Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte”

in Tibbana

“Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte”

Dn Masgabuu kefiyaalehu

Akka sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Soomota akka soomaman ajajaman torban keessaa tokko sooma Filsataati. Soomni Filsataa Hagayya bultii tokko irraa kan eegalu yoo ta’u kan xumuramu ammo Hagayya bultii kudha jahadha. Sooma kana jalqaba kan soome duukabuutota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. Sababni itti duukabuutonni Iyyasuus Kiristoos sooma kana soomaniifis boqochuu haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam wajjin kan wal qabatedha. Dubbiin isaas akkana dha:-

Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waggoota 64 lafa kana irra erga jiraattee booda Amajjii guyyaa 21 fedha Waaqayyootiin qulqulleettiin lubbuun ishee qulqulluu foon ishee irraa adda baate.Yeroo kana duukabuutonni Gooftaa foon qulqulleettii dubroo Maariyam awwaaluudhaaf baatanii gara Geetesemaaniitti yeroo deeman Yihudoonni arganii “Kanaan dura Ilma ishee Iyyasuus Kiristoosiin fannoo irratti fannifnee ajjeefnee turre; garuu duukabuutonni Isaa ‘gaafa guyyaa sadaffaa du’aa ka’ee gaafa guyyaa afurtamaffaatti ol bahe, lammatas deebi’ee dhufa’ jechuudhaan akkaa lallaban uummata nu harkaa baasani, kunoo bakka awwaala Isaattis dinqiin adda addaa raawwachaa jira; dhukkubsattoonni biyyoo bakka awwaala Isaa jiru yeroo ofitti diban dhibee isaanii irraa fayyu; unuunis warreen Waaqa isaanii ajjeesanidha jedhanii nu arrabsaa jiru. Amma ammoo waa’ee haadha Isaa kana yoo callisnee dhiifne akka mucaa ishee kaatee ol baate jedhanii nu jeeqaa jiraatu. Kanaaf koottaa walitti qabamnee deemnee foon ishee ibiddaan gubna” jedhanii deemani.(ተአምረ ማርያም; ተስፋ ገ/ሥላሴ ማተሚያ ቤት 1987, fuula 290-302; መጽሐፈ ስንክሳር ነሐሴ 14)

 

Isaan keessaas namni Taawfaaniyaa jedhamu foon haadha keenyaa gubuuf deemee miila siree (sankoorii siree) foon haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irra jiru harkaan yeroo qabatu ergamaan Waaqayyoo seefii ibiddaatiin harka isaa lamaan irraa kute. Harki isaas irraa citee sankoorii siree sana irratti rarra’ee hafe. Sana booda Taawfaaniyaan gaabbee gara qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaamitti yeroo boohu harka isaa sana Qulqulluu Pheexroositti himtee fayyisiifteef.

Yeroo kanas Ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri’eel foon haadha keenyaa kana duuka bu’aa qulqulluu Yoohaannis wajjin ol fudhatee Gannata keessa muka jireenyaa jala kaa’e. Yeroo muraasa booda qulqulluu Yohaannis gara duukabuutotaa dhufee foon haadha keenyaa Gannata keessa kaahee akka dhufe itti hime. Duuka buutonnis foon haadha keenyaa argatanii osoo hin awwaaliin hafuu isaaniitti baay’ee gaddanii Hagayya bultii tokko Sooma eegalani. Subaa’ee lamaaf (guyyoota 14) soomaafi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti boo’aa erga turanii booda Hagayya bultii kudha afur Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam fidee kenneef. Duukabuutonnis weedduufi faarfannaadhaan deemanii bakka Geetesemaanii jedhamutti awwaalani.

Akkuma Mootichi Daawit dursee afuura qulqulluudhaan guutamee “Gara boqonnaa keetti ka’i” jechuun raajii dubatetti (Faar.131:9) haati keenyas awwaalamtee guyyaa sadaffaatti Hagayya bultii 16 akkuma Ilma ishee du’aa kaatee ol baate.

Daawit faarsaa isaatiin “ Uffata Warqee uffatteefi aguuggattee mootittiin mirgakee dhaabbatti” jedhee akkuma faarfate (Faar.44:9) qulqulleettiin dubroo Maariyaam ol baate mirga Ilma ishee teesse. Kanaaf qulqulluu Yaareed kitaaba isaa Digguwaa jedhamu irratti “ተለዓለት እም ምድር ወበህየ ነበረት ዘምስለ ወልዳ በየማነ አብ ወመንፈስ ቅዱስ” (“[durboon] lafaa gara Samiitti ol baate; samii irrattis Ilma ishee wajjin mirga Abbaafi Afuura Qulqulluu teesse”) jedhee ishii faarfate.

Nutis Sooma duukabuutonni dursanii sooman kana fakkeenya taasifannee Hagayya bultii tokko sooma eegalla. Dhiphuufi rakkina gola keenyaa; yaaddoo keenya mara haadha keenya dubroo Maariyaamitti himanna. Soomaafi kadhannaadhaanis gara Waaqa keenyaatti boonya. Innis akkuma dhiphuu duukabuutota Isaatiif deebii kenne rakkina keenya mara nuuf fura.

Kanaaf sooma keenyaan fayyina akka argannuuf laphee cabeen; qalbii jijjiirrannaadhaan soomuu qabna. Araarri haadha keenya dubroo Maariyaam hunda keenya wajjin haa ta’u-ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-08-09 06:58:182018-10-26 09:21:06“Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte”
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste” Link to: “Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste” “Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”... Link to: Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18) Link to: Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18) Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18)
Scroll to top