Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

Kutaa 3ffaa

Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

i. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Dhuunfaa (Kan Cufatan)

                                                        Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Kadhannaan torbii dhuunfaa namni tokko qofaa isaa ta’uun manaa fi bakka kadhannaaf mijataa ta’etti kan inni qabatu, namni tokkollee osoo hin argiin iddoo kadhannaa isaa cufee sammuu guutuudhaan ta’ee, Uumaan isaa qofti akka isa arguu fi akka dhagahuuf dhuunfaadhaan Kadhannaa raawwatuu dha. (Maat 6:5-13). Bifa gosa kanaatiin, namni tokko yommuu Kadhannaa torbii galu, cufaa jedhama. Namni Kadhannaa torbii cufaa qabate waanta isa barbaachisu qabatee erga gara bakka kadhannaatti galcheen booda Kadhannaan torbii sun hanga dhumutti namaan walitti hin dhufu. (Faar 101:6-7)

ii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Waldaa

Kadhannaa torbii waldaa kan jedhame, luboonni, amantootni, dhiironnii fi dubartoonni, jaarsolii fi dargaggoonni waliin ta’anii Mana Kiristaanaa fi bakkeewwan mijatoo ta’an hundatti walitti qabamanii Kadhannaa torbii galanii dha. Amantootni Kakuu Moofaas gara Waaqayyootti deemuudhaan kadhachaa turan. 1Saam 1:9, Faar 121:1, Luq 18:10-14

Bara Kakuu Haaraattis, hordoftoota Duuka bu’ootaa kan ta’an, monoksoonni, luboonnii fi amanattootni, kawaalotatti, Mana Kiristaanaatti, mana barnoota Dilbataatti, sadarkaa xoofoo afooshaatti jajjabina afoosha isaaniif, afoosha isaanii keessaa isa tokko yommuu rakkoon mudatu Kadhannaan torbii waaldaan /gamtaan ni qabatamaa.

 

iii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Labsii

Kadhannaan toorbii labsii biyya irratti balaan battalaa, dhibee fi waraanni yommuu ka’u, akkasumas, miseensa amantootaaf adabbiin sodaachisaa ta’e yommuu mudatu, Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaa obsaan akka deebisuuf gosa Kadhannaa toorbii qabamuudha. Gosa Kadhannaa toorbii akkanaaf namoonni Nanawwee fi Israa’eloonni godaansaan Faars jiraachaa turan kanneen akka fakkeenyaatti caqasamanii dha. Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagahanii guddaadhaa hanga xiqqaatti guyyaa sadiif nyaata fi dhugaatii irraa of ittisuun tsoomuudhaanii fi kadhachuudhaan Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaas obsaan akka deebisu taasiseera. Kan biraa, Ayihuud godaansaan Faars jiraachaa turan ajaja Asteeriin Kadhannaa toorbii qabatanis kan caqasamu dha. Bara sana Arxeeksis Ayihud bakka jiranitti akka ajjeefamaniif yoo ajaju, ajjeechaa Sanyii guutummaa kana jalaa ooluudhaaf Ayihud Kadhannaa torbii labsiidhaan galaniiru. Asteer ol-galtee yommuu mooticha haasofsiistu uummanni biraa alarraa ajaja ajajanii Kadhannaa torbii galanii Uumaa isaanii kadhataniiru. (Asteer 4:16-28).

Biyya keenyattis, Kadhannaan torbii labsii kana fakkaatu bara Mootummaa Miniliik taasifameera. Faashistiin Xaaliyaan biyya keenya weeraruun bittaa ishee taasifachuuf daangaa ishee darbuun yeroo dhuftetti mootichi Miniliik, “Humna kan qabdu humna keetiin, humna kan hin qabne immoo kadhannaa keetiin na gargaari” jechuudhaan Kadhannaa torbii labsii qabachuun isaanii ni dubbatama. Kana bu’uureffachuudhaanis, kawaalota hundatti kadhannaan qabatameera; mootichis Taabota Giyoorgisii qabatanii addunyaa hedduu kan ajaa’ibsiise, gurraachonni birmadummaa isaaniitiif akka kaka’aniif kan dammaqse, injifannoo argameefi dhagahamee hin beekne argatanii Xaaliyaan ishee biyya keenya koloneeffachuuf yaadde qaanessuu isaanii miira olaanaan kan yaadannuu dha.

Qophii Duraa

Namni Kadhannaa toorbii galuuf barbaadu qophii dursaa taasisuun isarra jiraata. Qophii tokko malee Kadhannaa torbii galuun qorumsaaf nama saaxila. Kanaafuu, Kadhannaa torbii osoo hin galiiniin dura, yeroo Kadhannaa torbii fi yeroo Torbee Kadhannaa booda qophii taasisuun barbaachisaa dha.

Qophii Kadhannaa toorbii (subaa’ee) Duraa Taasifamuu Qabu

Jalqabatti sababa Kadhannaa toorbii galluuf adda baasnee beekuun barbaachisaa dha. Namni tokko kaayyoo Kadhannaa toorbii galuuf adda baasee yoo kaa’e, Kadhannaa torbii isaatiin booda argachuu fi argachuu dhabuu isaa ni hubata. Kun osoo hin ta’iin Torbee Kadhannaa yoo gale, Kadhannaa torbii booda waanti inni gaafate waanta hin jirreef hiika dhaba. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii galuu keenyaan duratti Kadhannaa torbii galuun maaliif akka nu barbaachise adda baasnee beekuun nurraa eegama.

Sababa Kadhannaa toorbii galuu murteessineef erga adda baasneen booddee, sababa keenya qabannee abbaa gaabbii keenya marii’achiisuun ni barbaachisa. Sababni isaas, gorsa lubaatiin deemuun jalqabumatti dirqama Kiristaanummaa waan ta’eefi dha. Kanarraan kan darbe, abbummaa isaanii fi muuxannoo jireenya isaaniitiin maal raawwachuun akka nuuf ta’u gorsa argachuuf deeggarsa nuuf taasisu. Kanafuu, Kadhannaa toorbii dura abbaa gaabbii waliin marii’achuun dirqama ta’a. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsaaleen adda addaa yoo isa mudatan, gorsa isaaf kennametti fayyadamee qorumsicha ofirraa qolachuu danda’a. Akkasumas, abbaan gaabbii isaa waqtii Kadhannaa toorbiitti kadhannaan akka yaadataniif yaadachiisuun isaa gahee mataa isaa qaba.

Kadhannaa toorbii galuudhaaf yommuu yaadnu, guyyoota meeqaaf turuu akka yaadne murteessuun ni barbaachisa. Kadhannaan toorbii hanganaa hanga hangasiitti nan tura jennee karoora kan irratti qabannuu dha. Akkaataa humna fi dandeettii keenyaatti guyyaa kanaa hanga guyyaa sanaatti jennee murteessuun Kadhannaa toorbii galuun barbaachisaa ta’a. Fakkeenyaaf: – muuxannoo tokkollee osoo hin qabaatiin namni tokko “holqa keessa nan tura” osoo jedhee faayidaa isaa irra miidhaan isaa caaluu danda’a. Sababni isaas yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsi waanta baay’atuuf, qorumsa isatti dhufu obsaan dabarsuu dadhabuudhaan Torbeen Kadhannaa addaan cituu danda’a. Kanaafuu, yeroon Kadhannaa toorbiin duratti humnaa fi dandeettii keenya giddu galeessa taasisuun murteessuun barbaachisaa dha.

Kan biraa immoo, yeroo Kadhannaa toorbii duraa keessatti Kadhannaa torbii sanaaf yeroo fi bakka mijataa ta’e filachuun barbaachisaa dha. Mana Kiristaanaa keessatti yeroo baay’ee Kadhannaan toorbii kan galamu, tsoomiiwwan hordofeeti. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii yeroon itti gallu yeroo tsoomii akka ta’ee fi hin taane adda baasuun barbaachisaa dha. Kadhannaan toorbii yeroo tsoomiitti qabamu nama hirmaatuuf faayidaan isaa baay’ee olaanaa dha. Sababni isaas, yeroo tsoomiitti abbootiin baay’een Kadhannaa toorbii waan qabataniif kadhannaa abbootii waliin kadhannaa fi himannaan keenya ol-bahuu ni danda’a. Kanaafuu, yeroo adda baasanii beekuun barbaachisaa dha.

As irratti garuu yeroo tsoomiitiin alatti Kadhannaan toorbii hin qabamu ilaalcha jedhu qabachuuf miti. Namni tokko yoo qorumsi isa mudate, yeroo kamittillee Kadhannaa toorbii galuu akka danda’u asirratti caqasuu ni feena. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii bakka itti gallu filachuu qabaanna. Kadhannaa toorbii galuudhaaf bakkeewwan filannu qorumsaaf kan nu hin saaxille ta’uu isaanii dhugoomsuun barbaachisaa dha. Kunis Kadhannaa toorbii erga galaniin booda sammuun keenya akka hin bittinnoofneef deeggarsa nuuf taasisa. Wacuu fi sosochiin bakka itti baay’atutti sammuu guutuudhaan kadhachuudhaaf hin mijatu. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii bakki itti qabannu kawaalonnii fi Manneen Kiristaanaa magaalaa irraa fagaatan filatamoo dha.

Qophii Yeroo Kadhannaa Toorbiitti (subaa’eetti) Taasifamuu Qabu

Yeroo kadhannaatti utubaatti, waan dhaabbatu kamittuu osoo hin hirkatiin, hirkoos osoo hin qabatiin miila lamaan sorooranii dhaabbachuudhaan kadhachuutu nurraa eegama. Akkasumas, fuula keenya gara bahaatti garagalchanii dhaabbachuu, asii fi achi, bitaa fi mirgatti mil’achuu dhiisuu, harka bal’isuudhaan yaada guutuudhaan ta’anii kadhachuutu barbaachisa. Faar 5:3, 133:2, Yoh 11:41.

Yeroo Kadhannaa toorbiitti walduraa duubaan kadhachuu qabaanna. Jalqaba irratti, Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon jennee qaama keenya hundumaa mallattoo Fannootiin mallatteeffachuu, jechoota “nan sagada” jedhan bira yoggu geenyus sagaduu, fannoo kan maqaa waamu bira yommuu geenyu of mallatteessuu qabna.

Itti aansuudhaanis, Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, faarsaa Daawiit, Galata Maariyaamii fi kanneen biroo kitaaba kadhannaa irratti argaman kadhachuun itti aansinee Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, kadhannaa Giiftii keenya Maariyaamii, kadhannaa Amantaa erga kadhanneen booda Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa daballee jechuun; sanaan booda si’a 41 maaloo naaf dhiisi/kiraalaayisoon jedhama. Kan biraa immoo nama subaa’ee gale tokkorraa wanti eegamu cubbuu isaa yaadaa gadduudhaan boowuu dha. Yommuu boo’us tokkoo tokkoo cubbuu isaatiif imimmaan buusuutu isarraa eegama.

Dhumarrattis, namni Kadhannaa toorbii gale tokko Kadhannaa torbii isaa osoo hin xumuriin yookiin Kadhannaa torbii isaa addaan kutee nama kamiyyuu waliin gonkumaa wal quunnamuu hin qabaatu.

Qophii Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Boodaa Taasifamuu Qabu

Kadhannaa dhiyaateef waanta Waaqayyo nuuf raawwatu obsaan eeguun nurraa eegama. Waaqayyo araaraa fi Kadhannaa dhiyeessineef akka hawwii laphee keenyaatti, akka arjummaa Isaatti, Inni yeroo jaalatetti nuuf raawwata. Namni Kadhannaa toorbii gale hundinuu mul’ata arguu dhiisuu danda’a. Sababni isaas, deebiin Waaqayyoo eenyuufuu ifa miti waan ta’eef. Kadhannaa toorbii booda jalqabatti kan nuti argannu nageenya sammuuti. Kunis kennaa Waaqayyoo isa guddaa dha. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii gallee kan yaadne dhabuun keenya yoo nutti dhagahame, lammaffaa qophoofnee hanga sa’aatii isa xumuraatti itti himachuu fi kadhachuutu nurraa eegama.

Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                               Kutaa 2ffaa

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                                           Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Waaqayyo jecha waadaa Addaamiif gale bu’uura taasifachuun dura bara Raajonni ka’an, itti aansuunis waa’ee nama ta’uu Iyyasuus Kiristoos, lammata deebi’ee dhufuu Isaas raajii dubbataniiru. Kadhannaa torbii lakkaawwataniiru. Isa 7:14, Faar 49:3, Zak 13:6, 14:1. Haalli dubbii raajummaa fi Kadhannaan torbee murtaawaa raaj-himeessa isa tokkoo kan raaj-himeessa isa biraa irraa addaa dha. Sababni isaas, Waaqayyo raajicha yommuu dubbisuu fi fakkeenyummaa isaas yommuu fakkeessu daandii isaa haala adda addaatiin ta’uu isaatiinii dha. “Durii jalqabee Waaqayyo akkaataa baay’ee fi daandii hedduun abbootota keenya raajotaan dubbateera” akkuma jedhu. (Ibr 1:1). Akkaataa lakkaawwii isaanii fi daandiin Kadhannaa torbii isaanii adda adda ta’us, kaayyoo fi galmi isaanii garuu tokkoo dha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Addaam

Addaam raajii dubbachuudhaanii fi kadhannaa torbee murtaawaa galuudhaan bakka jalqabaa qabata. Sababni isaas, Gannata keessatti, waggoota toorbaa fi ji’a tokkoo fi guyyaa kudha toorba badhaadhummaa fi gammachuudhaan erga jiraateen booda seera fi jecha Uumaa isaa cabsuu isaatiin gadda hiyyummaa tokko malee kan itti jiraatu Eedan Gannat keessaa arii’atameera. Uum 3:24. Innis Uumaan isaa akka itti araaramuuf, ija dhiifama Isaatiinis akka isa mil’atuuf, galaana qorri isaa dhaqna namaa kukkutu keessa dhaabbachuudhaan guyyoota soddomii shaniif Kadhannaa torbii shan galeera. Waaqayyo arjaan amalummaa Isaatiin gidirfamuu namaa hin jaalanne, guutummaadhaan gaabbuu Addaam ilaalee, “Guyyaa shanii fi walakkaatti dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jedhee abdii Isaa kenneef. Addaamis abdii kennameef qabatee biyya fooniitti waggaa dhibba sagalii fi soddomaaf erga jiraateen booda addunyaa rakkoo fi gidiraan itti baay’atu kana keessaa du’aan adda baheera.

 

Namni yakkaan himatamee mana murtiitti itti murteeffame guyyaa itti mana hidhaa seenee jalqabee ji’a fi guyyaa itti kana keessaa bahu akkuma lakkaawu, Addaamis si’ool bakka adabbiin lubbuu jirutti jiraachaa waanta tureef, abdii isaaf kennamme yaaduudhaan Kadhannaa torbii isaa lakkaawaa ture. Kan dubbate kan hin hambisne, kan hin raawwannes kan hin dubbanne, Gooftaan “Kunoo sin fayyisa” akkuma jedhee waadaa isaaf galetti barichi xumuramnaan nama ta’ee foon uffateeAddaamiin ijoollota isaa waliin bilisa baaseera. Addaamiin hordofuudhaan ijoollonni isaas: abbootonni raajonni qulqulloonni Kadhannaa torbii galuudhaan bara abdii sana lakkaawuudhaan hojii gaariidhaan hordofaniiru. Bu’uura kanaan raajonni baay’een tooftaa adda addaatiin Kadhannaa torbii lakkaawaniiru. Nutis raajota Kadhannaa torbii lakkaawan muraasa barreeffama kana keessatti akkaataa armaan gadiitti ni dhiyeessina.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Heenook

Abbaan keenya Henook, ilma Yaareed yommuu ta’u, dhalootaan Addaam irraa isa toorbaffaadha. Innis jireenya isaatiin Waaqayyoon gammachiisuudhaaf mana isaa dhiisee Kadhannaa torbii galuun fi hojii gaarii hojjechuun Waaqayyoon tajaajileera. Adeemsa isaa guutuus Waaqayyoon akka gammachiise, Kakuu Moofaa keessattis ta’ee Kakuu Haaraatti hojiin isaa gaariin ragoomeefii jira. “Henook adeemsa isaa Waaqayyo waliin taasifate” (Uum 5:22). Kana ta’uu isaatiinis, Waaqayyo gatii Kadhannaa torbii isaa Afuura Isaa qulqulluun gargaarsa Isaatiin waan irra bulcheef raajii dubbateera, Kadhannaa torbiis lakkaaweera. Samii keessatti fudhatameeosoo jiraatuu kitaaba waa’ee ergamoota qulqullaa’oo, waa’ee Masihichaa Iyyesuus Kiristoos, waa’ee deddeebi’uu aduu fi addeessaa kan eeru maqaa isaatiin barreesseera. Uum 5:21-24, Yihudaa lakk 14, Heenook 1:9

Subaa’ee Henook jedhamuun kan beekamu sun Kadhannaa torbii Henook safartuudhaan lakkaawee waan ta’eefi dha. Safartuun isaas lakkoofsa baay’ataa 35 yoo ta’u, 35×19 bu’aa isaatiin yoo baay’atu waggaa 665 ni ta’a. 665 x12 yommuu baay’isnu, 7980 ta’a. Yaadni kunis kan nu hubachiisu waa’ee dhufaatii Kiristoosiidha.

Addunyaan erga uumamee jalqabee bara nuti amma itti qaqqabne waggoota 7,509 ni ta’a. Kanas mirkaneessuudhaaf, waggaa 5500 irratti waggoottan 2009 ida’uudhaanii dha. Yeroo kanas waggaa armaan olitti keenye, 7,509 nuuf kenna. Akkaataa bu’uura lakkaawwii raajicha Henookitti, dhufaatiin Kiristoos bara 7980 tti ta’a. Armaan olitti lakkoofsa Henook lakkaawe qabachuun waggaa 7980 irra waggaa amma keessa jirru, 7,509 yoo hir’isnu waggaa 471 ni arganna. Kanaafuu, bu’uura Kadhannaa torbii Henookiin dhufaatii Kiristoos tahuudhaaf waggaan 471 ni hafa jechuudha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Daawiit

Raajichi Daawiit mootota Isra’eel keessaa mootii guddaa fi jaallatamaa ture. Barri mootummaa isaas Dhaloota Kiristoos Dura bara 1011-971 akka ture ni amnama. Raajichi Dawiit, akka laphee Waaqayyoo ta’uu isaati raajii dubbateera. Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. Kunis lakkaawwii (Subaa’ee) Daawiit jedhamuudhaan beekama. “Waggaan kumni Si fuulduratti akka guyyaa kaleessa darbiteetii” (Faar 89:4) kan jedhus barsiisonni yommuu lakkaawan waggaa 1,140 ni ta’a. Kunis Gooftaa biratti waggaan 1140 akka guyyaa tokko akka ta’etti raajicha Daawwiit dubbateera. Kunis Daawitiif lakkaawwii/ safartuu Kadhannaa torbii ta’uun tajaajileera. 1,140×7=waggaa 7,980 ni ta’a. Addunyaan kun erga uumamtee kaasee waggaa 7,980tti Kiristoos lammaffaa akka dhufu kan agarsiisuu dha.

Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Daani’eel

Raajichi Daani’eel ramaddiin isaa raajota gurguddoo keessatti dha. Israa’eloonni booji’amanii yommuu gara Baabiloon deeman, booji’amee gara Baabiloonitti bu’eera. Innis waa’ee dhufaatii Kiristoos raajii dubbateera; Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. “Sanbata toorbaatama lamiilee kee beellami” jedheera. Kunis Kiristoos waggoota 490 ykn (7 x 70) booda nama ta’uusaa raajii ibsu dha. “Hanga mooticha Kiristoostti, Manni Qulqullummaan ni ijaaramti, boodarras ni jigdi” jechuudhaanis dubbateera.

Tooftaan lakkaawuu isaa waggaadhaan yommuu ta’u, kunis waggoottan toorban akka Iyyaasuutti lakkaawuudhaanii dha. Kadhannaan toorbii kun Sanbata jedhama. Daani’eel Kadhannaa toorbii erga lakkaawee fi raajii erga dubbatee kaasee hanga Kiristoos dhalatutti waggaa 490 ni ta’a. Safartuun (baay’istuun) isaas torba yommuu ta’u, 7×70 yoo baay’isnu 490 ni arganna. Kunis raaj-himeessichi raajii erga dubbatee fi Kadhannaa torbii (subaa’ee) erga lakkaawwatee waggoota 490 booda dhalachuu Kiristoos kan ibsuudha.

Walumaa galatti, raajonni qulqulloonni armaan olitti ilaalle adeemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisuudhaan, Kadhannaa torbii galuudhaan, qajeelinaan jiraachuu isaaniitiin ajaa’iba kan ta’e dhalachuu fi deebi’ee dhufuu Kiristoos raajuudhaaf danda’aniiru. Kadhannaa torbii galuudhaan kan fagaate dhiyeessuu, kan hin mul’anne ol-baasanii mul’isuuf Waaqayyo biraa gahumsa kan argamsiisu ogummaa Afuurawaa ta’uusaa hubachuun barbaachisaa dha

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Barruulee Hamar, Adoolessa/Hagayya 1997 irraa kan hiikame

Baay’atus xiqqaatus, amantoonni baay’een keessa keenya kan ittiin ilaallu, arjummaa Waaqayyoos kan ittiin gaafannu yeroo kadhannaa torbii (subaa’ee) ni qabanna. Sababa yeroo dhabuunis ta’e ciminni dhabamuun hojii gaarii hojjechuuf kan hin dandeenye jiraannus, waa’ee kadhannaa torbii (subaa’ee) kan yaannu baay’ee keenyaadha. Kana ta’uu isaatiinis abbootni baay’een waan ittiin bu’aa buufataniif, kadhannaan torbii eessaa akka dhufee fi faayidaan isaa akkasumas, naannoo kana irratti qabxiilee wal qabatoo beekuu qabaannu irratti barumsa bal’aa osoo nuuf kennitani gaariidha.

                                                            

                                                                                                Fiqirta Sillaasee Finfinnee irraa

Yeroo mara dubbistoonni baay’een naannoo mata duree kanaa irratti qophiiwwan keenya akka dhiyeessinuuf xalayaadhaan nu gaafattaniittu. Kanuma bu’uureffachuun waqtii isaa ilaalcha keessa galchuun barreeffama kana keessatti ni dhiyeessina. Deebii isaas qindeessee kan nuuf dhiyeesse B/saa H/Maariyaam Laaqawu dha.

 

Sirna Kadhannaa torbii (Subaa’ee)

Kadhannaan torbii Maaliidhaa? Kadhannaan torbii madda jecha irraa dhufeen torba jechuu dha. Kadhannaan torbii hiika Afuurawaatiin kan namni tokko guyyaa kanaa hanga guyyaa kanaatti kadhannaadhaan Uumaa koo waliin nan quunnama jedhee karoora afuuraa karoorfatu dha. Lakkoofsi torba Israa’elota biratti hojiinis ta’e jechaan kan ibsu waan gonka ta’an dha. Fakkeenyaaf, uumaan addunyaa Waaqayyo guyyaa toorbaffaatti sirna Uumamaa erga uumeen booda boqochuun Isaa   amantootni guyyaatti al toorba kadhannaaf dhaabbachuuun galateeffachuun isaanii gonkummaa lakkoofsa toorbaa agarsiisa. Uum 2:2, Faar 18:164. Akkaataa kanaan namni tokko guyyoota toorbaaf yoo tsoomu, torbee kadhannaa (subaa’ee) tokko tsoome jedhama. Guyyoota kudha afuriif yoo tsoome, Kadhannaa torbii (subaa’ee) lama tsoome jechuun ibsama.

Kadhannaan torbii (subaa’een) Yoom jalqabame?

Kadhannaan torbii kan jalqabame kufaatiin booda nama jalqabaa Addaamiinii dha. Ergamoonni qulqulloonni, waa’ee kadhannaa Addaamiin akka barsiisan hayyoonni Kitaaba Qulqulluu ni dubbatu. Ergamoonni, Addaamiin yeroowwan/waqtiilee barsiisanii turan(Hiikkaa Sirna qulqulleessaa Maariyaamii). Addaam badiisaa amanee galaana keessatti Kadhannaa torbii galuu fi kadhachuu isaatiin, Waaqayyo jecha Isaa hin jijjiiramneen “Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jechuudhaan kakuu galeefii ture. (Qalemeenxoos, boqonnaa4).

Kadhannaan torbii (subaa’een) Maaliifi?

Dhalli namaa qaama cubbuu waliin wal-simatuun guyyaa guyyaatti uumaa isaa ni yakka. Sababa yakka raawwaateef immoo sammuun isaa isa ceepha’a; ni gaabbas. Cubbuu jalqaba ija jabinaan hojjeteef boodarra ni na’a. Kun sammuu nama uumamaa kamiyyuu keessatti mudannoo jijijjiiramuudha. Yeroo kanas dhiifama Uumaasaa argachuudhaaf ni yaada, ni gaddas. Qulqulluun Phaawuloosis “Keessa kootti, namummaan koo seera Waaqayyootiin ni gammada;haa ta’u malee, seera cubbuu kutaa qaama kootiitiin jiruun kan na booji’u/hawwatu seera biraa nan arga. Ani nama qullaa akkamiitii? Kanaaf namummaa duuti itti kenname kanarraa eenyutu na fayyisa?” jedheera. Room 7:22-25

Namni ija jabina isaatiin, abboommii Waaqayyo olaanaa cabsuudhaan seerri addunyaa yommuu isa dhiphistu ba’aa isaa kan ittiin salphifatuu fi kan ittiin balleeffatu ogummaan Afuuraa Uumaa arjaa irraa isaaf kennameera. Kunis dadhabbiin foonii xiqqoon kan hin murteeffamne, kennaa Waaqayyoo kan ittiin argatu sirna Kadhannaa torbiitiini dha. Durii hanga har’aatti, namni tokko addunyaa yaadoon guutamte kana keessatti afuurri isaa yommuu jeeqamu, tasgabbii lubbuu fi foon isaa deebisuudhaa fi kabachiisuuf tsoomuu fi kadhachuun dirqama isatti ta’a. Yeroo kana jabeessee Kadhannaa torbii gala.

                                                             a)  Waaqayyoon Kadhachuuf

Dhimmoota bu’uuraa namni tokko Kadhannaa torbii qabatuuf keessaa inni tokko Waaqayyoon kadhachuufi dha. Namni kamiyyuu Kadhannaa torbii yeroo galu guutummaadhaan gara Uumaa isaatti kadhannaan inni dhiyeeffatu jiraachuu qabaata. Waanti nuti gaafannuu fi waanti kadhannu osoo hin jiraatiin Kadhannaa torbii yoo galle/qabanne deebiin nuti argannu hin jiraatu. Haal-duree qophii tokko malee Kadhannaa torbii namoonni galan sagantaa Kadhannaa torbii sanaan booda maaltu akka isaaniif deebi’u waanti beekan waan hin jirreef dadhabbii isaaniitiin waanti isaan argatan hin jiru.

Kanaafuu, Kadhannaa torbii galuu keenyaan duratti, Kadhannaa torbii maaliif galla? jechuudhaan mataa keenya gaafachuutu nurraa eegama. Fakkeenyaaf, Kiristaanni tokko waa’ee naannoo jireenya dhuunfaa isaa, nageenya biyyaa, fayyummaa hiriyyaa isaa fi dhimmoota k.k.f. irratti Uumaa isaa ni kadhata. Yeroo kana jireenya dhuunfaa isaatiis ta’e dhimma biyyaatiif Kadhannaa torbii galeef yeruma sanatti deebii argachuu danda’a; akkasumas deebiin isaa turuu ni danda’a. Yeroo kana nama kadhannaa qabate irraa obsi ni eegama. Gaaffiin ani dhiyeessee maaliif dafee deebiin naaf hin kennamne? jechuudhaan dhiphachuunii fi Waaqayyoon qoruun barbaachisaa miti. Waaqayyoon hojii Isaa kan itti raawwatuu fi kan Isa kadhataniif deebii kennuudhaaf yeroo mataa Isaa qaba. Fakkeenyaaf, sababa kufaatii hiriyyaa isaatiin Kadhannaa torbii galee torbee tokko keessatti deebii kan argate seenaa tajaajilaa kawaala (gadaamii) tokkoo ilaaluun barbaachisaa dha.

Obboloonni lama ergamaaf bakka bahanitti, isa tokko kufaatiin cubbuu isa mudatee buleera. Erga bari’ees, “Anaan kufaatiin na mudateeraatii ani kanaan booda gara kawaalichaatti hin deebi’u; addunyaa fakkaadheen jiraadha” jedhe. Inni lammataas, “Anas mudateera; egaa deemnee cubbuu keenya barsiisa gaabbii keenyatti himannee qanoonaa keenya fudhannee akka duraa taanee ni jiraanna” jedhee jajjabeessuun fuudhee deeme. Deemanii abbaa gaabbii isaaniitti himanii qanoonaa (adaba yakka isaanii) fudhachuun Kadhannaa torbii tokko galuun yommuu qanoonaa isaanii xumuranitti, “Egaa obboleessa kee isa cubbuu hin hojjanneetiif jedhee siif dhiiseera” sagalee jedhu dhageessiseera. (Seenaa Abbootaa)

Armaan olitti tajaajiltoonni kawaalaa (gadaamii) seenaa isaanii dhiyeessine, tajaajilaaf bakka itti ergamanitti isa tokko cubbuun argatee yommuu kufu, hiriyyaan isaa garuu cubbuun akka waan isa argatee taasisee hiriyyaa isaa jajjabeessee gara kawaalaatti deebisuudhaan tokko ta’anii Kadhannaa torbii galuu isaaniiti. Kadhannaa torbii tokko (guyyaa toorba) akkuma xumuraniin Waaqayyoon biraa, “Cubbuu osoo hin hojjatiin siif jedhee Kadhannaa torbii kan gale obboleessa keetiif jecha siif dhiiseera” kan jedhu deebii ariifachiisaa argateera. Kanaafuu, Kadhannaa torbii jireenya dhuunfaatiifis ta’e jireenya hiriyyaatiif yommuu gallu, deebii ariifachiisaa ykn kan turu nuuf kennuu waan danda’uuf obsaan eeguun nurraa eegama.

                                      b)  Suga Qulqullootaa Irraatii Hirmaachuudhaaf

Abbootiin fi haadholiin keenya qulqulloonni wareegamummaa isaan wareegaman yaadachuudhaan kawaalotaa fi Manneen Kiristaanaa jechi waadaa kennameefitti Kadhannaa torbii galamu qooddattoota suga qulqulloota sanaa nu taasisa. Qulqulloonni bakka wareegamanitti, “Ijoollee dhiiraa fi dubaraa caala maqaa caalu nan kennaaf; kan hin badne maqaa bara baraa nan kennaaf” (Isa 56:6) jechuudhaan Waaqayyoo waadaa waan isaaniif galeef Kadhannaa torbii galuudhaan suga isaanii irratti hirmaachuun ni danda’ama. Tsooma Raajotaatiin suga Raajotaa irratti hirmaachuun, tsooma Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuun suga Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuu fi tsooma Filsataa irratti hirmaachuudhaan eebba Giiftii keenyaa irratti hirmaachuudhaaf Kadhannaa torbii galuun kan turee fi gara fuulduraattis seera Mana Kiristaanaa jiraatuudha. Har’as sirna kana hordofuudhaan suga qulqullootaas argachuudhaaf, lafeen qulqullootaa kawaala itti boqotetti, tsoomaa fi kadhannaadhaan, humnaanis kawaalota tajaajiluudhaan eebba qulqullootaa kan argatan kawaalota keessatti kasoominaan kan deddeebi’an danuudha. Kanas, kitaaba Moototaa 2ffaa 2:9 irratti akkuma ilaallu, Raajichi Eelsaan barsiisaa isaa, Eeliyaas, tajaajiluudhaan, sugni Eeliyaas dachaadhaan Eelsaa irra buleera. Kanas fakkeenya taasifachuudhaan abootiin keenya kan qaban hunda dhiisuudhaan kawaalota keessakadhannaan jiraatan suga abbaa kawaala itti tajaajilanii fudhatu. Kun akka jirutti ta’ee, maqaa kawaalummaatiin maallaqa amantootaa kan saamanii fi jireenya qulqullaawaa monoksootaa dhugaa kan xureessan jiraachuu isaanii hubachuun barbaachisa.

                                        c)  Iccitiin Dhokate Akka Nuuf Ifuuf

Bara Kakuu Moofaatti Waaqayyo mootota tokko tokkotti mul’ata agarsiisuun iccitii Isaa jalaa dhoksaa ture. Fakkeenyaaf, kan biyya Gibxii Fara’oon, kan Baabiloon immoo Naabukadanatsoorii fi Bilxaasoor caqasuun ni danda’ama. Uum 41:14-36, Daan 4:9 fi 5:4. Moototni kunneen jireenya dhuunfaa isaaniittis ta’e addunyaa guutuutti wanta gara fuulduraatti ta’uuf mul’ata arganis, dafanii mul’aticha sirriitti hubatanii gahumsa “Akkana ta’a” jedhu hin qaban turan. Kanarraan kan ka’e, Raajonni bara isaaniitti jiraachaa turan, Kadhannaa torbii galuun hiikkaa mul’ata isaanii akka itti himaniif kadhachaa turan. Raajonnis Kadhannaa torbii galuudhaan mootonni kan argan dubbii iccitii Siggaawwee fi akkaataa kufaatii mootummaa isaanii ibsanii dubbachaa turan. (Daan 5:28).

Akkasumas, qulqulloonni matuma isaaniitiin iccitiin mul’ata arganii yommuu itti ulfaatu, iccitii fi hiikni mul’atichaa akka isaaniif ifuuf Kadhannaa torbii galu. Waaqayyos qulqullummaan ta’anii Kadhannaa torbii galan ilaalee iccitiisaa ni ibsaaf. Fakkeenyaaf, Raajichi Izraa, iccitiin kitaabolee akka isaaf ifuuf Kadhannaa torbii yommuu galu, kitaaboleen Kakuu Moofaa badan immoo deebisee barreessuuf danda’eera. Faar 8:10

Bara Kakuu Haaraatti bal’inaan kan mul’atu Duuka bu’oonni qulqulloonni Hagayya 1-14 Kadhannaa torbii isaan galaniidha. Kadhannaan torbii kun du’aa ka’umsa qulqulleettii Dubree Maariyamii dhokatee ture hubatanii suga ishee irraatii hirmaachuudhaaf isaan dandeessiseera.

Giiftiin keenya kan boqotte, Amajjii 21, B.A. 49 dha. Duuka bu’oonni awwaaluudhaaf gara Geete-Semaaniitti fuudhanii yommuu deeman, Yihuudonni isaan jeeqan. Yeroo kana ergamoonni qulqulloonni foon Giiftii keenyaa fuudhanii Gannatatti muka jireenyaa jala kaawan. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16). Yeroo kana Duuka bu’oonni wareeranii waanta faffaca’aniif, boqonnaan foon Giiftii keenyaa isaan dhiphisaa ture.

Qulqulluun Yohaannis, mul’ataan fudhatamee deemuudhaan foon isheetti ixaana urgeessaa tureera; Duuka bu’ootattis himaa ture. Yohaannisitti mul’attee nuyitti akkam hin mul’anne jechuun Hagayya keessa Kadhannaa torbii galan. Kadhannaa torbii inni lammaffaan yommuu xumuramutti, guyyaa 14ffaatti ergamaan foon ishee fidee isaanitti kenneera; awwaalaniirus. Guyyaa sadaffaatti, Hagayya guyyaa 16 kaatee ol baateetti. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16).

Egaa Duuka bu’oota qulqullootaaf iccitiin boqonnaa fi ol-bahiinsa Giiftii keenyaa kan isaaniif mul’ate Kadhannaa torbiitiinii dha. Kanas bu’uura taasifachuudhaan, Manni Kiristaanaa duuka bu’eettiin suga ol-ba’iinsa Giiftii keenyaa argachuudhaaf ni tsoomti. Manni Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaas yeroo Kadhannaa torbii kana daa’immanillee osoo hin hafiin irratti hirmaatu.

Itti Fufa ….