Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Sooma Raajotaa

in Tibbana

Sooma Raajotaa

Sooma jechuun yeroo murtaa’eef nyaatotaafi dhugaatiiwwan bu’aa beeladaa ta’aniifi nama macheessan iraa lagachuu jechuu dha. Isaan kunis foon namaa gabbisuun cubbuutti kan nama saaxilaniifi mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf kan uumamte lubbuu keenya kan daandiisaarraa fageessani dha. Qulqulloonni qaama isaanii dadhabsuuf kan soomaa turan ,nyaatni biyya lafaa foon namaa gabbisuuf malee lubbuu keenyaaf akka faayidaa hin qabne hubatanii jiru. Kanumaaf Qulqullichi Daawit faarsasaa keessatti soomaan of dadhabsiise; qaamni koos dhadhaa dhabuun huqqate” jechuun kan barreesse (Faarsa 108/109:24)

Soomni ajaja jalqabaa ta’uun abbaa keenya Addaamiifi haadha keenya Hewaanitti kan himame dha. Bara Gannata keessa turan baala du’aaf isaan saaxiltu sana akka hin nyaanne itti himamee ture. Yoo isheerraa nyaatan du’a bara baraa akka du’an dhagahanii turan, garuu kana darbuun nyaachuun duuti isaan booji’e.(Uuma. 2:16). Warri seera Waaqaaf abboomamuun soomaa turan balaafi du’a jalaa baraaramaniiru. Qulqulluu Iziraanis diinota karaatti isaan eegaa turanirraa Waaqayyoo isaan eegaa akka ture, kadhaa isaan kadhatanis akka Gooftaan isaan dhagaye nutti hima.(Izi.8:21-23).Kana malees Qulqullichi Iyyu’eel raajiisaa keessatti “Sooma ulfeessaa” jechuun nuu dhaameera (Iyu.2:1).

Raajonnis ta’an Dduuka bu’oonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos ajajuma kanarratti hundaa’uun soomaa turan. Soomuun isaanii ammo fooniin gaddanii, gammachuu lubbuu gonfachuun cubbuu mo’achuu danda’aniiru. Uummatnni Nanawee sababa soomaan du’arraa akkuma baraaraman, nutis akkuma uummata sanaa yoo qalbii jijjiirrannee laphee cabeen soomne du’arra ni bararamna. Abbootiin keenya waa’ee soomaa akkana jechuun ibsu: “Soomni haadha kadhannaa, obboleettii callisuu, burqaa imimmaan qalbii jijjiirrachuu isa dhugaafi hundee eegala qabsuura hundaa ti” (Kitaaba Monoksootaa, 316). Walumaa galatti, Soomni ajaja Gooftaa keenyaa waan ta’eef akkuma warri qulqullummaan soomuun fayyadaman sana nutis yoo soomne faayidaa arganna.

Gara ka’umsa keenyaatti deebinee waa’ee sooma raajotaa haa ilaallu. Raajotni hundumtuu ajaja isaaniif kenname hojiirra oolchaa otoo daandii Waaqayyoorraa adda hin bahiin tajaajilaa turaniiru. Kaayyoon soomasaanii inni guddaan waa’ee nama ta’uu Waaqaayyoo arguuf hawwuudhaani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Addaamiifi ijoolleesaa fayyisuuf “samiirraa bu’een, dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa” jedhee waadaa galuun abdii laateefii ture. Fiixaan bayiinsa waadaa kanaaf Gooftaan keenya samiirraa bu’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Qulqullootaa Dubroo Maariyaamii uffatee nama ta’uun ni dhufa, ni dhalatas jedhanii abdiifi obsaan waan eeggachaa turaniifi dha.

Abdiin isaaniis otoo hin fashaliin akkuma qalbii qulqullummaatiin soomaa turan sana, Gooftaan keenyas isaan hin qaanessine; akkuma tokkummaan walii galuun sooman, kadhannaan isaanii dhagahamee guyyaa dhumaa baatii Mudde, Beeteliheem dallaa Loonii keessatti dhalate. Raajotni baatii tokkoofi walakkaaf soomaa Dhalachuu Gooftaa keenyaaf mi’aa addunyaa kana irraa of lagan. Nutis kana hubannee yoo hojiirra oolchinee Waaqayyoon tajaajillee sugaafi eebba isaatiin fayyina arganna.

Waan gaarii hawwuun, foonsaanii abboomaa badhaasa afuuraa bor argachuu danda’aniif of qopheessaa turan. Nyaata foonii beela’uun dhalachuufi nama ta’uu fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos arguuf ija afuuraan ilaalaa turan; boodarra isaan du’aan daangeffamanillee dhalachuunsaa dhugaa ta’eera. Kan isaan daawitii raajiin arganii dubbatan ifa ba’ee mul’ate; dirreen Beetelheemis ililleettiifi gammaachuun guutamte.

Akka dudhaafi barumsa mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaatti, baatiin sooma Raajotaa kutaalee adda addaa ni qaba. Keessumaayyuu, torbeewwan sadan guyyaa Dhalootaa dura jiran moggaasa adda addaa ni qabu:

  1. Lallaba (ስብከት) Faarsa 143:7
  2. Ifa (ብርሃን)
  3. Tiksee (ኖላዊ) (Faarsa 79/80:1) Noolaawii jechuun afaan gi’iiziin tikee jechuu dha. Gooftaan keenya halkaniifi guyyaa hamaa hunda irraa kan nu tikisu ta’uu kan itti lallabamudha.

Hangafni Raajotaa Museen soomuun ajajawwan kurnan Waaqayyoorraa fudhachuuf carroome, Nahiimiyaanis Gooftaa samii fuulduratti soomaa ture (Nah.1:4). Soomni nyaatawwan gosa fooniifi dhugaatiiwwan cubbuuf nama kakaasan qofaa lagachuu otoo hin ta’iin badiiwwan hundumaa raawwachuufi fagaachuu irraas ta’uu qaba. Qulqullichi Yaareedis “ይጹምዐይን፥ይጹምልሳን፥ዕዝንኒይጹምእምሰሚዐሕሱምበተፋቅሮ፤jaalala bu’uureffachuun ijji waan hamaa arguurraa haa soomu, arrabni hamaa dubbachuurraa haa soomu, gurris hamaa dhagahuurraa haa soomu››jechuun ibseera (Tsoome Digguwaa).

Akkuma Raajotni waan gaarii barbaachaaf soomaan Waaqayoo fuulduraatti eebba argatan sana nutis sooma dhugaa soomnee akka eebba Gooftaa keenyaa argannu Inni nu haa gargaaru. Sugniifi Eebbi Raajotaa hunduma keenyarra haa bulu. Ameen.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-11-29 12:43:372018-10-26 09:21:04Sooma Raajotaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa Manneen Amantaa misoomaan akka of danda’aniif carraaquun akka barbaachisu ibse! Link to: Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa Manneen Amantaa misoomaan akka of danda’aniif carraaquun akka barbaachisu ibse! Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa Manneen Amantaa misoomaan akka of danda’aniif... Link to: Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Link to: Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos
Scroll to top