“Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)

Jecha kana Namoota Dooniidhaan Oddoola Iyyoophee irraa gara Tarsees deemaa jirantu raajicha Yoonaasitti dubbate. Yoonaas Raajoota Waaqayyoo kudha jahan keessaa isa tokko dha. Raajaan kun abbaan isaa Amaatee kan jedhamu yoo ta’u, nama gosa Yisaakoori dha. Yoonaas jechuun guugee, garraamii jechuu dha. Raajichi Yoonaas Waaqayyoo tajaajilaa nama jiraate dha.

Waaqayyoon tajaajilaa Isaa Raajicha Yoonas kana dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dura bara 1612 gara namoota Nanaweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii gara Waaqayyootti akka deebi’an; kana ta’uu baannaan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyo akka malee gaddisiisan illee Inni samii irraa abidda roobsee magaalittii bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu osoo danda’u arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “Hammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaalaa guddittii Nanawee deemi; sagalee koos isaaniif   lallabi.” jechuun Raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garuu, ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabe. Osoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa buusanii Raajicha Yoonas irratti bu’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “Yaa Waaqayyoo, lubbuu nama kanaaf jecha nu hin balleessin; Ati akka jaalatte godhi.’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonaas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadii fi halkan sadiif garaa qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booda gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonaas garaa qurxummii guddichaa sana keessatti gaabbee Waaqayyo kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanaweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanaweef  “Guyyaa sadi keessatti Nanaween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawee battaluma dubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyo amananii cubbuu raawwataniif ni gaabbani. Raajii Yoonaas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawees Waaqayyo ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hin jenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawee akkuma qaqqabeen teessoo mootummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaa isaa baafachuun gadda guddaan liqimsamee daaraa irras ni taa’e. Nanawee keessatti “Namoonni fi beelladoonni biroon waan tokko akka hin sooranne, akka hin bobbaane, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis haa gaddan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa hammeenyaa fi cubbuu irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haa qajeelchu, dheekkamsa Isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyo mufachiise gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan Isaa daangaa hin qabne kan Kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwanne cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebi’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Sooma jechuun qaama ofii cubbuu irraa dhoowwachuu fi fedhii lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Ykn wantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu dhiisuu jechuu dha. Kunis, soomiin namni wantoota fooniin fedhuu fi kajeelu hunda otoo raawwachuu danda’u yeroo murtaa’eef lagachuun /dhiisuun/ qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomanni qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa of qusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomni ni jira. Soomni amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenname sooma ture.  Innis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangeessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u, beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  S.Uum. 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyo akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun /barsiisuun/ Isaa soomni kan namaan uumame otoo hin taane ajaja Waaqayyoo irraa faayidaa namaatiif jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Duraa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru. Raajoonni Kakuu Duraa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaani fi bishaan afaan isaanitti hin seenu ture. (S.Bahuu 34:28).  Dheekkamsi Waaqayyoo kan baay’ina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebi’e, ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomni seera nam-tolchee osoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ofuma Isaa bara Namoomaa (ሥጋዌ) biyya lafaa kana irra turetti hojii Isaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2 Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka Buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. HDB 13:2. Luboonnii fi Diyaaqonoonni Wangeela akka lallaban ennaa filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaani dha. HDB 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos ulfina guddaa kan argatan soomaa fi kadhannaan Uumaa isaanii kadhatanii ti. HDB 10:4

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleen ishee jireenya Afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna Mana Kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomnu torba yoo ta’an, isaan keessa tokko mata duree barreeffama /barumsa/ kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawee kan jedhamuu dha. Moggaasni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaalaa Nanawee jedhamtu irraa ti. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatani fi dhiifama ittiin argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaanitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waanni nuti barumsa kana irraa argannu:-

  1.  Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyo kadhachuun fala kan argannu ta’uu,
  2.  Yoonaas irraa; Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu. Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’u fi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota birootti quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan garuu badii irraa akka oolan of irratti murteessee hojii irra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa).
  3. Uumamni hundi Waaqayyoof  kan ajajamu ta’uu fi Waaqayyoof wanti dadhabamu akka hin jirre.
  4. Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hin balleessin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama Isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.
  5. Jiraattoota magaalaa Nanawee irraa; Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amu dha.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa, jedha.” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti Qulqulleettiin Manni Kiristaana keenya Ortodoksi Tawaahidoon hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqaa hojii irra ni oolchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajaa Isaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa; soomis labsaa” jechuun barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawee hammeenyaa fi cubbuu nu balleesuudhaaf nu marsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaa fi kadhannaa gaabbiin deegarameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannufi dha. Soomni kennaa Waaqayyoo akka rakkinaa, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nu qunnamee fi nu quunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’uu isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irratti kan bu’uureeffame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyu fi tarkaanfiin fudhannu fedha /yaada/ Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, namni yoomiyyuu taanaan akka raajicha Isaayiyyas irra bulee Waaqayyoon dubbate “Karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dhugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessatti diina nu qoraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dhugaan yoomiyyuu qorumsa irraa hin fagaattu. Kanaaf, dooniin Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtu qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraattu yoo ta’u, dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef osoo rakkoon isaan hin muudatin waan nagaadhaan deemaa turan fakkaatu. (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaan fi Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu /balleessuu/ otoo hin taanee akka Duuka Bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinu Waaqayyoos gara keenyatti deebi’u, uumamni hundi gara keenyaatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akkuma nuuf ajajamu; yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu wantoonni hundi too’aannoo keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa Waaqayyo Isa homtuu Isaaf hin dadhabamne qofa hunduu harka Isaatti kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaa ti. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyoon isaan itti ergee fi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasni beekuun akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheessee baadiyyaatti ergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabani, gara magaalaa qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaalaa Nanawee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabbanii fi hammeenya isaanii irraa deebi’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyo ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’a, balaa fi k.k.f. akka nama dhuunfaatti, akka biyyaatti fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’utti kan irratti kaayyeeffatame ta’uu qaba. Sooma Nanawee kana yoo soomnu biyya Nanaweetiif osoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf dha. Akkuma namoonni doonidhaan gara magaalaa Tarsees deemaa jiran “Akka nu fayyisuuf ka’ii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu, nuuf iyyi” jedhanii Yoonaasitti kadhannaa isaanii dhiyeeffatan, nutis Waaqayyoon cubbuu keenyaa fi balleessa keenya ilaalee akka nun balleesineef akka nuuf dhiisuuf gara Waaqa keenyatti iyyuun, boo’uun akka uummanni Nanawee badiinsa irraa oolfaman ibidda bara baraa irraa akka oolfamnuuf akka Kiristaanummaa keenyatti wantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii guutuudhaan soomnee araara /dhiifama/ Waaqaayyoo akka argannu eeyyamni Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8

“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa isaatti yeroo ol ba’uutti dha. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka Bu’oota Isaa waggaa 3 fi ji’a sadii isaan waliin ta’uun addunyaa hadhoofte kana sagalee isaatiin erga mi’eesseen booda isaanin immoo “Isin soogidda addunyaa ti” jechuun  Isaa ni yaadatama. Kana bu’uura godhachuudhaan addunyaa cubbuun hadhoofte kana sagalee Isaan akka mi’eessaniif isin soogidda addunyaa kanaa ti. Anaafis ragaa baatota Koo taatu jedheeni. Gooftaan keenya Duuka Bu’oonni ragaa baatota Isaa akka ta’aniif dursanii waan gochuu qaban isaanitti himee ture. Innis “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif Nan erga; Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa” Luq. 24:49 jechuun ragaa baatuu ta’uun dura sooma fi kadhannaadhaan Iyyaruusaaleem keessa turaa jedheeni. Sana booda, humna argattuu jedhee isaaniin abdachiise. Kana qofa miti, hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka Isaa mataa isaanii irra kaa’ee ni eebbiseen. Kana jechuun aangoo lubummaan isaan muudee osuma Isaan arganii gara samiitti ol bahe. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe Kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nu hubachiisa. Raajoonni sobduun bara keenya kana keessatti jiran “Gooftaan Mul’ataan naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” jedhanii raagu. Kun raajii sobaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyoo iyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneessee jira. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).

Egaawoo akkuma mata duree irraa hubannutti “Ragaa baatoota Koo taatu” jedhee isaanitti hime.  Duuka Bu’oonni Gooftaa humna erga fudhataniin booda ragaa baatota isaa akka ta’aniif Kiristoosiin addunyaatti labsanii alagoota gara Kiristaanummaa akka fudhatan taasisan. Dursa garuu ofii isaanii Kiristoosin fudhatanii, amananii qaama isaanii taasifatanii jiru. Gara ragaa bahuutti deemuun duras soomaa fi kadhaannadhaan Iyyaruusaaleem kan taate Mana Kiristaanaa keessa turuun humna argatanii jiru. Sana booda beela, dheebuu, goodaansa, gidiraa hundaa fi du’a osoo hin sodaatin Kiristoosin addunyaaf labsanii jiru. Kana jechuun Duuka Bu’oonni fi Abboonni Duuka Bu’oonni Kiristaanummaa Labsanii nuun kan ga’an sagaleedhaan qofa osoo hin taanee jireenya isaanii guutuu kennuudhaani. Egaa wal harkaa fuudhinsi kun nu bira yeroo gahu ni gaha akka waan jedhamee dhaloota dhufuuf dabarsuu dhiisnee kan keenya kan ta’e, ofuma keenyaa ceepha’aa, ofuma keenyaa maddii dhaabbannee harka itti reebaa, akka waan nu hin ilaallannee taajjabdoota taane hafne.

Ka’uumsa mata duree keenyaa irratti “Iyyaruusaalem, Yihuudaa, Samaariyaa, hanga handaara addunyaatti ragaa baatota Koo taatu.” kan jedhu yeroo ilaallu

  1. Iyyaruusaalem:- Maatii fi Naannoo Mana Kiristaanaa namoota jiran (maatii Mana Kiristaanaa waan ta’aniif)

Kana jechuun haadha, abbaa, obboleessa, obboleettii, haadhaa manaa ijoollee, firoota keenya nu waliin jiran, hojjattoota keenya illee ni dabalata jechuu dha. Ofii keenya fayyinee namoota kanneen biroos fayyisuu osoo dandeenyuu nuti garuu waa tokko raawwachuuf yaalii illee hin goonu. Nuti shakkii amanuu dhabuu hagam akka dabarsine lapheen keenya ni beeka. Kanaafuu laphee guutuun amannee ofii keenyas fayyinee maatii keeenya fayyisuun nu irraa eegama.

  • Maatii keenya barsiisuuf Kitaaba Qulqulluu fi Qabsuura Qulqullootaa dubbisuun haa eegallu.
  • Gara Mana Kiristaanaa Deemuun sirna Qiddaaseee akka hordofan affeeruu
  • Foonii fi dhiiga Isaa akka fudhatan taasisuu.

          Fil. 1:1-3, 2ffaa Moot. 5፡1-13, Yoh. 1:45

  • Yihuudaa:- Ollaa fi Iddoo hojii
  • Naanoo hojiitti haasawa cubbuuf nama affeeru haasawuu dhiisuu
  • Dilbata kan baranne iddoo hojii fi mana baruumsatti hiriyyoota keenya barsiisuu
  • Kitaaba akka dubbisan affeeruu fi maal akka irraa argatan gaafachuu
  • Garraamummaa jaalalaa fi afuuraan karaa jibbiinsii fi xiiqii hin qabneen gaggeeffamuu 1ffaa Xim. 1:19

Walumaa galattii jireenya keenya hundaan mana yookan maatii keenya biraa kaasee hanga addunyaa guutuutti ragaa baatota Kiristoos ta’uun nu irraa eegama. Duuka Bu’oonni Gootfaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan isaan barsiise waan Isa irraa argatan gidiraa fi darara mootota addunyaa kanaa osoo hin sodaatin onneee fi laphee isaanii guutudhaan Afuura Qulqulluu irraa kennaa argatan fayyadamuun kan arganii fi dhagahan ragaa ba’anii jiru. “ Nuti kan dhageenyee fi kan argine ragaa ni baana” (H.D.B. 4:20) Eegaa hundumti keenyaa akkuma Duuka Bu’oota humna akka argannuuf Iyyaruusaaleem keessa turuutu nu irraa eegama. Sana booda akka Duuka Bu’oota Ragaa baatoota Isaa taana.  Waaqayyo Gooftaan hanga dhumaatti Iyyaruusaaleem kan jedhamte Mana Kiristaanaa Keessa akka jiraannu nu haa gargaaru.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2

Dn. Yooseef Baqqalaa

Hiikaa: Soorii Moosisaa

Seerri Kiristoos Maali dha?

Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala dha. Nama biraaf kan Raawwannu jaalalli gaariin kun Waaqayyo biratti gatii guddaa qaba. Kanaafis walitti dhufeenya guyya guyyaa keessatti kan beela’e nyaachisuun, kan dheebote obaasuun, kan daare daara baasuun, kan rakkate gargaaruun, kan gadde jajjabeesuu fi hojiiwwan gaariin kana fakkaatan hundi jaalala namni namaaf qabu irraa kan ka’e dha. Hojiiwwan gaarii kana fakkaatan kan raawwatan hundaa Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos murteedhaaf yeroo dhufutti, “Eebbifamtoota ijoollee Abbaa Koo koottaa addunyaan yeroo uumamtee eegalee kan isiniif qophaa’e Mootummaa Koo dhaalaa! Hundumaa gadi kan ta’an obboloota Koo isaan kana keessaa isa tokkoof waan raawwattaniif akka Anaaf raawwattaniti.” jechuun gatii kabajamaa akka nuuf kennu Wangeelaan nutti dubbatee jira. Maat. 25:35-36

Nama jaalachuu fi nama gargaaruun jaalala ti. Waaqa jaalala kan ta’e Waaqayyoo biraa gatii argamsiisa. Qulqulluu Phaawuloos “Egaahoo yeroo yoo arganne nama hundaaf gaarii yaa raawwannu.” kan jedhe gaarummaan jaalalaan kan raawwatamu gatii Afuurawaa inni argamsiisu sirritti waan hubateefi dha Gal. 6:10. Jaalala kan jedhame kun namaaf waan gaarii hojjachuu, dadhabbina namaa illee haguuguun ykn dhoksuun raawwii ibsamu dha. Qulqulluu Phaawuloos isa kana ilaalchisee “Isin keessaa tokkoon tokkoo namaa ba’aa isa tokkoo haa baatu, akkasumas seera Kiristoos raawwadhaa!” jedhamneerra. Kanaafuu, seera Kiristoos kan jedhame jaalala dha. Kunis barsumsa hojiidhaan mul’atuu dha Gal. 6:2. Fayyisaan Keenya Iyyasuus Kiristoos jaalala Isaa gonkaa irraa kan ka’e ba’aa ilma namaa baatee duuti Isaaf kan malu osoo hin taane, foon keenya uffachuun du’a mo’ee ka’uun mo’icha akka nuuf kenne, hir’ina keenya keenya balleessaa keenya obsuun nama gara jireenyaatti gara Fayyinatti deebisuun jaalala gonkaa hojiidhaan ibsamee dha.

Jaalalli qooqa Ergamootaan dubbachuudhaa olitti kan kabajamee dha. Jaalalli dhugaan beekumsa fi arjoomina kamiyyuu ni caala waan ta’eefi dha. Jaalalli bu’uuraa jireenya kiristaanummaa akka ta’e Qulqulluu Phaawuloos 1ffaa Qor. 13:1-10 irratti jireenyi ykn qabsuurri jaalalaan hin mi’oofne kan hin fayyadne ta’uu isaa nutti himee jira. Sababni isaas “Jaalalli ni obsa, jaalalli namaaf gadda, jaalalli hin boonu, jaalalli ana qofatu jiraata hin jechisisuu, jaalalli waan hamaa hin yaadu, jaalalli dhugaa waliin yeroo hunda ni gammada, jaalalli hundumaa ni amana. Akkasumas jaalalli hin kufu.” jechuun nu barsiisee jira. Haala kanaan kan jaalalatuuf arjummaa taasisa, ni obsaafis. Kanaafuu, kan isaa illee osoo hin hafin ni dhiisaafi ykn ni kennaafi. Nama jaalatu akka hin dhabneef gadi of qabummaadhaan, garraamummaadhaan, obsaan of’eeggaanoodhaan ni jaalata. Eef. 4:2. Namni hunduu kan jaalatu arjummaa fi gara laafummaa qabu irraa osoo hin sassatin ni qooda, waan hundaanuu garaa hin jabaatu. Eef. 4:32

Namni Waaqayyotti amanu hundumtuu kan jaalalaa ta’uutu isa irraa eegama. Fannoo irraatti addunyaaf beenyaa ta’ee kan fannifame Fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kan nu barsiise nama hunda jaalachuu akka qabnu dha. Bu’uurri baruumsa fi amantii amantaa Kiristaanaa jaalala kanaan ibsamuu qaba. Qulqulluu Phaawuloos Gal. 5:6 irratti “Kiristoos Iyyasuusiidhaan ta’uun amantii jaalalan raawwatamuu dha malee kittanamuu yookan kittanaamuu dhiisuun hin fayyadu.” jechuun nu barsiisa. Kunis amantii kan sochoosuu fi hojii gaariin akka hojjatamu kan taasisu inni guddaan jaalala dha. Kanaan alattis bilisummaa Afuuraatiif kan waamamne amantaa Kiristaanaa keenyaa fedhii foonii fi qoruumsa garaa garaatiin akka hin gufannee fi dhabeessa akka hin taane yeroo nu akeekkachiisu “Yaa obboloota isin fakkenyuummaadhaaf waamamtaniittu. Fakkeenyuummaan keessan fedha fooniif akka isin hin kennine. Garuu, jaalalaan walii walii keessaniif akka garbootaa ta’aa!” Gal. 5:13 jechuun akka of eeggannuuf nutti himee jira. Amantaa hojiidhaan ibsuuf jaalalli baay’ee murteessaa dha. “Haa ta’u malee yoo wal ciniintan, wal nyaattan illee  akka wal hin balleessine of eeggadhaa!” Gal. 4:14 Kana irraa ka’uun jaalalli raawwii hojii amantaa ta’uu isaa hubanna.

Kanaafuu, gidduu keenya jaalalli jira jechuun tokkummaa fi wal hubachuun nu gidduu jira jechuu dha. Kana yoo ta’e immoo namoonni jaalala tokkoon jiraatu, waan tokko yaadu, kaayyoo tokkoof hojjatu, karaa tokko irra deemu. Akkasumas, laphee tokko ta’u. Wangeela tokkoon tajaajilaa Afuuraa ykn Mootummaa tokkoof kan waamamani dha. H.D.B. 1:14 “Laphee tokkoon ta’anii kadhachaa turani.” 1Phex 3:8 irratti Qulqulluu Pheexiroos “Dhuma irratti hundi keessanuu laphee tokkoon ta’aa gidiraan nama biraa isiniif akka ta’eetti fudhadhaa, akka obbolaatti wal jaaladhaa!” jechuun akka nu barsiise nutis waa’ee jaalalaaf jennee namoota wal jaalatan fakkaannee bultoo Waaqayyoo kan ta’e madda jaalala dhugaa haa taanu. Kanaafi dha Qulqulluu Phaawuloos Eef. 5:2 irratti “Jaalalaan deddeebi’aa, jaalala hordofaa!” kan nuun jedheef. Sababni isaas sossobaa kan hin qabne jaalalli dhugaa (gonkaa) diina ykn gufuu cubbuu waaan ta’eefi dha. Jaalalli hammeenya nu gidduuu jiru kan balleesu meeshaa afuura ti. Fkn. 10:2 irratti “Lolli mormii kaasti; jaalli garuu cubbuu haguugdi.” jechuun nu barsiisee jira. Akkasumas, Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1ffaa 4:4 irratti “Jaalalli baay’ina cubbuu ni uuwwisaatii, hunda dura cimsaati wal jaaladhaa!” nuun jedhee jira. Kanaafuu, jireenyi nuti jiraannus jaalalaan yoo hin mi’oofne hiika hin qabuutii nama jaalalaa taanee jaalalaan jiraachuu qabna.

Jaalala Akkamitti Hojiitti Hiikuu Qabna?

Qulqulluu Daawiit Faar. 132:2 irratti “Obboloonni tokkummaan yoo ta’an ni bareeda.” jechuun akka nutti hime waliif yaaduu laphee irraa madde, walgargaaruu, waliif gadduu, walumaa galatti laphee tokkoon ta’uu akka qabnu nu hubachiisa. Qulqulluu Yohaannisis 1ffaa Yoh. 4:7 irratti “Walii walii keessan jaaladhaa!” nun jedhee jira. Kanaafuu, jaalalli nu gidduu jiraachuu qabu jaala lafarraa isa boru badu jaalala yeroo gabaabaa osoo hin taane gatii hin badne kan nuuf kennisisu jaalala isa samii kan Afuuraa ta’uun nu hubachiisee jira. Akkasusmas, 1ffaa Yoh. 4:20-21 “Eenyumtuu Waaqayyo nan jaalaldha jechaa obboleessa isaa kan jibbu inni sobaa dha. Obboleessa isaa isa ijaan argu kan hin jaalanne kan ijaan hin argin Waaqayyoon akkamiin jaalachuu danda’aa? Waaqayyoon kan jaalatu obboleessa isaas akka jaalatu ajajni kun Isa biraa nuuf kennamtee jirti. Kanaafuu, kun ajaja Waaqayyoo ta’uu isaa haa beeknu.” Armaan olitti akkuma ibsame walii walii keenyaa akka jaalannu Waaqayyoo irraa kan nuuf keennamee dha. Bu’uura amantii Kiristaanummaa irratti kan dhaabbanne hundi keenyaa jaala gonkaa kanaan wal jaalachuu akka qabnu haa beeknu. Sababni isaas jaalalli samii fi Afuuraa ajaja Waaqayyoo raawwachuudhaan tajaajilaa amanamaa fi jaalatamaa ta’uu kan mirkaneessuu dha. Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1ffaa 1:22-23 irratti “Dhugaaf kan ajajamtan nuffiin kan keessa hin jirre jaalala obbulummaatiin lubbuu keessan jabeessaatii laphee keessan irraa wal jaaladhaa!” jedha. Qulqulluu Phaawuloos  2ffaa Qor. 6:3 irratti “Tajaajilli keenya akka hin qeeqamneef waan tokkonillee hin gufachiisnu. Haa ta’uu garuu, waan hundaanuu akka tajaajiltoota Waaqayyoo jaalala nuffii hin qabneeen of jabeessina.” jechuun jaalalli dhugaa gonkaa nuffii kan hin qabne ta’uu nu hubachiisee jira.

Kanaafuu, obboolota gidduu jaalalli jiru yeroo tokko mul’atee yeroo biraa kan badu, yeroo tokko daraaree waqtiin booda kan coollogu ta’u hin qabu. Kana caalatti amantii jabaa irratti biqilee, yeroo hundaa daraaree eebba Afuuraa fi arjummaa Waaqayyoo argamsiisaa kan jiraatu fi walitti fufaa ta’uu qaba. Kanaafidha Qulqulluu Phaawuloos 1Tes 3:13 “Nuti akkuma isiniif taanuu yeroo hunda walii waliif keessanii jaalalli qabdan haa baay’atu.” jechuun ibsa. Abbootiin keenya akka taasisan hunda jaalalli akka jabaatuu fi guddatuuf fiis akka buusuuf kadhaannaadhan kan deeggaram,ee of eeggannoodhan kan qabame ta’uu isaa hubanna. 2ffaa Phex. “Sababa kanaaf jabina agarsiisaa Waaqayyoon fakkachuun jaalala obbolootaa dabalaa!” jechuun jaalalli Afuuraa inni gonkaa yeroodhaa yerootti guddachaa deemuu kan qabu mi’eessituu jireenya Kiristaanummaa akka ta’e hubachuun jaalala nuffii irraa bilisa ta’e qabaachuun seera Isaa eeguun hojiin kan mul’atu akka nuuf taasisuuf kadhachuutu nu irraa eeggama. Kan kadhatan kan nama hin dhowwanne, kan itti himatan kan hin daganne Waaqayyo Gooftaan Abboota darbaniif kan kadhatame akka nuuf kadhatamu, nama jaalalaas akka nu taasisu, jaalala Isaatiinis jabaannee dhaaltuu Mootummaa Isaas akka nu taasisu fedhaa fi jaalala Isaa nuuf haa ta’u.

Dn. Yooseef Baqqalaa

Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13).

Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya Fayyisaankeenya Iyyasuus Kiristoos seexanaan qoramuudhaaf Afuuraangara lafa onaatti geeffame.”Maat. 4:1-11isa jedhu keessatti jechi ‘Ergasi’ jedhu maal ibsa?yoo jenne, Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphamee booda, gara Kawaalaatti deemuu Isaa ibsa. “Isinis cuuphamtanii osoo hin oolin fi hin bulin gara Kawaalaa deemaa” nuun jechuuf kana raawwate.Fakkeenya nuuf ta’uuf “gara Kawaalaa deeme” jedha Kitaabnis. Abbaan keenya Addaam biyya lafaa kanarraa fagoo kan taate Gannata keessatti mo’atamee waan tureef, Gooftaankeenya Fayyisaankeenya IyyasuusKiristoosis, Kawaala iddoo ishii Qulqullittii jireenya fi ilaalcha adduunyawaa irraa fagaattuu taate keessattiijoowwan cubbuu sadeen mo’uuf deemuu Isaa ibsuufi dha.

Akkasumas, “Kawaala keessa qorumsi ni salphata,” yoo jedhan, namoota jalqabdoota (ወጣንያን) ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.“Kawaala keessatti qoruumsi ni hammaata” yoo jedhan immoo; kanneen amantaa isaaniitiin ciccimoo ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.

“Afuurri gara lafa onaatti Isa geese”kan jedhu keessatti jechi ‘Afuurri’ jedhu, maal jechuu akka ta’e ibsuun duratti, jechichi Kitaaba Qulqulluu keessatti yaad-rimeewwan akkamii fa’aaf ooluu danda’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Galumsaa fi yaad-rimee isaa beeknaan hiika laachuun baay’ee nama hin rakkisu.

  • Ergamoota Isaa afuura; Warroota Isaaf ergamaniis labooba abiddaa kan taasisu (Faar.103፡4)” Caqasa kanarratti hundoofnee yeroo ilaallu, jechi ‘Afuura’ jedhu Ergamoota Waaqayyoon bakka bu’a. haa ta’u malee, Kitaabni “Afuurri gara lafa onaatti Isa geese” yeroo jedhu, “Ergamaa Waaqayyootu Isa geesse” jechuu miti.

  • “Afuurri gara fedhetti afuura’a. እስመ መንፈስ ኀበ ፈቀደ ይነፍኅ…፤” (Yooh. 3፡1-15) kan jedhus yoo ilaalle, jechi Afuura jedhu qilleensa /bubbee ta’ee argma. Ammas, “Qilleensi gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan dogongora guddaa dha.

  • “Ni rifatan ni sodaatanis; waan afuura arganis isaanitti fakkaate.” Luuq. 24:37 Caqasa kana keessatti Afuurri ibsamee jiru afuura xuraawaan bakka bu’eera. “Afuurri xuraawaan gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee yoo hiikames, hundaa ol kan ta’e Waaqayyo, afuura xuraawaan hin hogganamu waan ta’eef haala kanaan hin hiikamu.

  • “Qaamaan isin wajjiin jiraachuu baadhus afuuraan isin waliin jira.” (1ffaa 5:3-4 yommuu jedhus jecha afuura jedhu yaada namaan bakka buuseera. Kanaafuu, “Yaadni namaa gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan, ammas dogongora guddaa dha.

  • “Qooqaan kadhannaan afuura kootu kadhata; sammuun koo garuu hubannaadhaa ala.” (1ffaa14:14) yaada jedhu keessattis jechi Afuura jedhu jecha lubbuu jedhuun ibsameera. “Lubbuun namaa gara lafa onaatti Isa geesse.” Jedhamee yoo hiikame, lubbuun namaa Waaqayyoorratti aangoo homaayyuu waan hin qabneef, kunillee hiika sirrii miti.

  • Waaqayyo Afuura dha. namootni Isaaf sagadanis Dhugaa fi Afuuraan Isaaf sagaduutuu irraa eegama.” (Yooh.4:24) Asitti immoo Afuurri jecha Waaqayyo jedhu ibsa.

Kanaafuu, jecha Afuura jedhu kallattiidhaan jecha ‘Waaqayyoo’jedhuun bakka buufnaan, hima “Waaqayyo gara lafa onaatti Isa geesse” kan jedhu nuuf kenna. Akka galumsa jechichaa isa sirrii yommuu ilaallu immoo “Waaqummaa Isaatu ykn fedha Isaatu Isa kakaasee gara lafa onaatti Isa geesse” jennee ifoomsuu dandeenya. “ወሶበ ትሰምዕ እንዘ ይብለከ መንፈስ ወሰዶ ገዳመ ኢተሐሊኬ ከመ ፍጡር ውእቱ፡፡ Yeroo jecha ‘Afuurri gara lafa onaatti Isa geesse’ jedhu dhageessu, akka uumamaatti Isa hin ilaaliin. አላ መንፈስሰ ሥምረቱ ይእቲ፡፡ Afuurri Eeyyama /Fedha Isaati malee.” Akkasumas, jechi ‘Afuura’ jedhu ‘Afuura Qulqulluu’ jechuu dha. Kana yommuu jennu garuu, akkuma Afuurri Qulqulluun Wareegamtoota kakaasee gara dhiiga isaanii dhangalaasuutti isaan geessu, ykn immoo Toloota kakaasee gara Kawaalaatti isaan geessu sana jechuu miti. Fedhiin Abbaa, fedhiin Ilmaa, fedhiin Afuura Qulqulluu tokko akka ta’e ibsuuf malee. Kitaabnis “Fedhiin sadeenuu tokkittii dha” jedha waan ta’eef. “Fedhii Isaatiin, fedhii Abbaa Isaatiin fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nufayyise;” jechuudhaan yaada daran nuuf ibsu ni arganna (Galata Maariyaam kan guyyaa Kiibxataa, Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Waa’ee hiika galuumsaa jecha ‘Afuuraa’ hanga kana yoo ilaallee, itti aansuun immoo qormaatawwan sadeen maalfaa akka ta’an fi tooftaa akkamiitiin isaan mo’achuu akka dandeenyu ilaalla.

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nanqulqullaa’a kan hin jenne Qulqulluugonkaa kan ta’e; nan dhugooma kan hin jenne AbbaaDhugaa ta’ee osoo jiru, nuti cubbamtootni cubbuu kenyarraa akka qulqulloofnuuf cuuphamee “Cuuphamaa!” nuun jedhe. Cuuphaan haqxuu cubbuuti.“Cuuphaa tokkittii ishee dhiifama cubbuu argamsiistutti ni amanna” (Hundee Amantaa ykn ejjannoo/bu’uura amantaa Abboota 318’n magaala Niiqiyaatti tumame) akkuma jedhu jechuu dha. Sirna Soomanaa kanas, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos tumaa seeraa fi sirnaati waan ta’eef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf iddoo itti dhaabbaterraa osoo hin maqin, miila diriirfate osoo hin dachaasin fi osoo hin taa’in soomuudhaan seeraa fi sirna soomanaa nuuf tumeera. Hojii keenya hojjechuu jalqabuu keenyaan dura soomuun kadhannaa geessisuun barbaachisaa akka ta’e nuhubachiisuuf hojii Isaa soomanaan jalqbe.Nyaanni cubbuuf hundee akkuma ta’e, soomannis naamusa gaarii qabaachuu fi hojii gaarii hojjechuuf bu’uura dha.“Soomanni Haadha kadhannaa, Obboleettii callisuu (አርምሞ), Burqa imimmaanii, Qabsuura Qulqulluufis ka’umsa dha” (Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Gooftaan keenya turtii soomanasaa maaliif guyyaa afurtama taasise?Afurtamii tokko ykn soddomii sagal maaliif hin taasisne?

  • Abbootiin Kakuu Duraa soomaa kan turan guyyaa afurtamaaf ture. (S/Bahuu 24:18) Inni Kakuu Haaraatti baay’ina guyyoota soomanaa odoo dabale, turtii guyyoota soomanaa dabale ykn immoo osoo irraa hir’ise, hir’isee jira jedhanii seera Wangeelaa ishee qajeeltuu taate kana fudhachuurraa of-dhorku ture waan ta’eefi dha.

  • Akkasumas, Angafti Raajotaa Muuseen seera Kakuu Duraa tumee jira. Gooftaan keenyaas seera Wangeelaa tumee jira. Kana qofa miti, angafa Muuseen waggoota 40f Midiyaam keessa jiraatee uummata Israa’eel garbummaa Misir jalaa baaseera.; Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuusis guyyoota 40f soomee abbaa keenya Addaamii fi ijoolleesaa garbummaa seexanaa jalaa baaseera. Soomanni kan dhalli namaa ittiin seexana ofirraa ari’atu dha (Maat. 17:14-21)

  • Uummanni Israa’eel waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda, Lafa Kakuu kan jedhamte Kana’aaniitti galaniiru; Gooftaan keenyas ‘isinis guyyoota 40f yoo soomtan Gannata ni galtu Mootummaa Waaqayyoos ni dhaaltu’ jechuuf guyyoota 40f soomeera (Hoj.D.B. 14:21-22). Raajaan Waaqayyoo abbaan keenya Eeliyaas guyyoota 40f soomee iddoo Qulqullootni fi Toltootni eegumsa adda ta’een eegamanitti (ብሔረ ሕያዋን) galeera; ‘isinis guyyoota 40f soomnaan Gannata ni galtu’ jechuuf guyyoota 40f soome.

  • Akkasumas, abbaan keenya Addaam mucummaa guyyaa 40tti Waaqayyorraa argate sana ofirraa fudhachiisee waan tureef, beenyaa isaaf (Addaamiif) ta’uuf guyyoota 40f soomee jira. Dhala namaa garaa haadha isaa keessa sanyii abbaa fi haadha isaarraa argate guyyoota 40f bocamaa, bifa namaa qabaachaa dhufu maraaf beenyaa ta’uuf dhufuusaa nuhubachiisuuf guyyoota 40f soome.

Erga soomee booda ni beela’e. Beela’eef immoo nan nyaadha hin jenne; ni obsate malee. Ni qorame garuu, qormaata sanaan hin mo’amne.Soomee; soomaa nuun jedhe malee osoo hin hojjatin hojjedhaa nuun hin jenne.

‘Achiin booda ni beela’e’ jedhamuunsaa akkuma nuti beelofnu sana jechuusaa miti; beela fedhiin beela’edha malee. “Beelli Gooftaa akka beela keenyaa miti.Nuyiin beelli nu mo’ata; kan Isaa garuu beela fedhiidhuma Isaatiin beela’e dha.” (Hiika galuumsaa Wangeela Maateewoos 4:2) .

Seexanni beela’uu Gooftaa ilaalee Isa qoruuf dhufe (Maat. 4:3).Erga itti dhihaatees, “Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate dhagoota kanaan ‘Daabboo ta’aa!’ jedhiin” jedheen.

“Ilma Waaqayyoo yoo taate…” yaada jedhu ka’umsa tokko malee hin kaafne.Waaqni Abbaan tulluu Taabooritti “ዝንቱ ውእቱ ወልድየ፤ Kun Ilma Kooti.” yommuu jedhu waan dhagaheefi dha malee. Osoo dhagoota sana gara daabbootti jijjiiree jira ta’e, “ajajamaa seexanaa” jedhee idaa /mugoota/ itti godhuufi, yoommoo hin jijjiirre ta’e, “dadhabaa dha” isa jechisiisuuf.

Karaa biraatin immoo, ‘osoo gara daabbootti jijjiiree jiraate, qormaata biraan barbaadaaf; yoo jijjiiruu dide immoo, dadhabuusaa hubadheen itti dhihaadha’ jedheeti gaafficha dhiheesseef. Yaad-rimee (muuxannoo) ‘Dhagaa gara daabbootti jijjiiruu’ kana eessaa fide?’ jennaan, Yooseef Qulqullichi abbaan isaa obboloota isaaf (obboloota Yooseefiif) galaa hidhee (qopheessee) galaa isaaf (Yooseefiif) ta’us itti kennee, ‘isaaniif geessi haala isaan irra jiraniis ilaali koottu’ jedheen. Innis (Yooseef) galaan isaa jalaa dhume.Dhumnaan, galaa obbolootasaaf qabatee jirus yoo ta’e, yaboo (imaanaa) dha. Yooseefis nama amanamaa waan ta’eef ‘galaa isaanii ‘hin tuqu’ jedhee of-amansiiseera.Ergamaan Waaqayyoos gara isaa dhufee “Maaloo Waaqa abboota keen ‘dhagaa kana daabboo naa godhi’ jettee hin kadhattuu?” jedheen.Yooseefis, Waaqayyoon kadhannaan, Waaqayyo dhagaa sana daabboo isaaf godhee akka sooratu taasiseera. Seexanni raajii Waaqayyo yeroo sana raawwate fakkeenya/barsiifata/ godhateeti ‘dhagaa kana daabboo godhi’ gaaffii jedhu  Gooftaa keenyaatti kan dhiheesse.

Gooftaan keenyaas,  “Namni biddeenaan qofa miti kan jiraatu. Sagalee afaan Waaqayyoodhaa bahu hundaani malee.” jedheen (Maat. 4:4, S/K/Deeb. 8:3). Kana jechuunsaa, ‘Waaqayyo jiraadhu siin jennaan ni jiraatta; hin jiraatin siin jennaan immoo, hin jiraattu’ jechuusaati.

“Achiin booda immoo, gara biyya Qulqullittii Iyyaruusaaleem jedhamtutti Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos fudhate. Inni seexanaaf ajajameeti miti kan deeme; fedhii isaa (kan seexanaa) irratti beekee deemeef malee. “Kawaala, bakka injifannoo itti gonfadhee hin beeknetti waan ta’eef mo’ame malee, Mana Qulqullummaa, iddoo luboonni itti mo’amanitti osoo ta’ee Isan mo’adha ture.” jechaa sababeeffachaa waan tureef, Gooftaan keenya seexanicha sababa dhabsiisuuf beekaa deemeef (Hiika galumsaa Wangeela Maat. 4:5). Tibba soomanaatti nyaatarraa qofa of-dhorkuu osoo hin ta’iin, dognummaa (ስስት) fi of-jajiinsarraa of-dhorkuunillee waan nurraa eegamu akka ta’e hojiin nutti agarsiisee jira.

Mana Qulqullummaattis Bantoo Mana Qulqullummaarra Isa dhaabbachiisee. “Dhugumatti Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate, bantoo Mana Qulqullummaa kanarraa Of-darbuun gadi bu’i! Karaa Ati deemtu hundumatti akka Si eeganiif Ergamoota Isaa Siif ni abbooma. Miilli Kees dhagaatti akka hin gufanneef harka isaaniitiin ol-siqabu’ jedha waan ta’eef Kitaabni” jedheen seexanichi (Maat. 4:6, Faar. 90:11). Garuu, Gooftaan keenya “Yommuu utaalu cabnaan, nan obbaafadha. Yoo cabuu baate (dide) immoo ‘jinnii (ምትሐት) dha’ jechaa maqaasaa xureessa.Yoo utaalee nagaan lafa gahe, qorumsa biraa itti fida.Yoo utaaluu/of-darbachuu dide immoo ‘dadhabaa dha’ jedhee maqaasaa xureessuuf natti mijata” jechaa sababa irratti barbaadaa ture.

Karaa biraatiin immoo, “Ajaja kiyya dhagahee yoo raawwate, “Ajajamaa seexanaa” jecheen maqaasaa xureessa; yoo raawwachuu dide immoo, dadhabinasaa ilaaleen itti dhihaadha.” jechaa tooftaa mijeeffatee ture.

Waaqayyo warroota Isatti amanan fi abboommii Isaa eegan qofa balaarraa oolchaa, namoota Isatti hin amanne fi abboommiisaa hin eegne immoo balaaf saaxilee akka kennu fakkeessee, amantootnillee “Amantoota/Kiristaanota waan taaneef gidiraan tokkollee nurra hin gahu” jechaa of-jajuudhaan akka kufaniif of-jajiinsa kan isaan barsiisu seexana ta’uusaa beekuu qabna. Waaqayyo nama hundumaa ija tokkoon waan ilaaluuf gara fayyinaatti akka dhufaniif of-dabarsee laateera. Garuu, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yaadni seexanichi kaase kun of-jajiinsa (namaa ol of-ilaaluu) agarsiisuu isaa waan beekuuf “Waaqayyo Gooftaa kee hin qoriin” jedhamee barreeffameera jechuun deebii gahaa kennuun isa qaaneessee/salphisee jira (Maat. 4:7, S/K/Deeb. 6:16)

Kanaafuu, qormaata of-jajiinsaa gad gad of-qabuudhaan dabarsuun nurraa akka eegamu Galatni fi Ulfinni Isaaf haa gahuuti Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuhubachiiseera.

Ammas Seexanni Gooftaa keenya qoruu itti fufee, Gooftaa keenyaan gara tulluu ol-ka’aatti geesseen. Gooftaa keenya gara tulluu ol-ka’aatti kan geesse/fuudhe seexanicha miti. Seexanichi “Mana Qulqullummaa, iddoo mootata  injifachuu hin malletti waan ta’eef namo’ate malee, tulluu, iddoo mootota injifachuuf mijataa ta’etti osoo ta’ee na hin mo’atu ture.” jechuun sababa tarreessaa waan tureef, Gooftaatu seexanicha sababa dhabsiisuuf gara tulluutti beekaa ol-baheef. Achittis, seexanichi “Kabaja mootota addunyaa maraa itti agarsiise. Jechuunis, cirracha lafaa sookoo (warqee); baala daggalaa immoo kafana kabajaa fakkeessee, karra fi qabeenya isaa (kan seexanaa) itti agarsiise. Gooftaan waan inni itti agarsiisaa jiru kanaan kan mo’amu itti fakkaateera.

Itti aansuudhaanis, jal’innisaa hammaataatuma deema waan ta’eef, “Osoo naaf sagaddee qabeenya addunyaa kanaa mara siin laadha.” jedheen.Abbaan manaa bultoosaatti, mootiin aangoosaatti, Waaqayyoon Waaqummaasaatti yoo Isa morman/falman hin jaalatu waan ta’eef, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos “Seexana nana, Anaa dura deemi!Waaqayyo Gooftaa keef jilbeeffadhu sagadi; Isa duwwaa Waaqeffadhu!” (Maat. 4:10/S/K/Deeb. 6:13) jechuun seexana of-duraa dhabamsiiseera. Nutis, kiyyoo jaalala qabeenya fooniitiin yommuu nuhidhuuf yaalan, jibbansa qabeenya fooniitiin isaan mo’achuu akka qabnu fakkeenya nuuf ta’eera.

Walumaa galatti, Soomuun Gooftaa keenyaa kaayyoowwan Qulqullaa’oo ta’an baay’ee qabaatus, haala mata duree keenyaaf mijatuun qormaatawwan sadeen irratti aangoo nuuf kennuufi dha. Dognummaa nyaatarraa of-dhorkuun, Of-jajiinsa gad of-qabuudhaan Jaalala qabeenya adduunyawaa; qabeenya adduunyawaa jibbuudhaan mo’achuu nudandeessisuufi dha.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u.

Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37

   Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun

“ወበጽባሕ ተንሥአ ወአሌለየ ጥቀ ወወፂኦ ሖረ ሐቅለ ወጸለየ በህየ፡፡ ወዴገንዎ ስምዖን ወእለ ምስሌሁ፡፡ ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ እንጋ ኵሉ ሕዝብ የኀሥሡከ፡፡ Subiin, odoo lafti hin bari’in ka’ee gadi bahe. Gara lafa onaattis dhaqee achittis kadhannaasaa geesse. Simi’ooni fi warroonni isa wajjiin turan fiigaa Isa duuka bu’an. Hoggaa Isa argatanis “Hundinuu Si barbaadaa jiru. ”jedhaniin.” jedha.

Duraan dursinee, gaalee “Hundinuu sibarbaadaa jiru.” Jedhu laaluun barbaachisaa dha. “Hundinuu sibarbaadu.” Yaadni jedhu uummamni hundinu  jechuunis;-

  laftis waaqnis (samiin) gammaduuf jecha Waaqayyo barbaadu.

  “ይትፌሥሁ ሰማያት፤ ወትትሐሰይ ምድር፡፡ ወይብሉ ነግሠ እግዚአብሔር ማዕከለ አሕዛብ፡፡ Samiiwwan haa gammadan! laftis haa gammaddu! “Uummata amantii maleeyyii  gidduuttis Waaqayyoon ulfaate.” Haa jedhan! Kit. Seen. ፩ffaa ፲፮፥፴፩/16:31

  Lubbuu qabeeyyiinis Waaqayyoon barbaadu.

  ይባርክዎ አንበር ወኵሉ ዘይትሐውስ ውስተ ማይ ለእግዚአብሔር፡፡…. Qurxummiiwwanii fi uummamtoonni bishaan keessa jiraatan hundi Waaqayyo galateeffatu.” Daan. ፫፥፶፯-፶፱ /3:57-59

  lubbuu dhabeeyyiinis,

  “ይባርክዎ ፀሐይ ወወርኅ ለእግዚአብሔር………፡፡ Aduu fi Addeessi (ji’i) Waaqayyoon galateeffatu. /Waaqayyoof galata dhiheessu./ ……………..” Daan. ፫፥፵-፶፮/3:40-56

  Hundarraa immoo Ilmi namaa Waaqayyoo ni barbaada. Kunis dhaalaa Mootummaasaa faarsaa maqaa Isaa galateeffataa Qulqullummaasaa ta’uudhaafi.

  ወእመከመሰ ውሉደ እግዚአብሔር ንሕነ ወራስያኒሁ ንሕነ፤ ወእምከመሂ ወራስያነ እግዚአብሔር ንሕነ መዋርስቲሁኬ ለክርስቶስ ወእምከመሂ ወራስያነ እግዚአብሔር ንሕነ ወመዋርስቲሁ ለክርስቶስ ንሕነ ወእምከመሰ ዐረይነ ሕማመ ንዔሪ ክብረ ምስሌሁ፡፡ Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taane, warra waan hundumaa argatan ni taana. Waan kana hundumaas Waaqayyoo biraa ni arganna. Kiristoosi wajjiin erga dhiphannee, Isa wajjiin immoo ulfaachuudhaaf,  Room. ፰፥፲፯/8:17

Kana fi kanneen kana fakkaatan kaasuu ni dandeenya. Jechi ‘Hundinuu’ jedhu jecha daangaan isaa hanga eessaa akka ta’eyyuu kan hin beekamne dha.

Har’aaf garuu, waa’ee namoota Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu’aa, bakka Inni oolu oolaa bakka Inni buluttis bulaa Isa hordofaa turan kaasuuf barbaadameeti. Jara Isa hordofan kanas bakka gurguddoo shanitti hirree ilaalla.

Tokkoffaa, warrootni nyaata nyatanii quufaniif qofa Isa (Gooftaa) duuka bu’an baay’ee dha. Isaan kun immoo Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin komatamaniiru. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos biddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee itti kenninaan /laannaan/ nyaatanii hafteen isaa leemaata kudha lama ta’ee argameera. Biddeena soorataaf isaaniif dhihaaterraa isa dhumarra haftee ta’ee duraa ka’etu caaleera. Kanaafis, Maat. ፲፬፥፲፯-፳፩/14:17-21 dubbisuun gahaa dha. “ወይቤልዎ አልብነ ዝየ ዘእንበለ ኀምስ ኅብስት ወክሌኤቲ ዓሣ፡፡ ወይቤሎሙ አምጽእዎን ሊተ ዝየ፡፡ ወአዘዞሙ ለሰብእ ይርፍቁ ዲበ ሣዕር ወነሥአ ውእተ ኀምሰ ኅብስተ ወክሌኤ ዓሣ ወነጸረ ኀበ ሰማይ ወባረከ ወፈተተ ወወሀበ ለአርዳኢሁ ወአርዳኢሁኒ አቅረቡ ለሕዝብ፡፡ ወበልኡ ኵሎሙ ወጸግቡ ወአግኀሡ ዘተርፈ ፍተታተ ወመልአ ዐሠርተ ወክልኤተ መዛርዐ ምሉአ፡፡ ወእለሰ በልኡ እሙንቱ ሰብእ ኀምሳ ምእት (፶፻) ብእሲ ዘእንበለ አንስት ወደቅ፡፡ “Biddeena shanii fi qurxummii lamaan ala homaa hin qabnu” jedhaniin. Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) “As Natti fidaa!” jedheen. Uummata sanaanis margarra akka taa’aniif ajajeen. Biddeena shanan fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara waaqaatti (samiitti) ol laalee ni eebbise. Cabsees Duuka Bu’oota Isaaf kenne. Duuka Bu’ootnis uummataaf dhiheessani. Hundi isaanii ni nyaatan ni quufanis. Hafteen nyaata sanaas leemata kudha lama guutuu ta’e. Namootni nyaatan dubartootni fi daa’imman odoo hin lakkaa’amin baay’inni isaanii kuma shani ture.” jedha.

Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos), namoota kanaaf akkas jedhee deebiseef jira. “ወአውስአ እግዚእ ኢየሱስ ወይቤሎሙ አማን አማን እብለክሙ ከመ አኮ አንትሙ ዘተኀሥሡኒ በእንተ ዘርኢክሙ ተአምራተ አላ በእንተ ዘበላዕክሙ ኅብስተ ወጸገብክሙ፡፡ ተገብሩ እንከሰ አኮ ለመብልዕ ኀላፊ አላ ለመብልዕ ዘይነብር ለሕይወት ዘለዓለም ዘይሁበክሙ ወልደ ዕጓለ እመሕያው እስመ ለዘሰ እግዚአብሔር አብ ኀተሞ፡፡ Dhugumaa dhugatti isinitti hima. Isin dinqii argitaniif utuu hin ta’in, biddeena nyaattanii waan quuftaniif qofa nabarbaaddu. Nyaata baduuf hin dhama’inaa! Nyaata jireenyi bara baraa ittiin argamuuf dhama’aa malee! Nyaata Ilmi Namaa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) kennuuuf fi Nyata Isa Jireenya Bara Baraaf ta’u sanaaf dhama’aa malee! Isa kanaan Waaqni Abbaan chaappeessee (gudunfee) jira waan ta’eef.” Yooh. ፮፥፳፮-፳፱/6:26-29 Caqasni kun waan guddaa nubrsiisa. Isaan kun kaayyoon isaanii fayyina fooniis ta’e kan lubbuu hin fedhan. Dubbii xaxuuf illee miti. Segalee Waaqayyoo beela’aniif fi dheebotaniifis miti. Kaayyoon isaanii inni guddaan nyaata foonii nyaatanii quufuu qofa. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos immoo Nyaata baduuf jecha dhama’uun, nyaata jireenyi bara baraa ittiin argamu irraa fagaannee, obboloota keenya lagannee, gidiraa adda addaaf isaan saaxillee, qomoo keenya waaqeeffachaa waan Afuurawaa irraa maqnee (Yooh. ፬፥፩-፵፩/4:1-41), qabeenya keenya abdachaa, beekkamtii keenya dahoo godhachaa, Miiltoowwan Waaqayyoo (Qulqulloota) irraa fagaannee suga fi gargaarsa isaanii dagannee jiraachuu akka hin qabne nugorsa.

Inni lammaffaan immoo, warroota dhukkuba fooniirraa fayyina argachuuf qofa Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) duuka bu’aa turani dha. “ወአንሶሰወ እግዚእ ኢየሱስ ውስተ ኵሉ ገሊላ እንዘ ይሜህር በምኵራባቲሆሙ ወይሰብክ ወንጌለ መንግሥት ወይፌውስ ኵሎ ደዌ ወኵሎ ሕማመ ዘውስተ ሕዝብ፡፡ Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis mana sagadaa isaanii keessa barsiisaa, Wangeela Mootummaa Isaas lallabaa, dhukkuba adda addaa irraas asaan fayyisaa, magaalota fi mandaroota isaanii keessa naanna’aa ture.” jedha Maat. ፬፥፳፫/4፡23. Caqasoota Maat. ፱፥፴፭/9፡35, Maar. ፩፥፳፫/1:23, Yooh. ፭፥፩-፲፯/5፡1-17 illee dabalataan dubbisuunis faaydaa guddaa qaba.

Haa ta’u malee, namootni dhukkuba lamxii isaanii irraa bayyanatan keessaa baay’een isaanii gara fedhii foonii isaaniitti sokkaniiru. Battala tokkotti namootni kudhan dhukkuba isaaniirraa fayyanii turan. Isaan keessaa garuu, gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos deebi’ee Isa galateeffate nama tokko qofa. Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) kana ilaalee, “ወርእዮ አሐዱ እምኔሆሙ ከመ ነጽሐ ተመይጠ እንዘ የአኵቶ ለእግዚአብሔር በዐቢይ ቃል፡፡ ወሰገደ ታኅተ እገሪሁ ለእግዚእ ኢየሱስ በገጹ ወአእኰቶ ወሳምራዊ ብእሲ ውእቱ ብእሲሁ፡፡ ወአውስአ እግዚእ ኢየሱስ ወይቤሎ “አኮኑ ዐሠርቱ እሙንቱ አንትሙ እለ ነጻሕክሙ አይቴኑ እንከ ተስዐቱ?” ሎሙሰ ተስእኖሙ ተመይጦ ወአእኩቶቶ ለእግዚአብሔር ዘእንበለ ዝንቱ ዘካልእ ሕዝቡ፡፡ ወይቤሎ ተንስእ ወሑር ሃይማኖትከ አሕየወተከ፡፡ Isaan keessaa Inni tokko akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof galata galchaa deebi’ee gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ni dhufe. Miila Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos jalatti sagadee, Isa galateeffates; innis nama Samaariyaa ture. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos deebisee, “Namoota kudhani mitii kan qulqullaa’an (fayyan)? Saglan isaanii meerree? Isaan nama ormaa kanarraa hafan keessaa namni galata dhiheessuuf deebi’e hin argamnee? jedhe. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yoomus namichaan “Ka’ii, gali! Amantiin kee sifayyiseera.” jedheen. Luuq. ፲፯፥፲፭-፲፱/17:15-19

Kaayyoon jara kanaa  immoo nama ajaa’ibsiisa. Dura hoggaa dhufan, “ኢየሱስ ሊቅ ተሣሀለነ፡፡ Yaa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos nu maari!” jechaa turan. Amma immoo lamxii isaaniirraa fayyinaan (qulqulloofnaan) Waaqayyoof galata galchuuf yeroo dhaban. Nullee akkasuma. Baay’een keenya fayyina argachuuf gara Waaqayyoo hoggaa dhufnu, booyaa, kufaa, ka’aa, sagadaa, galateeffachaa fi aarsaawwan adda addaa kanfalaa dhufna. Erga fayyine booda garuu, gara mana Waaqayyoo deemuu dhiisna. Gara Waaqayyootti kadhachuu dhiifnee namoota abdannna. Siyaasa abdanna, aangoo keenya abdanna. Qomoo keenya abdanna. Waaqa tolfamaa abdii godhanna. Warra galata hin qabne taana.

Inni (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) garuu, namoota kanaan gar-malee komateera. Namoota isaan gargaaraniif galata galchuu dhabuun waan nama fayyaa qabu irraa eeggamu miti. Naamusni kiristaanotaas kana miti. Tola ooltummaa Waaqayyoos ta’e kan namaa hin irraanfatan. Waan Waaqayyo isaaniif arjoome laalaa fi yaadachaa namoota biroof ni arjoomu. Waaqayyo cubbuu isaanii isaaniif dhiisnaan isaan illee namoota biroof yakka isaanii ni dhiisuuf.

Gareen sadaffaan immoo, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos bareedinni fi simboon Isaa laalamee hin quufamu waan ta’eef warra bareedinaa fi simboo Isaa laaluuf fi dinqisiifachuuf qofa dhufan jiru. “ወቦአ ኢያሪኮ እግዚእ ኢየሱስ ወእንዘ የኀልፍ እምህየ ናሁ ረከበ ብእሴ ዘስሙ ዘኬዎስ መልአኮሙ ለመጸብሓን ወባዕል ውእቱ ወየኀሥሥ ይርአዮ ለእግዚእ ኢየሱስ ወያእምር ከመ መኑ ውእቱ ወኢያበውሖ ብዝኀ ሰብእ እስመ ሐፂር ውእቱ በቆሙ፡፡ ወሮጸ ቅድሜሁ ወዐርገ ዲበ ሰግላ ከመ ይርአዮ እስመ ይእቲ ፍኖት ሀለዎ ይኅልፍ፡፡ Gara Iyyaariikoo seenee darbaa ture. Zakkewoos, innis namoota gibira sassaabaniif too’ataa kan ta’e Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosiinis eenyu akka ta’e arguuf barbaada ture. Hojjaan isaas gabaabaa ture. Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ilaaluuf gara duratti fiigee muka harbuurra yaabe. Gooftaanis iddoo sana gahee “ወበጺሖ እግዚእ ኢየሱስ ህየ አንስአ አዕይንቲሁ ወነጸሮ ወይቤሎ ዘኬዎስ አፍጥን ወረድ እስመ ዮም ሀለወኒ አዐል ቤተከ፡፡ Har’a mana keetti ooluuf Nan barbaada waan ta’eef dafii harbuu kanarraa bu’i.” jedheen. Innis (Zakkewoos) dafee bu’ee Gooftaa isaa gammachuudhaan simate.” Luuq. ፲፱፥፭/19:5

Kanarraas waan baay’ee hubanna. Baay’een keenya waan Afuurawaaf dursa ni kennu jedhamnee oggaa eegamnu; waan dachii kanarra baduu danda’uuf yeroo rognu/loognu ni mul’anna. Jaalala adduunyaaf jecha jaalala Waaqayyoo fi jaalala Qulqullootaarraa fagaannee gara wantoota Waaqni hin jaalannetti maquudhaan yeroo of-wareegnu ni mil’ata.

Kana qofa miti, ilaalchuma fooniisaarratti hundaa’uun bareedina fooniif kabaja kennaa fi amaleeffachaa Mana Kiristaanaasaa dhiisee gara amantaa alagaatti kan deemus xiqqaa miti. Nama adduunyaa hordofaa kan badus baay’ee dha. Bareedina fuulaa (simboo namaa), sagalee, deemsa, haala dubbii, kalaqa sammuu fi k.k.f. amaleeffachuuraa darbee hanga isaan waaqeeffatanitti kan geessu akka walii galatti yoo ta’e bareedina foonii ti.

Sabni Waaqayyoo garuu, nama waan adduunyaa (foonii) tuffachuu qabu dha. Kana nu hubachiisuufis Waaqayyo Qulqulluu abbaa Eefreem isa Sooriyaarra bulee “አማን መነኑ ሰማዕት ጣዕማ ለዛ ዓለም፡፡ ወከአዉ ደሞሙ በእንተ እግዚአብሔር ወተአገሱ ሞተ መሪረ በእንተ መንግሥተ ሰማያት፡፡ Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina adduunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaaniis Waaqayyoof jecha dhangalaasan. Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa’aa obsan.” (Galata Maariyaam kan Kamisaa) jechuun miidhagina adduunyaa kanaa tuffachuun, Waaqayyoof jecha aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun fi Mootummaa Waaqayyoofis jecha gatii kanfalamu hunda kanfaluun barbaachisaa akka ta’e fi akkuma Salomoon ogeessichi “Simboon soba; bareedinnis.” Jechuun dubbateen Fak. ፴፩፥፴/31:30 nus isuma kana dhaqna godhannee waan dursa argachuu qabuuf dursa kennaa, waan Waaqayyoon hin jaalanne immoo lagachaa laphee keenya Waaqayyootti deeffachuun lubbuu keenyaaf boqannaa foon keenyaafis dhiifama barootaan hin dulloomne arganna.

Garri afraffaan immoo warra himannaaf qofa Isa barbaadanii dha. Kitaabni Qulqulluu akkas nuun jedha. Fakkeenyaaf:

1. “ወእምዝ ይቤሎ ለውእቱ ብእሲ ስፋሕ እዴከ ወሰፍሐ እዴሁ ወሐይወት ሶቤሃ ወኮነት ከመ ካልእታ፡፡ ወወጺኦሙ ፈሪሳውያን ተማከሩ በእንቲአሁ ከመ ይቅትልዎ፡፡ Sanaan boodaas, namicha sanaan “Harka kee diriirsi!” jedheen; innis harkasaa diriirse. Harki isaas akkuma harka fayyaaleettii ishii kaanitti taateef (Harka bitaachaa dha yoo jedhan, akka harka isa mirgaatti; yoommoo harka mirgaa dha jedhan, akkuma harka bitaachaa isaatti taateef. Akka wangeela Luuqaasitti yoo ta’e harka mirgaatu naafe. Luuq. ፮፥፮-፲፩/6:6-11) Fariisonniis achii bahanii Isa ajjeesuuf mari’atan.” Maat. ፲፪፥፱-፲፬/12:9-14

2. “ወተንስኡ ኵሎሙ በምልኦሙ ወወስድዎ ኀበ ጲላጦስ፡፡ ወአኀዙ ያስተዋድይዎ ወይቤሉ ”ረከብናሁ ለዝንቱ እንዘ ያዐልዎሙ ለሕዝብ ብነ ወይከልኦሙ ኢየሀቡ ጸባሕተ ለቄሳር ወይሬሲ ርእሶ ክርስቶስሃ ንጉሠ እስራኤል፡፡” Hundumtuu ka’anii gara Philaaxoositti Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) geessan. Akkas jechaas Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) himachuu eegalan. “Namni kun uummatni keenya Mootichaaf gibira akaa hin kaffalle kakaasaa, ofii Isaatinis Kiristoos Mootii Israa’eel hoggaa taasisu Isa Agarre.” jechuudhaan. Luuq. ፳፪፥፩-፭/22:1-5

3. “ወይቤልዎ “ኦ ሊቅ ረከብናሃ ለዛቲ ብእሲት እንዘ ትኤብስ በዝሙት፡፡ ወበሕግነሰ ሠርዐ ሙሴ ከመ ትትወገር በእብን፡፡ ወአንተሰ እንከ ምንተ ትብል በእንቲአሃ?” ወዘንተ ይቤሉ እንዘ ያሜክርዎ ከመ ይርከቡ ምክንያተ ላዕሌሁ በዘያስተዋድይዎ፡፡ “Yaa Barsiisaa, dubartii tana hoggaa sagaagltu argannee qabnee fidneerra. Dubartii dalaga akkanaa kanarra bobbaatee jirtu argamnaan dhagaan tumamtee haa ajjeefamtu!” jechuun seerri nu ajajeera.” (Yooh. ፰፥፩-፲፩/8:1-11)

Caqasoota armaan olii kana yoo laalle fariisonni himannaaf qofa Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) duuka bu’aa turanis baay’ee dha. Akkuma Maat. ፲፪፥፱-፲፬/12:9-14 irratti ibsameen fi Se/Bahuu ፳፥፰-፲፩/20:8-11 dahoo godhachuun, gaaffii himannaa banuuf nufayyada jedhanii kaasanis “ይከውንኑ በሰንበት ፈውሶ? Guyyaa sambatatti fayyisuun ni eeyyamamaa?” kan jedhu ture. “Hin danda’amu” yoo jedhe, “An nama Waaqayyooti haa jedhu malee miidhamni namaa Isa hin quuqu.” Jechuuf; “Fayyisuun ni eeyyamama.” Yoo jedhe immoo, ‘Seera Muusee ni diige.” Jechaa himachuuf qophaa’anii turan. Ayyaaneeffannaa sambataa isaan hordofan maal akka fakkaatu fi isaan illee hangam jireenya Afuurawaa irraa akka fagaatan sirritti agarsiisa. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis irratti baree, gaaffii isaan kaasaniif deebii isaa bifuma gaaffiitiin deebiseefi jira. Akkas jechuun “መኑ እምውስቴትክሙ ብእሲ ዘቦ አሐዱ በግዕ ወእመ ወድቆ በሰንበት ውስተ ግብ አኮኑ ይእኅዞ ወያነሥኦ? Guyyaa sambatatti namni hoolaa tokko qabu hoolaan isaa boolla keessa odoo bu’e dhaqee boolla sana keessaa kan hin baasne jiraa?”

Kaayyoon isaanii inni guddaan hojiin fayyinaa kun fedha Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin waan raawwatameef qofa hinaaffaniiti malee, sababa biraa Gooftaa kaanyarratti argataniif miti. Guyyaa sambatatti hojii fooniitu dhorkama malee hojiin Afuurawaa hin dhorkamne. Kanaafis Se/Bahuu ፳፥፰-፲፩/20:8-11 dubbisuun dhugaasaa nutti hima.

Fakkeenya isa lammaffaas yoo laalle, hojii Afuurawaa Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojjechaa tureen gar-malee waan aaraniif qofa waan Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hin jenne, jedheera jechaa Isatti roorisaa (roorroo dhageessisaa) turaniiru. Mootiin tokko mootummaa isaarratti yoo dhufan hin jaalatu waan ta’eef, Gooftaan keenya gibira mootichaaf kaffalamuu qabu akka hin kaffalmne dhoowwachaa akka jiru fakeessanii himannaaf dhiheessani. Waan Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsiise “ኦ ነአምር ከመ ጽድቀ ትነግር ወትሜህር ወኢታደሉ ለገጽ ወርቱዐ ትሜህር ፍኖተ እግዚአብሔር፡፡ ይከውነነሁ ነሀብ ጸባሕተ ለቄሳር? ወሚመ አልቦኑ? Yaa barsiisaa, waan Ati dubbattu dhugaa akka ta’e fi sagaleen Ati barsiistus sagalee Waaqayyoo Isa dhugaa akka ta’e akkasumas fuula namaa laaltee loogii akka hin hojannes ni beekna. Maarree, mootiif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?” Jedhanii Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos gaafannaan, Gooftaan keenyaas “Maaf akkanatti naqorattu? Maallaqicha Natti agarsiisaa!” jedheen. Isaanis fidanii itti agarsiisan. “Suuraan fi barreeffamni maallaqicharra jiru kan eenyu ti?” jedheen. Isaanis, “Kan mootichaa ti.” Jedhaniin. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos illee “ሀቡ ዘቄሳር ለቄሳር ወዘእግዚአብሔር ለእግዚአብሔር፡፡ Kan mootii mootiif kan Waaqayyoo immoo Waaqayyoof laadhaa! jedheen”. Luuq. ፳፥፳-፳፮/20:20-26 Waanuma kana qofa kan Inni dubbate.

Garuu, Inni kan barsiise kan biraa isaan kaasanii himannaaf kan dhiheessan immoo kan biraa ti. Akkuma Kitaabni Qulqulluun “ይመይጥዎ ለቃለ መጽሐፍ ከመ ሜጥዎን ለብዙኃን መጻሕፍት ለግዕዞሙ ወያማስኑ፡፡ Akkuma kitaabolee biro jallisanitti isa kanas fedhuma fooniisaaniif jecha ni jallisu.” jedhuun jechuu dha. Pheex. ፩ffaa ፫፥፱/3:9 Yaadni amma kaafne kun namootni himannaaf qofa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu’aa turan jiraachuusaaniif ragaa tokko.

Fakkeenyi inni sadaffaan immoo, hammeenya fariisotaa daran kan ibsu dha.

፩ffaa jarri kun dubartii kana “Hoggaa isheen sagaagaltu/eejju arginaan qabnee finne.” jechuun hammeenyasaanii eegalan. Asirratti waan tokko hubachuu dandeenya. Fariisotni kun dubartii sagaagalaa turte qofa fidan malee, namicha ishee wajjiin sagaagalaa ture hin fidne. Nama dhugaa (kabachiistota seera Muusee) odoo ta’an dubartittis nama ishee wajjiin sagaagalaa (eejjaa) tures fiduu qaban ture. Seerri Qulqulluu Muuseen Waqayyoorraa dhagahaa barreesse sana kan eegan odoo ta’an, achumatti yookan gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti odoo hin fidin tumanii ajjeesu ture.

Karaa biraatinis, gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti fiduun yoo barbaachisellee dubartittii kophaa hin fidan. Fariisotni seera Muusee ni kabajna, nuti ijoollee Abrihaami dha, duuka buutata Muusee ti, fi k.k.f. jechaa of-jajuu warra gar-malee jaalatanii dha. Akkas haa jedhan malee, hojiin isaanii seera Qulqulluu Muusees ta’e hojii gaarii abbaan keenya Abrihaam hojjetuun sirumaa (gonkumaa) wal hin simatu. Kaayyoon isaanii himannaa fi qormaata qofa.

Inni shanaffaa fi kan dhumaan immoo, kaayyoo isa sirriif Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka waara bu’aa turani dha. Lakkoofsi isaaniis xiqqaa dha. Uummata hamma gabaa shanii caalu keessaa kaayyoo dhugaa qaban dhibba tokkoo fi digdama qofa. Dhibbeentaan yoo shallagaman immoo gara % 2.4 ta’u. Kitaabni Qulqulluus “እስመ ብዙኃን ጽዉዓን ወኅዳጣን ኅሩያን፡፡ Kanneen waamaman hedduu dha. Filatamtootni garuu, xiqqaa dha.” Jechuudhaan kanuma nuhubachiisa. Isaan kun beela lubbuu isaanii fi dheebuu lubbuu isaanii baasuuf dhufan. Isaanis, Duuka Bu’oota kudha lamaan, gargaartota Duuka Bu’ootaa kan ta’an torbaatami lama fi Giiftii keenya Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Durbee Maariyaam dabalatee soddomii jaha kan ta’an immmoo dubartoo Qulqulloota ta’anii dha.

Barbaachi inni dhugaan kam akka ta’e fakkeenyota armaan oliitti dhihaatan irraa hubachuu dandeenya. Namootni baay’een daandii ishee bal’oo filachuu danda’u. Kiristaanotni garuu, baay’ina namaatiin miti kan amanan; dhugaa qabaachuudhaani malee. Gooftaan isaaniis lakkoofsatti hin amanu. Kana mirkaneessuufis raayyaa Gediyoon yaadachuun gahaa dha. Uummata waamaman kuma soddomii lama keessaa kan filataman namoota dhibba sadi qofa. Namootni 31,700 ta’an garuu, warra duulaaf hin taane dha. Gariin warra kakka’uumsa onnee hin qabne yeroo ta’an, kanneen hafan immoo waarra of-eeggachaa socho’uu hin dandeenye dha. K.Abboota Firdii ፮፥፩-፵/6፡1-40 Waamamtoota keessa odoo hin ta’in filatamtoota keessa akka ida’amnu arjummaan Waaqayyoo, araarsummaa fi gargaarsi Qulqullootaa nurraa hin fagaatin. Ameen.

ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti

Araarsummaa ilaalchisee adduuyaa irratti ilaalcha sadi jira.

  • Namootni tokko tokko “Araarsummaa” wanti jedhamu hin jiru. Eenyumtu eenyuuf hin kadhatu kallattiidhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun ni danda’ama.” jedhu.

  • Tokko  tokko  immo  ‘Araarsummaan’ ni  jira.  Ni  barbaachisas.” jedhanii  raawwatanii “Araara kan namaaf kadhatu garuu /Galatni fi ulfinni isumaaf haa ta’uu ti./ Kiristoosi dha” nuun jedhu.

  • Kanneen biroo ammoo “Araarsummaan ni jira.Araarsummaan gahee uummamtootaa ti malee  gahee  UUMAA  ykn  gahee  WAAQAYYOO  miti.  Amantaan  fi  barsiifatni Ortodoksi tawaahidoo illee as keessatti ramadama.

  • Amantiin pirooteestaantii waa’ee ‘Araarsummaa’ kan qulqullootaa haala armaan gadiitiin barsiisa.

  • Wanti ‘QULQULLUU’  jedhamu  hin   jiru.Hundi  keenya  /amantootni  hundumtuu/ qulqulloota dha.

  • Araarsummaan raawwatame kan jedhamu fooniin yeroo biyya lafaa irra jirru waliif yoo kadhanne hojii irra oola. Yaada kana qophaa isaa yoo laalle, yaada isa duraa wajjiin wal- faallessa “Hundi keenya Qulqulloota erga taane, inni tokko isa kaanif araara kadhachuun isaa maalif barbaachise?” gaaffii jedhu kaasisa.

  • “Du’a fooniitiin dura malee  du’a  fooniitiin  booda  namni  araara  namaaf  kadhachuu danda’u hin jiru.” kan jedhu dha.

  1. Araarsummaan maal inni?

Araarsummaan sirnoota kadhannaa mana kiristaanaa keessatti raawwataman keessaa isa tokko.Manni kiristaanaa kadhannaa galateeffannaa, kadhannaa “Araarsummaa’ fi Waaqayyoo irraa   waan   rakkanne   kadhachuu   fi   k.k.f.   ni   qabdi.Kunis   dubbisuun   fi   yeedaloodhaan raawwatama.

“Gooftaan dhihoo dha.Waan hundumaan kadhannaan fi araara araarsummaadhaan akkasumas galateeffannaadhaan kadhaa keessan Waaqayyoo biratti beeksisaa malee gonkumaa hin dhiphatinaa.” Jedha.(Fil 4፥6) “Manni    kiristaanaa    araarsituu    dha. Sababa    kanaaf    manni    kiristaanaan    ‘Kadhannaa Araarsummaa’ /ጸሎተ አስተብቍዖ/ ni qabdi. Fakkeenyaaf “Waaqayyoon beekumsa fi Isa sodaachuu akka isaaniif kennuuf waa’ee qondaaltota fi w aa’ee warroota aangoo irra jiran si kadhanna.”/Sirna qiddaasee/ Kun ammo waan akka laayyootti raawwatamu odoo hin ta’in waan ragaa fi bu’uura Kitaaba Qulqulluu fi dhugaa qabu dha. Phaawuloos  qulqullichi  “Egaa,  Waaqayyoo  fakkachuudhaan  fi  tasgabbiidhaan  Cal lisnee  fi tasgabboofnee akka jiraannuuf kadhannaa fi Araarsummaa kadhachuun galateeffannaas namoota hundaaf mootiiwwaniif fi qondaaltotaaf akka raawwatamaniif (taasifamaniif) hundaan dura ni gorsina.” (Xim (1 ffaa ) 2፥1)

Kiristaanni tokko ofii isaatiif ni kadhata, ni galateeffatas. Akkasumas ofi irraa darbee namoota biroof illee araara ni kadhata; ni galateeffatas. Araarsummaa fi kadhannaan dhuunfaa bifa addan qoodamanii kan  ilaallamanii dha.  Haa  ta’u  malee  lachuu  kadhannaa  dha.Lamaanuu qaama kadhannaa ta’uu isaaniitiin akkuma saantima fuula lamaatti haa ta’an malee, manni kiristaanaan keenya garuu kadhaa fi araarsummaa odoo wal-keessa hin makin adeemsisti.

Kanaafuu  araarsummaa  jechuun  walitti  araarsuu,  dhiheessuu,  akka  waliif  galan  taasisuu, dhiifama akka argatan taasisuu jechuudha.

2. Araarsummaan gahee (hojii) eenyuu ti?

Araarsummaan gahee (hojii) uummamtootaa qofa dha. Haala kamiin illee haa laallu! Goukumaa gadhee (hojii) Waaqaa ykn Uumaa ta’uu hin danda’u.Uummamtota keessaas uummamtoota lamatu  waan  kana  raawwatu.Isaanis፦ warri  Waaqayyoon  kabajee  isaan  uume  ‘Ergamoota waaqaati fi ilma namaa keessaa immoo warroota qab-suura adda addaa keessa dabran arjummaa Isaatiin warra jaallatamtoota isaa ta’an fi warroota kennaa waaqayyoo argatan fi qulqulloota ta’anii dha. Isaan kana keessaa haadha Waaqayyoo Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Giiftii Keenya   Dubroo   Maariyaami   gahee   harka   caalu   qabdi.   Araarsummaan   hojii   (gahee) cubbamtootaa miti. Namni cubbamaan cubbuu isaa of irraa haqsiisuuf caaraaquutu irraa eeggama malee “kana irraa darbee deema” jedha  taanaan “kan  ishii  gubachaa odoo  jiru  kan  ormaa kokorsiti”  jechisiisa.  Laphee  cubbamtootaa keessaa  cubbuu  malee  eebbi  / በረከት/  bahuu  hin dandau.”Jedha waanta’eef kitaabni.(Saam. (1ffaa) 24፥13)

  1. Araarsummaan bakka meeqatti qoodama?

Araarsummaan bakka lamatti ramadama. Tokkoffaan, biyya lafaa kana irratti odoo jiraatan kan raawwatamu oggaa ta’u, inni lammaffaan immoo erga jiruu biyya lafaa kana irraa boqatan booda kan raawwatamu dha.

  1. Raawwii Araarsummaa

Araarsummaan  Kitaaba  Qulqulluu  bu’uura  godhachuun  akka  barsiifannaa  mana  Kiristaana keenyatti kallattiiwwan gurguddoo sadiin adeemsifama.

A,  Namni  cubbamaan,  fedhataan  Araarsummaa  Kabaja  qulqullootaatiin  fi  Miiltoowwan Waaqaa ta’uu isaaniitiin (kennaa Araarsummaatti) kennaa Waaqa Qulullootaa kan ta’e Waaqayyo guddaadhaan amanu, barbaadee fi fedhee qaama Araara isaaf kadhatu bira dhaqee, maqaa araarsaa sana kabajaan waamaa yeroo gaafatu kan raawwatamuu dha. kanaafillee fakkeenya gaarii kan ta’u seenaa Eelsaa raajiichaati Moot. (2ffaa) 2፥1-16

“….  Uffata Eeliyaas harkaa fudhate san  fuudhatee deebi’ee qarara  galaana  Yoordaanoositti dhaabbate.Uffata harka eeliyaas irraa fuudhe saniin galaanicha dhahee raawwatee “Waaqayyoon, Waaqni Eeliyaas garam jira?” jedhe.Bishaanicha illee oggaa dhahu, bishaanichi gamaa fi gamanaan addaan baname.Eelsaan illee ni ce’e.” Kana bu’uura godhannee;

  • “Waaqa Qulqullootaa” jechaa kadhanna.

  • Gara Waaqa keenyatti akka nuuf kadhatan Qulqulloota of duraa aansina.

  • Gidiraawwaan, rakkoo fi  qormaata  nuful-duratti  danqaraman  hunda  maqaa  isaanii waamaa gara Waaqayyootti oggaa kadhannu nufuul-duraa dhabama.

“Iyyoosaafxi, raajicha Waaqayyoo; isa maqaa isaatiin Waaqayyoo gaafannu asitti hin argamuu? Jedhe hojjettoota keessaa tokko Eeliyaasiif bishaan buusuun kan tajaajilu fi tajaajiltoota isaa keessa isa tokko kan ta’e. “Ilmi saafaaxi Eelsaan as jira” jedhe. (2Moot.3፥11) Mootichi ofuma isaatii Waaqayyoo gaafachuu ni danda’a ture, garuu kana gochuu dhiisee of gad-qabuudhaan dhihaateera. Kunis kabaja inni qulqullootaaf qabu agarsiisuufi.Eelsaan illee Waaqayyoo kallattiidhaan waamee “Bishaan (galaana) kana addaan naaf saaqi.”Jechuu danda’a ture.Garuu kabaja fi qulqullummaa abbaa isaa, barsiisaa isaa sirritti waan beekuuf of gad-qabe, Eeliyaas immoo ol-qabee kabajee argamuu isaatiin wanti inni gaafate sun guuttameef jira.

B, Qulqullichi, kennaan Araarsummaa itti kenname sun gaaffii araarsummaa cubbamichi odoo hin gaafatin qulqullichi fedhiidhuma isaatiin kan dhiheessuu dha. Adeemsa araarsummaa isa 2ffaa kana sirritti kan nuuf ibsu, seenaa muusee isa isa S.Bahuu 32፥1‐32 irratti argamu, isa tokkoo dha. Uummatni Israa’eel waaqa tolfamaa waaqeffachuu isaaniitiin Waaqayyoon akka isaan hin balleessineef Dureen raajotaa Muuseen Waaqayyoo ful- dura ni dhabbate. Hanga Israa’eelotni “Waaqayyoo nuuf kadhadhu!” jedhanitti illee hin eegne. “Yaa Waaqayyo dheekkamsi uummata kee isa humna guddaanii fi harka cimaan biyya Misir keessaa baafte  irratti  maaliif  hammaata?…Balaa keerraa deebi’i. Hammeenya uummata kee irrattis garaa laafi.“Sanyii keessan akka urjiiwwan samii fi cirracha galaanaatti nan baay’isa, lafa waadaa isiniif gale kana illee isiniif laadha.Bara baraaf illee ni dhaalu.”Jedhuun gabroota maqaa keetiin kakatteef san Abrihaam, Yisihiaaq fi israa’eel yaadi.”

Raajichi muusee kadhannaa kana oggaa xummuru maaltu ta’e jennee odoo gaafanne, “Waaqayyoonis balaa uummata Israa’eel irratti buusuuf yaadee ture san ni dhiise.Garaa ni laafe.” jedha Kitaabni Qulqulluu. Dubartiin kana’anii daa imni ishii jalaa dhibamte ,araara gaafachuuf /kadhachuuf/ gara Gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriastoos odoo dhuftu fi kadhattu, duuka buutootni Gooftaa keenyaan (… Nu duuba iyyaa jirti waan ta’eef geggeessin.)jechuudhaan gaafataniiru. Duuka buutotni kana kan raawwatan “Gara Gooftaa keenyaatti naaf kadhaa”. Waan isaaniin jetteef odoo hin ta’in, kennaa araarsummaa isaaniif laatameen dha. /Mat 15፥21‐28). Nutis duuba isaanitti (duuka buutotaatti) yoo iyyine /kadhanna/akkuma kana nuuf raawwatu.

Seenaa fakkeenya muka balasii tiin walbira qabamee kaafame fi eegumsa cubbamtootaa ifa baasee kan agarsiisu illee isuma kana nuuf addeessa. Cubbamaan tokko gumaa (firii) buusuu dhabuun (qabaachuu dhabuun) isaa isaaf beekkamuu dhabaatu illee ergamoota isa eeganiif fi qulqullootaaf kan beekkamu ta’uu isaatiin,qulqullootni fi ergamootni isa eegan isaaf kadhatu.Akkas jechaa. “Yaa Gooftaa naannawaa ishii shuqunaa koosii /xaa’oo/ hanga goonuuf waggaa kanaaf dhiisiin. (Luuq 13፥10) Isa kana kan beekan Waaqayyoo fi Qulqulloota isaati malee mukattiin hin beektu.

C, Waaqayyoon qaama Araarsummaa gaafatu fi  gaafachiisu giddutti seenee  yeroo ajaju  kan raawwatamu dha. Waaqayyoo mataa Isaa nama Isa kadhate kallattiidhaan isa fayyisuu odoo danda’u,  “Abaluun  sii  haa  kadhatu.”  maaliif  jedha?  Cubbamtoota  gara  namootaatti  maaf erga? Yoo jenne, tajaajiltoota isaa waan ta’aniif kabaja isaan qaban ibsuuf qofa dha. Akkasumas Inni (Waaqayyoon) kallattii baay’een nama fayyisuu akka danda’u nu hubachisuu fi Dandeettin isaa  kunis bu’aa  arjummaa Isaa  akka ta’e  nuuf beeksisuu barbaadee ti.  Isa  k anaaf  immoo fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u seenaa Abrihaamii dha.

       Mootii Geraaraa kan ture Abemeleek haadha manaa Abrihaami kan taate Saaraa wajjiin fedhii foonii isaa guuttachuuf, kabaja ishii salphisuuf barbaadee ture. Waaqayyoon garuu cubbamaan kamiyyuu cubbuu isaa irraa akka deebi’uufi malee akka badu hin barbaadu waan ta’eef “Haadha manaa namichaa deebisi. Inni raajaa dha waan ta’eef kadhannaa siif raawwata, ni fayyitas.“ jechuudhaan gar-laafeenya Waaqayyoo oggaa ibsuu fi gara qulqullootaatti oggaa akeeku (qajeelchu) laalleerra Kitaaba Qulqulluu keessatti. (S.Uum.20፥1‐18)

Araarsummaa du’a fooniitiin booda jiru

     Warrota “Araarsummaa du’a fooniitiin dura jiru ni amanna.Isa du’a fooniitiin booda jiru garuu hin amannu.”Jedhaniif Kitaabni Qulqulluu deebii itti aanu qopheesseefi jira.Araarsummaa du’a fooniitiin booda jiru ilaalchisee akkas jedha kitaabni qulqulluu.

     Lubbuun, uummamtuu Waaqayyoo irraa namaaf kennamte fi yaaduu, dubbachuu fi jiraachuu kan nu dandeessistu fi booda irratti gara Waaqayyootti kan deebitu dha. (S.Uummamaa 2፥7, Makbib 12፥7) Kanaafuu qulqullootni sababni isaan waan hunda beekaniif, du’a fooniitiin booda jiraattota  sababni  isaan  ta’aniif  ,sababni  isaan  nudubbisaniif fi  kan  isaan  dubbisnu  lubbuu tanaani. Galatni fi Ulfinni Isumaaf haa ta’uutii Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos illee “ An Waaqa jiraattotaati malee Waaqa du’ootaa. “ sababni jedheef illee kana. (Maat 22፥32)

Qulqullootni gara Waaqayyoo deeman erga isaan jiruu adduunyaa kana irraa boqatan booda waan adduunyaa kana irra raawwatamu hanguma Waaqayyoon isaaniif ibseen beekuu akka danda’anii fi Araara akka nuuf kadhatan Kitaabni Qulqulluu nuuf ibsa.Fakkeenya armaan gadii haa laallu.

A, Dhaloota Kiristoosiin dura waggoota 1500 dursee du’a fooniitiin kan boqate Muuseeni fi fooniifi lubbuun isaa odoo gargar hin bahin gara samiitti kan ol bahe Eelyaas lachuu yeroo Gooftaan foon uffatee dhufe san tulluu Taaboor irratti mul’atanii jiru ‘Kadhannaa oggaa geessu (Gooftaan keenya) bifni fuula isaa ni jijjiirrame uffatni Isaas adii ta’e; akka bakakkaattis ni ife. Namootni lama dhufanii isa wajjiin haasa’aa turan.Isaanis Muusee fi Eeliyaas turan.“Kabajaan mul’atanii waan Iyyaruusaaleem keessa uummamuuf jedhu waa’ee bahuu isaas haasa’aa turan. (Luuq 9 ፥29‐31)

B, Wareegamtootni du’a foonii erga du’an booda, lubbuu foon uffattee hin jirre saniin waan adduunyaa kana irra raawwatamaa jiru akka beekan fi Araarsummaa akka nuuf raawwatan mul’atni  Yohaannis  akka  nuuf  ibsutti  haala  armaan  gadiitti  ibsameen  taa’a.  ”Hidhaa  isa shanaffaa oggaa hiiku, lubbuu namootaa warra sagalee Waaqayyoof fi wareegamummaa kan isaan eegan saniif qalaman siida aarsa isaa jalattan arge. Sagalee ol-ka’aatiinis iyyaa “Yaa Gooftaa  dhugaa  fi  qulqulluu,  hanga  yoomitti  harka  kee  murtii  irraa  qabda?Haaloo  dhiiga keenyaas hanga yoomitti warroota lafa irra jiraachaa jiran irratti baasuu dhiista?” jedhan.Hunda isaaniif uffanni adii itti kenname. Warroota akkuma isaan ajjeefaman saniin ajjeeffamuu qaban, gabrootni michuuwwani fi obboolootni lakkoofsi isaanii hanga xummuramutti waggoota muraasaaf akka boqatan jedhameef .” (Mul .Yooh.6፥9‐11)

C. Barnoota Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsise keessaa isa tokko kan ta’e   seenaan   Abrihaam,   Nawee   /dureessichi/   fi   Al’aazaar   du’a   fooniitiin   booda   illee Araarsummaa fi kadhaan akka jiru kan nuuf hubachiisu dha. (Luuq. 16፥19‐31)

D, Pheexiroos qulqullichi erga inni du’ee booda amantootaaf akka kadhatu ibsuun isaa ragaa dabalataa dha. “Akkuma Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos natti agarsiisetti, jiruu kiyya isa biyya lafaa kana irraa akkan dafee gargar (addaan) bahu nan beeka. Wantoota kana yeroo hunda yaaduu akka dandeessaniif nan tattaaffadha. (2ffaa Phex. 1፥13‐15)

Walumaa galatti

Warrootni fooniin du’anii lubbuun jiraattota ta’an warroota fooniin jiraattota ta’aniif ni a raarsu. Warrootni fooniin hin dune warra fooniin du’anii lubbuun jiraattota ta’aniin “Nu araarsaa!” jechaa ni kadhatu. “Ji’oota sanitttis kadhannaan jaallatamtootni koo qulqullootni kadhannaan isaanii gara waaqaatti ol bahe. Warri adduunyaa kana irraa dabaan ajjeefaman dhiigni isaanii waaqa  ergamtootaa  duratti  ni  jaallatame.  Ji’oota  kana  keessa qulqullootni  samiitti  jiraatan sagalee tokkoon ta’anii wal-ta’anii ni galateeffatu. Ilma namaaf illee dhugumaan ni kadhatu. Uumaa isaanii ni galateeffatu.” (Heenok 12፥33). Warri fooniin du’an warra fooniin hin duuneef, akkasumas warri fooniin hin dune warra fooniin du’aniif ni kadhatu jechuun kanuma.

Waaqayyoon Kadhaa fi Araarsummaa Qulqullootaatiin nu haa eegu.

Amen

M/K/O/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa

Waldaa Ququllootaa

Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu’ummaatti Kutaa ijoo Babal’iinsa Lallaba Wangeelaatiin  qophaa’e.

Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16)

   Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko
Ameen.

Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa’e. Kaayyoon inni duraa warri amntii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee ‘Hordofaa, amantiin fi beekumsaan badhaadhe’ taanee amantii keenyaan akka cimnu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi “Uummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan ka’e bade jira” (Hos. 4፥6) jedhetti, warroota waa’ee amantii kanaa (Ortodoksi Tawaahidoo) hubannaa gahaa odoo hin qabaatiin barsiifannaa dogoggoraatiin badaniif karaa gara amantii ishii dhugaa ittiin deebi’an akka ta’uuf barbaadamee ti. Read more

Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

“Gooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.”

(Hoj.D.B. 247)

Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:-

  • Waa’ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta’een hubachuu hin dandeenyeef waa’ee  fayyinaa waan isaan haasa’an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta’e ta’uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti.
  • Warroota “Amantiidhaan qofa /amanuudhaan qofa/ fayyina.” jedhaniif  barsiifatni isaanii dogongora akka ta’e ibsuu; sababni isaas amantiin hulaa/karra/ fayyinaa ti malee, mataa isaa ‘fayyina’ miti. Sababni inni ‘hulaa/karra / fayyinaa ti.’ jedhameef illee, isaan alatti /amantiin alatti/ gara kamiyyuu deemuun waan hin danda’aamneef dha.
  • Gocha fayyinaa isa Fannoo irratti taasifameen Addaam fi ijoolleen isaa maal irraa akka fayyan addeessuu/ibsuu/ dha.
  • Maal irraa fi akkamitti akka nufayyise ibsuuf; fayyina keenya haala kamiin raawwachuu akka qabnu hubachiisuudhaan warroota waa’ee fayyina ilma namaa ifa galeessatti hin hubanneef /warroota barsiifata dogoggoraa qabaniif/ deebii kennuuf fi addeessuuf dha.

       Seensa

Dhalli namaa abbooma Waaqayyoo diiguu isaatiin Waaqayyoo irraa adda bahe. Kiyyoo seexanaan qabamee, hammeenya diyaabiloosiin summaa’ee waggoota 5500f si’ool keessa jiraate. Kufaatii dhala namaa irraa eegalee fedhiin dhala namaa fayyina argachuu ture. Dhalli namaas abdii fayyinasaa Waaqayyoo irraa argatee abdiidhaan jiraate. Fayyini dhala namaa abdii fayyinaa Waaqni kenneen, raajiin ni dubbatame, soomanni ni labsame. Read more

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

(Kutaa-2)

 Waxabajjii 17                                                                                                                      Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

1.      Daawiit fi Golyaad

Amma immoo wal’aansoo Daawiit fi Goolyaad keessatti falaasama humnaa isa haarawaa ilaalla. Golyaad kan jedhamu namni Filisxeem, dheerinni isaa ciqilee ja’aa fi taakkuu tokko kan ta’e, gootni muummeen dhufe. Golyaad kun  gonfoo sibiilaa  bifa booraa (boorrajjii) mataa isaa irraa qaba; maddaa sibilaa waan akka qurxummiis uffatee ture; maddaan sibilaa sunis akka kiloogiraama shantamii torbaa /57/ ulfaata ture. Wanta akka qola mukaa sibiila  irraa tolfame kan bifti isaa boora ( boorrajjii)  miila isaatti maratee, bode sibiila  gateettii isaa  irra qaxxaamursee hidhatee ture. Qarri eeboo isaa sibiila akka kiiloo giraama torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufiis isa dura ni adeema ture (1Saam. 17:4-7). Warra Israa’eeliinis isaan keessaa goota tokko akka dhiyeessanii fi qaamni mo’ate garee isa biroo garba akka taassisatu itti hime (1Saam. 17:8-10). Warri Israa’eel garuu ni sodaatan, ni riifatanis(1Saam17:11).

Goolyaad akka hiikaa barnoota Mana Kristaanaatiin, diyaabiloosiin fakkeeffama. Ummatni Israa’eel ijoollee Addaam sodaa fi bittaa cubbuu jalatti kufanii diyaabiloosiin mankararaa turaniin fakkeeffamu.Ilmi namaa bu’uura olitti ibsameen, dhimmoota kan madaalu ija fooniitiin waan ta’eef, falaasama humnaa isa moofaan waan Gooliyaad/diyaabiloos bu’uura armaan olitti ibsameen nama naasiisu danda’uu fi kan harkaa bilisa ba’uu hin dandeenye itti fakkaata. Jireenya keessattis kan nu qunnamu, waan rakkoon nu marse humna namaatii ol ta’eef, injifannoon nurraa fagoo nutti fakkaatee bitaa mirgi keenya qilee nutti ta’a. Garuu, falaasama humnaa isa haarawaan, wanta namaaf ulfaataa ta’e hunda, osoo baay’inni hoomaa hin jiraanne raajii Waaqayyootiin injifachuun ni danda’ama.

 

Daawiit ammoo, nama Eefraataa kan ta’e Ilma Isseey ture.  Isseey ijoollee saddeettan qabu keessaa, Daawiit mucaa isa dhumaa yoo ta’u, ijoolleen sadii: Eelyaab, Aminaadaabii fi Shaamaah iddoo dhaadannoon Goolyaad jiru kanatti waraanaaf hiriiranii turan (1 Saam. 17:13). Goolyaadis ganamaa fi galgala dhiyaachaa guyyaa Afurtamaafis mul’achaa ture. Isseeyis ilma isaa Daawiitiin akka gara obboolleewwan isaatti galaa fuudhee deemu ergeen. Daawitiis hoolaa isaa tiksee biraatti dhiisee, ergaa ergameef galmaan ga’uutti qaarii’e. Uummanni Israa’eelis yemmuu sana sulula Eelaa keessa turan (1 Saam 17:17-25).

Hayyoonni Mana kiristaanaa seenaa kana keessattiis Daawwiit Ilma Waaqayyoo, Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoosiin yoo fakkeessan, abbaa Isaa Isseeyi ammoo abbaa Goftaa keenya  Iyyasuus Kiristoosiin Waaqayyo Abbaadhaan fakkeessu (Father Tadros Yaay’qoob Malati, Interpretation of The Book Of Samuel, fuula 22). Waaqayyoon addunyaan hundi Ilma Isaan akka fayyu, bittaa diyaabiloos jalaa akka bilisa ba’an bakka itti sodaadhaan marfamanitti dhufee sodaa bara baraarraa obbooleewwan isaaf dadhabbii isaanii akka baatuuf ergame (“Waaqayyoon garuu yakka hunda keenyaa Isarra kaa’e”(Is. 53;6)).Iddoon uummanni Israa’eel ture kun garba cubbuu Addaamiif ijooleen isaa keessatti liqinfamaniin fakkeeffama. Gooftaanis kan dhufe iddoo itti dhiphannee fi sodaannee jirru kanatti.

Iddoo waraanichaatti obbooleewwan Daawiit jiraatanillee qabsoon isaanii homaa bu’aa buusuu hin dandeenye. Addaamii hanga, Noohitti, Noohii hanga Abirhaamitti, Abirhaamii hanga Daawiititti, Daawiitii hanga Boojii (Boji’uu) Baabiloonitti, Boojii Baabiiloonii hanga Yoohaannis cuphaatti, Yoohaannis cuphaadhaa ammoo hanga dhalachuu Gooftaatti abbootiin jiran hundi isaanii amantii isaaniitiin ragaan ba’aamuufillee, humni isaan qaban, ilma namaa Goolyaad injifachuuf hin geessisne (Father Tadros Malaty, A Patristic Commentary The Gospel According to St. John, page152). Humna dachee kanaa fi ilma namaatiin osoo hin taane Humna Samii fi Afuurawaatiin akka daawwatamuuf baddaa samiidhaa Ilmi Isaa nuuf ergame. Kanaanis Ilma qofa osoo hin ta’iin, Abbaanis eenyu akka ta’e, kan Ilmi “Maqaa isaa obboolleewwan isaa (ilma namaa)tti himee fi yaa’ii gidduutti anga’oo ta’uu isaa” raggaasiiseerraa hubannee jirra (Faar. 21(22):22, Yooh 14:9).

Hoolonni Daawiit gatee dhufes Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, hooloota 99/hoomaa ergamootaa 99/ dhiisuun hoolaa tokkittii/homaa ilma namaa bakka hoomaa saaxinaa’eel kan bu’e/ barbaacha gara dachee kanaatti dhufuu isaa agrsiisa (Luq. 15:1-7). Golyaad guyyoota afurtamaaf yoo mul’atu osoo walirraa hin kutiin achuuma dhaabbatanii furmaata eeggachuun isaanii waraanni diyaabiloosirratti baname hanga injiifannoon keenya mirkanaa’utti kan addaan kunnee biraa deemnu akka hin taane kan agarsiisu dha. Akkuma abbootiin baroota armaan olitti eeraman, qabsaa’aa bilisa isaan baasu fakkeenya Mana Kiristaanaa ammaa eegachaa turan, nuti warri fayyuu keenya isaan mirkaneeffannee Ilma Waaqaa kan nama ta’een (Yooh 1:14) waliin hoomaa tokko taanee, erga nu fayyisee booda ammoo, mootummaa isaa kana labsuudhaan jaalallee keeenya Kirisoosiif hanga dhumaatti amanamaa ta’uun kan itti fuftu ta’a (Eef 5:21-28). Itti gaafatamummaa addunyaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qabnuunis, hanga uummanni waan barbaadu sana argatutti osoo hin nuffiin tattaaffii cimaa baroota hedduu ce’uutu nurraa eegama.

Daawiitiis, “Gara hoomaa loltootaatti fiige” (1Saam.17:22). Yoo waa’ee rakkoo uummata isaa dhaggeeffatu, obbooleessi isaa Eelyaab, “Maaliif asitti gadi buute? hoolota…. sana hoo eenyuutti gattee dhufte? Ani of-jaja kee fi hammeenya garaa kee waanan beekuuf qabsicha ilaaluuf dhuftee jirta” (1Saam.17:28) jechuun itti dheekkame.

Akkasumas Ilmi Waaqayyoo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis dhuma barichaatti (Ib.1:2) gara dachee kanaatti yoo dhufu yeroo itti addunyaa fayyisuuf murteesserraa waa takka osoo hin barfatiini. Haa ta’u malee, obbooleewwan Isaa ilmi namaa Isa hin simanne (Yoh.1:11). Kabajamuu seera Muuseetiin qofa waan gaaffii Afurawaa uummatichaa hiikan waan itti fakkateef, humna isa haaraa kana fuudhachuu hin dandeenye. Ani Ilma Waaqaati jechuun kan inni ragaa ba’aa dhufe akka waan angoo Isaa malee Waaqaan of qixxeesseetti (akka yakkaatti) jalaa lakkaawwamuun olitti amma Raajootaallee ni ga’a jedahanii yaaduu hin barbaadne (Yoh 19:27).

Falaasama humnaa isa haaraan tajaajilli Waaqayyoo warra dursee mooraa keessa guuteef qofa miti. Warra haaraa dhufaniifisi (Rom 3:1).  Yihudoonni warri dur, raajiin  isaaniif himames ta’e, warra seera lapheetiin waaqeefachaa turan, warra seera Muusee barreeffamaan hin beekne hunda, akkasumas warra falaasama mataa isaaniitiin bulan; hunda isaaniiyyuu tajaajilli Waqayyoo ni ilaallata. Uumriidhaan yeroo hedduu tajaajila keessatti waan lakkoofisisneef amanaan ykn gaabbaan haaraan yoo nutti makamu tajaajilicha innis nurraa akka dhaalu gochuudhaa ala sababa bishaan hin fuuneen ni ifanna yoo ta’e dogoggorree jirra (Mar. 7:8) “Ajaja Waaqayyoo dhiistanii, barmaatilee namaa kabajju” (Mat 12:7). Tarii inni haaraa dhufe humni isaa, falaasama humnaa isa moofaan dadhabaa fakkaatullee, isa haaraan garuu, inni fuulduuraa kan boodaa, kan boodaa ammoo fuuldura waan ta’uuf (Mat 19:30), rakkoo nuti baroota heedduuf uruursaa turre kan hiikan ta’uu waan danda’aniif quxuusicha Daawiit caqasuun ni barbaachiisa.

Jireenya dhuunfaa keenya keessattis ta’e, tajaajiila dhunfaa keenya keessatti keenyuma namootni nuti jennu, obbooleewwan keenya jijjiirama nuti fiduuf yaadnu gadi nu jalaa qicuu danda’u. Obbooleewwaan keenyallee “Hin dandeessani” nuun jechuu danda’u. Falaasama humnaa isa haaraa keessatti quuqamuun Nahimiyaa, Xoobiyaa fi Geessaam tuffiin akka kolfan isaan affeerullee (Nah.2:19) abdii kutuun hin barbaachiisu. Wanti xiqqoon tuffatamtu seenaa hojjachuu waan dandeessuuf, “Nuti garboonni Isaa ni hojjanna, Gooftaan Samiis galmaan ni ga’a” (Nah.2:20) jedhanii kutatanii uummata Waaqayyoo ofirra nu laalaa jiruuf kennaa qabnu hundaan dhaqqabuutu barbaachisa.

Daawiitis kana ka’uumsa godhachhuudhaan homaa akka hin balleessinee fi dhimmi isaan jalaa gadi qicaa jiran kun waan angafa akka ta’e ibsuun dheekkamsaaf deebii jaalalaa deebisee tare (1Saam.17:30).

Gooftaanis ergamni Isaa waan bittaa Roomaa jalaa isaan hin baasneef akka homaa gatii hin qabnetti jalaa tuffatanillee (Luq 24:21), dhugaa inni ragaa ba’eef kaballaan deebii ilma namaa ta’ullee, “Hamaa dubbadheera yoo ta’e, hammeenya koof ragaa ba’i; gaarii dubbadheera taanaan garuu maaliif na rukutta?” (Yoh 18:23) jechuun ala hamaan  osoo afaanii Isa hin bahiin jaalalaan ilma namaaf akka yakkamaatti hidhamee tajaajiluu Isaa itti fufe. Abbaa Isaa waliin qixxee ta’uu Isaa yoo ragaa ba’ullee,  akka waan kabaja ofii hin qabneen of guddisee fi Waaqa arrabseetti itti lakkaa’an (Yoh.19:7).

Egaatii, falaasama humnaa isa haaraa keessatti dhugoominni yaada tokkoo dirqama baay’ina deeggartootaatiin hin mirkanaa’u waan ta’eef, kaayyoo keenyaaf amanamnee itti fufuu qabna. Hammeenyaaf deebiin laatamu hammeenya akka hin taane, maddii keenya mirgaa kan nu kabaleef kan bitaas itti garagalchuu, amma nurraa eeggamuu ol dachaan daballee gaarii hojjachuuf aarsaa kanfaluun falaasama humnaa isa haaraa dha. Diinota keenya jaalachuu, warra nu abaaran eebbisuu, warra nu ari’aniifiis kadhachuun kan Abbaa keenya isa samiirraa; gaarii hamaa, cubbamaa fi qulqulluu jedhee otoo addaan hin qodiin hundaafuu kan roobsu, hundumaafuu kan aduu baasu ta’uu isaa (Mat. 5:38-39,43-45) irraa kan barannu akka ta’e qabatamaan jiraatee Gooftaan nutti agarsiisee jira.

Akka waliigalaatti waan gaarii hojjachuuf murtii angafa ta’e yoo murteessinu, kaan akka waan gowwoomneetti ykn balleessineetti dheekkamsi isaanii akka abiddaa boba’uu danda’a (1Qor.1:18). Keessattuu ammoo, warri ‘amantiin Ortodooksii dhimma uummata muraasaati malee, kan Oromoo ilaallatuu miti’ jedhan, waaqeeffanaa nuti tokkuummaa Mana Kiristaanaatti amannee hoomaa Waaqayyoo waliin tokko taanee deemsiifnu, gaafa argan waan angafa raawwannee otoo jirruu nutti dheekkamu. Jara kanaan kan jechuu qabnu kana gochuu keenyaan nagaroon uummata Oromoorratti raawwanne maali? Amantiidhaan jiraachuun, Kiristaanuummaa simachuun waan angafa mitii? Jechi “Fannoo Goftaa Iyyasuus Kiristoosiin ala Abdiin biroo narraa haa fagaatu”(Gal.6:14) jedhu akkamiin uummata Oromoo maqaa Waaqaa dhahee hin quufneef hin barbaachiisne?Jechuun Eeliyaab obboolessa keenya isa nu mormuuf deebii laachuu qabna.

Seenaa Daawiit warra isaa jaalalaan itti mo’ate kana beekaan amantaa tokko akkana jedha: injifannoon keessaa injiifannoo alaatiin nama ga’a; Daawiit abbaa isaaf ajajamuun obbooleessa isaattis afaan tolaa dubbachuudhaan waan qabsoo keessaa injifateef alattis milkaa’e. Nutis yoo jaalala Mana Kiristaanaatiin booji’amnu, obbooleewwan keenya kan jaalala Mana Kiristaanaatiin boji’amanis ta’ee, kan Mana Kiristaanaa hin hubanne jaalalaan yoo mo’achuu dandeenye akkuma Gooftaan Kaayyoo fayyinsaa mormii obbooleewwan isaa obsee galmaan ga’e, kaayyoo hafuurawaa keenya galmaan ga’uu  dandeenya.

Daawiit Saa’ooliin yemmuu waamamu (1Saamu’eel 17: 31) akkana jedheen: “namni tokkoolee garaa isaatti isa hin sodaatiin; ani garbichi kee Filisxi’eemicha dhaqee nan loolaani” jedhee waadaa gale. Yoo haaloonni jiran akka rakkoo furru nu waaman “maaltu na galche” jennee, irraa baqachuu manna akka Daawiititti tole jennee yoo ajajamne wanti nutti hanqatu hin jiru, kan waamamne  jaalalaafi injiifannoof waan ta’eef. Gooftaanis akkanumatti abbaa isaatiin yoo ergamu, abbaa isaa Waaqayyoo waliin wal qixa ta’uun akka waan angoo irraa fudhatamutti otoo hin lakkaa’iin bifa garbichaa qabatee fakkeenya namaatinis ta’ee of duwwaa godhee of- salphisuun olitti du’aaf, saniinuu du’a fannoo kan yakkamtootni hamaa ta’an habbuuqatan habbuuqate (Fil2:6).

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

          Waxabajjii 2                                                                                                            

              Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

(Kutaa-1ffaa)

1.    Seensa

Mata duree kanaaf ka’uumsa kan ta’e, “Thine is the power and the Glory” kitaaba jedhu, kitaaba paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortoodooksii Kooptiiki Poop Shinoodaa 3ffaan barreeffamee dha. Kitaaba kana keessatti falaasama humnaa isa haaraa yoo seenessu, Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos yoo qabamu, yoo fannifamus ta’e, yoo du’aa ka’u humna qabeessa akka ta’e, ilma namaaf tajaajilli inni aarsaa kanfaluun laate hundi gadi aanaa osoo hin ta’iin hundaa ol humna qabeessa ta’uu Isaa akka ibsan dubbata. Barsiisaa falaasama humnaa isa haaraa kana fakkeenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan ta’e jireenya Daawiit waliin wal bira qabnee, barnootaa abbotii jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaalla.

Kaayyoo barreeffama kanaa:

a)    Falaasama humnaa isa haaraa beeksiisuu;

b)    Falaasama humnaa isaa haaraa kana kan nu barsiise Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii fi fakkeenya Isaa kan ta’e Daawiitirraa waan barachuu qabnu qalbeeffachiisuu;

c)     Nutis falaasama humnaa isa haaraa kana keessa akka jiraannu, dammaqiinsa Afuurawaa uumuu dha.

 

Adduunyaan kun qaamni tokko humna qabeessa ta’uu isaa ulaagaan ittiin hubattu, waan mul’atutokko irratti hundaa’uuni. Kanneenis  irreedhaan, maallaqaan, beekumsaan, firaanii fi goosaan, akkasumas aangoo fi kanneen kana fakkaataniin olaantummaa horachuu fi kaan of jalatti bulchuu danda’uu dhani.

Falaasama humnaa isa haarawaa keessatti garuu, taayitaadhaan, qabeenyaan, beekumsaanii fi kanneen kana fakkaataniin caalanii argamuun humna qabeessa nama hin jechisiisu. Falaasama humnaa isa haaraa kana keessatti humna qabeessa taanee injifachuuf kan barbaachisu:- jaalala, aarsaa kanfaluu, hanga dhumaatti cimanii kaayyoof wareegamuu dha. Jecha biraan, “Nutis humna qabeessa kan taane dadhabbii dadhabdootaa akka baannu ofis akka hin gammachiisne nu barbaachiisa” (Room.15:1) jechuudha. Humna qabeessa ta’uun, humna qabnu sana  kan beela’ee laachuuf, kan dheeboote dheebuu baasuuf, kan daare uwwisuuf, kan dhibame gaafachuuf kan hidhaame hiiksisuuf oolchuu qabna (Maat 25:41).

Kun, caasaa Mana Kiristaanaa fi abbootii Afuura Qulqulluutiin muudamaniif, akkasumas, qaama Mana Kiristaanaa ta’uun Kiristaanota itti gaafatamummaa ergamummaa fudhachuun ragaa bahuuf dirqama qabaniif (Hoj.1:8), hoolota tiksuudhaan iddoo margi lalisaan jirutti bobbaasuudhaan ibsama (Faar.22:1).

Kuni ammoo, abbootiin hundi isaanii haalli qileensaa, nyaataa, jireenyaa mijachuu baatus kana bira darbuudhaan kabaja qaban hunda gadi buusanii ergama ergamummaa galmaan ga’uuf carraquu akka qaban kan agarsiisu.

 Beekumsa, maallaqaa fi aangoos warri qaban qabatamaan lammii tajaajiiluuf malee tajaajilamuuf akka Waaqayyo carraa sana isaaniif hin laanne hubachuun gadi of qabuu fi naamusa gaariidhaan jijjiiramaaf carraaquu akka qaban agarsiisa (Faar. 69:7).

Falaasama Humnaa isa haaraa kana dhugaa ba’uuf raajootaan dubbatameefii fakkeenyaan kan jiraachaa ture (Mar.12:35-37) Qulqulluu Daawiitii fi, dhugaadhaan kan jiraachaa ture Goftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akkamiin dachee kana irratti akka deddeebi’an jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaaluuf yaalla.

 Daawiit bara jireenya isaatti kan isa quunname keessaa yemmuu hoolaa tiksu haala ittiin aarsaa kanfalee fi Gooliyaad waliin wal’aansoo taassise ka’umsa godhanna. Raawwatiinsa taateewwanii, fakkeenyaa fi raajii raajootaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis ilaalchisee, taateewwan Daawiit quunname kaasuunii fi walitti hidhuun, nama ta’ee, gadi of qabuudhaan hanga du’aatti aarsaa laachuun falaasama humnaa isa haaraa akkamiin akka nutti agarsiise ilaalla.

2.    Daawiit Tiksicha

Daawiit osoo mootii ta’uuf hin muudamiinis ta’e, osoo Gooliyaadiin wal hin falmiin dura tiksee hoolotaa ture. Hoolota kanas kan eegaa ture gammoojjii keessatti. Gammoojjiin kun iddoo bishaanii fi marga hoolota isaatiif barbaachisu argachuun hedduu rakkisaa itti ta’edha. Kanaaf Daawiit “Waaqayyoon tiksee kooti; Kan na dhabsiisuus hin jiru, Iddo dirreen jiidhaan jirutti na bulcha, gara laga itti aara galfatanittis naqajeelcha” (Faar. 22:1) kan jedhee dubbate.

 Kanaaf gammoojjii kessatti, saniinuu biyya Israa’eelitti, hoolaa eeguun imaanaa aarsaa cimaa gaafatuu dha. Daawiit imaanaa kana yoo fudhatu wanti itti hafe ni jira. Akka dargaggeessa tokkootti toora qeyee ta’ee taphachuun, ija maatii isaa fuuldura taa’uun naannoo isaatti boqotee maatii isaa biraa mijuu barbaadu unachuun, dhangaa barbaadu soorachuun waan nama gammachiisuu dha.

 Daawiit kanneen hunda arsaa kanfaluun olitti, firaa fi lammii isaatiin itti gaafatamummaaf jecha waan fagaateef cimina isaas kan ajaa’ibsiifatuuf, kan isa badhaasuus ta’ee, gootummaa isaa kan isaaf faarsu hin jiru. Daawiit itti gaafatamummaa kana ilaalchisee kan haasa’u ofiif Waaqa waliin qofa ture.

Jireenyi Daawiit hoolota eeguuf gammoojjii keessatti hoogganu kun Ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosiin keessa darbamee jira. Akkuma Daawiit abbaa isaaf ilma 8ffaa, quxusuu ta’e, Ilmi Waaqayyoo, Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu, mataa Isaa gadi qabuun quxusuu ta’ee Ilma namaa tajaajiluuf gadi bu’ee jira.

Iddoo kanatti kan dhufe iddoo kabajaan ergamootaan yeroo hunda weeddisamuu gadi bu’eeti. Akkuma Daawiit hoolota isaaf gammoojjii keessatti mankarare Ilmi Waaqayyoos hoolota Isaa kan jedhaman ijoollee Addaam barbaaduuf, tiksuuf, bobbaasuuf dachee kana irratti deddeebi’ee jira (Yoh.10:11). Galata barbaaduuf akka hin jenne, Innoo afaan ergamootaan yeroo hunda weeddifama (Is.6:2-4). Aangoof akka hin jenne, Innoo Abbaa Isaatiin wal qixa Waaqayyodha (Yoh.14:13-14, 1:14-15, 1Yoh 5:20). Addunyaan kun hawwii isaa guutuu waliin Isa fuulduratti kan gatii hin qabne dha (1Yoh.2:15-17).Homaa wanti barbaade hin jiru. Falaasama humnaa isa haaraadhaan kanfaltiif faayidaa malee, waan akkanumatti bilisaan ilma namaa jaalateef (Yoh.3:16-17).

Namoonni yeroo baay’ee iddoo taajjabdoonni hedduun jiranitti harki rukuutameefii, gatiin maallaqaan shallagamu kanfalameefii olaantummaan labsameefii hojiin  isaanii hin mul’anne taanaan waan hojii hojjatan itti hin fakkaatu. Garuu seerris iddoo nu gaafachuu dadhabetti, itti gaafatmaan keenyas iddoo nu hin agarretti kan nu gaafatu Waaqayyo ni jira jedhanii imaanaa tajaajila uummataa  Afuurawaas ta’ee kan dachee kanaa galmaan ga’uun barbaachisaa dha.

Waaqeffannaan keenyas kanfaltii dachee kanaan kan deeggaramu osoo hin taane kanfaltii samiitiin ta’uu isaa hubannee, horiin moraa guutanis guutuu baatanis, firiin wayinii guutus hir’atus, (In 3:16-18) aarsaa kanfaluudhaan jalqaba keenya xumuruun falaasama humnaa, kiristaanummaa keessatti gonfachuu qabnu dha.

Daawiit gammoojjii kana keessatti osoo hooloota eeguu, Leencii fi Hamaagotni hoomaa isaa keessaa hoolota isaa jalaa fudhata ture. Homtuu na hin argu jedhee lubbuu isaafis sodaatee harka maratee taa’uudhaa mannaa Leenca hoolota isaa fudhate faana bu’a ture.

Haaluma wal fakkaatuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis, hoomaa ergaamoota hedduu qabu biratti ilmi namaa hoomaa inni qabu kan biraati. Homaan ilma namaa tokkichi kuni waan Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloosiin fudhatameef isa harkaa nu oolchuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos arjoominaa fi gara laafina Isaatiin dadhabbaaf quuqamee, of tuultota yaada laphee isaaniitiin falaasama humnaa moofaa irratti hundaa’uun boonu seexanaa fi hoomaa isaa bittinsuuf (Luq 1:51-52) homaa isaa dhiisee tokkicha Addaam Barbaaduuf dhufe(Luq. 15:8).

Ammas Manni Kiristaanaa hoomaa ishee keessaa Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloos feedha fooniitiin, jaalala Addunyaatiinii, fi shakkiin yoo fudhatamu faana buutee leenca kana harkaa gachisiisuu qabdi. Kuni akka ta’u qaamni ajaju hin barbaachisu, quuqamuufii rakkoo jiru hubachuu qofa dha. Keessattuu, Uummata Oromoo ilaalchisee qorumsa shakkitootaa, alagootaa fi siyaasaa hedduudhaan kan marfame ta’uun isaa, osoo homtuu nu hin dirqisiisiin waan ilma namaa jaalannuuf, motuummaa Waaqayyoos akka dhaalu dharraanuuf qofa eegamuu hoolotaa kanaaf gatii kanfaluu qabna.

Odeeffannoon Istaatitisitiksii Biyyooleessaa, bu’uura agarsiisuun gutuu Oromiyaatti lakkoofsi hordoftoota amantii Ortdooksii danuu ture qabatamaadhaan gadi bu’uun isaa qajeelummaan amantii keenyaa akkuma eeggameetti ta’ee, hoomaa kana keessaa hoolonni leenci fudhate hedduu ta’uu isaa fi tiksoonni hoolaa faana osoo hin bu’iin irribaan liqinfamuu isaanii nutti agarsiisa. Daawiitiif falaasamni humnaa, gammachuu isaaf osoo dursa hin kenniin imaanaa itti laatameef aarsaa kanfaluu ture.

Falaasama humnaa isa haaraa kana kan nu barsiisee, nutillee fakkeenya kana faana akka buunu kan nutti hime, (1Pheex. 2:21) Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Ragaa kana nuuf dhugoomsu argachuuf yeroo Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dachee kana irratti foon wajjin tokko ta’ee ( nama ta’ee) itti deddeebii’e xiinxaluun bira ga’uu dandeenya.

Ilmi namaa sababa seera Waaqayyoo kabajuu dideef, adabbii du’a bara baraa jalatti kufuun dirqama itti ta’ee ture (Uum.3). Mataa sanyii namaa ta’uun (Eef.5:23) addunyaa  kanatti barbaacha Addaamiif kan dhufe (Uum. 3:10, Yooh. 1:11); Gooftaan  keenya Iyyasuus Kiristoos cubbuu keenya hundumaa baate (Is. 53:6). Kana jechuun Inni Qulqulluu fi abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu cubbuu Addaamiin cubbamaa fi kan seerri du’aa irratti raawwatamu ta’e.

 Kan Ergamoonni bara baraaf osoo walirraaa hin kutiin “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu” jechuun galateeffatan salphina keenya baatee (Filph. 2:6-8) arraba keenya obsuun, qaaniinis fuula Isaa uwwiste (Faar. 69:7).  Cubbuu Addaam baachuu qofa osoo hin taane, ilma namaa hundaaf jaalala qabu ibsee jira; dhiifamas gaafachuun ilma namaatiif osoo inni aanga’oo ta’ee isa ajjeessaa jiranii, humna Isaa kanaan addunyaa balleessuun hammeenya ilma namaatiif deebii yoo laachuu danda’u (1Pheex.2:23), “Yaa abbaa waan raawwatan waan hin beekneef, dhiifama isaaniif godhi” jedhee diinoota Isaaf jaalalaan kadhatee jira (Luq 23:34).

Egaa, jaalalli Kiristoos kun humna isa dhugaa onnee jaalalaan guutamerraa madduu danda’uu dha. Akkuma aarsaa kanfaluuf osoo hin siqiqiin Daawiit kokkee  (morma) Leencaatti harka isaa ergee, afaan Leencaa keessaa hoolota isaa baraaretti,Gooftaan keenyas ijoollee Addaam kookkee diyaabiloos ilma namaa liqmse keessaa baasuuf du’uufillee ta’u duuti Isaa falaasama humnaa isa haaraan injifannoo waan ta’eef (1Qor. 1:18) duubatti hin jenne.

Qaamni itti gaafatamummaan itti dhagahamu hundi osoo hin siqiqiin rakkoowwan hawaasicha liqimsaa jiranirraa baraaruuf aarsaa kamiyyuu kanfaluun gowwummaa osoo hin taane injifannoo guddaadha. Injifannoo kana argachuuf Waaqayyo nu haa qarqaaru.

nuuf haa turu