Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu

Archive for category: Seenaa Mana Kiristaanaa

Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa

in Seenaa Mana Kiristaanaa

Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa

Kutaa 1

                                                                                        Waasihuun Amanuu

“Dandiirra dhaabadhaa ilaalas, dandii ishee duraas gaafadha, daandiin ishee gaarrii kam akka taate beeka ishee irras deemaa lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu.” Erm.6:16.

 

Wangeela Maatiwos boqonnaa 24 irratti barreeffamee akkuma jirutti jalabultii bara dhumaati addunyaa kanaatti daandiwwan/amantaaleen/ gaarii faakkatanii garuu kan gara dogongoraa fi badinsatti nu geessan hedduun yerootti maqaa adda addaatti dhaabbatanii jiranidha. Daandiiwwan kunis daandii ishee duraa fi dhugaa irraa yeroo adda addaatti kan foxxoqanii fi falaasama namootaan kan hundaa’an yoo ta’an yeroo ammaa baayyina isaanii irraan kan ka’e lakkofsa isaanii illee seeran beekuf baay’ee nama rakkisa (maqaa kiristoosiin kan socha’an lakkoofsisaanii 3000 ol ni ta’u jedhama). Kan kiristaana ofiin jedhanillee yommuu ilaallu yeroo ammaa kanatti  maqaa hedduutiin kan hundaa’an, karaan dhugaa kan kiristaanummaa ishee jalqaba Kiristoos hundeesse fakkeessanii kan nama karaa dhugaarraa kaachisan hedduun ni jiru. Daandiin gara jireenya bara baraa fi boqonnaa barabarraatti nama geessituu fi karaan isheen dhugaa garuu tokkodha.Akkuma amantaa tokko, cuuphaa tokko, Gooftaa tokko jedhee Qulqulluun Phaawulloos barreesseetti. (Efe. 4:5)

 

 

Kanaan alatti daandii haaraa hundeessuunis ta’e irra deddeebi’uun sirrii akka hin taanee fi mootummaa Waaqayyoo akka nama dhabsiisu Qulqulluun Phaawolos barreesseera. (Hundee daballee hin hundeessinu..Ibr 6:2, 1Qor 3:10, Bifa amantii qabu garuu humnasaa gananiiru…2Xim.3:5). “Sossobbaa Diyaabiloos mormuu akka dandeessaniif meeshaa waraanaa Waaqayyoo uffadhaa, lolli keenyi dhiigaa fi foon waliin miti.” jedhee kitaabni Qulqulluun nu akeekkachiiseera (Efe 6:11).

 

Akkuma mul’achaa jirutti, namoonni muraasni walitti qabamanii habjuutiin nutti mul’ate jedhanii maqaa moggaasanii amantiin keenyi isa dhugaadha Kiristoos nubira jira jedhanii kan dandiirraa nama kaachisan hedduun ni jiru. Gooftaan keenyi Iyyasuus Kiristoos dursee waan kana beekuuf “Hanga dhumaatti kan cimee dhaabbate … inni ni fayya” Mar. 13:13 jedhee kan dubbatee tures akka of eeggannuufidha.   

 

Waan ta’eefis yeroon amma keessa jirru kun yeroo itti dhabbannee itti yaaduuu qabnu, yerootti daandii ishee dhugaa fi duraa itti gafannu,  isheenis garam akka turte yeroo itti  gaafannu akkaataa hundi keenyaa beeku qabnu dha. Daandii dhugaa kan jedhamte amantaa ishee dhugaa gara jireenyaa fi fayyina  barabarratti nama geessituu fi mootummaa Waaqayyoo  nama dhaalchiftu dha. Barri keenya bara gosni amantaa garmalee itti baayatan ta’uu isaa irraan kan ka’e dhaalonni kun amantaa filatuu fi qabatu wallaalee yeroo itti dhiphaachaa jirudha. Kanaafuu, daandii ishee dhugaa fi jalqabaa kan Waaqayyoo hundeesse hubannee itti jiraachuun furmaata yeroonsaa gaafatu dha.

 

Kanaafuu akka bara abbootii keenyaatti “amantaan kee maalidha?” yommuu jedhamnee gaafatamnu “amantaa abbaa fi haadha kooti” jennee  deebisuun qofa gahaa miti. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos jedhetti, yeroon kun yerootti waa’ee amantaa keenyaa sirriitti hubannee namoota kaaniif ibsuu danda’uu qabnurraati argamuutu nurraa eegama. Sababni isaas bara kanatti namoonni kitaaba Qulqulluu kaayyoo addadaaf jedhanii yerootti dubbisanii nama dogongorsiisuu barbaadan waan ta’eefidha.

 

Egaa dhimmi armaan olitti ilaalle kun Mana Kiristaanaa Kiristoos hundeesse, amantiin ishee dhugaa kam akka taate hubachuuf seenaan Mana Kiristaanaa gumaacha guddaa waan godhuufidha. Seenaan, kaleessa hanga har’aati kan jiru waan nu hubachiisuufidh. Ta’iiwwan adda addaa bara addaatti maal akka ta’n amantaa waliin akkamitti akka walitti dhufan kan hubachiisudha. Dhaabbileen amantaa amma jiran hundi yoom, eenyuun, akkamitti, akka hundaa’an, kaayyoon isaaniis maal akka ta’e kan nu hubachiisudha. Manni Kiristaanaa keenyi, Ortodoks Tawaahidoon akkamitti Kiristoosiin hundooftee, maqaa kanaan waamamuu akka dandeesse, qormaatilee hedduu dabarsitee akkamiin akka as geesse,akka addunyaatti biyyoonni Ortodoks Tawaahidootti amanan warra kam akka ta’anii fi kkf kan itti eeraffamu dha.   

 

Seenaa irraa hubachuun akkuma danda’amuun Manni Kiristaanaa Ortoodoks Taawahidoo yeroo hundooftee  egalee baroota dheeraa kan lakkoofsifte waan turteef dheerina umurii isheen kan ishee maadalu hin qabdu. Biyyi keenyi Itoophiyaa baroota sadan hundaa keessatti jechuunis bara seera laphee, bara seera oriiti fi bara seera wangeelaaa keessatti Waaqa waaqqeefachaa kan turte dha. Barreeffama kana keessattis Manni Kiristaanaa Ortoodoks Taawahidoo Itoophiyaa amantaa ishee duraa fi ishee dhugaa akka turte haala gaariin hubachuun ni danda’ama jedheen nan abdadha.

 

Barreeffamni  kun of keessa qabiyyeewwan gosa adda addaa kan of keessaa qabu yoommuu ta’u haalli dhiiyenya isaas duraa fi duubaan kan dhyaatudha.  Kana jechuunis, amantii ykn daandiin ishee Waaqayyo dhallii namaa ittin jiraate mootummaa Isaa ittiin dhaalan, akkamittii fi yoomii kaasee akka eegalte, walitti dhufeenyi Waaqayyoo fi dhala namaa maal akka fakaatu kanitti ibsamu dha.  Waluummaagalatti barreeffama kana keessatti barootan sila caaqafne keessatti seenawwan Mana Kiristaanaa keenya gaababsinee kan ilaalu yoo ta’u bu’awwan afuuraafi foonii isheen biyyaaf argamsiftees ilaaluuf ni yaalla. Barreeffama kana kan adda isa godhus seenaa Manni Kiristaanaa akka Oromiyaatti qabdus qoronnoorratti hundaa’udhaan dhiyeessuuf yaalusaati. Sababni isaas, Oromiyaa keessatti Gadaamiwwan hedduun nijiru, seenaan hedduun ni jira, garuu walitti qabamee uummataaf hin dhiyaanne. 

 

Walumaa galatti, namni seenaa Mana Kiristaanaa isaa kan hin beekni calliseetu oofama jechuudha. Yeroo qilleensi shakkii kallatti adda addaan itti dhufu dafee raafama, dhumnisaas dhaabbata amantaa isa dura shakkaa ture keessatti argamuu ta’a. Kunis akkuma namicha manasaa chirracharratti ijaarrateetti fakkeeffama. Namni seenaa Mana Kiristaanaa sirriitti hubatemmoo, qilleensi shakki garamiinuu otuu qilleensa’ee, qormaanni hedduun otoo itti dhufee yeroof dhiphata malee daandii ishee dhugaarraa kan isa kaachisu hin jiru. Kunis, namicha manasaa isa kattaa/dhagaa irratti ijaarrate fakkaata.

 

Egaa kaayyoon barreeffama kanaa, namoonni hundumtuu seenaa Mana Kiristaanaa sirriitti hubatanii dhugaa fi soba addaa baafatanii, daandii ishee duraa taate beekanii akka ittiin jiraataniif gumaacha guddaa akka qabu nan amana. Yaada qabaattanis bakka yaada itti kennuuf qophaa’e irratti akka nuuf ergitan nan abdadha. Waaqayyo, daandii dhugaarra deddeebinee lubbuu keenyaaf fayyina akka argannuuf nu haa gargaaru.

 

 

Galanni Waaqayyo Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf haa ta’u. Ameen.

 

 

http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-06-28 14:48:272018-10-26 09:21:26Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Scroll to top