Tajaajilaa Gaarii

Tajaajilaa Gaarii    (Mat. 25÷14-30)

Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Bitootessa 13

 

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan  “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafataa.

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof  Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof  Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

 Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

Gooftaan isaaniis deebi’ee isaan to’ate ; inni qarshii (Makliitii) shan fudhate sun dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii ( Makliitii) shan natti kennitee turte anis bu’ee ba’ee daldaaleen qarshii (Makliitii)  shan buuseeraatii kunoo makliitiin kee jedhee Makliitii shan itti kenne.Gooftaan isaas ati tajaajilaa gariidha; wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna Guddaa irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa keetti seeni jedheen.

 

Inni Makliitii ( Qarshii) lama fudhates dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii lama  natti kennitee turte; kunoo bu’ee baheen qarshii lama buuseera jedheen. Gooftaan isaas ati tajaajilaa Gaariidha wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna baay’ee irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa kee seeni jedheen.

Inni makliitii ( Qarshii) tokko fudhate dhiyaatee  yaa Gooftaa ati bakka hin facaasnee kan kan haamtu; bakka hin bittinsinee kan funaantu nama hamaa ta’uu kee nanbeeka waanan si sodaadheefis deemeen makliitii(qarshii) naaf kennite awwaale; egaa makliitiin kee kunooti jedheen.

Gooftaan isaas:- ati tajaajilaa hamaa fi dadhabaadha; Ani bakka hin facaasnee kanan haamu; bakka hin bittinsinee kanan funaanu nama hamaa  ta’uu koo ni beektaa? Yoos qarshii koo warra jijjiiraniif kennuu qabda turte anis yeroon dhufu qarshiikoo bu’aa isaa wajjin isaan irraan fudhadha ture jedheen. Sana boodas warreen achi dhaabataniin akkas jedheen:- makliitii (qarshii) kana isa irraa fuudhaatii isa makliitii kudhan qabuuf kennaa! Kan qabu ni kennamaaf kan hin qabne garuu ishiin qabu sun illee irraa fudhatamti; tajaajilaa hamaa kana garuu bakka itti ilkaan walitti riguun jiru gara dukkana ala jiruutti gadi baasaa jedheen.”  Mat. 25÷14-30

 

 

Hiikaan barumsa kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Abbaan qabeenyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Tajaajiltootni sadan fakkeenyoota kiristaanootaa kennaawwan adda addaa kennameefidha. Kennaawwan kennaman lakkoofsaan garaagarummaa qabaachuun isaanii kennaan tokko isa kaan irraa addaan kan ba’u ta’u isaa agarsiisa.

Amaloota tajaajiltootaa

Amaloota tajaajiltoota jalqabaa lamaan:- Afuurri tajaajiltoota isa jalqabaa fi isa lammaffaa isaan lamaanu hojjatani argachuun akka danda’amu kan amanani, Goftaa isaanitiif amanamoo, rakkoo hojiirra muudatu yaaduudhaan yeroo isaanii kan hin dabarsinee dha. Tajaajilaan lammaffaas akka tajaajilaa tokkooffaa maaliif maallaqa shan naaf hin kennamne jedhee osoo hin komatiin waan kennameen kan hojjate dha.

Isaan lamaanu bu’aa buusaniiru. Isaan lamaanuuf maqaan kabajaa kennamee tokko dha “Tajaajilaa gaarii” kan jedhu, bakkii kabajaa isaan lamaanuu ittiin seenan tokkoo, “Gammachuu Goftaasaanii”. Isaan lamaanu waan muraasaan kan ammamani dha.

 Gama keennaatiin yoo ilaalame shanis ta’e lama muraasa dha, garuu namni waan kennameen osoo hin komatiin tajaajiluu qaba. Ilma namaaf kan fayyadu waan kennameef lakkaa’uu osoo hin taane waan kennameen tajaajilu dha. Tajaajiltootni kun tajaajiltoota mana kiristaanaa amantaan fi jaalalaan tajaajilan fakkaatu.

Amala tajaajilaa sadaffaa:- namni kun hojii caalaa rakkolee hojii irratti isa muudatantu isatti mul’ata. Bu’aa busu osoo hin taanee kasaaratu isaaf mul’ata. Tokko kennameef lama taassisuu osoo hin taane isaa harka fudhatamutu issatti mul’ata. Akka hiriyyoota isaa bu’aa buseen Gooftaa isaatiin badhaafamu isaa osoo hin taane adabamu isaatu isaaf mul’ata.

Kanaafu hojjatee bu’aa busuu hin dandenye. Kisii isaallee amanuu dhiisee lafa qotee awwaale. Dimshaashumatti amanuu dhisuutiin nama qabame dha. Fulduura Gooftaasaatti yommu dhiyaatu jechi dubbate wanta tajaajiltootni lamaan dubbatan irraa adda dha, “Nama haamaa akka taate waan bekeef akka na jalaa hin banne jedhee awwaaleera” jedhe.

Barumsi amaloota tajaajiltoota sadan kanarra argamu baay’ee guddaa dha. Waqayyoon kennaawwan adda addaa dhala namaa hundumaaf kennee jira. Kennaan tokko kan kennamu ammoo bu’aa dhala namaatiif. 1Qor. 12÷4-11 kennaan  lallabuu kan kennameef jira, kennaan raajii himuu kan kennameef  jira, kennaan raajii himame hiiku namni kennameef ammoo jira. Dhimmi ijoo garagarummaa kennichaa osoo hin taanee waan kennameen bu’aa busanii argamuu dha.

Yeroo hunda qulqulluun Daawiit akka faarfatetti ilmni namaa “Gooftaa koo fedha kee gochuudhaaf jaaladhe, seerri kees laphee koo keessa dha, yaa’ii guddaadhaanis tolummaa kee hime”  jechu qaba. Far. 39÷8

Daaqoniin akka daaqonummaa isaatti, Lubni akka lubumma isaatti, Phaaphaasiinille akka Phaaphaasummaa isaatti, akkasumas, miseensi mana kiristaanaa hundinuu akka kiristaanummaa isaattii kennaa waqayyoon isaaf laateen bu ‘aa gaarii busee argamuun isarraa egama. Torbeen kun kennaa kenyaa yaadannee bu’aa maal fakkaatu akka busne ittiin gafannu dha.

Kiristaanootni wangeela lallabuudhaaf, namoota mana kiristaanaa keenyaa kessatti adeemsa sirrii hin taanee hordofan sirreesudhaaf saalfannu jirraa. Kun waqayoon birratti kan nu gaafachiisu dha. Kiristaanootni aangoo tajaajiltummaa ummataa qabnee, tajaajiltoota mana kiristaanaa taanee, daldaltootni, qutee bultootni, barsiisootni fi barattootni waan nu kennameen bu’aa busne argamuun nurraa egama. Kana ta’u bannaan akka tajaajila hamaatti adabbi bara baraaf ni saxilamna.

Laallabaan lallabee nama bay’ee motummaa waqayyoo dhaalchisuu yoo baadhee, Barataan qo’adhee firii gaarii yoo hin galmeessine, qotee bulaan firii facaasee biqilu yoo didee osoo hi jadhiin jabaatee hojjachuun barbaachisaa dha. Ilma namaa irraa wanti barbaachisu hojjachuudha male firii ykn bu’aa busuun hiree Waaqayyooti. Kanaafu jabannee hojjachuun nurraa eegama.

Kennaa nuuf kennameen hojii bu’aa busu hojjanee motummaasaa akka dhaallu waaqayyoon nu haa gargaaru.  

 

 

Dabrazayit

Dn. Addunyaaw Tasfaayeetiin

  Sanbatni(Dilbatni) 5ffaa “Dabrazayit” jedhama. Moggaafni sanbatoota darbaniis ta’e kan isa kanaa kan Qulqullicha Yaareedi. Akka seera mana kiristaanaa keenyaatti guyyaan kun yaadannoo lammata dhufuu Gooftaa itti himamu yoo ta’u, Gooftaan keenya fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kabaja guddaa faaruu Ergamtootaatiin dhufuu isaa fi cubbamtootatti murteessuu fi Ebbifamtoota(Qulqullootaaf murteessuuf kan dhufu  ta’uu isaa kan itti barsiifamu dha.

Mata dureen Faaruu guyyaa kana Faarfatamuuf Yemmuu Gooftaan Dabrazayitii  taa’ee ture jedha. Dabrazayitii jechuun gaara mukti Ejersaa itti baay’atu yoo ta’u kan argamus baha Iyyarusaalamitti. Bakki kun kakuu moofaattis ta’ee kakuu haaraa keessatti bakka gara garaa irratti caqafamee argama. Kanneen keessaas:-

 

vQulqullichi Daawiit Abeeseeloomiirraa baqachuuf  kara gaara kanaa akka deeme  ibsameera. ( 2 Sam. 15:30)

vGooftaan keenya bakki kadhanaa itti gaggeesse Geeteesemaanii gaara kana jalatti argamti Mat. 26:30-36

vGooftaan keenya kan gara samiitti bahe Dabrazayitiitti akka ture Luq 24:52 H.D.Bu’ootaa 1:12

vKana malees Gooftaan keenya bakka kanatti deebi’ee akka dhufu raajiin himameera. (Zak 14:4)

vGooftaan keenyas waa’ee deebi’ee murteef dhufuu Isaa bakka kanatti bal’inaan barsiiseera (Mar.13:3)

 

Wangeela Maatiyoos Boq 24:1-36 irratti Duuka bu’ootni Gooftaa yemmuu guyyaa dhufaatii Isaa gaafatanitti guyyaa kana waaqa abbaa malee Ergamootnis ta’ee ilmi namaa akka hin beekne ta’uu ibseera. Barumsi kun  Gowwoota biratti madda shakkii ta’ee kan mul’atu dha.Garuu Gooftaan maaliif kana jedhe yoo jennu abbootiin akka nu barsiisanitti fedhiin beekumsa ilmi namaa kan hin  murtoofne ta’uu isaa irraa kan  ka’e yoo inni jaarraa isaa itti hime bara isaa gaafatuun,yoo  ji’a itti himee  immoo torbee,yoo torbee itti hime sa’aatii gaafatuun ture. Kun immoo ilmi namaa guyyaan dhufaatii isaa fagoodha jechuun cubbuu akka dalagu waan taasisuufii akka saba bara Qulqulluu  Noohi turee jechu dha. Kunis yoo  yeroon isaa himama ta’e namni gaabbiif of hin qopheessu waan ta’eefidha.Kanaafuu Gooftaan keenya yeroo kanatti duuka bu’oota Isaaf mallattoowwan bara dhumaa beeksiseeraa.Mallattoowwaan kunis:-

1.  Mallattoo Siyaasaa

ØWaraanaa fi Oduu  waraanaa addunyaa irratti dhagaa’amuu

ØMarguu baala balasii mootummaa hundeeffachuu Israa’eel.

2.  Mallattoo Diinagdee

ØBeela, Hongee fi sochii lafaa suunamii bakka gara garaa irratti argamuu

3.  Mallattoo  Amantaa

ØAni kiristoosi jechuun namoonni hedduun kan dhufan ta’uu.

 

ØNamootni kiristoosiitti Amanan gidiraa fi dabarsamanii laatamuu

 

ØNamni badii bakka Qulqullinaa irratti argamuu

 

Yeroo mallattoowwan kuniin mul’atan yeroon xumuraa kan qaqqabe  ta’uu isaa baruun namootni akka of eeganuuf kan himame waan ta’eef hundi keenya yemmuu dhufaatii Gooftaa keenyaa yaadannu bakki galma keenyaa eessa? jechuun qalbii gaabbiif qopheessuun yeroo hunda qophoofnee kan Gooftaa eegnu ta’uu qabna.

Guyyaan kunis kan akkanatti moggafameef kitaaboleen guyyaa kana dibbifamanu kan wa’ee dhufaatii Gooftaa ibsanii fi ilmaan namaa bara dhumaa fi murtoo guyyaa sana kennamu yaadachuun mootummaa Waaqayyoo isa bara baraatiif akka of qopheessan barsiisuuf waan ta’eef nus mootummaa darbuu tuffachuun mootummaa hin darbineef of qopheessuunyeroo itti kennuu hin qabnu.Kanaafis Waaqayyo jireenya bara baraaf akka geenyuuf nu haa gargaaru.

 

Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)

Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)

 

Guraandhala 26,                                                                                  Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 

Finfinnee irraa  gara baha Itiyoophiyaatti deemsa keenya yemmu taassifnu  Naannoo Oromiyaa Godina shawaa Bahaa  Aanaa Liiban  keessatti dirree bal’aa diriiree jiru kan  biqiltoota adda addaatiin uwwifamerra ija keenya qaarisnee yemmuu ilaallu  bosonni samii tuqe namatti fakkaatu kabajaa fi sugaan guutamee nutti mul’ata.

Tulluun kun kan Waaqayyo jalqabaa eegalee boqonnaa qulqullootaatiif akka ta’utti eeyyamedha.Yemmu irra ba’anii biyyattii kallattii bahaa fi dhihaatti, kaabaa fi kibbatti naanna’anii ilaalan sammuu namaatiif kan boqonnaa kennudha.

Jaarraa 6ffaa keessa, qulqulluu Abbaan keenya Yaareedii fi Mootichi Gabra Masqal tulluu kana irra ba’anii bahaa fi dhihaan, kaabaa fi kibbaan kallattii maraan naannoo ishee ilaalanii yaadni isaanii boqonnaa, lapheen isaanii gammachuu bakka kanaatiin booji’ame.

Qulqulluun Abbaan keenya Yaareedis  Waaqayyo bakki kun gara fuula duraatti Gadaamii guddaa akka ta’u waan isaadhaaf ibseef bakki kun bakka eebbifamtuu, kan Waaqayyo qulqulloota isaaf kenne ta’uu raajii (raaga) himee guyyoota torbaaf erga bakka kana  turee booda mooticha Gabra Masqal waliin ta’uudhaan bakka kanatti taabota Igzi’aabiheer Aab dhaabanii (hundeessanii) deebi’ani. Tulluun Waaqayyoon filatamte tulluu cuqqaalaa (Ziqu’aalaa)ti. 

Bakki kun bakka  abbaan keenya Aabboon itti  boqotanidha. Sanaan dura garuu Abbaan keenya Gabra Manfas Qiddus( Aabboon) biyya dhaloota isaanii Gibxi bakka Nihiisaa jedhamtuu gara Itiyoophiyaa dhufuudhaan tulluu kana irra bahanii kallattii arfaniinuu biyya Itiyiyoophiyaa yemmu ilaalanitti cubbuu namoonni hojjetan hunda waan arganiif Galaana tulluu kana keessa jiru keessatti of darbatanii mataa isaaniitiin dhaabbatanii uummata Itiyoophiyaatiif dhiifama kadhachaaturani.

Galaana (Haroo) Abbaan keenya Waggoota dhibba tokkoof mataadhaan keessa dhaabatanii Biyya Keenya Itiyoophiyaadhaaf kadhatan.

 

Akka kitaabni Qabsuura Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus ibsutti “ Galaana Kana keessaa akka hin baane; Maqaa Kee Jiraataa ta’een kakadha”  jechuun Waaqayyoon kadhachaa (Qabsuura Gabra Manfas Qiddus, kut.3 boq. 10 lakk 4) Galaana kana keessa guyyota afurtamaa fi halkan afurtama mataadhaan dhaabatee tureera.

 

Waaqayyos ergamaa Isaa ergee  “Kan maqaa kee waame; kan yaaddannoo kees taassise lubbuu isaa nan maara kanaaf galaana keessaa bahi” jedhee itti dubbate. Abbaan keenya garuu uummata Itiyoophiyaa maraaf yoo dhiifama taassiste malee hin bahu”  waan jedheef  ergamichi dhiisee deemeera.

Abbaan keenyas galaana kana keessa Waggoota dhibba tokkoof ture. Galaana kana keessattis dhiigni isaa dhangala’e,bishaanichis dhiiga fakkaate, lafeen isaas akka cabbie ta’uun mul’atani.  Sana booda Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhufee uummata Itiyoophiyaa hundaaf dhiifama taassiseeraatii galaana kana keessaa bahi jedheen, harka Isaatiinis lafee Abbaa keenya qaqqabatee fayyiseera. Bishaan ( Galaanni) inni keessa dhaabatee kadhate kunis Tsabala ta’ee dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman fayyisaa tureera; har’as fayyisaa jira.

Akka seenaan ibsutti akkuma qulqulluu Yaareed raage  Gadaamiin Gara Itiyoophiyaatti dhufuu quqlulluu Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus(Aabboo) waliin walqabatee daraan kan babal’ate bara Mooticha  Hizbe naany( Indiriyaas) ( 1414-1418 dh.k.b)dha. (Daani’eel Kibrat: Ragaalee Mana Kiristaanaa,1999 fu.400)

Mootichi Hizbe Naagn baroota kana keessa taabota (1) kan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, (2) kan Giiftii keenya Durbroo Maariyaam, (3) kan Ergamaa Qulqulluu Mikaa’el, (4) kan ergamaa Qulqulluu Gabri’eel, ( 5) Kan Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddusiitiin ijaarsise.

Gadaamiin kun Waggoota hedduudhaaf haala kanaan babal’atee tajaajila bal’aa kennaa kan ture yoo ta’u, bara weerara Giraany Ahmad namni itti tajaajilu  dhabamee ture, bara 1531tti Giraany Ahmad Gadaamii Cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa) weerare. Kiristaanonni bakka sana jiraatanis taabotaa fi qabeenya Gadaamichaa fuudhanii dhoksani. Giraany Ahmadis gochaa kiristaanotaa kanatti baay’ee waan aareef kiristaanota naannoo sanaa fixe.

 

Waraanni Giraany Ahmad, keessattuu kan dursaa Waraanaa Waaziir Adoolii jedhamuun dursamu bakka sana qubachuun bakka qubannaa hoomaa waraanaa isaa taassisatee ture. Haa ta’uutii Giraany Ahmad erga injifatamee booda Gadaamiin kun irra deebi’amee tajaajila mana kiristaanaa kennuu eegaleera.

Gadaamiin kun caalmaan akka cimu haaromsi bal’aan  kan taassifame bara mooticha Saahile Sillaasee ( 1805-1840) ture. Mootiin kun bakka dhaloota Abbaa keenya Takla Haaymaanot kan taate Ittisaa erga cimsee booda Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa) kanas cimsee jira.

 

Sana booda bara Mooticha Minilikiis qarqaarsi kan taassifamaafii ture yoo ta’u,  bara Mooticha H/Sillaasee manni kiristaanaa isaa haala amma mul’atu kanaan akka ijaaramu taassifameera. Ijaarsa mana kiristaanaa kanaatiifis Mootichi H/Sillaasee qarshii kuma digdamaa fi Haati manaa isaanii Manan qarshii kuma digdama akka kennan seenaan ni ibsa. ( Daani’eel, 400)

Gadaamii kana keessatti mukkeen umur dhedheeroon adda addaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa kanneen akka Arza libaanos, Gaattiraan durii, birbirsaa fi kanneen kana fakkaatan mukeen biyya keenyaa keessatti argamu.

 Bakka kanatti barumsi mana kiristaanaa dubbisa irraa eegalee, Zeemaan, Qinee fi barumsi kitaabaa kan keessatti kennamu yoo ta’u, Gadaamii kana keessa monoksoota dhiiraa fi dubartootaa dhibba sadii fi shantamaa ol ta’an akka keessa jiraatan ni ibsama.

TORBANOOTA SOOMII GUDDAA

                                TORBANOOTA SOOMII GUDDAA

Guraandhala 23                                                                                                 

                                                                                                                         H/Iyyasuus G/Yohaannisiin   

Torbanooni Soomii guddaa bakka  sadeetitti qoodamu.Torban hundaaf manni kiristaanaa keenya maqaa moggaasteerti.

 

Torban Tokkoffaa:-Zawerede” jedhama.Torban kana kessatti Ilmi Waaqayyoo  Iyasuus  Kirstoos akka Nama ta’ee addunyaa kana fayyise, Waaqayyo jalala namaatii jedhee akka ilma Isaa tokkicha  gara addunynaa kanaatti  akka  erge, Ilma Isaatti kan amane immoo bara baraaf akka jiraachuu danda’u, kan Ilma Isaatti hin amanne immoo akka itti murtaa’u  torban kana kessatti kan barsiisamudha. Wangeellii torban kana keessatti dubatammu immoo;Yohannis 3:10-20  dha.

 

Torban Lamaffaa:-  Qiddist”  jedhama. Torban kana kessatti Waqayyo keenya cubbuu keenya irraa nu qulqulleesuf akka nama ta’e; nutis qulqullina Isa irraa arganne fiixaan basuuf akka soomuu qabnu, akka kadhachuu qabnuu, akka kennaa adda addaa hiyyeesaf lachuu qabnu, kan itti  ibsamu yemmu  ta’u;  kadhanii fi kennaan keeyna akkasumas, soomiin keeyna akka seeraan ta’u kan bal’inaan itti ibsamudha.Torban kana keessatti wangeelli dubbifamu; Mat 6:16 dha.

 

 

 

Torban Sadaffaa:- Mikuraab” jedhama. Mikuraab jechuun bakka Yihudoonni kitaaba itti dubisani, kadhaa  itti godhanii  fi aarsaa  itti raawwatanidha. Garuu isaan seera kana hunda jigsuudhan yemmu  faasikaa isaanii  Horii fi makodii( gugee)  qalmaa, akkasumas, maallaqa itti geeddaru ture. Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan kana argee obsuuf  hin dandeenye  “Mana Abbaa Kootii bakkee bittaa fi gurguuraa hin godhinaa” jedhee moraa kessaa isaan ari’eera.

 

 

Har’as mana kana keessatti waan Waaqayyo hin  eeyyamne raawwachuun ni adabsiisa. Mana jechuun mana kiristaanaa  itti sagadnu qofa  osoo hin taane  qaamni keeynas waan mana quluqullummaa Waaqayyoo  ta’uu qabuuf hundi  keeyna  namummaa keenya keessattii waan Waaqayyo gammachiisuu danda’u yaduu fi hojjachuun nurraa eegama jechuudha. Garuu kana gochuu  baannaan akka qulqqullu Phaawloos dubbate mana Waaqayyoo diioguu keenyaan akka itti gaafatamnu nu hubachiisa. ( 1Qor 3:16)

 

 

 

Torban Afraffaa:- “Matsaaguu” jedhama. Matsaaguu jechuun dhukubsaataa jechuudha. Seenan isaas waggoota 38f bakkee cuphaa Beeta saayidaa jedhamtuutti fayyina argachuuf siree isaa irratti maxanee kan jiraachaa turedha. Bakkee cuphaa kana irratti namootiin fayyan namoota fira qaban ykn namoota human qaban yemmu ta’u, wanta inni firaaf humna hin qabneef yemmu ergamaan Waaqayyoo bishaan sana warraaqsu (sochoosu) namni isa bishaan kessa isa cuuphu wanta hin jirreef Waggoota kanaaf rakachaa ture.

 

 

 

 Garuu firaaf humna dhabee haa jiraatu malee booddee irratti Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos itti dhiyaatee  “Fayyuu Ni feetaa” jedheen dhukubsataan sunis ani nama nagargaaru hin qabu; yemmu ergamaan Waaqayyoo bishaan waraqsu namni bishaan kana keessa na buusu waan hin jirreef namootiin humnaaf fira qaban na dursu jedheen.

 

 Yemmuu  kana Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Ka’iitii siree kee baadhuu deemi” jedheen. Matsaaguunis fayyaa isaa argtee siree isaa baate deemuuf danda’eerra. Kana kan godhe Gofta Keenya Iyyyasuus kiristoosi. Maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome yaata’u.

 

Har’as namoonni adda addaa nama isaan gargaaru dhabuudhan rakina adda addaatiin fayyaa isaanii dhabaa jiru.  Nama afuutaa ta’uu jechuun ykn kirstaanummaan nama nama dhabeef nama ta’udha. Nama rakkachaa jiruuf qaqabuudha, kan nuti Gooftaa keenya irraa barannus kanadha. Torban kana kessatti Wangeelli dubbisamu Yohannis 5:1-24.

 

Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!