Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gumaachi isheen biyya tanaaf goote hammana jedhamee lakkaa’amee kan bira hin gahamne dha. Haa ta’u malee, tola ooltummaan ishee irraanfatamee, biyyattiif sirna barreeffamaa fi lakkoofsa bocuudhaan uummata biyyattiif hulaa qaroominaa saaquun ishee akka hammeenyaatti ilaalamee, lakkoofsa baraa biyyoonni biroo hin qabne biyyattiif gumaachuun ishee akka wallaalummaatti herregamee yeroo ammaa kanatti gochi sukaneessaa isheerra gahaa jiru daangaa darbaa dhufeera. Read more