Entries by EOTC Afaan Oromo

Torbee gidiraa

                                            Torbee gidiraa

                                                                                                  Dn.Atnaateewos Bikilaan

Torbeen gidiraa sooma guddaa erga raawwannee booddee galgala Hosaa’inaa irraa jalqabanii guyyoota hanga jimaataatti jiran guyyoota gidiramuu gooftaa haala adda ta’een itti yaadannu dha. Kunis kan ibsu rakkina Gooftaan keenya irra gahee kan itti yaadannuu fi itti sagadnuu dha (1Qoro. 11:26) – “Isiniis hanga Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan mara du’a isaa ni labsitu.” Soomii guddaa keessatti galgala gaafa guyyaa Hoosaa’inaa eegalee hanga halkan gaafa du’aa ka’umsaatti guyyoota jiran guyyoota boo’icha, gidiraa, rakkinaa yookaan dhiphinaa jedhama. Guyyaawwan kunis barootni gadadoo (miidhamaa), gidiraa (dhiphina) kan itti yaadatamanidha. Bara gadadoo, gidiraa (dhiphina) jechuun ilmaan namoota garbummaa si’ool, hidhaa seexana jalaatti qabamanii bara jiraachaa turan jechuu dha. Gidiraa yommuu jennu mataa bowwoo, garaa ciniinnaa, dhukkubbii harkaa fi miillaa osoo hin taane fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii ilmaan namoota hundaa hidhaa fi cunqursaa seexanaa jalaa bilisa baasuudhaaf jaalatee eeyyama isaatiin rakkina fannoo nuuf fudhate kan ibsuu dha. Waa’ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos rakkina isaa fi du’a isaa kan ibsu (kan yaadachisan) kitaaba gidiraa (kitaaba Himaamaat) kan jedhamu torbee kana keessaa sa’aatii sa’aatii isaarratti dubbifamaa tura. Karaa adda addaatiin waa’een rakkina isa irra gahee ni yaadatama. Yihudootni kan galgala Dilbataa marii isaanii eegalan, guyyaa Roobii mirkana’eef.

Gidiraa Fannoo Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kudha sadan. Isaanis:-

1. Mataa rukutamuu (ተኮርዖተርእስ)

2. Kaballaa (ተጸፍኦመልታሕት)

3. Hancufa itti tufuu (ወሪቀምራቅ)

4. Dhangaggaa’aa dhuguu (ሰትየሐሞት)

5. Dugda reebamuu (ተቀስፎዘባን)

6. Qullaa ta’uu (ተአርቆተልብስ)

7. Cinaacha eeboon waraanamuu ( ርግዘተገቦ )

8. Harka duubatti hidhuu (ተአስሮተድኅሪት)

9. Mismaara Saadoor jedhamuun waraanamuu

10. Mismaara Alaadoor jedhamuun waraanamuu

11. Mismaara Daanaat jedhamuun waraanamuu

12. Mismaara Adeeraa jedhamuun waraanamuu

13. Mismaara Roodaas jedhamuu waraanamuu

‘’Hosaa’inaa Ilma Daawitiif .” Mat 21: 9

‘’Hosaa’inaa Ilma Daawitiif .” Mat 21: 9

                                                                   Biraanuu Dajaneetiin

     Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin   akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

Niqoodimoos

Niqoodimoos

Dn Zalaalam Daggafaan

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa torbaffaa dha. Moggaasni isaas kan Qulqulluu Yaarediin moggaafame dha. Guyyaa kana hangafni Faariisoota kan tahe galgala gara Gooftaa keenya dhufee yommuu baratu Gooftaanis Icciitii Cuuphaa, Icciitii Lammata Dhalachuu Niqodimoosiin akka barsiise Qulqulluun Yaared wangeela Yohaannis boqonnaa 3 irra jiru caqasuun kan faarfate waan ta’eef moggaasni guyyaa kanaa Niqoodimoos jedhameera.

Mata-dureen faaruu Qulqulluu Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “ሖረ ኀቤሁ ዘስሙ ኒቆዲሞስ” ( Niqoodimoos kan jedhamu gara isaa deeme) isa jedhudha.

Sirna Galatoo guyyaa Niqoodimoos keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ni duubbifamu:-

v  Roomee 61-19

v  Yoh.1ffaa 4:18-dhum.

v  Hojii Ergamoota 5:34-dhum.

v  Galatoo: Galatoo Maariyaam            

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 16:3

ሐዉጽከኒ ሌሊት ወፈተንኮ ለልብየ (Halkan na mildhatte lubbuu koos qoratte)

አመከርከኒ ወኢተረክበ አመጻ በላዕሌየ (Na qoratte hammeenyis narratti hin argamne)

ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለእመሕያዉ (Afaan koo gochaa dhala namaa akka hin dubbanne)

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaannis 3:1-20

Tajaajilaa Gaarii (Mat. 25÷14-30)

Tajaajilaa Gaarii   (Mat. 25÷14-30)

   Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafata.

   Sirna Qiddaasee guyyaa Gebriheer keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu

     keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  1ffaa ximo 2፡1-17

v  2ffaa phexi 5:1-12

v  Hojii Ergamoota 1:6-9

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40:10

ከመእግበርፈቃድከመከርኩአምላኪየ

ወሕግከኒበማእከለከርስየ

ዜኖኩጽድቅከማኅበርዐቢይ

Hiika: “ Yaa Waaqa koo eeyyama kee dubbachuudhaaf naan fedhe

           Seerri kee laphee koo keessatti barraa’ee taa’a;

         Waa’ee arjummaa kees himeera.”

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

DABRA ZAYIT

DABRA ZAYIT Akka sirna mana kiristaana Ortodooks Tewaahidoo Itiyoophiyaatti sooma guddaa kana keessatti dilbata shanaffaa Dabra Zayit jedhamuun waamama. Dabra Zayit kan jedhames tulluu ejersaa biyya Israa’el keessa jiru yoggu ta’u bakka gooftaan keenya itti dhufa jedhamee amanamudha (Zak.14:4; Hoj. Erg 1:11). Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “እንዘ ይነብር እግዚእነ ውስተ ደብረ ዘይት” […]

Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Imala Jireenyaa Adeemsise

Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Imala Jireenyaa Adeemsise

                                                                                                               Yordaanos Gonfaafi

Warquu Baqqalaa (Wiirtuu Adaamaatti Kutaa Miidiyaa)

                                                                                              

Imalli jireenyaa Waldaa Qulqullootaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e Bitootessa 11 bara 2008, imaltoota kumaafi dhibba lama hirmaachisuun adeemsifameera. Imalichi gara Mana Kiristaanaa Qulqulluu Abuna Gabra Manfas Qiddus Girabbaa Jawweetti taasifame. Sagantaaleen imala jireenyaa hawwatoo ta’aniifi seera mana kiristaanaa eegan Faarfannaan, lallabni wangeelaa, gaaffiif deebiin dhimma yeroofi seenaa Mana Kiristaanaa irratti xiyyeeffatan, barsiisota hubannoo gahaa qabaniin deebiin itti kennameera.

Matsaaguu

Matsaaguu Dn Katamaa Taganuutiin Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa; waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf. Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan […]

Mikuraab

Mikuraab                                                                                                                 Damissee Jamaneen Torban sooma Gooftaa keenya keessaa inni sadaffaa Mikuraab jedhama. Torban kun sababa inni itti mikuraab jedhameef guyyaa kana luboonni faaruu sooma diggu’aa irraa kaasuun ‹‹ቦአ ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ ወመሐረ ቃለ ሃይማኖት›› “Iyyesuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; sagalee amantaas ni barsiise” jechaa waan faarfataniif dha. Yihuudonni bara Kakuu Moofaa keessa mana […]

Qulqulleettii (Qiddist)

DAMISSEE JEMAANEE

Qulqulleettii (Qiddist)

Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni lammataa Qulqulleettii (Qiddist )jedhama. Sababiin kana jedhameefis ዛቲ ይእቲቅድስትዕለትguyyaan kun ebbifamtuudha. Kanan itti boqodhe sanbata qulqulleettii dha. Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa (Lew 19:2-3) jechuudhaan Waaqayyo abbaan guyyaa sanbataa ni qulqulleesse,ni kabajes. Jechaa qulqullummaa Sanbataafi namnis qulqullummaan jiraachuu akka qabu kaasaa waan faarfatuuf torbeen kun Qulqulleettii jedhameera. Moggaasichis Sanbatni guyyaa boqonnaa akka taatu bara Ooritiis bara Wangeelaas Waaqayyo guyyaa eebbise, guyyaa kabaje ta’uu nutti hima. Gara biraanis Waaqayyo qulqulluu akkuma ta’e namni harka Waaqayyon uumames qulqulluu ta’uu akka qabu nutti hima. (Uum 2:3, Bahuu 20:8-11; 1Pheex 1:15-16).

Caqasootni guyyaa Sanbataa kana Qiddaaseerratti dubbifaman kanneen armaan gadii jirandha:

1Tese. 4:1-12 ((Waaqayyo cubbuudhaaf osoo hin taane qulqullummaaf nu waameerati….))

1Pheex. 1:13-25 ((…Ani Qulqulluu waanan ta’eef akkasuma isinis Qulqulloota ta’aa jedhamee waan barreeffameef kan isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis immoo jireenya keessan hunda keessatti Qulqullooota ta’aa)).

H.Er. 10:17-30 ((Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe- “namni Yihuudi orma waliin makamuu akka hindandeenye ni beektu. Anaaf garuu namni kamiyyuu xura’aa akka hintaaneefi eenyuunuu tuffachuu akkan hinqabne Waaqni na agarsiiseera. Kanaafuu otuu homaallee hin shakkiin gara keessan nan dhufe”))

Faaruu 95 (96):5 (Misbaakii)

እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ

አሚን ወሠናይት ቅድሜሁ

ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ

Sooma

Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!

Damissee Jemaanee

Sooma

sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa keessa turan Waaqayyo faana waqtii itti wal argan bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28). Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi’u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)

Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi’aa yeroo turetti jalqaba hojii hundaa godhee seera uume dha.(Maat 4:2; Luq. 4:2).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo’ee nutis moo’uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii’uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)

Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu’oonni Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa fi kadhaan kan adda hin bane ta’uu isaafi yommuu soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty dhiyaatu ta’uu isaa nu agarsiisa.

Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf qophaa’e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’e ta’uufi innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.

Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii ergamootaa 13:3,4:25)

Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta’eef waqtii soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii afuuraaf faallaa kan ta’e hojii fedha foonii kan jajjabeessu dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon, dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.

Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa qulqullaa’uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan soomamu ta’uu hubachuu qabna.

Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo hin taane diinaafis ni soomama.“warra sin arii’ataniif soomaa”( Didisqiliyaa 1:5 jedha).

Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa’ee isaanii kadhachuun nurra jira.

Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.