“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Tokko

Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanaanis barumsa Duuka Bu’ootaa irratti kan hundeeffattedha. Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qoronxoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. Barruu kana keessattis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa Du’aa Ka’uu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoosiin nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.

Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.

 Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture.  Seenaa sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannutti duuti hin turre. Namni akkuma Ergamootaa akka bara baraan jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga bara baraatti akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin dhalli namaa jiraattota bara baraa akka ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Hewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa jiru gammachuudhaan akka jiraataniif jannata keessatti isaan galche; dhukkubaa fi du’as hin beekani ture. (S.Uum.1: 26-30; 2: 8-9)

Kanaaf Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. Salamoon inni ogeesichi “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures  “Awwaallis daangaa kana keessa hin turre”  jechuudhaan nu hubachiisa (Xibab/Oggummaa. 1:13-16). Dhalli namaa du’aaf hin uumamne erga ta’ee duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du’aa ka’uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du’a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kanaaf ogeessichi Solomoon “Warreen Waaqayyo irraanfatan garuu sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani” jedhee dhalli namaa fedhaan du’a akka ofitti fide dubbata. (Xibab/Ogg. 1:13).

Duuti kan eegale Addaamii fi Hewaan seera uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetan ture. (S.Uum. 2:17)  kanaafuu, gatiin  cubbuu jalqabaa du’a ta’e. (S.Uum. 3:16-19) Isaan seera uumaa isaanii yemmuu diigan; isaanis kabaja uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaa isaaniis hafani. Sana booda biyya bareedduu fi qulqulleettii taate keessaa ari’amanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Hewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Dhalli namaa Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hundi hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta’ani. Kana waan ta’eef Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawuloos “Sababa nama tokkootiin cubbuun gara addunyaatti gale; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hunduu waan cubbuu hojjetaniif duuti dhala namaa hunda bira ga’e” jechuun dhufaatii du’aa hubachiisee jira (Room.5:12).