Torbee gidiraa
Torbee gidiraa
Dn.Atnaateewos Bikilaan
Torbeen gidiraa sooma guddaa erga raawwannee booddee galgala Hosaa’inaa irraa jalqabanii guyyoota hanga jimaataatti jiran guyyoota gidiramuu gooftaa haala adda ta’een itti yaadannu dha. Kunis kan ibsu rakkina Gooftaan keenya irra gahee kan itti yaadannuu fi itti sagadnuu dha (1Qoro. 11:26) – “Isiniis hanga Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan mara du’a isaa ni labsitu.” Soomii guddaa keessatti galgala gaafa guyyaa Hoosaa’inaa eegalee hanga halkan gaafa du’aa ka’umsaatti guyyoota jiran guyyoota boo’icha, gidiraa, rakkinaa yookaan dhiphinaa jedhama. Guyyaawwan kunis barootni gadadoo (miidhamaa), gidiraa (dhiphina) kan itti yaadatamanidha. Bara gadadoo, gidiraa (dhiphina) jechuun ilmaan namoota garbummaa si’ool, hidhaa seexana jalaatti qabamanii bara jiraachaa turan jechuu dha. Gidiraa yommuu jennu mataa bowwoo, garaa ciniinnaa, dhukkubbii harkaa fi miillaa osoo hin taane fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii ilmaan namoota hundaa hidhaa fi cunqursaa seexanaa jalaa bilisa baasuudhaaf jaalatee eeyyama isaatiin rakkina fannoo nuuf fudhate kan ibsuu dha. Waa’ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos rakkina isaa fi du’a isaa kan ibsu (kan yaadachisan) kitaaba gidiraa (kitaaba Himaamaat) kan jedhamu torbee kana keessaa sa’aatii sa’aatii isaarratti dubbifamaa tura. Karaa adda addaatiin waa’een rakkina isa irra gahee ni yaadatama. Yihudootni kan galgala Dilbataa marii isaanii eegalan, guyyaa Roobii mirkana’eef.
Gidiraa Fannoo Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kudha sadan. Isaanis:-
1. Mataa rukutamuu (ተኮርዖተርእስ)
2. Kaballaa (ተጸፍኦመልታሕት)
3. Hancufa itti tufuu (ወሪቀምራቅ)
4. Dhangaggaa’aa dhuguu (ሰትየሐሞት)
5. Dugda reebamuu (ተቀስፎዘባን)
6. Qullaa ta’uu (ተአርቆተልብስ)
7. Cinaacha eeboon waraanamuu ( ርግዘተገቦ )
8. Harka duubatti hidhuu (ተአስሮተድኅሪት)
9. Mismaara Saadoor jedhamuun waraanamuu
10. Mismaara Alaadoor jedhamuun waraanamuu
11. Mismaara Daanaat jedhamuun waraanamuu
12. Mismaara Adeeraa jedhamuun waraanamuu
13. Mismaara Roodaas jedhamuu waraanamuu