“Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.”
“Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” Mat 21: 9
Biraanuu Dajaneetiin
30/07/2009 B.A
Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.
‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.