“…Qoricha qabbaneessaa itti ergi maaloo…”

Fakkii Ayyaana Astari’iiyoo (Mul’annaa)

Dn. Abbaaynah Kaasee

Yaa Giiftii keenya Maariyaam nama hubateef waan kee ajaa’ibaa ajaa’iba caalu dha. Boqannaan kees akkasuma. ሞትሰ ለመዋቲ ይደሉ ሞታ ለማርያም የዐጽብ ለኵሉ; duuti nama du’uuf ni mijata/ni ta’as; duuti Giiftii keenyaa garuu nama hunda dinqisiisa. Jireenya bara baraa namaa laattee ati garuu ni duuta. Sababa keetiin Waaqa Ilmaa si’a sadi arganna. Jalqaba, gaafa Isa deesse, itti aanee boqannaa keen fi inni sadaffaan immoo gaafa Du’aa ka’uumsaa waara du’aniitti dha.

Oduun boqannaa kee Ayyaana keenya dha. Duuti akka nusodaatuuf fi nutis du’a akka hin sodaanne ati sababa keenya dha. Cubbuu keenyaafi araara argachuufis sima abdanna. Ati bar Harmee keenya dha.

Biyya keenyaaf, bakka maqaan kee osoo itti hin waamamiin hin oolle kanaaf qoricha qabbaneessaa itti ergi maaloo!

Baga Ayyaana Astariyoo Maariyaamiif nuun gahe.

Waaqayyo haa sodaannu; uummanni Waaqayyo hin sodaanne akka saba Sanaa’oor biyya lafaa irraa dhabama.

Sabni Sanaa’oor horteen isaanii lafa irratti ni heddummate. Abshaalotas ta’ani. Abshaalummaa isaanii sana garuu, waan gaariif fayyadamuu dhiisanii mootii bara baraa kan Waaqayyoon sodaachuu sodaachuu irraa fagaatanii maqaa isaanii labsuu barbaadani. Namni Waaqayyo waliin wal-mufachiisees umriin isaa akka gabaabbatu wallaalani.

Dhalli namaa waan gamoo ijjaareef qofa kan kabajamu itti fakkaate. Yaada isaanii kanas gamoo gar-malee ol dheeratu ijaaruun mul’isuu barbaadani. Barbaaduun qofa hin hafne, ni ijaaranis. Gar-malee ol dheerachuu isaa irraa kan ka’e aduutti dhihaatanii ho’a aduutiin hamma nyaata bilcheessanii nyaatanitti ga’anii turani. Dhuma irratti garuu, of jajiinsa badaa keessa of argani. Waaqayyoon dhabamsiisanii, bakka Isaatti bu’anii murteessaa lafaa fi samii ta’uu barbaadani. Gamoo (siidaa) ijaaran sana irra dhaabbatanii Waaqayyo waraanuuf eeboo ol darbachuu eegalani. Kana kan jajjabeessu seexannis dhiiga dibee itti deebisaa si’a sadi isaan onnachiisaa tureera. Si’a sadi darbanii Waaqa Abbaas Waaqa Ilmaas Waaqa Afuura Qulqulluus kan ajjeesan itti fakkaatee “Kanaan booda ajajaa tokko malee lafaa fi samii hogganaa maqaa keenyaas waamsisaa jiraanna” oggaa jedhan, Waaqayyoon “Kootta! Gad-buunee inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyeetti afaan isaanii isaan dura waliin haa maknu.” jedhe (Seer. Uum. 11:7)

Addunyaa irratti beekkamuuf hawwanii turani. Amma garuu, Waaqayyo hawwii isaanii jalaa fashaleesse. Maaliif? yoo jenne hundeen ogummaa (qaroominaa) Waaqayyo akka ta’e irraanfatanii kabaja isaaniif qofa ifaajaa turanii waan ta’eefi.

Nutis jaalala Waaqayyoo irraa fagaannee waan raawwachuu dandeennyu akka hin jirre beeknee Waaqayyoo fi dhala namaa mara jaalachuun ijoollee Ifaa ta’uu keenya mirkaneessuu qabna.

Guyyaa kanaaf baga isiniin gahe

Galata Qubeedhaan

Dn Tamasgan Shaashoo

A: Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluuu

B: Barreerra nutoo kan itti bulluu

C: Cal jedhaa hin feenu barumsa haaraa

D: Daandii duraatiirra imala egalleerraa

E: Eebbi Waaqayyoo hundarra guutee

F: Foolii jaalalaan Inni nu waammatee

G: Gamaa Gamanaa Walitti nu qabee

H: Hattuun lubbuu naasuun gaggabee

I: Ija keenyadha agartuu ganamaa

J: Jaalala deesse Abbaa amanamaa

K: Kennaa Iyyasuus kan ilmaan Addaam

L: Lammummaan dhugaa karaa Maariyaam

M: Mootii keenyarra nuuf kennamaa

N: Nageenyi Gaariinis achiin argamaa

O: Otoo hin nyaatamin at of yaadadhu

P: Poostaa du’a keeti ofirraa qoladhuu

Q: Qulqulloota Gooftaa adaraa simadhuu

R: Ragaa siif ta’u jilbiiffadhuu kadhadhuu

S: Sitti himeera maaloo na qalbeeffadhuu

T: Tarree Qulqullootaa mirga dhaabbadhu

U: Uummanni Gooftaa warri Abbaa keenyaa

V: Vaayirasi seexanaa moo’un argatan nageenya

W: Waadaa qabduu Waaqa jaalalaa irraa

X: Xaxaa Diyaabiloos tasaa qabdan of biraa

Y: Yaadni keenyaa Mootummaa Waaqayyootii

Z: Zayitiif kadhaa Faranjii Ija keessa laalu mitii

Kanaaf baayyannee taane dacha dacha

Nutis galataan Waaqa keenyaf ililchaa

Ni guunna lafa akka urjiif maansaa

Gooftaa fulduratti galata lolaasaa

“…ይእዜ ትስዕሮ ለገብርከ በሰላም እግዚኦ በከመ አዘዝከ። እስመ ርዕያ አዕይንትየ አድኅኖተከ ዘአስተዳለውከ ቅድመ ኵሉ ሕዝብከ። Yaa Gooftaa koo Fayyina Ati Uummata Kee duratti raawwatte ijji koo argeera waan ta’eef, akkuma waadaa galteen garbicha Kee amma nagegeessi” Luuq. 2:29-30

L.A’imiroo Darajjee Taakkalaa

Jecha kana kan dubbate maanguddichi Simi’oon yoo ta’u, sababni inni dubbateef immoo raajii Isaayiyyaas 7:14 “Durbeen durbummaan ulfooftee durbummaan ni deessi” jedhu dhugumaa raawwatamuu isaa arguu waan danda’eefi dha. Kana qofa miti; humni isaas akka humna arraageessaa waan haareffameef illee dha. Isa kana immoo Raajichi haala kanaan nuhubachiisa “Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan humni isaanii ni haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol ni ka’u. Ni fiigu garuu, hin dadhaban. Ni adeemu garuu, hin nuffani” (Raaj.Isaay. 40:31).

Kana jechuun namni Waaqayyoon amane, amantaadhaan harka isaa gara Waaqayyootti diriirsu yoomiyyuu hin qaana’u /hin leeyya’u/. Kanaafi dha Raaj. Isaay. 49:23 irratti “Warri Na’amanan, warri Na’abdatan hin qaana’an /hin leeyya’an/” jechuun kan ibse. Dabaluunis, “Qajeelinni Koo dhiyaateera. Fayyisuun Koos as ba’eera. Sabni baay’een irree Kootiin murtii haqaa ni argatu. Warri biyya galaana gidduu keessa jiraatanis Na’abdatu.” Jechuun namni Waaqayyoon hunda caalaa abdatu akka hin qaanofne ni ibsa. Qulqulluun Erraqliisis Durbee irraa dhalachuu Gooftaa yeroo dinqisiifatu, Amntaa Abbootaa 48:2 irraatti “እንዘ ውእቱ ውስተ ሕጽነ አቡሁ ተሠውረ በከርሠ ድንግል፡፡ ወተወልወደ እምኔሃ። እንዘ ሀሎ ውስተ ሕጽነ እሙ ያንሶሱ በክነፈ ነፋስ፡፡ ወይሰግዱ ሎቱ ማላእክት፡፡ Inni Tokkummaa AbbaaIsaatiin osoo jiru; garaa Durbee keessa ni daangeeffame. Ishee irraas ni dhalate. Hammannaa harmee Isaa keessa osoo jiru; baallee qilleensaan deddeebi’aa ture. Ergamoonnis Isaaf sagadaa turani” nuun jedha.

Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u! ,

Oduu Boqonnaa

abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel

Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti biyyoota lallaba Dirree Dawaa fi Jibuutiitti phaaphaasii kan turan abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel kaleessa (B.A. 22-04-2012) galgala keessa naannoo sa’aa 5:00 irratti mana isaanii isa wiirtuu Teessoo Paatriyaarkiitti argamutti akka boqotan baruu dandeenyeerra.

abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel

Eebbifamoon abbaa keenya Ameeriikaa Kaabaatti baroota dheeraaf tajaajila kennaa turuu isaanii kan Ibse Miidiyaan Addabaabaayi dhibee laphee qabaachuu isaanii ogeeyyiin isaanitti himnaanis, umrii koo kanaan garaa hin baqaqfadhu gara biyya kootti galeen biyyoo biyya koof ga’uun qaba akka jedhanis hubanneerra.