Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef

in Tibbana

Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef

                                                           Faar. 59:4-5

Manni Kiristaanaa Ortoodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaanota haala hawwataa fi miidhagaa ta’een kabajju keessaa tokko ayyaana Masqalaa (Fannooti). Barreeffama kana keessatti seenaa Fannoo, Fannoo kakuu moofaa fi haaraa keessatti, barumsa amantaa dubbii Fannoo, Gooftaan keenya maaliif akka Fannoo irratti fannifame, akkasumas humnaa fi kabaja Fannoo ilaalla.

Fannoo Kakuu

Moofaatti

“Namni kamiyyuu badii du’aaf isa geessisu yoo raawwate, akka du’us yoo itti murtaa’e, mukarrattis yoo fanniste, mukarratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaaramedhaatii reeffi isaa mukarra hin buliin, Waaqni kee lafa eebbisee siif laate akka hin busheessine guyyuma sana awwaali” (Keessa Deebii 21:22-23) seerri jedhu barreeffameera. Caqasa kana irraa wanti hubatamu namni tokko fannoon kan adabamu yakka cimaa fi du’aan adabsiisu yoo raawwatedha.

Bara durii irraa eegalee moototni namoota yakka raawwatan ykn immoo raawwatan jedhanii amanan bifa garaagaraatiin adabaa turan. Kanneen keessaa fannisuun adabuun mala tokkodha. Fannoodhaan nama adabuu kan eegalan warra Faars ta’uun ni dubbatama. Barreessaa seenaa kan ture Heroodotes inni Giriikii (Dhaloota Kiristoos Dura (Dh.K.D) 522-486)) mootii Faars kan ture Daariyoos jiraattota 3000 fannoon adabuu isaa barreesseera. Giriikonnis adabbii kana itti fayyadamaa turaniiru. Bara 267 Dh.K.D mootichi Anxiyaakoos jedhamu biyya Yihudaa to’annaa isaa jala wayita oolchee turetti Yihudoota waaqa tolfamaa (xaa’ootii) Giriikitti hin amannu jedhan fannoodhaan adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon kan barreesse yoo ta’u, namoota fannoon adabuun yeroo kanaa eegalee Yihudoota biratti hojiirra ooleera. Moototni Impaayera Roomaa duriis fannoodhaan nama adabaa turaniiru. Haa ta’u malee Israa’eel hanga bara 267tti (Dh.K.D) nama yakka dalage dhagaan waraanu malee fannoon adabuun hin turre.

 

Kanaaf fannoon mallattoo abaarsaa ykn adabbii ture. Kana jechuun garuu fannoon ykn mallattoon fannoo guutumaan guutuutti mallattoo abaarsaa qofaa ture jechuu miti. Sabni Israa’eel wayita galaana diimaa qaxxaamuruun bittaa Fara’oon (maqaa moototni Misiraa durii ittiin waamamaniidha) jalaa gara Kana’aanitti deemaa turanitti karaa irra osoo jiranuu gumgumuu isaaniitiin Waaqayyoo itti dheekkame. Uummaticha irrattis bofa gadi itti lakkisuun akka hidduun taasise. Boodarra garuu gaabbuun gara Waaqayyootti yeroo deebi’an “bofa nahaasii (bronze) tolchiitii iddoo mul’atutti fannisi (rarraasi). Kan hiddame hundi yoo arge lubbuun ni jiraata” jechuun Waaqayyo Musee ajaje (Lakk. 21:1-9). Bofti nahaasii sunis saba Israa’eel dheekkamsa itti bu’e irraa fayyuuf sababa fayyinaa ta’eef.

Egaan bofti Nahaasii kuni raajiidha. Bofti nahaasii hin cubbine, garuu warreen cubbanii fi daddarban bakka bu’ee akkuma fannifame, bara guyyaan fayyinaa dhufetti Ilmi Dubroo Maariyaam Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo ta’ee osoo jiruu Waaqummaan isaa akka waan irraa mulqamuutti osoo hin yaadiin dhala namaa abboommii Waaqayyoo diiguun daddarbe /cubbe bakka bu’ee kan fannifame agarsiisuufi. Sabni Israa’eel cubbuu isaaniitiif bofni itti dhufe summaawaa ture; fayyina kan ta’eef bofni nahaasaa garuu qulqulluudha. Kunis kan agarsiisu Addaam cubbuu isaatiin kan fide du’a ta’us, Kiristoos garuu Waaqa qulqulluudha. Bofa nahaasii sana warri danda’an ilaaluun, warri hin dandeenye sagalee isaa dhagahuun akkuma fayyan, waa’ee fannifamuu Gooftaas warri carraan yeroo irra oolche arganii, irraa baratanii, waliin nyaatanii dhuganii, raajiiwwan inni dalage arganii, warri boodarra jirru immoo barumsa isaa dhageenyee ni fayyina, fayyineeerras. Bofti Museen lafa gammoojjii Qaadees keessatti fannise kun fakkeenya Inni bara dhumaa dhala namaa cubbuu daddarbaa irraa baraaruuf Qaraani- yoorratti fannifamu ta’uu isaa barsiiseera. Wangeela Yohaannis 3:14 irratti “Museen lafa onaatti bofa nahaasii akkuma fannise, akkasuma kan Isatti amanu jireenya bara baraa akka argatuuf Ilmi namaa fannifamuu qaba” akkuma jedhu.

Sabni Israa’eel yeroo warra Amaaleeqotaa waliin wal lolaa turan Museen harka isaa bifa fannootiin yoo diriirsu Israa’eelni injifatu, yoo buuse immoo faallaa kanaa ture. Kanaaf, Israa’eel injifannoo akka galmeessisan yeroo Museen harka isaa diriirsuu dadhabetti Aaroonii fi Hoor harka Musee deeggaranii qabaa turan. Amaaleeq fakkeenya Seexanaa, Museen kan Kiristoos, Harki Musee immoo kan fannoo ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fannoorratti harka isaa diriirsuun bara dhumaa akka Diyaabiloosiin injifatu kan agarsiisu ture.

Gama birootiin, sabni Israa’eel bara dhumaa Fannoon araaraa fi fayyina akka argatan bifa garagaraatiin abdiin laatamaafii ture. Raajiitiinis itti himameera. Qulqulluu Daawiit “xiyyee jalaa akka miliqaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteef” (Faar.59:4-5) jechuun kan faarfate bara kana mallattoo fayyina keenyaa kan ta’e fannoon nuuf laatamuu fi mallattoo kanaanis kiyyoo seexanaa jalaa akka miliqnuu fi miliqne ta’uu ragaa baha.

Fannoo Kakuu Haaraatti

Kakuu Haaraa keessatti fannoon mallattoo abaarsaa ta’uun isaa hafee kan raajiin dubbatamaa ture itti raawwatee fi fayyina dhala namaatiif mallattoo ta’uun isaa (xiyyee diina jalaa ittiin miliqan) kan itti mirkanaa’edha. Ayyaana Masqalaa (Fannoos) akka kabajnu kan bu’uura nuuf ta’e Fannoo Gooftaa kan Seexanni ittiin injifatamedha.

Raajiin akkas ture:- “Dhugumatti miidhaa keenya ni fudhate, dhukkubbii keenyas ni baate,…Inni garuu waa’ee daddarbaa keenyaaf ni madaa’e, waa’ee badii keenyaafis ni bullaa’e, badiin dheekkamsa keenyaas Isarra ture, madaa’uu Isaatiinis ni fayyine” (Isa.53:4-5). Qulqulluu Pheexiroos raawwii raajii kanaa akkas jechuun ibsa – “Kiristoos ofiisaa Qulqulluu ta’ee osoo jiruu nuun gara Waaqayyootti dhiyeessuuf waa’ee cubbuuf jecha yeroo tokko du’eera; fooniin du’e, afuuraan garuu jiraataadha” (1Pheex.3:18), “cubbuuf duunee qulqullummaaf akka jiraannuuf Inni Ofiisaa foon Isaatiin cubbuu keenya mukarratti (fannoorratti) baate” (1 Pheex. 2:24). Egaan Addaam daddarbaa raawwateef jannataa yeroo arii’amee eegalee waadaan fayyinaa laatameef kan raawwate Gooftaan keenya fannoo irratti fannifamuu isaatiini.

Iyyasuus Kiristoos maaliif fannoo irratti akka fannifamee du’u itti murtaa’e? Deebii isaa gabaabsinee armaan gaditti dhiyeessina.

Du’a sababa daddarbuu Addaamii fi Hewaaniin dhala namaa irratti barootaaf fe’amee (aangeffamee) ture aangoo isaarraa haquuf:- Yihudoota biratti fannoorratti kan fannifamu nama yakka cimaa dalage akka ta’e ilaalleerra (Keessa Deeb.21:22, Gal.3:13). Kanaaf Yihudootni Iyyasuus Kiristoos yakka dalage jedhanii waan amananiif fannifamee akka du’u itti murteessan. Yihudootni yakka dalageetu jedhanis garuu yakki Inni dalage dhukkubsattoota fayyisuu, jaalalaa fi dhiifama taasisuu, lallabuu, uummata beela’e kan gabaa shan ta’u buddeenaa fi qurxummii muraasaan quubsuu fi kkf ture. Garuu duuti fannoo itti murtaa’e. Sababa Addaamiin du’a dhala namatti murtaa’ee ture du’uu Isaatiinis duuti ni injifatame. Nutis faaruu injifannoo ni faarfanne “yaa du’aa injifannoon kee meerre ree?” jennee.

 

               

Inni Abbaa ogummaa ogummaa caaluu ta’uu Isaa mul’isuuf:- Yihudootni Kiristoos (Masih) durbeerraa dhalatee akka isaan fayyisu raajii dubbatametti ni amanu turan. Kiristoos isaan eegaa turan garuu abbaa waraana hedduu, abbaa aangoo lafarraa qabu kan bittaa Roomaa jalaa isaan bilisoomsu ture. Haa ta’u malee, haala isaan eegaa tureen hin dhufneef. Kanaaf Inni ‘Masih” miti jechuun akka du’u itti murteessan. Inumaayyuu Inni Gooftaa samiif dachee ta’ee osoo jiruu gola horiitti dhalate, fannoorratti fannifame. Akkuma saba Israa’eel galaana Eertiraa ceesisuuf Ulee Musee fayyadame (Keessa Deebii 14:21), uummata hiddaa bofaatiin dararame bofa nahaasiitiin fayyise (Lakk.21:4-9). Kanaaf Diyaabiloos ogummaa Isaa kana baruu dadhabee injifatame. “Ogummaan kan guutamte, dhumni miidhagaas si’idha” (Hiz.28:12) kan jedhame Diyaabiloos ogummaan isaa ogummaa isa caaluun jalaa fashalaa’e.

Raajiin dubbatame akka raawwatamu:-Sabni Israa’eel gara Kana’aanitti wayita imalan gumgumuu isaaniirraa kan ka’e bofaan akka hiddamanii fi boodarra garuu Museen bofa naasaa fannisee warri isa ilaalanii fi sagalee isaa dhagahan akka fayyan ilaalleerra. Kun yeroof Israa’eel warra fooniif kan raawwatame yoo ta’u dhumni isaa garuu Israa’eel warra lubbuu kan jedhamnu nu kiristaanotaafi. Kanaaf warri fannifamuu Gooftaa Qaraaniyootti arganii fi nuti warri sagalee kana dhageenye cubbuu Diyaabiloos bofa fakkaatee Addaamii fi Hewaaniin dogoggorsuun Abbaa keenya Waaqayyorraa akka adda baanu nu taasiserraa fayyuuf sagalee fannoo ni dhageenya, dhagahuu keenyaanis ni fayyina, fayyineerras.

Jaalala Isaa mul’isuuf:- Waaqayyo Gooftaan keenya jaalala dhala namaaf qabu kan mul’ise wayita sanatti du’a namootni daran cubban ittiin adabamaniin adabameetu. Gooftaan samiif dachee uume ni reebame, qoraattiin mataatti kaawame, hancufni itti tufame, ajjjeefame. Inni garuu Abbaa dhiifamaati waan ta’eef “waan raawwatan hin beekaniitii dhiifama taasisiif” jechuun warreen gidiraa irraan gahaniif illee Abbaa dhiifama kan kadhateef. Egaa lubbuu ofii fannoorratti dabarsanii namaaf laachuu jaalalli caalu jiraaree?

Araara buusuuf:- Addaamii fi Hewaan abboommii Waaqayyoo diiguu isaaniirraa kan ka’e dhalli namaa fi ergamootni waldhabanii seensi jannataa waggoota kuma hedduuf seefii Suraafeeliin eegamaa ture. Kanaaf dhalli namaa alagaa fi uummata jedhamee addaan walqooduun akka hafuuf harka Isaa bitaa fi mirgatti diriirsee fannifame.Misiraachoo wangeelaatiinistokko taasise.

 

Barumsa Amantaa Fannoo

Waa’ee fannoo dursee kan barsiise Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. “Fannoo kan hin qabanne, kan anaanis hin hordofne anaaf hin ta’u”, “Na duuka bu’uu kan barbaadu ofii isaa haa ganu, fannoo koo baatee anaan haa hordofu”

(Maat. 10:37, 16:24) jechuun. Egaa Gooftaan eenyuyyuu barataa Isaa ta’ee akka Isa hordofu bakka itti barsiise kamittuu waa’ee fannoo osoo hin kaasiin bira hin dabarre. Sababni isaas fannoon Diyaabiloos kan ittiin mo’atame, addunyaan kan ittiin fayye, dararamuu fi qabsuurummaa kan agarsiisu ijaa ta’eef oolmaa Gooftaan fannoorratti nuuf oole yaadachaa deemsa kiristaanummaa kan deemnudha. Egaa waa’ee fannoo osoo hin dubbatiin kiristaanummaa yaaduun ni danda’ amaaree?

 

Namnihaahafuutii, ErgamootniQulqulloonni illee waa’ee Gooftaa wayita lallaban fannoon giddu gala lallaba isaanii (center of preach) ture. “Kunoo Iyyasuus Isa fannifame akka barbaaddan…” akkuma jedhu (Mat. 28:5). Iyyasuus Isa fannifame yoo jedhu immoo kan Inni irratti fannifame dirqama yaadama jechuudha. Duuka bu’ootni Gooftaa yeroo Kiristoosiin lallabaa turan waa’ee dubbii fannoo yaadaa turan. “Nuti garuu Kiristoos Isa fannifame lallabna” (1Qor.1:23) akkuma jedhu. Mallattoon fannoo dachee qofa irratti osoo hin taane samii irraatii illee yeroo dhufaatii Gooftaa isa lammaffaa kan mul’atudha (Maat. 24:30).

 

Humna Fannoo  

“Jechi fannoo warra badaniif gowwummaa, nu warra fayyinuuf garuu humnadha” (1Qor.1:18). Caqasa kanarraa akka hubannutti fannoon kiristaanota hundaaf humna cimaadha. Diina keenya Seexana ittiin injifanna. Asirratti garuu namootni “tokko tokko” humna fannoo yeroo shakkan mul’atu. Inumaayyuu gaaffii “meeshaa waraanaa abbaa kee ajjeese ni jaalattaayii?” jedhu. Kun garuu gaaffii dadhabinaa fi lallaba Wangeelaa hubannoo keessa hin galchinedha. Sababni isaas jalqaba fannoorratti kan du’e eenyuu? Gooftaan hayyama Isaatiin fannoorratti fannifamus dhumarratti kan du’e garuu Diyaabiloosi. Gooftaan immoo du’a mo’achuun mirga Abbaa taa’eera hoo!

Kanaaf namoota Addunyaa kanaa hedduuf waa’ee fannoo lallabuun“gowwummaa” ta’us, kiristaanotaaf garuu mallattoo injifannooti, mallattoo fayyinaati, toora jaalalaati, dirree araaraati. “Addunyaan anaaf kan itti fannifame (hojiin addunyaa na biratti du’aa kan itti ta’e) anis addunyaaf kan itti fannifame Fannoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin alatti of-jajummaan narraa haa fagaatu” (Efe. 6:14). Egaa mallattoo of-jajummaa ta’uun ala maaltu jiraree? Mallattoo du’aa kan ture fannoon, erga mallattoo fayyinaa ta’ee akkamitti waa’ee isaa daran bal’isnee hin dubbanneree? Fannoon ala Kiristoos hoo lallabuu dandeenyaaree? Yeroo Gooftaan keenya fannifamu Seexanni Gooftaan dadhabaa waan itti fakkaateef (yeroo dallaa horiitti dhalatu, yeroo beela’u, yeroo gaddu arge ijaa ta’eef) akkuma bare lubbuu Isaa Si’oolitti galchuuf wayita itti dhiyaatu cancala abiddaatiin hidhee karaarraa maqse. “Kan nu mormu barreeffama gatii ajaja dhiibbaadhaan barreeffame ni diige, diina fannoorratti hidhee karaarraa isa maq-seera” (Qol. 2:14). Kanaaf fannoon mallattoo Diyaabil- oosiin aangoorraa miliqse waan ta’eef waa’ee fannoo dhagahuu hin barbaadu.

Fannoon raajii hedduu ni raawwata. Huccuun Qulqulluu Phaawuloos,gaaddidduun Qulqulluu Pheexiroos dhukkubsattoota fayyisaa erga turee (Hoj. 5:15, 19:11), Fannoon dhiigni Gooftaa irratti dhangala’e, lafeen Isaa irratti burkutaa’e, foon Isaa irratti ciccite, cufaan jannataa ittiin baname, Diyaabiloos ittiin injifatame, dhalli namaa ittiin fayyina argate caalaatti raajii hin dalaguuree?

 

Kabaja Fannoo

Manni Kiristaanaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa fannoon Gooftaan keenya hojii fayyinaa kan irratti nuuf raawwatee; lola namaa fi Waaqayyoo gidduu ture kan ittiin diige (Efe.2:14-17); hanga dhumaatti jabaachuu fi obsa qabaachuu kan nu barsiisu waan ta’eef Kitaaba Qulqulluu wabeeffachuun fannoof kabaja ni laatti. Kabajni kunis bifa armaan gadiitiin mul’ata:

 

Dhungachuun:- fannoorraa suga argachuuf ni dhunganna. Fannoo kan dhiigni Gooftaa irratti dhangala’e, fayyinni keenya irratti raawwate haa hafuutii fira jaalannu tokko illee ni dhunganna mitiiree? Jaalalli fannoo Gooftaaf qabnu immoo akkamitti kana hin caalleree? (Mah.1:2)

Eebbifamuuf:- Fannoon aangoo Diyaabiloos ittiin mo’atame, dhalli namaa ittiin fayyina argate waan ta’eef ittiin eebbifamna. Abbaan keenya Yaa’iqoob bara seera laphee ijoollee isaa wayita eebbisu harka isaa bifa fannootiin wal qaxxaamursiiseetu (Uma.48:12-14). Kun immoo kan bara booddee (kakuu haaraa) raajiidhaan waan itti mul’ateefi.

Mallatteessuun:- Yeroo mallatteessinu Gooftaan keenya samii samiirraa bu’uun, Dubroo Maariyaam irraa dhalachuun fannoo irratti fannifamee Si’oolii gara Jannataa nu galchuu Isaa dhugaa ni baana. Quba lammaffaa diriirsuun warreen kaan sadan dachaasuun wayita mallatteessinu humna fannoo ni agarsiifna. Qubni fakkeenya humna Waaqayyooti (Maat.12:28, Luq.11:20). Kanaaf humna Waaqayyoo dawootaasifachuun Diyaabiloosiin ni injiffanna jechuu keenyadha.

Mormarratti hidhachuun:- Fannoon xiyyee ittiin diina jalaa miliqnu ta’uu ilaalleerra. Mootiin Solomoon “yaa ilma koo ajaja abbaa kee eegi, seera haadha kees hin dhiisin, yeroo mara lapheetti qabadhu, morma keettis hidhadhu”

(Fakk.6:20-21) akkuma jedhu, waan itti amannuuf, morma keenyattis waan hidhanneef hanga dhumaatti amanamoo ta’uu keenya kan ittiin mul’isnu dha.

Ragaa bahuun:- Fannoon aasxaa injifannoo kiristaanotaaf laatamedha. Kanaaf aasxaa injifannoo ofii waan arge hunda irratti kan hin fakkeeffanneef, bakka deemu hundatti dhugaa hin baaneef hin jiru. Fannoon aasxaa of-jajummaa, aasxaa bilisummaa kiristaana maraati!

Ayyaana Fannoo kabajuun:- Ayyaannota Fannoo kabajaman keessaa inni tokko Fulbaana 17 (Masqalaa) si’a ta’u, kunis Fannoon Gooftaa Yihudootaan baroota hedduuf awwaalamee iddoo dhokatee turee akka bahu Mootittii Illeeniitiin lafa qotuun guyyaa itti eegalame ijaa ta’eefi dha.

Kabajni ayyaana Masqalaa kan biyya keenyaa damaraa qabaachuu isaatiin manneen kiristaanaa biroo irraa add- adha. Kunis fakkeenyummaa qaba. Akkuma olitti ibsame Yihudootni jibbaa fi sodaa qabanirraa kan ka’e fannoo Gooftaa awwaalanii turan. Iddoon awwaala isaas akka hin mul’anneef hanga naannoo bara 326f kosiin magaalaa akka irratti gatamu taasisuun dhoksaniiru. Haa ta’u malee, haadha Mootii Qosxanxiinoos (Constantine) kan taate mootittii Illeeniin fannoo kana baasuuf abjuu erga argiteen booda, maanguddoo gaafattee iddoo isaa shakkiin itti himan. Isheenis shakkii kana mirkaneeffachuuf ummatni Israa’eel muka walitti qabanii akka guban taasifte. Kanaan booda aarri isaa ol ka’ee gara tulluu fannoon Kiristoos jalatti awwaalameetti qubate. Iddoo inni jirus itti mul’ise. Haaluma kanaan iddoo kana qotuun Fannoon Kiristoos ni bahe. Fannoon haala kanaan qotamee bahe kunis gartokkeen isaa (inni harka bitaa) biyya keenya kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa Godiina Walloo Kibbaa, iddoo Gisheen Maariyaamjedhamutti argama. Sugni Fannoo nu faana haa ta’u! Ameen!X

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-09-24 12:09:412018-10-26 09:21:04Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame! Link to: Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame! Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa... Link to: Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate Link to: Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate
Scroll to top