Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos

Asaffaa Guddataa

Gaafti Adoolessa bultii shan (5) guyyaa ayyaana yaadannoo Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosi dha. Qulqulluu Pheexiroos qurxummii kiyyeessuu keessaa bahee gara nama kiyyeessuutti yokiin akka namoonni ilmaan Waaqayyoo ta’an taasisuutti kan dhufe waamicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin ture (Maat. 4:18-20). Qulqulluu Phaawuloosis osoo Waaqayyoof inaafee kiristaanota ari’ataa jiruu daandii Damasqoo irratti Gooftaan keenya itti dubbatee akka inni meeshaa filatamaa Isaaf ta’u kan isa taasise dha (H.D.B. 9:1-13). Qulqulloonni kunneen Amantaa Kiristaanaa babalisuu fi namoota fooninis ta’e lubbuun fayyisuu keessatti gahee gurguddaa bahachaa turanii guyyuma tokkotti magaalaa Roomee keessatti wareegamumman boqotaniiru. Haalli boqonnaa isaaniis akkuma Qulqulluu Phaawuloos ergaa isaa warra Roomeef barreesse irratti “Du’a du’a Isaa fakkaatuun yoo Isa waliin tumsine du’aa ka’umsa kan Isaa fakkaatuun immoo Isa waliin wal tumsina” jedhetti akka Gooftaa isaaniitti boqotaniiru (Room. 6:5). Ququlluu Pheexiroos yommuu fannifamee boqochuun itti murtaa’u, “Akka Gooftaa kootti ana hin fannisiinaa!” jedhee irra gadee fannifamuun yommuu boqotu Qulqulluu Phaawuloos immoo seefiin qalamee boqoteera.
Qulqulloota kana irraa Maal Baranna?

Read more

“Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21

Sagaleen kun katabamee kan argamu Hojii Duuka Bu’ootaa isa harka barreessaa Wangeelaa kan ta’e Luuqaasiin bareeffame keessatti dha. Taateen yeroo sanatti ta’ee tures Duuka Bu’ootarra bu’uu Afuura Qulqulluuti (ርደተ መንፈስ ቅዱስ). Guyyaan sunis ‘Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaanaa’s ni jedhama. Caqasni isaas Hoj.Duu.Bu. 2:1-Dhu.Boq. ti.

Caqasa kanaan wal qabatee shakkitoonni amantaa yaad-rimeewwan adda addaa ni kaasu.

  1. ‘Nuyi Afuura Qulqulluun guutamnee qooqaalee adda addaa dubbanna. Akkuma Kitaabni QulqulluuHundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif laateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani.’ ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል ወአኀዙ ይንብቡ ዘዘዚኣሆሙ በነገረ ኵሉ በሐውርት በከመ ወሀቦሙ መንፈስ ይንብቡ።” H/D/B/ 2:1-21 jedhutti jechuudhaan caqasa Kitaaba Qulqulluu caqasuu yeroo barbaadan ni mul’atu.

Haa ta’u malee, waan Kitaabni Qulqulluu jedhu fi isaan (shakkitootni) kan jedhan walitti hin dhufu. Kitaabni Qulqulluu “Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif lateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani” jedha malee, qooqa hin beekkamneen dubbatani hin jedu. Isa kana hubachuufis Hoj. D/B/ 2:6 irratti “Jarreen kun hundinuu bubbee kana yeroo dhaga’an; iddoo kun ta’etti walitti qabamani. Warri Afuura Qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkoon tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na’anii dinqisiifatanii “Warri dubbachaa jiran kun hundinuu namoota Galiilaa miti moo? jedhani. Dabalataanis, “Tokkoon tokkoon keenya akkamitti afaan itti dhalanneen yeroo dubbatan isaan dhageenya? ”jechuudhaan afaan /qooqni/ isaaniif kenname qooqa biyya lafaarratti dubbatamu ta’uusaa beekuu dandeenya.

  1. Caqasni Hoj.D/B/ 2:6 irratti caqasame akka isaan hin deeggarre yeroo beekanitti gara Wangeela Maariqoos deemanii Maar. 16:16 kaasuudhaan “Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti ija amanneef qooqa armaan dura hin dubbatamne nudubbachiisa.” Jedhu. Dhugaa dha Gooftaan keenya Fayyisaan keennya Iyyasuus Kiristoos  qooqa addunyarratti dubbatamee hin beekne amantoota dhugaaf kennuu akka danda’u shakkii hin qabnu. Garuu, ifa Mana Kiristaana jedhamuun kan beekkamu Qulqulluu Phaawloos 1ffaa 14:11 irratti akkas nuun jedha. Addunyaarratti akaakuu qooqaa lakkoofsa hin qabne (bay’ee) jiraachuu danda’u; uummanni qooqa hin qabne hin jiru. Egaa, hiika qooqa sanaa beekuu dhabnaan hawaasa qooqa sana dubbatu biratti keessummaan ta’a; hawaasni sunis anaaf keessummaa ta’a.” jedhee ka’ee lakkoofsa 13ffaarratti “Kanaafuu, namni qooqaan dubbatu qooqa sana hiikuu akka danda’uuf  gara Waaqayyoo haa kadhatu.” Jechuudhaan erga ibse booda, lakkoofsa 28ffaa rrattii “Namni hiiku dhabamnaan garuu, waldaa keessa callisuudhaan Waaqayyoo waliin ittiin haahaasa’u.” jechuudhaan goolabeera. Ammas asirratti qabxiilee sadi gad-fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.

    1. Qooqni tokko hiikamu kan danda’u ta’uu qaba. Qooqni shakkitoonni amantaa ni dubbanna jedhan kun hiika kan hin qabne fi waldaa ykn gurmii amantootaa amantiin cimsuuf kan hin fayyadne dha.

    2. Namoonni lama fi sanaa ol ifoominni qooqaa isaaniif yoo ifoome dabaree dabareen dubbachuu qabu. Shakkitoonni amntaa garuu yeroo dubbatan waluu hin dhaggeeffatan. Dabaree isaanii eeggatanii dubbachuu dhiisuun isaanii dogongora guddaa akka ta’e Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf baha.

    3. Ifoomonni qooqaa yoo namaaf ifoome, hiika isaas Waaqni akka isaaniif kennu kadhannaa gochuu qabu. Kennaan hiikkaa kennamuu dhiisnaan garuu, waldaa keessa callisuu qabu. Shakkitoonni amntaa qooqa hin beekneen waldaa keessa dubbachuu dhiisuu dhabuun isaaniis dogongora biraa dha.

Kanaaf kana hubannee barsiifata dogongoraa shakkitoonni barsiisan irraa of-eeguu akka qabnu beekuun nurraa eegama.

Galanni Waaqayoof haa ta’u.

Araarsummaan Durbee Isa deesse fi eebbisni Fannoo Isaa ulfaataa nurra haa bulu.

Amen.

“Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49)

Jecha kana kan dubbate Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Warrootni jechichi dubbatameef immoo Duuka Bu’oota isaati. Jecha Inni dubbate guutummaan yoo ilaalle, “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif nan erga; waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa”  jedha (Luuq. 24:49). Kana qofa miti; hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka isaa mataa isaaniirra kaa’ee ni eebbiseen. Karaa biraatiin aangoo lubummaa isa hamma paatriyaarkummaa jiru jiruun isaan muudee osuma Isa argan gara samiitti ol bahe.

Isaan garuu, gara samiitti ol bahuu Gooftaa ilaalaa osuma yaadda’aa jiran Ergamaan waaqayyoo dhufee “Isin namoota Galiilaa, maaliif dhattanii samii keessa ol ilaalaa yaadda’aa jirtu? Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa” jechuudhaan isaan jajjabeessee jira. Asirratti waan lama hobachuu dandeenya.

  1. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nuhubachiisa. Raajoonni dharaa bara keenya kana keessatti jiraatan “Gooftaa Mul’ataan (raa’iyyii) naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” Jechaa fa’a raagu. Kun raajii dharaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyooyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneesseera. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).
  2. Shakkitootni “Malakoonni (Waaqummaan) fooniin hin waloomne” jecha barumsa dogongoraa barsiisaniifis deebii kennuufi dha. Kunis, yeroo Inni (Gooftaan keenya) gara samiitti olbahu Duuka Bu’oonni Isaa arguun isaanii waan Malakoonni fooniin waloomeefi dha malee Malakoonni qofaasaa foon hin qabu ija ta’eef hin mul’atu ture. Jecha Waloomaatu gara samiitti olbahe. Kitaabni Qulqulluus “……ወዘንተ እንዘ ይብሎሙ ተለዐለ ወነሥአቶ ደመና ወዐርገ ሰማየ እንዘ እሙንቱ ይኔጽሩ ኀቤሁ……; kanas isaanitti himaa gara samiitti olbahuu eegale. Duumeessis Isa simatte.” Jechuudhaan yeroo inni olbahu Duuka bu’ootaaf mul’achaa akka ture fi isaanillee Isa laalaa akka turan nuhubachiisa. H/D/Bu. 1:8
  3. ‘Iyyaruusaaleem’ jechi jedhu
    1. Mana Kiristaanaa dha. Kanaauu, mana kiristaanaa keessa turraan (jiraannaan) kennaa Waaqayyoorraa argamu hunda ni arganna ija ta’eef “Iyyaruusaaleem keessa turaa” nuun jedheera.
    2. Iyyarusaalee Giiftii keenya Durbee Maariyaamii dha. Ishiirraa osoo hin fagaatin Iyyaruusaaleemitti (Giiftii keenya wajjiin) turaa nuun jechuufi dha.
    3. “በሰማይ የሀሉ ልብክሙ፤qalbiin keessan samiitti yookan Iyyaruusaaleem ishee samiirraatti haa jiraatu” jechuudhaan waan lafarraa osoo hin taane, waan samiirraa (kan Iyyaruusaaleem ishee samiirraa) abdachuu akka qabnu Kitaabni Sirna Qulqulleessaa nugorsa.

Dhufaatii Isaaf nagaan nuhaagahu.

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32)

 Dn. Mazgabuu Kafiyaalaw

Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun muudannoowwan  deddeebi’anii mul’atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi’u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanas barumsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos irratti hundeeffatte dha. Kiristoos irraa kan baratan Duuka Bu’oonnis, Mana Kiristaanaaf dhaalchisaniiru. Duuka Bu’ichi Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qorntoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e, du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an  hunduu ammoo  Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. (1Qor. 15:20) Barreeffama kana keessatti waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa, du’aa ka’uu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin isa nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.

  1. Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.

 Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture.  Seenaa  sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannu duuti hin turre. Namoonni akkuma Ergamootaa bara baraan akka jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu;  Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga akka inni bara baraaf akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin akka isaan jiraattota bara baraa ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Heewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa  jiru gammachuudhaan akka jiraataniif Gannata keessa isaan galche. Gannata keessattis, dhukkubni fi du’ti hin jiru ture (Se.Um.1: 26-30; 2: 8-9)

Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti.  ogeesichi Solomoon “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane; bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures“ Awwaallis daangaa kana keessa hin turre”  jechuudhaan nu hubachiisa ( Xibab. 1:13-16).

Dhalli namaa du’aaf hin uumamne erga ta’ee, duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du’aa ka’uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du’a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kana ilaalchisee ogeessichi Solomoon “Warreen Waaqayyo hirraanfatan garuu, sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani” jedhee dhalli namaa fedhaan du’a akka ofitti fide dubbata (Xibab. 1:13).

Duuti kan eegale Addaamii fi Heewaan  seera Uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetani ture,( se. uum. 2:17)  kanaafuu, gatiin  cubbuu isaanii du’a ta’e ( se. uum. 3:16-19). Isaan seera Uumaa isaanii yemmuu diigan; kabaja  uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaas ta’ani.  Sana booda, biyya bareedduu fi Qulqulleettii taate keessaa ari’atamanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Heewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Eegumsa addaa Waaqayyoon eegamaa kan turte Giiftii keenya Dubroo Maariyaam irraa kan hafe dhalli namaa hundi Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta’ani.

Kana waan ta’eef, Duuka Buutichi Qulqulluu Phaawloos “Sababa nama tokkoo cubbuun gara addunyaatti dhufe; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hundi isaanii waan cubbuu hojjetaniif  duuti dhala namaa hunda bira ga’e”   jechuun dhufaatii du’aa hubachiiseera (Room.5:12).

Namni du’a ofitti fidus, abdiin du’aa ka’uu kennemeeraaf

 Dhalli namaa harka isaatiin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus; Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo baduu dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa dhala namaaf kan kennu  ta’uu Isaa dursa sababa raajota Isaatiin fedha Isaa nuuf ibseera. Faarsaa Daawit irratti “ Afuura kee ni ergita ; ni uumamus; fuula lafaas ni haaroomsita” inni jedhu sagalee du’aa ka’uuti (Faar. 103: 30).  Waaqayyo du’a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul’ata Yohaannis keessatti “……Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa”  jedhee nutti hima (Mul. 21:5)

Raajichi Isaayiyyaasis  “ warri du’an jiraattota ta’u;  reeffawwanis ni ka’u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta’eef; laftis warra du’an baasti waan ta’eef ka’aa faarfadhaa!” jedhee barreesse (Isaa. 26:19). Kunis, waa’ee du’aa ka’uu dhala nama hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamu nu hubachiisa. Akkasuma, Raajichi Daani’eel  “Bara sanas waa’ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu hogganaa Agngafaa Mikaa’el ni ka’a; uummata irrattis erga uummata ta’ee (addunayaan uumamee) eegalees hanga bara sanaatti rakkoon ta’ee hin beekne bara rakkoo ta’a;  bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii  ni fayyu. Warri biyyee lafaa keessatti rafan  baay’een isaaniis ni ka’u; walakkaan isaanii gara jireenya bara baraa; walakkaan isaanii ammoo gara leeyyoo  fi  gidiraa bara baraatti. Ogeessonni akka calaqqee; warri namoota baay’ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo  akka urjiitti bara baraan bareedanii mul’atu” ( Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.

“Walakkaan isaanii gara jireenya bara baraatti” kan jedhame du’aa ka’uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta’u; “Walakkaan isaanii gara gidiraa bara baraatti” kan jedhu ammoo  du’aa ka’uu cubbamtootaa kan agarsiisu dha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du’aa ka’uu dhumaa irratti akka biiftuutti  calaqqisan; akka urjiilees bareedanii mul’atu isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi’u cubbuun isaa isaaf  yommuu haqamu; abaarsi isaas yommuu irraa ka’u dha. Kanaafis, Gooftaan nama ta’ee murtii du’aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa kaffalee du’as du’a Isaatiin haqeera. Sababa du’a Isaatiin namootaaf du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa kenneera. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta’ee guyyaa Jimaataa fannifame sana Lubbuu Isaa Qulqulleettii taate Foon Isaa Qulqulluu ta’e irraa yeroo adda baasetti awwaalchonni banamanii Qulqulloota rafanii (du’anii) turan keessaa baay’een isaanii ka’an ( Maat.27:52).

Lubbuuwwanis si’ool keessaa baasee Gannatatti kan galche gaafa guyyaa sanaa ture. Egaa, Kiristoos aarsaa ta’uun du’a Isaa kabajamaa ta’een cubbuu fi du’a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebiseera. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu Isaa walitti deebisee ( tokko taassisee) du’aa ka’uu kabajaa kennee Mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre gonfatee akka du’aa ka’uuf abdii kenne. Abdii Isaa kanas haala itti raawwatu  Qulqullichi Phaawuloos yommuu ibsu:- “kan hin tortorre ta’anii ka’u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du’u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du’u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du’a waraanni kee eessa jira? Yaa si’ool injifannoon kee meerre? Waraanni du’aa cubbuu dha; humni cubbuus seera dha; Garuu,  karaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos Waaqayyo injifannoo  nuuf kennuuf galatni haa ta’u”( 1Qor. 15:51-57) jedha.

Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du’aa ka’uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu, jireeni dhalli namaa hanga lafarra deddeebi’u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du’uudhaan du’aa ka’ee agarsiisuu Isaati.

Abdiin du’aa ka’uu nuuf kenname  du’aa ka’uu Gooftaatiin mirkanaa’e

Manni Kiristaanaa keenya du’aa ka’uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabatteeti malee akkanumaan miti.  Ragaan ishee kunis jalqaba Mana Kiristaanaa kan hundeesse Gooftaa fi Hudeessaa ishee du’ee du’a injifachuun du’aa ka’e; Kiristoosiin bu’uura godhachuudhaani dha. Ka’umsii fi ga’umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du’aa fi du’aa ka’uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta’ee du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta’e Wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka’umsa isaa irraa, Wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. ( Hoj. Duuk.2:14-36)

Ayihudoonni foon Gooftaa awwaalcha keessaa akka hin kaane taassisuuf cuqqaalanii turan ( Maat.27:62-66). Garuu, Gooftaan  awwaalcha naaf bann! Kanan ittiin kafaname naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin awwaalcha cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa  Isaatiin du’a irraa adda bahee  gaafa guyyaa sadaffaa ka’e. awwaalcha inni itti awwaalames  duwwaa hafe, Kiristoos, inni du’aa ka’es,  harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiisetti Duukaa Buutotaa fi hordoftoota Isaa hundatti mul’ate.

Ayihudoonni Kiristoos akka du’aa hin kaaneef awwaala  Inni itti awwaalame saamsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta’anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas qulqullichi Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- “ Yaa Gooftaa du’aa ka’uun kee akka mirkanaa’uuf Yihudoonni awwaala kee saamsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta’ee [duukabuutonni kee] dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee saamsanii eeguu isaaniitiin du’aa ka’uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa duukabuutota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii” jechuun dubbateera (st. Ephrem Syrian Hymn on Nativity 6:8)

Ayihudoonni awwaalcha Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame saamsanii eeganis du’aa ka’uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du’aa ka’uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu’oo Isaa ragoota du’aa ka’uu Isaa ta’uun amantaa Kiristaanummaa babal’isani. Warra diinota du’aa ka’uu ta’an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya’iin  hanga du’aatti wangeela du’aa ka’uu Isaa barsiisaniiru. Sababni isaan du’a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du’aa ka’uu  Kiristoos akka ta’an waan amananiifidha ture. Egaa hangafni du’aa ka’uu, jechuunis, Kiristoos Isa du’aa  ka’uudhaaf isa jalqabaa ta’e akka ilaalle; sagalee Isaa irraas akka baranne du’aa ka’uun akka jiru haa amannu. abdiis haa godhannu. Kiristoos ka’umsaa fi jireenyadhaatii. “Kan Anatti amanu yoo du’e illee jiraataa ta’a; kan  jiraataa ta’es hunduu bara baraan hin du’u” ( Yoh. 11:25-26)

Du’aa ka’uu dhala namaa ilaalchisee Qulqullichi Phaawloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qorontoos keessaa muraasni “Namni du’e akkamiin du’aa ka’a?” gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqullichi Phaawuloos“Kiristoos du’aa akka ka’e kan lallabu yoo ta’e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du’aa ka’uun hin jiru jedhu?” jechuun gaaffiiwwan namoonni Qorontoos kaasaniif  yemmuu deebisu: “ Du’aa ka’uun hin jiru yoo ta’e  Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta’e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin rafan (du’an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan (jireenya lafa irraa  qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta’e, namoota hunda caala nuti gowwoota dha” erga jedhee booda, itti fufuun waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf Angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa (Kiristoos) ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an,  hunduu ammoo Kiristoosiin jiraattota ta’u” jedhee dubbate. kanuma wajjin walqabsiisuunis,  Duukaa Bu’chi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: “ akkana ta’uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du’a;  akka namaatti Eefeesoon keessaitti bineensa waliin wal’aansoo wal qabe? Warri du’an kan hin kaane yoo ta’e kana raawwachuun koo maal na fayyada?” (1Qor. 15:12-32) jedhees gaafata.

Ragummaan Duukaa Bu’aa Phaawuloos kun dhugaa ta’uun kan bara baraan jiraatu ta’a. warri ergaasaa dubbisan hundi  dhugummaa fi sirrii ta’uu ragummaa isaas hubatu. Sababni isaas jalqaba irratti inni balaaleeffataa ta’ee Ayihudoota waliin waliigaluun kiristaanota osoo ari’ataa jiruu Kiristoos inni du’ee ka’e waan isatti mul’ateef du’aa ka’uu  ilaalchisee amantaa isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatiinis, jireenya isaatiinis, du’a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( Hoj. Duuk. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)

Egaa, isa Qulqulluu Phaawloos argee dhandhamee barsiise kana, nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du’aniif angafa ta’uun akkuma du’aa ka’e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraa dhaaluuf akka du’aa ka’u amanuu fi  abdachuun of qopheessinuu qabna.

Akkuma armaan olitti ilaalle, jalqaba irraa uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du’etti akka hin hafneef abdii du’aa ka’uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du’e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta’ee du’ee du’a ajjeese. Waaqayyoo Ofii du’ee du’aa ka’uudhaanis abdii du’aa ka’uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu, namoonni ammallee wallaalummaadhaan dhalli namaa du’aa ka’uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akkanaa kan amma eegale osoo hin taane, duruma “Namni du’ee tortoree biyyee erga ta’ee booda akkamiin ka’a?” jechuun gaafachaa turaniiru. Namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu biyyee lafaa irraa akka ta’e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume (Se. Uum.2: 7) ammas Uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du’aa ka’uutti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani ( Yoh. 5:24-29)

Kanaaf, amantaadhaan dhaabannee, du’aa ka’uu dhala namaa abdannee cimnee eeguutu nurra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa isa lammaffaa irratti “Isin yaa eebbifamtoota Abbaa Koo gara bakka addunyaan osoo hin uumamiin dura isiniif qophaa’eetti koottaa seenaa!” sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu. Waaqayyo dhufaatii Isaatti gara Mootummaa Isaa akka nu galchu eeyyama Isaa  nuuf haa ta’u; ameen!

Hangafa hojii qajeelina hundaa; Sooma

Dn. Issubaalaw Damissee

Amantiin Kiristaanummaa amantaa hojii gaaridhaan mul’atuufi mul’achuu qabu dha. Hojiiwwan gaarii ykn qajeelinaa jedhamanii waammaman kanneen immoo akka salphaatti jireenya keenyaan kan ibsinu miti. Kanarraas kan ka’ee Amantaa dhugaa kana keessa namni jiraatu,nama daandii dhiphaa filatedha jedhamee Gooftaa keeyaan kan ibsameef (Mat. 7:13).

Daandii dhiphaa kana keessa yommu dabarru immoo wantoota daandii kana dhiphaa taasiisan, jabaannee darbuu akka dandeenyuuf wantoota afuurawoo hirkoo nuuf ta’an keessaa Soomni isa tokko dha. Qulqulluu Yisihaaq inni Sooriyaas soomni “Hangafa hojii qajeelina hundaati”; kunis hojii afuurawaa (Hojii Amantaa) kamiyyuu dura soomni ni dursa jechuun ibseera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos tajaajila Isaa soomaan jalqabuun Isaa kanuma kan nuuf raggaasisudha (Mat. 4:1).

Qulqullootni hedduunis kana faana bu’uudhaan hojii isaani soomaan jalqabaniru. Soomas akkasiin faarsaniiru; “ Soomni, madaa lubbuu kan fayyistu, irree hawwii foonii kan dadhabsitu, hangafa hojii qajeelina hundaa, ulfina gara-kutattootaa, faaya qulqullinaa, haadha kadhannaa, madda imimmaani, leenjiistu tasgabbina/callinaa, Bilbila dammaqsituu hojii gaarii, fuula Waaqayyoo duratti kasoominaan mataa gad-qabachuu kan nama dandeessitu qoricha lubbuuti.

Haaluma kanaan Soomawwan Manni Kiristaanaa keenya soomtu keessaas Soomni guddaan ykn Soomni Gooftaa kuni isa tokko dha. Soomni kuni Gooftaan waan soomee tureef, taatee waggaa kuma lama dura ta’ee ture yaadachuuf qofa kan soomnu miti. Irra caala imala gara ayyaana du’aa ka’uumsa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoositti taasiisnuufi qaama qophii ayyaanichaati.

Ayyaanni du’aa ka’uumsa Gooftaa keenyaas seenaan kaleessaa qofti kan keessatti yaadatamu otuu hin ta’iin, guyyaa injifannoo du’arratti qabnu itti nuuf mirkanaa’e akkuma ta’uu isaatti buufata xummura addunyaa kaanaa fi jalqabbii addunyaa isa dhufuu ykn mootummaa Waaqayyooti.

Ayyaana du’aa ka’uumsa Gooftaa keenyaa duras guyyoota 55’f soomuudhaan gara ayyaanaatti imaluun keenya imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnu kan hubachiisudha.

Soomni Maali dha ?

Yeroo baay’ee waa’ee soomaa yommuu ka’u dursee gara sammuu keenyaatti kan dhufu wantoota nyaachuufi  nyaachuu dhiisuu waliin walqabatanidha, haa ta’u malee Sooma jechuun adda durummaan waa’ee nyaachuufi dhuguu qofa miti, Soomni waa’ee haaromina jireenya afuurummaa waliin kan walqabatudha.

Soomni kun Gooftaan keenya waan soomeef ‘isa fakkaachuuf’ yaada jedhuun qofa kan soomnu miti. Yaada keenya fedha waaqayyoo waliin araarsudhaafi malee. Bu’uura kanaan soomni seera Mana kiristaanaa eeguuf qofa Kan raawwatamu otuu hin taane hameenya irraa fagaachuu akka dandeenyuuf karaa hidhata afurawaa ittiin hidhannudha.

Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee “soomni nyaata qofa dhiisuu miti. Qaamooliin miiraa keenya martillee akka sooman ni eeggama., Kunis;  ijji hameenya ilaaluurraa, gurri hamii dhagahuurraa, harki wanta haqa hin ta’iin hojjachuurraa soomu qabu” nuun jedha. “Ani amma kanan dubbadhu waa’ee namootni barmaatidhaan ‘Sooma’ jechuun waamaniti miti, waa’ee sooma isa dhugaa ta’eeti malee. Soomni dhugaa bu’aawwan beelladootaa qofa dhiisuu miti, cubbuus dhiisuudha malee. Soomni kan nu fayyaduufi bu’aa kan nuuf argamsiisuu danda’u yoo akka malutti soomnedha.”  Eenyumtu dirree dorgoomii keessatti seera dorgommii otuu hin eegin yoo dorgome badhaasa argachuu hin danda’u  jedhame akkuma barreeffametti (2Xim. 2:5) yeroo qabsuura soomaa keessa dabarrutti gatii sooma keenyaa akka hin dhabneef akkamitti soomu akka qabnu beekuun nurraa eegama. Soomni qoricha waan ta’eef, haala itti fayyadama isaa beekuun barbaachisaadha. (St. John Chrysostom, Homilies on the Statues, iii, 3-8).

Qulqulluun Yaareedis kitaaba isaa “Digguwaa” keessatti yaaduma kana akkasiin nuuf gabbisa ይጹም ዐይን ይጹም እዝን; Ijii haa soomu, Gurriis haa soomu”. Qulqulluun Baasliyoosis “Dhugumatti foon nyaachaa hin jirtu, garuu obboleessa kee gufachiisaat jirta” jechuudhaan soomni nyaata qofarraa of eeguu akka hin taanee dubbateera (Homilies on Fasting, i, pp. xxxi, 181B).

“Nyaatni Cubbuu maali qabaa soomna ?”

Tibba soomaa kana keessaa “Amma hin nyaadhu nan tura, nyaatawwan kanas hin nyaadhu soomarran jira” jennee yommu dubbannu namootni tokko tokko “nyaatni cubbuu maalii qabaa nyaata soomta?! Soomuun cubbuudha malee” yeroo jedhan dhagahuun waan baramedha.

Yaada armaan olii kana qeequu keenya dura mee waa’ee nyaataa yommu haasoofnu nyaatni maaliif nu barbaachise gaaffi jedhu kaasuun ni mala. Namootni biyyaa lafaa haalli waa’ee nyaataa itti hubataniifi  kiristaanootni haalli ittiin hubannu garaagarummaa qaba, qabaachuus ni mala. Waaqayyo, biqiltuuwwaan Ganata keessa jiran dhalli namaa akka nyaatuuf eebisee kenneera (Uum. 1:29). Kunis kaayyoon isaa namni isaan irraa nyaatee Waaqayyo akka galateeffatuuf ture, akka har’a beeluu ba’uuf hin turre.  Nyaata beela’uun, nyaataaf jecha bahu bu’uun kan dhufe kufaatii dhala namaa booddee ture.

Kanaafi dha nu Kiristaanotaaf galmi jiraachuu keenyaa nyaata nyaachuu miti kan jennu. Nyaatni kan nu barbaachiseef kufaatii dura galataaf yoo ta’u kufaatii booddee immoo Jabinaafi fayyinaa qaama keenyaafidha, Kunis hojii gaarii hojjachuuf qaamni keenya haala gaarii irratti argamu qaba waan ta’eef.

Wanti Waaqayyo uume marti qulqulluu waan ta’eef nyaatnis bu’aa uummamtootaa akkuma ta’u isaatti mataa isaatiin cubbuu miti. Daangaa malee akkasumatti nyaachuun garuu cubbuudhaaf karaa saaqa waan ta’eef luugamni soomaa barbaachisaa dha. Kitaaba keessatti “Yaa’iqoob nyaate, gabbate  . .  .” (S/K/Deebii 32:15) jedhee akkuma barreeffametti cubbudhaaf karaa bana. Qulqulluun Qalameenxoos inni Iskindiriyaas balaawwan nyaata booda dhufan yommu ibsu “yaadni haammeenya gara garaa, amalli cubbuu adda addaa baay’ee nyaachuurraa waan maddaniif, Dhugumatti, gar malee nyaachuu irraa fagaachuu qabna. Dhibeen garaa fi dhibeewwan qaamaa adda addaa kanarraa madduuti. (Clement of Alexandria, Christ the Educator pp. 94)

Kitaabni Qulqulluunis “Mootummaan Waaqayyoo nyaataafi dhugaatiidhaan miti (Rom. 14:17) akkuma jedhe imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnuuf soomaa miltoo taasifachuu qabna.

Kiristaanootni namoota abdii qabnu dha, abdiin keenya akka dhugoomuuf sooma keenyaan uumamtoota (Bineeldootaa fi bineessota) abdii borii hin qabne irraa adda haa baanu. Waaqayyoos akkas jechudhaan nu akeekkachiisa “kunoo, hamii fi gammachuu, qotiyyoofi hoolaa qaludhaan foon nyaachudhaan, daadhiis dhugudhaan bori ni duunaati haa nyaannu haa dhugnu jeettaniirtu. Hojiin keessan kun Waaqayyo biratti dhagahaamera, hanga duutanitti cubbuun keessan kun isiniif hin haqamu-[gonkuma isiniif hin haqamu] jedha Waaqayyo.” (Isa. 22:13).

Qulqulluun Phaawiloosis “Nyaatni gara Waaqayyootti nu hin dhiyeessu” (1Qor. 7:8) jechuudhaan akkuma dubbateetti akkuma walii galaatti mootummaan Waaqayyoo kan argamtu nyaataaf dhugaatiin otuu hin ta’iin soomaan waan ta’eef nyaata soomuun keenya qabsuura cubbuu soomuuf taasisnuuf irree guddadha. Namoota “Cubbuu soomi malee nyaata hin soomiin” nuun jedhaniif deebiin keenya cubbuu soomu akka dandeenyuuf nyaata soomudhaan ofleenjisna jechuu qabna.

Loltuun waraanaa diina isaa harka isaa keessa galfachuu yommu barbaadu dursee madda nyaataafi dhugaatii diina isaa to’ata; yoo kana to’ate salphumatti diinni isaa harka kennaaf waan ta’eef. Loltuun beela’e dandeetti loluu hin qabuuti. Nutis fedha keenyaan nyaata nyaannu yoo to’anne miirawwan hameenyaaf kaka’an mara to’annaa keenya jala kan oolchinuuf; yaadni keenya yaada Waaqayyoo waliin akka deemuuf “luugama” soomaatiin fooniif lubbuu keenya abboomuun ni mala.

Kaayyoon sooma keenyaa uumama Waaqayyoo xureessu miti yaada keenya qulqulleessudha malee. Tibba soomaa hawwii fooni keenya (Qaama keenya) irratti murtoo (ማዕቀብ)  ni buusna. Fakkeenyaaf nyaata wajiin walqabatee gosa nyaata muraasa akkasumas yeroo biraa hanga nyaannurra xiqqeesineet nyaanna. Kana gochuun keenya, nyaatni soomnu sun mataa isaatiin kan xuraa’e ta’eeti miti; sababa cubbuu dhala namaatiin eenyummaan keenya waan nu duraa wal-dhaheef (disordered) qaamni keenya qulqullaa’uu barbaada. Qulqullinni kunis karaa of abboomuutiin (self-discpline) kan deebi’udha. Haaluma kanaan kaayyoon soomuu keenyaa qaama keenya kana miidhuuf (Jibbuudhaan miidhu feenee) otuu hin ta’iin caalaati foon keenya kana karaa afuurawaa ta’een qulqulleessuufi dha.

Bu’aa beelladaarraa

Bu’aawwan beelladaa haala adda ta’een soomuun keenyas Kitaaba Qulqulluu bu’uura taasiifannee wanta raawwannu dha malee barmaatii bu’uura hin qabne miti. Adda durummaan nyaatawwan kanneen yeroo soomaa dhiisuun keenya foon keenya dadhabsuun jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuuf dha. Kunis duri irraa jalqabee abbootiin keenya kan raawwachaa turanidha. “…ወአሕመምክዋ በጾም ለነፍስየ; Qaama koo soomaan dadhabse” (Far. 68:10) jechuudhaan Qulqulluun Daawiit dubbateera. Kanaaf soomni qaama dadhabsuu of keessaa akka qabu ni hubanna. “Jilbii koo soomaan dadhabe, foon kiyyas dhadhaa dhabudhaan huuqqatte” jechudhaan yeroo soomaa dhadhaan akka hin nyaatamne Qulqullichii dhugaa nuuf baha (Far. 108:24).

Qulqulluun Daani’eelis yeroo soomarra turetti fooniifi daadhii irraa soomaa akka ture Kitaabni Qulqulluun nutti hima (Dan.10:1-3). Bu’uuraaleewwan kanneenin yeroo soomaatti bu’aawwan beeyladaa ni dhiisna; ni soomna.

Namootni tokko tokko soomni Manni Kiristaanaa Ortoodooksi soomtu kun biyya kana keessa kan jiru malee biyyoota bira keessa akka hinjireetti yeroo haasa’ani fi, jechuun soomuu dhiisuuf yommuu yaada madaallii hin kaasne kaasaan ni dhagahaamu. Kanaaf deebiin keenya soomni akkasi biyya kana keessa kan jiru miti Manneen kiristaanaa biroonillee akkuma keenya akka sooman jiran bara kana keessaa raga argachuun baay’ee salphaa waan ta’eef, biyyoota Gibxii, Sooriyaa, Hindii, Arman, Ruusiyaa, Girikii . . . gaggaafadhaa jennaani.

Armaan olitti akkuma ilaalletti Wantootni kanneen irraa of dhorkinu mataa isaanitiin hammeenyummaa qabaatani ykn xuraawoo waan ta’aniif miti. Qaamni keenya yoo itti tole fedha Waaqayyoorra nu fageessuu waan danda’uuf fardi fuuloodhaan akkuma abboommamu namummaa keenya mara fedha Waaqayyoof abboomsiisuuf soomni fuuloo gaari waan taateef fuloo kana jaalalaan qabachuun ni mala.

Yommuu beelaa fi dheebuu mo’achuu jalqabnu miirawwan keenya kanneen hafanis mo’achuu akka dandeenyu miira injifannoo gonfachuu jalqabna. Namni garaa isaa hin mo’iin akkamiin miraalee isaan dhokatoo ta’an injifachuufi abboomuu danda’a?!  miiroota ofii abboomun guutuu injifannoowwan maraati. “ Namni afuura isaa abboomu nama magaala bitu ni caala”” akkuma jedhame (Fak. 16:32).

Nyaata fi dhugaatii dhiisuu yommu shaakallu, suuta suuta arrabni keenya waan hamaa fi wanta faayidaa hin qabne dubbachuu irraa akka ofqusatu leenjiisna. Akkasuma sammuu keenya yaada gatii hin qabne (Vain thought) akka hin yaadne taasisna. Onnee keenyas yaada cubbuu, miira xuraawaa akka hin yaadne ykn hin deddeebisne ni leenjifna. Haaluma kanaan sooma afaanii irraa gara arrabaatti, gara yaadaatti akkasumas gara sooma onneedhaan soomamutti guddanna.

Fedhii foonii ajjeesuuf  foon keenya ni dadhabsina, kanaaniis kaayyoo waaqayyo nu uumeef qofa akka jiraachuu dandeenyuuf namummaan keenya (Foon+Lubbuu+ Afuura) waaqayyoof akka abboomamuu danda’uuf ni leenjiisna.

Karaa biraatiin hammeenyi gara addunyaa kanaatti karaawwan ittiin seene keessaa inni tokko nyaata dha. Balaan nyaataa addunyaa mara akkuma miidhe sana nyaata kana dhiisuun immoo seexanaaf balaa qaba. Akka soomaatti kan isa miidhu hin jiru (Mat.17:21).  Namni nyaata yoo dhiise foon isaatiin akkuma du’u hunda, yoo sooma dhiisees lubbuu isaatiin ni du’a. “Namnii nyaata qofaan hin jiraatuuti!” jedhamee barreefameeraati (S.Ke.De. 8:3, Mat.4:4). Addaam fedha isaatiin abboommi Waaqayyoo diigee Waaqayyoo irraa akkuma gargar bahe hunda fedha keenyaan soomaan gara Waaqayyoottii ni deebina (Iyyu. 2:12).

Namni bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee otuu jiru sababa nyaataatiin bifa isaa; isa Waaqayyoon isa fakkeessu sana dhabeera. Bifa isarratti chaappeeffame sana kan eegu immoo nyaachuu dhiisuun (Soomaan) ture. Soomni seera jalqabaati kan jennuus kanaafidha.

Sooma yommu soomnu ulfina keenya kufaatii dura ture sana yaadachuun, bifa Waaqayyoo sana fakaachuuf (argachuuf) yaadudhaan soomuun ni mala. Sooma haaromsa miiraaf soomna jechuun keenyas kanaafidha! haaromsi kunis; Yaada  cubbuu addunyaa kanarraa baqachuuf, hojii  afuurawaa beeknee garuu hojachuuf dhibaa’uu irraa bilisa ta’uuf, Wanta jaalannu (isa gaarii ta’e) dhiisnee wanta jibbinu(isa hamaa) raawwachuu irraa  bilisa ta’uuf soomna (Rom. 7:15-23).

Sooma , Misirroo Misiricha ishee eegduuf . . .

Akka barumsa Mana Kiristaanaa keenyatti; Kitaabni Qulqulluuniis akkuma dhugaa nuuf bahutti Gooftaan keenya “Missiricha Mana Kiristaanaa – መርዓዊሃ ለቤተ ክርስቲያን” jedhameet waamama (Yoh. 3:29, Mul. 21:9; 22:17).

Misirrichi Misirroo isaa fudhaachuuf gara mana misirrootti akkuma deemu mara, Gooftaanis Misirroo Isaa kan taate Mana Kiristaanaa (Uummata Isaa) gara ofitti fudhachuuf lammaffaa ni dhufa (Yoh.14:2-3). Misirroonis; Manni Kiristaanaa dhufaatii Isaa kana soomuudhaan abdii godhatti.

Qulqulluu Yohaannis Inni Gooftaa Cuuphe Masihicha (Gooftaa Isa Dhufu) yeroo eegutti soomaa tureera (Mat. 11:18). Kunis Yohaannis fakeenya kakuu duraatti, Yeroo dhufaati Masihicha itti eeggamu dha. Raajotni baay’eenis dhufaati kana abdachuudhaan soomaniru. Bu’uruma kanaan soomuun waa arguuf, waa argachuuf kaayyoo afuurawaadhaaf jecha riqicha ce’uumsaa ijaarrannu dha.

Gooftaan keenya yeroo gara biyya lafaa kanatti dhufee tureetti Duuka Bu’ootni Isaa akka warra fariisootaa fi barattoota Yohaaniis hin sooman ture (Mar. 2:18; Luq. 5: 33; Mat. 9:14).

Kun immoo kan ta’eef Gooftaan “Misirrichii isaan waliin otuu jiruu waa’elootni(Miinjootni) gadduu ni danda’uuyii?! Misirrichii yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni soomu” (Mat. 9:15) jechudhaan akkuma dubbateetti, dhufaatiin Isaa inni  duraa soomaan akkuma eegamaa ture sana dhufaatiin Isaa inni lammaffaanis akkasuma Manni Kiristaanaa soomaan eegdi, Missirroon Ishee Iddoo isheef qopheessuuf deemeera waan ta’eef dhufaati isaa kana hawwii guddaadhaan soomaan eegdi, soomaan garasitti imalti.

 “Misirrichi yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni gaddu.” Kan jedhame sooma kan agarsiisudha. Kanaafidha Duuka Bu’ootni Isaa yeroo inni biyya lafaarra turetti kan hin soomiin. Gooftaan, Yohaannis irraa haala adda ta’een, cubbamtoota waliin nyaachaa, dhugaa tureera; warra beela’anillee raajii isaatiin beela irraa isaan oolchaa tureera, inni abdatamuu sun Isa waan ta’ef yeroo inni fooniin mul’ateetti soomni iddoo hin arganne ture. Gammachuu, nyaataa fi dhugaatiitu ture malee. Haaluma kanaan Kiristoosiin mootummaan Waaqayyoo isheen abdatamtu sun ifa taateerti! (Isa. 25:6).

Gaafa guyyoota Ayyaana gurguddoo Kan hin soomneef Ayyaanootni fakkeenya mootummaa Waaqayyoo ishee abdannuu waan ta’aniif, gadda malee nyaataafi gammachuu daangaa fi safuu Kiristaanummaa eeganiin taanee Waaqayyo galateefachuu waliin ni kabajna.

Akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Fooniif Dhiiga Gooftaa fudhachuu keenya dura sa’aati kudha saddeetiif  ni soomna, kana gochuun keenya Gooftaan keenya sa’aatii 18’f gidiramuu Isaa Yaadachuu keenyaan alatti; Fooniif Dhiiga Gooftaa Ulfinaa, Kan Iyyasuus Kiristoosiin simachuuf jecha soomna. Raajootni dhufaatii Isaa hawwuun soomaniiru, akkasuma nutis Fooniif Dhiiga Isaa fudhachuuf ni soomna, dhufaatii  Isaa isa lammaffaas akkasuma soomaan eegna.

Imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasiisnuf soomni hangafa hojiiwwan qajeelina hundaa ta’uu erga hubannee miltoowwan (jaalleewwan) ishee biraa hin hafnee waan qabduuf nutis tibba soomaa kanatti isaan akka hin daganne. Isaaniis Kadhannaa fi Kennaa dha. Isaan kanaanis jaalala namaaf Waaqayyoof qabnu ni ibsina. Funyoon, sadiin foo’ame hin citu jedhamee akkuma barreeffametti (Lall.4:12) nutis Sooma, Kadhannaa fi Kennaa tokko taasinee qabachuudhaan imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasisnu Amantii fi obsaan taanee haa imallu. Kanaafiis, Arjummaan Waaqayyoo, Kadhannaan Deessuu Waaqaa Durbee Maariyaam, Waadaan Qulqulloota hundaa nu haa gargaaru. Ameen.

Cuuphaa Gooftaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko
Ameen.

Asaffaa Guddataa

Waggoota 1981 ar’aa gara duubatti deebinee yoo ilaallu hojiiwwan gurguddoo ardii /lafa kana irratti hojjetaman keessaa tokko galaana Yoordaanositti cuuphamuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha.

Gooftaan Keenya Maaliif Cuuphame?

Qaamota sadan keessaa tokko kan ta’e Ilmi yoo foon waliin wal-sime iyyu Inni Gooftaa gooftotaa Mootii moototaa Waaqa waaqotaa dha. Mul. 17:14 , 19:16, K.D 10:17 1Ximo. 7:15.

Gooftaan keenya qorich keenya Iyyasuus Kiristoos nan kabajama kan hin jenne Kabajamaa mootiin ta’a kan hin jenne mootii bara baraa ta’ee otuu jiruu maaliif cuuphamuun isa barbaachise? Gooftaan keenya kan cuuphame akka keenya mucummaa argachuuf miti. Sababni isaas Gooftaan keenya otuu addunyaan hin uumamiin Abbaa amalummaa isaa kan ta’e Waaqa Abbaa irraa dhalateera waan ta’eef.

Kana ilaalchisee Qulqulluu Daawit “Waaqayyo nan jedhe ati mucaa Kooti ani ar’an si argadhe /dhale” jechuun dubbateera. Far. 2:7. Ogeessichi Solomoonis “Duruma bara baraa irraa jalqabeen muudame otuu lafti hin uumamiin dura otuu urriiwwan hin jiraatiin in dhaladhe; otuu burqaawwan bishaanii hin maddiin otuu tulluuwwan hin hundaa’iin tabbaawwan duran dhaldhe. Jechuun dhaloota duraa Ilmaa dhugaa baheera. Read more

Baga guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Isinin gahe

“እስመ ናሁ ተወልደ ለክሙ ዮም መድኅን ዘውእቱ ክርስቶስ እግዚእ ቡሩክ በሃገረ ዳዊት፡፡ Har’a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.” (Luuq. ፪፥፩-፲፪/2፡1-12/)

Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun

Addaam abbooma Waaqayyoo diigee, duuti foonii fi duuti lubbuu akkasumas awwaalaatti darbatame fi abiddi bara baraa itti murtaa’ee “Abbaa koo Waaqayyo Gooftaa, Iddoo koo Gannataa dhabee hafaa?” jechaa odoo gaddu, “በሐሙስ ዕለት ወበመንፈቃ ለዕለት እትወለድ እምወለተ ወለትከ ወእትቤዘወከ በመስቀልየ ወበሞትየ። Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala kee irraa dhaladhee Fannoo kootiin fi du’a kootiin si fayyisa.” Jechuudhaan isa jajjabeesseera.

Yeroon isaas yeroo gahu, bara irraa bara; ji’arraayis ji’a; torbee isaarraa torbee akkasumas, guyyaasaa irraa guyyaa odoo hin dabarsin Haadha keenya, Fageessituu dheekkamsaa, Fidduu Araaraa, Qulqulleettii Qulqullootaa Giiftii keenya Maariyaamirraa Dubrummaan; akkuma Gadaameessi ishee chaappeeffameen dubrummaa ishee odoo hin jijjiirin dhalateera. Read more

Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi’i deebi’i akka si arginuuf deebi’i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)

Asaffaa Guddataa

Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti “Deebi’i deebi’i akka Si arginuuf deebi’i” jechuudhaan irra deddeebi’ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee “Godaansi si ga’aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi’i” Isheen jedha. Haaluma jecha raajii kanaan Giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga waggoota sadi’ii fi ji’a jahaaf godaansaan biyya Gibtsi keessa turtee booda akka Heroodis du’e ergamaan Waaqayyoo itti himnaan gara biyya Isheetti deebiteetti.

Giiftiin keenya yeroo ijoollummaa Isheetti Ilma Ishee ijoollummaa Isheetti dubrummaan deesse waliin cubbuu tokko malee ari’atamtee gidiraa baayyee arguun Ishee adunyaa dinqisiisaa jiraata. Namni biraa yoo gidiraa arge cubbuu isaatiif gidiraa arge jedhama Giiftiin keenya garuu balleessaa tokko malee Ilma ishee Isa hunda uumeefi hundumaa raawwachuu danda’u baattee baqachuun Ishee adda Ishee taasisa. Qulqullichi Selemoon kana ilaaleeti kan inni “Deebi’i” Isheen jedhu. “Maddiiwwan Kee imimmaaniin dhiqamuun isaanii, lapheen Kee gara laafummaan guutame dhiphachuu fi gidiramuun isaa, hidhiin Kee dheebuu bishaaniin gogee argamuun isaa haa ga’u. Amma deebi’i. Boqodhu” isheen jedha. Haaluma raajii dubbatame kanaan Giiftiin keenya gaafa Saadasa bultii ja’aa (6), godaansa irraa deebitee bakka Qusquwaam jedhamu boqochuu (aara galfachuu) ishee yeroo itti yaadannu waan ta’eef nutis Hayyicha (Ogeessicha) Salamoon waliin “Yaa Giiftii deebi’i deebi’i” Isheen jenna. Yeroo darbe godaanuu Ishee; gidiraa arguu Ishee yaaduun kan gaddine hundi keenya amma immoo deebi’uu Ishee yaadnee gammadna. Read more

WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO

WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO

Mulugeetaa Ayyaaleewutiin

Jalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee/ laphee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin isaa baay’ee fagaataa kan ta’e;asii hamma achii; as keessa jira;as immoo hin jiru; jechuun kan hin danda’amne;garuu jalqaba kan jiruu fi jiraachuu waan hundumaa Inni kan beeku; samii fi lafa,Kan muul’atuu fi kan hin muul’anne; hundumaa kan uume; maqaa Waaqa Abbaa;

Addunyaan otuu hin uumaminii fi hin hojjetamin; iccitiidhaan abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e; waan hundumaan; Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa;

Gadaamessa garbawwanii keessaa; burqaawwan bishaanii otuu hin dhangala’in;galma isaa keessaas; ifni guddaan otuu hin ba’in; Abbaa irraa; kan ba’e; maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.

Guyyaa kanatti biyya Afqaariyaa jedhamu keessa kan jiraachaa turan; Maaksimoos,Manfiyoos,Fiiqxoorii fi Filiphoos, bara mooticha gantuu; Daakeyoos wareegamummaan boqotan.

Bara mooticha gantuu kanaatti; ijoolleen sadeen;woggoota dhibba sadii fi torbaatamii lamaaf erga boqotanii booda kan dammaqan; yeroo isa jalaa baqatan ture.Egaa qulqulloonni; qabsaa’ota afuuraa kun; galannii fi ulfinni Gooftaa keenyaaf haa ta’uutii; mootichi kun Kiristoosiin ganee; Kiristaanota yemmuu gidirsu yeroo arganitti; amantaa isaanii akka soda malee ibsaniif laphee qulqulluudhaan tokkummaa’anii wal mari’achuun; fuula mootii gantuu kanaatti ragaa ba’uudhaaf; kutannoodhaan deeman.

Ilma Waaqayyoo; Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti; ifaan ifatti kan amannu; nuti kiristaanota; isaafis nisagadna/ jilbiiffanna, ni waaqeffannas; jedhanii sagalee ol kaasuun iyyanii dubbatan.Mootichi gantuun; Daakeyoos jedhamu kunis kana yemmuu dhagahu; aariidhaan boba’ee; baay’ee dheekkamuudhaan; qaccee gogaa loonii irraaa hojjetameen; akka reeban taasise. Sana boodas; ulee sibiilaa; ibidda keessatti diimeffameen; hamma dadhabanitti akka isaan reeban taasise.

Kana boodas; uffata waaroo moofaa /baarnoosii;hadhooftuu fi soogidda yookin ashaboo; walitti bulbulanii;uffaticha kana cuubuudhaan; qaama isaanii isa madaa’e sana akka ittiin rirriitan taasisan. Wareegamtoonni kun garuu; obsanii gidiraa kana fudhachaa; ajaja mooticha gantuu kanaa; dhaga’uu waan didanii fi akkasumas; gidiraawwan kana sodaatanii; kaayyoo isaanii qajeelaa kana irraa deebi ‘uufii dinnaan; dheekkamsa isaa itti cimsuun; gidiraawwan; dachaa ta’an akka irratti geessisan; loltoota isaa ajaje. Isaanis; kan ajajaman hundumaa irratti raawwatan. Uummanni baay’een; isaan marsaanii ilaalaa turanis; obsa isaanii kana arganii; baay’isanii dinqisiifachuudhaan; Galanni isaaf haa ta’uutii;Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amananii;wareegamummaan du’an. Mootichi gantuun kun yeroo kana argutti aariidhaan lapheen isaa boba’ee;qulqulloota qabsaa’ota afuuraa ta’an kanas; qaama isaanii; xixinneessanii akka mummuran taasisuun; dhumarratti; morma isaanii seefaan akka irraa kutan ajajee; isaanis morma isaanii; seefaan irraa kutan. Qulqulloonni; qabsaa’ota afuuraa ta’an kunis; haala kanaan qabsuura isaanii raawwatanii; gonfoo wareegamummaa isaanii; mootummaa Waaqayootti fudhatan.

Waaqayyoof galanni haa ta’u; Nu’is kadhannaa Ququlqulloota kanaatiin dhiifama nuuf haa taasisu.Eebbi isaanis nu hunda keenya waliin haa ta’u.

               Madda:- Kitaaba Sinkisaara Sadaasa guyyaa tokko dubbifamu.

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen! Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

                                                                                                                        Damissee Jemaaneen.

Akka mana Kiristaanaa OrtodoksiiTawaahidoo biyya keenyaatti waqtiin abaaboo fulbaana 26-sadaasa 6tti ni kabajama.waqtii kanatti abbootiin seenaa godaansa Giiftii keenya dubroo Maariyaam;ilma ishee wajjiin Heroods jalaa goodaanan iccitiidhaan,yeedaloon, weedduun yeroo itti yaadatanidha.yeroo kanatti Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyaa yaadaan Giiftii keenya waliin gara gammoojjii Gibtsiitti(misiriitti) bu’u, bakkaa bakkattis ni socho’u.

Seenaan godaansa Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii fi Gooftaa keenyaa Wangeela Maatewoos boqonnaa lamarratti barreeffameera.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa Beeteliheem Dallaa horii keessatti dhalate; Ergamoonni bu’anii galateeffatan,loon aarsaa afuura isaanii dhiheessaniif,ogeessonni biyya baha fagoo warqee ,ixaanaa fi Qumbii fidanii dhufuun; Mootiin samii fi lafaa eessatti; gara kamitti dhalate?deemnee aarsaa dhiheeessinaaf jechaa yeroo dhufan; Heroods dhagahee nahe.Heroods aangoo mootummaa isaa; akka agartuu ija isaatti eeggata.Kanaaf mootiin samiif lafaa

dhalateera jechuu gaafa dhagahu ajjeesuuf jecha barbaacha jalqabe.Yeroo kanatti Ergamaan waaqayyoo; eegaa Maariyaam kan ta’e qulqulluu Yoseefiin Heroods mucaa kana ajjeesuuf barbaadaa jira waan ta’eef; haadhaa fi mucaa fudhuutii gara Gibtsiitti baqadhu; deebi’aa jedhee hangan sitti himutti achuma turaa jedheen.Yoseefis Giiftii keenya Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin; Seloomee dabalatee; ni oolla ni bulla osoo hin jedhin godaansa gara Gibtsiitti jalqaban.kana irraa ajajamuu guddaa baranna.ergamaan ka’aa deemaa jennaan tole jedhanii,har’uma ka’aa jennaan; galaa hin qopheeffanne jedhanii sababa hin dhiheessine;hangan isinitti himutti achuma turaa jennaanis tole jedhan.ajajamuun akkanaa ajajamuu dinqisiisaa mitiiree?. godaansi Dubroo Maariyaam ilma ishee wajjiin Yooseefi fi Selomeen gara Gibtsiitti jalqabame kun karaa dugda lukkuurra/gabaabaa fi salphaa hin turre.Gaafa godaansa jalqaban galaa qopheeffatanii manaa hin bane. Karaa irratti beelaan qoramani,bishaan dhugan fudhatanii manaa hin bane; dheebuudhaan gidirfaman,uffata qorraa fudhatanii hin baane ilmi ishee uffata ifaa ergamoota isaatti uffisu qorraan gidiraa argan;Gammoojjii Gibtsii keessa miillaan ciirracha akka ibiddaa miila namaa nyaaturra; samiirraa akka abiddaa aduu isaan gubu danda’aa,sodaa saamtotaan gammoojjiidhaa gara gammoojjii biraatti gidira guddaa argaa godaanan.Godaansa isaanii keessattis takkaa gara xibiriyaados,takkaa gara gaara Libaanositti,takkaa gara debre Toonaatti,takkaa gara Beeteliheemitti,takkaa gara lafa Gaazaatti,takkaa gara lafa Gaaditti,takkaa immoo gara Itiyoophiyaatti fi kkf tti godaanuun gidiraa guddaa arganiiru. .Baqni isaanii akka godaansa yeroo har’aa daandii konkolaataarra konkolaataadhaan,galaana irra Dooniidhaan,qilleensa irra xiyyaaraan hin turre.miila qullaa karaa irratti; loltoonni Heroods na argu jettee sodaachuun basonaa bosonatti,ciirrachaa gara ciirrachaatti lafa gogaa bakka bishaan hin jirre keessa malee.

         Gooftaan maaliif godaane?

Godaansa Giiftii keenyaa fi ilma ishee yommuu kaasnu yeroo baay’ee maaliif godaanan gaaffiin jedhu keessa keenyatti ni uumama.yoomiyyuu namni sababa malee hin godaanu waan ta’eef gaaffiin sammuu keenyaa dhuguma.namni kan nyaatu,kan dhuguu fi kan uffatu yoo dhabu ni godaana.Diinni hamaan yoo isa qunnamu; diina isaa jalaa ni godaana;yakka guddaa yoo hojjete adabbii jalaa miliquuf ni godaana;sababa siyaasaan ni godaana.Gooftaan keenya garuu diinummaadhaan kan irratti ka’e Heroods loltoota isaa faana sekondii keessatti fixuu danda’a ture.Foon uffachuun daa’ima waggaa lamaa ta’ullee baroota dura Waaqa ture waan ta’eef; Heroods irratti humna waaqummaa isaa muul’isuu dhiisee godaanuun; godaansi Gooftaa godaansa namootaa irraa adda waan ta’eef; gaaffii kaasa?.Haa ta’uutii; godaansi Gooftaa iccitii bal’aa qaba.Gooftaan kan godaane; sababa sadiifidha. Sadanuu akka armaan gadiitti kan jiru kana ta’a.

1ffaa Godaansa hordoftoota isaa barsiisuuf godaane

Mana hoo’aa dhiisanii; aduufi qorri gara bakka wal jijjiirutti gara gammoojjitti godaanuun; ibiddaan gubachuu fi Seefiidhaan qalamuu gadi kan hin taane; hojii aarsaa ta’uu dha.Hojiin aarsaa Iyyesuus kiristoos hin jalqabne hin jiru.godaansas daa’ima waggaa lamaa ta’ee jalqabe.Sababa amantaa isaaniin reebamuufi hidhamuun akkuma jiru; biyya isaanii ,qabeenya isaanii,dhiisanii hanga godaanuutti; kan ga’an ni jiru.namoonni godaansarra jiran; godaansa Gooftaa fi dubroo Maariyaam yaadachaa ni jajjabaatu.Iyyesus Kiristoos dursaa kiristaanotaa waan ta’eef Heerodsiin waraanuun; waraana barsiisuu hin barbaadne.Waraanni hojii kiristaanotaa akka hin taane barsiisuuf jecha godaane. “Magaalaa tokko keessatti gidiraa yoo isinitti baay’isan gara magaala biraatti godaanaa”akkuma jedhe,Mate 10:23

2ffaa Nama ta’uu isaa ibsuuf jecha godaane.

Iyyesuus kiristoos biyya isaa osoo hin gadhiisin; ija Heeroodsi jalaa dhokachuu ni danda’a ture(Yoh 7÷10);garuu ogummaa Waaqummaa isaan Heroods jalaa dhokateera osoo ta’ee; foon uffachuun isaa, nama ta’uun isaa ifa hin ba’u ture.Ija Heerodsiin kan hin argamne yoo ta’e; foon osoo hin uffatin kan uffate fakkaatee kan muul’ate; foonii fi lafee kan hin qabne ekeraadha jedhu ture.Foon Addaam irraa tokko kan hin hir’anne; Addaam lammaffaa isa guutuu ta’uu isaa; foon inni uffate kan dhiigu kan madaa’u,Seeyifiinis ta’ee; eeboodhaan yoo waraaname miidhaan kan irra ga’u; foon ilma namaa kan uffate ta’uu isaa ibsuuf godaanaa ta’e.Namni foon uffate hunduu diina isaa jalaa miliquu kan danda’u godaanuun waan ta’eef; Gooftaanis diina isaa Heroods jalaa miliquuf gara Gibtsiitti godaane.

3ffaa Diyaabiloosiin ari’uuf godaane

Addaam muka Balasii nyaatee; uumaa isaa wajjiin walloluun Gannata keessaa erga ba’ee booda; walitti dhufeenyi waaqayyoo fi namaa; walirraa fagaachaa deeme.Kanas kan fide Diyaabiloos.

Waaqayyo Ilmi foon namaa yeroo uffatetti walitti dhufeenyi namaa fi waaqayyoo deebi’ee hundaa’e;manni diigamee ture deebi’ee ijaarame.Iyyesuus Kiristoos biyya isaa dhiisee ba’uun; Diyaabiloos sammuu namaa abboomee; Too’annaa jala oolche.Gooftaan Heroods jalaa fagaachaa yommuu deemetti Diyaabiloos sammuu namaa irraa fagaachaa deeme;godaansi Gooftaa karaa biraan godaansa Diyaabiloos ta’e.gidiraan Gooftaan fudhatu hunduu; Diyaabiloosiin fagootti meeshaa rukutu ta’e.dhumarrattis fannoorratti duuni Gooftaa du’a Diyaabiloos ta’e.

          Gooftaan maaliif gara Gibtsiitti godaane?

Ergamichi yoseefiin mucaafi haadha qabadhuu gara Gibtsiitti godaani jedheera.Yoseef gara biyya barbaadetti akka hin godaanne; ergamichi Gibtsitti jechuun akeekkachiiseera.Gibtsi biyya biroo irraa adda taatee; uumaan ishee dugda haadhaa isaa irra taa’een hubatamteetti.

Gooftaan Gibtsitti akka godaanuuf sababa kan ta’an keessaa :

1.raajin raajotaa akka raawwatamuuf

Raajonni waa’ee godaansa isaa gara Gibtsiittii dubbataniiru.

“Mucaa koo Gibtsi irraan waame”Hosee 11:1

“Waaqayyo duumessa ariifataan balali’aa; gara Gibtsiitti ni dhufa. waaqa(Wantoota) tolfamaa Gibtsiis fuuldura isaatti ni kufu”Isa 19:1.Raajichi Waaqayyo duumessa ariifataan balali’aa ni dhufa jechuun isaa duumessa arifataa kan jedhamte Dubroo Maariyaam yommuu taatu; Gooftaan dugda isheerra taa’ee gara Gibtsiitti dhufuu agarsiisa.

2. Abbootii fakkaachuuf

Abbootiin darban akka Abrihaam,yisihaaq faa yeroo adda addaatti gara Gibtsiitti godaananiiru. Waaqayyo Gooftaan immoo Abrihaam dura kan ture ta’ullee Abbootii fakkaachuuf Gibtsitti godaaneera.

3.waaqolii tolfamoo Gibtsi keessa jiran balleessuuf

Gibtsi biyya waaqoliin tolfamoo itti baay’atan turte.Gooftaan dugda Haadha isaarra taa’ee gara Gibtsiitti yommuu dhufu; waaqoliin tolfamoo Gibtsii kukkufanii caccabaniiru.Afuuronni waaqa tolfamoo irra bulaa turan; Gooftaa gaafa argan sodaatanii waaqolii tolfamoo gadhiisanii deemaniiru.waaqoliin tolfamoo afuurota warra xuraa’oof bultoo ta’anis homtuu osoo isaan hin tuqin caccabaniiru.

Egaa walumaa galatti godaansi; Giiftii keenya dubroo Maariyaam ilma ishee wajjiin godaante; sababoota warreen kanaan oliifidha.Baatii kana keessa abbootiin mana kiristaanaa keenyaa Waa’ee godaansa kanaa kaasuun Maahileetii ni dhaabbatu.Eebba isaa irraas ni hirmaatu. Nutis eebbi abbootii galata isheef dhaabbatanii eebba ergatan hunda keenya irra haa bubbulu.Ameen!

Madda🙁Godaansa Giiftii keenyaa Gibtsii hanga Itiyoophiyaatti; Maggabee Haddis Sibbuuh Daamxeetiin qophaa’e; maxxansa lammaffaa Afaan Amaariffaatiin.)