Wareegamummaan akka itti fufu waan taasistaniif galatoomaa!

Jaarraa 10ffaatti kaatee Manneen Kiristaanaa kutaalee biyyattii adda addaatti mootota bara Akusimii, phaaphaasota, hayyoota fi amantootaan ijaaraman siidaawwan fi hambaalee bocamni fi dhaabaman kan barbadeessite Yoodiit Gudit erga dabarte (boqatte) booda, hayyootni Itiyoophiyaa, moototni, phaaphaasonni fi amantootni kanneen darban irraa muuxannoowwan lama argataniiru.

Inni tokko, akkuma nuti gamoo Manneen Kiristaanaa dhagaa fi booraleen ijaaraa turre; isaanis ijaaraa turaniiru. Karaa biraatiin immoo Manneen Kiristaanaa dhagaa irraa bocanii ijaaraniiru. Bara badiinsaa yoodiitiin (Waagoota afurtamaa) booda, Manneen Kiristaanaa dhagaa fi biyyee suphee (booralee) irraa ijaaraman yommuu diigaman; kanneen kattaa tokko irraa bocamanii fi gar-tokkeen holqa godhamanii ijaaraman Meeshaalee Qulqullaa’oo isaan keessa turan yoo dhuman illee Manneen Kiristaanaa kun garuu, akkuma gaarreen Gari’aaltaa irratti mul’atan sana abidda irraa hafanii isan argannee jirra.

Moototni, phaaphaasotni fi hayyooni bara Zaaguwee kan darbe irraa wantoota lama baratanii jiru. Gama tokkoon, “Manneen Kiristaanaa barbadaa’an maaliif barbadaa’an?” kan jedhu fi “Manneen Kiristaanaa osoo hin gubatiin bara keenya kanaan gahan sababa maaliin diigamuu dhaban?” kan jedhu adda baasuu ture.

Kanneen diigaman dhagaa fi biyyee irraa waan ijaaramaniif hidhattiitni Yoodit gudit salphumatti dhagaa isaa keessaa luqqisaa diiguun barbadeessaniiru. Isaan kattaa irraa bocamanii ijaaraman garuu, gubuufi ta’e diiguuf rakkisoo waan ta’aniif bara badiinsaa sana qaxxaamuruu danda’anii har’aan gahanii jiru.

Kanaafuu, seenaa Mana Kiristaanaa kana itti fufsiisuuf, bakka isheen bara badiinsaa Yooditiin dura qabdutti deebisuun yoo barbaachise, Manneen Kiristaanaa kattaa irraa bocaman ijaaruu qabna jedhanii Qulqulluu Laaliibalaa fa’a Manneen Kiristaanaa kudha tokko dhagaa tokko irraa kan bocanii ijaaran jiru. Akka guutuu biyyattittiis Manneen Kiristaanaa dhibba lamaa ol ta’an kattaa irraa bocamanii ijaaramuu isaaniitiin bara badiinsaa jaarraa 15ffaa darbanii bara keenya kanaan gahaniiru.

Bara Mannia Kiristaanaa keenya qormaata keessa itti seente kanatti muuxannoowwan darban hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Gama tokkoon, “Kanneen kanaan dura gubatan maaliif akka gubatan fi kanneen gubachuu danda’an sabani isaanii maal ture?” kan jedhu fi “Waan maal raawwanne fi raawwachuu dhiisneefi dha?” jechuun gaafachuu fi “Badiin sun irra deebi’ee akka hin mudanne fi kan ijaarames dhaloota irraa dhalootaatti darbuu akka danda’uuf maal gochuu qabna?” jechuun yaaduun nurra jira. Hojiiwwan lamaan kana yaaduu yoo dandeenye, yoomiyyuu taanaan Manni Kiristaanaa mo’attuu waan taateef fi Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo itti fufuun ishee waan hin hafne ta’uu isaatiin hojii ijoollee ishee jechuunis hojii amantootaa itti fufsiisuu dandeenya. Namootni biroo imimmaan keenya nuuf haa qoorsan jennee hin boonyu. Gara Uumaa keenyatti boonya malee. Kan hiojjennus jaalala kanaani dha. Eenyu iyyuu akka nubirmatu, eenyu iyyuu akka nugargaaru, fi eenyu iyyuu mirga keenya deebisee akka nuuf kennu hin gaafannu. Kadhannaa keenya hundumaa keessatti “ ለሀገሪትነ ኢትዮጵያ… Biyya keenya nuuf eegi” osoo hin jedhin oollee iyyuu hin beeknu. Biyya kana obboleewwan keenya biro waliin taanee hojjannee jirra. Seenaa ishees katabneerra, faarfanneerra, og-fakkiidhaanis bareechisnee har’aan geessineerra.

Abbootni keenya gaarreen Gara’altaa bocanii Manneen Kiristaanaa yeroo hojjetan eenyu irraa iyyuu gargaarsa hin arganne. Manneen Kiristaanaa gurguddoo Finfinnee fi magaalota gurguddoo keessatti argamanis gargaarsa qaamolee biroon osoo hin ta’in amantootaan kan ijaaramanii dha. Abbootni keenya, biyya kadhattu keessa Mana Kiristaanaa nama hin kadhanne nuuf dhaalchisanii dabraniiru. Hammuma amantootni keenya du’aniin; Wareegamtoota horachaa akka jirru ni amanna malee, gadda baay’isuun laphee keenya hin dhoofnu, fuula keenyas hin moccorru. Manneen Kiristaanaa mukaan ijaarre yeroo diigamu gamoon, kan gamoon ijjaarre yeroo diigamu immoo dhagaa bocamaan, inni dhagaa bocamaan ijaarame yeroo diigamu immoo sookoon (warqeen), inni sookoon ijaarame yeroo diigamu immoo diyaamadiin ijaaraa itti fufna. Abbootni keenya booyicha, hiyyumma hamilee fi gad-aantummaa gonkumaa nuunbarsiisne.

Har’a Manneen Kiristaanaa fi amantoota Wallagga Lixaa gargaaruuf kan walitti qabamne isitti hin fakkaatiin. Wallaggi Lixaa biyya Qulqullootaati. Wallaggi biyya Kiristaanota ciccimoo fi Gootota ta’aniiti. Lakkoofsi isaanii haa xiqqaatu malee, biyya qajeelotaa fi gar-laafeeyyiiti. Kurnoo warri magaala guddittii keessa jirru hin baafne baasuu uummata danda’u dha Wallaggi. Najjoo, Qilxuu Kaarraa, Gimbii, Mandii fi k.k.f. bakkeewwan akkuma Akusimi fi Laalibalaatti eebba guddaa lafa qabanii fi daawwatamnii dha. Achitti Manneen Kiristaanaa gurguddoo jiraachuu dhabuu danda’u; garuu, Kiristaanotni gurguddoon biyya itti argamanii dha.

Yeroo tokko yaa’ii Afuuraaf gara Qilxuu Kaarraa deemnee guyyaa keessa gara sa’aatii 10tti achi geenyee gara bakka yaa’ichatti yoo siqnu uummanni akkuma keessan kenetti guutee (baay’inaan) argameera. Barumsi Wangeelaa jalqabame. Faarfannaanis ittuma fufe. Yaa’ichi takka turee goolabama jennee osoo eegnu; ituma fufa malee hin dhaabbatu. An nadiqinaan qideessaa yaa’ichatti siqee “Yaa’ichi yoom goolabamaa!” jedhee gaafannaan; “Yeroo isin gara dhuftanitti deebitani.” Naan jedhan. Dhugumatti immoo yaa’iin Jimaata jalqabame gaafa nuti gara itti dhufne yeroo deebinu uummanis gara mana isaa yeroo galu xummurame.

Kanaafuu, roorroo uummata sanaa dhagahuu dhiisuun sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu dha. Bakkichi Kiristaanotni sa’aatii digdamii afuriif osoo aara hin galfatiin iddoo itti Waaqayyoo galateessanii dha. Bakka Kiraistaanotni jireenyi Afuuraan isaa itti inaaffessu dha. Gara galma mana barnoota Sambataa yeroo seentan, tarree maqaa waldaalee barreeffaman maxxanfamee jiru ilaalee maal akka ta’e gaafannaan “Dabaree guyyaa Qurbaanaa miseensota waldaalee adda addaati” naan jedhan. Kanaafuu, yaa’iin kun Warri Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa hin fudhanne warra Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa fudhatan gargaaruuf qophaa’e dha (habalakaan). Yaa’ii kana irraa barumsa suga ittiin argannu fudhanna. Eebbifamoon abbaan keenya hojii guddaa hojjetaniiru. Hojiin abboota gurguddoo irraa eegamus kanuma. Qulqulluun abbaa keenyas asitti argamuu keessaniin waan abbaa tokko irraa eegamu raawwattaniittu. Tikseen bakka hoolonni isaa argamanitti hin argamne eessatti argamaree? Daran caalchisnee, bareechisnee fi isa darbe irraas foyyeessinee ni ijaarra. Ayyaana Wareegamtootaas daran kabajna.

Jaalleewwan nugubdani fi nu’ajjeeftanis Qabsuurri fi Sinkisaarri (Galmeen Qabsuuraa) keenya akka itti fufu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa! Galmeen Qabsuura keenyas “ወበዛቲ ዕለት አዕረፈ…፤ Guyyaa kanattis…boqate. ” jechuun jalqabu waan goolabame nutti fakkaatee ture; isin garuu itti fufuu akka qabu nubarsiistaniittu. Biraannaa qopheessuuf ammas gogaa duuguu; halluus bulbuluu akka qabnu nutti himtaniittu. Imalli Mana Kiristaanaas itti fufuu akka qabu nutti himtaniittu waan ta’eef ammas guddaa galatoomaa! Nuti boonaa kan turre ‘Qulqulluun Laalibalaan kana raawwate, abba abaluun kana hojjete fi k.k.f.’ jechaa seenaa Manneen Kiristaanaa jabana duriini ture; har’as seenaa dhalootaa irraa dhalootatti darbu akka raawwannu nukakaastaniittu waan ta’eef galatoomaa! Osoo isin jiraachuu baattan akkasitti walitti hin qabamnu ture. Osoo isin ka’uu baattan akkasitti lafa irra teenyee hin barannu ture waan ta’eef ammas galatoomaa! Bakka kanatti yaa’ii akkamii taasisnee akka turre ni yaadatama; amma garuu, seenaan sun akka jijjiiramu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa!

Walitti qabamuun qofa akka hin hafne, hojii kana caalu hojjechuu akka dandeenyu, dhaloota dhufuufis seenaa gidiraa fi roorroo nurra gahaa ture osoo hin ta’in; seenaa gaarii nuti hojjenne dabarsuu akka dandeenyu onnee keenya, miila keenya fi giphii keenya hojii irra akka oolu taasisuu qabna. Barri hirriibaan dabarsine amma nugaha. Yeroon kun yeroo wal-arrabsuuni fi wal-jibbuun itti goolabamuu qabu dha. Yeroon kun Waldaaleen, lallabdoonni, faarfattoonni, itti gaafatamtootni Manneen Kiristaanaa, monokisootni, phaaphaasotni hundumti keenya kaayyoo Mana Kiristaanaa tokkittii kanaa raawwachiisuuf onnee tokkoon ka’uuf guyyaa isa dhumaa ta’uu qaba. Hordaa (Irfii) qabanneerra. Kanaa booda duubatti deebi’uun hin jiru.

Haasawa Muhaaza Xibabaati Dn. Daani’eel Kibrat taasise irraa kan fudhatame

Sinkisaara Muddee 7

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoo. Ameen

Guyyaa kanattis galanni Isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon isheerraa foon lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee akka dhalatu afaan Raajoota kabajamoon lallabamuuf yaadannoo ta’e. Raajoonni kunis, “Kanaafuu, Gooftaan mallattoo isiniif kenna, kunoo Durbi ni ulfoofti, Ilma dhiiraas ni deessi, maqaa Isaas Amaanu’eel jettee ni waamti.” Isay 7:14, “Jirma Iseeyirraa uleen ni ba’a, hidda isaarraas firii ni buusa.”, “Balballi kun cufame jiraata malee hin banamu, namnis keessa hin galu, Waaqni Israa’eel Waaqayyo keessa galeeraati cufamee jiraata.” Hiz. 44:1, “Ati yaa Beeteliheem kutaa Efraataa kan taate ati biyya mootota fi qondoltootaa Yihuudaati keessa akka taatuf xiqqoodha, si keessaayis garuu ba’iinsi (dhufaatin) isaa jalqabaa kaasee kan bara baraa kan ta’e, Israa’eelin kan bitu ni ba’a.” Mik 5:2, “Kunoo Eefraatatti dhageenye, gola horiittis argine.” Faar 131(132):6,  “Waaqayyoo Daawwitiif dhugumatti kakate ittis hin gaabbu, sanyii kee keessaa mootummaa keerra nan kaa’a.” Faar 131(132):11, “Waaqayyo Tsiyoonin filateera bultoosaa akka taatuuf jaalateera. Ishiin kun bara baraan iddoo bultoo kooti filadheeraati  keessan bula.” Faar 131(132):13-14. Abbaa Giyoorgis kan Gaasiccaa fi Abbaa Tsiggee Dingil yaada Raajootaa oggaa cimsan “መሐለ እግዚአብሔር ለዳዊት ፍቁሩ፤ አበውኪ ነገሥት ከመ በመንበሩ ይንበሩ፤ ማርያም ሰማይ ለእግዚአብሔር ሀገሩ፤ ነቢያት በእንቲአኪ ሰላመ ነገሩ፤ ወሐዋርያት ምስሌሆሙ ኀብሩ፡፡ Abboonni kee Mootonni teessoo isaarra akka taa’aniif Waaqayyoo jaalatamaa Isaa Daawwitiif ni kakate. Samii bultoo Waaqayyo kan taate yaa Maariyaam; Raajonni waa’ee kee nageenya lallabani. Duuka bu’oonnis isaan deggaran (yaadaan fakkaataniin).” Jedhaniiru.

Dhiifamni fi Arjummaan Isaa bara baraan nu waliin haa ta’u! Ameen!

Sinkisaara Muddee 6

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!!!

Guyyaa kanatti durba kan Mana Kiristaanaa Haadha keenya Qulqulleettii Arseemaatu kabajame, godaansi foon ishees guyyaa kana raawwate (iddoo awwaalcha duraatii gara iddoo Mana Kiristaana amma jiruutti fudhatame). Akkasumas, ishee waliin kan wareegaman godaansi foon Durboota digdamii torbaas guyyaa kana raawwate. Mootichi Dirxaadis Qulqulleettii Arseemadhaan “kabaja guddaa kan qabnu nu waliin akkamitti jiraachuu kan didde laphee hin qabduu?” jedheeni, isheenis “Inni samiirra jiru ni caala, baay’es  fooyya’aadha” jette. Innis fuudhanii uffata ishee irraa baasanii morma ishee akka muran ajaje,  mormi Durboota hundumaas akka muramu ajaje, mormi isaaanis murame. Dabalatan Sinkisaaraa fulbaala 29 dubbisaa. Galanni Waaqayyoof haa ta,u, kadhannaa Durboota kanaatin nu haa yaadatu! Ameen!!!

Guyyuma kanattis Qulqulloota Armaani kan ta’an, Eeliyaas, Baaxilis, Surifiit, Maariyaa, Mikaa,eel, Yilsawuul fi Teleemiwoos yaadannoo isaaniti. Eebbi isaanii nurra haa bulu! Galanni Waaqayyoof haa ta’u!  Ameen!!!

Amantaa, Ayyaana fi aadaa isaa addunyaaf beeksisuuf lammiin Itiyoophiyaa hundumtuu gahee isaa akka bahu waamichi dhihaate!

Sirna Cuuphaa

UNESCO irratti galmaa’uun Ayyaana Cuuphaa ergama Amantaa fi biyyaaf  beekkamtii kennuun shora /gahee/ guddaa waan taphatuuf, lammiin biyyattii hundumtuu Ayyaana isaa, Amantaa isaa fi aadaa isaa beeksisuuf qooda mataa isaa akka raawwatu Qulqulluun Sinoodoos ni beeksise.

Torbeen kun lammiileen Itiyoophiyaa hojiiwwan gurguddoo biyya isaaniif raawwatan sadarkaa addunyatti beekkamtii itti argatan ta’uu isaa kan beeksise ergaan Qulqulluu Sinoodoos beekumsa, aadaa, sirnaa fi seenaa abboota keenyaa eeguun inni hanga ammaa raawwatamaa ture homtuu osoo irraa hin hir’atin barumaa baraan cimee akka itti fufu gochuun nuurraa eegama jedhee jira.

Qulqulluun Sinoodoos gaaffii seera qabeessa carraaqqii Mana Kiristaanaa, mootummaa, uummata Kiristaanaa fi jaalattoota biyyattiitiin isaaf dhihaate ija gaariin fudhatee Ayyaana Cuuphaa maqaa Itiyoophiyaatiin hambaalee afuuraa idila addunyaa gochuun galmeessuu isaaf galata galcheera.

Dabaluunis, Ayyaanni Cuuphaa UNESCO irratti galmaa’uun isaa maqaan Mana Kiristaanaa, biyya keenyaa fi uummata keenyaa addunyaa irratti beekkemtii akka qabaatu fi carraaqqii biyyi keenyas gama turizimiitiin fayyadamtuu akka taatu taasifamuuf deeggarsa guddaa kan qabu dha jedhee jira.

Ayyaanni cuuphaa hambaa Afuuraa ta’uun UNESCO irratti galmaa’e!

Ayyaana Cuuphaa

Ayyaana Cuuphaa Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa Amajjii 11tti kabajamu hambaa Afuuraa addunyaa akka ta’u murteeffamuu isaa Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbatni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa kan ta’e UNESCON ni beeksise.

Yaa’iin UNESCO Eegumsa Hambaalee irratti xiyyeeffatee biyya Kolombiyaa magaala Bogootaatti qopheesse irratti Ayyaanni Cuuphaa Itioophiyaa keessatti kabajamu Hambaa Afuuraa ta’ee akka galmeeffamu murteessuu isaa ni beeksise.

Waldaan Qulqullootaa Piroojektii Kiristaanota buqqa’an qarqaaruu (deebisanii ijaaruu) dandeessisu ifa taasise.

Waldaan Qulqullootaa piroojektii kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa balaa uumamaanis ta’e nam-tolcheen miidhaan irra gahe qarqaaruu (deebisanii ijaaruu) fi Manneen Kiristaanaa cufaman bansiisuu dandeessiu ifa taasisuu isaa beeksise.

Piroojektii Amantoota fi Mana Kiristaanaa keenya nageenya addunyaa fi eegumsa biyyaaf gumaacha guddaa goote cinaa dhaabbachuun qarqaaruu (deebisanii ijaaruu) dandeessisu kutaan hawaasaa hundumtuu beekumsa, humna, yaadaan fi karaalee biroonis akka deeggaru waamicha isaa dabarse.

Warra piroojektii kana deeggaruu barbaadan hundumtuu Baankii Daldalaa lak. akkaawuntii 1000309803648 (EOTC Sun.Sch.Dep. MK Social support and rehabilitation) irratti galchuu kan danda’an ta’uu isaa ibsaa; odeeffannoo dabalataaf immoo waajjira Waldaa Qulqullootaatti qaamaan argamuun odeeffannoo argachuun akka danda’amu ibsee jira.

Dabalataanis, manneen Kiristaanota dhiheenya kana goodina Harargee Bahaatti gubatan deebisanii ijaaruuf lakkoofsa herregaa kutaan lallabaa Harargee Bahaa baneen 1000308057961; akkasumas kutaa lallabaa Arsii Lixaatti amantoota lafa fi mana jireenyaa isaanii irraa buqqa’an fi Manneen Kiristaanaa gubatan qarqaaruuf (deebisanii ijaaruuf) lakkoofsi herregaa baname 1000304643367 irratti galchuun akka gargaartan kutaan lallabaa Arsii Lixaa waamicha isaa dabarsa.

Tamsaasa idilaa si’aa’inaa eegamaa kan ture jalqabuuf qophii isaa akka xummure Waldaan Qulqullootaa ni beeksise.

Waldaan Qulqullootaa si’aa’inaan eegamaa kan ture Tamsaasa idilaa sa’aatii 24 dhiheessii adda ta’ee fi haala yeroo waliin wal-simataa ta’een B.A. Muddee 5/2012tti akka jal qabu barreessaan ol’aanaa Waldaa Qulqullootaa Obboo Wub’isheet Otooroo ibsani. Yaada dhaggeeffattootni fi daawwattootni kennaa turan irratti hundaa’uun fi qu’annaa adeemsisuun akkasumas muuxannoo Manneen Kiristaanaa obboleewwanii irraa qooddachuun tamsaasichi yericha waliin kanb deemu akka ta’u carraaqnee jirra jedhaniiru. Sagantaan televiizhinii kun daa’immaniif, dargaggootaaf, dhimmoota maatii jireenya hawaasummaa irratti xiyyeeffatan, amantoota ta’anii waa’ee amantaa isaanii hubannaa ga’aa warra hin qabneef, warra amantaa bira keessa jiraachaa gaaffilee adda addaa dhiheessaniif, barattoota Univarsitii fi barattoota Sambataaf, hayyoota Mana Kiristaanaa fi kanneen biroof kan fayyadan qophiiwwan adda addaan kan deeggaramu akka ta’u barreesichi ibsanii jiru.

Sagantaan idilaa Muddee 5tti jalqabamu kun kanneen hamma ammaatti dhihaachaa turan irraa adda kan isa taasisu fedhii kutaalee hawaasa maraa kan giddu galeeffate akka ta’u carraaqqiin addaa taasifamuu isaatiin, qooqaalee Amaariffaa, Afaan Oromoo fi Tigriffaadhaa alattis Ingiliffaanis tamsaasuuf karoorfachuun isaa akkasumas fuul-duraaf immoo qooqaalee biyya keessaa kanneen biroonis dhiheessuuf qu’annaan adeemsifamaa jiraachuu isaatiini dha jedhanii jiru.

Dabalataanis, Waldaan Qulqullootaa tamsaasa isaa bu’a qabeessa taasisuuf sa’aatii tamsaasaa Manneen sambataa Gannata Tsiggee Qulqulluu Giyoorgis, Boolee Dabra Saaleem Madihaane’alami fi Dabra Nagodiguwaadi Qulqulluu Yooohaanisiif tolaan (kaffaltii malee) kennuun waliin hojjechuuf qophii isaa kan xummure yeroo ta’u, itti’aansuunis qaamolee Mana Kiristaanaa hundumaa waliin hojjechuuf karri isaa banaa akka ta’a barreessaan ol’aanaa dubbatanii jiru.

Oduu Gammachiisaa!!!

Dubbii Maariyaam

Kitaaba Dubbii Maariyaam

Dubbiin Maariyaamii qaama Barumsa hundee Mana Kiristaanaa /Doogmaa/ Ortodoksii keessaa isa tokko dha. Dubbii Fayyina dhala namaa keessatti fi, waayee seenaa Kakuu Haaraa fi Adeemsa hojii dhala namaa fiyyisuu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos keessattis barumsa murteessaa ta’e dha.

Waaqayyoo iccitii addunyaa kana ittiin fayyise keessatti Dubbiin Maariyaami bakka guddaa fi iccitii guddaa qaba. Dubbii Mariyaamii sirnaan hubaachuu fi hubachuu dhabuun, kufaatii fi fayyina namoota hedduuf bu’uura dha.

Seenaa Uumamaa keessatti kan akka ishee kabaja fi jaalala Waaqayyo fulduratti argate kan hin jirre haati keenya Durbee Maariyaam Uumaa ishee kan deesse ‘Haadha Waaqayyoo’ kan taate, Rajjiin guddaa kan raawwatameefi dha. Kunis, Sanyii ishee kan ta’an ijoollee Addaam hundumaaf badhaadhinaa fi milkaa’ina guddaa dha.

Dubbiin Maariyaam ilaalcha fi ejjennoo Amantaa sirrii qabaachuu caalayyuu jireenya Afuuraa guyya guyyaa keessattis faayidaa fi furmaata hedduu kan qabu, waadaa fi kadhannaan Haadha keenya Maariyaami gahee fi kabaja guddaa akkamii Waaqayyo biratti akka qabu kan nu hubachiisu dha. Manni Amantaa Keenya Umriin badhaatuu ija taateef, birsiisaa fi kitaabota hedduu hundee amantii nuhubachiisan bay’ee qabdi. Garuu, hedduun isaanii Afaan Gi’iiziin yoo jiraatan, muraasni isaanii gara afaan Amaariffaa fi Afaan Oromootti hiikaman illee bal’inaan uummata bira gahanii jiru jechuun ni ulfaata. Dabalataanis, barumsawwan gurguddoon akkasii, dhaloota yeroo yeroon ka’uuf haala uerootiin himamuu akka qaban seenaan nuuf ibsa.

Imaanaa kana fudhachuun Barsiisaa Mana Amantaa keenyaa kan ta’an Amaanu’eel Mallasaa, mata duree “DUBBII MAARIYAAM” jedhuun bifa cimina qabuun fi hawwataa ta’een barreessanii dhiyeessuun isaanii Ortodoksoota maraaf Misiraachoo guddaa dha.

Kitaabicha keessatti barumsa Mana Amantaa Waa’ee Dubbii Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isa qajeelaa, maddawwan amanamoo Mana Amantaa keenya irraa waraabuun mata dureewwan saglan itti aanan jalatti haala hawwataa fi dubbifamaa ta’een kitaaba Qulqulluu irratti hundaa’uun nuuf dhiyeessanii jiru.

Mata dureewwan kunis;

1.  Hiika fi Maqaa Kabaja Dubree Mariyaam

2.  Seenaa Durbee Maariyaam

3.  Sababa Ulfina Durbee Maariyaam

4.  Fakkeenya Adda Addaa Abboonni Durbee Ittiin Ibsan

5.  Ragaa Ba’iinsa Kitaabolee Bara Kakuu Haaraa Waa’ee Durbee

6.  Ragaa Ba’iinsa Hayyootaa, Waa’ee Durbee Maariyaam

7.  Deebii Shakkitootaa Waa’ee Durbee Maaiyaam

8.  Kakuu /Waadaa/ Araaraa

9.  Ayyaanota Durbee Maariyaam fi kanneen biroo isaan kana jalatti ibsamaniin barumsa guddaa nuuf dhiyeessanii jiru.

Ortodoksoonni Amntaa keenyatti cimnee, shakkii tokko malee amannee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, maatii fi warren nudhagahan hunda barsiisuun cimsuu fi shakkii keessaa baasuuf, barumsa Wangeelaa isa dhugaa addunyaan irra dogongoraa jiru ibsuuf beekumsi akkasii bay’ee nu barbaachisa.

Dabalataanis, dhaloota keenya ittiin qaruuf fi ijoollee keenya ittiin barsiisuuf kitaabni kun gumaacha guddaa qaba.

Lallabdoonni Wangeelaa fi faarfattoonni; barumsaa fi faarfannaa keessan beekumsa cimaa akkasiiitiin deeggaruuf, baratoonni Sanbataas /Dilbataas/ bakka barsiisonni hin argamnettillee kan ittiin of gargaartani dha. Kitaabichi barumsa hedduu fuulawwan muraasaa 176 keessatti gabaabsee nuuf dhiyeessee jira.

Boordii Editooriyaalii /Gulaallii/ Waldaa Qulqullootaatiin sirreeffamee fi Eyyamamee Waldichaan kan maxxanfame dha. Kitaaba kanas;

  1. Dukkaanota Waldaa Qulqullootaa hundumatti fi
  2. Kutaalee Misooma Waldaa Qulqullootaa wiirtuuwwanii fi wiirtuuwwan aanaatti ni argattu.

Odeeffannoo dabalataaf lak. bilbilaa

0111540484, 0111246184 0111244530’n bilbiluun argachuu dandeessu.

Waaqayyo kadhannaa fi Waadaa Durbee Maariyaamiin Mana Amantaa Keenya, Biyya Keenya Itiyoophiyaa fi uummata ishee hunda nuuf haa eegu! Barsiisaa Keenyaafis Sagalee Jireenyaa haa dhaggeesisu!

Dubbisa Gaarii!