Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee

Qulqulluu Sinoodoosiin ijoollee Mana Kiristaanaa ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  Billa Liibiyaatti ajjeesaman ilaalchisee ibsa yeroo lammaffaadhaaf kenne

Eebila 13,                                                                                                          Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

Qulqulluu Sinoodoosiin namoota Kiristaanota Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biyya Liibiyaatti Garee Shororkeessaa ISIS tiin ajjeechaa suukkanneessaadhaan ajjeesaman ilaalchisee har’a eebila 13 waajjira addaa Qulqulluu Paatriyaarikiitti yeroo lammaafaadhaaf ibsa laateera. Ibsa isaa haala armaan gadiitiin dhiyeessineerra:

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Kan sababa Amantaa isaaniitiin dabaan irra gahu Mootummaa Waaqayyoo ni hirmaatu ( Maat 11:12)

Afrikaa Kaabaa Liibiyaatti ijoollee mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa irratti yakka ajjeechaa raawwatame ilaalchisee Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa irra deebi’uudhaan ibsa kenname.

 Gareen shororkeessaa mataa isaa “ ISIS” jechuudhaan waamu Eebila 11, bara 2007 Afrikaa Kaabaa biyya Liibiyaa naannoo qarqara galaana meeditiraaniyaatti  ijoollee Mana kiristaanaa irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun isaa beekameera.

Akkuma namoota hunda birattio beekamu ergamni  manneen amantaa hundaa nama fayyisuu malee nama ajjeesuu akka hin taane ni  amanama. Haata’u malee  yakki ajjeechaa manneen amantootaa kam birattuu kan fudhatama hin qabne sababa amantaa isaaniitiin lammiiwwan balleessaa hin qabne haala suukkanneessaa ta’een  naannoo addunyaa kanatti mul’achuu erga eegalee oolee buleera.

Lammiiwwan keenya Itiyoophiyaanonni yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti saaxilamtoota ajjeechaa akka kanaa ta’uun isaanii hin hafne. Gama kanaan torbee kana biyya Liibiyaa fi biyya Aafrikaa Kibaatti ijoolota keenya hordoftoota amantaa kiristaana ortodoks tawaahidoo ta’an  irratti raawwatame hunda caala mana kiristaanaa keenya kan yaaddessee fi klan gaddisiise ta’ee argameera.

Waan kana ta’eefuu  Qulqulluun sinoodoosii mana kiristaanaa ortodoks tawaahidoo Itiyoophiyaa ajjaachaan sukkanneessaan raawwatame kun mana kiristaanaa ortodoks tawaahidoo Itiyophiyaa qofa irratti kan raawwatame osoo hin taane manneen amantootaa addunyaa hunda irratti ken hiixatame  hojii yakkaa ta’uu amanuun uummanni biyya keenyaa martii fi dhaabbileen hundinuu akkasumas hawaasnii fi mootummoonni addunyaa gochaa kana cimsee balaaleffachuu fi balfachuu irra darbee furmaata hiika qabu  akka barbaadu gaafachaa ibsa itti aanu kenneera.

Jechuudhaan ibsa ejjennoo qabxii sagal qabu kan kaa’e yoo ta’u, isaan keessaas manni kiristaanaa gochaa badii gareen shororkeessaa ISIS ijoollee mana kiristaanaa Qulqulleetti ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  ta’an irratti raawwate balaalfeffattee jirti. Garee gochaa kana raawwates uummanni addunyaa akka balaaleffattu gaafatteetti.

Dabalataanis warren gochaa shoprorkeessitootaa kanaan ajjeefamaniif  kadhannaan fitaatii akka taassifamuuf, biyya keessaa fi biyya alatti boru, eebila 14 bara 2007 irraa eegalee guyyoota torbaaf sirni kadhannaa mihillaa akka labsamu Quqlulluun sinoodoosiin  ibsa laatee jira.

Ijoollee mana kiristaanaa amantaa isaaniitiif jedhanii ajjeefamaniifis akkaataa darbaadarbiinsa mana kiristaanaa fi sirna mana kiristaanaatiin kabajni  Wareegamummaa barbaachisu akka kennamuuf maatiin ijoolee ajjeefamanii footoo fi odeeffannoo wareegamtoota sanaa hatattamaan qulqulluu sinoodoosiidhaaf akka dhiyeessu waamicha dabarsee jir.

 

Dabalataanis uummanni Itiyoophiyaa akkuma durii amantaadhaan osoo adda wal hin qoodiin  tokkummaadhaan, jaalalaan, fi wal danda’uudhaan akka jiraannu waamicha isaa dhiyeesseera.

 

Sinodos

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko amen

                                    Eebila 12                                                         Mazgabuu Kafyaalawuun
Eebila 11 bara 2007 Ibsa Qulqulluu Sinodoosiin Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  Namoota  Biyya Liibiyaatti ajjeefaman ilaalchisee kenne

Eebila 11 bara 2007 walakkaa guyyaatii eegalee  tamsaasawwan oduu addunyaa Afrikaa kaabaa biyya Liibiyaatti qarqara galaana Meedetiraaniyaaniitti garee shororkeessaa ISIS jedhamuun ajjeechaan suukkanneessaan raawwatamuu isaa gabaasaniiru.

Gabaasichis kiristaanonni homaa keessaa hin qabne shororkeessitoota meeshaa hidhatanii fi miira namummaa hin qabneen yemmu ajjeefaman fakkiin  mul’isu addunyaa hunda irratti ilaalamaa jira.

Lammummaa fi eenyummaan Dargaggoota qulqulloota duuti suukkanneessaan kun irratti raawwatamee ilaalchisee ragaan amansiisaa argachuuf carraaqqiin taasisamaa kan jiru ta’us, hanga ammaatti burqaalee oduu miidiyaaleen addunyaa odeessan irraa akka dhageenyetti  gochaan kun kan irratti raawwatame Itiyoophiyaanotaa fi Amantoota Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa akka ta’an burqaaleen oduu addunyaa ibsaa jiru.

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan Uumaadhaan kennamte  lubbuun dhala namaa kam iyyuu  namoota itti gaafatamummaan isaanitti hin dhagahamneenii fi namoota wanta isaanirratti akka raawwatamu hin barbaanne kan gaddi tokko isaanitti hin dhagahamneen akka ajjeefamtu waan hin eeyyamneef manni Kiristaanaa Qulqulleettiin gochaa kana cimsitee balaaleffatti.

Kanaafuu, eenyummaa michoota keenya aarsaa ta’an kanaa adda baasannee ( hubannee)  bu’uura Amantaa, sirnaa fi darbaa darbii  mana Kiristaanaa Qulqulleettii irratti hundaa’uun wanta barbaachisu hunda kan raawwannu ta’uu isaa uummanni Kiristaanaa fi Uummanni IOtiyoophiyaa hundi hubatee dhimicha obsaan akka eegan.

Akkasumas gochaan raawwatame dhaabilee amantaa fi amantii kam iyyuu kan hin ilaallanne, gochaa shororkeessaa ta’uu hubatanii warren lammii Itiyoophiyaa ta’an hunduu akkuma kanaan duraa tokkummaadhaan (gocha kana) balaaleffachuun raawwattoonni gochaa kanaa kisaaraa malee bu’aa kan itti hin arganne ta’uu gochaan akka agarsiisan ni yaaddachiisna.
                                                                     Waaqayyo Itiyoophiyaa Haa eebbisu amen
Abbaa Maatiyaas 1ffaa Paatriyaarikii Dursaa phaaphaasota Itiyoophiyaa Dursaa Phaaphaasii aksum, Icegee teessoo Taklahaaymaanot.

Du’aa Ka’uu

Baga Ayyaana
Du’aa Ka’uu Kiristoosiif Isin Gahe!

1.    Seensa

Dhalli namaa waggoota 5500 tiif bilisummaa fi nagaa dhabee hacuuccaa diina keenyaa kan ta’e harka Seexanaa jalatti akka jiraatuus itti murtaa’etu ture. Baroota kana keessattis namoonni gaariis ta’e hamaa hojjetan hundumtuu carraa fayyinaa dhabanii sii’olitti ni guuramu ture. Raajonnii fi barsiisonni hedduun yoo kaa’nis lubbuu namaa fayyisuuf hin dandeenye ture. Sababni du’a lubbuu kanaa immoo dhalli namaa diina keenya kan ta’e seexanaan dogongoree waan Gannata keessaa arii’atameefidha. Waaqayyoof ajajamuusaaniif mallattoo kan taate frii balas/Aple/ akka hin nyaanne itti himameetu ture. Garuu sagalee gooyyomsaa seexanaa dhaga’anii ajaja Waaqayyoo cabsanii abaarsi isaanirra gahe. (Uma 3:17-19). Garuu Waaqayyo uumee kan nama gatu waan hin taaneef Addaam Abbaa keenyaaf abdii fayyinaa kenneef; waadaa galeef.
Haaluma kanaan Waaqayyo Ilmasaa dhala namaa wanjoo grbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha gara lafaatti ergeenii. Giiftii keenya Dubroo Maariyaamirraa dhalate. Yommuu dhalatus dinqiin Waaqummaa Isaa ibsan raawwatamaniiru. (Mat. 2:1-2). Akkuma raajiin adda addaa waa’ee dhalachuu Kiristoos dubbatamanitti Kiristoos ni dhalate. (Mat. 2:5-6). Hanga umuriinsaa waggaa 30 ga’uttis Haadhasaa Giftii keenya Dubroo Maariyaam waliin jiraate. Cubbuu malees akkuma namaatti suuta suuta guddate. Kiristoosis kaayyoo gara lafaatti dhufeefiif, dhala namaa fayyisuu, eegaluuf jecha harka Yohaannisiin cuubame. (Mat. 3:16). Yommuu cuubame sanattis raajiwwan raawwatamaniiru. Foddaan Samiis banamee iccitiin samii ifa bahe. Sana boodas erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booda  seexanaan qorame, injifatees of biraa arii’een. (Mat. 4:1-11)  
Kiristoos waggoota sadiif ji’a jaha biyya Israa’el keessa naanna’ee erga barsiise kanaan booda kaayyoo gara lafaatti dhufeef keessaa tokko, kan ta’e dhala namaa barsiisee faakkeenya ta’ee ofitti deebsuuf, raawwate. Kaayyoon inni lammaffaa immoo du’a keenya nuuf du’ee du’a bara baraa irraa nu baraaruuf jecha guyyaa jimaataatti Fannoorratti fannifamee du’e. Akkuma dursee dubbatetti guyyaa sadaffaattis du’a moo’ee ka’e. (Mat. 28:6)

2.    Du’a Kiristoos

Namoonni tokko tokko ”Nama dhiba duuti Kiristoos” yommu jedhan ni dhaga’amu. Dhugumatti duuti Gooftaa keenya Iyyasuus Kirtoos namoota amantaa keessa jiraataniif malee nama dhiba. Sababni isaas Waaqa ta’ee otoo jiruu harka namaatti du’uunsaa nama dhiba. Garuu, Kiristoos kan du’e aangoosaatiini dha. Kunis hojii fayyinaa dhala namaa keessaa isa tokko waan ta’eef. ”Yihuudaan cifrootaa, hangafoota lubuutaa fi gargaartoota/garboota/ Fariisotaa waliin guboo fi ibsaa akkasums eeboo fi gaachana qabate gara sanatti dhufe. Iyyasuusis waan isatti dhufaa jiru hundumaa beeke itti bahee: Eenyuun barbaaddu? jedheen. Isaanis Iyyasuus isa Naazreet ittiin jedhan. Iyyasuusis, Ana dha jedheen. …egaa yommuu ‘Ana dha’ ittiin jedhe gara duubaatti deebi’anii lafarratti kukkufani.” (Yoh. 18:3-7) 
Jecha kitaaba Qulqulluu kanarraa kan hubannu Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan du’e humna dhabee, ykn Waaqummaan isaa hafeetu miti. Garuu dhala namaa du’arraa fayyisuuf du’a du’aan moo’uun barbaachisaa waan ta’eefi. Kiristoos kan du’e fedhasaatiin nama fayyisuus, diina karaarraa maqsuuf akka ta’e dursee dubbateera. ”Lubbuu koo… Ani fedhakootiin nan jiraachisaan malee eenyuyyuu narra hin fudhatu. Ishee jiraachisuuf aangoo nan qaba, ajaja kanammoo Abbaa koo irraan fudhe.” Yoh. 10:17
Waan kun kan nu hubachiisu, Waaqayyo Ilmasaa gara namootaatti kan erge dhalli namaa akka du’a jalaa bahuufidha. Kiristoosis, eeyyama Abbaasaa kan Waaqayyo Abbaa raawachuuf aangoodhaan dhufee du’e. Akka du’us, du’a moo’ee akka ka’us dursee waan beekuuf barattoota isaatti himaa tureera. (Mat. 26:31, Luq.24:5)
Raajichi Isaayyaas dursee akkuma dubbatetti, Kiristoos dhala namaa fayyisuuf, garbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha foon namaa uffatee gidiraa hedduutiin akkamiin akka nama fayyisu dubbateetu ture. “Dhugumatti dhukkuba keenya fudhate, dhibee keenyas ni baate, nuti garu akka rukutame; Waaqayyoonis akka dheekkamame, akka nama rakkateettis isa lakkoofneen…Inni garuu; irra darbuu keenyaaf madaa’e, waa’ee balleessaa keenyaafis bullaa’e (reebamuusaa), dheekkamsi fayyina keenyaas Isarra ni ture, madaa Isaatiinis nun ni fayyine… Dhiphinaa fi murtiidhaan akka fudhatame, waa’ee ummataaf jedhee rukutamee lafa jiraattotaarraa akka dhabame (Du’e) dhaloota keessaa eenyutu hubate?”. Kanarraa kan hubannu, dhugumatti Kiristoos waa’ee cubbee dhala namaa hundumaaf jecha Abbaa Isaa biraa gara lafaatti dhufee gidiraa hedduu akka fudhatu dubbatamaa akka ture ni hubanna. Yommuu guyyaansaa gahuttis akka raawwates Wangeelli haala hedduutiin nu ibsaniiru. Kanaafuu, Kiristoos kan du’e hojii fayyina dhala namaaf jecha malee, akkuma keenya nama dhadhabaa waan ta’eef miti. Waan kana ta’eefis duuti Kiristoof fayyina kootiifidha jedhanii amanuun amantii mootummaa Waaqayyoo nama dhaalchisu dha. 

 

3.    Du’aa Ka’uu Kiristoos

Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dursee bartoota isaatiif akkuma dubbatetti awwaalamee guyyaa sadaffaatti ni ka’e. ”Dhalli namaa harka cubbamtootaatti dabarfamee akka kennamuu fi fannifamu, guyyaa sadaffaattis ka’uunsaa dirqamadha, jedhee Galiilaatti akka isinitti hime yaadadhaa…” jedhee Luuqaas barreesseera. (Luq. 24:5). Du’aa ka’uu Kiristoos qarshiidhaan dhoksuuf kan yaalan ni jiru ture, bartoota/duuka bu’ootasaa keessaas ka’uusaa kan shakkan ni jiru ture. Inni garuu yeroo adda addaatti itti mul’achuudhaan du’aa ka’uusaa dhugoomseera. Ergamoonni Waaqayyoos dubartoota qulqulloota bakka awwaala Isaatti barbaacha Isaa deemanitti mul’atanii dursee akkuma dubbate du’a moo’ee ka’eera jedhanii dhuga ba’aniiru. (Mar. 16:9-14).
Du’aa ka’uun Kiristoos namoota Isatti amananiif hangafa du’aa ka’uu  ta’ee du’a moo’ee akka ka’ee kan barsiisu dha. Q/Phaawuloos, “Kiristoos warra muganiif (dua’aniif) hangafa ta’ee du’aa ka’e” akkuma jedhe (1Qor.15:20). Otoo Kiristoos du’a moo’ee hin kaane ta’eetii nutis abdii hin qabnu ture.
Du’aa ka’umsa Kiristoosiin faayidaa argaman keessaa;

  • Duuti dhala namootaa irratti murtaa’ee kan ture, du’aa ka’uu Kiristoosiin moo’ame, kana booda duuti namoota qajeeltoo gara si’oolitti guuruun ni hafe. 1Qor. 15:59.
  • Abdii jireenyaa bara baraa kan itti argannedha. Akkuma horii lafa kanarratti jiraannee kan duunu otoo hin ta’iin lafa kanarratti yeroo jiraannu akka fedha Waaqayyootti yoo jiraanne abdii jireenya bara baraa akka qabnu kan mirkaneesse dha. Tito. 2:13 “Du’aa ka’uu fi jireenyi Ana dha, kan natti amanu yoo du’ellee jiraataa ni ta’a.” Yoh. 11:25.
  • Nageenya itti argameera. “Nagaa isiniif nan habisa, nagaa koo isiniifan kenna. Ani kanin isiniif kennu kan akka addunyaan isiniif kennitu mit.” Yoh. 14:27. Kanaafuu du’aa ka’uu Kiristoositti nagaan kan addunyaan nuuf kennittuun adda kan ta’e nagaan kan Kiristoos nuuf kennameera. Dhugumatti namni Kiristoos Ilma Waaqayyootti amanee lafa kanarratti jiraatu nagaa akkamii akka qabaatuu fi namnii callisee akkuma horiitti amantii malee kan jiraatu garaa garummaan jiru hudduu akka ta’e ifa dha.
  • Bilisoomeerra. “Bilisaan akka jiraannuuf Kiristoos Bilisa nu baaseera. Egaa cimaa dhaabadhaa, deebitaniis garbummaatti (cubbuutti) hin qabamiinaa.” Gal. 5:1.
  • Jaalala dhugaa nuu kenneera. “Lubbuusaa michoota Isaaf keennuurra kan caalu jaalalli biraa hin jiru.” Yoh. 15:13.

 

4.    Du’aa Ka’uu Namaa

Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti du’aa ka’uu Kiristoosiin dhalli namma faayidaa hedduu argateera. Isaan keessaas abdii jireenya bara baraati. Akkuma Kiristoos du’a moo’ee ka’e dhalli namaas du’a akka moo’uuf aangoon kennameeraaf. 1Qor. 15:20. Du’aa ka’uu dhala namaa iddoo sadiitti hirree ni ilaalla;

1)    Qalbii jijjiirrannaatiin ka’umsa laphee

“… mucaan kun du’ee ture. Luq. 15:11. Namni yommuu daandii Waaqayyoorraa fagaatee akka fedhii foonisaatti qofa yeroo jiraatu, lubbuunsaa duuteetti jedhama, Waaqayyoorraa waan fagaatteef. Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma galmaa’ee jirutti, mucichi mana abbaa isaa irraa fagaatee akka yaadasaattii addunyaa keessa naanna’ee garuu rakkatee gara mana abbaa isaatti yommuu deebi’u, abbaan isaa ‘mucaan kun du’ee ture ittiin jedhe. Kanaafuu, namni akka feedha foonsaan cubbee keessa jiraachaa turee gara mana Waaqayyootti yeroo deebi’u iccitii qalbii jijjiirrannaatiin du’aa ka’e jedhama.
Namni qalbii jijjiirrannaatiin du’aa ka’u (du’aa ka’uu isa jalqabaa), duuti inni lammaffaa aangoo irratti hin qabu.  “Du’aa ka’uu isa jalqabaatti carraa kan qabu qulqulluu dha. Duuti inni lammaffaa isarratti aangoo hin qabu.” Mul. 20:6, akkuma jedhu.  Kanaafuu qalbii jijjiirachuudhaan ka’umsa isa jalqabaa akka argannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. Warri daandii fayyinaa dhiisnee karaa du’aarra deddeebi’aa jirrus gara daandii ishee dhugaatti haa deebinu. “Waaqayyo akkana jedha, ‘Daandiirra dhaabadhaa ilaalaa, daanii ishee duraa gaafadhaa, daandiin isheen gaarii garam akka taate baraa, isheerras deemaa, lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu’.” Erm. 6:16.

2)    Yeroof dinqii addaddaan du’arraa ka’uu

Humnii fi arjummaan Waaqayyoo akka itti mul’atuuf jecha namooni yeroof du’arraa ni ka’u. Namoonnis akka itti barataniif, humni Waaqayyoos akka beekamuuf jecha yerootti Waaqayyo namoota du’an yeroo itti isaan kaasu ni jera. Fakkeenyaaf, Kiristoos Alaazaariin du’a irraa isa kaaseera. Kanaanis dhugumatti Waaqummaan Kiristoos itti barameera. Yoh. 11:1.

3)     Du’aa Ka’uu Gumii (Yaa’ii ykn Gumii)

Du’aa ka’umsi inni kun immoo isa dhumaa ykn isa lammaffaa dha. Kunis kan raawwatamu yommuu Gooftaan keenya Iyyasuus  Kiristoos lammaffa gara lafaatti humnaa fi aangootiin deebi’ee  dhufudha. Yeroo sanattis du’aa ka’umsa isa dhumaatu ykn isa lammaffaatu ni ta’a. “Dhalli namaa yommuu ulfina Isaatiin dhufu, Isa waliin Ergamoonni Qulqulloo’onni hundumtuu, yeroo sanatti teessoo ulfinasaarra  taa’a… hoolota mirgasaan ro’oota bitaasaatiin ni dhaaba.” akkuma jedhame. Mat. 25:31.   
Egaa du’aa ka’umsa isa lammaffaa fi isa dhumaa kanatti carraa qabaachuuf ammuma qophaa’uun akka barbaachisu armaan olitti ilaalleerra. Yeroo kanaatti akka hin qaanofneef, karaa bitaas akka hin dhaabanneef ammumaa adeemsa keenya sirreeffachuun dirqama ta’a. Inni karaa dhugaarraa fagaate gara karaa dhugaatti deebi’uu qaba; inni hojii gaarii irraa fagaatee cubbuu keessa jiraatu ammoo, maqumaaf qofa amantiin qaba inni jedhus dafee qalbii jijjiirrachuudhaan du’aa ka’umsa isa lammaffaaf of-qopheessuu qabna. Maqaa Kiristoos waamudhaan qafa fayyinni akka hin jiraanne, garuu hojii gaarii fi daandii dhugaarra deddeebi’uun dirqama akka ta’e hubchuun nurraa eegama.
Dhumarrattis, du’aa ka’uun Gooftaa keenyaa, dhala namaa hundumaaf gammachuu dha. Garbummaa diinaa jalaa baanee bilisummaan akka jiraannuuf kan nuuf ta’e du’aa ka’uu Kiristoosiin waan ta’eef. Egaa amantii ishee dhugaa keessa hojii gaariin jiraannee mootummaa isaa isa hin darbine akka dhaalluuf eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u. Ameen.

                                                                                                                                 

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti  Daawitiif”

                                                                          Bitootessa 26

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Faaruun  kun guyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos  gara Iyyarusaaleemitti yemmu galu faarfannaa faarfatamedha.Faarfannaan isaas “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” “Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu kan eebbifamedha, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” kan jedhu ture.

 

Wangeelli guyyaa kana dubbifamus kan akkas jedhuhd:- “Gooftaan keenya Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti dhiyaatee gara dabra Zayitii fi Beeta faagee gahe.( Maat.21:1) irraa eegalee kan jirudha. “Iyyarusaaleem” jechuun “Magaanaa nageenyaa” jechuudh. “Beetafaagee” jechuun ammoo “Mana Balasii” jechuudha. Abbootiin keenya ammoo “Daandii qaxxaamurame” jechuudhaan hiikaniiru.

 

Gooftaan keenyas duuka buutota Isaa keessaa lamaan isaanii ergee “Gara magaala fuuldura keessan jirtuu deemaa bakka sanattis harree hidhamte ilmoo ishee wajjin argattu hiikaatii naaf fidaa; eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaadhaaf ni barbaachisa jedhaan” jedhee itti hime.

 

 

Duukabuutonni Isaas hiikanii fidaniif. Hojiin duukabuutotaa warra hidhaman sagalee wangeelaatiin hiikuudha. Kunis seexanoonni; afuurri harfaa’aadhaan kan hidhamanii jiran baay’eedha waan ta’eef duukabuutonni,warren bakka duukabu’ootaa bu’uun muudaman luboonni cubbuu namootaa hiikuudhaan gara mootummaa Waaqayyootti nama dhiyeessu.

 

Sagaleen raajii kan raajicha Zakkaariyaasiin dubbatame akka raaawwatamuuf Gooftaan Harree sanaa fi Ilmoo harree sana irra akka bahuuf (yaabbatuuf) uffata dugda harree sana irra buusani ( Zakk. 9:9 ). Kan isaan uffata afaniifis Iyyasuus Kiristoos kan cubbuu addunyaa kan balleessu waan ta’eef uffanni akkuma qaama qaanii namaa haguugu Atis cubbuu fi badii keenya nuuf haguugda jechuudhaan uffata afaniif.

 

Harreen kan tuffatamtedha; Waaqayyo warra lapheen isaanii cabe, warra gadi ofqaban akka filatu agarsiisa.( Isaa. 53:23,Maat. 11:29, Faar. 50:17-18)

 

 


 

 Uummannis uffata isaanii lafarra afaniif:- kunis ati mootiidhaatii si qofa osoo hin taane harreen ati yaabbatte illee lafarra deemuu hin qabdu jechuun uffata isaanii of irraa baasanii lafarra afani kabaja mootiidhaaf malus kennaniif ( 2Moot. 9:13).

 

“Hoosaa’inaa aariyaamirratti” jechuudhaan faarfannaa dhiyeessaniif. “ Hoosaa’inaa” jechuun “ Amma fayyisi” jechuudha. Sagalichif Faarfannaa Daawit irratti “ እግዚኦአድኅን” “ Yaa Gooftaa Amma fayyisi” jedhamuun dubbatameera. ( Faar. 117:25) jechi “ Aariyaami irratti” jedhu ammoo samii bakka bultii Waaqayyoo kan agarsiisudha. Kanaafuu Yaa Waaqayyo isa samiirra jiraattuu; yaa qoricha isa samiirra jiraattuu amma fayyisi, dhiifama taassisi” akka jedhan faarfachuu kan agarsiisudha.

 

Iyyi isaaniis kallattii lamaan ilaalamuu danda’a: gama tokkoon gita bittaa Roomaa jalaa bilisa nu baasi jechuun boo’icha foonii kan iyyan ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin ammo du’a foonii fi du’a lubbuu irraa nu baraari, nu fayyisi jechuun faarfachuu isaanii kan hubachiisudha. Gama biraatiin faarfannaa isaanii keessatti wanti hammatame jecha “ Ilma Daawit” jedhudha. Kunis  fayyisaan dhufu Isa ta’uu isaa uummanni baranii eegaa turuu isaanii kan ibsudha. ( Maat. 12:23, 20:30)

 

 

 

 

 

 

Bifa kanaan Fayyisaan gara iyyarusaaleem yemmu galu magaalattii guutuun “ kuni eenyudha?” jechuudhaan dhiphatani. “ Kunoo Kiristoos Isa galiilaa irraa dhufudha” jechuudhaani.

 

Kana booda gara mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa sana dula namoonni mana daldaalaa taassisanii turan qulqulleesse, warren achi keessatti daldaalaa turanis mana qulqullummaa Isaa keessaa baasee ari’e. “Manni koo mana kadhannaati; isin qaalaa saamtotaa taassistanii” jedhee ifatti isaan qeeqe.

 

Namoota naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dhukkubsattoota, warra ijji isaanii jaame, warren gurri isaanii dude, warren miilli isaanii naafate hunda fayyise. Garuu Luboonni Yihudootaa warri sammuun isaanii dude hin fayyine. Yeroo daa’imtoonni iyyarusaaleem “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” jedhanii faarfatan barattoonni isaaniis daa’imtoota kanneen wajjin waan faarfataniif ijji isaanii dhiiga uffatee Gooftaadhaan “isaan kun immoo kan jedhan hin dhageessuu? Callisaa jedhiin” jedhanii gaafatani. Gooftaanis “ Isaan yoo callisan illee dhakaan ka’ee naan faarfata, kanumaanuu immoo raajii Daawitiin Afaan daa’immanii irraa galata naaf qopheessite jedhamee isa dubbatame hin yaaddattanii?” ( Faar. 8:2) jedheen.Warreen nuti sammuu qabna jedhan lapheen isaanii yemmuu jaamu,afaan daa’immanii garuu faarfannaa roobsa ture.

 

Egaa guyyaan kun guyyaa Gooftaan keenya gara iyyarusaaleem deemuun mana qulqullummaa Isaa keessaa daldaaltotaa fi warren maallaqa jijjiiran ar’ee mana Isaa kabajedha. Guyyaa kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosaa’inaa Ariyaam irratti Ilma Daawitiif” jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu.