Moggaasa:-

Waldaan Qulqullootaa, Qab-suurri,  Araarsummaa fi fakkeenyummaan  Qulqulloota Raajotaa, Duuka Bu’ootaa, Toltootaa Fi Wareegamtootaa kan Waaqayyo Isaan kabaje  itti yaadatamu waan ta’eef moggaasa kana argateera.

Mul’ata

Manni Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa tajaajilli Afuuraa Ishee fi humni Ishii diinagdee Ishee cimee, Barruumsi Wangeela Gooftaa keenyaa Fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos adduunyaa guutuutti babal’atee fi adduunyaa guutuutti Amantoota amtaa isaaniitiin ciman baay’atani arguu.

Ergama

Waldaan Qulqullootaa bu’aalee saayinsii fi teeknooloojii babal’istoota barumsa Wangeelaa ta’an fayyadamuun barattootni yaa’ii mooraa fi amantootni hundumtuu baruumsa Wangeelaa, sirna Mana Kiristaanaa, Darbii Darboodhaloota dhufuuf dabarsuu akka danda’aniif, caasaa bulchiinsa ManaKiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa akka cimuuf dandeettiin isaas akka cimu gochuu fi rakkooleen hawaasummaa, diinagdee fi siyaaasaa baraan walqabatanii mul’atan xiyyeeffannaa keessa galchuun tajaajila duuka bu’ummaa Mana Kiristaanaa cimsuu.

Barbaachisummaan

Qaawwaalee human Mana Kiristaanaatiin duuchamuu hin danda’amne duuchuudhaan barattoota ammayyawoo gara dhaabbilee barnoota ol’aanootti galan jireenya Afuurawaa fi barnoota Mana Kiristaanaa wajjiin wal-simsiisuun waan Manni Kiristaana keenya nurraa eegdu bahuuf tajaajilli Waldaa Qulqullootaa barbaachisaa dha.

Kaayyoon isaa

Waldaan Qulqullootaa kaayyoowwan armaan gadiitti tarreeffaman qaba.

  • Dargaggoota dhaabbilee barnoota ol’aanootti baratan Waldicha jalatti caaseessee Amantaa, sirna Ishii fi Darbii Darboo Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa akka barataniif fi dhaaltota tajaajila abbootaa taasisuu

    List Content goes here

  • Amantaa fi sirni Mana Kiristaanaa odoo hin jijjiiramiin eeggamee dhaloota irraa dhalootaatti darbuu akka danda’uuf dhaloota ammaaf barnootni amantaa akka waliin gahu godhuu

    List Content goes here

  • Qaamolee itti gaafatamummaa qaban wajjiin wal-mari’achuun eeyyamsiisuun barnoota amantaa tooftaalee adda addaan kanneen akka baarruulee, gaazexoota, barreeffamoota gaggabaaboo, kaasseettotaan fi k.k.f’n akka babal’atu taasisuu

    List Content goes here

  • Kutaan hawaasaa inni barate Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa maallaqa isaatiin, beekumsa isaatiin fi human isaatiin akka tajaajilu haala mijeessuu

  • Namoota waa’ee Mana Kiristaanaa qorannaa fi qu’annaa adeemsisan keessumayyuu hayyuuwwan dargaggootaa jajjabeessuu fi waan danda’amu hundaan gargaaruu.

Ejjannoo

Dhaabbilee siyaasaa kamuu keessatti qooda fudhannaa tokkollee hin qabu.

Hundeeffama Waldaa Qulqullootaa

Waa’ee hundeeffama Waldaa Qulqullootaa qabxiilee muraasa haa kaasnu. Duulli qubannaa  Gaambeellaa fi Matakkal kan gara naannoo bara 1980 muraasa isaanii walitti fide. Achiin booda immoo kanneen biroo baruumsa yuuniivarsitii isaanii xummuranii yeroo bahan kawaala Zuwaayiitti akka walitti dhufan taasise. Dhumarratis, dargaggoota baay’ee isaanii bara 1983tti Bilaatteetti akka walitti dhufan isaan taasise. Carraawwan gaggaarii kana argannaan waldaalee adda addaa hundeessaa Dargaggoota dhaabbilee barnootaa ol’aanoo keessatti baratan Mana Kiristaanaa wajjiin wal-barsiisuu isaanii cimsanii itti fufan. Humni namaa haala kanaan walitti qabaman kun tajaajila isaa cimsuuf waldaa walitti isa gurmeessu tajaajila sana daran cimsuu danda’u barbaadaa dhufe. Sababa kanaan dargaggootni waldaalee adda addaa hundeessuun hamma humni isaanii danda’u tajaajilaa turan kun waldaa tokko jalatti odoo gurmaa’an gaheen inni taphatu guddaa akka ta’uu danda’u hubatan. Yeroo kanatti ture maqaa Ergamootaatiin, maqaa Giiftii keenyaan,  maqaa Qulqulloota adda addaatiin waliitti qabaman kun waldaa tokko maqaa Qulqulloota isaan ittiin walitti qabaman kan hin dhabamsiifne fi ergama isaanii kan hin jijjiirsisne hundeessuuf kan murteessan. Murtiin qofa hin hafne; Waldaa Qulqullootaa hundeessani.

Akkuma dubartii Samaariyaa bishaan waraabuuf laga dhaqxe, Gooftaa keenya argattee deebitetti; isaan illee kaayyoo isaan ergamaniif dabalataatti kaayyoo Afuurawaas qabatanii waldaa tajaajila Afuurawaa kennuu danda’u hundeesuuf sababa kan ta’an barattootni dhaabbilee barnootaa ol’aanoo akkuma dandeettii fi ogummaa isaaniitti Mana Kiristaana isaanii tajaajiluuf waadaa galan. /Yooh. 4:7/ Kanaafuu, Waldichi tajaajila ergama duuka bu’ummaa babal’isuuf, Mana Kiristaanaa kaayyoo Ishii galmaan geese, rakkoo keessaa baate fi jijjiirama jireenya hawaasummaa amantoota Ishiif shora guddaa taphachuu akka dandeessu arguuf  tarsiimoomoo dandeessisu gumeessee mil’ate.