun immoo agarsiistuu adda ta’ee dha.

Keessattuu bara amma keessa jirru kana keessatti Miidhaa Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru Adda kan isa taasisu, bilisummaa, wal-qixxummaa, wal danda’uu fi waliin jiraachuu jechoota jedhaman dawoo taasifachuu isaati. Bilisummaa, wal qixxummaa, isaan biroo akka ofii taasifatanii jaalachuun bu’uura barsiifata Kiristaanummaa keenya akkuma ta’uu isaatti hawaasni Kiristaanaa keenya kana aadaa isaa taasifatee jiraachaa tureera. Kana Ta’uu isaatiinis hawaasni Kiristaanaa hanga har’aatti, gidiraa fi qormaata suukaneessaa irra gahaa jiru kana nageenyaa fi tokkummaa biyyattii dursiisuun fi dandeettii fageessee yaaduu waan goonfateef akkasuma illee abdii gara fuula duraatti ni fooyya’a jedhuu fi jijjiiramni ni dhufa jedhuun obsa daangaa darbeen obsee dabarsaa turee jira. Garuu, obsi kun akka gowwummaa fi sodaatti lakkaawamuun inni ni fooyya’a jennee gara bal’inaan eegaa turre caalaattuu, ibsamni Eenyummaa Mana Kiristaanaa ta’an, iddoowwan waaqeeffannaa ishee saamamuun itti cimaa dhufeera. Kana irraas kan ka’e Baadiyyaatti inni jalqabame Manni Kiristaanaa Ayyaanota adda babbayiidhaaf kan itti fayyadamtu iddoowwan Waaqeeffannaa ishee irraa fudhachuu fi tajaajila birootiif oolchuun guddachaa dhufee, sadarkaa guutuu Addunyaatti Ayyaana kan itti kabajju iddoo kabaja Fannoo tajaajila birootiif oolchuu fi yaalii dabarsanii laachuu sadarkaa arguu irra gahuun keenya, Miidhaan kun sadarkaa guddaa irra gahuusaaf agarsiisa guddaa dha.

Kana Hundumaa wajjiin qabiyyeen isaa maalis haa ta’u maal Qulqulluu Paatriyaarkiin akka namaatti Miira itti dhagahamuu fi yaada isaanii ibsachuu danda’uun mirgaa uumamaa isaanii ta’ee osoo jiru, dubbii isaanii akka fedhii siyaasa isaanii bakkaan gahachuuf akka milkaa’inaatti fayyadamanii Siinoodoosii qoqqooduu fi laaffisuuf darbees dhaabbata tokkummaa ishee walitti buusuuf gurmaa’inni taasifamaa jiru baay’isee kan nama gaddisiisu ta’ee arganneerra.

Dabalataanis, raawwii Mana Kiristaanaa kana godaansisuu keessatti Qaamota ishee dhimmichaaf itti fayyadamuuf fageenyi deemame dhimmicha baay’isee yaaddeesaa isa taasisa.

Isaan Kana Hundumaa iddoo tokkotti yommuu  ilaallu Hawaasa idil-Addunyaa fi qaamota birootiif mitii Kiristaanota hundumaaf illee karaa qixatti ifa hin taaneen Mannni Kiristaanaa Godaansa Irra jiraachuu ishee muul’isa.

Kanaaf:-

1ffaa.  Hawaasni Kiristaanaa hundi keenya Manni Kiristaanaa yeroo kam iyyuu caalaa godaansa irra akka jirtu hubannee akka Abbootii keenya darbanii daandii isaan Godaansa Mana Kiristaanaa simataniin simachuuf qophaa’uu qabna.

2ffaa. Qaamota Mana Kiristaanaa Taatanii garuu Miidhaa Mana Kiristaanaa irratti tooftaa fi haala dhokataa ta’een irra gahaa jiru hubachuu dadhabuudhaan sadarkaalee adda addaatiin qaama rakkina kana cimsu ta’aa kan jirtan gocha keessan kana duubatti deebitanii ilaaluun akka irraa of qusattan akeekkachiisna.

3ffaa.  Mana Kiristaanaatti Iddoo itti gaafatamummaa irra teessaniii mirga Mana Kiristaanaa eegsisuu fi adaraa /yaboo/ Amantoota eeguuf isinitti laatame faayidaa yerootii fi fedhii siyaasaaf fayyadamaa qaamotni of taasistan gocha keessan kana irraa akka of qusattan isin beeksisuu barbaanna. Dabalataanis, Qulqulluu Paatriyaarikii wajjiin wal qabatee beekkamtii Qulqulluu Siinoodoosii fi qajeelcha isheetiin ala akkasumas, sirna Mana Kiristaanaa bifa hin hordofneen qaamotni sosochii taasisan gocha isaanii kana irraa akka of qusatan yaadachiisuu barbaanna.

4ffaa. Lammiiwwan Itiyoophiyaa Biyyaa fi nageenya jaalattoota ta’an Mana Kiristaanaa irratti karaa tokkummaa fi qindaa’een dhiibamaa fi Godaansa ishee kana hubatanii Mana Kiristaanaa Maddii akka dhaabbatanii fi rakkinoota kana dhabamsiisuuf gahee isaanii akka bahan ni gaafanna.

5ffaa. Yeroo dhiyoo booda diinotni Mana Kiristaanaa Caaseeffama mootummaa fayyadamanii Mana Kiristaanaa keenya karaalee adda addaatiin yeroo miidhaa irraan gahan, Kiristaanota yeroo ajjeesan, fi yeroo qa’ee isaanii irraa buqqisan mootummaan ibsaa kan ture ta’us, garuu, guyyaa tokkoo ifatti ba’ee dhiifama gaafatee hin beeku. Birqabaan, qaamotni biroo qabeenyawwan Mana Kiristaanaa irratti gaaffii seeraan alaa kaasaniif deebii kennuuf deemsa dheeraa taasisuuf fageenya dheeraa deemuun dhiifama yeroo gaafatu ni muul’ata. Kun godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru miidhaa mootummaadhaan irratti taasisfaamaa jiru ta’ee akka fudhatamu taasiseera. Kanaaf, mootummaan godaansi Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru  dhaabsisuuf gahee isaa akka bahatu waamicha dabarsina

6ffaa. Mootummaan murtiiwwan yeroo murteessu bifa amma muul’achaa jiruun, iyyaa fi mirga Mana Kiristaanaa dhiibaa haqummaas jal’isaa kan deemuu fi godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru  dhaabsisuuf gahee isaa kan hin baanee fi hin dhaabsisne yoo ta’e, nageenya dhabuu gahuu fi rakkina dhufuuf itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’uu qalbeeffachiisuu jaalanna.

7ffaa. Dhuma irrattis Amantoota dhimma kana wajjiin wal qabatee  haalota gara fuula duraatti jiraatan hordofaa kan ibsinu ta’uu hubattanii dammaqinaan akka hordoftan isin hubachiisuu barbaanna.

Caamsaa guyyaa 3/2013  B.A.

Waldaa Qulqullootaa

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2021-05-14 09:42:062021-05-14 11:12:20Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20 Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20 “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.”... Link to: Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename. Link to: Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename. Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi...
Scroll to top