Baga Gammaddan!!

“ዮም መስቀል ተሰብሐ፤ ዓለም ተጸውአ፤ ወሰብእ ግዕዘ፡፡ Har’a Fannoon Gooftaa Ulfaate/kabajame; adduynaanis fayyinaaf ni waamame; dhalli namaas bilisa bahe” Yaareed Qulqullichaa

Jechi “Fannoo/መስቀል” jedhu Alaqaa Kidaana Waldi Kifleen galmee chechotaa isaanii keessatti fannoo, waan itti fannifaman, gidiraa du’aaf nama geessu jechuu dha jechuun hiikaniiru. (Fuula 883)

Fannoo Gooftaa bifa Afuurawaa fi iccitaawaatiin kan addeessan immii Qeerloosi Itiyoophiyaa jedhamuun kan beekamu Abbaa Giyoorgis kan Gaasiccaa ti. Isaanis haala kanaan ibsaniiru.

Fannoon

  • Muka jireenyaa ti.
  • Muka qorichaa ti.
  • Muka Raajii ti.
  • Muka aara galfii dha.
  • Murtuu seexana dhabamsiisu dha.
  • Kuttuu (seefii) mataa hoomaa seexanaa muru dha.
  • Chaappaa Qulqullinaa fi Qulqullummaa ti.
  • Waara Qabsuuraa irra jiraniif gonfoo injifannoo; warra gara cidha Hoolichaatti waamamaniif immoo uffannaa cidhaa ti… (Galata Fannoo/ውዳሴ መስቀል)

Itti fayyadama:

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa Ortodoksi hojiin isheen Fannoo malee hojjettu tokkollee hin jiru. Qulqulluu paatriyaarkii ishee irraa eegalee hanga amantootaatti hundumtuu waaqeeffannaa Waaqayyoof yeroo tattaaffatanitti adda durummaan Fannoo ni fayyadamu. Sirna Kadhannaas yeroo jalqaban lubichi Fannoon amantootni immoo quba isaanii bifa Fannoon sirreessanii mallatteessuun maqaa Sadummaa (Sillaasee) ni waamu. Manni Kiristaana keenya sirna raawwannaa Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa yeroo raawwattu Fannoon Meeshaa Afuurawaa isa ijoo dha. Hayyoonni Mana Kiristaanaa tajaajila hunda galeessa isaa (Kan Fannoo) akka itti aanutti ibsaniiru.

“Dalaga keenya hundumaa keessatti, yeroo baanu fi gallu, uffannaa keenya uffachuu keenyaan duratti, dhiqachuu keenyaan durattis, gara dhangaa dhihaachuu keenyaan duratti, ibsaa yeroo qabsiisnu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo jalqabnu fi xummurru akkasumas hojii keenya kan idilee jalqabuu keenyaan duratti fuula keenya mallattoo Fannootiin ni mallatteesina.”

Akkuma ifatti mul’atu, Manni Kiristaana keenya Fannoo Fayyina addunyaa ittiin raawwatame bantoo gamoo ishee irratti baattee jiraatti. Luboonni fi amantoonni immoo gara mooraa Mana Kiristaanaa yeroo seenan ija fooniin Fannoo; ija Afuuraatiin immoo Kiristoos Fannicha irratti fannifame ilaalaa Gooftaa isaaniif sagada Waaqeeffannaa; Fannoo Gooftaa isaaniif sagada kabajaa ni sagadu. “Iddoo/bakka miilli Isaa dhaabbateetti ni sagadna” (Faar. 131:7) akkuma jedhame Fannoo Isa qaamni Kiristoos irratti fannifame, harki fi miilli Isaa itti dhahame fi dhangalaa’uu Dhiiga Gooftaa keenyaan qulqullaa’eef ni sagadna.

Adeemsa itti fayyadama Seenaa isaas akka itti aanutti dha.

  • Jaarraa lammaffaa keessatti Sooriyaan Fannoo kallattii bahaatiin dadaarratti fannisuun ittiin fayyadamuu jalqabdee jirti.
  • Jaarraa afrafaa keessatti immoo iddoowwan gamoon Mana Kiristaanaa itti ijaarame hundatti alaa fi keessa isaanitti Fannoo fannisuun, kaa’uun fi bocuun bal’inaan faayidaarra ooluu jalqabe.

Kanaafis mootichi Qosxanxiinoos Maksimiyaanoos waliin wal waraaneetti “በዝ ትእምርተ መስቀል ትመውዕ ፀረከ፡፡ Mallattoo Fannoo kanaan diina keen ni injifatta” jecha jedhu Fannoo waliin tiifuu waaqaa/samii keessa itti mul’ateera. Kanuma bu’uureeffachuun Qosxanxiinoos mallattoo arge sana koora fardaa fi gaangee fi cancala isaaniirratti, gilaasii fi meshaalee isaaniirratti, meeshaalee waraanaa isaaniirratti, uffannaa waraanaa isaaniirratti fi alaabaa isaaniirratti mallattoo Fannoo Gooftaa bocuu isaatiin diina isaa injifachuu danda’eera. Tibba kanarraa eegalee Manneen Kiristaanaa keessatti bal’inaan faayidaarra ooluu jalqabeera. Kanarraa darbee biyyoonni akka Fiin Laandi, Joorjiyaa, Ayis Landi, Noorweey, Siwiizar Laand, Swiidiin, Giriiki fi k.k.f. alaabaa isaaniirratti mallattoo Fannoo kaasuu/kaa’uu Qosxanxiinoos irraa dhaalaniiru.

Qulqulluu Phaawloos Duuka Bu’ichi “Innis (Kiristoos) Dhaqna Isaa kan taate Mana Kiristaanaaf mataa dha.” Qol. 1:18 jechuun akkuma barsiisetti; Manni Kiristaanaas isa kana hojiitti hiikuun Gamoo Mana Kiristaanaa irratti Fannoo baachuun/kaayachuun Kiristoos mataa ishee ta’uu isaa ni mirkaneessiti. Ijoolleen ishees morma isaaniirratti hidhuun dhaqna Kiristoos (Mana Kiriataanaa) ta’uu isaanii ni agarsiisu. Fannoo kana yeroo ilaalanitti; isarratti kan fannifame, raawwataa fi mataa Fayyina isaanii kan ta’e Madihaanee’alam yaadachaa ija sammuutiin gara Qaraaniyoo ni imalu.

Seenaa kabaja ayyaana Masqalaa

Fannoon kan kabajame, addunyaan Fayyinaaf kan wamame fi dhalli namaa bilisa kan bahe Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosini yeroo ta’u, keessattuu waltajjii Qaraaniyootti gaafa fannifame kan raawwatamee dha. “ወይቤ ተፈጸመ ኵሉ፡፡ Hundumtuu ni raawwatawe.” akkuma jedhe. Du’a Fannoorratti Inni raawateen Raajii Raajootaan dubbatame fi fakkeenyi fakkeeffame hundumtuu waawwii isaa argateeraati.

Karaa biraatiin immoo kan raawwatame hundumtuu Fayyina dhala namaatiif ture waan ta’eef; Fayyinni dhala namaa raawwi isaa argate, labsame, mirkanaa’e. Fannoo Dhiiga Gooftaatiin Qulqullaa’e kana maaliif kabajna kan jedhuuf immoo haala itti aanuun ilaalla.

Qoricha isaanii kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos gananii kan fannisan Ayihuudonni Fannoon Dhiiga Gootaatiin Qulqullaa’e Jireenya fi Qoricha ta’uu isaa yeroo arganitti hinaaffaa badaadhaan ni qabaman. “Isa (Kiristoos) dhabamsiisnaan Fannoon Isaa immoo ajaa’iba hojjechuu eegalee!” jechaa hammeenyaan ka’anii boolla kuusaa balfaa ta’e keessa ni gatan. Hanga B.A. 70tti balfi isaan gatan Fannoo sanarratti akka tulluu ta’e. B.A. bara 70tti bara Iyyaruusaaleem bade sanatti garuu, Ayihuudonni hafan gara bakka biraa godaannaan bakkuma awwaalameetti irraanfatamee waggoota dhibba sadii oliif bakki itti awwaalame wallaalamee hafe.

Fannoon human Gooftaa akka ta’e kan hubatte (1ffaa Qor. 1:18) Illeeniin  B.A. 326tti Fannoo Gooftaa barbaacha gara Iyyaruusaaleem dhaqxe. Achittis barsiistota Ayhuudii keessaa kan ta’e Kiraakoos kan jedhamu argatte. Bu’aa bayii guddaan booda iddoo Fannoon Gooftaa itti awwaalame itti agarsiiseera. Aantootni isaa Ayihuudootni boolla keessa awwaalanii balfa itti gataa akka jiran itti hime. Mootittiin Illeeniinis damaraa qopheessitee (qabsiistee) ixaana baay’ee irra goote. Aarri isaas teessoo Waaqayyoo fuulduratti gahee deebi’ee eeyyama Waaqayyoon gidduu tulluu Fannaan Gooftaa itti awwaalametti qubateera (sagadeera).

Ajaa’iba kanaa iddoo Fannoon Gooftaa itti argamu hubattee Fulbaana 17tti raayyaa fi uummaticha walitti waamtee tulluu sana qochisiisuu jalqabde. Balfa Fannoo Gooftaarraa tuulamee ture sana of-eeggannoon irraa kaasaa yeroo dheeraaf erga qotan booda dhumarratti fannoowwan saditu argaman. Isaan kana keessaa tokkichi Fannoo Gootaa yerooi ta’u kanneen hafan immoo fannoowwaa saamtootni lamaan irra fannifaman ture. Fannoon kunis ifaajee fi carraaqqii guddaan booda Bitooteessa 10tti kan argame yeroo ta’u, jaamtota/qaroo maleeyyii fayyiseera. Waarra miilaan tarkaanfachuu hin dandeenyes akka danda’an taasiseera. Waarra du’anis kaaseera. Fannoon Gooftaa keenyaa ajaa’ibawwan kana keessaattu kan du’e kaasuu isaatiin beekamuu danda’eera.

Eebifamtuun Illeeniin ajaa’ibaawwan Fannoo Gooftaarraa mul’atan sana irraa kan ka’e gammaduu isheetiin Fannicha hammattee Waaqayyoo ni galateeffatte. Uummanni ishee waliin jiran sun illee gammachuu guddaatu itti dhagahame. Harkaanis qaqqabaa Kiryaalaayisoon jechaa ni faarfatani. Galgaloofnaan Qulqulleettiin Illeeniin phaaphaasicha Abbaa Maqaariyoos waliin, raayyota ishee waliin fi uummaticha waliin xomboora qabatanii hiriira galanii faarfachaa Fannoo Gooftaa kabajuun bakka filatamaa ilaalanii kaayaniiru.

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaas jalqaba irraa kaasee Fannicha kan baatte fi kan kabajju taatus, tibba kanarraa eegaltee ayyaana Fannoo Gooftaa kabajuu jalqabdeetti. Fannoof sagaduun, Fannoo dhuungachuu, Fannoodhaan amantoota eebbisuun, Fannoo qabachuu, uffannaa fi dhagna irratti Fakkii Fannoo bocuun babal’achaa dhufe. Warroota hin amanne biratti akka gowwummaatti kan lakkaa’amu (1ffaa Qor. 1:18) Fannoon Gooftaa Humna Waaqayyoo ta’uun isaa daran kan beekame fi kan lallabame tibba kana irraa eegalee ti.

Ayyaanni Fannoo Gooftaa Fulbaana 17tti kabajamuu isaatiif sababa kan ta’e kanaan olitti akkuma ibsineen Qulqulleettin Illeeniin dhangaa qopheessitee Fannoo Gooftaa argachuuf guyyaa tulluu sana qotuu itti jalqabde yeroo ta’u, sababni isaa inni ijoon garuu B.A. 327tti jechuunis waggaa tokkoon booda Mootittiin Illeeniin Fannoo Gooftaaf Mana Qulqullummaa ijaartee Fannichas Mana Qulqulluummaa isaa Golgootaatti ijaarte sana keessa galchitee guyyaa eebbifamuu Mana Qulqullummaa isaa sababeeffachuun raawwatama. Dabalataaniis Bitooteessa 10tti yaadannoo isaa kabajuu hin dhiifne.

Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa Ortodoksi ayyaana Fannoo Gooftaa (Masqalaa) waggaa waggaan bifa ho’aa ta’een kabajji. Guyyaa sanattis jechuunis jala bultii ayyaana Fannoo Gooftaatti godaansa Fannoo Gooftaa barbaacha Illeenii yaadachuuf damaraa gubaa Waaqayyoon galateeffachaa oolti. Dhuma sirna kadhannaa isaa irrattis Abboonni kallattiiwwan afranuu Fannoon ebbiisanii damaricha ni qabsiisu. Amantootnis xomboora isaanii qabsiisaa seenaa fi Ifa Fannoo Gooftaan argame ni labsa. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa xiyyeeffannaa isheen Fannoo Gooftaaf kennitu ibsuuf Fulbaana 17-24tti guyyoota jiran TIBBA FANNOO GOOFTAA jettee moggaasteetti. Guyyoota kanattis Dubbiin Fannoo Gooftaa ni lallabama. Fannoo Gooftaafis Galata galchiti.

Fannoo Gooftaa fi Dubbii Fayyinaa

Dubbii Fayyinaa keessatti Fannoon dhagaa bu’uuraa dha. Raajiin raagame/dubbatame, torbeeffannaan lakkaa’ame fi fakkeenyi fakkeeffame xummura isaa kan argate Fannoo Gooftaa irratti dha (Yooh. 19:30). Namni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos jaaladha jedhu hundi Haadha yaboo (adaraa) ishee dhugaa kan argate Fannoo irraayi (Yooh. 19:25-27). Duuti waggoota 5500’f dhala namaa dararaa ture kan dhabamsiifame Du’a Gooftaa keenya Kiristoos Fannoo irratti taasifameeni. Xalayaa idaa inni seexanaan katabamee awwaalamee tures kan barbadaa’e Fannoo Isaatini. “Nurra bulee nubalaaleeffataa kan ture xalayaa du’aa/idaa abboommiin nurratti barreeffamee ture bakkee ni dhabamsiise” jechuun akkuma ibsetti jechuu dha(Qol. 2:14-16).

Waa’ee dubbii Fayyinaa yeroo kaasnu, waa’ee Fannoo kaasuun dirqama ta’a. Dhimmi (iccitiin) Fayyina keenyaa Fannoo malee hin raawwatamneeti. Hayyoonni isa kana Faarfannaa isaaniitiin yeroo kaasan, “ለአዳም ዘአግብኦ ውስተ ገነት፣ ወለፈያታዊ ኀረዮ በቅጽበት፣ ዝንቱ ውእቱ መስቀል፡፡ Addaamiin gara Gannatatti kan galche fi saamticha isa maddii mirgaa Gooftaa keenyaan fannifame battalaan kan waame Fannoo kana dha.” jechuudhaan dubbii Fayyinaa isa Fannoo irratti raawwatame ibsaniiru (icciteessaniiru). Dura aanaa Duuka Bu’ootaa kan ta’e Pheexiroos Qulqullichi Fayyina dhala namaa Fannoo irratti raawwatame akkas jechuun ibseera “Cubbuu keessa nubaasuuf jecha dhugaa Isaatiinis nufayyisuuf jecha Inni cubbuu keenyaaf mukarratti Foon Isaatiin ni fannifame madaa gidiraa Isaatiinis madaa keessan irraa aggaammattaniittu” (1ffaa Pheex. 2:24). Kanaan walqabsiisee ammas Duuka Bu’aan Paawloos Qulqullichis “Kanaan booda cubbuuf akka hin bitamneef foon keenya kan cubbuu akka barbadaa’uuf/dhabamuuf dhagni keenya moofaan Isa waliin akka fannifame ni beekna; kan du’es cubbuu isaatirraa fayyeeraati” jechuudhaan dhalli namaa isa bal’ina cubbuu jala oolee kan ture Fannoon bilisa bahuu isaa nuuf ibsa (Room. 6:6).

Fannoo; Wabii Nageenyaa

Akka barsiifannaa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidootti Kiristoos Fannoo Isaatiin wantoota wal-faalleessan torban walitti araarseera. Isaaniis:

  1. Waaqayyoo fi dhala namaa
  2. Dhalli namaa fi Ergamoota Qulqulloota
  3. Uummata Waaqayyoo fi alagaa
  4. Lubbuu fi fooni dha.

Wantoota cimdii cimdii ta’an kana gidduu goolloon/gidaarri/dhaabni jibbiinsaa dhaabbatee waggoota 5500’f nageenyi gidduu isaaniitti dhabamee diinummaan jiraachaa turan. Isaan kana walitti araarsuun nageenya dhugaa Isaa isaaniif kan laate fi tokko kan taasise Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo ta’u, goolloon/gidaarri/dhaabni jibbiinsaa gidduu isaanitti dhaabamee ture kan diigame immoo Fannoo Qulqulluutini. “Inni nageenya keenya dhaati; lamaan sana tokko kan taasise seerota abboommii isaan labsiin dubbataman haqee goolloo/gidaara/dhaaba jibbiinsaa gudduu isaanitti ture Foon Isaatiin kan diige; kunis lamaan isaanii keessaa nama haaraa tokko ofii Isaatiin uumuuf; nageenyas argamsiisuuf; du’as Fannoo Isaatiin ajjeesee Fannichadhaanis lamaan isaanii akka dhagna tokkotti Waaqayyoo waliin walitti araarsuufi dha. Gara keessan dhufee isin warra fagaattanii turtaniif nageenya, warra dhihaatanii turaniifis nageenya bifa misiraachoon lallabe” jechuudhaan kan ibse nuuf mirkaneessuufi dha (Qol. 1:20). Akkuma kanaa olitti ibsametti, ‘uummattootni fi al-uummattootni (kan kittaanaman fi kan hin kittaanamne)’ moggasni jedhu hafee Kiristoosiin ‘Kiristaana’ jedhamnee waamamne. Maqaan kun nageenyi keenya kan ittiin ragga’e fi tokkummaan keenya ittiin labsame; warra lafaa fi samii galata (qiddaasee) tokkoon akka hirmaatan kan taasise ta’e.

Goolaba

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos Fannoon Isaa hundumaa kan ofitti ittiin qabe, tokko ittiin taasise ta’uu isaa keeyyata ittiin ibse keessatti “Akkuma An lafarraa ol ol jedhe, hundumaa ofittan harkisa” (Yooh. 12:32). Ulaagaaleen foonii osoo isa hin daangeessin namni kamiyyuu Fannoo Isaatii harkifamee Isatti dhihaateera. Lafarraa ol-siqee samiirraa immoo dag-siqee fannifamuun Isaas dhala namaa fi Ergamoota Waaqayyoo tokko taasisuu Isaatiif agarsiistuu dha. Rogootni Fannoo afran, kallattiiwwan Kiristoos afran kan eeru dubbiin Fannoo Isaa dhala namaa kallattiiwwan afranitti argaman hunduma isaanii waloomsuu Isaa kan ibsanii dha. kana bu’uureeffachuun hunduma dhiifnee Fannoo Isaa baannee akka Isa duuka buunu nu ajaje (Maar. 8:34).

Odeeffannoo dabalataaf

Wiirttuu Finfinneetti Koree qopheessituu ayyaana Fannoo (Masqalaa)

011-156-54-63

e-mail: addisababa@eotcmk.org

Baankii Daldala Itiyoophiyaa

1000253606022

Baga Gammaddan!

Waldaan Qulqullootaa sagantaalee Afuurawaa kanaan duratti buufata Teleevizhiinii Aleph irratti tamsaasaa ture
Fulbaana 1/2012 B.A. irraa eegalee Buufata Teleevizhinii Mataa isaa banuudhaan moggaasa ” TELEEVIZHIINII WALDAA QULQULLOOTAA” jedhuun sa’aatii tamsaasa isaa gara sa’aatii 24tti guddisuun waliin gahiinsa lallaba wangeelaa fooyyessuuf qophii isaa xummureera.

 

 

Waldaan Qulqullootaa sagantaalee Afuurawaa kanaan duratti buufata Teleevizhiinii Aleph irratti tamsaasaa ture

Fulbaana 1/2012 B.A. irraa eegalee Buufata Teleevizhinii Mataa isaa banuudhaan moggaasa ” TELEEVIZHIINII WALDAA QULQULLOOTAA” jedhuun sa’aatii tamsaasa isaa gara sa’aatii 24tti guddisuun waliin gahiinsa lallaba wangeelaa fooyyessuuf qophii isaa xummureera.

Argamni Saatalaayitii isaas:

Satellite:- eutel sat Hotbird

Frequency: 11555

Polarization: V

Symbol Rate: 27500

FEC: 7/8

Name: EOTCMK TV