“Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.”

                      “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” Mat 21: 9

                                                          Biraanuu Dajaneetiin

                                                                30/07/2009 B.A

     Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin   akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

     Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee duuka buutota isaa lamaan waamee “gara mandara fuuldura keessanii deemaa achittis harreen ilmoo ishee waliin hidhamte hiikaatii naafida! Eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachisu jedhaanii!’’ jedhee erge. Daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee erguun isaa fayyinni uummataa kan fannoo isaatiin raawwatu dhiyaachuu isaa ibsuufidha. Gama biraatiin ammoo harroonni hedduun kan hin hidhamne mandara sana keessa osoo jiranuu kan hidhaman filachuun isaas harroonni kun hattuun hatamtee kan hidhamte waantaateef “eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachifti jedhanii” jedheen. Kunis harreen kun kan isaa kan hintaane ni callisa jechuu isaati. Haaluma kanaan gooftaan isaan uumeera waan ta’eef dhala namaa ni barbaada.Kana irratti mandarri fakkeenya si’oolii,harree fi ilmoon ishee Addaamii fi ijoollee isaatiin, hidhamuun isaanii cubbuun hidhamuu, hattuun immoo Daabiloosiin fakkeeffamu. Har’as Gooftaan kan cubbuudhaan hidhaman hunda nibarbaada. kanaafuu luboota hidhaa cubbuu irraa nuhiikan nuuf kenneera. Mat 16;19:­­­­­­­18;18 Yoha 20;23

   Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka bu’oota lamaan kan inni ajaje hunda raawwachuun harree ilmoo ishee waliin hiikanii fidaniif. kooraa dhisanii uffata isaanii irra afuun immoo inni kan beekuwaan ta’eef iccitiin isaas kooraan ni quuqa,uffanni garuu hin quuqu. Kunis kan agarsiisu abboommiin jaalalaa/Seerri Waaqayyoo/ kan hinquuqne waan ta’eef abboommii wangeelaan jiraadhaa jechuu isaati. Gara Iyyaruusaalem yeroo galu uummanni baay’een “harreen ati irra teessellee lafa dhaabachuu hin qabdu” jedhanii uffata isaanii karaarratti afaniiru. Isaan kaan meexxii , baala ejersaa muruun karaa irratti afaa turan.

   Akkuma dursee faarfataa Daawit faarfatetti uummanni Gooftaan keenya gara Iyyaruusaalem yommuu galu hafaa qofaan osoo hintaane “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif! Inni Maqaa Gooftaan dhufu galateeffamaadha Hosaa’inaa samii irratti’’ jechuudhaan galateeffatan. Dhuma irratti magaalattiinis niraafamte. Uummannis “kun eenyu?” jechuudhaan wal gaggaafatan. Uummannis kun Naazireet Galiilaa irraa kan dhufe raajicha Iyyasuusidha jedhan. Innis gara mana qulqullummaa galee kan gurguranii fi bitan hunda baase…mannikoo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera, isin garuu holqa saamtotaa taasiftan. Mana qulqullummaattis qarodhabeessaa fi kan qaamni isaanii laamsha’e gara isaatti dhiyyatan/dhufan/ innis isaan fayyise. Mat. 21:1-15

Egaa Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenya gara Iyyerusaalem deemuun mana qulqullummaa isaa keessaa daldaltootaa fi warren malaqa jijjiiran ar’ee mana isaa kabaje dha. Guyyaan kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosa’inaa samii irratti ilma Daawitiif”jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu. . Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.