“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed

“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed

‹‹ሞትሰለመዋቲይደሉ፣ሞታለማርያምየአጽብለኩሉ፤ሞትለማናቸዉምሰዉሁሉየተገባነዉ፣የማርያምሞትግንሁሉንያስደንቃል፡፡›› /ያሬድ

Dn Takiluu Haayiluun

Amajjii 20/05/2009 B.A

Maariyamii jechuun ol aantuu jechuu dha;kunis isheen uumaatiin gadi, uumamtoota hundaa caalaa ol’aantu waan taateefi dha. Luq 1:35. Abirihaam abba hundaa akkuma jedhamuu Maariyaam jechuun hadhaa hundaa jechuu dha; qoricha isheen nuuf deesseen jireenya bara baraa addunyaan argateeraati. Uum. 12:2-3. Maariyaam jechuun kennaafi qabeenya jechuu dha, yeroof hadhaafi abbaa isheetiif mucaa wareegaan argamte yoo ta’uu illee qoricha addunyaa argamsiisuu isheetiin hanga bara baraatti dhala namaa hundaaf kennaafi qabeenya ta’uun kennamteetti. Luq 1:41. Akkasumas, Maariyaamiin kan hanqina/fafa hin qabnedha; yeroof midhaginaafi simboon waan isheef kennamef yoo ta’u, booda garuu foonifi yaadaan qulqulleettii, yaadafi foon isheetiin dubroo ta’uu ishee, dubrummaafi qulqullummaa waliin simsiistee qabachuu ishee agarsiisa (Luq 1:28-36; Luq 1:45 Weed. 4:7). Maariyamii jechuun amantoota hooggantee mootummaa Waaqayyoo kan seensistu jechuu dha. Sababa Hewaaniin balballii Gannataa cufamee ture deebi’ee sababa dubree Maariyamiin banameerati (Faar 33:15; Galata Maar. Kamisaa.lakk 2).

 

Waa’ee jireenya haadha keenya dubree Maariyaamii gabaabsinee yoo ilaalle, Caamsaa 01 guyyaa dhalatte irraa eegaluun hanga waggaa sadii guuttutti mana abbaafi haadha ishee jiraatte. Sanaa booda jalqabayyuu kan argamte kadhannaafi wareegaan waan ta’eef gaafa waggaa sadii guuttu Mudde sadii gara Mana Qulqullummaatti geessuun Waaqayyoof kennamte. Isheenis Mana Qulqullummaa tajaajilaa, harriifi warqee wal simsiistee fo’aa, harka ergamaa Qulqulluu Faanu’eelitti nyaataafi dhuugaatii samii sooramaa,waggaa 12 Mana Qulqullummaa keessa jiraatte. Waaqayyos qulqulummaa ishee argee, ergamaa Isaa gara Naazireet Galiilaatti ergee isheen osoo Mana Qulqullummaa keessa jiraattuu ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliin misiraachoo ishee dhageessise; iccitii Afuura Qulqulluunis ulfoofte. Umurii ishee waggaa 15 kana booda Manaa Qulqullummaa keessaa kabajaan bahuun mana eegduu ishee Qulqullicha Yooseef akka jiraattu taasifame (Mat 1:18-25). Sana booda mucaa ishee fayyisaa keenya akkuma dubrummaan ulfoofte dubrummaan deesse. Gooftaan keenyi suuta suutaan guddatee waggaa 30 yoggu guutu cuuphamee, waggoota sadiifi ji’oota sadii biyya lafaa irra deddeebi’ee barsiisee, fayyina hundaa raawwatee nuuf jecha Tulluu Qaraaniyoo irratti hanga fannifametti mucaa ishee waliin jiraatte. Sana booda Mucaan ishee Gooftan keenyi qorichi keenyi Iyyasuus Kiristoos akka ajajetti kan jiraatte duukaa bu’aa Waaqayyoo isa jaalatamaa Wangeelaawwii Yohaannis waliin ta’uu Kitaabni Qulqulluun ragaa nuf ba’a. (Yoh 19:27). Du’aa ka’uu Gooftaa keenyaan boodas haati kenyaa dubroo Maariyamiin waa’ee du’aa ka’uu, gara mirga Abbaa Isaatti ol bahuu mucaa isheefi jireenya haarawaa dhugaa ba’aa Qulqulloota duuka bu’oota jaalalaafi kadhannaan jajjabeessaa akka turte kitaaboliin ragaa nuf ba’u.

Yeroon boqonnaa haadha keenya dubree Maariyamii bara B.A. 49 ti. Haati keenya dubroo Maariyaamiin foon kan uffatte waan taateef, sababa balleessaa Addaamiin duuti addunyaa irratti mo’e, ishees qaqqabeera. Haaluma kanaan haati keenya dubroo Maariyamii yeroo umuriin ishee waggaa 64 ta’etti (Gooftaa da’uun dura 15, erga desseen booda 49) Amajjii guyyaa 20 Gooftaan keenya gara Tulluu Dabra Zayiiti jedhamutti gara qulqulloota duuka bu’oota Isaa deemuun isaaniti mul’ate. Duuka bu’oota Isaatiinis boru deebi’een lubbuu haadha koo fudhadha jechuun itti hime. Akkuma jecha Isaatti gaafa Amajjii 21 guyyaa Dilbata Gooftaan keenya teessoo Kiruubel irra taa’uun faarfataa Daawit , qulqulloota ergamoota kumaaf kumaatamaa ta’an waliin dhufee, “yaa haadha koo addunyaa kana irraa si boqachiisuufan dhufe” jechuun itti hime. Yeroo kana isheenis “yaa mucaa koo addunyaan kan siin hin dandeenyee / dacheen kan si hin daangessine, ji’a sagaliifi guyyaa shan gadameessa kootti si badheen, durbummaan ulfa’uun dubrummaan si da’een nan du’aa?” jetteeni. Qulqullichi Yaared “Duuti dhala namaa hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” akkuma jedhe. Gooftaanis lubbuu si’ool keessatti dararaman/ rakkatan/ isheetti argisiisuun “yaa haadha ko duuti kee lubbuu kana maraaf fayyina isaaniiti” jedheen. Gara-laafettiin haati keenyi dubree Maariyaaminis sababa fayyina lubbuu isaaniif jecha, “lubbuuwwan kanneen naaf fayyifta taanaan haa ta’u” jechuun du’a filatteetti. Yeroo kana namootni achitti walitti qabaman marti jaalalaan ni boo’an; Gooftaan keenyis hunda isaanii jajjabeessee isaaniin eebbise. Lubbuuwwan hedduun si’ool keesssatti dararamanis fayyina waan argataniif hedduu gammadani. Q/Yaareed kana dhugaa yoo ba’uu yeroon boqonnaa dubree Maariyamii cidha fakkaata” ture jechuun barreesseera.

Gooftaanis Qulqulluun Pheexiros gara samiitti ol jedhee akka ilaalu ajaje, Waaqayyoo Abbaan kafana akka isheen ittin kafanamtuuf qophaa’e itti agarsiise. Dubreenis gara bahaati naannoftee sagalee hafuuran kadhannaa taasiste. Garaa bahaattis akkuma naannofteen boqatte. . Qulqulluun Daawitis sagalee olka’aa dhaan “Duuti qulqullootaa fuula Waaqayyootti kabajamaa dha” jechuun faarfatee ture (Faar.115፡5). Yeroo sa’a sagalaffaa Gooftaan lubbuu ishee fudhate. Foon ishees kafana samiin haguugame; Waaqayyo Gooftaanis duuka bu’oota Isaa bakka garaa garaa irra duumessaan fe’ee isaan waamuun akka foon ishee fudhatan ajaje. Duuka buutotnis foon ishee arganii, Pheexiroos karaa mataa, Yohaannis karaa miilla siree, baatanii gara bakka awwaalcha Geetesemaanii osoo deemaa jiranii waarri Ayihuud faaruu duuka bu’ootafi ergamoota dhaga’anii, “kana dura mucaan ishee <du’ee du’a mo’ee ka’e; gara mirga Abbaa Isaa gara samiitti olbahe> jechuun nu rakkisaa jirachaa jiru, amma immoo isheenis akkuma mucaa ishee du’a mootee kaate jechuun nu burjaajjessu danda’u. Kanaafuu gara jabinaan kottaa foon Maariyaamii haa gubnu’’ jechuun hammeenyaan ka’an. Isaan kessaa namtichi qaamaan jabaa ta’e kan Tawufaaniyaa jedhamu utaalee miilla siree qabate. Battaluma sana ergamaan Waaqayyoo ajajamuun harka isaa lameen seefiin kute. Warreen kaan ijji isaanii arguu dide; abidda ofii baataniinis of gubani. Yeroo kana “balleesseera/yakkeera/ naaf dhiisi” jedhee yoo ishee kadhatu dubroon mataa ishee gad qabattee Qulqullicha Pheexiroosiin “harkasaa cite kana akka duraatti deebisiif/fayyisi” jetten. Innis deebisuusaatiin dhiifama argateera. Namootni hedduunis badii isaanii irraa deebi’uun amananii cuphamaniiru. Sana booda Waaqayyoon galatni haa ga’uutii akka ogummaa Isaatti foon haadha keenya duuka bu’aa Isaa, isa jaalatamaa Qulqullicha Yohaannis waliin fudhachuun Gannata muka jireenyaa /ዕጸሕይወት/ jedhamu jala isaan kaa’eera.

Jalqaba sababni du’a haadha keenya dubroo maariyamii lubbuuwwan si’ool keessa jiraniif fayyina akka ta’e akkuma hubanne sababni inni biroon immoo iccitii foonii mul’isuuf Abbooliin keenya nuu barsiisu “Ati garuu osoo du’uu baattee/dhistee/ akka Henook, akka Eeliyaas, osoo gara samiitti ol baatee natti tola , akka dhokatufii malee garuu isaan kunnin martuu dhumatti du’a ni dhandhamu. Osoo kun siif ta’ee/du’uu dhiftee/ namootni shakkitootni isheenis samii irra kan buute gosa ergamootaa malee isheen gosa dhala namaa miti jechuun barsiisu ture…” jechuun abbootiin ni barsiisu. Kunis Waaqayyo dhala namaa jaalala dhugaa jalachuu Isaa dhugaa kan nuu ba’uufi Waaqayyo foon keenya isa Maariyamii irraa fudhate gonkuma kabajuu Isaafi fudhachuu Isaa caalaatti nu barsiisa.

Ayyaanni dubree Maariyamii kun maaliif Astariyoo /አስተርእዮማርያም/ jedhamaa?

Astariyoo /አስተርእዮ/ jechuun jecha gi’iizii yoo ta’u mul’achuu, ifa bahuu, argamuu jechuudha. Afaan Giriikiin immoo Ephifaaniyaa/ኤጵፋንያ/ jedhama.

Waqtiin Astariyoo galumsa sooma Gooftaa irratti hundaa’uun yoo gabaabbate/gad siiqe/ Amajjii 11 hanga Amajjii 30, (guyyoota 20), yoo dheerate/ol bahe/ Amajjii 11 hanga Guraandhala 3 (guyyota 53) hin caalu.

Waqtiin kun yeroo itti Inni waggaan hin lakkaawamneef Gooftaan waggaan lakka’ameefi waggaa 30 fffa Isaatti harka Yohaannisiin cuuphame, mana cidha Qaanaa Za Galiilaatti raajii isa jalqabaa taasisuun bishaan gara wayiniitti jijjiire, irra caalaa immoo Waaqni yeroo jalqabaaf iccitii tokkummaafi sadummaa bara Kakuu Haaraa ifatti mul’ise dha. (Maat 3:16-17)

Gama biraan haati keenya dubroo Maariyaamiin duumessaan fudhatamtee gara Gannataatti yoo ol galtu namootni akkasumaas qulqullootni ergamootni kabaja, araarsummaafi kennaa isheef kenname ifatti waan arganiif Astariyoo Maariyamii jedhameera. Dabalataan Qulqullichi Yaareedis Waaqayyo foon dubree Maariyamii irra fudhachuun ishee irraa dhalatee qaama daangeffamaa ta’een mul’achuu Isaa “Astariyoo” jechuun dubbateera. Akkasumas Abba Tsigee Dingil “raajiin abaaboo Waaqayyo foon keenya kan ta’e foon kee uffatee lafarratti akkuma mul’ate nuyiinis akkuma beekame yaa giiftii Maariyamii abdii gosa keenya kan taate har’a dubree Maariyaamiif gammachuu guddaafi mul’atni samii irratti ta’e” jechuun nuuf barreesseera. (Mahileta Tsigee.)

Walumaa galatti kabaja ayyaana waggaa kan giiftii Keenyaa kana yeroo kabajnu Mana Qulqullummaatti argamnee, jirenyaa bara baraa kan ta’e wangeela Waaqayyoo barannee, kabajamaa Fooniifi qulqulluu Dhiiga gooftaa keenyaa fudhannee, jireenya bara baraa dhaaluuf kan qophoofnu, iccitiiwwan Mana Qulqullummaa guyyaa itti hirmaannu irra caalaa immoo eebba, sugaafi kabaja haadha keenya dubroo Maariyaamii irraa guyyaa itti argannu nu haa taasisu.

Eegumsi Waaqayyoo, Araarsummaan haadha keenya dubroo Maariyamii, kadhannaan Qulqullootaa Kiristaanota mara waliin haa ta’u; ameen!

Madda:

v  Dubbii Maariyamii Waldaa Qulqullotaa, barruu Amaariffa(kitabaa)

v  Sinkisaarii (kan Amajji 21)

Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Amajji,10 B.A. 2009

Afaan Oromootti Kan Hiike

                                                                                                                                 Dn.Kumaa Araarsoo

Kabajamtoota dubbistoota keenyaa haala sirna Mana Kirstaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Kitaaboolee Mana Kiristaanaa keessatti guyya guyyaan dubbisaman keessaa Kitaabni Sinkisaara (መጽሐፈ ስንክሳር) isa tokko dha. Kitaabuma kana keessatti gaafa jalabultii ayyaana Cuuphaa kan dubbisamu haala armaan gadiitiin hiiknee isiniif qabannee dhiyaanneerra.

                                               

Amajji kudhan guyyaa kanatti nyaata kamiyyuu otoo hin nyaatiin amantoonni hunduu hanga galgalaatti akka soomaniif hayyonni hangafootni, barsiisonni Mana Kiristaanaa nuyiin dursanii turan sooma nyaata laguu qabu akka hin nyaatne seera tumani.

Guyyaa kanatti amantoonni hanga galgalaatti akka sooman kan ajajaniif sababni isaa kana dha. Ayyaanni Dhalootafi Cuuphaa Gooftaa keenyaa yoo guyyaa Roobii ykn Jimaata irra bu’e nyaata laguu qaban (warren guyyoota Ayyaana Shantamaatti (በዓለሃምሳ) nyaataman) ganamaan nyaachuun amantoonni hundi ayyaanicha akka kabajan abbootiin

keenya Duuka-bu’oonni ajajaniiru. Isaan kun lamaan Ayyaanota gurguddoo Waaqayyooti; kanaafuu hin soomaman. Nuti ayyaanoota keenya akka ormootaafi (warra alagaa) Yihuudotaatti nyaatafi dhugaatitiin qofa akka hin taasiifneef; namootni biroonis nuti addunyaa dabartuu kanatti quufaan, gammachuun kan gammadnu akka isaanitti hin fakkaanneef Ayyaani Dhalootafi Cuuphaa Gooftaa keenyaa yoo guyyaa Roobii ykn Jimaata irra bu’e, bakka isaanii (guyyoota bakka buusnee lagannu kaneen jechaa dha) akka isaaniitti lagachuu qabna. Kanaaniis ayyaana kabajuufi soomudhaan waan lama raawwanna.

Guyyaa Sanabata guddaatti ykn guyyaa Sanbata duraatti yoo ta’e (kunis guyyaa Gooftaan itti mul’ate Amajjii kudhan jechuudha), Jimaata jalabultii isaatti hanga galgalaatti haa soomani; dursinee akkuma dubbanne soorata laguu qaban hin nyaatiinaa. Ayyaanni Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaa guyyaa Wiixata yoo ta’e jalabultiisaa (guyyaa Sanbata guddaatti) soomuun hin danda’amu; garuu, soorata laguu qaban nyaachuu irraa of haa eegan.

Guyyaa Cuuphaattis halkan walakkkaan dura ka’anii bishaanicha irratti kadhatanii haa cuuphaman; Duukaa-buutonni sirna kabajamaa isaaniitiin akkuma ajajanitti daa’imman yommuu cuuphamanitti bishaan afaan isaanii keessa akka hin seenne. Luboonnis otoo hin bari’iin; barraaqaan sirna Qurbaanaa haa raawwatani.

‘Malakaanoonni’ – መለካውያን’ (warren murtii yaa’ii Keelqedoonitti amanan-) garuu jalabultii Ayyaana Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaa guyyaa Sanabata duraa ykn guyyaa Sanbata guddaa yoo ta’e sa’aatii saditti sirna Qiddaasee gaggeessu; yoo jaalatanis “biddeena eebbifame” nyaatanii bishaan dhugu. Kana boodas luboonni Mana Kiristaanaa keessa seenanii sa’aatii sa’aatitti kadhachuudhaan barreeffamoota raajotaa ayyaanichaaf malan ni dubbisu; bishaanicha irratti ni kadhatu; kunis Duukaa-buutonni abbootiin keenya akka ajajanitti hin taane. Isaanis Ayyaana Ephifaaniyaa (mul’achu) akka kabajan ajajaniiru; kunis Roomaatti ji’a lammaffaa Kaanuun jedhamu, gaafa guyyaa torbaffaa (mudde guyyaa kudha tokko) dha.

‘Malakaanoonni’ garuu abbootiin kabajaman barsiisotni Mana Kiristaanaa kan ajajan ni diigu; Ayyaanni Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaatti Jimaatas ta’e Roobii yoo ta’e dursanii bakka buusuun otoo hin soomiin ganamaan ka’anii ni nyaatutii.

Nuyiinis badii keenya irraa nu qulqulleessuuf jecha kabaja Gooftummaa Isaa laga Yoordaanoositti akkuma mul’ise onnee keenya irrattis nuuf akka ibsuuf, Abbaa Kabajaa kan ta’e Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositiin haa kadhannu. Gooftummaan, Kabajni, Sagadni Isaaf haa ta’uutii Arjaa Abbaa Isaa waliin, dhiifama kennaa kan ta’e Afuura Qulqulluu faanas har’as yeroo hundas bara baraaf ameen.

አርኬ (Arkee)

ሰላም፡እብል፡ለጾመ፡ዕለት፡ዋሕድ፡፡ዘስሙ፡ገሀድ፡፡መምህራነ፡ሥርዓት፡አቀሙ፡ለዘይመጽእ፡

ትውልድ፡፡እመባልዕት፡ጥሉላት፡ወእምነ፡ቅሡም፡ማዕድ፡፡አንስት፡ይትሀረማ፡ወይጹሙ፡ዕድ፡፡

Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Amajji,11 B.A. 2009

Afaan Oromootti Kan Hiike

                                                                                                                                                              Dn. Kumaa Araarsoo

Amajjii kudha tokko guyyaa kanatti Abbaan Kabajaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos cuuphicha Yohaannisiin bishaan laga Yordaanositi ni cuuphame.  

Guyyittiin kunis afaan Yoonaaniitiin (Greek) Ephifaaniyaa jedhhamti. Hiikaan isaas iccitiin Waaqummaa (መለኮት) kan itti mul’ate jechuu dha; Icciitii Sadummaa Qulqulleetti adda taate (ምሥጢረ ሥላሴ) itti mul’iseeraatii; Abbaan samii keessaa sagalee Isaa erguun “kan Ani jaaladhuu, kan Ani itti gammadus Ilmi Koo kana dha; Isa dhagahaa!” jechaa yeroo ragaa ba’u, Ilmis laga Yordaanos keessa dhaabatee yeroo jirutti Afuurri Qulqulluunis fakkeenya gugee adiitiin mataa Ilmaa irra qubateera.  

Guyyaa kanattis Gooftaan keenya of mul’iseeraati; kanaan dura hanga waggaa soddoma guututti ifatti of hin mul’isne ture. Guyyaa kanatti garuu ijoollee Israa’eeliif of ibse. “Cubbuu addunyaa kan balleessu, Hoolaan Waaqayyoo kunooti” jechudhaan Cuuphichi Yohaannis akkuma Isa ibseetti (Yoh.1:29); Wangeelli (Misiraachoon) kabajame ragaa ta’e. “Ani Isa hin beekun ture, garuu Israa’el akka Isa beekaniif bishaaniin akkaan cuuphe nan dhufe” jedhe (Yoh.1:31).

 

Ayyaana kana irrattis ulfinni Gooftummaa Kiristoos Ilma Waaqayyoo mul’ateera; Innis cubbuu addunyaa maraa balleessuuf kan aarsaa ta’e Hoolaa Dhugaa (በግዓ ጽድቅ) Waaqayyooti. Kanaafis ayyaanni kun Kiristaanotaa hunda biratti kan kabajameefi kan ol ol jedhe ta’e. Abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, Cuuphaa Isaatiinis bishaan Inni kabajeen ni qulqullaa’u; qulqulluummaa fudhatanis eeganii yoo jiraatan dhiifama cubbuu isaanii ni argatu.  

Kanaafuu wanta hamaa hunda irraa of eegnee baay’ina arjummaa Uumaa keenyaafi Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos galateeffachuun nurraa eegama; Inni nuuf jecha nama ta’ee cubbuu keenya irraa nu fayyiseeraatii.

Isaaf, arjaa Abbaa Isaafis, Jireenya kan ta’e Afuura Qulqulluu faana kabajni, galatni, sagadniis haa ta’u; har’a, yeroo hundas, bara baraaf. Ameen.

                                         አርኬ (Arkee)

ሰላም፡ለጥምቀትከ፡በኊልቈ: ክራማት፡ሠላሳ፡፡እምዘወለደተከ፡ድንግል፡ዘኢተአምርአበሳ፡፡አመ፡ቆምከ፡ዮም፡እግዚኦ፡ለዮርዳኖስ፡ማዕከለ፡ከርሣ፡፡ለወድሶትከ፡ማዕበላቲሃ፡ተከውሳ፡፡ወባረኩከ፡አናብርት፡ወዓሣ፡፡

ሰላም፡ለጥምቀትከ፡በዘቦቱይነጽሑ፡፡ኃጣውአሰብእ፡ዘዘዚአሁ፡፡አመ፡ላዕሌከ፡እግዚኦ፡አእዳወዮሐንስተሰፍሑ፡፡ሶበ፡ርእዩከ፡ቀላያት፡ደንገጹ፡ወፈርሁ፡፡ማያትኒ፡በርእስከ፡ፈልሑ፡፡

በዝንቱበዓልዘያሜንንወይነ፡፡ወዘያረስዕኀዘነ፡፡ንዑ፡ንትፈሣሕ፡እንዘናረትዕ፡ልሳነ፡፡ዘኢያስተርኢ፡ኅቡእ፡እስመ፡አስተርአየ፡ለነ፡፡እሳትበላዒአምላክነ፡፡

Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Damissee Jamaaneetiin kan hiikame

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhaloota lama akka qabu Kitaaba Qulqulluufi barumsa Duuka bu’ootaa bu’uureffachuun Manni Kiristaanaa keenya ni barsiifti. Kadhannaa Amantaa (ጸሎተሃይማት) keessattis “ ወነአምንበአሐዱእግዚእኢየሱስክርስቶስወልደአብዋሕድ . . . ዘተወልደወአኮዘተገብረ . . ተሰብአወተሠገወእመንፈስቅዱስወእማርያምእምቅድስትድንግል – Ilma tokkicha Waaqayyoo Abbaa kan ta’e Gooftaa tokko Iyyesuus Kiristoositti ni amanna . . . kan dhalate malee kan uumame miti . . .gocha Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti Dubroo Maariyaam irraa dhalate; Namas ta’e” jechuudhaan dhugaa ni baana. Kunis inni jalqabaa Iyyesuus Kiristoos addunyaan dura haadha malee Waaqayyo Abbaa irraa; addunyaan booda ammoo abbaa malee Haadha Isaa Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Isaa kan agarsiisudha. Addunyaa dura Abbaa qofa irraa dhalachuu Isaa Kitaabni Qulqulluu dhugaa nuuf baha (Yoh. 1:34, Mat. 3:17, Mar.9:7, Mat 16:16).

Barreeffama keenya kana keessatti gadi fageenyaan kan ilaallu dhaloota Isa lammataa Haadha Isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate ta’a. Bara gidiraa jedhamee kan beekamu barri badii xumuramee raajicha Isaayyiyaasiin “Mucaan nuu dhalate, Ilmis nuu kenname, aangoon hundis gateettii Isaarra ni ta’a. Maqaan Isaas Dinqii, Gorsaa, Waaqa jabaa, Abbaa bara baraa, hangafa nageenyaa jedhamee waamama”(Isa.9:6) jedhamee kan dubbatame  xumura argatee Gooftaan Iyyesuus Kiristos guyyaatti dhalate kun hidhaan gabrummaa guyyaatti hiikamefi bara fayyinaa jedhamee guyyaatti dubbatamedha.

Waaqayyo Gooftaan nama erga uumee booda namni badii waan hojjeteef duuti itti murtaa’ee ture. Dhalli namaa waan gaarii hojjetee bakka isaa duraa Gannatatti deebi’uu waan hin dandeenyeef Waaqayyo Gooftaan jaalala namaaf qaburraa kan ka’e akka kufetti dhiisuu hin barbaadne; waadaa faayyinaa galeefi malee. Waadaan kunis “guyyaa shaniif walakkaa booda dhufeen dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa” kan jedhu ture. Waadaasaas osoo hin hanqisiin sadan Waaqa tokko keessaa, Ilmi Iyyesuus Kiristoos Addaamiin fayyisuuf   samiirraa gad bu’uun Dubroo Maariyaam irraa baroota 5,500 booda gaafa Mudde 29 magaalaa Daawit Beeteliheemitti dallaa horii keessatti dhalate.

 

“Waaqayyo guyyaan hojjete ishee kana, isheettis haa gammadnu” (Faar. 116:24). Guyyaan kun guyyaa fayyinaati; fayyisaan biyya lafaa Kiristoos dhala namaa fayyisuuf dallaa horii keessatti argameerati. Guyyaan kun guyyaa gammachuuti; Qulqulluun Gebri’eel “kunoo uummata hundaaf kan ta’u misiraachoo isinittan himaati hin sodaatiinaa” jechudhaan guyyaa itti dubbate waan ta’eef. Guyyaan kun guyyaa galataati; sababiin isaas namniif ergamootni tokkummaan galata Waaqaaf guyyaa itti dhiyeessan waan ta’eef.   Guyyaan kun guyyaa mul’achuu Gooftaati. Waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dursanii raajonniif abbootii hedduun dubbachaafi fakkeenya Isaa hubachaa turani (Uum. 22:18, Kees. 18:15, Dan. 9:25,1Sam. 16:1-13, Faar. 44:10-12, Faar. 10:3, Isa. 7:14, 9:6). Raajiin Raajoota maraa kunoo dhalachuu Gooftaatiin raawwii argateera!

“Bara sanatti Addunyaan hundi akka barreeffamuuf Awugisxoos Qeesaar irraa ajajni bahe. Namni hunduu barreeffamuuf gara magaalaatti bahe. Yooseefis   Daawitiif fira waan ta’eef Naazireet Magaalaa Galiilaatii ka’ee Beeteliheem gara jedhamtu magaala Daawitiitti ulfooftee kan turte kaadhimaa isaa Maariyaamii faana barreeffamuudhaaf bahe. Achi osoo jiraniis yeroon da’umsa ishee gahe. Ilma ishee hangafaas deesse. Quba Isaa isa guddaas hiite, huccuus itti marte. Keessummootaaf bakki bultoo waan hin turreef dallaa loonii keessa ciibsite. Harreefi saawwan yeroon isaa qorraa waan turef akka itti hin qorrineef afuura isaanii kennaa dhiyeessaniif. Raajiin “Harreen gooftaa isaa bare, sawwanis dallaa abbaa isaa bare Isiraa’eel garuu Gooftaa isaa baruu hin dandeenye” jedhame ni raawwate (Isa.1:3).

Gooftaan Beeteliheemitti maaliif dhalate?

Beeteliheemiif raajiin dubbatame waan tureef gooftaan Beeteliheemitti dhalate. Raajichi Miikiyaas bakka biraa barsiisaa oolee gara dhihaa karaa balbala Beeteliheem darbaa osoo jiruu Beeteliheem diigamtee, caccabdee, muujjaan irratti biqilee waan argeef gadduudhaan akka fayyisaan (Gooftaan) ishee keessatti dhalatu dubbateef (Miik.5:2).

Moototni baha fagoo akkamitti dhagahanii kennaa fidanii dhufani?

Abbaan ogeessota kanaa beekaa falaasmaati. Guyyaa tokko qarqara lagaa taa’ee hojii falaasamaa isaa hojjechaa osoo jiruu ol samii gaafa ilaalu urjii irratti dubreen ilmashee hammattee fakkiin ishee ka’ee arge. Yeruma sana fakkii sana bocee kaa’uun dulloomee du’uuf gaafa ga’u ijoollee isaatiin “samiirratti mallattoo urjii fakkii kana fakkaatu yoo agartan yeroo sana uumaan biyya lafaa ni dhalata waan ta’eef kennaa kana geessaa laadhaafi” jedhee ajajee ture (Andimtaa mat. 2:1-14). Ogeessonni sadan kunis yeroo booda mallattoo urjii kanaa gaafa argan warqee, Ixaanaafi karbee fudhatanii deemsa isaanii jalqabani. Waggaa lama boodas urjiin sun isaan dursaa, isaanis “mootiin biyya lafaa eessatti dhalate?” jechaa gaafachaa dhufanii Beeteliheem gahanii Gooftaa haadha Isaa Maariyaamii waliin arguun Baay’ee gammadanii erga sagadaniif booda kennaa harka fuudhii dhiyeessaniif.

Raajiin “Moototni Tarseesiifi cittuuwwan lafaa kennaa siif dhiheessuu; moototni Saabaafi Arabaas kennaa harka-fuudhii sii kennu”(Faar. 71:10) jedhus haaluma kanaan raawwate.

Kennaaleen isaan Gooftaaf dhiyeessan iccitii maalii qabu?(Andi.mat 2:1-14)

Warqee: warqeen qulqulluudha; Atis Waaqa qulqulluudha, akkeenya qulqullummaa qabda, akkuma warqeen qulqulluu ta’e warreen sitti amanan hunduu hojiifi amantiin qulqulloota ni ta’u jechuufi dha.

Ixaana: Ixaanni ni urgaa’a, fooliin isaas namatti tola. Suraafeel xinaa isaaniin teessoo kee ni aarsu, Atis urgooftuu qulqullootaa dha, luboonni yeroo hundaa kadhaa ittiin siif dhiyeessu jechuu isaaniti. Ixaanni urgooftuu akkuma ta’e Atis akkeenyaan urgaa’aadha, warren sitti amanan hunduu urgooftota hojii gaariihojjetan jechuudhaafi.

Karbee : karbeen wanta cabe lama kan deebisee walitti hidhu dha; Atis Addaam kan garee ergamootaa irraa foxxoqee bahee ture ergamoota faana tokko taasista jechuu isaaniiti. Karaa biraaniis yeroo booda yihuudonni hadhooftuu si obaasu, karbee siif dhiyeessu jechuu isaaniiti.

Dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessatti kanneen nama ajaa’ibsiisan keessaa muraasa:

  • Waaqayyo akkeenyaan abidda ta’e nama ta’ee qaama namaan tuqamuu Isaa.
  • Dubroon Maariyaam dubrummaan ulfooftee dubrummaan gooftaa dahuushee.
  • Kiruubeel teessoo Isaa baatanii sodaafi hollannaan kan galateeffatan warreen tuffataman (tiksitoota horiin) galateeffatamuusaa.
  • Gooftaan Tsirha-aariyaam (samii) keessa jiraatu dallaa horii keessatti dhalachuu Isaa.
  • Qaamni Isaa abidda, huccuun Isaa abidda ta’e gooftaan yommuu dhalatetti qorraan dhaamotee ho’a afuura horii fedhuu Isaa.
  • Namootni ogeessonni biyya fagoofi daandii hin beekne keessa deemanii mallattoo urjiidhaan dursamaa Beeteliheem dhufuun Isaaf sagaduun isaanii dinqii dha.

Egaa walumaa galatti dhaloota gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin addunyaan dukkana keessa ture ifa argateera; seexanni hedduu rifateera; namniif ergamootni tokkummaan Waaqayyoof galata dhiyeessaniiru; samiirratti kiruubeel teessoo Isaa kan baatan dallaa horii keessatti Yoseef, Seloomeen, tiksitoonni, sawwaniifi harreen akka kiruubeel teessoo isaa fuulduratti tajaajilaniiru; Waaqni samiifi lafti hin dandeenye dallaa horii keessatti waan dhalateef namoonni, Ergamoonnifi horiin tokkummaan galateeffataniiru. Nutis hundi keenya guyyaa fayyinaa kana yaadachaa Waaqayyoon galateeffachuu qabna.

Dhalatee kan nu fayyise Waaqayyoof galatni haa ta’u; Ameen!

v  Madda : Andimtaa Macaafa Maatiwoos 2:1-14

           ፡ Hamerii bara 2008 muddee barreeffame.