Niqoodimoos

Niqoodimoos

Dn Zalaalam Daggafaan

22/07/2009 B.A

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa torbaffaa dha. Moggaasni isaas kan Qulqulluu Yaarediin moggaafame dha. Guyyaa kana hangafni Faariisoota kan tahe galgala gara Gooftaa keenya dhufee yommuu baratu Gooftaanis Icciitii Cuuphaa, Icciitii Lammata Dhalachuu Niqodimoosiin akka barsiise Qulqulluun Yaared wangeela Yohaannis boqonnaa 3 irra jiru caqasuun kan faarfate waan ta’eef moggaasni guyyaa kanaa Niqoodimoos jedhameera.

Mata-dureen faaruu Qulqulluu Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “ሖረ ኀቤሁ ዘስሙ ኒቆዲሞስ” ( Niqoodimoos kan jedhamu gara isaa deeme) isa jedhudha.

Sirna Galatoo guyyaa Niqoodimoos keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ni duubbifamu:-

 

v  Roomee 61-19

v  Yoh.1ffaa 4:18-dhum.

v  Hojii Ergamoota 5:34-dhum.

v  Galatoo: Galatoo Maariyaam            

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 16:3

ሐዉጽከኒ ሌሊት ወፈተንኮ ለልብየ (Halkan na mildhatte lubbuu koos qoratte)

አመከርከኒ ወኢተረክበ አመጻ በላዕሌየ (Na qoratte hammeenyis narratti hin argamne)

ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለእመሕያዉ (Afaan koo gochaa dhala namaa akka hin dubbanne)

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaannis 3:1-20

Akkuma wangeela Yohannis keessatti caqasametti Niqoodimoos icciitii lammata dhalachuu jechuun sirna cuuphaa gooftaa keenya irraa barachuun isaa nama carraa guddaa qabu isa taasisa. Niqoodimoos guyyaa kanaa eegalee ifaan otoo hin ta’in dhoksaan barataa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uun baruumsa isaa kan jaalatu fi kan Gooftaa keenya deeggaru ta’uu isaa wangeelli dhugaa ni baha.

Niqoodimoos beekaa fi barsiisaa Yihuudotaa ture (yoh.3:10). Gooftaan keenya Mana Qulqulluummaa keessatti raajii inni godhu arguun lapheen isaa guutuun kan fudhate ture (yoh2:13-23). Niqoodimoos Faariisota sodaachuun akkasumas dura bu’aa Yihudotaa waan ta’eef Yihoodonni kan Gooftaa keenya morman wajjin yoo argame mormuu waan danad’aniif galgala malee guyyaa gara Gooftaa keenyaa deemuu hin danda’u (yoh 3:1). Boodas yommuu Gooftaan keenya fannifamu guyyaa Jimaataa yeroo dukkanaa’u sana Gooftaa keenya awwaaluuf gara Gooftaa keenyaa deemuu isaa ni hubanna.

Guyyaa kanatti Manni Kiristaana keenyaa kan dubbifamuu fi kan faarfatamu hunduu wangeela yohaannis 3:1-12 jiru irratti Niqoodimoos Gooftaa keenyatti amanuu isaa,Gooftaan keenyaas Icciitii torban Mana Kiristaana keenya kessaa tokko kan ta’e Icciitii Cuuphaatiin mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf bishaanii fi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuun dirqama ta’u isaa kan itti barsiise dha.

Yeroo baay’ee yeroo waa’ee Niqoodimoos kaasnu yaada keenya kessatti kan nutti mul’atu wangeela yohaannis boqonnaa sadii irratti kan barreesse dha. Garuu Niqoodimoos kan kanarra darbe seenaa barreeffame kan wangeela Yohaannis 7:45 fi Yohaannis 19:39 qabu dha. Caqasootni sadan wangeela Yohaannis kessatti barreeffaman maalummaa Niqoodimoos sirriitti nu hubachiisu.

Egaa kanarraa ka’uun seenaa Niqoodimoos wangeela irratti barreeffame irraa waan gurguddaa sadii irraa barachuu dandeenya.

1ffaa:Dhugaa barbaaduu:-akkuma wangeela Yohaannis boqonnaa sadii irratti ibsameen galgala galgala gara Gooftaa deemee barachuu isaa nuu hima. Haa ta’u malee yeroon suni Niqoodimoosiifis ta’e hordoftoota Gooftaa keenyaaf yeroo rakkisaa ture. Yeroo sanatti namni kamiyyuu Kiriistoos wajjiin kan ta’e, kan deeggare tokkummaa Yihudootaa keessas ta’e Mikuraaba (Galma) Yihudootaa keessaa ni hari’atama jedhanii seera baafatanii turan. Niqoodimos garuu hangafa Faarisoota ta’ee otuu jiru waa’ee wangeelaa kan isaa hin gallee waan tureef dhugaa barbaachuuf galgala galgala gara Gooftaa keenya deemuun jireenya dhugaa fi nageenya kan ta’e wangeela dhugaa barata ture. Nuyis yommuu gara Mana qulqullummaa deemnnu waan hunda qabna jechuu otoo hin ta’ini,Waaqayyo biratti hundi keenya guutuu akka hin taane hubannee gara isaa deemuu qabna.

2ffaa :Dhugaaf jiraachuu:-yeroo Yihuudonni maree murtii isaanii irratti Gooftaa keenya irratti akkamitti akka isa fannisan mari’atan sana gidduu isaanii taa’uun “ Seerri keenya afaan isaa irraa utuu hin dhaga’in,waan inni hojjetes utuu hin hubatin nama tokkotti ni farachiisaa?” isaaniin jedhe ( Yoh 7:51). Nullee jireenya keenya yeroo yeroon waantotni sobaa nu mudatan sana moo’uudhaan dhugaaf amanamaa taanee jiraachuu qabna.

3ffaa:Dhugaaf dhaabachuu :-yeroo Gooftaan keenya fannifame sana dhugaaf kan dhaabate dha. Akkasumas yeroo dhiphuu kanaa shittoo fi kan itti kafanamu Yoseef wajjin qabatanii gara fannoo Gooftaa keenyaa dhufe dha. Har’allee Manni Kiristaanaa keenyaa yeroo Qiddaasee maqaa isaa kaastee isa yaadatti. Har’as taanaan waa’ee Niqoodimoos yommuu kaasnuu fi Kabajnu jireenyi isaa kan irraa barannuu fi qajeelcha jireenyaa nuu tahuu qabu dha.

Egaa walumaagalatti nuyis akka Niqoodimoos galgala galgala kan barbaannu fi kan fiignu kabajaaf,Aangoo fi wantoota addunyaa kana irra jiraniif otoo hin ta’ini dhugaa barbaannee,ittiin jiraannee fi dhugaan dhaabannee jiraachuun mootummaa waaqayyoo akka dhaalluuf fedhaa fi eeyyama waaqayyoo haa tahu; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u. Ameen!

Madda :

“Eenyuyyuu Akka isin hin dogongorsineef of-eegaa!”

“Eenyuyyuu Akka isin hin dogongorsineef of-eegaa!”Mat.24:4

Waasihuun Amanuutiin

07/07/2009 B.A

DebrezeyitAkka sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii keenyaatti soomiin guddichi yookaan soomii Gooftaa jedhamee kan beekamu; isa Gooftaan keenyi Iyyasuus Kiristoos fakkeenya nuuf ta’uuf jecha soome kana keessatti torban jiran keessaa inni shanaffaan Dabra Zayitii jedhameetu beekama. Guyyaan kun Tulluu Ejersaan (Dabra Zayitiin) sababni itti moggaafame guyyaa kanatti kan yaadatamu, kan dubbifamu hundumtuu waa’ee dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenyaa waan ta’eefi.

Gooftaan keenya, waa’ee dhuma biyya lafaafi waa’ee deebi’ee dhufuusaa kan dubbate Tulluu kana irratti dha. (Mat.24:3). Tulluun kun afaan Ibrootaan Har ha-Zeitim yommuu jedhamu afaan Arabootaan immoo Jabal al-Zaytun, Al-Tur jedhama. Afaan Ingliffaan immoo Mount Olive jedhama. Tulluun kun baha Iyyerusaalemiin kan argamuu fi ol-ka’insa lafaan meetira 818 yommuu ta’u Kiristoos wangeela iddootti barsiise, yommuu gara samiittis ol ba’u idduma kana waan ta’eef durii kaasee tulluun kun wiirtuu Kiristaanotaa addunyaa ta’ee tajajilaati jira.

Egaa akkuma Qulqulluun Maatewos barreessee nuuf dabarsetti, Gooftaa fi Fayyisaan keenyi Iyyasuus Kiristoos, guyyaa kanatti, tulluu kanarratti wanta fuulduratti ta’an hedduu Raajii dubbate dha. Kunis, fulduratti wantoonni hedduun akka raawwataman, keessumaa barri dhumaa yommuu dhiyaatu mallattooleen hedduun akka ta’an dubbateera.

Isaan keessaas;

 

  • “Ani Kiristoosidha” jedhanii maqaa Isaatiin ka’anii namoota baay’ee kan dogongorsan akka ka’an,
  • Addunyaarratti lolli akka baay’atuufi oduun lolaa akka tatamsa’u,
  • Uummanni uummatarratti, mootummaanis mootummaarratti akka walirratti ka’an,
  • Beelaafi goginsi akkasumas iddoo addaddaatti raafamuun lafaa akka mudatu,
  • Yeroo sanattis Kiristaanotni gidiraaf dabarfamanii akka kennaman; akka ajjeeffamanis, sababa maqaa Kiristoosiifis jecha namoota biratti kan jibbaman akka ta’an,
  • Raajonni sobduu akka baayyatan, namoota hedduus akka dogongorsan,
  • Jaalalli namoota gidduutii akka badduufi waan kana fafakkaatan erga dubbateen booda hanga dhumaatti kan cimee amantiisaatti dhaabate garuu akka fayyina argatu dubbateera.

Wantoota hedduu armaan olitti eeraman Kiristoos tulluu Ejersaarra taa’ee dubbate kana keessaa barreeffama kanaaf kan filatame “Eenyuyyuu akka isin hin dogongorsineef of-eegaa!” kan jedhu ta’a.

“Dogongora” kan jedhame maali?

Egaan jalabultii bara dhumaatti, yommuu dhufaatiin Kiristoos dhiyaatu, wantoota raawwataman keessaa raajotni sobdootaa baay’inaan uummata keessatti faca’uusaaniiti; maqaa Kiristoos waamudhaan uummata hedduus daandii ishee dhugaarraa baasusaaniiti. Kunis kan ta’u barumsa dhugaa hin taane, barumsa dogongoraa kan ta’e garuu isa dhugaa fakkeessanii barsiisuudha. Kunimmoo kan ta’u Kitaabni Qulqulluun Masiih (barsiisaa) sobaa jedhee kan dubbateefiif sanaaf haala mijeessuufi.

Barumsa dogongoraa kan jedhaman keessaas; Waaqummaa Kiristoos ganuurraa kan ka’e Abbaafi Afuura Qulqulluutiin gadi taasisanii Inni nama, Raajaadha, ergamaa dha, ammayyuu Abbaasaa fuulduratti nuuf kadhataafi waan kana fafakkaatuun uummata kan ittiin joonjessani dha. Karaa ishee qajeeltuufi duraa irraa adda ba’uun dogoggoruudha (Erm.6:16). Barumsa ishee dhugaarraa fagaachuun dogongoruudha (Rom.3:11). Waaqa kan ta’ee jiru Ilma Waaqayyoo Kiristoosiin “ammayyuu abbaa irraa nuuf kadhatee cubbuu keenya nuu dhiisisa” jedhanii amanuun dogongoradha (Yoh.16:26). Waaqayyo Ilmaatiin “Raajota keessaa isa tokko” jedhanii akka uumama tokkootti lakkaa’uun dogongora cimaadha (Maat.16:13-14).

Yeroo ammaan kana guyyuma guyyaan maqaa amantii addaddaan haaraa kan ka’an maqaa Kiristoos waamudhaani. Hundumtuu har’a ka’ee “anatu dhugaadha, Kiristoos nu biradha, Kiristoosiin fudhadhu” kan jedhan yerootii yerootti dabalaati jiru. Kunimmoo raaga isa waggoota kuma lama dursee Kiristoosiin dubbatameef ragaa ta’a. Fuuldurattis kan maqaa amantaan ka’anii “Kiristoos nu bira waan jiruuf koottaa” kan jedhan akka cirracha galaanaa akka dabalaa deeman dursee Raajiin dubbatameeraati.

Bu’uura Addaa

Kan dursee hundaa’een alatti eenyuyyuu hundee kan biroo hundeessuu hin danda’u. Innis Kiristoos Iyyesuusi dha. Efe.2:20. Dubbii kana kan dubbate Qulqulluu Phaawuloos yommuu ta’u, sababni itti dubbateefis ykn barreesseefis yeroo duuka bu’oonni Gooftaa addunyaa kanarratti naanna’anii barsiisaa turan sanatti maqaa Kiristoosiin waamanii kan namoota dogongorsiisan waan turaniifi dha. Qulqulluu Phaawuloosis warra akkas maqaa Kiristoos waamani hojii addaddaa hojjetan kan “Obboloota Sobaa” ittiin jedha ture (Gal.2:4; Rom.16:17).

Kanaaf, yeroo ammaa kanatti obboloonni keenyi barumsa sobaan liqinfamanii dhugumatti Ilma Waaqayyo Isa dhugaa Kiristoositti kan amanan itti fakkaatee kan dogongora keessa jiraatan hedduudha. Asittis gamasittis, kaleessas har’as, boris maqaa Kiristoos Iyyasuusitti maxxanuudhaan “Kiristoos nu bira jira” kan jedhan ka’aniiru; fuuldurattis ni ka’u. Ilmi Waaqayyoo Kiristoos Inni dhugaan garuu, “Sobdoonni Kiristoosonnii fi raajotni ni dhufu (ni ka’u); hanga danda’anittis warra filataman hanga dogongorsanitti mallattoofi raajii addaddaa ni agarsiisu….Egaa, gammoojjii keessa jira yoo isiniin jedhan hin bahiinaa; tulluurra jira yoo isiniin jedhanis hin amaniinaa” Mat.24:24-26.

Kanarraa wanti hubannu tokko, yeroo addaddaatti maqaa Kiristoos waamanii barumsa sobaa barsiisaa kan turan ammas kan jiraniifi fuulduratti akka ka’an dha. Guyyaan kuni kan itti yaadatamus dhimmi ol’aanaan tokkos kanumadha. Yaadachuu kan barbaachiseefis, barumsaafi raajota sobaatiin akka hin dogongorreef, amantaa keenya ishee duraafi dhugaarraa akka hin maqneef, amantaa duuka bu’oonni barumsa Kiristoosirraa baratan itti barsiisan, abbootiin qulqulloonni hedduun kan keessatti argaman keessa jiraanne mootummaasaa akka dhaalluufi dha.

Matsaaguu

Matsaaguu
Dn Katamaa Taganuutiin
01/07/2009 B.A.
Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa;waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.
 
 
Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha.
Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yoggu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.
 
Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም
(Uumaa Addaam) isa jedhudha.
Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa
dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:
  • Galaatiyaa 5:1
  • Ya’iiqoob 5:14
  • Hojii Ergamoota 3:1-12
  • Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4
              እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni
              gargaara)
             ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)
 
            አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).
  • Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu : Yohaanis 5:1-25
Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.
 
Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:
  • Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;
  • Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha
Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen! Madda: Kitaaba Andimtaa (Hiika Abbootii) kan Yoh.5 fi Kitaaba Gitsawwee

Mikuraab

Mikuraab

                                                                             Damissee Jamaneen

Torban sooma Gooftaa keenya keessaa inni sadaffaa Mikuraab jedhama. Torban kun sababa inni itti mikuraab jedhameef guyyaa kana luboonni faaruu sooma diggu’aa irraa kaasuun ‹‹ቦአ  ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ ወመሐረ ቃለ ሃይማኖት›› “Iyyesuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; sagalee amantaas ni barsiise” jechaa waan faarfataniif dha.

Yihuudonni bara Kakuu Moofaa keessa mana qulqullummaa (Meqdesii) itti Waaqayyoon kadhatan Iyyerusaalem keessatti ni qabu ture. Boodarra garuu Naabukedenetsoor mana qulqullummaa isaanii kana waan diigeef uummanni sunis gara Baabiloonitti booji’aman. Warri booji’aman kun biyya ormaa keessa gabrummaan yeroo turanitti mana qulqullummaa hin qaban ture. Kanaaf yeroo sanaa kaasee Ayihuud bakka deeman hundaatti mana adda ta’e mana kadhaa qopheessuu akka jalqaban ni eerama. (Hizqeel 11:16). Haaluma kanaan bara Kiristoos biyya lafaarra deemee barsiisaa turetti Iyyerusaalem keessa Mikuraabonni Yihudotaa baay’een jiru ture. Duuka bu’oonnis Yihuudonni bakka tajaajilaaf faca’anii jiran hundaatti naanna’anii mikuraaba seenanii barsiisu ture. (Maat.4:23; H.Erg. 6:9; 13:5-14; 9:2; 14:1; 17:1; 10:17; 18:4; 19:8).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kirirtoos yeroo ayyaana faasikaa kabajuuf gara Iyyerusaalem deemetti mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa kana keessatti warra daldalaa jiran isaan baase. Meeshaa isaaniis gargaragalche (Yoh.2:13-17). Warqee qarshiitti, qarshiis warqeetti warra waljijjiiraa jiran akkasumas akkuma namoonni biyya keenyaa lukkuuf siree hojjetanii irratti gurguran gugeedhaaf teessoo hojjetanii warra daldalaa turaniin meeshaa isaanii garagalchuun isaan arii’e. Akkuma kitaaba irratti barreeffametti “Manni koo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera (Isa 56:7; Eerm7:11; Luq. 19:47). Isin garuu holqa hattuufi saamtotaaa taasistan” jedhe. Quuqama Gooftaan Mana Qulqulluummaa kanaaf agarsiise yaadachuufis turban kuni “Mikuraab” jedhamee akka moggaafamu taasifame.

 

Kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa Qiddaasee guyyaa kanaa irratti dubbifaman akka armaan gadiitti caqasamaniiru:

  • Qol.2:16-dhu
  • Yaa’i: 5:15
  • H.Er.10:1-8
  • Faar. 68 (69):9 (Misbaakii):

እስመቅንዐተቤትከበልዐኒ (Hinaaffaan manakee na nyaatteeti)

ትዕይርቶሙለእለይትዔየሩከወድቀላዕሌየ (Arabsoon warri siin arabsaniis narra qubateera)

ወቀጻዕክዋበጾምለነፍስየ (Lubbuu/Qaamakoo soomaan dadhabsiise)

  • Wangeela (Yoh.2:12-25) Kana booda Gooftaan Iyyesuus Haadha Isaafi obboloota Isaa akkasumas duuka bu’oota Isaa faana gara Qifirnaahomitti bu’an; achis guyyaa muraasa taa’an. Aayihuudis guyyaan itti faasikaa isaanii kabajatan gahee ture. Gooftaanis gara Iyyerusaalemitti deeme. Mana Qulqullummaa keessattis yoggu sangoota, hoolotafi gugeewwan gurguran fi warra qarshii jijiiran taa’anii isaan arge. Qaccee funyoo hojjetee; hoolotaafi sangootas hundasaanii Mana Qulqullummaa irraa gadi baase. Warra qarshii waljijjiiranis qarshii isaanii bittinse. Gabatee isaaniis galagalche. Warra gugee gurguruunis “kana asii baasaa; mana Abbaakoo mana daldalaa hin taasisiinaa” isaaniin jedhe. Duuka bu’oonni Isaas Raajiin ‘hinaaffaan waa’ee manakee keessa koo na nyaate’ jedhu barreeffamee akka jiru ni yaadatan…….

Egaa walumaa galatti haala Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nutti agarsiise kanaan Mana Qulqulleettii keenya kanaaf quuqamuu, qulqullinasheef carraaquu qabna. Namoonni mana amantaa keessatti hojii yaraa adda addaa hojjetan yogguu agarrus akkuma abbaa keenya Q/Daawwit “waa’een manakee keessa koo na nyaate” jechuun quuqamuu, gorsinees sirreessuu qabna.

Eebbi Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u; ameen!