Maaliif Adii Uffanna?

                    Maaliif Adii Uffanna?                                                                                                                                                                

Kan hiike   Barsiisaa Asaffaa   Guddataa

Abbootiin keenya Kitaaba Qulqulluu fi hiika Afuuraa inni qabu bu’uura godhachuudhaan akka nuti balee (naxalaa) adii uffannu sirna nuuf hojjetaniiru.

1.   Gooftaa Fakkenya Taasisuun

Gooftaan duukabu’oota Isaa keessaa duukabu’oota iccitii warra jedhaman Pheexiroos, Yohaannisii fi Yaa’iqoobiin fudhatee gara tulluu Taaboriti ba’ee osoo duukabu’oonni isaa isa ilaalanii uffatni isaa adii ta’ee ture; “Fuula isaani idurattis ni jijjiirame, fuulli isaas akka aduu ife uffanni isaas akka ifaa adi ita’e (Mat. 17:2). Nutis Gooftaa nu barsiisuufi fakkenya nuuf ta’uuf nama ta’e fakkenya godhannee balee adii uffannee gara mana Kiristaanaa ishee fakkenya Tulluu Taabor taatett iwalitti qabamna.

 

2.   QulqullootaFakkeenyagodhachuun

Mullata Yohaannis boqonnaa ja’a irratti waa’ee Qulqulloota warra jireenya lubbuu qofaan jiraatanii (samiiirra) kan harmaan gadii barreeffamee argama.

 

“Chaappaa isa shaneffaas yommuu hike, waa’ee jecha Waaqayyoofi waa’ee dhugaaba’uu isaanii fi lubbuuwwan namoota qalamanii aarsaa jalattin arge. Sagalee guddaanis iyyaa “Yaa Gooftaa dhugaa fi Qulqulluuammaa yoomiitti hin murteessitu? Dhiigni keenyoo amma yoomiitti warra lafa irra jiran irratti haaloo hin baatu? jedhan.  Tokkoo tokkoon isaaniifis uffata adiitu kennameef warra akka isaanii du’uuf jiran garboota irriyyoota isaaniifi lakkoofsi obboloottan isaanii ammaraawwatutti bara xiqqoo akka boqotan jedhameef. (Mul. 6:9-11)

Mullata toorba irrattis akkas jedhameera. “Kanaa booda nan arge kan isaan lakkaa’uu hin dandeenye uummataa fi gosa hundaa irraa, afaan hundaa irraas namoota daran baayyee tuture. Uffata adii uffatanii meexxii arkawwan isaaniitti qabatanii hoolichaa fi teessuma isaa dura dhaabatan (Mul. 7:9).”Nutis qulqulloota fakkenya godhachuu fi adii uffannee hoolicha dura dhaabachuu abdii godhannee balee adii uffanna.

 

3.   Ergamoota Fakkeenya godhachuun

Gooftaan fedhii isaatiin lubbuu isaa foon isaa irraa addabaasee guyyaa sadaffaatti Maariyaam isheen Maqidallaa gara awwaala isaa yommuu deemte ergamoonni du’aa ka’umsa Gooftaa misiraachoo himan lama uffata aadii uffatan argitee turte. “Ergamoonni lamas uffata adii uffatanii bakka foon Iyyasuus ciisee ture tokko karaa mataa tokko immoo karaa miilaa taa’anii argite (Yoh. 20:12). Nutis Ergamoota Qulqullaa’oo fakkenya taasifachuun wiirtuu du’aaka’umsa keenyaa kan taate mana Kiristaanaatti walitti qabamna.

4.   Kiristaanummaan Abdii Samiin kan Guutame Jireenya Ifaa Waan ta’eef abdiikeenya kana yaaduun balee adii uffanna. 

Kanaa fannoo Gooftaa yaada chuun bifa fannoon olgannee baleen nuti uffannu callisnee miti waan ta’eef sirna kana eeguu qabna.

 

Seensa deebii gaaffilee

Seensa deebii gaaffilee

1.   Gaaffiin Maali?

Gaaffiin dhimma hin beekne tokko beekuuf ykn isa beeknu irratti hubannoo dabalataa argachuuf qaama waa’ee dhimma gaafatamu sana irratti beekumsa/hubanno cimaa qaban haala itti quunnamnu, deebiis haala itti argannu dha. Kana jechuun garuu kan gaafatu hundi wallaalaa (kan hin beekne), kan deebii deebisu hundis beekaadha jechuu miti; gama biraan ammo namni hundi kallattii maraan wal-qixa jechuus hin dandeenyu. Kanaafuu, waltajjiin gaaffiifi deebii kuni uummanni hedduun kan itti gaafatu, hayyoonni muraasni kan itti deebii kennan osoo hin taane akka muuxannoo wal-jijjiiruuti hubatamuu qaba.

Barnoota Amantaa keessatti gaheen ‘gaaffii fi deebii’ faayidaa adda durummaa hin qabu. Sababiinisaas  namni Amantaa isaa sirriitti barate kan gaaffii isatti ta’u waan hin jirreef. Kanaafuu, calqaba, namni hundi waa’ee Amantaa isaa beekuuf (barachuufi dubbisuun) carraaquu qaba. Adeemsa sana keessa kan ifa hin taane, ibsa bal’aa barbaadu yoo jiraatemmoo waltajjiin akkanaa bu’aa guddaa qabu. Namni baratee/dubbisee gaafatu maal akka gaafatu/hanqina isaafi deebii akkamii akka eeggatu ni beeka; ‘namni rakkoo isaa sirriitti beeke furmaata walakkaa argateera’ jedhama mittiiree?   

 

Dubbistootni keenya gaaffii akka gaafattan, deebii kennuu keessattis akka hirmaattan afeeruu keenyaan dura hubannoolee waa’ee “Gaaffii fi Deebii” muraasa akka armaan gadiitti caqasuu feena:

2.   Gaaffiin Maaliif Gaafatama?

2.1.       Beekuuf/Hubachuuf, Fayyinaaf

Akkuma dursinee ibsuu yaalletti kaayyoon gaaffii gaafachuu inni calqabaa “beekuuf” ykn “hubachuuf” dha. Duukaa Buutonni Gooftaa kadhanna guddicha “Ya Abbaa Keenyaa” jedhu barachuu kan danda’an gaafataniitu: “akka itti kadhatan nu barsiisi” jechuudhaan (Luq.11:1). Barsiisaan isaaniis isaan barsiise; isaanis baratanii itti fayyadaman; nuufillee dabarsanii yaroo hunda ittiin Waaqa keenya kadhanna.

Hayyichi Yihuudotaa Niqoodimos halkan halkan gara Gooftaa dhufuudhaan barachaa yoggu turetti gaaffilee hedduu gaafateera: iccitiin dhagahaa ture suni sammuu isaan ol waan tureef. Gaaffilee “Namni erga dulloomee booda akkamitti lammaffaa dhalachuu danda’a? Gara garaa haadha isaa keessatti deebi’amoo?” kkf jedhee gaafateera (Yoh.3:4). Gaaffilee isaa hundaafis ibsa gahaa argatee cuuphameera (gara daandii fayyinaatti deebi’eera). Namoonni lallaba Q/Pheexiroos gaafa guyyaa ayyaana Pheeraqilixos dhaggeefatanis dhuma irratti, “egaa maal gochuu qabna?” jedhanii gaafatanii deebii furmaataa/cuuphaa argataniiru (Erg.2:37). Gaaffiin hubatanii fayyuuf gaafatama kan jenuufis kanaaf.

2.2.       Kanneen Biroo Barsiisuuf

Namni gaafatu hundi wallaaleetu, ofii baruuf gaafata jechuun dogoggora; tokko tokko ofii otuu beekuu warri kaan dhimma sana caalaatti akka hubataniif gaafachuu danda’a. Hangafti Raajotaa Museen irree Waaqummaa/humna Waaqayyoo sirriitti beeka ture; Inni hunda gochuu akka danda’us shakkii hin qabu ture. Namoonni inni gaggeessu (Sabni Isra’eel) garuu hubannoo sana akka argataniif Waaqayyoon gaafachaa ture; Waaqayyos harka isaa irratti raajiilee adda addaa mul’isuudhaan deebii kennef (saba Isaa barsiise). Gooftaanis “namoonni waa’ee [koo] maal jedhu laata?” jedhee kan gaafatate (Maat.16:13) wallaalee miti; waa’ee eenyumma Isaa isa sirrii akka hubatan barsiisuuf waan barbaadeef malee.

2.3.       Dogoggorsuuf, Qoruuf, Yakkuuf

Kaayyoo xuraa’aa qabatanii kan gaaffii gaafatanis hin dhiban: karaa dogoggoraa saaqqachuuf. Seexanni bofa fakkaatee gara Hewaan deemuudhaan: “dhuguma Waaqni firiilee mukeen as keessa jiran hunda kana akka hin nyaanne isin dhorkeeraa?” jedhee kan gaafate (Ba’uu 3:1) beekuuf, barees itti fayyadamuuf hin turre; kaayyoo isaa badiinsaaf qaawwa saaqachuuf malee. Xumura gaaffii kanaa dhuma marii isaanii booda daandii du’aa itti lixuu ishee irraa hubachuu dandeenya.

Mormittonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis, “Qeesaariif gibira kaffaluun sirriimo sirrii miti?” jedhanii kan gaafatan (Maat.22:17-18) akka kaffalamuu qabu wallaalanii miti; qoruuf male: deebii Inni deebisu irratti hundaa’uudhaan, yoo Inni “sirrii dha” jedhe “Mootummaa Waaqayyoo dhiisee kan biyya lafaa barsiisa” jechuuf; “sirrii miti” yoo jedhe ammo “mooticha Roomaa Qeesaariin mormeera” jedhanii yakkuuf. Waaqayyo laphee namaa keessa beeku garuu kaayyoo isaanii baree “maaliif na qortuu?” jedhee ori’uudhaan deebii sammuun isaanii hin yaadiin kenneef.

3.   Akkamitti Gaafachuu Qabna?

3.1.       Dhimmoota Amantaa Qofa irratti Xiyyeeffachuu

Namni uumamumaan gaaffilee adda addaatiin guutamaadha; kunis hir’ina isaa (akka Waaqa isaa waan hunda beekuu akka hin dandeenye) kan agarsiisu dha. Nuyis dhimmoota jireenya dhuunfaa/maatii, siyaasa fi dinagdee akkasumas saayinsii kan ilaalatan qabaachuu dandeenya. Waltajjii kana keessatti kan keessummeessuu dandeenyu garuu gaaffilee Amantaa ilaalatan qofa ta’a. Tarii gaaffileen tokko tokko garuu waa’ee Amantaa ta’anii qabxiilee kanneen (keessumaayyuu seenaa fi aadaa,jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhiphina sammuu an nutti uuman dhimmoonni naamusaa,cubbuu hojjennee kan keessa keenya  nagaa dhorkee nu rakkisu) waliin wal-qabatanii ka’an jiraachuu ni malu. Dhimmoota akka kanaas gaaffii keenya keessatti daballee gaafachuu ni dandeenya.

3.2.       Ifaa fi Gabaabaan

Gaaffiin ifa ta’ee gaafatame dafee deebii argata; ta’uu baannaan garuu gaaffichumtuu gaaffii biraa uuma. Kanaafuu jechoota hedduu fi hima dheeraa tarreessuudhaan naanna’aa ooluu dhiisanii ijoo dubbii isaa irratti xiyyeeffachuun, gabaabsanii gaafachuun ogummaa dha.

3.3.       Bilisa, Sodaa Malee fi Sammuu Qulqulluun

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duukaa Buutota Isaa hunda waa’ee du’a fi du’aa ka’umsa Isaa deebisee deddeebisee isaan barsiisee ture. Isaan garuu iccitii cimaa kana hubachuu hin dandeenyeef, dhiphatanii turan. Kitaabni Qulqulluu: “isaan garuu dubbii isaa hin hubanne; Isa gaafachuus sodaatan jedha (Mar.9:32). Namni isa dhagahefi dubbise hubachuu dadhabuun isaa waanuma jirudha; yoo rakkoo isaa kana hiikuuf gaafachuu dadhabe (sodaate) garuu rakkina cimaa keessa seena. Akkamitti barachuu danda’aree?

Namni sammuu isaa keessatti gaaffii qabu gaafachuu qaba male “maal naan jedhu laata?” jedhee mamuu hin qabu: gaaffiin yaraa hin qabu, deebii quubsaa dhaba ta’a malee! Sammuun keenya waa hubachuuf qophaa’ee, bilisaan dhiyaannaan Waaqayyo keenya dhugaatiin nu guutuuf amanamaa dha.  

3.4.       Madda irratti Hundaa’uudhaan (Danda’amnaan)

Namni tokko ka’umsa gaaffii isaaf oduu daddarboo (‘akkas jedhama, odeeffama, hamatama…kkf’ jedhee) yoo jalqabe, kanneen akkasiif deebii kennuun nama rakkisa; innuu dhagahe malee madda isaa hin barre waan ta’eef. Waltajjiin kuni oduufi hamiif otuu hin ta’iin odeeffannoof (madda qabatamaa kan qabuuf) deebii kenuu irratti xiyyeeffata.

3.5.       Filannoo “Daangeffamaa” Dhiisuudhaan

Gaaffii namni gaafatu tokko haala deebiin isaa itti deebi’uu qabu ofii daangessuuf aangoo hin qabu; kana gochuu dandeenyaan durumayyuu deebiin gaaffichaa sammuu isaa keessa jira jechuudha. Kanaafuu “isa kana mo isa kana dha?” jedhamee hin gaafatamu; deebiin isaa filannoolee dhiyaatan lamaanuu ala ta’uu waan danda’uuf. Fkn: Bartoonni Gooftaa keenyaa nama agartuu dhabe tokko arganii, “ya Gooftaa, namichi kuni kan akkanatti dhalate isatu moo? maatii isaatu cubbuu hojjennaani?” jedhanii gaafatan (Yoh.9:1). Gooftaanis “innis ta’e maatiin isaa cubuu hojjetaniif miti; hojiin [ulfinni] Waaqayyooirratti haa mul’atuuf malee” jedhee deebii filannoo isaanii irraa adda ta’e deebiseera.

3.6.       Ejjennoo Ofii Beeksisuu irraa Of-qusachuudhaan

Beekumsa haaraa argachuuf carraaqquu dhiisanii tokko tokko ejjennoo isaanii nama biroo irratti fe’uuf gaaffii fakkeessanii dhiyeessu. Ayihuud waa’ee Waaqummaa Gooftaa keessa isaaniitti waan shakkaa turaniif, “kuni ilmaYooseef mitii?” jedhanii gaafataniiru (Luq.4:22). Kuni gaaffii miti; isaan akka ilma Yooseef ta’e ejjenoo waan qabaniif namni biraa “lakki Ilma Waaqayyooti” isaaniin jedhu osoo dhufellee dhaga’uuf qophaa’oo miti.

4.   Gaaffii Keenyaaf Eenyu irraa Deebii Arganna?

4.1.       Abbootii Keenya /Beektota Amantaa/ Irraa

Abbootiin umurii isaanii dheeraa keessatti waan hedduu baratu; muuxannoo dubbisuu qofa osoo hin ta’iin isa dubbisan itti jiraachuus barataniiru. Kanaafuu gaaffileen nuyi gaafannu hedduun isaa dhimma isaan keessa darbani, mo’ataniis ta’e kufanii kan irraa baratani dha. Umuriin qofa miti; kitaabolee dubbisuudhaanis Abootiin/beektonni amantaa nu caalaa beeku. Kitaabni Qulqulluus: “Abbaakee gaafadhu, si beeksisa; hayyoota gaafadhu sitti himu” kan jedhe kanaaf (Kees.32:7).  

4.2.       Kitaabolee Qulqullaa’oo

Namni dubbisu gaaffii isaa hedduuf deebii argata. “Museefi Raajonni isaaniif jiru; isaaniin haa dhaga’an” kan jedhame (luq.16:29) namoonni kuni Kakuu Haaraa keessa qaamaan waan jiraniif miti; kitaabota barreessanii darbantu nuuf jiraayi. Kan barreeffame hunduu nuuf barnoota akka ta’uuf/kennuuf barreeffame; kitaabonni affuurri Qulqulluu irra jirus gara fayyinaatti nama qajeelchu (2Xim.3:15-17). Namni kitaabota hin dubbisne, dubbisees kan hin qalbeeffanne garuu ni dogoggora; “jecha kitaabotaa waan hin beekneef dogoggortu” akkuma jedhame (Maat.22:29).

4.3.       Waaqayyo Irraa, /Uumama irraa, Muuxannoo Afuuraa, Kadhannaa /

Gaaffiin gaafatame hundi Abbootii irraas ta’e kitaabota (nuyi beeknu) irraa deebii argachuu dhiisuu ni mala; “Waaqayyo karaa tokkos, karaa biraas waan dubbatuuf” (Iyoob.33:14), uumama Waaqayyoo fi muuxannoo Afuuraa hordofuun hanga tokko gaaffilee keenya deebisa. Hunduma kanneen irraa deebii dhabnullee Manni Amantaa waan deebii hin qabneef osoo hin taane: namni waan hunda beekuu waan hin dandeenyeef, iccitiin kitaabotaa har’uma diigamee waan hin xumuramneef, Waaqnis guyyaa itti deebii nuuf kennu waan qabuuf ta’uu ni danda’a.

Giiftiin keenyi Dubroon Maariyam “dubrummaan akka deessu” karaa Ergamaa Gabri’el yoggu dhageessu, “kuni akkamiin ta’a?” jettee gaafatteetti (Luq.1:34-35). Qulqulluu Gabri’eelis gaaffii kanaaf deebii quubsaa hin kennine; iccitiin Waaqayyoo sammuu uumamaa ol waan ta’eef, “Waaqayyoof maaltu dadhabama?” jedhee malee ibsa biraa keessa hin lixne. Iccitiilee kitaabotaas yo Gooftaan nuuf ibse male hubachuu hin dandeenyu: “akka kitaabota hubataniif samuu isaanii baneef” jedhameera (Luq.24:45). Iccitii dhokataa guutummaatti hiikuu kan danda’u Waaqa Abbaa icciitichaa qofa dha: “samii irraas ta’e lafa keessaa kitaabicha diriirsuu ykn diigee ilaaluuf eenyullee hin dandeenye [Gooftaa qofa malee]” akkuma jedhame (Mul.5:3-5). Kanaafuu, hunda har’uma baranna, beeknee fixna jechuun dhara; wal-duraa-duuba nuuf ifaa bula malee. Qulqulluu Hiriyaqoos (Qiddaasee Maariyamii irratti): “…sammuun koo gara samiitti ol-bahee haala jireenya Ilma kee baruu barbaada;…garuu dadhabee bakka isaa duraatti deebi’a” jedheera. Jechi “…hanga dandeessan nyaadhaati kan hafe ibiddaan gubaa” jedhus (Ba’uu 12:10) dhugaa kana ibsa: “…iccitii Amantaa [Waaqayyoo] hanga sammuun keessan danda’e xiinxalaatii kaan Afuura Qulqulluuf dhiisaa” jedhamee hiikama (Andimtaa).

Afuura Qulqulluuf kan dabarsinu ammo kadhannaadhaan ta’uu qaba; gaaffii eenyuyyuu nuuf deebisuu dadhabe Waaqni nuuf deebisa, akkatti nuuf deebisus ni beeka. Hanga Waaqni dhufutti garuu obsuun murteessaa dha; Inni akka keenya hin ariifatu, garuu dhufa malee hin hafu!

5.   Haala fi Yaroo itti Gaaffiin Keenya Deebi’u: Xumura

 

Walumaa galatti haala dursinee ibsine kanaan dubbistoonni keenya gaaffii keessan nuuf ergaa, nuufis kadhadhaa; nuyi ammo Abbootii gaafannee, kitaabota dubbisnee deebii isaanii qabannee dhiyaanna. Gaaffilee deeebi’uu qaban calaluuf, kan calalaman akka dhufaatii isaaniifi atattamummaa isaaniitti tartiiba qabsiisuuf, deebii garaa ciibsus kenuuf garuu yaroo waan nu barbaaduuf obsa keessan kadhanna. Kunoo bakki itti gaaffilee keessan iccitiidhaan nuuf ergitan qophaa’eera; ammaa jalqabaati koottaa, “Anaa Dhufu!” jennee isin simanna. Nu of-kalchaa!!!