Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname

                      Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname

                                                                         Gaazexeessaa Yordaanoos Gonfaatiin

(Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa)

Mana Kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaafi Qajeelcha Manneen Dilbataa, Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa leenjii mata dureewwan garagaraa irratti abboottii amantaaf kenneera. Abbootii bulchitoota Manneen Kiristaanaafi gaggeessitoota kutaa lallaba Shawaa Bahaa jala jiraniif waldichi magaalaa Adaamaatti guyyoottan lamaaf (Hagayya 21-22, 2008) leenjii kana kennuun xumureera.

Hirmaattota Leenjiichaa

Dhimmoonni leenjiin kun irratti kennames Sirna Bulchiinsa Ammayyaa, Akkaataa Bulchiinsafi To’annoo Maallaqaa, Tooftaalee Walitti bu’iinsa itti hiikan, Waa’ee Gaggeessummaa, Dhimmoota Mana Kiristaanaa Tibbanaafi kkf dha. Leenjiileen kanneen hayyoota barumsa Mana Kiristaanaafi saayinsii addunyaan biyya keessaa hanga biyya alaatti beekamani fi muuxxannoo leenjii kennuutinis beekamtii qabaniin kennamaniiru. Sirna baniinsa leenjichaa irratti hojii gaggeessaan kutaa lallaba Manneen Kiristaanaa  Shawaa Bahaa Maggaabe Tifsiit Mulugeetaa Charinat akka dubbatanitti, Waldaan Qulqullootaa kaayyoo hundeeffameef akka galmaan gahuuf gaggeessittoonni Mana Kiristaanaa sadarkaan jiran tumsa barbaachisu gochuu akka qaban gaafataniiru. Kana malees hojiirra oolmaa leenjichaatiifis harka wal-qabatanii (walitti dhufuun) hojjachuuf akka mijatu caasaa kaa’ameen abbootiin amantaa amantoota mara waliin ta’uun dammaqinaan hojjachuu akka qaban dhaamaniiruu.

Maggaabe Tifsiit Mulugeetaa Charinat (bitaa) fi hirmaattota leenjiichaa muraasa (mirga)

Abbootiin amantaa leenjii kana irratti hirmaachaa turaniis leenjiin akkanaa kennamuun mana amanatichaaf, addunyaa ammaayyoofte keessatti barumsa, dudhaafi seenaa ishee qabattee akka itti fuftu taasisa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Leenjiin hayyootaan bifa kanaan kennamu kun “abbootii amantaaf qofa osoo hin ta’iin uummata kiristaanaa, dargaggoota, abbootii amantaa biroofi Diyaaqonoota birattis gadi bu’uun osoo kenname” jechuunis gaafataniiru. Leenjii fudhatan kanatti gargaaramuun nuffii tokko malee yeroo kamuu caalaa dammaqinaan jijjiiramni barbaadamu akka dhufuufi Manni Kiristaanaa ulfina qabduun fuuldurattis akka tarkaanfattu hojjachuuf akka carraaqan waadaa galaniiru.

Walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Barsiisaa Injiinar Geetinnat Asraat  “waldichi yoomiyyuu taanaan mul’anni isaa gaarummaafi guddina Mana Kiristaanaa waan ta’eef abbootiin amantaa waldichaaf gorsa abbummaa kennuufi kadhannaa taasisuun maddii dhaabbachuu qabdu” jechuun gaafataniiru. Waldichi gara fuulduraattis hojiilee gurguddoo hojachuuf karoorfachuus himaniiru.