“ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen

Qaam’ee/Phaagumee-3

Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa

Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa’eel (ቅዱስ ሩፋኤል መራሄ ፍኖት)

Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta’e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eelii yommuu ta’u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha.

Gosa Niftaaleem jedhamu keessaa kan dhalatee fi biyya Faarsi bittaa kolonummaa mooticha Silminaasoor jala kan ture namichi maqaan isaa Xoobiit jedhamu tokko ni ture. Haati manaa isaa Haannaa jedhamti. Ilma tokkicha Xoobiyaan jedhamu qabu ture. Obboleessi Xoobiit immoo Raagu’eel jedhama. Haati manaa Raagu’eel Adinaan jedhamti. Raagu’eelis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba ture. Mootichi Silminaasoor Xoobiit waan jaalatuuf aangoo isaaf kennee yoo turellee, Silminaasoor du’ee yeroo mootichi Sanaakireem jedhamu muudamutti Xoobiit aangoo irraa akka bu’u taasifame. Afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu mucayyoo Raagu’eel Saaraa kan jedhamtu kana irra buluudhaan abbaa warraa 7 ishee jalaa ajjeesee ture.

Guyyaa tokko Xoobiyaan abbaan isaa Xoobiit akka dulloomee ijji isaas arguu akka dadhabe dhagahee abbaa isaa bira deemuuf biyya Nanawee irraa ka’ee osoo karaa deemuu nama tokkoon walitti dhufee deemsa isaanii eegalan. Xoobiyaan yoo beekuu baatellee nama fakkaatee isa wajjiin deemaa kan ture kun Ergamaa Rufaa’eel ture. Osoo deemanuu biiftuun dhiitee jennaan iddoo tokkotti goranii buluudhaaf murteessan. Kanaan booda Xoobiyaan dadhabbii irraa boqachuudhaaf gara lagaa deemee yeroo inni qaama isaa dhiqatu Quxummiin tokko laga keessaa itti bahe. Yeroo kanatti Ergamichi kun qurxummii kana qabiitii qali, tiruu fi hadhooftuu isaa of eeggannoodhaan qabii baasi jedheen.

Xoobiyaanis qurxummicha qabee erga qaleen booda tiruu fi hadhooftuun maaliif barbaachisa? jedhee Ergamicha gaafate. Innis nama afuurri xuraawaan irra bule fayyisuu akka danda’u itti hime. Osoo karaa deeman Ergamichi har’a mana nama Raagu’eel jedhamuu tokkotti waliin bulla. Innis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba, isheenis akka haadha manaa kee taatuuf ani abbaa ishee nan gaafadha jedhee yeroo Ergamaan Rufaa’eel itti himu, Xoobiyaan immoo kanaan dura namoonni Saaraa fuudhan 7 akka du’an waan beekuuf anis yoon ishee fuudhee du’e maatii koo namni gargaaru hin jiru jedhee sodaate.

Haa ta’u malee, booda dubbiin Ergamichaa waan itti toleef afuura xuraawaa isheerra bulee namoota ajjeesaa ture kana hadhooftuu qurxummii sanaan isheerraa baasuu akka danda’u laphee guutuudhaan waan amaneef gara mana Raagu’eel deemanii achi bulan. Kanaan booda Raagu’eelis yeroo Xoobiyaa argetti ilma obboleessa isaa akka ta’e hubatee gammachuudhaan simate. Erga wal baranii yaada wal jijjiiraniin booda Xoobiyaan akka Saaraa fuudhee haadha warraa taasifatu murteessani. Xoobiyaanis kadhannaa taasisee hadhooftuu qurxummii sana yeroo itti aarsu afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu isheerraa bahee gaa’elli isaaniis eebbifame.

Raagu’eel qabeenya isaaniif kennee gara biyya isaaniitti isaan gaggeesse. Yeroo Xoobiit bira gahan Xoobiit ijaan waan hin agarreef ilma isaa simachuuf osoo jedhuu lafarratti kufe. Ilmi isaa Xoobiyaanis hadhooftuu fidee dhufe sana yeroo ija abbaa isaatti dibu Xoobiit ijji isaa banamee ilaaluu jalqabe. Yeroo kana irraa jalqabee nama fakkaatee isaan wajjiin deemaa kan ture sun, “Ani kadhannaa namootaa gara samiitti kanan ol Baasu Ergamaa Rufaa’eli dha” jedhee yeroo isaanitti dubbatu hundi isaanii gara lafaatti kufanii isaaf sagadan. Kunis wanta haaraa osoo hin taane akkuma abboonni keenya kanneen akka Iyyaasuu Ergamootaaf sagaduu isaanii kan mirkaneessu dha. Iyya 5:14

 “Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2 jedhamee akka barreeffamee Xoobiyaanis Ergamaa Ruufa’eel ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa osoo hin beekin isa simatee isa waliin akka Ergamichi ajajetti deemuun, waan Ergamichi ajajes fudhachuu isaatin eebbifamee jira. “Ergamaan Waaqayyoo naannawa warreen isa sodaatanii ni qubata, isaanis ni oolcha” Faar. 33/34:7, jedhamee akkuma barraa’e ergammoonni Waaqayyoo yeroo gidiraa keenyaa nu gargaaruudhaaf Waaqayyo biraa ni ergamu, labooba ibiddaa keessaa nu baasu, hammeenyaa fi gidiraa biyya lafaa kana irraa nu baraaru.

       ►Galanni Waaqayyoof

       ►Deessuu haadha isaatiif

       ►Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta’u.

Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen

Manni Kiristaanaa miidhama Ortodoksoota irra gahe ibsa isheetin:

“Ortodoksummaa isaanii qofaan haala suukaneessaa ta’een gajaraadhaan ni qalaman, qoncooradhaan ni muraman, meeshaa qara qabuu fi albeedhaan ni waraanaman, meencadhaan ni kukkutaman, uleedhaan rukutamanii dhagaadhaan tumamanii du’an, reeffi isaanii karaa irra harkifamuudhaan gidirfamaa oole, qaamni isaanii kan guyyoota hedduuf iddoo adda addaatti kufee tures garaa bineensotaatiif qallaba ta’e, dubartoonni ijoollee isaanii, abbaa isaanii fi abbaa warraa isaanii fuulduraatti ni gudeedaman, manni, qabeenyi isaan waggoota hedduuf itti dadhaban qo’annaa fi eerumsaan addaa bahuudhaan erga saamameen booda kan hafe gaazii (boba’aa) irratti firfirfamuudhaan ibiddaan gubatee barbadaa’e, namoonni mana isaanii hoo’aa keessaa buqqa’anii dukkana gannaa mana awwaalaa fi galma dallaa Mana Amantaa keessatti argamu keessatti, dhaabilee mootummaa gara garaa, akkasumas mana namoota dhuunfaa keessatti dheessanii dabarsuudhaaf dirqamanii jiru, dhibbaa hawaasummaa fi xiin-sammuutiif saaxilamanii jiru.” jechuudhaan dhugaa jiru dhiyeessite.

Biyya seerri fi mootummaan jirutti kan raawwatamee fi mirga jiraachuu lammiilee balaaf akka saaxile, gurraan kan dhagahame qofa osoo hin taane bakka sana deemuun dhugaa mirkanaa’e dha. Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii naannichaatin ibsi kenname baay’ee gaddisiisaa fi miidhama gahe kan giddu gala hin godhanne ta’uu isaa argannee jirra. Waldaan Qulqullootaa hanga miidhamaa erga hubatee fi iddoo gara garaatti kan walitti qabamanii jiran beelaaf kan saaxilaman ta’uu isaanii erga hubateen booda, M/Barreessaa Muummicha Ministeeraaf, Qaamolee Nageenyaa fi mootummoota naannoleef, deeggarsa nyaataa ariifachiisaa gochuu, dabalataanis balaan biraa akka irra hin geenye xalayaawwan gaafatan barreessee ture.  Waldaan Qulqullootaa kana kan taasiseef; tibba sana nyaata guyya illee dhiyyeessuuf qaamolee mootummaa caalatti filannoon akka jirre waan hubateefi dha. Ta’us, mootummaan gaaffilee dhiyaateef keessaa tokkof illee deebii kennuu dhiisuun isaa nu dinqisiisee jira. Yeroo dhiyootti baay’ee erga barfateen booda, tokko tokko qe’ee isaanii gadi dhiisanii iddoo gara garaatti erga godaanani booda, Jilli mootummaa naannichaatin durfamu gara iddoo miidhaan gaheetti imaluu isaanii miidiyaalee Sub-qunnamtii irraa hubannee jirra. Hanga fedhellee yoo barfate mootummaan rakkoo isaanii dhagahuuf, caalattiyyuu deebisee dhaabuuf carraaqqii taasisu hanga dhumaatti kan deemu yoo ta’e ni ajaa’ibsifanna; ni deeggarras.

Ta’us bulchiinsa olaanaa Mana Kiristaanaa keenyaa kan ta’e, Teessoo Paatiraarikii Manni Barreessaa Mana Lubummaa Waliigalaa ibsa dhiyeenya kenneef deebiin Biroon Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa kenne rakkinicha hubachuun furmata bu’uuraa fi walitti fufiinsa qabu kennuuf kutannoon qabu nu yaachisee jira. Sababni kanaas caasaan bulchiinsa gara gadii jiru kan raawwatu waan caasaa olii irraa ilaaluu fi dhaga’u ta’uu isaa ti. Aangawoonni (abbootiin tayitaa) mootummaa olaanaan waa’ee lammiilee miidhamanii ibsa tokkoyyuu kennuu dhiisuun isaanii, hirmaattoota gadda isaanii ta’uu dhiisuun isaanii wanti agarsiisu akkuma jirutti ta’ee, qaama aangoo irra jiruun ibsi akkasii kennamuun isaa, ammas caasaan mootummaa hubannoon inni qabu fi furmaatni inni kennu sadarkaan isaa laafa ta’uusaa agarsiistuu ta’ee fudhatamuu danda’a. Gochaan dhugaa aguuguu kun immoo waan gara fuulduraatti dhufuuf akka hin raawwanneef kutannoon hojjachuu irratti yaaddoo nurra bulchee jira. Gidiraa uummata irra gahu dhaabuu fi miidhaawwan uummata Kiristaanaa irra gahaa jiru oolchuuf, mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjatu irra deebidhaan gaaffii keenya dhiyeessuuf dirqamnee jirra.

Guddinaa fi bal’ina rakkinichaa, akkasumaas kan qo’atamee fi kan qindaa’e ta’uu waggoota lamaan darban keessatti Kiristaanota irra, keessayyuu Naannoo Oromiyaa keessatti rakkinni fi gidiraan gahaa jiru yeroo kamiyyuu caalaa kan dabalaa dhufe dha. Miidhaan kun bifa dachaa qabaachuu danda’us Kiristaanota irratti kan xiyyeeffatee fi duula kiristaanummaa naannicha keessaa balleessuu ta’uu isaa garuu adeemsa seenichaa fi miidhama geessisuuf haalota yeroo isaan filatan irraa hubachuun ni danda’ama.

Itiyoophiyaatti waggoottan soddomman darban keessatti Kiristaanotni gidiraa fi ajjeechaawwan gurguddaa darban yeroo qorannu jijjirama sirna mootummaa bu’uura kan godhatan ta’uu isaanii hubannee jirra. Jijjirama mootummaa fi seenessa siyaasaa haaraa bara 1983 bu’uureeffachuun bara 1983 fi 1984 Harargee fi Arsiitti Kiristaanonni baay’een haala baay’ee suukkanneessaa ta’een ajjeefamaniiru, qabeenya isaanii saamamaniiru, akka buqqa’anii fi godaanan taasifamaniiru.

Yeroo sanaa kaasee itti fufuun dhiibbaan garaa garaa filannoo bara 1997 sababa godhachuun immoo dhiibbaa siyaasaa biyyattii keessatti taasifame sababa taasifachuun bara 1998-1999 ammas Harar, Arsii, Alu Abbaa Booraa, fi Wallaggatti kiristaanota irratti ajjeechaa guddaan, buqqa’uun, barbadaa’insa qabeenyaa, akkasumas gubannaan Mana Kirisataanaa raawwatamee jira. Kanatti aansudhaanis, bara 2002-2003 ammas yeroo filannoo eeggachuun miidhawwan Kiristaanota irratti raawwatamanii jiru. Kana booda garuu hangi fi aguuggin balaa garaa garaa ta’us Kiristaanota irratti miidhaan sukkaanneessan adda hin cinne keessayyuu:- Harargee, Arsii fi Baaletti raawwatamaa turee jira.

Waggoota lamaan darbanitti kan gahe garuu, kan hanga ammaatti raawwatame hundaa irraa haalaa fi bal’ina iddootinis adda kan ta’ee fi sukkanneessa akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. Miidhaa Adoolessa 28 bara 2010tti Mootummaa Naannoo Somaaletti raawwatamee eegalee, naannoo Oromiyaa garaa garaatti, iddoowwan Murtaawoo Naannoo Uummattoota Kibbaatti miidhaawwan baay’ee sukkanneessaa ta’an raawwataamaa turanii jiru.  Keessumayyuu bara darbe Adoolessa 11/2011 Godina sidaamaatti kan raawwatame fi goodina Silxeetti walitti fufiinsaan kan rawwatameen alatti miidhamni guddaan kan gahe Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti dha. Naannawaa Finfinnee Buraayyuu fi Laga Xaafotti kan raawwatamanii eegalee bara kana ji’a Onkololeessaa, Amajjii fi Waxabajjiitti kan rawwataman baay’ee gaddisisoo fi miidhaawwani bal’inaan raawwataman add durummaan ka’uu kan qabanii dha.

Walfakkaatiinsa amala miidhaawwanii ilaaluuf akka nu gargaaruuf, Waggoota 29’n darban miidhaawwan gahan yoo ilaallu:-

  1. Si’aayina siyaasa fi ce’iinsa aangoo biyyattii dahoo godhachuun isaanii agarsiisa tokko dha. Jijjirama mootummaa bara 1983 hanga filannoo bara 1997tti, filannoowwan sana booda turanii fi tasgabbii dhabiinsa muraasaa kaasee hanga ajjeechaa Artistii Haacaaluu sababa godhachuun raawwatameetti, ta’iiwan tokkoon tokkoon isaanii akka carraa gaaritti fayyadamuun Kiristaanota ajjeesuu, buqqisuu fi raawwiin suuta suutaa naannoo sanaa Kiristaanota balleessuu raawwatamaa ture. Kunis balaa sanaaf uuwwisa gahaa kennuuf of-eeggannon kan hojjatu, itti yaadee fi karoorse qaamni raawwatu jiraachuu isaa akeeka.
  2. Balaa hundaanuu Kiristaanotni qooqa hunda dubbatan saaxilamtoota miidhamichaa ta’anii jiru. Tasa itti makamanii yookan Kiristaanota balaa irraa bararuuf seenanii yoo ta’een alatti, balaawwan hundaan jechuun hanga nama dandeessisutti Islaamonni dubbattoota qooqa kamiyyuu ta’anii fi Itiyoophiyaanota Ortodoksin ala ta’an irra miidhamni kun hin geenye. Kanneen biroo miidhaan kan irra gahe sababoota lamaani dha. Tokkoffaa adeemsa ofirraa ittisuu keessatti yookan tarkaanfii mootummaan fudhatuun yoo ta’u, lammaaffan immoo balaa Kiristaanota irratti fudhameetti makamuun yookan immoo akka Shaashamannee fa’atti gamoo Kiristaanotaa yeroo guban Kireeffatanii keessa kan jiran hordoftoonni amantii Islaamaa yoo waliin jiraatan qofa dha. Kanaan alatti haala adda ta’een itti akeekamuun kan miidhaman nu hin mudanne. Kunis barootaf jaalalaa fi waldeggaruun kan waliin jiraatan Muslimotaa fi Kiristaanota kan bakka hin buune, Kiristaanota miidhuu galma godhatee kan socho’u humni mankaraasisaan qaamota lamaan walitti buusuuf yaalu jiraachuu isaa.
  3. Miidhawwan baay’eetti dubartoonni Kiristaanotni ni gudeedamu; miidhaawwan bara 1983-1984 fi naannawa jimmaatti immoo dirqisifamanii haadha mana namoota isaan gudeedani ta’anii kan hafanis jiru.
  4. Balaawwan iddoowwan tokko tokkotti muudataniif garee mankaraasisaa Islaamaa maqaadhaan caqafaman taajjabnee jirra. Fakkeenyaaf 1983/4 Arsiitti kan taasifame garee mankaraasisaa Islamaa Jaarraa jedhamuun miidhaan akka irra gahe Kiristaanootni yeroo gara garaatti caqasanii jiru.
  5. Naannoo baay’eetti namoonni balaa geessisan deeggartoota caasaa mootummaa irra jiran walitti hidhata waan  qabanii fi ofirraa ittisuuf qofa osoo hin taane caasicha Kiristaanota himachuu fi hidhuuf itti fayyadhamanii jiru.
  6. Mootummma Naannawa Oromiyaatti dhimmicha bifti sanyummaa kennamuufis, Kiristaanotni Oromoos bara 1983 eegalee miidhamtoota ta’uu isaanii hubachuu dandeenyee jirra. Ibsitoota balaawwan Onkololeessaa fi Waxabajjii/2012 gahanii:-
  7. Iddoowwan hundattiyyuu miidhaawwan Kiristaanota ciccimoo irratti xiyyeeffatani ta’uun saanii;
  8. Naannoowwan balaan Kiristaanota irra gahetti humnoonni nageenyaa mootummaa miidhaa sana ittisuuf yaalii tokkoyyuu gochuu dhiisuu isaanii;
  9. Qaamonni aangoo mootummaa irra jiran hirmaattota balaa sanaa ta’uun qabeenya mootummaa yakka sanaaf oolchuu isaanii;
  10. Naannoowwan baay’etti qaamoleen caasaa mootumma irra jiran deeggartoota balaa sanaa ta’uu;
  11. Balaan booda sababa barbaaduun Kiristaanota balaa irraa hafan himachuu fi hidhuu;
  12. Warren balaa sana of irra ittisanii fi kanneen biroo baraaruuf socho’an hidhaaf saaxilamuu;

Yeroo balaatti kan mul’atan miidhaawwan kunniin ta’e jedhamee itti karoorfamuu fi itti yaadamuun kan raawwataman yoo ta’an; erga balaan gahee booda immoo:-

  • Warren miidhaamaniif nyaata guyyaa illee caasaan mootummaa dhiyeessu dhabamuu;
  • Buqqaatoota deebisanii dhaabuuf carraaqqiin mootummaa quubsaa ta’uu dhabuu
  • Dhimmoota kana irratti mootummaan gadda isaa kan hin mul’isne, ibsoonni kennamanis haalicha daran kan jabeessanii fi Kiristaanotni miidhaman mootummaa irratti amantaa akka hir’isanii fi yaaddoo dabalataa kan itti uume, qaamolee gochaa kana hawaasa addunyaaf beeksisan saalfachiisuu yaaluun kun mootummaan miidhama kana waan  deeggaru fakkeessee jira.

Kanaafuu mootummaan rakkinichi ulfaataa fi yaaddessaa ta’uu isaa hubachuudhaan wabii lubbuu lammiilee eegsisuun itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba. Gaaffilee armaan gadiif deebii ariifachiisaa kennuun lammiilee gidiraa keessa jiraniif aantummaa isaa mirkaneessuun akka irra jiru hubachiisuu barbaanna.

Kanaafuu Mootummaan:-

  1. Hunda dursuun gocha kana ifatti abaaruu fi miidhamtoota bira dhaabbachuu;
  2. Qaamota balaan irra gahe hunda haala sirrii ta’een daawwachuun hojii jajjabeessuu, tasgabbeessuu fi hojiin abdii kennuu hojjatamuun lubbuu isaaniif wabii akka kennamuuf;
  3. Beela fi rakkina keessa kan jiraniif deeggarsa yeroo akka kennuuf;
  4. Balaa kana keessatti caasaan mootummaa hirmaataa waan ta’eef, qabeenya barbaadaa’ee fi lubbuu bade hundaaf hojiiwwan sirreeffamaa sirrii akka hojjatu;
  5. Qaamota badii kana keessa harka qaban hunda seeratti dhiyeessuun, kanneen biroof baruumsa kan ta’u  adabbii walsimataa fudhachuun haqa akka mirkaneessu;
  6. Qaamooleen mootummaa olaanoon qaamoolee miidhaman caalaa, qaamota balaa geessisanii fi itti gaafatummaa isaanii warra seeran hin baanef hojii abukaattoo dhaabachuu fakkaatu irra akka of qusatuu fi ibsa Kiristaanota miidhaan irra gahetti gadda dabaluu fi abdii kutachiisuu  irraa akka of qusattan isin hubachiisna.

Walumagalatti Waldaan Qulqullootaa itti-fufiinsa balaa kana irratti yaaddoo waan qabuuf; gama mootummaatin ejjannoo fi qophii cimaan jiraachuu akka qabu ni yaadichisa. Kana ta’uu isaatinis kanaan booda miidhaan dabalataa kamiyyuu akka hin geenye, mootummaan karaa sirriidhaan rakkinicha hubachuun hojiiwwan gaarii jalqabaman cimsuun, hojii deebisanii dhaabuu, eegumsaa fi wabii lubbuu kennuu cimsee akka hojjatu kabajaan gaafachaa, lammiilee keenya deebisanii dhaabus ta’ee, deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf qophaa’aa ta’uu keenya ni ibsina.

Haa ta’u malee mootummaan akka kanaan duraatti rakkinicha maal na dhibdeedhaan kan bira darbu yoo ta’ee fi mirga lammiilee kabachiisuuf itti gaafatamummaa isa irra eegamu kan hin baane yoo ta’e, Kiristaanoota Ortodoksoota ta’e jedhee gidiraaf dabarsee akka kennee fi Ortodoksoonni hundi balaa of irraa ittisuuf filannoo biraa akka fayyadamnuuf mootummaan dhiibbaa akka godheetti amannee akka fudhannu kan nu taasisu ta’uu isin beeksiisuu jaalanna.

Gargaarsi Waaqayyoo nurra adda hin bahin!

Qaammee 2 Bara 2012 B.A.