Soomii Nanawwee

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulquulluu Waaqa Tokko Ameen!

 

Soomii  Nanawwee

Soomii jechuun qaama ofii waan inni barbaadu hunda irraa dhowwuu jechuudha. Ykn waantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu hunda dhiisu jechuu dha. Kunis, soomiin namni waantoota fooniin fedhuu fi isa kajeelchisu hunda   otoo raawwachuu danda’uu yeroo murtaa’eef lagachuun/ dhiisuun qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomani qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnuu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa ofqusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomani ni jira. Soomani amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenneef sooma ture.  Inniis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi kan nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u Beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  Uumama 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyoo   akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun  Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun/ barsiisuun isaa soomanni kan namaan uummame otoo hin taane ajaja Waaqayyoon faayidaa namaatiif  jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Moofaa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi  soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru.   Raajonni Kakuu Moofaa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaaniif bishaan afaan isaanii hin seenu ture. (Bahu 34:28).  Dheekkamsa Waaqayyoo kan baayyina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebii’e ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomani seera namtoolchee otoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasus Kiristoos ofumasaa bara namoomaan (fooniin) biyya lafaa kana irra turetti   hojiisaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2  Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. H.Er. 13:2. Luboonniifi Daaqonoonni wangeela akka lallaban filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaan ture. H.Er. 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos’faa ulfina hin yaadne kan argatan soomaafi kadhannaan Uumaa isaanii kadhataniiti dha. H.Er. 10:4

 

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleenshee jireenya afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna mana kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomuu qabnu torba yoo ta’an isaan keessa tokko mata duree barreeffama/ barumsa kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawwee kan jedhamuu dha. Moggaafamni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaala Nanawwee jedhamtu irraati. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf yeroo jalqabaatiif kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatanifi dhiifama argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaaniitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waaqayyoon Raajichasaa Yoonas dhalootaa Gooftaa keenya Iyysuus Kiristoos dura bara 1612 gara namoota Nannawweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii karaa Waaqayyootti akka deebii’an kana ta’uu baannan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawwee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyoon akka malee gaddisiisan illee Inni garuu samii irraa abidda roobsee magaalitti bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu otoo danda’uu arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “ammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaala guddittii Nanawwee deemi; sagaleekoos isaaniif   lallabi” jechuun raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garu ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabee. Otoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture  akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan  hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa baasanii Raajicha Yoonas irratti ba’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan  waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “yaa Waaqayyoo waa’ee lubbuu nama kanaaf nu hinballeessiin; Ati akka jaallate godhi’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadiifi halkan sadiif qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booddee gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonas garaa qurxummii guddicha sana keessatti gaabbee Waaqayyoon kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanawweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanawweef “guyyaa sadi keessatti Nanawween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawwee battaluma duubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyoon amananii cubbuu raawwataniif nigaabani. Raajii Yoonas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawwees Waaqayyoon ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hinjenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawwee akkuma qaqqabeen teessoo mootumummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaasaa baafachuun gadda guddaa aguuggate, daaraa irras ni taa’e. Nanawwee keessatti ‘Namoonii fi beeladoonni biroon waan tokko akka hin dhandhamanne, akka hin bobbaanne, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis gadda haa uffatan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa ammeenyaa fi cubbuu harkasaaniirra jiru irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haqajeelchu, dheekkamsa isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyoon dheekkamsiiseetti gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan isaa daangaa hin qabne kan kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwane cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebii’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Dhugaaleen barumsa kana irraa barachuu qabnu hedduu yoo ta’an kanneen dhimma mata duree keenyaan kaasne waliin hidhata qaban qofni akka armaan gadiiti dhiyaataniiru.

1ffa) Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyoon kadhachuun fala kan argannu ta’uu,

2ffa) Yoonaas irraa:

  • Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu.
  • Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’ufi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota biroottii quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan badii irraa oolan of irratti murteessee hojiirra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa kan irraa baratamuu qabu dha).

3ffa) Uumamni hundi Waaqayyoof kan ajajaman ta’uu fi Waaqayyoon wanti dadhabamu akka hinjirre.

4ffa) Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hinballeessiin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.

5ffa) Jiraattoota magaala Nanawwee irraa Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amuanna.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Yoonallee jedha Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksiin keenyaa hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqa hojiirra ni olchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksiin keenyaa akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajjichasaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa, soomii labsaa …” jechuunii barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawwee hammeenyaa fi cubbuu nuballeesuudhaaf numarsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaafi kadhannaa gaabbiin durfameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala filannoo biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannuf dha. Soomni kenna Waaqayyoo akka rakkina, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nuqunnamee fi nuquunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’u isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irraatti kan bu’uureefame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyuu fi tarkaanfiin fudhannu fedha/ yaada Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, yoomiiyyuu taanaan akka raajicha Isaayyas irra bulee waaqayyoon dubbate “karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessattii diina nuqooraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dugaan yoomiyyuu qorumsa irraa fagaachuu hin dandeessu. Kanaaf, dooniin Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtuuf qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraatu yoo ta’u dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef otoo rakkoon isaan hin muudatiin nagaadhaan deemaa turan (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaanfi qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu/ balleessuu otoo hin taanee akka duuka bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinuufi Waaqayyos gara keenyatti deebi’u uumamnii hundii gara keenyatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akka nuuf ajajamuufi yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu waantoonni hundi too’aanno keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa waaqayyo isa homtuu itti hin dadhabamne qofa harka kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawwee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaafi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaati. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyo itti isaan ergeefi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasa beekaniin akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheesse baadiyyaatti eergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabanii gara magaalatti qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaala Nanawwee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabanii fi hammeenya isaanii irraa deebii’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyoon ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’aatii, balaa fi kkf akka nama dhuunfaatti, akka biyyaattii fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’uutti kan irratti kaayyeefatame ta’uu qaba. Sooma Nanawwee kana yoo soomnu biyya Nanawweetiif otoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf ta’uu qaba. Akka Kiristaanummaa keenyatti waantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii gutuudhaan soomnee araara /dhiifama Waaqaayyoo akka argannu hayyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

 

 

Barreessaan Gizaachew Makuriyaa

Naxalaa laphee kee miiccadhu

                MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQAA TOKKO AMIIN!!!

                                                Naxalaa laphee kee miiccadhu!

                                   Falaasamni jireenya namaa baay’ee garagara. Tokko tokkoof jireenyi gatii dhabeessa dha. Tokko tokkoof immoo jireenyi baay’ee meeshaa mi’aawaadha. Inni kaan umurii isaa xumuree kan nama biroo dabalee osoo jiraatee ni gammada. Tokko tokko immoo umurii isaaf kennamte iyyuu xumuruu dadhabee du’a gamaa gamasii waamaa oola. Anaaf garuu jireenyi jiraachuus du’uus miti. kabajamuus, salphachuus, duroomuus, hiyyoomuus miti. Bituus bitamuus miti. Sirumaayyuu uumama dinqisiifachuu dha malee. Sirrii ta’uuf dhiisuu hin beekuu. Kan sammuun koo fudhate dubbachuu nan jaalladha.

                        Yeroo tokko tokko mana koo taa’uu dhiisee akka saree amala badaa qabduu kanan naanna’uuf jaaladheen miti. Yoon sosochoo’u ykn namoota gidduu yoon ga’u dhimmoota tokko tokkoo hin dhabun turee. Irra caalaa maalummaa jireenyaa kanan beeku namoota waliin yoon dabalamuu fi fedhii namootaa yoon dhaggeeffadhu qofaadha. Kan nama ajaa’ibu daandii jireenyaan hin beekne illee oduu irraan argadha. Kanaan ala garuu namni maaliif akka jiraatuu, anis maaliif akkan jiraadhu hin beeku. Hundumarra immoo dureessota waliin yeroo koo dabarsuu irraa hiyyeessota waliin yoon oolu caalmaattin waa’ee jireenyaa baradha. Sooressoota irraa qarshii, hiyyeessota irraa ammo rakkoon baradha. Mana barumsaa galee beekumsan argadhe gad kan hin taaneen maalummaa namootaa qorachuudhaan uumama nan beeka.

 

                        Sanbata dilbatatti bari’u ganamaan hirriiba kootii ka’ee, dhibaa’ummaa koo irraan kan ka’e sirna Galateefannoo (qiddaassee) guutuu hordofuu dadhabus yoo xiqqaate Bataaskaana dhungadheen tsabalas dhuga jechuun mana dhiphoon keessa jiraadhu keessa ba’ee gara Mana Kiristaanaa imala koon itti fufe. Daandii hundi adii adiin guutamee jira. Namoota gara Bataaskaanaa deddeebi’an fagootti yoon ilaalu miirri gammachuun tokko ana keessa dhidhiitataa jira. Kiristaana ta’uu koos nan jaalladhe, ittinaan boones. Battaluma kana hundumaatti Si’ooliifi Gahaanamni (ibida bara baraa) Gannatiifi mootummaan samii natti yaadataman.

                        Yeroo hunda kan na ajaa’ibu yoon Si’oolii fi Gahaanama yaadadhu naan dhiphadha. Maaliif yoo jedhame hojiin koo hundi Si’oolii fi Gahaanamaf kan nageessiisu malee gara Gannataafi Mootummaa Samii kan na galchu waan hin taaneefidha. Kanaaf yeroo aduun na gubdu hunda ibiddi Gahaanamaa yoo na nyaatu akkam ta’uu faniin ofiin jedha. Ibbida biyya lafaan shiroo gaafan hojjedhu afuurri ittoo harka koo irra yoo bu’u miira natti dhagahamuun ibidda samii jiru akkamiin danda’uufan akkan jedhu na taasisa.

                        Sa’aatii kanatti namoota adii adiin guutaman ilaalee murtii samii yoon yaadadhu waaqayyoon waliin falmiin eegale. Isaan kanallee itti hin murteessu, akkamitti kiristaanota akkanaa ibiddatti gataa? Jechaa hojii koo malee hojii Uumaa keessa galee falmaan jira. Falmii koos ofumaa deebii itti kennuun “ gonkumaa ummata kana fakkaatan illee itti hin murteessu, adii adii uffatanii abaaboo fakkaatanii ifanii motummaa samii keessa jiraatu malee” ofiin jedhe.

                        Ija koon qaama koorra deddeebisaa qeensa miila koo irraa kaasee hanga oliittin ilaale. Galata Waaqayyoo anis akkuma namoota adii ta’ee jira. Itti murtaa’uu hin qabu namootan jedhee falmaafii ture cinaa hiriireen jira jechuuudha. Miirri gammachuu tokko qaama miiraa koo uwwise. Sababni isaas namoota itti hin murtaa’uu jedhe waliin waanan jiruuf anattis hin murtaa’u. Waaqayyoo gooftaan uffanaafi deddeebii Mana Kiristaanaa kana fakkaatu ilaalee gara si’oolii akka nu hin gatne waanan mirkaneeffadheef akkan itti dhiyaadhetti na gammachiise.

                        Deemsa koo itti fufeen jira. Irraa caalaa naannoo seensa teessoo patiriyaarikii qulqulleettii qulqullootaa daandiin konkolaataa illee osoo hin hafiin namaan guutamee jira. Namoota tokko tokko qofaatu hojiif oliif gadi fiigu. Namootni baay’een garuu Bataskaanaa yoo ba’aniifi galan mul’atu. Namootni adii hin uffatne, kan hojiif olii gad fiigan garuu na gaddisiisan. sababni isaas nuti warreen adii uffanne yoo bilisoomnu (qulqulloofnu) isaan uffata hojiin oliif gadi fiigaa jiru waan ta’eef.

                        Fuulduratti uffata adiin namoota guutaman ilaalaa, gammachuun isaanitti makamuuf daandii qaxxamuruuf ibsaa tiraafikaa bira akkuman ga’een ‘imaltooni miilaa dhaabadhaa, Konkolaataan deemi’ kan jedhu mallattoon diimaa fi magariisaa mul’ate. Aniifi namootni naannoo koo yoo dhaabannu, konkolaataan hiriiranii turan aariitiin motora iyyisiisaa akka bishaan abbayyaa yaa’uu eegalan. Agarsiifni kun na gammachiisee osoon ofii koo waliin haasa’aa jiruu…………’’sobdoota (gati-dhabeeyyiiwwan ) akka naxalaaf osoo ta’ee yoona Jannatni guuttee turte” sagalee jedhuun of duubaa dhagahe. Laliisni laphee koo abdiin guutame ture akka baala mukarraa cite gogee yoo kishiishiishhhh jedhuun natti dhagahame. Garan sagalicha dhagahettin gara gale. Uffata ciccitaa uffatee jira. Isa nuti “MARAATAA’’ jennuun san fakkaata. Hasawaa isaas itti fufe……….’akka carraa akka naxalaa keenyaa jireenyi keenyaas adii osoo ta’ee heehheeeheeeee…”jedhee kolfe. Ofaan qoradhe addeenya baaqqee, addeenya jireenyaa. Ani isaan kam keessa akkan ta’e beekuuf bakkan dhaabadhutti yaaduun eegale. Naxalaa kon ilaalee cabbii fakkaata. Jireenyaa koon taajjabe, riigduu uffata haadholiin ittiin eelee biddeenaa qulleessan caalaa gurraacha’eera. Hasaa isaas itti fufe………….”kiristaanummaa jechuun Kiristoosini kan moggaafame. Kiristoos immoo qulqulluufi gooftaa dhugaati. Yoo fannifamuus hundaafidha!!!!!!!!!! Ati hiyyeessa, ati maraatadha, ati cubbamaadha, ati gosa hin qabdu, ati daandii irra bulta, hin jenne. Maal kana qofa fooniifi dhiiga isaa qulqulluu osoo nutti hin waakkatiin muree kan nuuf kenne nama osoo adda hin qoodiin ture. Ana isa hiyyeessichaafis isin warra abbaa yeroofis ni kenne. Isin garuu aangoo keessan ishii lafarraa xiqqoo saniin, qabeenyanis ta’ee kan biroon nama filattu. Hiyyeessa akka kootii kennuu dhiistanii dacha dachaan isa siniif deebisuuf kennuu filattu. Naxalaa fi jireenya yoom wal fakkeessitu laata? Dhugaa isaa sinitti himuu! isin irra ana isaa abbaa uffata ciccittuu kana wayyaa…….ihihhhiiiihhhiihiiihiihihihihihih” jechuun kolfa keessaa fuudhe. Inni ni kolfa ani nan boo’a.

                        Bitaa natti gale. Ofis gaafadhe. Inni akkuma jedhe, Kiristoos nama osoo adda hin qoodiin hundaaf waaqa beenyaa nuuf ta’edha. Ani immoo kan qabutti kan dhiyaatu, bakka bu’aan jirtutti kan argamu, kennaa (makliitii) koo kanaan awwalu ture.

                        Haasawwaan nama kana keessaa koo jeeqaa jira. Namni hunduu nadhiisee deemee jiraa, ani garuu haasaa isaa dhaggeeffaataan jira. “Gidduu keessanii nama tokkoof yoo gochuu dhiistan anaafis hin goone” kan jedhu barumsi Kitaaba Qulqulluu natti yaadatame. (Mat 25:41-45) Dandii irra yoon deddeebi’u namni kun waan rakkateef qofa guyyaa tokkoof yadadhee hin beeku. Dhugaa Jireenya koo yoo natti himu, anis gatii koo fudhachuuf dhaabadhee jira. Kennaadhaan yoon madaalamu duwwaan turee.faallaa naxalaa (baaqqee) koo jireenyi koo akka dukkanaa ta’uun hubadhe. Barsiisaan maraataa fakkaatu kun dubbatee waan xumurate hin fakkaatu. Anis laphee koo banadheen barataa jira, innis na barsiisaa jira. Ani isa ilaalaan jira, inni garuu bakka duwwaatti ija babaasee dubbata.

                  “ilmi namaa jaalala dhabe,jaalallii bu’uraa hundati Gooftaan keenya foon fi dhigaa isaa kan nuu kenne jalalaa Isaatiini. Nuti immoo jaalala fi jireenya keenya kennuf yoo nutti guddate ………… Kan biraa yaa hafuutii obboleessa keenya ija jaalalaan kan ilaallu meeqa keenyaa dha.

Jaalalaaf kan nuuf kenname foon isaa yoo nyaachuu, dhiiga Isaa dhuguu dura, obbolessaa keenyaaf jaalala kennuutu dursuu qaba.

“Namni namaf jaalala yoo kenne maaltuu itti hir’ataa? Jaalala kennuun ni kanfalchiisa laata? luboonni tokko tokkoo iyyuu waa’ee jaalalaaf kan fannifame foon gooftaa keenyaa osoo qophessanii namaaf qoodanii, ani fudhachuuf yoon deeme dhugumaan jedha naaf hin kennan (adii kan ufatte yoo dhaqee immoo fudhattuu malee jedhanii ni eyyamuuf ta’a) dhugaa isinitti himuuf isin irraa nuti waarri daandii irratti kufne jaalala qabna. ( yoo xiqqaatte waliin qorra qooddannee waa’ee jaalalaaf nuti qorree jira.”

     Dubbiin isaa mar’immaan koo na nyaatee; imimmaanis na hudhee, jaalalas yaadadhe. kan qabu nan jaaladha, kan hin qabnee immoo hin jaaladhu. Kan biroo yaa hafuutii gara- laafettii haadha koo iyyuu ergan irraa addaa ba’etii waggaa torba lakkofsiseen jira. Dadhabdee na barsiifte, beela’aa na nyaachiste, itti qorraa na uffiste. Har’a garuu of danda’een ishee dagadhee; bilbilaa illee bilbileefii jabaadhu jedhenii hin beeku. Jaalala hin qabu waan ta’eef.                                                

            “Dhaga’ii, dhaggeeffadhu gara Mana Kiristaanaa” naan jedhe. Akka rifachuu ta’een gurra koo gara sagalee guddiftuu Mana Kiristaanaatti qabe. “ፍቅር ሰሀቦ ለወልደ ሀያል እመንበሩ ወአብጽሆ እስከለ ሞት” sagaaleen jedhu natti dhagahame. (jaalalii Waaqayyoon Ilma isa jabaa teessoo Isaa irraa buusee hanga du’aattis geessise). “argitee lubichii ni dubbata. Garuu jechiicha osuma dubbatanii iyyuu kan raawwatan xiqqoodha. Baayyooliin namootaa konkolaataa manaan osoo basha’anii gamoo irra taa’anii osoo asii gad ilaalanii cooma murachaa, booka unachaa hiyyeessa lammii isaanii hin yaadatan. Kan biroo ha hafuutii lubni lubaaf illee yeroo itti hin gaddinetu mul’ata. Manni Kiristaanaa kan hundaati. Namootni tokko tokko garuu kan dhuunfaa isaanii godhatanii yoo saaman, yoo fira isaanii ittiin gargaaran argina. Argitee jaalalli jiraachuuu dhabuu jechuun kanadha. Tajaajiltoonii mana kiristaanaa lama jireenya gosa lama jiraatu. Kan murtaa’an karaa tokkos karaa biroos jireenya bareedaa yoo jiraatan kan murtaa’an immoo jireenya gadadoon yoo dabarsan argina“ kanan dhagahaa jiru humna kootii ol waan ta’eef kanaa ol osoon dhaga’uu baadheen jaalladhe. Deemuufan duubattis jedhe. “dhaga’i obbolleessa koo” naan jedhe. Maaliif ana irratti akka xiyyeeffate naaf hin galle. Tarii cubbuun koo kan warra kanii caalee ta’a laataa? Moo ani warra kaan irra xiyyeeffadhee waanaan dhaggeeffadheef ta’a laata? Naanna’een “oooo” jedheen. Gama tokkoon maal naan jechuufi laata jedheen sodaadhe, gama biroon immoo maarataan “oooo” jechuun koo namoota biratti ana iyyuu maraataa na jechisiisa jedheen yaaddoo natti uume. “naxalaan kee baay’ee xuraa’ee jira. Miiccadhu tolee?. Yoo dandeesse kan namoota biroos waliin miiccisisiif ” naan jedhe. Naxalaan koo erga miicamee guyyaa sadi iyyuu hin taane. Naxalaan koo kan miicamedha, ilaalaan jira miti? Maal isaan miiccaa? Naxalaa xuraa’e yoo qabaatte, si’iif miiccuu nan danda’an” jedheen. Kkkkkkkkkkkkkk kkkkkkkkkk hhhhhhhhhh hhhhhhhhh jedhee natti kolfee “yaa lammii koo anaan illee erga miiccitanii turtaniitu. Maraataa, kan gatii hin qabne, jechuun na hamachaa, na nyaachaa ba’aa koo baattaniittu. Waanuma kamiifuu naxalaa laphee kee miiccadhu.”naan jedhe.

            Jecha cimaadha. “naxalaa laphee kee miiccadhu” kan naaf gale amma kunoo. Edaa miicaa kanan ture naxalaa jirbii qofa, edaa naxalaan laphee koo ni hafa, miicamees hin beeku. Naxalaa laphee koo gochaa fi naamusa kiristaanummaan tokko taasisee uffachuuf , miicees qulqulleessuuf, Waaqa koonis wal argachuuf, jecha baay’ee ulfaataafi jabaa kana “naxalaa laphee kee miiccadhu” buusaa baasaa SAAMUNAA GAABBII GALUU BITACHUUF Gara Luba Abbaa Lubbuutti imale!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

                                                                                    GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!

B/sa D/n Shaanbal Nuguseen.                                                            Adoolessa 27/2007 B.A

Yaa’ii mooraa

          Yaa’ii mooraa

                               Lakkoofsiftuu qubee jireenyaa

                                                         Yaa lallabduu nageenyaa  

                                                           Ati qaroo keenyaa

                                                           Si’iin boru argina

                                                           Har’a keessa teenyee

                                                    Boruu murteessina

                                                Labsituu tokkummaa

                                                                        Hundee wal-qixxummaa

                                                                        Jiruu hawaasummaa

                                                                        Barsiiftuun si’uumaa

                                                Jiruu hiika qabuu

                                                Si’iim kan lallabuu

                                                Osoon si’iin qabuu

                                                Hin bulu hagabuu

                                                                        Yoo jireenya afuuraa

                                                                        Jira yaa’iin mooraa

                                                                        Abaaboon daraaraa

                                                                        Firii buusat jiraa

                                                Wangeela barsiisaa

                                                Hojiin agarsiisaa

                                                Yaa’iin mooraa dansaa

                                                Namaa ni namoomsaa

                                                                 Jaalala arginee Harkaan qaqqabannee

                                                            Ijaanis ilaallee Jiraannees dhandhamnee

                                                            Seenaa qulqullootaa keessatti barannee

                                                            Waldaa qulqullootaa kanaaf sijaalannee!!!

                                                                           B/sa D/n Shaanbal Nuguseen.

 

           

                         Tawaahidoo

                           Tawaahidoo yaa haadha gootaa

                                                Deessuu wareegamtootaa

                                                Dhugaan tarkaanfattaa

                                                                        Harmaa ishee hoosiftii

                                                                        Ilmaan isheef gadditii

                                                                        Misiraachoo labsitii

                                                                        Wangeela barsiiftii

                                                                        Jaalala agarsiiftii

                                                                        Dhugaaf dhaabattettii

                                                Hundeen dhiiga Gooftaa

                                                Daandiin Qulqullootaa

                                                Maddi kee dachee dhaa

                                                Galmii kee samii dhaa.

                                                                        Si’inaan namoomee

                                                                        Maqaa koon waamamee

                                                                        Namaatti lakkaawamee

                                                                        Seenaan jijjiiramee

                                                                        Amma bilisoomee

                                                                        Mucaa keen jedhamee

                                                      B/sa D/n Shaanbal Nuguseen.                      

                     DHUGAAN HAA MUL’ATTU

Soba miidhagsanii

Dhugaaa fakkeessani

Olola oddeessanii

Harmee naa deesseenii

Kan naa guddisteenii

Gargar naa baasanii

                                                                   Silaas maal godhanii

            Maali hojiin isaanii?

            Dhugaa awwaalanii

            Dhara facaasanii

            Elaa! Akkas jedhanii……

                        ‘’’’harmeen kee maseena’’’’

                             Kan hin qabne seenaa!!!

Atoo maal jettaree?

Harmeen koos ormaaree?

Atoo maseenaree?

            Harmee Ortodoksiin

Mee seenaa kee hin dhoksiin

harmee natti himi

mee dhaamsa naaf dhaamii

dhugaan isa kamii

            Maddi kee hin beekamuu?

            Kaayyoon kee hin himamuu?

            Jarri maaf gumgumuu

            Maaliif dhugaa soomuu?

            Harmee tawaahidoo

            Maaliif kan caalistuu

            Dhugaa kee’n labsituu

            Haati lama ‘n jirtu

            Lamas nama hin deessu

            Idduma kamittuu seera uumaa hin tartuu!!!!!!!

                                       B/sa D/n Shaanbal Nuguseen.

BIFA ISAA NI QABUU

Waa’ee isaa farfaatuu sagalee kaasanii

Ittinis kakatu maqaa isaa waamanii

Garuu ……………………garuuuuuuuu!!!!!!

Garuu maal godharee Kana hunda guutanii

Bifaan fakkaatanii,humna isaa gananii

Isas fakkatanii yoom akka isaa ta’anii

Duuba miidhaganii keessa fokkisanii

Yeeyyiidha isaanii yoom Hoolaa ta’anii

Yoomu wal-hin argu ta’uuf fakkaachuunii!!!!!!!!!!!!!!

       B/sa D/n Shaanbal Nuguseen.

Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa

Dubbii qulqullootaa

Kutaa-1ffaa

                                   Qulqullummaan maalidha?

Qulqulluu jechuun “qulqulleesse” kan jedhamu irraa kan dhufe yoo tahu hiikni isaas:-galateeffate,file,addaan baasee kabaje jechuu dha. Qulqullummaan bakka lamatti qoodamu danda’a.

A) kan kennaa (የፀጋ ቅድስና) waaqayyo irraa kennaadhaan(laataan) kan argame jechuu dha. Kunis kan laatamu uumamtootaafi dha. Ani waaqayyoo qulqulluu waanaan ta’eefi isinis qulqulluu ta’aa. Zel 19:2

B)Qulqullummaa Akkeenyaa(የባህርይ ቅድስና) kan jedhamu qulqullummaan isa irraa kan addaan hin bane,eenyuyyuu irraa fudhachuu hin dandeenye qabeenya mataasaa kan ta’e jechudha. Inni kun waaqa duwwaafi dha.

Jechi qulqulluu jedhu uumamtoota keessaa warra kana gadiif ooluu danda’a.

  1. Ergamoota qulqulloota (ቅዱሳን መላእክት): Uumamaan qulqulloota kan ta’an jireenyi isaanii qulqullummaan kan guutame qulqullota dha. Addunyaa hafuuraatti (በመንፈሳዊ አለም) samii irrattis lafarrattis Waaqayyoo fi nama fuulduratti hojii hafuuraa hojjetu. Hojii kanatiin Waaqayyoo fi qulqulloota wajjin tokkummaa qabu. Sa’atii fi guyyaa uumamanii jalqabanii faarsaa fi galata Waaqayyoof dhiyeessuu irraa adda hin baane. Isa 6:7,ra’I 4:8. Galanni Waaqayyoof dhiyeessan boqonnaa isaaniiti, boqonnaan isaanii galata Waaqayyoof dhiyeessani dha. Kana wajjiniinis kennaa Waaqayyoo gara namaa,kadhaa fi aarsaa namaa immoo gara Waaqayyoo nuuf geessu. Dan 9:22,hoj.du. 10:4. Boqonnaa malee waaqayyo sa’aatii 24 guutuu kan tajaajilani dha.
  1. Bakkeen Qulqullaa’oo( ቅዱሳን መካናት) :Iddoo hunda irraa adda ta’anii waaqayyoo hojii gurguddaa kan itti hojjete kan akka Gadaamii fi mannen kiristaanaa dha. Kanaaf bakka filatame waan tahef Waaqayyo museen bakka Dabra Siinaatti waamee akkas jedhe:Seera bah.3:5 as hin hiiqiin iddo ati dhaabatte qulqulluu waan ta’eef kophee kee miila keerraa baasi. Iya 5:13-15 manni kiristaana keenya fakkeenya kana godhattee kophee keenya akka miila keenya irraa baasnee gara mana qulqullummaa akka seennu nu ajajji. Qulqulluun Pheexiroos immoo ulfina mootummaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosin,waaqummaa Isaa bakka Dabra Taaboritti yeroo nuuf ibsetti akkasumas tokkummaa fi sadummaa ifatti yammuu nu hubachiisetti yaadachuun “Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos humni isaa,deebi’ee dhufuun isaas isin biratti akka beekamu yammuu goone,nuyi surraa guddina isaa ija keenyaa arginee beeksifne malee,mammaaksa ogummaadhaan yaadame duuka buune miti. Inni Waaqayyo biraa ulfinaa fi guddina yammuu fudhate sagaleen “kun ilma koo isa ani Jaalladhu,isa gammachuun koo itti raawwatamu dha” jedhu isa guddicha surra-qabeessa” sana biraa dhufeeraafii,Nuyi warri gaara qullaa’aa gubbaatti isaa wajjin turre immoo,sagalee waaqa irraa isaaf dhufe kana dhageenyeerra ” jechuun gaara sana qulqulluu jedheera.(2fa.phex.1:16-18) kuni hundi Kakuu Haaraa keessatti kan argamu dhiiga Kiristoos irratti kan hundaa’e fakkenya bakkeen qulqullaa’oo (ቅዱሳን መካናት ) faadha.

Bakki qulqulluu kana kan filate,kabaje fi qulqulleesse Waaqayyo mataasaa dha. Akkasumas Kakuu Moofaa keessatti mootichi Solomon Waaqayyoof kan tahu Bataskaanaa erga ijaaree xumuree Waaqayyoo bakka qulqulluu mootichi Solomon kadhaa isaa itti dhiyeesse dha (2ffa sena bara 6:18-32,7:1-18). Kanaafidha egaa Waaqayyo bakka qulqulluu kan qulqulleesse bakka kabajaan kan guutame kan jenneefuu.

          

Haratoo Dabre Tsiyoon Qulq.Maariyaam(Horro Guduruu Wallaggaa)

  1. Guyyoota qulqullaa’oo (ቅዱሳን ዕለት) :-Waaqayyoo hojiiwwan gurguddaa guyyaa itti hojjete dha.(seera uum.2:2-3) Waaqayyoo guyyaa torbaffaa eebbise,qulqulleesses. Kanaaf guyyaa waaqayyo itti dhalate, fannifame,cuuphame,du’aa ka’e,afuura qulqulluu ergamootaf erge fi kkf guyyoota qulqulluu jedhamu.
  2. Qodaa ykn mi’a qulqulluu (ቅዱሳን ንዋያት):-mini mana qulqullummaa keessatti tajaajilan kun qulqulluu dha.
  3. Namoota qulqulluu (ቅዱሳን ሰዎች):-Namootni Qulqulluu hojii garaa garaaf garuu kaayyoo tokkoof Waaqayyo kan isaan waame dha. Waamamuu qofa otoo hin tahin kan waamaman keessaa adda bahanii kan filatamani dha. “Kan waamaman baay’ee dha kan filataman garuu muraasa dha.” Kan jedhame kanaafi. (Mat 22:14). Namoota waaqayyo sirriitti amananii karaa Isaa irra deemani dha. Isaanis:Qulqullota Raajotaa(ቅዱሳን ነቢያት),Qulqulloota Duuka Buutotaa(ቅዱሳን ሐዋርያት),Qulqullota Toltoota (ቅዱሳን ፃድቃን),Qulqulloota Wareegamtoota (ቅዱሳን ሰማዕታት),Qulqullota Abboolii(ቅዱሳን አበዉ),Mootota Qulqullootaa(ቅዱሳን ነግስታት),Qulqulloota Beektotaa(ቅዱሳን ሊቃዉንት),Qulqulloota Phaphaasii(ቅዱሳን ጳጳሳት),Qulqulloota Monokosaatii(ቅዱሳን መነኮሳት), isaan keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.
  4. Qulqulloota Wareegamtoota(ቅዱሳን ሰማእታት):-Du’aa fi gidiraa adda addaa otoo hin sodaatiin waa’ee waaqayyoo kan dhugaa bahani dha….(Ibira.11:8:-)dhugaadhaaf reebamanii qoramanis magaaziidhaan tarsaafaman,albeedhaanis ajjeefamanis hunda dhabanii gidiraaf ta’ani. Fkf: Qulq. Isxiifanos,Qulq. Giyorgis,Qul.Morqoriyos
    1. Qulqulloota Toltoota (ቅዱሳን ጻድቃን);-Warri kuni immoo akkuma gooftaan gadaamii Qoronxositti galee guyyaa 40 fi halkan 40 soome fi kadhate, isaanis isa hordofanii kan qaban dhiisanii,addunyaa tuffatanii,gidiraa adda addaa fudhatanii,monokosanii bahitaawwii ta’anii gadaamiikanjiraatanidha.Fkf:Qulq.Inxoos,Qulq.Phaalamon,Qulq.Teklehayimanot.
    2. Qulqulloota Beektota(ቅዱሳን ሊቃወንት):-warri kuni immoo akkuma gooftaan addunyaa kana irratti waggaa sadii fi ji’a sadii barsiise,fakkeenya godhatanii addunyaa kana warra barsiisani dha. Fkf :Qulq. Atinaatiwoos,Qulq.Yohaannis Afewerq,Qulq.Qeerlos fi kkf dha.
  5. Kitaabolii Qulqullaa’oo (ቅዱሳን መጻሕፍት)፡Kitaabolii qulqulluu kan jedhaman kakuu Moofaa fi Haaraa kan monokosotaa fi Beektotaa akkasumas Kitaabota dhalatoo faadha. Qulqulloonni Raajotaa fi Duuka Buutotni afuura qulqulluun gaggeeffamuunbaroota garaagaraa Afaan (qooqa) garaa garaatiin kan barreessan,soba fi shakkii irraa adda kan ta’an,namaan sadarkaa qulqullummaa kan geessisu kan ulfina qaban tahuu isaanii Kakuu Moofaa fi Haaraa walitti kan qabate dha.
  6. Fakkiiwwan Qulqullaa’oo (ቅዱሳት ሥዕላት): Mana Kiristaanaa keenya keessatti Waaqayyoon,Dubre Qulqulleettii Maariyaamiin,Duuka Buutotaa,Toltoota,Wareegamtoota fi Beektotaa kan ibsan fakkiiwwan baay’een jiru. Qulqulluu kan jedhamaniifis:
    1. Addunyaa foonii kan ibsan fakkiiwwan addunyaa irraa gonkumaa adda tahuu isaaniiti.
    2. Fakkiiwwan mataansaanii raajota garaa garaa waan raawataniif qulqulluu isaan jechisiiseera.
    3. Fakkiiwwan Qulqullootaa ta’uun isaanii qulqulluu jechisiisera.

Hiikaan Dn Zalaalam Daggafaa

Madda

   Dubbii Qulqullootaa kan yaa’ii mooraa