DABRA ZAYIT

DABRA ZAYIT

Akka sirna mana kiristaana Ortodooks Tewaahidoo Itiyoophiyaatti sooma guddaa kana keessatti dilbata shanaffaa Dabra Zayit jedhamuun waamama.

Dabra Zayit kan jedhames tulluu ejersaa biyya Israa’el keessa jiru yoggu ta’u bakka gooftaan keenya itti dhufa jedhamee amanamudha (Zak.14:4; Hoj. Erg 1:11).

Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “እንዘ ይነብር እግዚእነ ውስተ ደብረ ዘይት” (Gooftaan keenya Dabra zayititti ta’e osoo jiru) isa jedhudha.

Sirna Qiddaasee guyyaa Dabra Zayit keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  Tasaloonqee 4:13

v  Eergaa Peexroose isa lammaffaa 3:7

v  Hojii ergamootaa 24:1

v  Misbaakiin guyyicha: Faarsaa Daawit 49:2

           እግዚአብሔርሰገሀደይመጽእ            Waaqayoo ifatti hindhufa

      ወአምላክነሂኢያረምም               Waaqni keenya ni dhufa caluumas hinjedhu

   እሳትይነድድቅድሜሁ               Ibiddis fuuldursaatti hinboba’a

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha dubbifamu፡ Maatewoos 24:1-36

Madda :Weebsaayitii Waldaa Qulqullootaa, Fuula Amaariffa irraa

Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Imala Jireenyaa Adeemsise

Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Imala Jireenyaa Adeemsise

                                                                                                               Yordaanos Gonfaafi

Warquu Baqqalaa (Wiirtuu Adaamaatti Kutaa Miidiyaa)

Imalli jireenyaa Waldaa Qulqullootaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e Bitootessa 11 bara 2008, imaltoota kumaafi dhibba lama hirmaachisuun adeemsifameera. Imalichi gara Mana Kiristaanaa Qulqulluu Abuna Gabra Manfas Qiddus Girabbaa Jawweetti taasifame. Sagantaaleen imala jireenyaa hawwatoo ta’aniifi seera mana kiristaanaa eegan Faarfannaan, lallabni wangeelaa, gaaffiif deebiin dhimma yeroofi seenaa Mana Kiristaanaa irratti xiyyeeffatan, barsiisota hubannoo gahaa qabaniin deebiin itti kennameera.

Imalli jireenyaa waldaa qulqullootaan qophaa’u kun imaltootni waa’ee jiruu foonii qofa yaaduu osoo hin ta’in dhimma jireenya jireenya caaluu,waa’ee lubbuu isaanii akka yaadaniif imalichaan barumsa amantaafi suga Waaqayyoorraa akka argataniif yaadameeti. Imalli jireenyaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e kunis dhimmoota kanneen qabachuun ka’uumsa isaa Mana Kiristaanaa Iyyasuus Magaalaa Adaamaatti argamu irraa taasifachuun adeemsifameera. Sagantichi eebba Abboottiin erga eegalamee faarfannaafi ergaa garagaraan booda barumsi wangeelaa D/n Daani’eel Kibratiin mata duree “KIRISTAANUMMAA ERGAMA QABU” jedhuun dhiyaateera. Barbaachisummaan barumsichaa kiristaanummaan nama kamuutuu hojiidhaan calaqqisuu akka qabu hubachiisuu yoo ta’u,kiristaanummaan hojii hin qabne kan du’e ta’uu hubachiisuudha. D/n Daani’eel Mana Kiristaanaa keessatti amantoonni tokko tokko maqaaf kiristaana jedhamurraan kan hafe hojii kiristaanaa tokko irraa eegaman akka kadhachuu, soomuu, sagaduu, arjoomuu, kennaa qabaniin tajaajilu, walumaagalatti waa’ee Mana Kiristaanaa raawwachaa akka hin jirre barsiisaniiru.

Kun immoo diinota Mana Kiristaanaa isaan keessaafi alaaf ummata kiristaanaa saaxiluun salphumatti akka amantaan gufatan taasisaa waan jiruuf,kiristaanni kamuu kennaa Waaqayyoon akka dandeetti isaatti kenneef gargaaramuun dhiiraafi dhalaa osoo hin jedhin carraa argateen waa’ee amantii yaaduu,barsiisuu, deegaruufi hojiilee biroon calaqisisuu qaba jedhaniiru. Kana ta’uu baannan amantii du’e waan ta’uuf Waaqayyoodhaan ni gaafatamna jedhaniiru. Kanaaf, kiristaanummaan akka carraafi barsiifataan osoo hin ta’in kiristaanummaa ergama qabu qabaachuun barbaachisaadha jedhan.

Sagantaa imala jireenyaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e kana irratti gaaffileen waa’ee Kitaabolii dhalatoo (Awaldi) ,giloobilaayizeeshinii,seenaa Mana Kiristaanaa Itiyoophiyaa, Tahaadisoofi rakkoolee Mana Kiristaanaa yeroo duriifi ammaa jedhu waltajicharraa dhiyaachuun D/n Daani’eelfi Barsiisaa Yaaregaal Abagaaziin deebiin itti kennameera. Kitaabonni dhalatoon abboottii Mana Kiristaanaan kan qoratamuun adda bahanii beekaman yoo ta’u, bu’uurri isaanii Kitaaba Qulqulluu waan ta’eef bu’aan isaanii kan afuuraa qofa osoo hin ta’in beekumsa Addunyaa kanaaf fayyadan hedduu kan qaban ta’uu himaniiru. Kitaaba Qulqulluu irrattis iddoon macaafotni kunneen akka hin barbaachifne itti katabame hin jiru jedhaniiru. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti Manni Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa walabummaa biyya kanaaf, lakkoofsa baraa, afaan biyyaattiin, nagaa biyyattiif kadhachuun oolmaa guddaa akka qabaattu wantoota ishee taasisan keessaa muraasa jedhan.

Dhimma Tahaadisoofi dhiibbaa Mana Kiristaanaa irratti taasifamaniin wal-qabatee rakkoolee manni kiristaanaa keessaa darbaa dhufte waan ta’eef haaraa miti jedhan. Garaagarummaan jiru abboottiin keenya ciminaan hojii amantaa hojachuun injifatan. Dhaloonni har’aas barumsa amantaa cimee barachuu,kadhannaa taasisu, Mana Kiristaanaaf waardiyyaa ta’uun barbaachisaadha jedhaniiru.

Walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa wiirtuu Adaamaa Barsiisaa Geetinnat hojiileen waldichi hojatu bal’aa ta’uu kaasuun ummatni kiristaanaa kamuu ogummaa qabuun hojii Mana Kiristaanaaf waldicha maddii akka dhaabbatu gaafataniiru.

Milkaa’ina imala jireenyaa taasifameefis qaamolee deeggaran galateefataniiru.Hojii ijaarsa Mana Kiristaanaa Giraabbaa Jawwee Abuna Gabra Manfas Qiddus deegaruuf Qarshii 27,462 walitti qabuun arjoomameera. Hirmaattonni imala kanaas saganticharraa hubannoo gaarii kan argatan ta’uu himuun gara fuulduraattis cimee akka itti fufu gaafataniiru. Jiraatonni naannoo sanaas sagantichi isaan biratti qophaa’uun miira jajjabinaa kan itti uume,oddeeffannoo Mana Kiristaanaa haaraa kan itti argannee, kiristaanummaa keenyaan akka boonnuufi mana kiristaanaa cimsinee akka eegganuuf kan nu kakaaseedha jedhaniiru.

                                                                                     GALATNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!

Matsaaguu

Matsaaguu

Dn Katamaa Taganuutiin

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa; waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.

Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha. Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yoggu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.

Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም” (Uumaa Addaam) isa jedhudha.

Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  Galaatiyaa 51

v  Ya’iiqoob 5:14

v  Hojii Ergamoota 3:1-12

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4

እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni gargaara)

ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)

አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaanis 5:1-25

Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.

Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:

v  Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;

v  Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha.

Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen!

Madda: Kitaaba Andimtaa (Hiika Abbootii) kan Yoh.5 fi Kitaaba Gitsawwee

Mikuraab

Mikuraab

                                                                                                                Damissee Jamaneen

Torban sooma Gooftaa keenya keessaa inni sadaffaa Mikuraab jedhama. Torban kun sababa inni itti mikuraab jedhameef guyyaa kana luboonni faaruu sooma diggu’aa irraa kaasuun ‹‹ቦአ ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ ወመሐረ ቃለ ሃይማኖት›› “Iyyesuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; sagalee amantaas ni barsiise” jechaa waan faarfataniif dha.

Yihuudonni bara Kakuu Moofaa keessa mana qulqullummaa (Meqdesii) itti Waaqayyoon kadhatan Iyyerusaalem keessatti ni qabu ture. Boodarra garuu Naabukedenetsoor mana qulqullummaa isaanii kana waan diigeef uummanni sunis gara Baabiloonitti booji’aman. Warri booji’aman kun biyya ormaa keessa gabrummaan yeroo turanitti mana qulqullummaa hin qaban ture. Kanaaf yeroo sanaa kaasee Ayihuud bakka deeman hundaatti mana adda ta’e mana kadhaa qopheessuu akka jalqaban ni eerama. (Hizqeel 11:16). Haaluma kanaan bara Kiristoos biyya lafaarra deemee barsiisaa turetti Iyyerusaalem keessa Mikuraabonni Yihudotaa baay’een jiru ture. Duuka bu’oonnis Yihuudonni bakka tajaajilaaf faca’anii jiran hundaatti naanna’anii mikuraaba seenanii barsiisu ture. (Maat.4:23; H.Erg. 6:9; 13:5-14; 9:2; 14:1; 17:1; 10:17; 18:4; 19:8).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kirirtoos yeroo ayyaana faasikaa kabajuuf gara Iyyerusaalem deemetti mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa kana keessatti warra daldalaa jiran isaan baase. Meeshaa isaaniis gargaragalche (Yoh.2:13-17). Warqee qarshiitti, qarshiis warqeetti warra waljijjiiraa jiran akkasumas akkuma namoonni biyya keenyaa lukkuuf siree hojjetanii irratti gurguran gugeedhaaf teessoo hojjetanii warra daldalaa turaniin meeshaa isaanii garagalchuun isaan arii’e. Akkuma kitaaba irratti barreeffametti “Manni koo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera (Isa 56:7; Eerm7:11; Luq. 19:47). Isin garuu holqa hattuufi saamtotaaa taasistan” jedhe. Quuqama Gooftaan Mana Qulqulluummaa kanaaf agarsiise yaadachuufis turban kuni “Mikuraab” jedhamee akka moggaafamu taasifame.

Kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa Qiddaasee guyyaa kanaa irratti dubbifaman akka armaan gadiitti caqasamaniiru:

  • Qol.2:16-dhu
  • Yaa’i: 5:15
  • H.Er.10:1-8
  • Faar. 68 (69):9 (Misbaakii):

እስመ ቅንዐተ ቤትከ በልዐኒ (Hinaaffaan manakee na nyaatteeti)

ትዕይርቶሙ ለእለ ይትዔየሩከ ወድቀ ላዕሌየ (Arabsoon warri siin arabsaniis narra qubateera)

ወቀጻዕክዋ በጾም ለነፍስየ (Lubbuu/Qaamakoo soomaan dadhabsiise)

  • Wangeela (Yoh.2:12-25) Kana booda Gooftaan Iyyesuus Haadha Isaafi obboloota Isaa akkasumas duuka bu’oota Isaa faana gara Qifirnaahomitti bu’an; achis guyyaa muraasa taa’an. Aayihuudis guyyaan itti faasikaa isaanii kabajatan gahee ture. Gooftaanis gara Iyyerusaalemitti deeme. Mana Qulqullummaa keessattis yoggu sangoota, hoolotafi gugeewwan gurguran fi warra qarshii jijiiran taa’anii isaan arge. Qaccee funyoo hojjetee; hoolotaafi sangootas hundasaanii Mana Qulqullummaa irraa gadi baase. Warra qarshii waljijjiiranis qarshii isaanii bittinse. Gabatee isaaniis galagalche. Warra gugee gurguruunis “kana asii baasaa; mana Abbaakoo mana daldalaa hin taasisiinaa” isaaniin jedhe. Duuka bu’oonni Isaas Raajiin ‘hinaaffaan waa’ee manakee keessa koo na nyaate’ jedhu barreeffamee akka jiru ni yaadatan…….

Egaa walumaa galatti haala Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nutti agarsiise kanaan Mana Qulqulleettii keenya kanaaf quuqamuu, qulqullinasheef carraaquu qabna. Namoonni mana amantaa keessatti hojii yaraa adda addaa hojjetan yogguu agarrus akkuma abbaa keenya Q/Daawwit “waa’een manakee keessa koo na nyaate” jechuun quuqamuu, gorsinees sirreessuu qabna.

Eebbi Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u; ameen!

Qulqulleettii (Qiddist)

DAMISSEE JEMAANEE

Qulqulleettii (Qiddist)

Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni lammataa Qulqulleettii (Qiddist )jedhama. Sababiin kana jedhameefis ዛቲ ይእቲቅድስትዕለትguyyaan kun ebbifamtuudha. Kanan itti boqodhe sanbata qulqulleettii dha. Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa (Lew 19:2-3) jechuudhaan Waaqayyo abbaan guyyaa sanbataa ni qulqulleesse,ni kabajes. Jechaa qulqullummaa Sanbataafi namnis qulqullummaan jiraachuu akka qabu kaasaa waan faarfatuuf torbeen kun Qulqulleettii jedhameera. Moggaasichis Sanbatni guyyaa boqonnaa akka taatu bara Ooritiis bara Wangeelaas Waaqayyo guyyaa eebbise, guyyaa kabaje ta’uu nutti hima. Gara biraanis Waaqayyo qulqulluu akkuma ta’e namni harka Waaqayyon uumames qulqulluu ta’uu akka qabu nutti hima. (Uum 2:3, Bahuu 20:8-11; 1Pheex 1:15-16).

Caqasootni guyyaa Sanbataa kana Qiddaaseerratti dubbifaman kanneen armaan gadii jirandha:

1Tese. 4:1-12 ((Waaqayyo cubbuudhaaf osoo hin taane qulqullummaaf nu waameerati….))

1Pheex. 1:13-25 ((…Ani Qulqulluu waanan ta’eef akkasuma isinis Qulqulloota ta’aa jedhamee waan barreeffameef kan isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis immoo jireenya keessan hunda keessatti Qulqullooota ta’aa)).

H.Er. 10:17-30 ((Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe- “namni Yihuudi orma waliin makamuu akka hindandeenye ni beektu. Anaaf garuu namni kamiyyuu xura’aa akka hintaaneefi eenyuunuu tuffachuu akkan hinqabne Waaqni na agarsiiseera. Kanaafuu otuu homaallee hin shakkiin gara keessan nan dhufe”))

Faaruu 95 (96):5 (Misbaakii)

እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ

አሚን ወሠናይት ቅድሜሁ

ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ

Hiika:“Waaqayyo garuu samiiwwan hojjete

        Galataafi miidhaginni fuuldura Isaati

        Qulqullummaafi ulfinni isaa Mana Qulqullummaasaa keessadha”.

Maat 6:16-25 “yeroo soomtanitti akka warra of agarsiisanii hin coologiinaa. Akka soomtotaa mul’achuuf fuula isaanii ni balleessu waan ta’eef . Dhuguman isiniin jedha gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo soomtutti abbaa kee isa hin mul’anneef malee akka soomtotaa namatti argamuuf hin carraaqiin. Mataa kees dibadhu; fuula kees dhiqadhu. Abbaan kee inni dhoksaadhaan si ilaalu ifaan siif kanfala. Bakka ilbiisni adda addaa balleessanifi hattootni hatuu danda’an lafa kanaratti qabeenya ol-hin keeyyatiinaa…..samiirratti walitti qabadhaa malee. Bakka qabeenyi kee jiru lapheen kees ni jirati. Ifni qaamaa ija dha. Egaa ijji kee nagaa yoo ta’e qaamni kee hundi ifa ni ta’a. Ijji kee dhukkubsataa taanaan garuu qaamni kee hunduu kan dukkanaa’e ni ta’a. Egaa ifni si keessa jiru dukkanoofnaan dukkanni kaan akkam haa cimuree? Gooftaa lamaaf bitamuu kan danda’u tokkollee hin jiru-tokkoosaa ni jaalata ykn isa tokko ni jibba. Waaqayyoofi qarshiif bitamuu hindandeessan. Kanaafuu waa’ee lubbuu keessanii, waan nyaattaniifi waan dhugdaniif yookiin qaama keessanitti waanta uffattaniif hin yaadda’iinaa isiniin jedha”

Walumaagalatti….

  • Waaqayyo kan nu waame qulqullummaan jiraannee mana isaa akka dhaalluufidha. Mana isaa dhaaluuf immoo hojii qulqullummaaf kan nu gahan ajajasaafi abboommii isaa eeguun nurraa eegama.
  • Namootni tokko tokko yeroo soomanitti namarraa galata       barbaacha (inni cimaadha jedhamuuf) fuula isaanii daalacheessuun sirrii miti.
  • Torbee soomaa kana keessa waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo, qulqullummaa Sanbataa, hojii qulqullummaaf nama geessisan yaadachaa hiyyeessas gargaaraa soomuu qabna.

Torbee dhufu barreeffama torbee Mikuraabaan wal-agarra. Hangasitti araarri Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen.

Sooma

Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!

Damissee Jemaanee

Sooma

sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa keessa turan Waaqayyo faana waqtii itti wal argan bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28). Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi’u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)

Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi’aa yeroo turetti jalqaba hojii hundaa godhee seera uume dha.(Maat 4:2; Luq. 4:2).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo’ee nutis moo’uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii’uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)

Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu’oonni Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa fi kadhaan kan adda hin bane ta’uu isaafi yommuu soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty dhiyaatu ta’uu isaa nu agarsiisa.

Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf qophaa’e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’e ta’uufi innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.

Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii ergamootaa 13:3,4:25)

Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta’eef waqtii soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii afuuraaf faallaa kan ta’e hojii fedha foonii kan jajjabeessu dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon, dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.

Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa qulqullaa’uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan soomamu ta’uu hubachuu qabna.

Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo hin taane diinaafis ni soomama.“warra sin arii’ataniif soomaa”( Didisqiliyaa 1:5 jedha).

Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa’ee isaanii kadhachuun nurra jira.

Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.

Sooma Guddaa

Barumsa duuka bu’oota waaqayyoo irratti kan hundoofte manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Itiyoophiyaa tokko waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi. Sooma manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan torbadha.Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.

Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta’uuf nu barsiisuuf kan soomedha.Soomaguddaa kanattis diinni keenya jalqabaa seexanni kan itti moo’amedha.Nutis kana hubachuun karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka argannuuf ni soomna.

Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome kunis maqaa adda addaa qaba.

1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota 55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis soomni kun sooma guddaa jedhama.

2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bali’ina qabuufi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti “hudaadee” jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.

3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamiifi Hewwaan Jannataa kan arii’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du’eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.

4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo jiruu mo’ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.

5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome waan ta’eef soomni kun Sooma Ce’umsaa ni jedhama.

6ffaa.Sooma Barumsaa:-Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu kan qabu ta’ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.

7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.

8ffaa.Sooma Qohaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma Qophaa’inaa jedhama.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40 Soomee?

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa waan ta’eef hojii Isaa soomaan jalqabe.Sooma jalqaba hojii hundaa taasise.

Nyaatni foonii hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma ta’e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama jiraachisuuf hundeedha.

Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama soomani. Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoosis “ani kanan dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti; raawwachiifidha malee” akkuma jedhe (Matt.5:17) guyyaa afurtamaafi halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise Ayihuud seera raajotaa hin eegne jedhanii seera wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef; yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan deebi’aniif akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soome.

Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama soomuun seera wangeelaa hundeesseera.

Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee booda saboota Isiraa’eel bitttaa Misiraa jalaa baaseera (Ba’uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan si’ool keessa jiran baaseera.

Isiraa’eelonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin guyyaa afurtama yoo soomtan mootummaa Waaqayyoo ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama soomee nu agarsiise.

Hizqi’eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama ciisuun lubbuu du’an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis guyyaaa afurtama yoo soomtan du’aa ka’umsa kabajaa ni argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama some.

Nuti Maaliif Guyyoota 50 Soomnaree?

Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessas Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu jira.Guyyootni kunis (Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeladaa irraa malee sa’aatii hedduu turuun kan soomnu miti.

Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos (Himamat) dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin soomsise dha.

Torbeen inni jalqabaa soooma Hirqaal jedhama. Inni dhumaa immooo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.

Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin ture. Torbeen kun maqaa isaatiin sababni inni itti waamame bara sana Faarsoonni Iyyerusaalemiin weeraranii muuziyeemii biyya israa’eel keessa kan jiru fannoo Gooftaas booji’anii fudhatanii ture. Lubootas ajjeesanii deeman magaala ishees ni guban. Kana booda kuma jaatama kan ta’an ajjeesaniifi madeessanii kuma sadii kan ta’an booji’anii gara Faaris Baabiloonitti fudhatan.Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa jalaa warri miliqanii holqaafi bosonaalee adda addaa keessa warri turan uummanni Iyyerusaaalem bara waggaa 14 booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi gidiraa isaanirra gahe Waaqa isaaniifi kiristaanicha mootii Roomaatti (Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitu waan booji’amne hunda nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee “duuka bu’oonni lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii isaa guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru. Kanaafuu sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon siniif lole natti tola jedhe.Isaanisdeebisaniis namni tokko kan jiraatu yoo baay’ate waggaa 70 ykn 80; nuti hundi keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko akka isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti duulee fannooo Gooftaa deebisiisee gara Iyyerusaalemitti deebi’eera. Kana booda isaafis fakkeenya akka ta’uuf sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma guddaa kana faana akka soomamu taasisan.Soomni isaas Soooma Hirqaal jedhama.Seenaan isaas seenaa jaalalli fannoo kan itti mul’atedha. Torban Gidiraa immoo yeroo biraa ni ilaalla.Kanas ta’e sana torbeen lamaan kun fuulduraafi duubaan akka hundee (ejjannoo) fi xumuraatti waan sooma gooftaa faana jiraniif sooma guddaa faana akka lakkaa’aman taasifameera.

Moggaafama Torbeen (Dilbata) Sooma Guddaa Keessaa

Mana amantaa keenyaaf faaruufi yeedaloo wal-simsiisuun cimsee kan barsiise qulqulluu Yaareed kitaaba isaa “Tsoome Diggu’aa” jedhamu keessatti torbeewwan sooma guddaa hundaaf faaruu faarfatamuu qabaniif maqaa torbeewwan kanatti kenneera.Manni Amantaa Ortoodoksii aadaafi duudhaa mataa ishee qabaachuun ishee ni beekama.Sirnabal’aa qabaachuu isheetiinis kan kabajju guyyaa Sanbataafi ayyaanotaa,sooma soomtu,kadhaa kadhattu,maahileeta dhaabbattu hundi seeraafi sirna mataa isaa ni qaba. Ka’umsa tokko malee sanbata kabajju, sooma soomtu,kadhaa kadhattu hinqabdu. Haala kanaan sooma hudaadee kana kan soome gooftaa keenya fayyisaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos waan ta’eef biyya lafaarra deddeebi’ee barsiisaa yeroo turetti gocha inni raawwate yaadachaa sanbatoota tokkoo tokkoo isaaniitti maqaa kennuun akka maqaaa sanaattis seenaasaa kaasuun Manni Amantaa keenyaa gooftaa ni galateeffatti,ni faarfatti,ni kadhatti.

Haalakanaan turban inni:

  • 1ffa– “Zeweredee”;
  • 2ffaQiddist;
  • 3ffaMikuraab;
  • 4ffaMitsaaguu;
  • 5ffaDebre Zeyit;
  • 6ffaGebriheer;
  • 7ffaNiqoodimoos;
  • 8ffaHoosaa’inaa jedhama.

Egaa warraa armaan olitti ilaalle kana hunda torbee torbeen ni ilaalla. Torbeen inni 9ffaa Ayyaana Du’aa Ka’umsaa ta’uunsaas dagatamuu hinqabu.

Zeweredee (Museenii)

Sanbatni guyyaa sooma jalqabaa itti simannu kun Zeweredee yookiin Museenii jedhama. Sababa inni itti Zeweredee jedhameef jala bultii guyyaa kanaatti luboonni bataskaana keessatti kan faarfatan jalqaba sooma diggu’aa kan ta’e ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ jecha jedhu waan ta’eef sanbata kana qulqulluu Yaareed Zeweredee jedhee moggaase.Hiikniisaas ‘’isa samiirraa bu’e Ayihuud fannisani ‘’kanjedhu yommuu ta’u waa’ee gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos samiirraa gadi bu’ee fannisamuu isaa kan ibsu dha.(Yoh 1:9-11, yoh 3:13-21)

Dabalataanis torbeen kun Abbootiin Seenaa Musee kaasaa kan seenaa Gooftaa faana wal-simsiisuudhaan waan faarsaniif Museenii jedhameera.

Caqasoonni guyyaa Wiixataa gaafa jalqaba soomaa dubbifaman keessaa “raajonni guyyaa afurtama afurtama soomanii erga darbanii booda raawwataa seera Museefi raawwataa raajii raajotaa kan ta’e Gooftaan Iyyesuus Kiristoos akka isaanii guyyaa afurtamaafi halkan afurtama kan soome ta’uu isaa kan yaadachiisu dha.(Bahuu 24:18; 1Moot. 19:8; Maat 4:1-4)

Gara biraanis “sagalee Waaqayyoo warra isinitti himan dursitoota keessan yaadadhaa; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin fakkaadhaa. Iyyesuus Kiristoos kaleessas, har’as barabaraan sanuma.Barumsa keessummaa adda addaan hin fudhatamiinaa. Lapheenkeessan kennaa Waaqayyoon yoo cime gaariidha malee nyaataan miti….garuu hojii gaarii hojjechuu warra kaaniifis qooduu hin dagatiinaa aarsan akka akkanaa Waaqayyoon ni gammachiisa’’ jedha (Ibr.13:7-16). Kanaaf hangafoota keenya warren karaa Waaqayyo nutti himan, waa’ee soomaas warra nutti agarsiisan warren akka Musee yaadachuuf deemsa isaanii hordofuun nurra jira.

Egaa walumaa galatti torbeen jalqaba soomaa kun torbee samiirraa gadi bu’uun Kiristoos itti labsamu ta’uu isaa hubachuu qabna.Kan torbee itti aanu kanaan booda wal-duraa-duubaan hordofaa.

          Nagaan Waaqayyoo hunda keenya faana haa turu; ameen!

Sooma Gudda

Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!

Damissee Jemaanee

Sooma

sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu  yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa  keessa turan  Waaqayyo  faana waqtii itti wal argan  bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28).  Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi’u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)
Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi’aa yeroo turetti  jalqaba hojii hundaa godhee  seera uume dha.(Maat 4:2;  Luq. 4:2).
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo’ee nutis moo’uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii’uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)

Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu’oonni Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa fi kadhaan kan adda hin bane ta’uu isaafi yommuu soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty dhiyaatu ta’uu isaa nu agarsiisa.
Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf qophaa’e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’e ta’uufi  innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.
Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii ergamootaa 13:3,4:25)
Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta’eef waqtii soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii afuuraaf faallaa kan ta’e  hojii fedha  foonii kan jajjabeessu dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon, dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.
Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa qulqullaa’uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan soomamu ta’uu hubachuu qabna.
Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo hin taane diinaafis ni soomama.“warra sin arii’ataniif soomaa”( Didisqiliyaa 1:5 jedha).
Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa’ee isaanii kadhachuun nurra jira.
Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.

Sooma Guddaa

Barumsa duuka bu’oota waaqayyoo irratti kan hundoofte manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Itiyoophiyaa tokko waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi. Sooma manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan torbadha.Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.
Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta’uuf nu barsiisuuf kan soomedha.Soomaguddaa kanattis diinni keenya jalqabaa seexanni kan itti moo’amedha.Nutis kana hubachuun karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka argannuuf ni soomna.
Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome kunis maqaa adda addaa qaba.
1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota 55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis soomni kun sooma guddaa jedhama.
2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bali’ina qabuufi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti “hudaadee” jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.
3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamiifi Hewwaan Jannataa kan arii’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du’eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.
4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo jiruu mo’ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.
5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome waan ta’eef soomni kun Sooma Ce’umsaa ni jedhama.
6ffaa.Sooma Barumsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu kan qabu ta’ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.
7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu  Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.
8ffaa.Sooma Qohaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma Qophaa’inaa jedhama.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40 Soomee?

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa waan ta’eef hojii Isaa  soomaan jalqabe.Sooma jalqaba hojii hundaa taasise.
Nyaatni foonii hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma ta’e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama jiraachisuuf hundeedha.
Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama soomani. Gooftaan keenyi  Iyyesuus Kiristoosis “ani kanan dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti; raawwachiifidha malee” akkuma jedhe (Matt.5:17) guyyaa afurtamaafi halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise Ayihuud seera raajotaa hin eegne jedhanii seera wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef; yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan deebi’aniif akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soome.
Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama soomuun seera wangeelaa hundeesseera.
Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee booda saboota Isiraa’eel  bitttaa Misiraa jalaa baaseera (Ba’uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan si’ool keessa jiran baaseera.
Isiraa’eelonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin guyyaa afurtama yoo soomtan mootummaa Waaqayyoo ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama soomee nu agarsiise.
Hizqi’eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama ciisuun lubbuu du’an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis guyyaaa afurtama yoo soomtan du’aa ka’umsa kabajaa ni argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama some.

Nuti Maaliif Guyyoota 50 Soomnaree?

Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessas Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu jira.Guyyootni  kunis  (Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeladaa irraa malee sa’aatii hedduu turuun kan soomnu miti.
Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos (Himamat) dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin soomsise dha.
Torbeen inni jalqabaa soooma Hirqaal jedhama. Inni dhumaa immooo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.
Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin ture. Torbeen kun  maqaa isaatiin sababni inni itti waamame bara sana Faarsoonni  Iyyerusaalemiin weeraranii  muuziyeemii biyya israa’eel keessa kan jiru  fannoo Gooftaas booji’anii fudhatanii ture. Lubootas ajjeesanii deeman magaala ishees ni guban. Kana booda kuma jaatama kan ta’an ajjeesaniifi madeessanii kuma sadii kan ta’an booji’anii gara Faaris Baabiloonitti fudhatan.Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa jalaa warri miliqanii  holqaafi bosonaalee adda addaa keessa warri turan  uummanni Iyyerusaaalem  bara waggaa 14 booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi gidiraa isaanirra gahe Waaqa isaaniifi kiristaanicha mootii Roomaatti (Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitu waan booji’amne hunda nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee “duuka bu’oonni  lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii  isaa guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru. Kanaafuu sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon siniif lole natti  tola jedhe.Isaanisdeebisaniis namni tokko kan jiraatu yoo baay’ate waggaa 70 ykn 80; nuti hundi keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko akka isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti duulee fannooo Gooftaa deebisiisee gara Iyyerusaalemitti deebi’eera. Kana booda isaafis fakkeenya akka ta’uuf sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma guddaa kana faana akka soomamu taasisan.Soomni isaas Soooma Hirqaal jedhama.Seenaan isaas  seenaa jaalalli fannoo kan itti mul’atedha. Torban Gidiraa immoo yeroo biraa ni ilaalla.Kanas ta’e sana torbeen lamaan kun fuulduraafi duubaan akka hundee (ejjannoo) fi xumuraatti waan sooma gooftaa faana jiraniif sooma guddaa faana akka lakkaa’aman taasifameera.

Moggaafama Torbeen (Dilbata) Sooma Guddaa Keessaa

Mana amantaa keenyaaf faaruufi  yeedaloo wal-simsiisuun cimsee kan barsiise qulqulluu Yaareed kitaaba isaa “Tsoome Diggu’aa” jedhamu keessatti torbeewwan sooma guddaa hundaaf faaruu faarfatamuu qabaniif maqaa torbeewwan kanatti kenneera.Manni Amantaa Ortoodoksii aadaafi duudhaa mataa ishee qabaachuun ishee ni beekama.Sirnabal’aa qabaachuu isheetiinis kan kabajju guyyaa Sanbataafi ayyaanotaa,sooma soomtu,kadhaa kadhattu,maahileeta dhaabbattu hundi seeraafi sirna mataa isaa ni qaba. Ka’umsa tokko malee sanbata kabajju, sooma soomtu,kadhaa kadhattu hinqabdu. Haala kanaan sooma hudaadee kana kan soome gooftaa keenya fayyisaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos waan ta’eef biyya lafaarra deddeebi’ee barsiisaa yeroo turetti gocha inni raawwate yaadachaa sanbatoota tokkoo tokkoo isaaniitti maqaa kennuun  akka maqaaa sanaattis seenaasaa kaasuun Manni Amantaa keenyaa gooftaa ni galateeffatti,ni faarfatti,ni kadhatti.
Haalakanaan turban inni:

    1ffa- “Zeweredee”;
•    2ffa- Qiddist;  
•    3ffa- Mikuraab;
•    4ffa- Mitsaaguu;
•    5ffa- Debre Zeyit;
•    6ffa- Gebriheer;
•    7ffa- Niqoodimoos;
•    8ffa- Hoosaa’inaa jedhama.

Egaa warraa armaan olitti ilaalle kana hunda torbee torbeen ni ilaalla. Torbeen inni 9ffaa Ayyaana Du’aa Ka’umsaa ta’uunsaas dagatamuu hinqabu.

Zeweredee (Museenii)

Sanbatni guyyaa sooma jalqabaa itti simannu kun Zeweredee yookiin Museenii  jedhama. Sababa inni itti  Zeweredee jedhameef  jala bultii guyyaa kanaatti luboonni  bataskaana keessatti kan faarfatan  jalqaba sooma diggu’aa kan ta’e ‘ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ’ jecha jedhu waan ta’eef sanbata kana qulqulluu Yaareed Zeweredee jedhee moggaase.Hiikniisaas  ‘’isa samiirraa bu’e Ayihuud fannisani  ‘’kanjedhu yommuu ta’u waa’ee gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos  samiirraa gadi bu’ee fannisamuu isaa kan ibsu dha.(Yoh 1:9-11, yoh 3:13-21)
Dabalataanis torbeen kun Abbootiin Seenaa Musee kaasaa  kan seenaa Gooftaa faana wal-simsiisuudhaan waan faarsaniif Museenii jedhameera.
Caqasoonni guyyaa Wiixataa gaafa jalqaba soomaa dubbifaman keessaa “raajonni guyyaa afurtama afurtama soomanii erga darbanii booda raawwataa seera Museefi raawwataa raajii raajotaa kan ta’e Gooftaan Iyyesuus Kiristoos akka  isaanii guyyaa afurtamaafi halkan afurtama kan soome ta’uu isaa kan yaadachiisu dha.(Bahuu 24:18; 1Moot. 19:8; Maat 4:1-4)
Gara biraanis “sagalee Waaqayyoo warra isinitti himan dursitoota keessan yaadadhaa; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin fakkaadhaa. Iyyesuus Kiristoos kaleessas, har’as barabaraan sanuma.Barumsa keessummaa adda addaan hin fudhatamiinaa. Lapheenkeessan kennaa Waaqayyoon yoo cime gaariidha malee nyaataan miti….garuu hojii gaarii hojjechuu warra kaaniifis qooduu hin dagatiinaa aarsan akka akkanaa Waaqayyoon ni gammachiisa’’ jedha (Ibr.13:7-16). Kanaaf hangafoota keenya warren karaa Waaqayyo nutti himan, waa’ee soomaas warra nutti agarsiisan warren akka Musee yaadachuuf deemsa isaanii hordofuun nurra jira.
Egaa walumaa galatti torbeen jalqaba soomaa kun torbee samiirraa gadi bu’uun Kiristoos itti labsamu ta’uu isaa hubachuu qabna.Kan torbee itti aanu kanaan booda wal-duraa-duubaan hordofaa.
    Nagaan Waaqayyoo hunda keenya faana haa turu; ameen!

Eebbifamoo Abbaan keenya Naatna’eel Addunyaa kana irraa du’aan booqatani

Eebbifamoo Abbaan keenya Naatna’eel Addunyaa kana irraa du’aan booqatani

Eebbifamoo abbaan keenya Abuna Naatna’eel baha Tigrayitti Awuraajja kelate awulaaloo jedhamee waamamuutti Mana kiristaana awudaa Qulqullu Giyoorgisitti Abbaa isaanIi obbo Gabrahiywoot Atsaduu fi haadha isaanii Aadde Walatta kiristoos Bishawu irraa bara 1923tti dhalatani. Aangoo/aankii /daaqoonummaa Eebbifamoo Abbaa keenya Abuuna Yisihaaqi irraa, Lubummaa, qumsinnaa fi monaksuummaa Eebbifamoo qulqulluu Abbaa keenya Abuna Baasiliyoos irraa

fudhataniiru. Itti aansuudhaan Amajji 13/1971 Eebbifamoo qulqulluu Abbaa keenya Abuuna Takla Haymaanootiin Eephis Qoophoosii Biyya Lallaba Tigraay ta’uudhaan Eebbifamoo Abbaa Abuuna Naatna’eel muudamaniiru.

Yeroo ammaa Angafoota Phaaphaasii biyya Lallaba Arsii ta’uudhaan Waggaa 30 ol tajaajilaa osoo jiranii Guraandhala 21 B.A. 2008 adunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiru. Sirni awwaala isaanii guyyaa kamisaa guurandhala 24/2008 biyya lallaba isaanii gadaami isaanuumti huundeessanii tajaajila Afuuraa isa ol’aanaa kan itti keennani Dabre Qidus Dabra Ma’aazaa Gadaamii Abbaa keenya Abuuna Takla Haymaanootitti ni raawatama.