Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu

Waaqayyon Calluma jedhaa laata?

Waaqayyon Calluma jedhaa laata?

Kutaa Tokko

Diriibaa Chaalaa   

Adunyaa irra yemmuu jiraannu rakkinni fi gammachuun, kufati fi milkayinni, dadhabbii fi jabinni akkasumas, wantoonni adda addaa nurraatti wal jijjiru. Ta’us, kuni nuuf waan haaraa miti. Addunyaarra yemmuu jiraattan rakkinni isinirra jira jedhamnerraati. Nuti warreen diina aafuraa kan qabnu mitiiti namni kamiyyu nama ta’uu isaatin bu’aa ba’iin isa mudata. (Yoh.16፡33)

Nuti Kiristaanonni immoo qormaata namni kamiyyuu qoramuun addatti addunyaa Aafurawaa yaadaa waan jirannuuf kanuma caalu qoramna. Manni amantaa qormaataan adda baatee hin beektuuti. Ergamoota addunyaarraa eegalee qormanni ittuma jijjiirama.

Akka dhuunfattis ta’e akka mana amantaatti qormaatilee nu mudataniif karaa adda ta’een furmaata barbaaduuf yaaluun Kiristaanotaaf kan baratame qofa osoo hin taane dirqama nurraa eegamu dha.

Akkaatuma qormaatichatti deebiin nuti kenninu gargar yaa ta’u malee, akkuma human keenyatti gahee keenya bahuuf yaalii ni goona. Ta’us, yeroo tokko tokkoo waan nurraa eegamu osoo raawwannu Waaqayyoon kan barfate (ture) ykn cal jedhe nutti fakkaatee “maalif?” jechuu dandeenya. Abdii gara kutachutti kan deemnus hin dhabamnu. Sila ta’eet yeroo qormatan raafamnu malee yeroo dhabnu yeroo dhiphinaa Waaqayyo osoo nu ilaallu akka hin argine osoo dhagahu akka hin dhageenye, cal kan jedhu maalif ta’a? Dhugaa dha Waaqayyoo gaarii ta’u isaa dhugumatti namni amanu gaaffii akkanaatin hin qoramu. Kan inni raawwatu hundi sirrii ta’uu isaa beekaati. Yeroo beela’u, yeroo quufus, yeroo dheebotus, yeroo garaa gahus, yeoo gaddus, yeroo gammadus yeroo hiyyummaa, yeroo soorummaas Waaqayyoo sirri dha jechuu danda’uun amantaa isaa gudda dha. Waaqayyoon maalilf kana goudhe? jenne osoo gaafannee miti yaada Isaa qorannee bira gahuun kan hin dandeenye ta’uu jalqaba amanuu qabna.

Waaqayyoon yeroo nuti qofatti deebii akka laatu sana ta’u baannaan Waaqayyoon cal nan jedhe jedhanii amanuun sirrii miti. Akka yaada keenyatti kan ture yoo nutti fakkaates inni yeroo itti hojjatu qaba. Cal yemmuu nuun jedhus gaarummaadhaafi. Maacafa Qulqullu irratti jireenya dhuunfaan keenyaanis ta’u akka mana amantaatti rakkinni yeroo nurra gahu kan callise hanga nutti fakkaatutti Waaqayyoon sababa garagaraatiin turuu danda’a.

Jireenya dhunfaa keenyatin

Qormanni yeroo nutti deddeebi’u ykn rakkinni yeroo nu qunnamu yookanis wanta tokko guddisnee yeroo barbaannu rakkinoota keenyaaf furmaata ni laanna. Wanti barbaannu akka nuuf milka’u gara Waaqayyootti iyyina. Yeroo kana dafnee deebii yoo hin arganne wanti hundi gaarummaafi dha jennee amanuu fi obsaan eeguu qabna. Jireenya abbotiirraa akka ilaallutti Waaqayyo wanta barbaannu ykn rakkinoota keenyaaf dafee deebii keennuu dhisuuf sababa qaba ta’a.

Waaqayyoon abbaa obsaadha waan ta’eef nutis obsa nu barsiisu barbaade kadhaanna keenyaf dafee deebi kennu dhisuu danda’a. Yeroo baay’ee wanti barbaannu dafee deebii argate taanaan gatii isaa xiqqeessun jira. Kanafuu, wanta nuuf kenname salphifnee akka hin ilaalle waan barbaduuf deddeebinee yeroo dheeraa booda nuuf kennuu barbaada. Bu’aawwan amantaa keessaa inni tokko obsas ni shaakallu dha. Kan biraan Waaqayyoon kadhannaa keenya deebii osoo hin kennin yoo ture ykn caallisee fi yeroo nu dhorkatu yaaduu kan qabnu kan nuti kadhannerraa foyya’aa nuuf qophessees akka ta’uu danda’u dha. Kanafis agarsiistu lama fudhachuu dandeenya. Jireenya Qulqullotaarraa akkuma dubbisnutte Qulqulloonni dhala dhaban baayyeetu jiru. Waaqayyoon Iyyasus Kirisitoos “Dubartootarraa kan dhalatan keessaa Yohaannis cuuphaa kan caalu hin kaane” jechuun ragaa kan baheef Qulqulluu yohhaannis cuuphaa kan dhalatee dhala dhabaduu kan turte Elsaabeel fi luba Zakkaariyaas irraati (Mat.11-11). Qulqullonni kunniin baroota baayyeef dhala argachuuf kadhataa turaniiru. Booda garuu, yeroon dhala argachuu isaanii darbee abdii kutatanii turan. Waaqayyoon garuu bara, dulluma isaanitti kan karaa qulqulleessu fi kan Isa cuuphu danda’u Qulqullummaa kan qabu Qulqullu Yohaannis cuupha kenneefi.

Kitaaba Sirakirratti katabame kan argamu Tewoodosiyoos lammaffan inni xiqqaan waggoota hedduuf Mootuma Isaa kan dhaalu ilma akka argatu Waaqayyoon kadhachaa akka turefi ta’us ilma akka dhabedha. Waaqayoon kanas ka ntaasisef sababa waan qabufidha. Dhaloonni isaa booda ka’an Waaqayyoon kan ganan waan ta’eef Tewoodoosyoos ilma osoo qabaate dhalootasana duuka waan jiraateef ” Ilmi kee Ana yeroo ganu arguu hin barbaadu” jedhee waan tureef Waaqayyoon dhala kan dhorkateef. Kanas karaa firoota isaati kaara monoksoota isaatiin ibseera.

Waan nu hin fayyadne kadhachuu barbada ta’u danda’a jennee yaadu. Yoomiyyuu nuti namootatti borifi beekumsi nutti hanqata. Kan nu fayyadu fi nu miidhu hunda adda baafne ni beekna hin jennu.Yaada kanaaf fakkeenya kan nuufta’u kitaaba Qulqulluu irratti kan barreeffame kadhannaa haadha Yohannisiifi Ya’iqoob fi deebii Waaqayyoon laatef yaadachuun gahadha. Akka yaada isheetti ijoolleen ishee bitaa fi mirga isaa akka dhabataniif kadhachaa turte. Garu,  du’a itti kadhachaa turte. Waaqayyoon kadhannaa isheetiif deebiin inniitti kennef “Iyyasuus deebisee kan kadhattan hinbeektaniti” ani dhugaa kanan jiru dhuguu dandeessuyii? Anis kanan cuphamaa jiru cuphamuu dandeesssuuyi? (Mat.20:20-23)

Nutis har’a kan kadhannu hin beeknuti Waaqayyon kan cal jedhe nutti fakkaata. Callisuun Isaa garuu maf akka ta’e yaaduu qabna. Akkuma armaan olitti ibsamee obsa akka shaakallu Waaqayyoon kadhannaa keenyaaf dafee deebii nuuf kennu dhiisuu danda’a. Haalli keesa jirru mataan isaa kan nu fayyadu fi jireenya keenya Aafurawaa kan guddisu waan ta’eef ifatti nu dhoowwata.

Rakkinni akka irra fagaatuuf kan kadhate Qulqulluichi Phaawuloos rakkinni irraa fagachuu didnan dhumarra rakinichi kan isa fayyadu ta’uu hubatee akkas jedhee ni arganna “Kanafuu, mul’achuu guddaan akkan hin nyaatamne waranamu foon kootif iinnis kan nahurcuquu ergama seexana naaf kennamera kunis akkan hin nyaatamnefidha. Kanaf narraa kkaadda hinbanef waaqayyo si’a sadin kadhadhe, innis kennan koo nigahee humni dadhabbidhan rawata nan jedhe. Kana booda humni waaqayyo akka narra buluf dadhabbi baay’edhan nan ofjaja sin jaaladha.” Kanafuu waa’ee Kiristoos dadhabbiidhaan, deddebidhan, rakkachuudhaan, gammachuudhaanis, dhiphinaanis, nan gammada yoon dadhabu yommu sana nan jabaadha (1ffa qor 12-7-10).

Jaalatamtoota koo kan booda Waaqayyoon deebii yeroo nuu flaatu hanga gammannu yommu callisus kannutti fakkaate gaarummaf jennee gammaduu qabna. Callisun Isaas deebii dha.

Nuu haa turu!

                             

Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename. Link to: Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename. Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi... Link to: Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?   Link to: Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?   Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
Scroll to top