Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef

Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef

                                                           Faar. 59:4-5

Manni Kiristaanaa Ortoodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaanota haala hawwataa fi miidhagaa ta’een kabajju keessaa tokko ayyaana Masqalaa (Fannooti). Barreeffama kana keessatti seenaa Fannoo, Fannoo kakuu moofaa fi haaraa keessatti, barumsa amantaa dubbii Fannoo, Gooftaan keenya maaliif akka Fannoo irratti fannifame, akkasumas humnaa fi kabaja Fannoo ilaalla.

Fannoo Kakuu

Moofaatti

Namni kamiyyuu badii du’aaf isa geessisu yoo raawwate, akka du’us yoo itti murtaa’e, mukarrattis yoo fanniste, mukarratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaaramedhaatii reeffi isaa mukarra hin buliin, Waaqni kee lafa eebbisee siif laate akka hin busheessine guyyuma sana awwaali” (Keessa Deebii 21:22-23) seerri jedhu barreeffameera. Caqasa kana irraa wanti hubatamu namni tokko fannoon kan adabamu yakka cimaa fi du’aan adabsiisu yoo raawwatedha.

Bara durii irraa eegalee moototni namoota yakka raawwatan ykn immoo raawwatan jedhanii amanan bifa garaagaraatiin adabaa turan. Kanneen keessaa fannisuun adabuun mala tokkodha. Fannoodhaan nama adabuu kan eegalan warra Faars ta’uun ni dubbatama. Barreessaa seenaa kan ture Heroodotes inni Giriikii (Dhaloota Kiristoos Dura (Dh.K.D) 522-486)) mootii Faars kan ture Daariyoos jiraattota 3000 fannoon adabuu isaa barreesseera. Giriikonnis adabbii kana itti fayyadamaa turaniiru. Bara 267 Dh.K.D mootichi Anxiyaakoos jedhamu biyya Yihudaa to’annaa isaa jala wayita oolchee turetti Yihudoota waaqa tolfamaa (xaa’ootii) Giriikitti hin amannu jedhan fannoodhaan adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon kan barreesse yoo ta’u, namoota fannoon adabuun yeroo kanaa eegalee Yihudoota biratti hojiirra ooleera. Moototni Impaayera Roomaa duriis fannoodhaan nama adabaa turaniiru. Haa ta’u malee Israa’eel hanga bara 267tti (Dh.K.D) nama yakka dalage dhagaan waraanu malee fannoon adabuun hin turre.

 

Kanaaf fannoon mallattoo abaarsaa ykn adabbii ture. Kana jechuun garuu fannoon ykn mallattoon fannoo guutumaan guutuutti mallattoo abaarsaa qofaa ture jechuu miti. Sabni Israa’eel wayita galaana diimaa qaxxaamuruun bittaa Fara’oon (maqaa moototni Misiraa durii ittiin waamamaniidha) jalaa gara Kana’aanitti deemaa turanitti karaa irra osoo jiranuu gumgumuu isaaniitiin Waaqayyoo itti dheekkame. Uummaticha irrattis bofa gadi itti lakkisuun akka hidduun taasise. Boodarra garuu gaabbuun gara Waaqayyootti yeroo deebi’an “bofa nahaasii (bronze) tolchiitii iddoo mul’atutti fannisi (rarraasi). Kan hiddame hundi yoo arge lubbuun ni jiraata” jechuun Waaqayyo Musee ajaje (Lakk. 21:1-9). Bofti nahaasii sunis saba Israa’eel dheekkamsa itti bu’e irraa fayyuuf sababa fayyinaa ta’eef.

Egaan bofti Nahaasii kuni raajiidha. Bofti nahaasii hin cubbine, garuu warreen cubbanii fi daddarban bakka bu’ee akkuma fannifame, bara guyyaan fayyinaa dhufetti Ilmi Dubroo Maariyaam Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo ta’ee osoo jiruu Waaqummaan isaa akka waan irraa mulqamuutti osoo hin yaadiin dhala namaa abboommii Waaqayyoo diiguun daddarbe /cubbe bakka bu’ee kan fannifame agarsiisuufi. Sabni Israa’eel cubbuu isaaniitiif bofni itti dhufe summaawaa ture; fayyina kan ta’eef bofni nahaasaa garuu qulqulluudha. Kunis kan agarsiisu Addaam cubbuu isaatiin kan fide du’a ta’us, Kiristoos garuu Waaqa qulqulluudha. Bofa nahaasii sana warri danda’an ilaaluun, warri hin dandeenye sagalee isaa dhagahuun akkuma fayyan, waa’ee fannifamuu Gooftaas warri carraan yeroo irra oolche arganii, irraa baratanii, waliin nyaatanii dhuganii, raajiiwwan inni dalage arganii, warri boodarra jirru immoo barumsa isaa dhageenyee ni fayyina, fayyineeerras. Bofti Museen lafa gammoojjii Qaadees keessatti fannise kun fakkeenya Inni bara dhumaa dhala namaa cubbuu daddarbaa irraa baraaruuf Qaraani- yoorratti fannifamu ta’uu isaa barsiiseera. Wangeela Yohaannis 3:14 irratti “Museen lafa onaatti bofa nahaasii akkuma fannise, akkasuma kan Isatti amanu jireenya bara baraa akka argatuuf Ilmi namaa fannifamuu qaba” akkuma jedhu.

Sabni Israa’eel yeroo warra Amaaleeqotaa waliin wal lolaa turan Museen harka isaa bifa fannootiin yoo diriirsu Israa’eelni injifatu, yoo buuse immoo faallaa kanaa ture. Kanaaf, Israa’eel injifannoo akka galmeessisan yeroo Museen harka isaa diriirsuu dadhabetti Aaroonii fi Hoor harka Musee deeggaranii qabaa turan. Amaaleeq fakkeenya Seexanaa, Museen kan Kiristoos, Harki Musee immoo kan fannoo ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fannoorratti harka isaa diriirsuun bara dhumaa akka Diyaabiloosiin injifatu kan agarsiisu ture.

Gama birootiin, sabni Israa’eel bara dhumaa Fannoon araaraa fi fayyina akka argatan bifa garagaraatiin abdiin laatamaafii ture. Raajiitiinis itti himameera. Qulqulluu Daawiit “xiyyee jalaa akka miliqaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteef” (Faar.59:4-5) jechuun kan faarfate bara kana mallattoo fayyina keenyaa kan ta’e fannoon nuuf laatamuu fi mallattoo kanaanis kiyyoo seexanaa jalaa akka miliqnuu fi miliqne ta’uu ragaa baha.

Fannoo Kakuu Haaraatti

Kakuu Haaraa keessatti fannoon mallattoo abaarsaa ta’uun isaa hafee kan raajiin dubbatamaa ture itti raawwatee fi fayyina dhala namaatiif mallattoo ta’uun isaa (xiyyee diina jalaa ittiin miliqan) kan itti mirkanaa’edha. Ayyaana Masqalaa (Fannoos) akka kabajnu kan bu’uura nuuf ta’e Fannoo Gooftaa kan Seexanni ittiin injifatamedha.

Raajiin akkas ture:- “Dhugumatti miidhaa keenya ni fudhate, dhukkubbii keenyas ni baate,…Inni garuu waa’ee daddarbaa keenyaaf ni madaa’e, waa’ee badii keenyaafis ni bullaa’e, badiin dheekkamsa keenyaas Isarra ture, madaa’uu Isaatiinis ni fayyine” (Isa.53:4-5). Qulqulluu Pheexiroos raawwii raajii kanaa akkas jechuun ibsa – “Kiristoos ofiisaa Qulqulluu ta’ee osoo jiruu nuun gara Waaqayyootti dhiyeessuuf waa’ee cubbuuf jecha yeroo tokko du’eera; fooniin du’e, afuuraan garuu jiraataadha” (1Pheex.3:18),cubbuuf duunee qulqullummaaf akka jiraannuuf Inni Ofiisaa foon Isaatiin cubbuu keenya mukarratti (fannoorratti) baate” (1 Pheex. 2:24). Egaan Addaam daddarbaa raawwateef jannataa yeroo arii’amee eegalee waadaan fayyinaa laatameef kan raawwate Gooftaan keenya fannoo irratti fannifamuu isaatiini.

Iyyasuus Kiristoos maaliif fannoo irratti akka fannifamee du’u itti murtaa’e? Deebii isaa gabaabsinee armaan gaditti dhiyeessina.

Du’a sababa daddarbuu Addaamii fi Hewaaniin dhala namaa irratti barootaaf fe’amee (aangeffamee) ture aangoo isaarraa haquuf:- Yihudoota biratti fannoorratti kan fannifamu nama yakka cimaa dalage akka ta’e ilaalleerra (Keessa Deeb.21:22, Gal.3:13). Kanaaf Yihudootni Iyyasuus Kiristoos yakka dalage jedhanii waan amananiif fannifamee akka du’u itti murteessan. Yihudootni yakka dalageetu jedhanis garuu yakki Inni dalage dhukkubsattoota fayyisuu, jaalalaa fi dhiifama taasisuu, lallabuu, uummata beela’e kan gabaa shan ta’u buddeenaa fi qurxummii muraasaan quubsuu fi kkf ture. Garuu duuti fannoo itti murtaa’e. Sababa Addaamiin du’a dhala namatti murtaa’ee ture du’uu Isaatiinis duuti ni injifatame. Nutis faaruu injifannoo ni faarfanne “yaa du’aa injifannoon kee meerre ree?” jennee.

 

               

Inni Abbaa ogummaa ogummaa caaluu ta’uu Isaa mul’isuuf:- Yihudootni Kiristoos (Masih) durbeerraa dhalatee akka isaan fayyisu raajii dubbatametti ni amanu turan. Kiristoos isaan eegaa turan garuu abbaa waraana hedduu, abbaa aangoo lafarraa qabu kan bittaa Roomaa jalaa isaan bilisoomsu ture. Haa ta’u malee, haala isaan eegaa tureen hin dhufneef. Kanaaf Inni ‘Masih” miti jechuun akka du’u itti murteessan. Inumaayyuu Inni Gooftaa samiif dachee ta’ee osoo jiruu gola horiitti dhalate, fannoorratti fannifame. Akkuma saba Israa’eel galaana Eertiraa ceesisuuf Ulee Musee fayyadame (Keessa Deebii 14:21), uummata hiddaa bofaatiin dararame bofa nahaasiitiin fayyise (Lakk.21:4-9). Kanaaf Diyaabiloos ogummaa Isaa kana baruu dadhabee injifatame. “Ogummaan kan guutamte, dhumni miidhagaas si’idha” (Hiz.28:12) kan jedhame Diyaabiloos ogummaan isaa ogummaa isa caaluun jalaa fashalaa’e.

Raajiin dubbatame akka raawwatamu:-Sabni Israa’eel gara Kana’aanitti wayita imalan gumgumuu isaaniirraa kan ka’e bofaan akka hiddamanii fi boodarra garuu Museen bofa naasaa fannisee warri isa ilaalanii fi sagalee isaa dhagahan akka fayyan ilaalleerra. Kun yeroof Israa’eel warra fooniif kan raawwatame yoo ta’u dhumni isaa garuu Israa’eel warra lubbuu kan jedhamnu nu kiristaanotaafi. Kanaaf warri fannifamuu Gooftaa Qaraaniyootti arganii fi nuti warri sagalee kana dhageenye cubbuu Diyaabiloos bofa fakkaatee Addaamii fi Hewaaniin dogoggorsuun Abbaa keenya Waaqayyorraa akka adda baanu nu taasiserraa fayyuuf sagalee fannoo ni dhageenya, dhagahuu keenyaanis ni fayyina, fayyineerras.

Jaalala Isaa mul’isuuf:- Waaqayyo Gooftaan keenya jaalala dhala namaaf qabu kan mul’ise wayita sanatti du’a namootni daran cubban ittiin adabamaniin adabameetu. Gooftaan samiif dachee uume ni reebame, qoraattiin mataatti kaawame, hancufni itti tufame, ajjjeefame. Inni garuu Abbaa dhiifamaati waan ta’eef “waan raawwatan hin beekaniitii dhiifama taasisiif” jechuun warreen gidiraa irraan gahaniif illee Abbaa dhiifama kan kadhateef. Egaa lubbuu ofii fannoorratti dabarsanii namaaf laachuu jaalalli caalu jiraaree?

Araara buusuuf:- Addaamii fi Hewaan abboommii Waaqayyoo diiguu isaaniirraa kan ka’e dhalli namaa fi ergamootni waldhabanii seensi jannataa waggoota kuma hedduuf seefii Suraafeeliin eegamaa ture. Kanaaf dhalli namaa alagaa fi uummata jedhamee addaan walqooduun akka hafuuf harka Isaa bitaa fi mirgatti diriirsee fannifame.Misiraachoo wangeelaatiinistokko taasise.

 

Barumsa Amantaa Fannoo

Waa’ee fannoo dursee kan barsiise Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. “Fannoo kan hin qabanne, kan anaanis hin hordofne anaaf hin ta’u”, “Na duuka bu’uu kan barbaadu ofii isaa haa ganu, fannoo koo baatee anaan haa hordofu”

(Maat. 10:37, 16:24) jechuun. Egaa Gooftaan eenyuyyuu barataa Isaa ta’ee akka Isa hordofu bakka itti barsiise kamittuu waa’ee fannoo osoo hin kaasiin bira hin dabarre. Sababni isaas fannoon Diyaabiloos kan ittiin mo’atame, addunyaan kan ittiin fayye, dararamuu fi qabsuurummaa kan agarsiisu ijaa ta’eef oolmaa Gooftaan fannoorratti nuuf oole yaadachaa deemsa kiristaanummaa kan deemnudha. Egaa waa’ee fannoo osoo hin dubbatiin kiristaanummaa yaaduun ni danda’ amaaree?

 

Namnihaahafuutii, ErgamootniQulqulloonni illee waa’ee Gooftaa wayita lallaban fannoon giddu gala lallaba isaanii (center of preach) ture. “Kunoo Iyyasuus Isa fannifame akka barbaaddan…” akkuma jedhu (Mat. 28:5). Iyyasuus Isa fannifame yoo jedhu immoo kan Inni irratti fannifame dirqama yaadama jechuudha. Duuka bu’ootni Gooftaa yeroo Kiristoosiin lallabaa turan waa’ee dubbii fannoo yaadaa turan. “Nuti garuu Kiristoos Isa fannifame lallabna” (1Qor.1:23) akkuma jedhu. Mallattoon fannoo dachee qofa irratti osoo hin taane samii irraatii illee yeroo dhufaatii Gooftaa isa lammaffaa kan mul’atudha (Maat. 24:30).

 

Humna Fannoo  

Jechi fannoo warra badaniif gowwummaa, nu warra fayyinuuf garuu humnadha” (1Qor.1:18). Caqasa kanarraa akka hubannutti fannoon kiristaanota hundaaf humna cimaadha. Diina keenya Seexana ittiin injifanna. Asirratti garuu namootni “tokko tokko” humna fannoo yeroo shakkan mul’atu. Inumaayyuu gaaffii “meeshaa waraanaa abbaa kee ajjeese ni jaalattaayii?” jedhu. Kun garuu gaaffii dadhabinaa fi lallaba Wangeelaa hubannoo keessa hin galchinedha. Sababni isaas jalqaba fannoorratti kan du’e eenyuu? Gooftaan hayyama Isaatiin fannoorratti fannifamus dhumarratti kan du’e garuu Diyaabiloosi. Gooftaan immoo du’a mo’achuun mirga Abbaa taa’eera hoo!

Kanaaf namoota Addunyaa kanaa hedduuf waa’ee fannoo lallabuun“gowwummaa” ta’us, kiristaanotaaf garuu mallattoo injifannooti, mallattoo fayyinaati, toora jaalalaati, dirree araaraati. “Addunyaan anaaf kan itti fannifame (hojiin addunyaa na biratti du’aa kan itti ta’e) anis addunyaaf kan itti fannifame Fannoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin alatti of-jajummaan narraa haa fagaatu” (Efe. 6:14). Egaa mallattoo of-jajummaa ta’uun ala maaltu jiraree? Mallattoo du’aa kan ture fannoon, erga mallattoo fayyinaa ta’ee akkamitti waa’ee isaa daran bal’isnee hin dubbanneree? Fannoon ala Kiristoos hoo lallabuu dandeenyaaree? Yeroo Gooftaan keenya fannifamu Seexanni Gooftaan dadhabaa waan itti fakkaateef (yeroo dallaa horiitti dhalatu, yeroo beela’u, yeroo gaddu arge ijaa ta’eef) akkuma bare lubbuu Isaa Si’oolitti galchuuf wayita itti dhiyaatu cancala abiddaatiin hidhee karaarraa maqse. “Kan nu mormu barreeffama gatii ajaja dhiibbaadhaan barreeffame ni diige, diina fannoorratti hidhee karaarraa isa maq-seera” (Qol. 2:14). Kanaaf fannoon mallattoo Diyaabil- oosiin aangoorraa miliqse waan ta’eef waa’ee fannoo dhagahuu hin barbaadu.

Fannoon raajii hedduu ni raawwata. Huccuun Qulqulluu Phaawuloos,gaaddidduun Qulqulluu Pheexiroos dhukkubsattoota fayyisaa erga turee (Hoj. 5:15, 19:11), Fannoon dhiigni Gooftaa irratti dhangala’e, lafeen Isaa irratti burkutaa’e, foon Isaa irratti ciccite, cufaan jannataa ittiin baname, Diyaabiloos ittiin injifatame, dhalli namaa ittiin fayyina argate caalaatti raajii hin dalaguuree?

 

Kabaja Fannoo

Manni Kiristaanaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa fannoon Gooftaan keenya hojii fayyinaa kan irratti nuuf raawwatee; lola namaa fi Waaqayyoo gidduu ture kan ittiin diige (Efe.2:14-17); hanga dhumaatti jabaachuu fi obsa qabaachuu kan nu barsiisu waan ta’eef Kitaaba Qulqulluu wabeeffachuun fannoof kabaja ni laatti. Kabajni kunis bifa armaan gadiitiin mul’ata:

 

Dhungachuun:- fannoorraa suga argachuuf ni dhunganna. Fannoo kan dhiigni Gooftaa irratti dhangala’e, fayyinni keenya irratti raawwate haa hafuutii fira jaalannu tokko illee ni dhunganna mitiiree? Jaalalli fannoo Gooftaaf qabnu immoo akkamitti kana hin caalleree? (Mah.1:2)

Eebbifamuuf:- Fannoon aangoo Diyaabiloos ittiin mo’atame, dhalli namaa ittiin fayyina argate waan ta’eef ittiin eebbifamna. Abbaan keenya Yaa’iqoob bara seera laphee ijoollee isaa wayita eebbisu harka isaa bifa fannootiin wal qaxxaamursiiseetu (Uma.48:12-14). Kun immoo kan bara booddee (kakuu haaraa) raajiidhaan waan itti mul’ateefi.

Mallatteessuun:- Yeroo mallatteessinu Gooftaan keenya samii samiirraa bu’uun, Dubroo Maariyaam irraa dhalachuun fannoo irratti fannifamee Si’oolii gara Jannataa nu galchuu Isaa dhugaa ni baana. Quba lammaffaa diriirsuun warreen kaan sadan dachaasuun wayita mallatteessinu humna fannoo ni agarsiifna. Qubni fakkeenya humna Waaqayyooti (Maat.12:28, Luq.11:20). Kanaaf humna Waaqayyoo dawootaasifachuun Diyaabiloosiin ni injiffanna jechuu keenyadha.

Mormarratti hidhachuun:- Fannoon xiyyee ittiin diina jalaa miliqnu ta’uu ilaalleerra. Mootiin Solomoon “yaa ilma koo ajaja abbaa kee eegi, seera haadha kees hin dhiisin, yeroo mara lapheetti qabadhu, morma keettis hidhadhu”

(Fakk.6:20-21) akkuma jedhu, waan itti amannuuf, morma keenyattis waan hidhanneef hanga dhumaatti amanamoo ta’uu keenya kan ittiin mul’isnu dha.

Ragaa bahuun:- Fannoon aasxaa injifannoo kiristaanotaaf laatamedha. Kanaaf aasxaa injifannoo ofii waan arge hunda irratti kan hin fakkeeffanneef, bakka deemu hundatti dhugaa hin baaneef hin jiru. Fannoon aasxaa of-jajummaa, aasxaa bilisummaa kiristaana maraati!

Ayyaana Fannoo kabajuun:- Ayyaannota Fannoo kabajaman keessaa inni tokko Fulbaana 17 (Masqalaa) si’a ta’u, kunis Fannoon Gooftaa Yihudootaan baroota hedduuf awwaalamee iddoo dhokatee turee akka bahu Mootittii Illeeniitiin lafa qotuun guyyaa itti eegalame ijaa ta’eefi dha.

Kabajni ayyaana Masqalaa kan biyya keenyaa damaraa qabaachuu isaatiin manneen kiristaanaa biroo irraa add- adha. Kunis fakkeenyummaa qaba. Akkuma olitti ibsame Yihudootni jibbaa fi sodaa qabanirraa kan ka’e fannoo Gooftaa awwaalanii turan. Iddoon awwaala isaas akka hin mul’anneef hanga naannoo bara 326f kosiin magaalaa akka irratti gatamu taasisuun dhoksaniiru. Haa ta’u malee, haadha Mootii Qosxanxiinoos (Constantine) kan taate mootittii Illeeniin fannoo kana baasuuf abjuu erga argiteen booda, maanguddoo gaafattee iddoo isaa shakkiin itti himan. Isheenis shakkii kana mirkaneeffachuuf ummatni Israa’eel muka walitti qabanii akka guban taasifte. Kanaan booda aarri isaa ol ka’ee gara tulluu fannoon Kiristoos jalatti awwaalameetti qubate. Iddoo inni jirus itti mul’ise. Haaluma kanaan iddoo kana qotuun Fannoon Kiristoos ni bahe. Fannoon haala kanaan qotamee bahe kunis gartokkeen isaa (inni harka bitaa) biyya keenya kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa Godiina Walloo Kibbaa, iddoo Gisheen Maariyaamjedhamutti argama. Sugni Fannoo nu faana haa ta’u! Ameen!X

 

Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

Phaagumeen 2, 2008

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Waldaan Qulqullootaa yaa’iisaa 12ffaa Hagayya 27-29 bara 2008 galma lallaba Wangeelaa Mana Lubummaa Waliigalaafi galma gamoo Waldaa Qulqullootaa darbii 3ffaa irratti guyyoota sadiif gaggeesseera.

Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa

Sagantaan yaa’ii kuni Hagayya 27 galgala keessaa sa’aatii 12:00 irratti kadhannaadhaan kan eegale yoo ta’u hanga hagayya 29 halkan keessaa 7:30 irratti kadhannaadhaan xumuramutti itti fufeera.

Sagantaan yaa’ii kun guyyaafi halkan osoo wal irraa hin citiin kan gaggeeffame yoo ta’u, guyyaa guyyaa galma lallaba Wangeelaa Mana lubummaa Waliigalaatti; halkan halkan ammoo galma gamoo Waldaa Qulqullootaa keessatti gaggeeffamaa tureera. Yaa’ii waliigalaa kana irratti Abbootiin phaaphaasonni kan argaman yoo ta’u, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa kana ta’an Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos dabalatee, Eebbifamoo Abuna Luqaas, Eebbifamoo Abuna Salaamaa, Eebbifamoo Aabuna Gabri’eel, Eebbifamoo Abuna Inxoons guyyoota kanneen keessatti dabareen argamanii sagalee eebbaafi barumsa kennaniiru.

Sagantaa kana irratti Miseensonni Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu hunda irraa dhufan (biyya keessaa hanga biyya alaatti jiran) argamaniiru. Sagantaa kana irrattis qabxiiwwan mariif ka’uumsa ta’anifi hubannaa hirmaattotaa cimsan adda addaa dhiyaataniiru.

Yaa’ii kana irratti waggoota itti aananiif Waldicha kan gaggeessaniifi Koreen Hojii Raawwachiistuu filamaniiru. Akkasumas, Waldaan Qulqullootaa bara 2007-2008tti tajaajilawwan gaggeessaa ture, baasii baaseefi galii galche mara kan ibsu gabaasni dura ta’aa Waldichaan dhiyaateera. Gabaasnii haala qarshii Waldichaa ilaalchisee kan bara tajaajilaa 2006 fi 2007 Odiitara alaan dhiyaatees sagalee guutuun mirkanaa’eera.

Keessumaayyu yaa’ichi Karoora Tarsiimoo (Strategic plan) waggoota 6’n dhufan keessa raawwataman irratti marii gad-fageenyaan gaggeessuun gabbisuun mikaneesseera.

hirmaattonni yaa’ii garee

Hirmaatotni yaa’ichaa gareedhaan ta’uudhaan yeroo marii taasisan

Haaluma walfakkaatuun, Waldaa Qulqullootaa jalatti Pirojeektiin Miidiyaa Afaan Oromoo Hagayya 30 bara 2008 hirmaattota wiirtuulee waldichaa naannoo Oromiyaa irraa dhufaniif dhimma tajaajila afaan Oromootiin kennamu ilaalchisee marii guyyaa tokkoo taasiseera. Sagantaa kana irratti faayidaa afaaniin tajaajiluu, haala tajaajilaafi Pirojeektiin kun hundeeffamee maal akka hojjechaa jiru hubannoon kennameera. Dabalataanis gaheen hirmaattotaa wiirtuulee (godinaafi aanaa) maal ta’uu akka qabu irrattis mariin bal’aan taassifameera.

Kaayyoon pirojeektii kanaa uummanni afaan dhagahuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu ta’uun ibsamee tajaajila Mana Kiristaanaa kana daran guddisuuf Kiristaanonni marri akka irratti hirmaachuu qabanis eerameera.

Hirmaattota yaa’ichaa muraasa

Kanaan dura hubannoo akka kanaa bal’inaan hin qabnu turre kan jedhan hirmaattonni marii kanaa kana booda gara aanaaleefi Wiirtuuleetti yeroo deebinu tajaajila afaanii kana cimsinee itti adeemna jechuun waadaa galaniiru.

Manni Kiristaanaa kan Duukaabutotaafi kan hundaa taatee osoo jirtuu tajaajila afaan uummanni dhagahuun kennuu irratti hanqina qabaachuushee kan dubbatan hirmaattonni marii kanaa ammas yoo barfate iyyuu hin dhiisne waan ta’eef uummata sagalee Waaqayyoo dheeboteef qaqqabuu qabna jedhaniiru. Waldaan Qulqullootaa Afaan uummanni dhagahuun tajaajila wangeelaa kana yaaduudhaan pirojeektii kana hundeessee socho’uu isaattis ni galateeffanna jedhaniiru.

Pirojektiin Miidiyaa Afaan Oromoo Waldaa Qulqullootaa kitaabota amantaa addaddaa Afaan Oromoon qopheessuufi hiikuu dabalatee, weebsaayitii Afaan Oromoon, barruulee “Dhangaa Lubbuu”, sagantaa talaviizyinii OBS irratti Afaan Oromoon darbaa jiruufi yaa’ii wangeelaa ji’aa akka qopheessa jiru ni beekama.

Waaqayyoof galanni haa ta’u; ameen!

Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname

                      Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname

                                                                         Gaazexeessaa Yordaanoos Gonfaatiin

(Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa)

Mana Kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaafi Qajeelcha Manneen Dilbataa, Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa leenjii mata dureewwan garagaraa irratti abboottii amantaaf kenneera. Abbootii bulchitoota Manneen Kiristaanaafi gaggeessitoota kutaa lallaba Shawaa Bahaa jala jiraniif waldichi magaalaa Adaamaatti guyyoottan lamaaf (Hagayya 21-22, 2008) leenjii kana kennuun xumureera.

Hirmaattota Leenjiichaa

Dhimmoonni leenjiin kun irratti kennames Sirna Bulchiinsa Ammayyaa, Akkaataa Bulchiinsafi To’annoo Maallaqaa, Tooftaalee Walitti bu’iinsa itti hiikan, Waa’ee Gaggeessummaa, Dhimmoota Mana Kiristaanaa Tibbanaafi kkf dha. Leenjiileen kanneen hayyoota barumsa Mana Kiristaanaafi saayinsii addunyaan biyya keessaa hanga biyya alaatti beekamani fi muuxxannoo leenjii kennuutinis beekamtii qabaniin kennamaniiru. Sirna baniinsa leenjichaa irratti hojii gaggeessaan kutaa lallaba Manneen Kiristaanaa  Shawaa Bahaa Maggaabe Tifsiit Mulugeetaa Charinat akka dubbatanitti, Waldaan Qulqullootaa kaayyoo hundeeffameef akka galmaan gahuuf gaggeessittoonni Mana Kiristaanaa sadarkaan jiran tumsa barbaachisu gochuu akka qaban gaafataniiru. Kana malees hojiirra oolmaa leenjichaatiifis harka wal-qabatanii (walitti dhufuun) hojjachuuf akka mijatu caasaa kaa’ameen abbootiin amantaa amantoota mara waliin ta’uun dammaqinaan hojjachuu akka qaban dhaamaniiruu.

Maggaabe Tifsiit Mulugeetaa Charinat (bitaa) fi hirmaattota leenjiichaa muraasa (mirga)

Abbootiin amantaa leenjii kana irratti hirmaachaa turaniis leenjiin akkanaa kennamuun mana amanatichaaf, addunyaa ammaayyoofte keessatti barumsa, dudhaafi seenaa ishee qabattee akka itti fuftu taasisa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Leenjiin hayyootaan bifa kanaan kennamu kun “abbootii amantaaf qofa osoo hin ta’iin uummata kiristaanaa, dargaggoota, abbootii amantaa biroofi Diyaaqonoota birattis gadi bu’uun osoo kenname” jechuunis gaafataniiru. Leenjii fudhatan kanatti gargaaramuun nuffii tokko malee yeroo kamuu caalaa dammaqinaan jijjiiramni barbaadamu akka dhufuufi Manni Kiristaanaa ulfina qabduun fuuldurattis akka tarkaanfattu hojjachuuf akka carraaqan waadaa galaniiru.

Walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Barsiisaa Injiinar Geetinnat Asraat  “waldichi yoomiyyuu taanaan mul’anni isaa gaarummaafi guddina Mana Kiristaanaa waan ta’eef abbootiin amantaa waldichaaf gorsa abbummaa kennuufi kadhannaa taasisuun maddii dhaabbachuu qabdu” jechuun gaafataniiru. Waldichi gara fuulduraattis hojiilee gurguddoo hojachuuf karoorfachuus himaniiru.

                                                                                        

Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!

Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!

“Huccuu moofaarratti uffata haaraa kan erbu hinjiru…” Mat. 9:16

Waasihuun Amanuutiin

Jecha kana kan dubbate Gooftaafi Fayyisaa keenya kan ta’e Iyyesuus Kiristoosidha. Kiristoos yommuu biyya lafaa kanarratti foon namaa uffatee deddeebi’aa turetti fakkeenya addaddaan uummata barsiisaa tureera. Isa kaan qonnaan fakkeessee, isa kaan immoo biqiltuu Wayiniin fakkeessee akka hubataniif itti himaa tureera. Fakkeenya kanaanis isa “Huccuu moofaarrattii uffata haaraa kan erbu hinjiru…” jedhuun ammoo kan barsiise namoonni sagalee Waaqayyoo isaaniif ife kana dhagahuun jireenya isaanii duraanii irraa adda ba’anii jireenya haaraa akka eegalaniifidha. Jireenya duraaniifi isa haaraa walitti makanii adeemsisuun ulfaataa waan ta’eefi. Fakkeenyaaf, namni duraan machaa’aa ture, erga Kiristoositti amaneen booda akkuma duraaniitti machaa’aa “ani Kiristaana” yoo jedha ta’e ofis miidhee namoota kaaniifis fakkeenya hamaa (gufuu) ta’a. Isa duraa caalaa namoota gufachiisuu danda’a, duraan otoo hin beekiin ta’a kan balleessu; amma garuu otuma beekuu waan balleessuuf yakkisaa ni cima. Duraan of qofa miidha ture; amma garuu namoonni isa ilaalanii akka gufataniif daandii saaqa. 

 

Kitaabni Qulqulluus “Isaan xixiqqaa natti amanan kanneen keessaa tokkollee kan gufachiisu hundi, dhagaan daaktuu mormasaatti hidhamee gara galaana guddaatti otoo gatamee isaaf ni waayya ture” jechuun ibseera (Mat. 18:6). Kanaafuu, jireenya cubbuu duraanii keenya qalbii jijjiirrachuun haaromsinee jireenya haaraa kan ta’e Kiristaanummaa simachuu qabna malee kanneen faallaa ta’an lamaan walitti erbuun adeemsa sirrii miti.

Bara haaraatti jireenya keenya isa bara moofaa qabannee ceena taanaan barrisaa unuuf haaraa ta’uu hin danda’u; waliin maknee jiraachuu yoo yallerree waan wal hingitneef bara haaraa irraa faayidaa hin argannu. Wangeelli keenya “huccuu moofaarratti uffata haaraa erbuun” gaarii akka hin taane kan dubbateef, “inni haaraan isa moofaa sana caalaatti waan tarsaasuuf” dha (Maat.9:16). Akka Kiristaanaatti barri haaraan yommuu dhufu jireenya keenya keessaa isa gaarii hin turre dhiifnee isa duraa caalaa fooyya’uuf kan itti tattaafannu ta’uu qaba.

Kiristaanotaaf Kakuun Moofaa fakkeenya bara duraaniiti (bara cubbuufi abaarsaa); Kakuun Haaraa immoo fakkeenya jireenya haaraati. Kakuu Moofaa keessaa garuu hundumtuu hin gatamne; akka hafan kan taasifaman warreen jireenya Kakuu Haraa (mul’ata gonkummaa Gooftaa keenyaa) waliin deemuu hin dandeenyedha. Fakkeenyaaf, dhiigni horii aarsaa Kakuu Moofaa ture; Kakuu Haaraatti garuu dhiiga Kiristoositu fayyina dhala namaaf dhangala’e. Kanaafuu gara Isa jireenya bara baraa nuuf kennutti ceene jechuudha.

Haaluma kanaan, kiristaanonni yommuu bara moofaarraa gara bara haaraatti ce’an wantoota bara haaraatti ce’uu hin malle kan akka cubbuu addaddaa hojjechuu, tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti dadhabina agarsiisuu, qalbii jijjiirrachuu dhiisuufi kkf hundumaa ofirraa harcaafnee bara haaraatti kiristaana cimaa taanee nama mootummaa Waaqayyoof qophaa’e ta’uun nurraa eegama.

Bara haaraatti isa duraani caalaatti tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuudhaan rakkoolee Manni Kiristaanaa keenya keessa jirtu irraa qolachuuf tattaafachuun barbaachisaa dha. Rakkoolee Mana Kiristaanaa irra gahaa jiran odeessuu qofa ykn akka hojjetamaniif qaama biraa gaafachuu qofa otoo hin taane hanga humna keenyaa gumaachuun, gahee mataa keenyaa bahuun nurraa eegama. Rakkoo keenyaaf namatti quba qabuun sirrii miti. Hundumtuu gaheesaa otoo bahatee Manni Kiristaanaa hunduma bira geessee fayyina lubbuu namootaaf kenniti. Kana keessatti immoo ati, anis, isinis, hundi keenyayyuu gahee guddaa qabna.

Egaa akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Jijjiirama lapheetiin malee addunyaa kana hin fakkaatiinaa” (Rom.12:2) jedhetti yommuu barri haaraan dhufu jijjiiramuu kan qabnu laphee keenyaatiin ta’uu qaba. Waggaan yeroo yerootti ni jijjiirama; haaluma kanaan kiristaanoonni cal’isanii umurii foonii lakkaa’uu qofa osoo hintaane yeroo kanatti gargaaramuun jireenya afuuraan jijjiiramuu qabna. Yaada cubbuu, hojii dogoggoraa, adeemsa xuraa’aafi waan kana fakkaatan irraa gara jireenya gaariitti tarkaanfachuutu nurraa eegama. Jijjiiramni keenyi immoo nama addunyaa kana keessaati fooniin beekamaa ta’e dorgomuu otoo hin taane Kiristoosiin fakkaachuuf yaaluu ta’uu qaba. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Ani Kiristoosiin akkuman faakkadhu, isinimmoo anaan fakkaadhaa” (1Qor. 11:1) jedhee akkuma nu gorsetti fakkaachuuf yaaluu kan qabnu Kiristoosiinifi qulqullootadha.

Kunis ta’uu kan danda’u hojii gaarii kiristaana tokko irraa eegamu dalaguun malee maqumaan kiristaana jedhamuun gahaa miti. Abbootiin yommuu makmaakan “Tola hin tolan” jedhu mitiiree? Waan gaariitti ba’uuf baay’ee dadhabuun, tattaafachuun, qormaata hedduu keessa darbanii tajaajiluun dirqamadha. Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti qormaata malee waan yaadan bira ga’uuf yaaduun gowwummaadha. Qormaata sodaatanii jijjiirama eeguunis gowwummaa isa ol’aanaadha.

Dhumarrattis, Waaqayyo uumaan keenya bara haaraa kana bara nageenyaa, jaalalaafi bara Mani Kiristaanaa keenyi tajaajilashee itti cimsattu akka nuuf taasisu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!!