Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse

Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse.

 

Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 

Dilbata Adoolessa 6 bara 2006 waldaan Qulqullootaa tajaajila Wangeelaa  Afaan Oromootiin kennamu babal’isuuf siimpooziyeemii Galma Hoteela Ililliitti taassise.

Waldaan Qulqullootaa  sagalee dursaa  ‘’Daandii Duukaabu’ummaa” jedhuun gaafa dilbataa siimpooziyeemii  yemmuu gaggeessu tajaajila wangeelaa Afaan Oromootiin kennamu daraan babal’isuu fi uummata sagalee Waaqayyoo dheebote mara bira gahuuf ta’uu ibsameera.

Siimpooziyeemii kana irratti   Abbootiin mana kiristaanaa, keessummoonnii fi gaggeessitoonni Waldaa Qulqullootaa  kan argaman yoo ta’u: barumsi Wangeelaa, Faarfannaan akkasumas rakkinni mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo naannoo Oromiyaarra jiru maal akka fakkaatu Dn Birhaanuu Taaddasaatiin  qu’annaa bal’aan dhiyaateera.

 

Akka qu’annaan dhiyaate kun ibsutti  hordoftoonni mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa Naannoo oromiyaa yeroo irraa gara yerootti hir’achaa akka jiranii fi sababni hordoftoonni  amantaa  kanaa hir’ataniifis  dhiibbaa keessaa fi alaa, akkasumas namoota seenaa darbee raawwatanii fi yeroo ammaa kana seenaa darbe sana akka ka’umsaatti fayyadamuun hiika hin taane itti kennuudhaan kaayyoo isaanii dabaa fi jai’aa ta’e galmaan gahuuf socho’aniin ta’uu isaa ibsameera.

 Qu’annichi itti fufuudhaan tajaajila manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoks Tawaahidoo afaan  Oromootiin taasistu baay’ee gadi bu’aa kan ta’ee fi kan nama hin  quubsne  yoo ta’u,  uummata sagalee wangeelaa dhugaa ta’e dheebotee badaa jiru kana afaan inni dhagahuun barsiisuun barbaachisaa ta’uun ibsameera. Amaluumaa Mana Kiristaanaa keessaa inni tokko manni kiristaanaa kan duukaa bu’ootaan babal’attee fi eenyuunuu osoo hin qoodiin afaan uummanni sun dhaga’uun barsiistee cuuphuu, akkasuma hordoftoota Gooftaa isaanii akka ta’anitti hojjechuun hunda caalaatti hojii filatamaa kan ta’edha. Kanaafis Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duukaa buu’oota Isaa yemmu wangeela akka barsiisaniif gara addunyaatti ergetti afaan ittiin addunyaa mara barsiisan isaanii kennee gara tajaajilaatti bobbaasuun Isaa ga’een tajaajila mana kiristaanaa yeroo ammaa kanaas irra guddaa akka ittin hojjetuu kan nutti agarsiisu dha jedhameera.

 Siimpooziyeemii kana irratti rakkina qu’annicha keessatti caqasame furuudhaaf adeemsa furmaataa tokko ta’uu danda’a kan jedhame dhiyaateera. Kanaafis yeroo ammaatii eegalee tajaajilli Wangeelaa gama Miidiyaatiin taasisamu akka qabu kan ibsu pirojeektiin kan dhiyaate yoo ta’u, inni kun tarkaanfii jalqabaa ta’uun isaas ibsameera.

Pirojeektiin siimpooziyeemiin kun akka qophaa’uuf sababa ta’e kun qarshii miliyoona 1.6 kan gaafatu yoo ta’u, kan raawwatamus waggaa sadiif ta’uun isaa ibsameera. Pirojeektii kanaanis sagantaaleen  tajaajila wangeelaa gama intarneetii, Raadiyoo, Televisiyoonaa, Gaazexaa, barulee, fi kitaabaatiin kennaman kan ittiin gaggeessamu ta’uun kan ibsame yoo  ta’u:- sagantaa kana namni deeggaruu barbaadus gama buusii, ispoonsaraa fi deeggarsa meeshaaleetiin taassisan hunda wajjin hojjechuuf qophii ta’uun ibsameera.

Hirmaattonni sagantaa kanaa marii oo’aa kan gaggeessan yoo ta’u namoonni baay’eenis sagantaa kana deeggaruuf waadaa galaniiru.

 

Sagantaa kana irratti artistoonni beekamoon kan ijoollee mana kiristaanaa ta’an diraamaa afuuraa kan dhiyeessan yoo ta’u, keessummoonni sagantaa kana hirmaachuuf dhufan diraamaa dhiyaattetti baay’ee kan gammadanii fi rakkina manni kiristaanaa nannoo oromiyaa yeroo amma kanaa kan sirriitti ibse kan argame waan ta’eef hirmmattota sagantichaa kan ajaa’ibsiifatan ta’ee argameera. Namoonni baay’eenis imimmaan buusanii yemmu boo’uun miira isaanitti dhagame ibsaniiru.

Saganticha irratti Faarfattoonni waldaa qulqullootaa faarfannaa afaan oromootiin  dhiyeessaniiru.

 

Dura taa’aan Waldaa Qulqullootaa Luba Doktar Sammuu Mitikkuu haasawa cufiinsaa taassisaniin “Waldaan qulqullootaa beekumtii Qulqulluu Sinoodoosiitiin erga hundaa’ee as gama adda addaatiin mana kiristaanaa tajaajilaa tureera, ammas tajaajilaa jira. Amma ammo tajaajila afaan Oromootiin kennamu daraan cimsinee kennuuf sochiirra kan jirru yoo ta’u, Waaqayyo nuti amannu tajaajila kana akka raawwannuuf nu haa qarqaaru. Waaqayyoon amannee eegalleerra, Waaqayyos nu qarqaara.” jedhaniiru.

 

 

Oduu Wal-fakkaatuun Waldaan qulqullootaa tajaajiltoota wiirtuuwwan Oromiyaa irraa dhufaniif leenjii guyyaa lamaa kenne.

Waldaan qulqullootaa tajaajila Wangeelaa gama miidiyaatiin Afaan oromoodhaan kennamu irratti tajaajiltoota hirmaataniif leenjii guyyaa lamaa adoolessa 5 fi 6 B.A. 2006 kenneera. Leenjiin guyyaa lamaa kenname kun akkaataa gabaasonni fi odduun adda addaa itti barreeffamaan, tajaajila Afuuraa  kennuun akkamiin akka danda’amu, waa’ee hog barruu fi Gaazaxeessummaa  akkam akka ta’e ibsamemeefira.

Leenjichi kan kenname tajaajiltoota Wiirtuulee Oromiyaa 14 irraa dhufaniif yoo ta’u leenjii kana irratti leenjitoonni 19 hirmaataniiru.

 

Kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota sagantaa Galgalaa fi idileetiin barsiisaa ture barattoota dhibba sadi eebbisiise

Kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota  sagantaa Galgalaa fi idileetiin barsiisaa ture  barattoota dhibba sadi eebbisiise.

                                              Dn.Yoseef Yikunoo Amlaakiin

  

 

 

 

Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaatti kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee  waxabajjii 28 bara 2006 galma lallaba Wangeelaa  mana Lubummaa Waliigalaatti barattootaa sagantaa galgalaa fi idileetiin barumsa amantaa hordofaa turan barattoota dhibba sadi eebbisiiseera.

 

 

Sirna eebbaa kana irrattis Paatiyaarikii Abuna Maatiyaas dabalatee abbootiin Phaaphaasonni kan argaman yoo ta’u, qulqulluu Paatiyaarikii angafa Phaaphaasota Itiyoophiyaa, Phaaphaasii Dursaa Aaksum, Icaggee Teessoo Tklahaaymaanot kan ta’an Abuna Maatiyaas  barattoota eebbifamaniif ergaa baga gammaddani jedhu yemmu dabarsanitti “ EGAA  AMANTAA,DARBAA DABARSAA FI SEENAA Mana Kiristaanaa Qulqulleettii dhalootaaf dabarsuuf Adaraa Fudhattaniittu” jedhaniiru.

 

Hoogganaa Ol’aanaa Kolleejjichaa kan ta’an Aabuna Xiimootoyoos gama isaaniitiin  “ manni Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa Kolleejjota amman jiran sadan dadnddeettii isaanii cimsuuf xiiyyeffannoo guddaa itti kennuudhaan Hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

 

Bara kana barattoota kolleejjii kana irraa eebbifaman keessaa lakkoofsi dubartootaa gama hundaanuu ol ka’ee argameera. Keessattuu  Sagantaa Maastarii fi Diippiloomaatiin kan qabxii ol aanaa galmeessisan dubartoota ta’uun isaa sagantaa eebba kanaa adda taassiseera.

 

Kolleejichi bara kana duukaabuutota eebbisiise keessaa barattoonni 25 sadarkaa digirii lammaffaa, barattoonni 71   sadarkaa digirii Jalqabaa fi barattoonni 114 ammoo sagantaa  Diippiloomaatiin akka ta’e  ibsameera.

 

 

 

 

“Har’a Sagalee Isaa Yoo dhageessan laphee keessan hin xiiqeessiinaa”

“Har’a Sagalee Isaa Yoo dhageessan laphee keessan hin xiiqeessiinaa”

/Faar.94/95:8, Ibro.4:7)

·        Jechicha kana kan dubbate Abbaa Keenya Qulqulluu Daawiit yoo ta’u, Qulqulluun Phaawuloosis irra deebi’ee lallabeera.

·        Sababni jechichi kun itti dubbatame warri Israa’elootaa Sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu irraa kan ka’e dheekkamsa Waaqayyootiin lafa onaatti hafuu isaanii agarsiisuufi.

·        Kaayyoon barumsa kanaa:- laphee keenya Sagalee Waaqayyoof bannee jecha Isaa dhagahuun akka ummata Israa’eel lafa onaatti osoo hin hafne warra Isatti amanu, Isaaf abboomamus taanee iddoo boqonnaa nuuf qophaa’etti sagalee Waaqayyoon qajeeluudhaan  akka gara mootummaaIsaa  gallu akka nu  gargaarudha.

Ogeessotaaf ogummaa, hubattootaaf beekumsa, kan dhokate kan mul’isu, kan dukkana keessaa ifatti kan agarsiisu, Mootiin Moototaa, Gooftaan gooftotaa, Uumamtoota hunda kan uume uumamtootni kan abboomamaniif Waaqni Abbootaa,Gooftaan keenya akka nu barsiisu hayyama Isaa nuuf haa ta’u!

 

Waaqayyoon yeroo hedduu kallattii garagaraatiin nu barsiisaa tureera. Gara fuulduraattis akkasuma yoo sagalee Isaa dhagahuu dhaaf qophii  tanee fi akka Samu’eel  “Dubadhuu garbicchee kee ni caqasa” yoo jennee (1Saam.3:10) nu barsiifata. Dhala namaaf jecha oolmaa hedduu ooleera, Sabni Isaa amantiin akka cimu raajii hedduu agarsiifachaa tureera. Ammas agrsiisaa jira. Hanga du’aatti dhala namaa jaalateera. Garbummaa Saaxinaa’eel jalaas haala sammu keenyaa ol ta’een ijoolumaa Isaa nuuf keenneen booda biliisa nu baasee jira. Haa ta’u malee, har’a sababoota garaa garaatiin oolmaa nuuf taassifame, raajii nuuf raawwatame dagachuun sagalee isa caqasuu qabnu cinaatii gatuudhaan dogongora abbaan keenya inni jalqabaa  Addaam rawwate raawachudhaan sagalee seexanaatiif gurra keenninee dubbii isaa sobaa caqasuudhaan gara duubaatti deebi’aatii jirra.

Mee warra Sagalee Waaqayyoo dhaga’uu dhiisanii gurra laphee isaanii duuchan gabaabsinee haa ilaallu.

1.     “Waaqayyos Museetiin akkas jedheen, lafa Kana’aan kanin Ilmaan Israa’eeliif laadhu akka gaadaniif namoota ergi…” (Lakk. 13:1) Museenis bu’uuruma ajaja kanaatiin abboota gosa Israa’el hunda keessaa nama tokko tokko filachuun gara Kana’aanitti erge. Kunis kan ta’eef haalli teessuma lafaa fi qilleensaa Kana’aan akkam akka ta’e, waa’ee namoota ishee keessa jiraatanii, lakkoofsa isaanii, magaalota isaanii, haala jireenya isaanii fi kanneen biroos akka gaadan/basaasan/ture. Isa boodas yeroon sun yeroo ijji  Wayinii itti asheetu/bilchaatu/ ture ijaa ta’eef, firii wayinii qabatanii akka dhufanis ture.

Ergamoonni kunneen Kana’aan gaadanii guyyaa afurtama booda wayita deebi’an bu’aa gaada/basaasa/ isaanii gara Faaraan lafa gammoojjii Qaadeessitti dhufuun guutummaa Waldaa Israa’elii fi Museettis ni himan. Firii fidanis itti agarsiisan. Akkasis ni jedhaniin gara lafa nu ergiteetti deemnee lafaa fi ummata ishee ilaallee jirra. Lafittii irraa aannanii fi dammatu baha. Haa ta’u malee, namoonni  achi jiraatan gar malee cimoodha, mandarootni isaaniis masara qabu, cimoodha. Hunda caalaa warreen Amaaleeqootaa kallattii hundaanuu marsanii jiru. Lafittiin namoota keessa jiraatan kan nyaattudha, namoonni ishee dhedheeroodha. Kanaafuu lafittii dhaaluu hin dandeenyu jedhan. Waldaan Israa’elis gar malee jeeqame, ni sodaatanis. Musee fi Aaroonittis ni gumguman, biyya Misiraa keessatti utuu dhumnee jiraannee jedhaniis ni hawwan. Waaqayyoon albeen akka dhumnu maaliif lafa kanatti nu galcha? Ijoollee fi dubartootni keenya ni booji’amu. Irbaata diinaas ni ta’u, kanaafuu koottaa hoogganaa filannee gara Misiraatti deebina jedhan.

Haa ta’u malee basaastota gosa Israa’eel 12’n keessaa Iyyaasuu fi Kaaleeb garuu yaada addaa Waldaa Israa’elitti himan. Kaaleebis Musee duratti sabni kun akka callisu taasise. Lafti isaan basaasan aannanii fi dammi kan keessaa dhangalulafa gaariidha. Eeyyama Waaqayyoo yoo ta’e nuti ol baanee laficha ni qabanna, dhugumaan kana gochuu ni dandeenya. Isin garuu Waaqa irratti hin kaka’inaa. Namoota achi jiranis gaaddisni irraa sokkeera ni moona. Waaqayyoon nu waliin jira hoo wanti nu sodaachisu hin jiru jedhee waldicha tasgabbeessuuf yaalu illee waldaan garuu dhagaan waraanuu barbaadanii turan. Musee fi Aaroon garuu fuuldura Waldaa Israa’eeliitti ni jilbeeffatan. Wayita kanatti Sagaleen Waaqayyoo gara isaanii ni dhufe.

Museedhaanis akkas jedheen “Ummatni kun hanga yoomiitti natuffata? Raajiiwwan hedduu fuuldura isaaniitti raawwadhee akkamitti hin amanne? Lafa waadaa galeef hin dhaalan dheekkamsa kootiin nan fixaan.” Museen garuu jaraaf ni kadhate. Fuuldura Waaqayyootti ni jilbiiffate akkasis  jedheen: “ Yaa Waaqayyoo ati fuula fuulaan saba kanatti akka mul’atte, guyyaa utubaa duumessaan, halkan utubaa ibiddaan isaan dura deemaa akka turte warri Misiraa dhagahanii jiru, kanaaf amma yoo asitti fixxe Waaqayyo lafa waadaa itti galeef galchuu dadhabnaan asitti fixe siin hin jedhaniiree? Ammas maaloo ati “Ani aariittif suuta jedhaadha, gaarummaan koo guddaadha, cubbuu fi irra daddarbaa namaaf nan dhiisa” hin jenneeree?’ jedhee kadhate.

Waaqayyoon kadhannaa Museef jedhee balleessuu dhiisus gungummiin isaanii waan itti fufeef saba Israa’el lakkaawaman keessaa warri umrii waggaa 20 fi isaa ol ta’an, Kaaleebii fi Iyyaasuu irraa kan hafe, lafa onaatti akka dhuman itti hime.

Ijoolleen isaanii warri hirbaata diinaa ta’u ittiin jedhan garuu biyya warri isaanii tuffatan akka galan Waaqayyoon ni taasise. Isaan garuu reenfi isaanii gammoojjii Qaadees lafa onaa keessatti hafe.

Seenaa kana irraa waa hedduu kan barannuu yoo ta’uu isaan ijoo garuu;- Uummatni Israa’eel Waaqayyoon raajii hedduun garbummaa Fara’oon jalaa Galaana Diimaa iddoo lamatti qoodun kan ceesise, nyaata isaanii samiirraa buusee kan laateef, guyyaa duumessaan halkan utubaa ibiddaan kan isaan hooggane, dhagaacha guraachaa irraa bishaan burqisiisuun dheebuu kan isaan baase, warra Fara’oon garuu galaana Diimaa keessatti kan fixee fi raajiiwwan biroo hedduus kan raawwateef guyyaa guyyaanis suga isaan kan isaanitti mul’atu gargaarsa Isaa utuu ifaan arganuu Waaqayyoon dhagahuu hin dandeenye. Irra caalaattiyyuu olola sobaa basaastonni gara Kana’aanitti ergamanii deebi’an itti himanifii qaama miraa isaannitti ibsaman qofa fudhachuudhaan daandii dhugaa qabataniif sagalee Waaqayyoo isaan qajeelchaa turee irra duubatti jeedhaniiru. Har’as obbooleewwan keenya irra caala daandii amantaa qabatan irraa oddoo namoota hubanoo amantii dhugaa hin qabneefii qaama miiraa (sense organ) qofa caqasuudhaan akkuma namoota Isaraa’eelotaattii gara Misiraa garbummaa kaleessaattis deebi’uu hawwan ni jiru.Yaa ta’uutii nuti garuu  akkuma  Kaleebii fi Iyyaasuun qaama miira isaanii fi oddoo namota biroo to’attanii biyya Waqqayyoo isaaniif keenuudhaaf waada galee kana dhaaluudhaaf amantaadhaan dhabatan. Nutis haaluma kanaan safartuu ija foniitiin waa’ee amantaa safaruudhaan rakkoo yerootiif otoo harka hin kenniin hanga dhumaatti namoonii isaaniif hin galee dhagaacha nutti kaasanis otoo hin sodaatiin jiruu keenya isa barabaraatiif of qopheessinee dhaabachuu qabna.

 Keessattuu Wangeelli Afaan Oromootiin hanga barbaadame lallabamuu dhabuu irraa kan ka’e namootni hedduun  mana kiristaanaa isaanii irraa fagaatanii jiru. Kunis ta’e  barumsa dhugaa irratti hundaa’e  otoo hin taanee qaama miiraa keenya qofa akka caqafannuu fi oduu sobaa fayyina keenya waliin walittii dhufanyee hin qabnee irratti hundaa’uudhaan Dhugaa baatotni akka Iyyaasuu fi Kaaleeb jiraatanis isaaniin dhagahuu dhiisuun daran babal’achaa jira. Kanaaf, manni kiristaanaa akka qaama ormaa taateetti akka lakkaawamtu tattaaffiin alagaan taasifamaa jiru saba hedduun akka ona Qaadees, gammoojjii Faaraan keessatti hafu taasiseera.

Waaqayyo garuu akkas jedha ‘Yeroon fayyinaa ammadha’. Kanaaf, fayyina argachuuf sagalee Waaqayyoo dhageenyee gurra laphee keenya akka saaqnu gargaarsi Waaqayyoo nu faana haa ta’u.

2.     Uummata bara Nooh turan. (Uuma. 6:5).

Ummatni bara Nooh turan kan Waaqayyoof hin abboomamne, hedduu cubbamoota turan. Waaqayyoon danuu gaddisiisan. Kan foon uffate hundi dalagni isaa dachee irratti jibbisiisaa ta’e. lafti hammeenyaan guutamte. Dheekkamsi Waaqayyoos isaan irratti ta’e. Hunda isaanii haxaa’uuf ni kakate. Uumuu Isaas ni jibbe. Bara sana keessa sagalee Waaqayyoo kan dhagahe deemsa isaas Waaqayyo duukaa kan taasise, Waaqayyo fuulduratti suga kan argate namni qajeelaan balleessaa hin qabne Nooh namni jedhamu ni ture.

Waaqayyos akka Nooh doonii ijaaru erga abboomeen booda Noohii fi maatii isaa, akkasumas uumama hunda keessaa dhiiraa fi dubartii taasisuun akka doonii ijaaretti akka galchu taasiseen. Booda yandoo guyyoota afurtamaaf samiirraa bu’een ni badan. Warreen doonii Nooh keessa galaniin ala uumamni dacheerra jiru kamiyyuu ni bade.Nooh garuu bara akkasii keessa illee gurra laphee isaa sagalee Waaqayyoof banaa taasisee ijaa tureef ni baraarame. Dooniitti lixeera ijaa ta’eef.

    Kanaafuu hunda yeroo isaattii kan hojatuu Waaqayyoo guuyyaa har’aa sagalee namoota carraa intarneettii qabnuuf haala kanaan nu barsifachuudhaaf waan numijateefuu sagalee Waaqayyoo akka caqafanuu nuuf haa eeyyamuu isaatiin isa galateefachaa akka isaaf awwanuu humna nuuf haakeenu! Ameen.