Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu

Archive for category: Icciitii utubaalee shanan

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

in Barumsa Amantaa, Icciitii utubaalee shanan, Tibbana

Kutaa Tokko

Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanaanis barumsa Duuka Bu’ootaa irratti kan hundeeffattedha. Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qoronxoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. Barruu kana keessattis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa Du’aa Ka’uu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoosiin nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.

Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.

 Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture.  Seenaa sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannutti duuti hin turre. Namni akkuma Ergamootaa akka bara baraan jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga bara baraatti akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin dhalli namaa jiraattota bara baraa akka ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Hewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa jiru gammachuudhaan akka jiraataniif jannata keessatti isaan galche; dhukkubaa fi du’as hin beekani ture. (S.Uum.1: 26-30; 2: 8-9)

Kanaaf Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. Salamoon inni ogeesichi “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures  “Awwaallis daangaa kana keessa hin turre”  jechuudhaan nu hubachiisa (Xibab/Oggummaa. 1:13-16). Dhalli namaa du’aaf hin uumamne erga ta’ee duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du’aa ka’uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du’a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kanaaf ogeessichi Solomoon “Warreen Waaqayyo irraanfatan garuu sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani” jedhee dhalli namaa fedhaan du’a akka ofitti fide dubbata. (Xibab/Ogg. 1:13).

Duuti kan eegale Addaamii fi Hewaan seera uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetan ture. (S.Uum. 2:17)  kanaafuu, gatiin  cubbuu jalqabaa du’a ta’e. (S.Uum. 3:16-19) Isaan seera uumaa isaanii yemmuu diigan; isaanis kabaja uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaa isaaniis hafani. Sana booda biyya bareedduu fi qulqulleettii taate keessaa ari’amanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Hewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Dhalli namaa Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hundi hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta’ani. Kana waan ta’eef Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawuloos “Sababa nama tokkootiin cubbuun gara addunyaatti gale; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hunduu waan cubbuu hojjetaniif duuti dhala namaa hunda bira ga’e” jechuun dhufaatii du’aa hubachiisee jira (Room.5:12).

http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-05-04 14:04:422020-05-04 14:07:44“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Scroll to top