YAA’II JI’AA KUTAA AFAAN OROMOO

Sagantaan yaa’ii ji’a kanaa aduu Sambata Guddaa gaafa guyyaa B.A. 15-06-2012tti oola.

Iddoo:- Gamoo Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Ol’aanaa Darbii 3ffaa

Yeroo:- Guyyaa keessa sa’aatii 7:30tti

“…Qoricha qabbaneessaa itti ergi maaloo…”

Fakkii Ayyaana Astari’iiyoo (Mul’annaa)

Dn. Abbaaynah Kaasee

Yaa Giiftii keenya Maariyaam nama hubateef waan kee ajaa’ibaa ajaa’iba caalu dha. Boqannaan kees akkasuma. ሞትሰ ለመዋቲ ይደሉ ሞታ ለማርያም የዐጽብ ለኵሉ; duuti nama du’uuf ni mijata/ni ta’as; duuti Giiftii keenyaa garuu nama hunda dinqisiisa. Jireenya bara baraa namaa laattee ati garuu ni duuta. Sababa keetiin Waaqa Ilmaa si’a sadi arganna. Jalqaba, gaafa Isa deesse, itti aanee boqannaa keen fi inni sadaffaan immoo gaafa Du’aa ka’uumsaa waara du’aniitti dha.

Oduun boqannaa kee Ayyaana keenya dha. Duuti akka nusodaatuuf fi nutis du’a akka hin sodaanne ati sababa keenya dha. Cubbuu keenyaafi araara argachuufis sima abdanna. Ati bar Harmee keenya dha.

Biyya keenyaaf, bakka maqaan kee osoo itti hin waamamiin hin oolle kanaaf qoricha qabbaneessaa itti ergi maaloo!

Baga Ayyaana Astariyoo Maariyaamiif nuun gahe.

Waaqayyo haa sodaannu; uummanni Waaqayyo hin sodaanne akka saba Sanaa’oor biyya lafaa irraa dhabama.

Sabni Sanaa’oor horteen isaanii lafa irratti ni heddummate. Abshaalotas ta’ani. Abshaalummaa isaanii sana garuu, waan gaariif fayyadamuu dhiisanii mootii bara baraa kan Waaqayyoon sodaachuu sodaachuu irraa fagaatanii maqaa isaanii labsuu barbaadani. Namni Waaqayyo waliin wal-mufachiisees umriin isaa akka gabaabbatu wallaalani.

Dhalli namaa waan gamoo ijjaareef qofa kan kabajamu itti fakkaate. Yaada isaanii kanas gamoo gar-malee ol dheeratu ijaaruun mul’isuu barbaadani. Barbaaduun qofa hin hafne, ni ijaaranis. Gar-malee ol dheerachuu isaa irraa kan ka’e aduutti dhihaatanii ho’a aduutiin hamma nyaata bilcheessanii nyaatanitti ga’anii turani. Dhuma irratti garuu, of jajiinsa badaa keessa of argani. Waaqayyoon dhabamsiisanii, bakka Isaatti bu’anii murteessaa lafaa fi samii ta’uu barbaadani. Gamoo (siidaa) ijaaran sana irra dhaabbatanii Waaqayyo waraanuuf eeboo ol darbachuu eegalani. Kana kan jajjabeessu seexannis dhiiga dibee itti deebisaa si’a sadi isaan onnachiisaa tureera. Si’a sadi darbanii Waaqa Abbaas Waaqa Ilmaas Waaqa Afuura Qulqulluus kan ajjeesan itti fakkaatee “Kanaan booda ajajaa tokko malee lafaa fi samii hogganaa maqaa keenyaas waamsisaa jiraanna” oggaa jedhan, Waaqayyoon “Kootta! Gad-buunee inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyeetti afaan isaanii isaan dura waliin haa maknu.” jedhe (Seer. Uum. 11:7)

Addunyaa irratti beekkamuuf hawwanii turani. Amma garuu, Waaqayyo hawwii isaanii jalaa fashaleesse. Maaliif? yoo jenne hundeen ogummaa (qaroominaa) Waaqayyo akka ta’e irraanfatanii kabaja isaaniif qofa ifaajaa turanii waan ta’eefi.

Nutis jaalala Waaqayyoo irraa fagaannee waan raawwachuu dandeennyu akka hin jirre beeknee Waaqayyoo fi dhala namaa mara jaalachuun ijoollee Ifaa ta’uu keenya mirkaneessuu qabna.

Guyyaa kanaaf baga isiniin gahe

“…ይእዜ ትስዕሮ ለገብርከ በሰላም እግዚኦ በከመ አዘዝከ። እስመ ርዕያ አዕይንትየ አድኅኖተከ ዘአስተዳለውከ ቅድመ ኵሉ ሕዝብከ። Yaa Gooftaa koo Fayyina Ati Uummata Kee duratti raawwatte ijji koo argeera waan ta’eef, akkuma waadaa galteen garbicha Kee amma nagegeessi” Luuq. 2:29-30

L.A’imiroo Darajjee Taakkalaa

Jecha kana kan dubbate maanguddichi Simi’oon yoo ta’u, sababni inni dubbateef immoo raajii Isaayiyyaas 7:14 “Durbeen durbummaan ulfooftee durbummaan ni deessi” jedhu dhugumaa raawwatamuu isaa arguu waan danda’eefi dha. Kana qofa miti; humni isaas akka humna arraageessaa waan haareffameef illee dha. Isa kana immoo Raajichi haala kanaan nuhubachiisa “Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan humni isaanii ni haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol ni ka’u. Ni fiigu garuu, hin dadhaban. Ni adeemu garuu, hin nuffani” (Raaj.Isaay. 40:31).

Kana jechuun namni Waaqayyoon amane, amantaadhaan harka isaa gara Waaqayyootti diriirsu yoomiyyuu hin qaana’u /hin leeyya’u/. Kanaafi dha Raaj. Isaay. 49:23 irratti “Warri Na’amanan, warri Na’abdatan hin qaana’an /hin leeyya’an/” jechuun kan ibse. Dabaluunis, “Qajeelinni Koo dhiyaateera. Fayyisuun Koos as ba’eera. Sabni baay’een irree Kootiin murtii haqaa ni argatu. Warri biyya galaana gidduu keessa jiraatanis Na’abdatu.” Jechuun namni Waaqayyoon hunda caalaa abdatu akka hin qaanofne ni ibsa. Qulqulluun Erraqliisis Durbee irraa dhalachuu Gooftaa yeroo dinqisiifatu, Amntaa Abbootaa 48:2 irraatti “እንዘ ውእቱ ውስተ ሕጽነ አቡሁ ተሠውረ በከርሠ ድንግል፡፡ ወተወልወደ እምኔሃ። እንዘ ሀሎ ውስተ ሕጽነ እሙ ያንሶሱ በክነፈ ነፋስ፡፡ ወይሰግዱ ሎቱ ማላእክት፡፡ Inni Tokkummaa AbbaaIsaatiin osoo jiru; garaa Durbee keessa ni daangeeffame. Ishee irraas ni dhalate. Hammannaa harmee Isaa keessa osoo jiru; baallee qilleensaan deddeebi’aa ture. Ergamoonnis Isaaf sagadaa turani” nuun jedha.

Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u! ,

Oduu Boqonnaa

abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel

Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti biyyoota lallaba Dirree Dawaa fi Jibuutiitti phaaphaasii kan turan abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel kaleessa (B.A. 22-04-2012) galgala keessa naannoo sa’aa 5:00 irratti mana isaanii isa wiirtuu Teessoo Paatriyaarkiitti argamutti akka boqotan baruu dandeenyeerra.

abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel

Eebbifamoon abbaa keenya Ameeriikaa Kaabaatti baroota dheeraaf tajaajila kennaa turuu isaanii kan Ibse Miidiyaan Addabaabaayi dhibee laphee qabaachuu isaanii ogeeyyiin isaanitti himnaanis, umrii koo kanaan garaa hin baqaqfadhu gara biyya kootti galeen biyyoo biyya koof ga’uun qaba akka jedhanis hubanneerra.

Wareegamummaan akka itti fufu waan taasistaniif galatoomaa!

Jaarraa 10ffaatti kaatee Manneen Kiristaanaa kutaalee biyyattii adda addaatti mootota bara Akusimii, phaaphaasota, hayyoota fi amantootaan ijaaraman siidaawwan fi hambaalee bocamni fi dhaabaman kan barbadeessite Yoodiit Gudit erga dabarte (boqatte) booda, hayyootni Itiyoophiyaa, moototni, phaaphaasonni fi amantootni kanneen darban irraa muuxannoowwan lama argataniiru.

Inni tokko, akkuma nuti gamoo Manneen Kiristaanaa dhagaa fi booraleen ijaaraa turre; isaanis ijaaraa turaniiru. Karaa biraatiin immoo Manneen Kiristaanaa dhagaa irraa bocanii ijaaraniiru. Bara badiinsaa yoodiitiin (Waagoota afurtamaa) booda, Manneen Kiristaanaa dhagaa fi biyyee suphee (booralee) irraa ijaaraman yommuu diigaman; kanneen kattaa tokko irraa bocamanii fi gar-tokkeen holqa godhamanii ijaaraman Meeshaalee Qulqullaa’oo isaan keessa turan yoo dhuman illee Manneen Kiristaanaa kun garuu, akkuma gaarreen Gari’aaltaa irratti mul’atan sana abidda irraa hafanii isan argannee jirra.

Moototni, phaaphaasotni fi hayyooni bara Zaaguwee kan darbe irraa wantoota lama baratanii jiru. Gama tokkoon, “Manneen Kiristaanaa barbadaa’an maaliif barbadaa’an?” kan jedhu fi “Manneen Kiristaanaa osoo hin gubatiin bara keenya kanaan gahan sababa maaliin diigamuu dhaban?” kan jedhu adda baasuu ture.

Kanneen diigaman dhagaa fi biyyee irraa waan ijaaramaniif hidhattiitni Yoodit gudit salphumatti dhagaa isaa keessaa luqqisaa diiguun barbadeessaniiru. Isaan kattaa irraa bocamanii ijaaraman garuu, gubuufi ta’e diiguuf rakkisoo waan ta’aniif bara badiinsaa sana qaxxaamuruu danda’anii har’aan gahanii jiru.

Kanaafuu, seenaa Mana Kiristaanaa kana itti fufsiisuuf, bakka isheen bara badiinsaa Yooditiin dura qabdutti deebisuun yoo barbaachise, Manneen Kiristaanaa kattaa irraa bocaman ijaaruu qabna jedhanii Qulqulluu Laaliibalaa fa’a Manneen Kiristaanaa kudha tokko dhagaa tokko irraa kan bocanii ijaaran jiru. Akka guutuu biyyattittiis Manneen Kiristaanaa dhibba lamaa ol ta’an kattaa irraa bocamanii ijaaramuu isaaniitiin bara badiinsaa jaarraa 15ffaa darbanii bara keenya kanaan gahaniiru.

Bara Mannia Kiristaanaa keenya qormaata keessa itti seente kanatti muuxannoowwan darban hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Gama tokkoon, “Kanneen kanaan dura gubatan maaliif akka gubatan fi kanneen gubachuu danda’an sabani isaanii maal ture?” kan jedhu fi “Waan maal raawwanne fi raawwachuu dhiisneefi dha?” jechuun gaafachuu fi “Badiin sun irra deebi’ee akka hin mudanne fi kan ijaarames dhaloota irraa dhalootaatti darbuu akka danda’uuf maal gochuu qabna?” jechuun yaaduun nurra jira. Hojiiwwan lamaan kana yaaduu yoo dandeenye, yoomiyyuu taanaan Manni Kiristaanaa mo’attuu waan taateef fi Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo itti fufuun ishee waan hin hafne ta’uu isaatiin hojii ijoollee ishee jechuunis hojii amantootaa itti fufsiisuu dandeenya. Namootni biroo imimmaan keenya nuuf haa qoorsan jennee hin boonyu. Gara Uumaa keenyatti boonya malee. Kan hiojjennus jaalala kanaani dha. Eenyu iyyuu akka nubirmatu, eenyu iyyuu akka nugargaaru, fi eenyu iyyuu mirga keenya deebisee akka nuuf kennu hin gaafannu. Kadhannaa keenya hundumaa keessatti “ ለሀገሪትነ ኢትዮጵያ… Biyya keenya nuuf eegi” osoo hin jedhin oollee iyyuu hin beeknu. Biyya kana obboleewwan keenya biro waliin taanee hojjannee jirra. Seenaa ishees katabneerra, faarfanneerra, og-fakkiidhaanis bareechisnee har’aan geessineerra.

Abbootni keenya gaarreen Gara’altaa bocanii Manneen Kiristaanaa yeroo hojjetan eenyu irraa iyyuu gargaarsa hin arganne. Manneen Kiristaanaa gurguddoo Finfinnee fi magaalota gurguddoo keessatti argamanis gargaarsa qaamolee biroon osoo hin ta’in amantootaan kan ijaaramanii dha. Abbootni keenya, biyya kadhattu keessa Mana Kiristaanaa nama hin kadhanne nuuf dhaalchisanii dabraniiru. Hammuma amantootni keenya du’aniin; Wareegamtoota horachaa akka jirru ni amanna malee, gadda baay’isuun laphee keenya hin dhoofnu, fuula keenyas hin moccorru. Manneen Kiristaanaa mukaan ijaarre yeroo diigamu gamoon, kan gamoon ijjaarre yeroo diigamu immoo dhagaa bocamaan, inni dhagaa bocamaan ijaarame yeroo diigamu immoo sookoon (warqeen), inni sookoon ijaarame yeroo diigamu immoo diyaamadiin ijaaraa itti fufna. Abbootni keenya booyicha, hiyyumma hamilee fi gad-aantummaa gonkumaa nuunbarsiisne.

Har’a Manneen Kiristaanaa fi amantoota Wallagga Lixaa gargaaruuf kan walitti qabamne isitti hin fakkaatiin. Wallaggi Lixaa biyya Qulqullootaati. Wallaggi biyya Kiristaanota ciccimoo fi Gootota ta’aniiti. Lakkoofsi isaanii haa xiqqaatu malee, biyya qajeelotaa fi gar-laafeeyyiiti. Kurnoo warri magaala guddittii keessa jirru hin baafne baasuu uummata danda’u dha Wallaggi. Najjoo, Qilxuu Kaarraa, Gimbii, Mandii fi k.k.f. bakkeewwan akkuma Akusimi fi Laalibalaatti eebba guddaa lafa qabanii fi daawwatamnii dha. Achitti Manneen Kiristaanaa gurguddoo jiraachuu dhabuu danda’u; garuu, Kiristaanotni gurguddoon biyya itti argamanii dha.

Yeroo tokko yaa’ii Afuuraaf gara Qilxuu Kaarraa deemnee guyyaa keessa gara sa’aatii 10tti achi geenyee gara bakka yaa’ichatti yoo siqnu uummanni akkuma keessan kenetti guutee (baay’inaan) argameera. Barumsi Wangeelaa jalqabame. Faarfannaanis ittuma fufe. Yaa’ichi takka turee goolabama jennee osoo eegnu; ituma fufa malee hin dhaabbatu. An nadiqinaan qideessaa yaa’ichatti siqee “Yaa’ichi yoom goolabamaa!” jedhee gaafannaan; “Yeroo isin gara dhuftanitti deebitani.” Naan jedhan. Dhugumatti immoo yaa’iin Jimaata jalqabame gaafa nuti gara itti dhufne yeroo deebinu uummanis gara mana isaa yeroo galu xummurame.

Kanaafuu, roorroo uummata sanaa dhagahuu dhiisuun sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu dha. Bakkichi Kiristaanotni sa’aatii digdamii afuriif osoo aara hin galfatiin iddoo itti Waaqayyoo galateessanii dha. Bakka Kiraistaanotni jireenyi Afuuraan isaa itti inaaffessu dha. Gara galma mana barnoota Sambataa yeroo seentan, tarree maqaa waldaalee barreeffaman maxxanfamee jiru ilaalee maal akka ta’e gaafannaan “Dabaree guyyaa Qurbaanaa miseensota waldaalee adda addaati” naan jedhan. Kanaafuu, yaa’iin kun Warri Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa hin fudhanne warra Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa fudhatan gargaaruuf qophaa’e dha (habalakaan). Yaa’ii kana irraa barumsa suga ittiin argannu fudhanna. Eebbifamoon abbaan keenya hojii guddaa hojjetaniiru. Hojiin abboota gurguddoo irraa eegamus kanuma. Qulqulluun abbaa keenyas asitti argamuu keessaniin waan abbaa tokko irraa eegamu raawwattaniittu. Tikseen bakka hoolonni isaa argamanitti hin argamne eessatti argamaree? Daran caalchisnee, bareechisnee fi isa darbe irraas foyyeessinee ni ijaarra. Ayyaana Wareegamtootaas daran kabajna.

Jaalleewwan nugubdani fi nu’ajjeeftanis Qabsuurri fi Sinkisaarri (Galmeen Qabsuuraa) keenya akka itti fufu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa! Galmeen Qabsuura keenyas “ወበዛቲ ዕለት አዕረፈ…፤ Guyyaa kanattis…boqate. ” jechuun jalqabu waan goolabame nutti fakkaatee ture; isin garuu itti fufuu akka qabu nubarsiistaniittu. Biraannaa qopheessuuf ammas gogaa duuguu; halluus bulbuluu akka qabnu nutti himtaniittu. Imalli Mana Kiristaanaas itti fufuu akka qabu nutti himtaniittu waan ta’eef ammas guddaa galatoomaa! Nuti boonaa kan turre ‘Qulqulluun Laalibalaan kana raawwate, abba abaluun kana hojjete fi k.k.f.’ jechaa seenaa Manneen Kiristaanaa jabana duriini ture; har’as seenaa dhalootaa irraa dhalootatti darbu akka raawwannu nukakaastaniittu waan ta’eef galatoomaa! Osoo isin jiraachuu baattan akkasitti walitti hin qabamnu ture. Osoo isin ka’uu baattan akkasitti lafa irra teenyee hin barannu ture waan ta’eef ammas galatoomaa! Bakka kanatti yaa’ii akkamii taasisnee akka turre ni yaadatama; amma garuu, seenaan sun akka jijjiiramu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa!

Walitti qabamuun qofa akka hin hafne, hojii kana caalu hojjechuu akka dandeenyu, dhaloota dhufuufis seenaa gidiraa fi roorroo nurra gahaa ture osoo hin ta’in; seenaa gaarii nuti hojjenne dabarsuu akka dandeenyu onnee keenya, miila keenya fi giphii keenya hojii irra akka oolu taasisuu qabna. Barri hirriibaan dabarsine amma nugaha. Yeroon kun yeroo wal-arrabsuuni fi wal-jibbuun itti goolabamuu qabu dha. Yeroon kun Waldaaleen, lallabdoonni, faarfattoonni, itti gaafatamtootni Manneen Kiristaanaa, monokisootni, phaaphaasotni hundumti keenya kaayyoo Mana Kiristaanaa tokkittii kanaa raawwachiisuuf onnee tokkoon ka’uuf guyyaa isa dhumaa ta’uu qaba. Hordaa (Irfii) qabanneerra. Kanaa booda duubatti deebi’uun hin jiru.

Haasawa Muhaaza Xibabaati Dn. Daani’eel Kibrat taasise irraa kan fudhatame

Sinkisaara Muddee 7

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoo. Ameen

Guyyaa kanattis galanni Isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon isheerraa foon lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee akka dhalatu afaan Raajoota kabajamoon lallabamuuf yaadannoo ta’e. Raajoonni kunis, “Kanaafuu, Gooftaan mallattoo isiniif kenna, kunoo Durbi ni ulfoofti, Ilma dhiiraas ni deessi, maqaa Isaas Amaanu’eel jettee ni waamti.” Isay 7:14, “Jirma Iseeyirraa uleen ni ba’a, hidda isaarraas firii ni buusa.”, “Balballi kun cufame jiraata malee hin banamu, namnis keessa hin galu, Waaqni Israa’eel Waaqayyo keessa galeeraati cufamee jiraata.” Hiz. 44:1, “Ati yaa Beeteliheem kutaa Efraataa kan taate ati biyya mootota fi qondoltootaa Yihuudaati keessa akka taatuf xiqqoodha, si keessaayis garuu ba’iinsi (dhufaatin) isaa jalqabaa kaasee kan bara baraa kan ta’e, Israa’eelin kan bitu ni ba’a.” Mik 5:2, “Kunoo Eefraatatti dhageenye, gola horiittis argine.” Faar 131(132):6,  “Waaqayyoo Daawwitiif dhugumatti kakate ittis hin gaabbu, sanyii kee keessaa mootummaa keerra nan kaa’a.” Faar 131(132):11, “Waaqayyo Tsiyoonin filateera bultoosaa akka taatuuf jaalateera. Ishiin kun bara baraan iddoo bultoo kooti filadheeraati  keessan bula.” Faar 131(132):13-14. Abbaa Giyoorgis kan Gaasiccaa fi Abbaa Tsiggee Dingil yaada Raajootaa oggaa cimsan “መሐለ እግዚአብሔር ለዳዊት ፍቁሩ፤ አበውኪ ነገሥት ከመ በመንበሩ ይንበሩ፤ ማርያም ሰማይ ለእግዚአብሔር ሀገሩ፤ ነቢያት በእንቲአኪ ሰላመ ነገሩ፤ ወሐዋርያት ምስሌሆሙ ኀብሩ፡፡ Abboonni kee Mootonni teessoo isaarra akka taa’aniif Waaqayyoo jaalatamaa Isaa Daawwitiif ni kakate. Samii bultoo Waaqayyo kan taate yaa Maariyaam; Raajonni waa’ee kee nageenya lallabani. Duuka bu’oonnis isaan deggaran (yaadaan fakkaataniin).” Jedhaniiru.

Dhiifamni fi Arjummaan Isaa bara baraan nu waliin haa ta’u! Ameen!

Sinkisaara Muddee 6

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!!!

Guyyaa kanatti durba kan Mana Kiristaanaa Haadha keenya Qulqulleettii Arseemaatu kabajame, godaansi foon ishees guyyaa kana raawwate (iddoo awwaalcha duraatii gara iddoo Mana Kiristaana amma jiruutti fudhatame). Akkasumas, ishee waliin kan wareegaman godaansi foon Durboota digdamii torbaas guyyaa kana raawwate. Mootichi Dirxaadis Qulqulleettii Arseemadhaan “kabaja guddaa kan qabnu nu waliin akkamitti jiraachuu kan didde laphee hin qabduu?” jedheeni, isheenis “Inni samiirra jiru ni caala, baay’es  fooyya’aadha” jette. Innis fuudhanii uffata ishee irraa baasanii morma ishee akka muran ajaje,  mormi Durboota hundumaas akka muramu ajaje, mormi isaaanis murame. Dabalatan Sinkisaaraa fulbaala 29 dubbisaa. Galanni Waaqayyoof haa ta,u, kadhannaa Durboota kanaatin nu haa yaadatu! Ameen!!!

Guyyuma kanattis Qulqulloota Armaani kan ta’an, Eeliyaas, Baaxilis, Surifiit, Maariyaa, Mikaa,eel, Yilsawuul fi Teleemiwoos yaadannoo isaaniti. Eebbi isaanii nurra haa bulu! Galanni Waaqayyoof haa ta’u!  Ameen!!!

Waldaan Qulqullootaa Piroojektii Kiristaanota buqqa’an qarqaaruu (deebisanii ijaaruu) dandeessisu ifa taasise.

Waldaan Qulqullootaa piroojektii kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa balaa uumamaanis ta’e nam-tolcheen miidhaan irra gahe qarqaaruu (deebisanii ijaaruu) fi Manneen Kiristaanaa cufaman bansiisuu dandeessiu ifa taasisuu isaa beeksise.

Piroojektii Amantoota fi Mana Kiristaanaa keenya nageenya addunyaa fi eegumsa biyyaaf gumaacha guddaa goote cinaa dhaabbachuun qarqaaruu (deebisanii ijaaruu) dandeessisu kutaan hawaasaa hundumtuu beekumsa, humna, yaadaan fi karaalee biroonis akka deeggaru waamicha isaa dabarse.

Warra piroojektii kana deeggaruu barbaadan hundumtuu Baankii Daldalaa lak. akkaawuntii 1000309803648 (EOTC Sun.Sch.Dep. MK Social support and rehabilitation) irratti galchuu kan danda’an ta’uu isaa ibsaa; odeeffannoo dabalataaf immoo waajjira Waldaa Qulqullootaatti qaamaan argamuun odeeffannoo argachuun akka danda’amu ibsee jira.

Dabalataanis, manneen Kiristaanota dhiheenya kana goodina Harargee Bahaatti gubatan deebisanii ijaaruuf lakkoofsa herregaa kutaan lallabaa Harargee Bahaa baneen 1000308057961; akkasumas kutaa lallabaa Arsii Lixaatti amantoota lafa fi mana jireenyaa isaanii irraa buqqa’an fi Manneen Kiristaanaa gubatan qarqaaruuf (deebisanii ijaaruuf) lakkoofsi herregaa baname 1000304643367 irratti galchuun akka gargaartan kutaan lallabaa Arsii Lixaa waamicha isaa dabarsa.