Sooma Raajotaa

Sooma Raajotaa

Sooma jechuun yeroo murtaa’eef nyaatotaafi dhugaatiiwwan bu’aa beeladaa ta’aniifi nama macheessan iraa lagachuu jechuu dha. Isaan kunis foon namaa gabbisuun cubbuutti kan nama saaxilaniifi mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf kan uumamte lubbuu keenya kan daandiisaarraa fageessani dha. Qulqulloonni qaama isaanii dadhabsuuf kan soomaa turan ,nyaatni biyya lafaa foon namaa gabbisuuf malee lubbuu keenyaaf akka faayidaa hin qabne hubatanii jiru. Kanumaaf Qulqullichi Daawit faarsasaa keessatti soomaan of dadhabsiise; qaamni koos dhadhaa dhabuun huqqate” jechuun kan barreesse (Faarsa 108/109:24)

Soomni ajaja jalqabaa ta’uun abbaa keenya Addaamiifi haadha keenya Hewaanitti kan himame dha. Bara Gannata keessa turan baala du’aaf isaan saaxiltu sana akka hin nyaanne itti himamee ture. Yoo isheerraa nyaatan du’a bara baraa akka du’an dhagahanii turan, garuu kana darbuun nyaachuun duuti isaan booji’e.(Uuma. 2:16). Warri seera Waaqaaf abboomamuun soomaa turan balaafi du’a jalaa baraaramaniiru. Qulqulluu Iziraanis diinota karaatti isaan eegaa turanirraa Waaqayyoo isaan eegaa akka ture, kadhaa isaan kadhatanis akka Gooftaan isaan dhagaye nutti hima.(Izi.8:21-23).Kana malees Qulqullichi Iyyu’eel raajiisaa keessatti “Sooma ulfeessaa” jechuun nuu dhaameera (Iyu.2:1).

Raajonnis ta’an Dduuka bu’oonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos ajajuma kanarratti hundaa’uun soomaa turan. Soomuun isaanii ammo fooniin gaddanii, gammachuu lubbuu gonfachuun cubbuu mo’achuu danda’aniiru. Uummatnni Nanawee sababa soomaan du’arraa akkuma baraaraman, nutis akkuma uummata sanaa yoo qalbii jijjiirrannee laphee cabeen soomne du’arra ni bararamna. Abbootiin keenya waa’ee soomaa akkana jechuun ibsu: “Soomni haadha kadhannaa, obboleettii callisuu, burqaa imimmaan qalbii jijjiirrachuu isa dhugaafi hundee eegala qabsuura hundaa ti” (Kitaaba Monoksootaa, 316). Walumaa galatti, Soomni ajaja Gooftaa keenyaa waan ta’eef akkuma warri qulqullummaan soomuun fayyadaman sana nutis yoo soomne faayidaa arganna.

Gara ka’umsa keenyaatti deebinee waa’ee sooma raajotaa haa ilaallu. Raajotni hundumtuu ajaja isaaniif kenname hojiirra oolchaa otoo daandii Waaqayyoorraa adda hin bahiin tajaajilaa turaniiru. Kaayyoon soomasaanii inni guddaan waa’ee nama ta’uu Waaqaayyoo arguuf hawwuudhaani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Addaamiifi ijoolleesaa fayyisuuf “samiirraa bu’een, dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa” jedhee waadaa galuun abdii laateefii ture. Fiixaan bayiinsa waadaa kanaaf Gooftaan keenya samiirraa bu’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Qulqullootaa Dubroo Maariyaamii uffatee nama ta’uun ni dhufa, ni dhalatas jedhanii abdiifi obsaan waan eeggachaa turaniifi dha.

Abdiin isaaniis otoo hin fashaliin akkuma qalbii qulqullummaatiin soomaa turan sana, Gooftaan keenyas isaan hin qaanessine; akkuma tokkummaan walii galuun sooman, kadhannaan isaanii dhagahamee guyyaa dhumaa baatii Mudde, Beeteliheem dallaa Loonii keessatti dhalate. Raajotni baatii tokkoofi walakkaaf soomaa Dhalachuu Gooftaa keenyaaf mi’aa addunyaa kana irraa of lagan. Nutis kana hubannee yoo hojiirra oolchinee Waaqayyoon tajaajillee sugaafi eebba isaatiin fayyina arganna.

Waan gaarii hawwuun, foonsaanii abboomaa badhaasa afuuraa bor argachuu danda’aniif of qopheessaa turan. Nyaata foonii beela’uun dhalachuufi nama ta’uu fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos arguuf ija afuuraan ilaalaa turan; boodarra isaan du’aan daangeffamanillee dhalachuunsaa dhugaa ta’eera. Kan isaan daawitii raajiin arganii dubbatan ifa ba’ee mul’ate; dirreen Beetelheemis ililleettiifi gammaachuun guutamte.

Akka dudhaafi barumsa mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaatti, baatiin sooma Raajotaa kutaalee adda addaa ni qaba. Keessumaayyuu, torbeewwan sadan guyyaa Dhalootaa dura jiran moggaasa adda addaa ni qabu:

  1. Lallaba (ስብከት) Faarsa 143:7
  2. Ifa (ብርሃን)
  3. Tiksee (ኖላዊ) (Faarsa 79/80:1) Noolaawii jechuun afaan gi’iiziin tikee jechuu dha. Gooftaan keenya halkaniifi guyyaa hamaa hunda irraa kan nu tikisu ta’uu kan itti lallabamudha.

Hangafni Raajotaa Museen soomuun ajajawwan kurnan Waaqayyoorraa fudhachuuf carroome, Nahiimiyaanis Gooftaa samii fuulduratti soomaa ture (Nah.1:4). Soomni nyaatawwan gosa fooniifi dhugaatiiwwan cubbuuf nama kakaasan qofaa lagachuu otoo hin ta’iin badiiwwan hundumaa raawwachuufi fagaachuu irraas ta’uu qaba. Qulqullichi Yaareedis ይጹምዐይንይጹምልሳን፥ዕዝንኒይጹምእምሰሚዐሕሱምበተፋቅሮ፤jaalala bu’uureffachuun ijji waan hamaa arguurraa haa soomu, arrabni hamaa dubbachuurraa haa soomu, gurris hamaa dhagahuurraa haa soomu››jechuun ibseera (Tsoome Digguwaa).

Akkuma Raajotni waan gaarii barbaachaaf soomaan Waaqayoo fuulduraatti eebba argatan sana nutis sooma dhugaa soomnee akka eebba Gooftaa keenyaa argannu Inni nu haa gargaaru. Sugniifi Eebbi Raajotaa hunduma keenyarra haa bulu. Ameen.