“Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12

Tolasaa Juulaa

Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan

Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu ijoollee isaa dhiphina keessatti dhiisuu waan hin jaalanneef “Yaa addaam eessa jirta?” Ser.Uum 3:9, jedhee waame. Addaam garuu “Gannata keessatti sagalee kee nan dhagahe; qullaa koos waanan ta’eef nan sodaadhe,nan dhokadhes” Ser.Uum 3:10, jechuudhaan Waaqayyo irraa adda bahuun kennaa isaa dhabanii hangam akka qullaa nama taasisu ragaa bahuudhaan qalbii isaa geeddarate  

 Abboonni fi Raajonni hedduunis ilmaan Addaam gara gannataatti akka deebi’aniif kadhannaa fi sagada baay’ee yoo taasisan illee, gaarummaan isaanii akka huccuu abaarsaatti lakkaa’ame malee Addaamii fi ijoollee isaa iddoo kabaja isaanii kan duraatti isaan deebisuu akka hin dandeenye raajichi Isaayyaas “Hundi keenya akka baalaa harcaanee jirra,yakki keenya akka qilleensaa nu fudhate”Raj.Isa 64:6,jedhee dubbateera.

Qulqulluun Phaawuloos sababa cubbuu addaamiitiin duuti biyya lafaa kana hunda irra akka ture yeroo dubbatu“Cubbuun nama tokkoon gara addunyaa akkuma dhufe. Duutis karaa cubbuutiin akka gale, akkasumas namoonni hunduu cubbuu waan raawwataniif duuti nama hundumaa ni qaqqabe”Room 5:12, jechuudhaan nuuf mirkaneessa

Waaqayyos ilmaan isaa gara kabaja isaaniitti deebisuudhaaf “ilma ilma kee irraa dhaladheen si fayyisa’ jechuudhaan Addaamiif waadaa waan galeef waadaa ijoollee Addaamiif taasifame guyyaa bilisummaa kana ijaan arganii; arjummaa waadaa sanaan taasifamtu qooddachuudhaaf hawwuun Raajonni hedduun imimmaan isaanii dhangalaasanii aarsaa dhiyeessanii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisaa turan. Isa kanatu Sooma Raajotaa jedhama.

Dhiifamni isaa kan baay’ate, hammeenyi isaa kan fagaate Waaqayyo cubbuu jalaa ijoollee Addaam haguugee baraaruuf haadha isaa kan taate sanyii Qulqulleettii akka nuuf hanbise yeroo ifa baasu “Waaqayyo Gooftaan Samii fi lafaa osoo sanyii nuuf hanbisuu baatee akka sadoom taanee akka gamoraas fakkaannee turre”Isa1:9, jechuudhaan sanyii cubbuu daddarbaarraa bilisa taate haadha Gooftaa ta’uuf qophoofte waa’ee Dubaroo Maariyaamii Dubbata.

Raajichi Isaayyaas abdii dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoo kana fageenyatti ilaaluudhaan “Dubroon dubrummaan ni ulfoofti, Ilma ni deessi, maqaa isaas Amaanu’eel jettee ni yaamti” Raj.Isa 7:14 jedhee akkuma ragaa bahetti,yeroo fi iddoon osoo isa hin daangessin Kiristoos Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate maqaan isaa yaa ulfaatu!

Akka lallaba barnoota Mana Kiristaanaa Ortodooksii Waloomaatti Soomni kun maqaa adda addaatiin yaamama:-

  • Sooma Raajotaa:-Dhalachuu Gooftaa raajonni soomaa fi sagadaan eegaa waan turaniif
  • Sooma Addaam:-Waadaan fayyina Addaamiif galame kan itti raawwatame waan ta’eef
  • Sooma Lallabaa:-Icciitiin Waaqayyo nama ta’uu isaa bal’inaan kan itti lallabamu waan ta’eef
  • Sooma Gannoo:-Xumurri sooma kanaa dhalachuun Gooftaa kan itti kabajamu waan ta’eef
  • Sooma Duuka Bu’ootaa:-Duuka Bu’oonni sooma dhaloota Kiristoosiitiin dura raajonni sooman kana isaanis yaadannoodhaaf irra deebi’anii waan soomaniif

Soomni kun yeroo hundumaa sadaasa 15 eegalee muddee 29 kan xumuramu yommuu ta’u,bara Yohaannis yoo ta’e garuu phaagumeen jahaan(6’n)waan ooltuuf muddee 28 kan hiikkatu ta’uu isaa yaa’ii Qulqulluu sinoodoosiitiin kan mirkaneeffamee fi kitaabilee mana amantaa keenyaa irratti baarraa’ee kan argamu waan ta’eef, seeraa fi ittiin bulmaata mana amantaa keenyaa hubannee dhaloota barsiisuun dirqama kiristaanummaa keenyaati.

Soomni raajotaa sooma labsii miseensonni mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa soomanii sagaduudhaan karoora afuura xuraawaa moo’ataanii lubbuu isaaniitiif galaa jireenyaa ittiin sassaabatani.

Keessaa isa tokkoodha waan ta’eef dhimma lubbuu keenyaa irratti qoosaan waan hin barbaachifneef hundumti keenya qalbii tokkoon maaddii qulqulluummaa kana irraa hirmaannee suga argachuu qabna.

Saba Kiristaanaa warreen biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan hunduma keenyaaf! soomni kun kan hammeenyaa fi gidiraa qorumsa biyya lafaa ittiin moo’annu, kan firii Afuurawaa keenya ittiin cimsannu, kan amantaa keenyaan cimnee hanga dhumaatti ittiin dhaabbannu akka nuuf ta’u arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, gargaarsii fi eeggumsi Ergamootaa nurraa adda hin bahin.

Galanni Waaqayyoof

Deessuu haadha isaatiif

Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta’u

“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14

Dn. Baacaa Nagaasaa

Jalqabni dubbichaas akkami yoo jedhan! Abbaan ishee Qulqulluu Iyyaaqeemii fi haati ishee Qulqulleettii Haannaa jedhamu ture. Isaan kun akka sagalee Kitaaba Qulqulluutti, akka sirna abbootaatti, akka seera oriitiitti, ajajaa fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaan kan jiraatan, Waaqayyoo fuuldurattis qajeelota kan turani dha. Haa ta’u malee, jarreen kun firii gadameessaa(garaa) kan ta’e dhala ykn daa’ima hin qaban ture.

Guyyaan har’aa guyyaa ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii 33’n keessaa Ayyaana isa tokko dha. Guyyaan kunis guyyaa isheen Mana Qulqullummaa itti galtedha.

Ijoolleen Waaqayyoo Iyyaaqeemii fi Haannaan qabeenya qabu, garuu dhala hin qabani; Qajeelummaa ykn Qulqullummaa qabu. Garuu dhala hin qabani; amantii qabu, garuu dhala hin qabani…….. Waan nama ajaa’ibu garuu dhala dhabuu isaaniitiin guyyaa tokkollee wal lolanii hin beekan, wal mufachiisanii hin beekan, Waaqayyo gaddisiisanii hin beekan, Waaqayyoottis gumgumanii hin beekan.

Amma namoonni hedduun dhala hin qabani. Dhala waan dhabaniif galgalaa fi ganama jireenyi isaanii ni jeeqama, gaa’ela isaanii abaaru/sookka’u, bultii isaanii diigu, Waaqayyo ganu,……. Kaan isaani immoo dhala qabu; garuu nageenya hin qabani, jaalala hin qabani, walii galtee hin qabani, gammachuu fi boqonnaa hin qabani.

Iyyaaqeemii fi Haannaan garuu, akkas hin turre. Dhala dhabne jedhanii wal hin jeeqne, gaa’ela isaaniis hin abaarre, bultii isaaniis hin diigne, Waaqayyos hin ganne/ hin haalle. Abdiidhaan guyyaa tokko eegaa turan malee. Guyyaa dhala itti argatan! Waaqayyo hundumaa  gochuu akka danda’u amanuudhaanis akka Inni dhala isaanii kennuuf yaada tokkoon gara Isaatti boo’aa turan. Yeroo hunda gara mana Waaqayyootti deemuudhaanis kadhachaa turan.

Kadhannaan isaan imimmaan waliin gara Waaqayyootti dhiyeessan kunis wareega kan of keessaa qabu yoo ta’u, wareegichis “Yoo ati dhala nuuf laatte nuti immoo deebifnee siif kennina” kan jedhu ture. Waaqayyos kadhannaa fi wareega isaanii isa qajeelaa kana dhaga’ee, bara boodaatti haadhasaa kan taatu mucaa Qulqullooftuu kan cubbuun Addaamii fi Hewaan irra hin jirre kenneef. Mucattiin kunis yeroodhaaf Iyyaaqeemii fi Haannaadhaaf kan keennamte yoo taateyyuu xumurrishee garuu sanyii Addaam hundaaf kan kennamte dha. Isheenis haadha keenya haadha Waaqayyoo Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii dha. Waaqa Ishee nuuf kenneef galanni haa ta’u. Ameen!

Egaa Haannaan kadhannaan ishee dhaga’amee hagayya gaafa guyyaa torbaa mucaa kana Ulfooftee caamsaa gaafa guyyaa tokkoo deesse.

Akka bartee ykn amaleeffannaa Ibirootaatti mucaan ykn daa’imni tokko harma hodhuu kan dhiiftu dhalattee waggaa sadii booda waan ta’eef, mucaan kunis ykn Giiftiin keenyas barteedhuma kanaan hanga waggaa sadiitti ykn hanga harma hodhuu dhiiftutti mana abbaa fi haadha ishee jiraatte.

Waggaa sadii booda garuu, akkuma faarfatichi Daawiit “Kanan guyyaa rakkina kootti dubbadhe, isa hidhiiwwan koo dubbatan, wareega koos siifan baasa” jedhe, Iyyaaqeemii fi Haannaanis wareega isaanii sana baasuuf, isa Waaqayyo irraa fudhatan deebisanii Waaqayyoof kennuuf, mucaa kana fuudhanii gara Mana Qulqullummaatti imalan.

Akka achi ga’aniinis luba yeroo sanaa kan ta’e Zakkaariyaasitti wareega isaanii kennatan. Lubichis wareegni kun haaraa waan itti ta’eef, haalli jireenya mucaa kanaa kan gara fuulduraas waan isa yaachiseef ykn uffanni ishee, nyaanni ishee, dhugaatiinshee waan isa yaaddesseef bilbila(dawalii) mana amantichaa bilbiluudhaan namoota yaafatee “Waa’een nyaata ishee naaf haa dubbatamu” jedhee osoo inni dubbataa jiru, Ergamaan Waaqayyoo Faanu’eeliin leemata warqii fi xoofoo warqiitiin nyaataa fi dhugaatii samii fidee dhufee ishee sooree ykn nyaachisee itti agarsiise. Zakkaariyaasis yeroo kana argu, ” erga dhimmi nyaata isheetii furmaata argateewoo haa teessu” jedhee gara Mana Qulqullummaatti seensise.

Isheenis waggoota kudha lamaaf soorata samii soorachaa, faarfannaa Ergamootaa dhaggeeffachaa, Mana Qulqullummaa keessa jirraatte. Manni Qulqullummaa Mana Qulqullummaa keessa seente. Mucattiin ofuma isheetiiyyuu Mana Qulqullummaa turte. Sanuu Mana Qulqullummaa ishee dhugaa. Garuu, gadi of qabinsaan ykn kasoominaan Mana Qulqullummaa isa kakuu moofaa keessa jiraatte.

Ilaalaa; Mucattiin kun umurii ishee waggaa sadiitti haadhaa fi abbaa ishee irraa adda baatee Mana Qulqullumma keessa taa’uuf carroomte. Ijoollee Waaqayyoo; Waaqayyo yeroo gara isaatti nama waamu umurii, bifa, qabeenya, eenyummaa, sanyii, aangoo, beekumsa hin ilaalu. Mana Isaa keessa akka jiraannuuf kan nu waame hanga dhumaatti mana Isaa keessa nu haa tursu.

Walumaa galatti

  • Amantiidhaan kan kadhannu hunda Waaqayyo akka nuuf kennu.
  • Waan wareegne kamuu gaabbii tokko malee baasuu akka qabnu. Keessumattuu, waan guyyaa rakkinaa kenyaatti waadaa galle, osoo hin mamiin Waaqayyoof raawwachuu.
  • Waaqayyo nama kamiinuu gara Isaatti waamuuf ulaagaan Inni barbaadu laphee cabaa qofa ta’uu Isaa.
  • Jireenyi Waaqayyoo wajjinii milkaa’ina kan qabu ta’uu Isaa hubannee kennaa gonkaa kan ta’e Waaqayyoof dabarsinee of laachuudhaan Isa wajjin jiraachuu akka qabnu dha.

Kadhannaan, eebbi ishee akkasumas arjummaan Ilma ishee hunduma keenya irra haa bulu. Ameen!!!