Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18)

in Tibbana

Tulluu Qulqullaa’aa(2phex.1:18)

Dn Zalaalam Daggafaan kan hiikame

Jecha kana kan dubbate Qulqulluu Pheexiroosidha. ”Tulluu Qulqullaa’aa” jechuun kan dubbates Tulluu Taabor (ደብረ ታቦር) ture. Tulluun Taabor galaana Galiilaa irraa karaa Kibba-dhihaa km 10 fagaatee kan argamudha. Waa’ee tulluu kanaa wangeela irratti kan ibsame tulluu dheeraa jechuu (Maat.17:1) irraa kan hafe maqaa Taabor jedhee hin ibsine. “Taabor” jedhamuu isaa kan dubbatan duuka buutotni sinoodosii isaanii irrattidha.

Tulluun Taabor galaana irraa olka’insa meetira 572 kan qabu, bakka itti Gooftaan keenya “Namootni anaan eenyu nan jedhu?” jedhee yammuu duuka buutota gaafatu Qulqulluun Pheexiroos “Jiraataa Ilma Waaqayyoo ”jedhee deebiseefiidha (Maat.16:13-18). Dabalataanis waa’een waaqummaa Isaa namaan qofa dhugaa bahamuun gahaa waan hin taaneef Akkeenya Abbaa Isaatiin dhugaa bahuuf duuka buutota sadii Qulqulluu Yaa’iqob,Qulqulluu Yohaannisifi Qulqulluu Pheexiroos gara Tulluu kanaatti fudhachuun waaqummaa isaa ibseeraafi (Maat.17:1-8). Tulluu kana irratti erga du’ee bara baay’ee kan lakkoofsiseefi awwalli isaa Waaqayyoon ala namni kamuu kan hin beekne Musee akkasumas Eeliyaas ibiddaa saragallaan gara biyya jiraattotaatti (B/@r ?ÃêN) irraa waamee ifa Waaqummaa Isaatiin akka namootni yaadan Musees, Eeliyaasis akka hin taane hubachiisera. Inni uumaa Musee fi Eeliyaas malee akka isaanii uumamaa akka hintaanes namoota akkasitti yaadan hundaaf mirkaneesse. Egaa kana booda Tulluu Taabor irratti Akkeenyummaa Isaa,kabaja Isaa, walumaagalatti maalummaa Isaa kan ibse Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan arge Qulqulluun Pheexiroos tulluu kana irraa bu’uu hin barbaadne. Kanaaf “Yaa Gooftaa as jiraachuun nuuf gaariidha”jechuun hawwiisaa ibsate. Tulluun Taabor fakkeenya Mana Kiristaanaa keenyadha. Tulluun kun jireenya qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaa baay’ee mul’ise agarsiisa. Qulqulluu Pheexiroos tulluu kana “Tulluu Qulqullaa’aa” jedhee kan waames kanaafidha

Qulqulluun Pheexiroos Tulluu Qulqullaa’aa kana irraa “as jiraachuun nuuf gaariidha” akkuma jedhe, nuufis Tulluu kanaan kan fakkeeffamte Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun gaariidha. Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun gaarii kan ta’u maaliifi?

 

1.Boqonnaa sammuu kan ittiin argannu waan ta’eef.

Nageenya keessaa keenya fi boqonnaa sammuu keenyaa dhugoomsachuuf mana Waaqayyoo keessa jiraachuun nuuf gaariidha. Nageenyafi boqonnaa isa dhugaa addunyaaf kan kenne Gooftaa keenyadha. Kanas “Addunyaa fannoo irratti kan boqochiiftu yaa Gooftaa kan akka kee icciitii nuuf ibsu eenyudha.”(QÄs@ XGz!X)jechuun dhugaa nuuf baha. Raajichi Isaayaasiis “deebi’uufi boqochuudhaan ni fayyitu” jedha (Isa 30:15). Kanaafuu Waaqayyo wajjin mana Isaa keessa jiraachuun boqonnaa nuuf kennuusaa ni hubanna. Sababni isaas yammuu gara keessa keenyaa ilaallu gaddaan fudhatamna,gara addunyaa yammuu ilaallu abdii ni kutanna; garuu gara Gooftaa keenya Isa nuuf fannifametti yoo deebine “Isin warri ba’aan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis isin boqochiisa” nuun jedha. Waadaa kanaan boqonnaa dhugaa argachuuf mana Waaqayyoo keessa jiraachuun gaarii ta’uu ni hubanna.

  1. 2.Eebba waan argannuuf

Sirna (kitaaba) Qiddaasee keenyaa irratti “Waaqayyoo Gooftaan keenya hunda keenya eebba afuura Isaatiin kan nu kabaje gara qulqulleettii Mana Kiristaanaa galuu keenya yeroo hunda kan nu tajaajilan Qulqulloota Eergamootaa wajjin tokko nu haa taasisu” jechuun ibsa. Kutaan kadhannaa kuni kan nu agarsiisu Mana Waaqayyoo keessa jiraachuun eebba Waaqayyo irraa argachuuf akka nu dandeeassisu dha.

Mana Isaa keessa jiraachuun nuuf gaarii kan ta’u Waaqayyo tajaajiltoota Isaa irra bulee Ergamoota samii irraas tahe Qulqulloota Wareegamtoota addunyaa keessa jiran eebbiseen nuunis afuura eebba isaaniin nu eebbisa. Eebba kana kan argachuu dandeenyu yoo mana Waaqayyoo keessa jiraachuu filanne qofadha. Kabaja Waaqummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Tulluu Taabor irratti kan argan barattootni Isaa eebba bara-baraa kana waan argataniif Qulqulluun Pheexiroos bakka kana irraa fagaachuu hin barbaadne; bakki sun bakka eebbaa, bakka tokkummaa, bakka nageenyaafi jaalalaa akkasumas bakka fayyinaa waan taateef. Nuyis eebba duukaa buutonni argatan kana hamma mana Isaa jiraannetti ni arganna. Waadaan Gooftaa inni “kunoo, ani hamma dhuma baraatti yeroo hundumaa isinii wajjin nan jira” jedhus (Mat 28:20) eebbi duukaa buutotaaf kenname dhaloota Isatti amanan hundaaf kennamaa akka jiraatu ibsa

  1. 3.Sagalee Isaa dhaggeeffachuuf

Sagalee Waaqa Abbaa Tulluu Taabor irratti dhageenyeerraa: “kun ilma koo isa ani jaaladhufi itti gammadudha; Isa dhaga’aa” (Maat 17:5) nuun jedheeraati. Har’as Manni Kiristaanaa dhaloota hundaaf gaarii waan taateef, tulluu qulqulleettii boqota Waaqayyoos waan taateef sagalee kana yeroo hunda nu dhageessisti. Namni abdii kan kutu mana Waaqayyoo jiraachuun gaarii ta’uu isaa hubachuu dhabuuni. Tulluu Taabor irratti sagalee Waaqa Abbaa dhagahuun Qulqulluun Pheexiroos “as jiraachuun nuuf gaarii tahuu” kan ibses kanaafidha. Mana Isaa keessa jiraachuun kan nama jajjabeessufi sagalee abdii kan namaa kennu dha. Saamu’eel sagalee Waaqayyoo kan dhaga’e mana Isaa keessa jiraachuunidha. Kanaaf egaa nuufis har’a Tulluu Taaboritti kan fakkeefamte Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun gaariidha.

Egaa waluumaa galatti Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa irratti “Tulluu Qullaa’aa” jedhee kan ibse qulqulleettii Mana Kiristaanaa ta’uu hubanneerra. Qulqulluun Daawitis Waaqayyo irraa kan barbaadefi kadhate inni guddaan mana Isaa keessa jiraachuu ture. Kabajaa fi faayidaa ishee kan hubatan hundi kan jiraatanifi kan walitti qabaman mana qulqulleettii Kiristaanaa keessattidha. Kabaja, olantummaa, maalummaafi faayidaa ishee otoo hin beekiin kan jibban,kan tuffatan,warri Mana Kiristaanaa guban dursanii ni badu; abidda bara baraanis ni gubatu. Gocha isaanii kana irraa akka of-qusatan Waaqayyo hubannoo isaaniif haa kennu. Gowwummaa isaaniiti malee Waaqayyo kan hojjete namni kamiyyuu hin balleessu. Waaqayyo kan qulqulleesses namni kamuu xureessuu hin danda’u.

Mana qulqullummaa keessa jiraannee, qulqullummaa ishee irraa hirmaannee mootummaa Waaqayyoo akka dhaalluuf fedhaafi jaalala gooftaa keenyaa nuuf haa ta’u; araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Maariyaamii nurra haa bulu. Ameen!!!

Madda :- weebsaayitii Waldaa Qulqullootaa, fuula Amaariffaa irraa, bara 2005

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-08-18 12:33:212018-10-26 09:21:06Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte” Link to: “Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte” “Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte” Link to: Bara Haaraatti Jireenya Haaraa! Link to: Bara Haaraatti Jireenya Haaraa! Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!
Scroll to top