QULQULLUU SINOODOOSI

Kutaa Lammaffaa

7. Kaayyoo Qulqulluu Sinoodoosii

Kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti mudataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eegaa dha.

Bu’uura kanaanis amantii ishee irratti gaaffiin yeroo ka’u ibsa gadi fageenyaan itti kennuu fi baruumsonni fi ilaalchonni haaraan yeroo dhufan bu’uura Doogmaatiin qajeelchuu, sirna Soomaa fi Kadhannaa hojjeechuunis gahee Abbootaa Hangafoota Phaaphaasotaa ijjoollota ishee hoggaananiiti.

Seerri Mana Kiristaanaas mata duree kana keeyyata 15 jalatti ifoomseera.

  1. Amantaa, Qannoonaa, Darbii darboon fi seenaan Qulqulleettii Mana Kiristaanaa fallaa akka hin taaneef eeguu fi eegsisiisuu; tajaajilli ishees guutuu akka ta’u dandeesisuu dha.
  2. Manneen barnootaa Mana Kiristaanaa ishee durii eeguu fi babaldhisuu.
  3. Kawaalotaa fi sirna Kawaalotaa akkasumas sirna Monoksummaa eeguu fi eegsisuu;
  4. Sirna kenniinsaa fi eegumsa Lubummaa bu’uura ፍትሕ መንፈሳዊ (Haqa Afuurawaa) tiin raggaasifameen akka raawwatamuuf hordoffii fi to’annoo taasisuu;
  5. Lallaba Wangeelaa babaldhiisuu fi jajjabeessuun; biyya keessaa fi biyya alaatti amantoota baay’isuu fi eeguu;
  6. Amantoota kessumattis dargaggoonni Amantaa, Qannoonaa, Darbii darboo fi aadaa abboota isaanii irraa fudhatan eeganii baruumsaa fi amalaan boocamanii akka guddataniif; manneen baruumsaa Sanbataa fi manneen barnootaa ammayyaa sadarkaa olaanaatiin cimsuu fi babaldhisuu ;
  7. Sanyiin dhala namaa hundi beela, daaruu, dhukkubaa fi wallaalummaa jalaa bahee nagaa fi tokkummaan waliin yaaduu fi wal gargaaruun jireenya Afuurawaatiin akka jiraatu barsiisuu fi kadhachuu;
  8. Imaammatoota fi karoora (strategy) hojii misooma Mana Kiristaanaa ittiin raawwattu baasuudhaan fi dinagdeen (economy’n) mataa ishee akka dandeessu haalota mijeessuu.
  9. Mana Kiristaanittii keessatti murtii fi qajeelummaan akka iddoo qabatu mirgi hundumaa seera duratti akka kabajamu wal qixxummaa fi tokkummaa akka mirkanaa’u jabaatanii hojjechuu;
  10. Tokkummaa Mana Kiristaanaa eegsisuu fi kabachiisuu;
  11. Qabeenya Mana Kiristaanittii kamiyyuu eeguu, eegsisuu fi to’achuu;

8.Olaantummaa Qulqulluu Sinoodosii

Kiristoosii gaditti Mana Kiristaanaaf olaantummaa guutuutiin abbaa ta’anii akka hogganan aangoo guutuu ta’e kan Waaqayyoo irraa isaaniif kennameen Mana Kiristaanaa bulchuu fi hogganuuf aangoo guutuu qabu. Olaantummaa Qulqulluu Sinoodoosii kana seerri Mana Kiristaanaa boqonnaa tokko yaada waliigalaa jalatti keeyyatni 14 qabxiiwwan armaan gadii tarreesseera.

  1. Yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosii Afuura Qulqulluutiin durfamu dhaalaa tessoo Duuka Bu’ootaa waan ta’eef akka Mana Kiristaanaatitti aangoo olaanaa isaa xummuraatiin abbaa dha.
  2. Caasaa aangoo Mana Kiristaanaa kamiif iyyuu qaamni olaanaan Qulqulluu Sinoodoosii waan ta’eef seerota, danbiiwwan adda addaa fi qajeelfamoota baasuu fi aangoo murteessu qaba.
  3. Qulqulluun Sinoodoosii keeyyata kana keeyyata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame dubbiiwwan walii galaa kanaan utuu hin daangefamiin;
  4. Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ilaalchisee qaama aangoo olaanaa Mana Kiristaanittii waan ta’eef dhimmoota Amantaa, Qannoonaa, Darbii darboo fi aadaa irratti deebii ni kenna; dhimmoota bu’uura amantichaa kitaabotni ilaallatan akka barreeffamanii fi hiikkaan akka irratti keennamu ni taasisa.
  5. Mana Kiristaanaatti kabaja Ayyaanotaa fi Soomawwan ilaalchisee dhimmoota ka’an irratti murtii xummuraa ni kenna.

9.Hojii fi itti gaafatamummaa Qulqulluu Sinoodoosii

Armaan olitti akkuma ibsame kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti dhalataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eeguu dha.

Bu’uura kanaanis amantii ishee irratti gaaffiin yeroo ka’u, ibsa gadii fageenyaan itti kennuu fi baruumsoonni fi ilaalchonni haaraan yeroo dhufan bu’uura Doogmaatiin qajeelchuu, sirna Soomaa fi Kadhannaa hojjeechuunis gahee Abboota Hangafoota Phaaphasotaa ijjoollotaa ishee hoggaananiiti.

Itti gaafatamummaa fi gahee Qulqulluu Sinoodosii kanas Manni Kiristaanaa seera ishee keeyyata 16 irratti baldhinaan kan raggaasiste kallattiin yeroo barreessinu akka armaan gadiitti kanneen tarreeffaman ilaaluun ni danda’ama.

Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa aangoo fi haala raawwii hojii asii gaditti tarreeffame ni qabaata.

  1. Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaa olaantummaan ni gaggeessa; ni hoggana, ni eegasi.
  1. Bu’uura seerri Mana Kiristaanaa ፍትሕ መንፈሳዊ (Haqa Afuurawaa) eeyyamuutiin seeroota, danbiiwwanii fi qajeelfamoota adda addaa ni baasa, ni haaromsa (foyyeessa); ni haqasi.
  2. Qabeenyawwan albuudaa fi kuusaa meeshaawwaanii Mana Kiristaanaa guutummaatti qajeelfama (policy) ni baasa, ni murteessaasi.
  3. Baajata waggaa Mana Kiristaanattis ni dhugoomsa; haala rawwii isaatis ni to’ata.
  4. Caasaa bulchiinsa Mana Kiristaanaa akkasumas, sadarkaa fi itti waamama biiroowwaanii ni murteessa.
  5. Itti waamamiinsi isaanii Mana Lubummaa Walii galaa teessoo Paatriyaarikiif Yuunvarsitiiwwanii fi Kolleejjiiwwan Afuuraa ni dhaaba. Haala simannaa barattootaa fi ramaddii hojii yunvarsitiiwwanii fi kolleejjotaa ilaalchisee danbii ni baasa.
  6. Bulchiinsii fi tajaajilli Mana Kiristaanaa bu’uura Qannoonaa Mana Kiristaanaatin akka hogganamu ni taasisa.
  7. Amantaan Mana Kiristaanaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alatti babaldhisuun amantootni akka baay’atan ni taasisa.
  8. Manneen barnootaa Afuuraa fi ammayyaa hanga humni eeyyametti nannoowwan keessatti ni dhaaba; ni babaldhisas.
  9. Wangeelaa Mootummaa Kiristosii fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ni barsiisa; ni babaldhisasi. Biyya keessaa fi alatti biiroo waajjira kutaa biyya lallabaa fi teessoo Phaaphaasii akka barbaachisummaa isaatti ni hundeessa.
  10. Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hariiroo fi walitti dhufeenyi isheen Manneen Kiristaanaa warra alaa (obbollotaa) wajjiin qabdu ni babaldhisa ni jajjabeessasi.
  11. Biyyoota alaatti kanneen argaman Kutaawwan biyya lallabaa fi Manneen Kiristaanaa tajaajilaa fi kan ramadamanii fi akkasumas Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa akkasumas barumsa Mana Kiristaanaa biyya keessatti kennamuun baratanii barumsa biyya alaa Luboota fi beektota barachuu (hordofuu) danda’an adda baasuu fi ulaagaa filannoon akka ergaman ni taasisa ykn ni baasa.
  12. Mana Kiristaanattii bakka bu’anii hojiifis; wal gahiifis ta’u qorannaaf filannoo bakka buutota biyya alaatti ergamaniif qajeelfama ni baasa.
  13. Phaaphaasota Sinoodoosii dhaabbii keessa hojjeettan ji’a sadi sadiin ramadaa akka hojjetan taasisa.
  14. Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti aangoo olaanaa irratti kanneen ramadaman.
    1. Barreessaa olaanaa Qulqulluu Sinoodoosii
    2. Hoji gaggeessaa Mana Lubummaa Walii galaa
    3. Itti aanaa hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Walii galaa
    4. Koomishineera Koomishinii misoomaa
    5. Itti gaafatama qajeelcha dhimma alaa

Miseensotni boordii gosoota hojii addaa addaa filuutiin akka muudaman taasisa.

  1. Qulqulluun Sinoodoosii yaa’iiwwan yeroo adda addaatti taasisu irratti ajandoota ni raggaasisa. Akka barbaachisummaa isaattis ni fooyyessa.
  2. Dhimmoota Mana Kiristaanaa ilaachisee warreen badii dalaganiif arjummaa fi dhiifama ni kenna; dhiifama ni taasisa; barbaachisaas yoo ta’e Qannoonaadhaan ni adaba.
  3. Biiroo Mana Lubummaa Waliigalaa fi caasaawwan isa jala jiranii fi akkasumas itti waamamni isaanii Qulqulluu Sinoodoosiif qaamota ta’an biroo sochii hojii fi herregaa waggaa waggaan ni qorachiisa; akka barbaachisummaa isaattis odiitara alaatiin akka qoratamu ni taasisa. Gabaasa odiitii dhiyaatus qoratee murtoo malu ni kenna.
  4. Biiroowwan hojii sadarkaadhaan jiraniif danbii ittiin sochii hojii madaalu (sakkata’u) ni baasa. Manni Kiristaanaas Miidiyaawwan hawaasaa biroo irratti haala ittiin tajaajilamtu qajeelfamoota tarreessuun ni baasa.
  5. Maqaa Mana Kiristaanaatiin kan walitti qabamu haa ta’uu malee Qulqulluun Sinoodoosii kallattiin kan hin beekne; hin to’annee fi maallaqaa fi qabeenya irratti hin abboomne kamiyyuu akka hin jiraanne to’annoo jabaa ni taasisa. Raawwii isaas ni hordofa; seeranis mirga isaa ni eegsiisisa.
  6. Manni Kiristaanaas Miidiyaawwan hawaasaa biroo irratti haala ittiin tajaajilamtu qajeelfamoota tarreessuun ni baasa.
  7. Dhaabbilee misoomaa; hojii gaarii yookiin tola ooltummaa ni dhaaba.
  8. Kawaalota baroota dheeraa lakkoofsisan ni jajjabeessa. Kawaalota haarota; Manneen Kiristaanaaa magaalaa fi baadiyyaaa ni bu’uurressa; dambii ittiin Kawaalonni gaggeeffaman sirna ni baasa.
  9. Bu’uura Qannoonaa Mana Kiristaanaatiin haala qopheeffamaa fi itti fayyadama Meeshaalee Qulqullaa’oo ilaalchisee danbii ni baasa.
  10. Mana Kiristaanittii keessatti hammatamanii tajaajila Afuuraa gumaachuuf waldaalee dhaabbattanii fi fuuldurati dhaabamaniif akka barbaachisummaa isaatti beekamtii ni kenna; waldoonni kunneenis Qindeessaa fi Qajeelcha Manneen barattoota sanbataa jalatti akka qindaa’an ni taasisa. Danbii itiin bulmaata waldootaas qoratee ni dhugoomsa; ni haaromsa (foyyeessa); barbaachisaa ta’ee yoo argames waldoota kana ni dhorka, ni haqasi.

Keeyyata kana keeyyata xiqqaa 19 irratti bu’uura ka’ameen maallaqaa fi qabeenya waldaalee kanneenii moodela Mana Kiristaanittiin akka walitti qabamu taasisa; maallaqa waldaalee; bulchiinsa fi qabeenya isaanii ni too’ata; oditii ni taasisa; sirreefamas ni fudhata. Waldoonnis bulchiinsa Mana Kiristaanaa keessa akka hin galleef ni too’ata; waa’ee bulchiinsa waldaalee fi too’annaa isaanii danbii tartiibaan ni baasa.

  1. Seera Mana Kiristaanaa kanaatiin adda bahanii qaamota biroof kan hin kennamne dhimmoota Mana Kiristaanaa irratti murteessuuf aangoo guutuu ni qabaata.
  2. Seera Mana Kiristaanaa kana keeyyata 9 irratti tajaajila walitti qabama Afuuraa sabakaa irratti murtee kennu irra deebii sakkatta’ee fi qulqulleefatee qajeelfamaa fi murtee ni kenna. Manni Kiristaanaa fi dhimmoota Mana Kiristaanaa ilaallatan murteen Qulqulluun Sinoodoosii kennu kan xummuraa ta’a.
  3. Waa’ee moggaasa Qulqullummaa danbii ni baasa, waa’ee nama Qulqulla’aa moggafamuus murtoo ni kenna.
  4. Manni Kiristaanaa manneen marii Kiristaanota adduunyaatti, Mannee Kiristaanaa waliigalaa Afrikaa, biyyoota keessaa fi alaa, addunyaa irratti kan argaman dhaabbatoottaa fi waldaalee biroo waliin hariiroo qabdu ni murteessa.
  5. Ephisqophoosonni akka muudamaniif barbaachiisaa ta’ee yoo argame Qulqulluun Sinoodoosii yaa’ii waliigalaa (guutummaan) murteessaa; bu’uura seera Mana Kiristaanaatiin akka filatamanii fi ramadamaniif ni taasisa. Akkasumas, hangafootni Phaaphaasotaa fi Ephisqophoosota Biyya Lallabaatti fi kutaawwaan hojii garaagaraa irratti ni ramada. Sababa Quubsaanis ni jijjiijira
  6. Manni Kiristaanaa miidiyaalee hawaasaa mataa ishee fi kanneen biroon haala ittiin tajaajilamtu danbii tarreeffamaan ni baasa.
  7. Manneen murtii Afuuraa ni hundeessa, seera aangoo fi hojii isaanii murteessu qopheessuudhaan mana marii bakka bu’oota ummataatti akka raggasifaman ni taasisa, sadarkaa manneen murtii kanneen irratti abbaa murtiiwwan tajaajilan ni dhugoomsa. Bu’uura seeraatiinis aangoo irraa isaan kaasa.
  8. Danbii ittiin manneen barnoota bu’uuraa Mana Kiristaanaa ittiin eegamanii fi babaldhatan ni baasa.
  9. Dhimmoota Ephisqophosootaa, Phaaphaasotaa yookiin hangafa Phaaphaasotaa ilaalchisee iyyannoowwan ol ka’an kamif iyyuu qofummaan murtii ni kenna.

 10.Murtiiwwan Qulqulluu Sinoodoosii fi raawwii isaanii

Akka seera Mana Kiristaanaa keenyaatti murteewwan Mana Kiristaanaa keenya ilaallatan kamiyyuu fi dhimmoota Mana Kiristaanaa keenya waliin wal qabatan hundumaatiif itti gaafatamummaa hunda duraa kan qabuu fi aangoo olaanaa kan qabu Qulqulluu Sinoodoosii akka ta’e keeyyata 17 waa’ee itti hojii fi itti gaafatamummaa Qulqulluu Sinoodoosii jedhu jalatti ilaalleerra.

Qulqulluu Sinoodoosis biyya keenyaas sadarkaa caasaa Mana Kiristaanaa keenyaa eeggateen bara hundeeffamee kaasee dhimmoota Mana Kiristaaanaa barumsa, bulchiinsa, Doogmaa, Qannoonaa, Amantaa, seerotaa fi sirnoota ishee ilaalchisee hanga har’aatti waantoota murtoo barbaachisaaniif walitti qabamee yaa’ii isaatiin yoo waanta ariifachiisaa ta’e yaa’ii dhaabbataa waggaattii dhisee ariifannaan walitti qabamuun, yoo kan hin ariifachiisne ta’e immoo yeroo walitti qabama isaa dhaabbataa waggaatiin walitti dhufuun faayidaa Mana Kiristaanaa dursiisuun murtii Mana Kiristaanaaf fayyadu akka murteessu ni beekama.

Murteen isaa kun immoo akka bakka qabatuuf yookiin raawwii argatuuf caasaa bulchiinsa Mana Kiristaanaa kan eeggateen oli irraa gara gaditti kutaawwan keessa darbuu qabuun qaama dhimmi isaa ilaallatuun akka raawwatamu taasifama. Kanaafis keessummatti caasaa bulchiinsa Mana Lubummaa Walii galaatiin gara biyya lallabaatti, achiin booda gara Mana Lubummaa Aanaatti, achi irraan Manneen Kiristaanaa tokkoon tokkoo baadiyyaa fi magaalaa keessatti argamaniin haala, yeroo fi raawwii isaa eegachuun tartiibaan kan raawwatamu ta’a. Karaa biraatiinis akka nama dhuunfaa tokko tokkotti kan raawwatamus ta’uu danda’a (sadarkaa) dhuunfaatiin, sadarkaa waldaaleen, sadarkaa tajaajiltootaan, sadarkaa gaggeesitootaan (itti-gaafatamtootaan), sadarkaa qaamota mootummaa seektaroota garaagaraan, qaamota dhaabbilee mit-mootummaa fi tola ooltummaa addaa addaan kan hojiitti jijjiiramu ta’uu danda’a.

Seerri Mana Kiristaanaa keeyyatni 21 waa’ee murtoo Qulqulluu Sinoodoosii akka armaan gadiitti ibseera.

Qulqulluun Sinoodoosii dhimmoonni (ajandaawwan) gurguddoo irratti mari’atee murtoo dabarse qaboon yaa’ii barreessaa olaanaatiin qophaa’ee fudhatama yeroo argatu mallattoo miseensotaan ni dhugooma.

Murtiin Qulqulluu Sinoodoosii miseensa yaa’icha irratti argamees hin argamne irrattis raawwatamaa ni ta’a.

Murtoo Qulqulluu Sinoodoosii kan muudamaa fi ramaddii hojii ilaallatu xalayaan barreessaa olaanaatiin qophaa’ee Qulqulluu Paatriyaarikiitiin mallattaa’ee tessoo kutaa ilaallatutti ni ergama.

Murtoo Qulqulluu Sinoodoosii kan mudamaa fi ramaddii hojii hin ilaallanne kamiyyuu xalayaan barreessaa olaanaa Qulqulluu Sinoodoosiitiin teessoo kutaa ilaallatutti ni ergama.11.Dursaa Yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosii

Qulqulluun Sinoodoosii tajaajila Mana Kiristaanaa kana itti fufsiisufis ta’e, babaldhisuuf yaa’ii adda addaa yeroo barbaachiseetti ni gaggeessa. Akka seera Mana Kiristaanaa bara 2015tti tumame keeyyata 20 waa’ee dursaa yaa’ii Qulqulluu SinoodoOsii dubbatu kanaan Abbootni Mana Kiristaanaa yeroo walitti qabamanii fi haala yaa’ii isaanii ilaalchisee keeyyatni akka armaan gadiitti kaa’ee jira.

  1. Walgahiin Qulqulluu SinoodoOsii walitti qabummaa Paatriyaarikiitiin hogganama ykn durfama. Paatriyaarikichi sababa garaagaraan yaa’icha dursuu yoo hin dandeenye miseensota isaa gidduudhaa abbaa muudamaan dursu bakka buusuun walgahiichi (yaa’ichi) gaggeefamuu danda’a.
  2. Sababoota armaan gaditti tarreeffaman sadanii alatti Paatriyaarikichi dursaa tessoo sana utuu hin ta’in ykn hin jiraatiin yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosii gaggeefamuu hin danda’u.
  1. Paatriyaarikichi umurii (dulloomuu) fi sababa hir’ina fayyaatiin abbaa yaa’icha dursu bakka buusuu yoo hin dandeenye;
  2. Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ilaalchisee Waitti qabamni Qulqulluu Sinoodoosii akka godhamuuf gaaffii miseensonni Qulqulluu Sinoodoosii yeroo isa gaafatan eeyyamamaa ta’uu yoo baate;
  3. Ya’ichi Paatriyaarikichaa dhimma ilaallatu yoo ta’e, bu’uura Murtii Afuurawaatiin ni

raawwatama.

  1. Armaan olitti sababoota tarreefamaniin Paatriyaarikichi yaa’ii sana gaggeessuu yoo hin dandeeenye mudamaa aangootiin dursummaa kan qabu Abbaa Qulqulluu Sinoodoosiitiin filatameen yaa’ichi gaggeeffamuu ni danda’a.                                  12.Sirna Walgahii (Yaa’ii) Qulqulluu Sinoodoosii

Olitti Mata duree yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosii jedhu akkuma ilaalle mata duree isa kana jalatti immoo yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosii kanaaf sirnoota isaa akka armaan gadiitti ni ilaalla. Seerri Mana Kiristaanaas keeyyata 19 jalatti baldhinaan haal armaan gadii fakkaatuun nuuf kaa’ee jira.

  1. Murtiin Afuuraa keeyyata 5 lakkoobsa 164 irratti bu’uura ajajuun Qulqulluun Sinoodoosii waggaatti si’a lama walgahii dhaabbataa ni adeemsisa. Yeroon Walitti qabamaas (yaa’ichaas):-
  1. Yaa’iin inni jalqabaa waggaatiin guyyaa gaafa Onkoololeessa 12
  2. Yaa’ii inni lammaffaan du’aa ka’uumsi oolee gaafa guyyaa 25ffaa /Rikba Kahinaat/ kan adeemsifamuu dha.
  3. Yaa’ii Qulqulluu Sinoodoosii kan waamu Paatriyaarikicha yookiin yaa’ichi kan waamame Sinoodoosii dhaabbataan yoo ta’u ykn barreessaa Qulqulluu Sinoodoosiin yoo ta’ee dha.
  4. Dhimmi ariifachiisaa fi tasaa yeroo mudatu:-
  5. Waamicha Qulqulluun Paatriyaarikii yookiin Sinoodoosii dhaabbataan yookiin waamicha barreessaan Qulqulluu Sinoodoosii taasisaniin yaa’iin Qulqulluu Sinoodoosii adeemsifamuu danda’a.
  6. Miseensota walii galaa Qulqulluu Sinoodoosii harka sadii keessaa harki lama yaa’iin walii galaa akka gaggeeffamuuf yoo gaafatan waamichi taasifamuu fi yaa’ichi gaggeefamuu danda’a.
  7. Keeyyata kana keeyyata xiqqaa 5 kan ibsame akka jirutti ta’ee sababa dhukkubaa fi sababoota humnaa olii garaagaraan miseensonni tokko tokko yoo hin argamin:-
  8. Dhimma Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa ilaalatuun miseensota walii galaa harka 4 keessaa sadii kan argaman yoo ta’e;
  9. Dhimmoota bulchiinsaa yoo ta’e miseensota walii galaa harka 3 keessaa 2 kan argaman yoo ta’ee dha.
  10. Qulqulluun Sinoodoosii yaa’iiwwan kam irratti iyyuu murteewwan yeroo dabarsu:-
  11. Waa’ee haala bulchiinsaa dhimma ilaallatu yoo ta’e miseensota argaman keessaa harka walakaa ol yaadni sagalee deeggarsaa argate ni darba.
  12. Dhimma tokko murteessuuf sagaleen miseensotaa walqixa yoo ta’e rammaddii Qulqulchi Paatriyaarikii ykn walitti qabaan keessa jiru ni darba
  13. Amantaa fi Qannoonaa Mana Kiristaanaa kan ilaallatu yoo ta’e sagalee guutuutiin darba. Dhimma Amantaa fi Qannoonaa yoo ta’e, caaldhisuun sagalee kennuu dhiisuun hin dandaa’amu. Yoo argame garuu bu’uura keyyata 18 keyyata xiqqaa 5 irraatiin ni raawwatama.

13.Faayidaa Qulqulluu Sinoodoosii

Qulqulluun Sinoodoosii Mana Kiristaanaaf agartuu (ija), abbaa, hogganaa, bulchaa, eegaa fi gaggeessaa dha. Manni Kiristaanaa Kiristoosiin akkuma hundoofte Abbootni Kiristoosirraa aangoo kana argatan immoo Afuura Qulqulluutiin gaggeeffamuun Mana Kiristaanaa kana eegu. Manni Kiristaanaa Abboota kanaan alatti yaaduun ulfaataa dha. Mootummaa Samii irratti Israa’elonni warri lubbuu (Kiristaanonni) hanga walitti qabamanitti biyya lafaa kana keessatti ajaajaa fi abboommii Waaqayyoo raawwachuu fi eeguu Kiristaanotaaf eegdonni yookiin tiksitoonni kunniiin barbaachisoo dha.

Walitti qabamni fi Tokkummaan Abboota kanaa (Qulqulluu Sinoodoosii) tokkummaa Kiristaanotaa uuma. Diinota Mana Kiristaanaa sodaachisa. Amantoota giddutti garaagarummaan ilaalcha sirnaa fi sirnoota Mana Kiristaanaa Qannoonaa fi darbii darboo akka hin uumamne taasisa.

Manni Kristaanaa akka eegamtu, kabajamtu, caasaan ishee akka sodaatamuu fi kabajamu taasisa.

Gamtaan Qulqulluu Sinoodoosii kunis amantootni amantaa isaaniitti akka jabaataniif, barumsi Mana Kiristaanaa akka babaldhatuuf, Manni Kiristaanaa kallattii hundumaan akka dhageettii argattuuf, mirgi Mana Kiristaanaa akka kabajamuuf Qulqulluun Sinoodoosii barbaachisaa dha. Manni Kiristaanaa abbootni kun faayaa isheeti. Ija amantootaattis bareedina. Faayidaa fi barbaachisummaa Qulqulluu Sinoodoosii salphaatti dubbannee fi barreessinee kan xummurru miti.                                                                                                       14.Guduunfaa

Dursinee akkuma dubbanne Kiristanummaan adeemsa waldaan ykn gamtaan keessa ittiin jiraannuu fi walfaanas gara Mootummaa Waaqayyootti adeemsa ittiin deemnu dha.

Walitti qabamni kun sababa kamiin iyyuu akka hin hiramneef agarsiistuun tokkummaa keenyaa Qulqulluu Sinoodoosiiti.

Amantootni yeroo hundaa sagaleen isaan dhaga’uu qaban yeroo hunda tokkummaa isheetiif agarsiistoota kan ta’an Mana Kiristaanaaf sagalee fi abbaa kan ta’aniif sagalee Qulqulluu Sinoodoosii dhaga’uu ni barbachiisa. Kiristaanni tokkos jireenya Kiristanummaa isaa keessatti danbiiwwaanii fi qajeelfamoota, seerotaa fi murteewwan Qulqulluun Sinoodoosii baasuuf bitamaa ta’uu qaba. Kanaan utuu jiru garuu, kun na quuqe, naaf hin taane, natti hin tolle, na hin gammachiisne, naaf hin mijaanne jechuun dhuunfaanis ta’u gareen faallaa Qulqulluu Sinoodoosii ta’anii adeemuun daandii jireenyaa irraa nama fageessa.

Akka barumsa Mana Kiristaanaa keenyaatti yoo ta’e Qulqulluun Sinoodoosii raawwataa fi kan hin dogongorree miti. Haa ta’uu malee Sinoodosiin dogongore jedhamee daandii biraa fi kutaa ta’e hordofuun immoo badii caalu kan qaqqabsiisuu dha. Sinoodoosiin yoo dogoongore kan sirratu danbii fi sirna Sinoodoosii mataa isaatiin qofa dha.

Miseensummaa garee waldaa amantootaa murtee Qulqulluu Sinoodoosiif bitamuun biyya lafaa kan irra kan jirtu agarsiistuu Mootummaa Waaqayyoo dha.

Qulqulluun Sinoodoosii Waaqayyoo yaadaa fi eeyyama Isaa ijjoollotaa fi Mana Kiristaanaaf yaa’ii Afuuraa ittiin dabarsu dha. Israa’eelota fooniif waa’ee tokkummaa isaaniif akkaataa jireenya isaaniif karaa hangafa Raajotaa Musee seera kan hojjeete Waaqayyoon Kiristaanota Kakuu Haaraa keessa jiraannuuf Israa’eelota warra lubbuufis seera kan nuuf hojjetu karaa Phaaphaasota warra galateeffamoo kanneeni dha.  Kanaafuu, hoomaa hoolota Kiristoosii fi gamtaa Kiristaanummaa keessaa akka hin baaneef akkasumas jireenya Mana Kiristaanaa fi Kiristoositii adda baanee akka hin dhamaaneef sagalee waliitti qabama galateefamoo phaaphaasotaa sagalee Qulqulluu Sinoodoosii dhaga’uu qabna.

Maddoota barreefamichaa:-

  1. በኢ/ኦ/ተ/ቤተ ክርስቲያን፡ ሕገ ቤተ ክርስቲያን (2015)፡፡አዲስ አበባ ትንሣኤ ዘጉባኤ ማተሚያ ቤት
  2. https://eotcmk.org/a/ቅዱስ-ሲኖዶስ/

Galanni Waaqayyoof  haa ta’u!

Haadha Isaa Qulqulleetti Maariyaamiifis galanni haa ta’u.

Ulfaataa Fannoo Isaafis galanni haa ta’u.