“Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)

Jecha kana Namoota Dooniidhaan Oddoola Iyyoophee irraa gara Tarsees deemaa jirantu raajicha Yoonaasitti dubbate. Yoonaas Raajoota Waaqayyoo kudha jahan keessaa isa tokko dha. Raajaan kun abbaan isaa Amaatee kan jedhamu yoo ta’u, nama gosa Yisaakoori dha. Yoonaas jechuun guugee, garraamii jechuu dha. Raajichi Yoonaas Waaqayyoo tajaajilaa nama jiraate dha.

Waaqayyoon tajaajilaa Isaa Raajicha Yoonas kana dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dura bara 1612 gara namoota Nanaweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii gara Waaqayyootti akka deebi’an; kana ta’uu baannaan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyo akka malee gaddisiisan illee Inni samii irraa abidda roobsee magaalittii bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu osoo danda’u arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “Hammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaalaa guddittii Nanawee deemi; sagalee koos isaaniif   lallabi.” jechuun Raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garuu, ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabe. Osoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa buusanii Raajicha Yoonas irratti bu’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “Yaa Waaqayyoo, lubbuu nama kanaaf jecha nu hin balleessin; Ati akka jaalatte godhi.’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonaas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadii fi halkan sadiif garaa qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booda gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonaas garaa qurxummii guddichaa sana keessatti gaabbee Waaqayyo kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanaweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanaweef  “Guyyaa sadi keessatti Nanaween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawee battaluma dubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyo amananii cubbuu raawwataniif ni gaabbani. Raajii Yoonaas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawees Waaqayyo ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hin jenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawee akkuma qaqqabeen teessoo mootummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaa isaa baafachuun gadda guddaan liqimsamee daaraa irras ni taa’e. Nanawee keessatti “Namoonni fi beelladoonni biroon waan tokko akka hin sooranne, akka hin bobbaane, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis haa gaddan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa hammeenyaa fi cubbuu irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haa qajeelchu, dheekkamsa Isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyo mufachiise gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan Isaa daangaa hin qabne kan Kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwanne cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebi’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Sooma jechuun qaama ofii cubbuu irraa dhoowwachuu fi fedhii lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Ykn wantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu dhiisuu jechuu dha. Kunis, soomiin namni wantoota fooniin fedhuu fi kajeelu hunda otoo raawwachuu danda’u yeroo murtaa’eef lagachuun /dhiisuun/ qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomanni qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa of qusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomni ni jira. Soomni amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenname sooma ture.  Innis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangeessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u, beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  S.Uum. 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyo akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun /barsiisuun/ Isaa soomni kan namaan uumame otoo hin taane ajaja Waaqayyoo irraa faayidaa namaatiif jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Duraa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru. Raajoonni Kakuu Duraa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaani fi bishaan afaan isaanitti hin seenu ture. (S.Bahuu 34:28).  Dheekkamsi Waaqayyoo kan baay’ina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebi’e, ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomni seera nam-tolchee osoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ofuma Isaa bara Namoomaa (ሥጋዌ) biyya lafaa kana irra turetti hojii Isaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2 Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka Buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. HDB 13:2. Luboonnii fi Diyaaqonoonni Wangeela akka lallaban ennaa filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaani dha. HDB 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos ulfina guddaa kan argatan soomaa fi kadhannaan Uumaa isaanii kadhatanii ti. HDB 10:4

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleen ishee jireenya Afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna Mana Kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomnu torba yoo ta’an, isaan keessa tokko mata duree barreeffama /barumsa/ kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawee kan jedhamuu dha. Moggaasni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaalaa Nanawee jedhamtu irraa ti. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatani fi dhiifama ittiin argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaanitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waanni nuti barumsa kana irraa argannu:-

  1.  Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyo kadhachuun fala kan argannu ta’uu,
  2.  Yoonaas irraa; Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu. Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’u fi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota birootti quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan garuu badii irraa akka oolan of irratti murteessee hojii irra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa).
  3. Uumamni hundi Waaqayyoof  kan ajajamu ta’uu fi Waaqayyoof wanti dadhabamu akka hin jirre.
  4. Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hin balleessin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama Isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.
  5. Jiraattoota magaalaa Nanawee irraa; Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amu dha.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa, jedha.” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti Qulqulleettiin Manni Kiristaana keenya Ortodoksi Tawaahidoon hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqaa hojii irra ni oolchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajaa Isaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa; soomis labsaa” jechuun barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawee hammeenyaa fi cubbuu nu balleesuudhaaf nu marsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaa fi kadhannaa gaabbiin deegarameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannufi dha. Soomni kennaa Waaqayyoo akka rakkinaa, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nu qunnamee fi nu quunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’uu isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irratti kan bu’uureeffame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyu fi tarkaanfiin fudhannu fedha /yaada/ Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, namni yoomiyyuu taanaan akka raajicha Isaayiyyas irra bulee Waaqayyoon dubbate “Karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dhugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessatti diina nu qoraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dhugaan yoomiyyuu qorumsa irraa hin fagaattu. Kanaaf, dooniin Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtu qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraattu yoo ta’u, dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef osoo rakkoon isaan hin muudatin waan nagaadhaan deemaa turan fakkaatu. (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaan fi Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu /balleessuu/ otoo hin taanee akka Duuka Bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinu Waaqayyoos gara keenyatti deebi’u, uumamni hundi gara keenyaatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akkuma nuuf ajajamu; yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu wantoonni hundi too’aannoo keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa Waaqayyo Isa homtuu Isaaf hin dadhabamne qofa hunduu harka Isaatti kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaa ti. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyoon isaan itti ergee fi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasni beekuun akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheessee baadiyyaatti ergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabani, gara magaalaa qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaalaa Nanawee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabbanii fi hammeenya isaanii irraa deebi’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyo ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’a, balaa fi k.k.f. akka nama dhuunfaatti, akka biyyaatti fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’utti kan irratti kaayyeeffatame ta’uu qaba. Sooma Nanawee kana yoo soomnu biyya Nanaweetiif osoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf dha. Akkuma namoonni doonidhaan gara magaalaa Tarsees deemaa jiran “Akka nu fayyisuuf ka’ii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu, nuuf iyyi” jedhanii Yoonaasitti kadhannaa isaanii dhiyeeffatan, nutis Waaqayyoon cubbuu keenyaa fi balleessa keenya ilaalee akka nun balleesineef akka nuuf dhiisuuf gara Waaqa keenyatti iyyuun, boo’uun akka uummanni Nanawee badiinsa irraa oolfaman ibidda bara baraa irraa akka oolfamnuuf akka Kiristaanummaa keenyatti wantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii guutuudhaan soomnee araara /dhiifama/ Waaqaayyoo akka argannu eeyyamni Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!