Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee

Qulqulluu Sinoodoosiin ijoollee Mana Kiristaanaa ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  Billa Liibiyaatti ajjeesaman ilaalchisee ibsa yeroo lammaffaadhaaf kenne

Eebila 13,                                                                                                          Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

Qulqulluu Sinoodoosiin namoota Kiristaanota Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biyya Liibiyaatti Garee Shororkeessaa ISIS tiin ajjeechaa suukkanneessaadhaan ajjeesaman ilaalchisee har’a eebila 13 waajjira addaa Qulqulluu Paatriyaarikiitti yeroo lammaafaadhaaf ibsa laateera. Ibsa isaa haala armaan gadiitiin dhiyeessineerra:

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Kan sababa Amantaa isaaniitiin dabaan irra gahu Mootummaa Waaqayyoo ni hirmaatu ( Maat 11:12)

Afrikaa Kaabaa Liibiyaatti ijoollee mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa irratti yakka ajjeechaa raawwatame ilaalchisee Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa irra deebi’uudhaan ibsa kenname.

 Gareen shororkeessaa mataa isaa “ ISIS” jechuudhaan waamu Eebila 11, bara 2007 Afrikaa Kaabaa biyya Liibiyaa naannoo qarqara galaana meeditiraaniyaatti  ijoollee Mana kiristaanaa irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun isaa beekameera.

Akkuma namoota hunda birattio beekamu ergamni  manneen amantaa hundaa nama fayyisuu malee nama ajjeesuu akka hin taane ni  amanama. Haata’u malee  yakki ajjeechaa manneen amantootaa kam birattuu kan fudhatama hin qabne sababa amantaa isaaniitiin lammiiwwan balleessaa hin qabne haala suukkanneessaa ta’een  naannoo addunyaa kanatti mul’achuu erga eegalee oolee buleera.

Lammiiwwan keenya Itiyoophiyaanonni yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti saaxilamtoota ajjeechaa akka kanaa ta’uun isaanii hin hafne. Gama kanaan torbee kana biyya Liibiyaa fi biyya Aafrikaa Kibaatti ijoolota keenya hordoftoota amantaa kiristaana ortodoks tawaahidoo ta’an  irratti raawwatame hunda caala mana kiristaanaa keenya kan yaaddessee fi klan gaddisiise ta’ee argameera.

Waan kana ta’eefuu  Qulqulluun sinoodoosii mana kiristaanaa ortodoks tawaahidoo Itiyoophiyaa ajjaachaan sukkanneessaan raawwatame kun mana kiristaanaa ortodoks tawaahidoo Itiyophiyaa qofa irratti kan raawwatame osoo hin taane manneen amantootaa addunyaa hunda irratti ken hiixatame  hojii yakkaa ta’uu amanuun uummanni biyya keenyaa martii fi dhaabbileen hundinuu akkasumas hawaasnii fi mootummoonni addunyaa gochaa kana cimsee balaaleffachuu fi balfachuu irra darbee furmaata hiika qabu  akka barbaadu gaafachaa ibsa itti aanu kenneera.

Jechuudhaan ibsa ejjennoo qabxii sagal qabu kan kaa’e yoo ta’u, isaan keessaas manni kiristaanaa gochaa badii gareen shororkeessaa ISIS ijoollee mana kiristaanaa Qulqulleetti ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  ta’an irratti raawwate balaalfeffattee jirti. Garee gochaa kana raawwates uummanni addunyaa akka balaaleffattu gaafatteetti.

Dabalataanis warren gochaa shoprorkeessitootaa kanaan ajjeefamaniif  kadhannaan fitaatii akka taassifamuuf, biyya keessaa fi biyya alatti boru, eebila 14 bara 2007 irraa eegalee guyyoota torbaaf sirni kadhannaa mihillaa akka labsamu Quqlulluun sinoodoosiin  ibsa laatee jira.

Ijoollee mana kiristaanaa amantaa isaaniitiif jedhanii ajjeefamaniifis akkaataa darbaadarbiinsa mana kiristaanaa fi sirna mana kiristaanaatiin kabajni  Wareegamummaa barbaachisu akka kennamuuf maatiin ijoolee ajjeefamanii footoo fi odeeffannoo wareegamtoota sanaa hatattamaan qulqulluu sinoodoosiidhaaf akka dhiyeessu waamicha dabarsee jir.

 

Dabalataanis uummanni Itiyoophiyaa akkuma durii amantaadhaan osoo adda wal hin qoodiin  tokkummaadhaan, jaalalaan, fi wal danda’uudhaan akka jiraannu waamicha isaa dhiyeesseera.

 

Sinodos

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko amen

                                    Eebila 12                                                         Mazgabuu Kafyaalawuun
Eebila 11 bara 2007 Ibsa Qulqulluu Sinodoosiin Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  Namoota  Biyya Liibiyaatti ajjeefaman ilaalchisee kenne

Eebila 11 bara 2007 walakkaa guyyaatii eegalee  tamsaasawwan oduu addunyaa Afrikaa kaabaa biyya Liibiyaatti qarqara galaana Meedetiraaniyaaniitti garee shororkeessaa ISIS jedhamuun ajjeechaan suukkanneessaan raawwatamuu isaa gabaasaniiru.

Gabaasichis kiristaanonni homaa keessaa hin qabne shororkeessitoota meeshaa hidhatanii fi miira namummaa hin qabneen yemmu ajjeefaman fakkiin  mul’isu addunyaa hunda irratti ilaalamaa jira.

Lammummaa fi eenyummaan Dargaggoota qulqulloota duuti suukkanneessaan kun irratti raawwatamee ilaalchisee ragaan amansiisaa argachuuf carraaqqiin taasisamaa kan jiru ta’us, hanga ammaatti burqaalee oduu miidiyaaleen addunyaa odeessan irraa akka dhageenyetti  gochaan kun kan irratti raawwatame Itiyoophiyaanotaa fi Amantoota Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa akka ta’an burqaaleen oduu addunyaa ibsaa jiru.

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan Uumaadhaan kennamte  lubbuun dhala namaa kam iyyuu  namoota itti gaafatamummaan isaanitti hin dhagahamneenii fi namoota wanta isaanirratti akka raawwatamu hin barbaanne kan gaddi tokko isaanitti hin dhagahamneen akka ajjeefamtu waan hin eeyyamneef manni Kiristaanaa Qulqulleettiin gochaa kana cimsitee balaaleffatti.

Kanaafuu, eenyummaa michoota keenya aarsaa ta’an kanaa adda baasannee ( hubannee)  bu’uura Amantaa, sirnaa fi darbaa darbii  mana Kiristaanaa Qulqulleettii irratti hundaa’uun wanta barbaachisu hunda kan raawwannu ta’uu isaa uummanni Kiristaanaa fi Uummanni IOtiyoophiyaa hundi hubatee dhimicha obsaan akka eegan.

Akkasumas gochaan raawwatame dhaabilee amantaa fi amantii kam iyyuu kan hin ilaallanne, gochaa shororkeessaa ta’uu hubatanii warren lammii Itiyoophiyaa ta’an hunduu akkuma kanaan duraa tokkummaadhaan (gocha kana) balaaleffachuun raawwattoonni gochaa kanaa kisaaraa malee bu’aa kan itti hin arganne ta’uu gochaan akka agarsiisan ni yaaddachiisna.
                                                                     Waaqayyo Itiyoophiyaa Haa eebbisu amen
Abbaa Maatiyaas 1ffaa Paatriyaarikii Dursaa phaaphaasota Itiyoophiyaa Dursaa Phaaphaasii aksum, Icegee teessoo Taklahaaymaanot.

Du’aa Ka’uu

Baga Ayyaana
Du’aa Ka’uu Kiristoosiif Isin Gahe!

1.    Seensa

Dhalli namaa waggoota 5500 tiif bilisummaa fi nagaa dhabee hacuuccaa diina keenyaa kan ta’e harka Seexanaa jalatti akka jiraatuus itti murtaa’etu ture. Baroota kana keessattis namoonni gaariis ta’e hamaa hojjetan hundumtuu carraa fayyinaa dhabanii sii’olitti ni guuramu ture. Raajonnii fi barsiisonni hedduun yoo kaa’nis lubbuu namaa fayyisuuf hin dandeenye ture. Sababni du’a lubbuu kanaa immoo dhalli namaa diina keenya kan ta’e seexanaan dogongoree waan Gannata keessaa arii’atameefidha. Waaqayyoof ajajamuusaaniif mallattoo kan taate frii balas/Aple/ akka hin nyaanne itti himameetu ture. Garuu sagalee gooyyomsaa seexanaa dhaga’anii ajaja Waaqayyoo cabsanii abaarsi isaanirra gahe. (Uma 3:17-19). Garuu Waaqayyo uumee kan nama gatu waan hin taaneef Addaam Abbaa keenyaaf abdii fayyinaa kenneef; waadaa galeef.
Haaluma kanaan Waaqayyo Ilmasaa dhala namaa wanjoo grbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha gara lafaatti ergeenii. Giiftii keenya Dubroo Maariyaamirraa dhalate. Yommuu dhalatus dinqiin Waaqummaa Isaa ibsan raawwatamaniiru. (Mat. 2:1-2). Akkuma raajiin adda addaa waa’ee dhalachuu Kiristoos dubbatamanitti Kiristoos ni dhalate. (Mat. 2:5-6). Hanga umuriinsaa waggaa 30 ga’uttis Haadhasaa Giftii keenya Dubroo Maariyaam waliin jiraate. Cubbuu malees akkuma namaatti suuta suuta guddate. Kiristoosis kaayyoo gara lafaatti dhufeefiif, dhala namaa fayyisuu, eegaluuf jecha harka Yohaannisiin cuubame. (Mat. 3:16). Yommuu cuubame sanattis raajiwwan raawwatamaniiru. Foddaan Samiis banamee iccitiin samii ifa bahe. Sana boodas erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booda  seexanaan qorame, injifatees of biraa arii’een. (Mat. 4:1-11)  
Kiristoos waggoota sadiif ji’a jaha biyya Israa’el keessa naanna’ee erga barsiise kanaan booda kaayyoo gara lafaatti dhufeef keessaa tokko, kan ta’e dhala namaa barsiisee faakkeenya ta’ee ofitti deebsuuf, raawwate. Kaayyoon inni lammaffaa immoo du’a keenya nuuf du’ee du’a bara baraa irraa nu baraaruuf jecha guyyaa jimaataatti Fannoorratti fannifamee du’e. Akkuma dursee dubbatetti guyyaa sadaffaattis du’a moo’ee ka’e. (Mat. 28:6)

2.    Du’a Kiristoos

Namoonni tokko tokko ”Nama dhiba duuti Kiristoos” yommu jedhan ni dhaga’amu. Dhugumatti duuti Gooftaa keenya Iyyasuus Kirtoos namoota amantaa keessa jiraataniif malee nama dhiba. Sababni isaas Waaqa ta’ee otoo jiruu harka namaatti du’uunsaa nama dhiba. Garuu, Kiristoos kan du’e aangoosaatiini dha. Kunis hojii fayyinaa dhala namaa keessaa isa tokko waan ta’eef. ”Yihuudaan cifrootaa, hangafoota lubuutaa fi gargaartoota/garboota/ Fariisotaa waliin guboo fi ibsaa akkasums eeboo fi gaachana qabate gara sanatti dhufe. Iyyasuusis waan isatti dhufaa jiru hundumaa beeke itti bahee: Eenyuun barbaaddu? jedheen. Isaanis Iyyasuus isa Naazreet ittiin jedhan. Iyyasuusis, Ana dha jedheen. …egaa yommuu ‘Ana dha’ ittiin jedhe gara duubaatti deebi’anii lafarratti kukkufani.” (Yoh. 18:3-7) 
Jecha kitaaba Qulqulluu kanarraa kan hubannu Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan du’e humna dhabee, ykn Waaqummaan isaa hafeetu miti. Garuu dhala namaa du’arraa fayyisuuf du’a du’aan moo’uun barbaachisaa waan ta’eefi. Kiristoos kan du’e fedhasaatiin nama fayyisuus, diina karaarraa maqsuuf akka ta’e dursee dubbateera. ”Lubbuu koo… Ani fedhakootiin nan jiraachisaan malee eenyuyyuu narra hin fudhatu. Ishee jiraachisuuf aangoo nan qaba, ajaja kanammoo Abbaa koo irraan fudhe.” Yoh. 10:17
Waan kun kan nu hubachiisu, Waaqayyo Ilmasaa gara namootaatti kan erge dhalli namaa akka du’a jalaa bahuufidha. Kiristoosis, eeyyama Abbaasaa kan Waaqayyo Abbaa raawachuuf aangoodhaan dhufee du’e. Akka du’us, du’a moo’ee akka ka’us dursee waan beekuuf barattoota isaatti himaa tureera. (Mat. 26:31, Luq.24:5)
Raajichi Isaayyaas dursee akkuma dubbatetti, Kiristoos dhala namaa fayyisuuf, garbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha foon namaa uffatee gidiraa hedduutiin akkamiin akka nama fayyisu dubbateetu ture. “Dhugumatti dhukkuba keenya fudhate, dhibee keenyas ni baate, nuti garu akka rukutame; Waaqayyoonis akka dheekkamame, akka nama rakkateettis isa lakkoofneen…Inni garuu; irra darbuu keenyaaf madaa’e, waa’ee balleessaa keenyaafis bullaa’e (reebamuusaa), dheekkamsi fayyina keenyaas Isarra ni ture, madaa Isaatiinis nun ni fayyine… Dhiphinaa fi murtiidhaan akka fudhatame, waa’ee ummataaf jedhee rukutamee lafa jiraattotaarraa akka dhabame (Du’e) dhaloota keessaa eenyutu hubate?”. Kanarraa kan hubannu, dhugumatti Kiristoos waa’ee cubbee dhala namaa hundumaaf jecha Abbaa Isaa biraa gara lafaatti dhufee gidiraa hedduu akka fudhatu dubbatamaa akka ture ni hubanna. Yommuu guyyaansaa gahuttis akka raawwates Wangeelli haala hedduutiin nu ibsaniiru. Kanaafuu, Kiristoos kan du’e hojii fayyina dhala namaaf jecha malee, akkuma keenya nama dhadhabaa waan ta’eef miti. Waan kana ta’eefis duuti Kiristoof fayyina kootiifidha jedhanii amanuun amantii mootummaa Waaqayyoo nama dhaalchisu dha. 

 

3.    Du’aa Ka’uu Kiristoos

Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dursee bartoota isaatiif akkuma dubbatetti awwaalamee guyyaa sadaffaatti ni ka’e. ”Dhalli namaa harka cubbamtootaatti dabarfamee akka kennamuu fi fannifamu, guyyaa sadaffaattis ka’uunsaa dirqamadha, jedhee Galiilaatti akka isinitti hime yaadadhaa…” jedhee Luuqaas barreesseera. (Luq. 24:5). Du’aa ka’uu Kiristoos qarshiidhaan dhoksuuf kan yaalan ni jiru ture, bartoota/duuka bu’ootasaa keessaas ka’uusaa kan shakkan ni jiru ture. Inni garuu yeroo adda addaatti itti mul’achuudhaan du’aa ka’uusaa dhugoomseera. Ergamoonni Waaqayyoos dubartoota qulqulloota bakka awwaala Isaatti barbaacha Isaa deemanitti mul’atanii dursee akkuma dubbate du’a moo’ee ka’eera jedhanii dhuga ba’aniiru. (Mar. 16:9-14).
Du’aa ka’uun Kiristoos namoota Isatti amananiif hangafa du’aa ka’uu  ta’ee du’a moo’ee akka ka’ee kan barsiisu dha. Q/Phaawuloos, “Kiristoos warra muganiif (dua’aniif) hangafa ta’ee du’aa ka’e” akkuma jedhe (1Qor.15:20). Otoo Kiristoos du’a moo’ee hin kaane ta’eetii nutis abdii hin qabnu ture.
Du’aa ka’umsa Kiristoosiin faayidaa argaman keessaa;

  • Duuti dhala namootaa irratti murtaa’ee kan ture, du’aa ka’uu Kiristoosiin moo’ame, kana booda duuti namoota qajeeltoo gara si’oolitti guuruun ni hafe. 1Qor. 15:59.
  • Abdii jireenyaa bara baraa kan itti argannedha. Akkuma horii lafa kanarratti jiraannee kan duunu otoo hin ta’iin lafa kanarratti yeroo jiraannu akka fedha Waaqayyootti yoo jiraanne abdii jireenya bara baraa akka qabnu kan mirkaneesse dha. Tito. 2:13 “Du’aa ka’uu fi jireenyi Ana dha, kan natti amanu yoo du’ellee jiraataa ni ta’a.” Yoh. 11:25.
  • Nageenya itti argameera. “Nagaa isiniif nan habisa, nagaa koo isiniifan kenna. Ani kanin isiniif kennu kan akka addunyaan isiniif kennitu mit.” Yoh. 14:27. Kanaafuu du’aa ka’uu Kiristoositti nagaan kan addunyaan nuuf kennittuun adda kan ta’e nagaan kan Kiristoos nuuf kennameera. Dhugumatti namni Kiristoos Ilma Waaqayyootti amanee lafa kanarratti jiraatu nagaa akkamii akka qabaatuu fi namnii callisee akkuma horiitti amantii malee kan jiraatu garaa garummaan jiru hudduu akka ta’e ifa dha.
  • Bilisoomeerra. “Bilisaan akka jiraannuuf Kiristoos Bilisa nu baaseera. Egaa cimaa dhaabadhaa, deebitaniis garbummaatti (cubbuutti) hin qabamiinaa.” Gal. 5:1.
  • Jaalala dhugaa nuu kenneera. “Lubbuusaa michoota Isaaf keennuurra kan caalu jaalalli biraa hin jiru.” Yoh. 15:13.

 

4.    Du’aa Ka’uu Namaa

Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti du’aa ka’uu Kiristoosiin dhalli namma faayidaa hedduu argateera. Isaan keessaas abdii jireenya bara baraati. Akkuma Kiristoos du’a moo’ee ka’e dhalli namaas du’a akka moo’uuf aangoon kennameeraaf. 1Qor. 15:20. Du’aa ka’uu dhala namaa iddoo sadiitti hirree ni ilaalla;

1)    Qalbii jijjiirrannaatiin ka’umsa laphee

“… mucaan kun du’ee ture. Luq. 15:11. Namni yommuu daandii Waaqayyoorraa fagaatee akka fedhii foonisaatti qofa yeroo jiraatu, lubbuunsaa duuteetti jedhama, Waaqayyoorraa waan fagaatteef. Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma galmaa’ee jirutti, mucichi mana abbaa isaa irraa fagaatee akka yaadasaattii addunyaa keessa naanna’ee garuu rakkatee gara mana abbaa isaatti yommuu deebi’u, abbaan isaa ‘mucaan kun du’ee ture ittiin jedhe. Kanaafuu, namni akka feedha foonsaan cubbee keessa jiraachaa turee gara mana Waaqayyootti yeroo deebi’u iccitii qalbii jijjiirrannaatiin du’aa ka’e jedhama.
Namni qalbii jijjiirrannaatiin du’aa ka’u (du’aa ka’uu isa jalqabaa), duuti inni lammaffaa aangoo irratti hin qabu.  “Du’aa ka’uu isa jalqabaatti carraa kan qabu qulqulluu dha. Duuti inni lammaffaa isarratti aangoo hin qabu.” Mul. 20:6, akkuma jedhu.  Kanaafuu qalbii jijjiirachuudhaan ka’umsa isa jalqabaa akka argannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. Warri daandii fayyinaa dhiisnee karaa du’aarra deddeebi’aa jirrus gara daandii ishee dhugaatti haa deebinu. “Waaqayyo akkana jedha, ‘Daandiirra dhaabadhaa ilaalaa, daanii ishee duraa gaafadhaa, daandiin isheen gaarii garam akka taate baraa, isheerras deemaa, lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu’.” Erm. 6:16.

2)    Yeroof dinqii addaddaan du’arraa ka’uu

Humnii fi arjummaan Waaqayyoo akka itti mul’atuuf jecha namooni yeroof du’arraa ni ka’u. Namoonnis akka itti barataniif, humni Waaqayyoos akka beekamuuf jecha yerootti Waaqayyo namoota du’an yeroo itti isaan kaasu ni jera. Fakkeenyaaf, Kiristoos Alaazaariin du’a irraa isa kaaseera. Kanaanis dhugumatti Waaqummaan Kiristoos itti barameera. Yoh. 11:1.

3)     Du’aa Ka’uu Gumii (Yaa’ii ykn Gumii)

Du’aa ka’umsi inni kun immoo isa dhumaa ykn isa lammaffaa dha. Kunis kan raawwatamu yommuu Gooftaan keenya Iyyasuus  Kiristoos lammaffa gara lafaatti humnaa fi aangootiin deebi’ee  dhufudha. Yeroo sanattis du’aa ka’umsa isa dhumaatu ykn isa lammaffaatu ni ta’a. “Dhalli namaa yommuu ulfina Isaatiin dhufu, Isa waliin Ergamoonni Qulqulloo’onni hundumtuu, yeroo sanatti teessoo ulfinasaarra  taa’a… hoolota mirgasaan ro’oota bitaasaatiin ni dhaaba.” akkuma jedhame. Mat. 25:31.   
Egaa du’aa ka’umsa isa lammaffaa fi isa dhumaa kanatti carraa qabaachuuf ammuma qophaa’uun akka barbaachisu armaan olitti ilaalleerra. Yeroo kanaatti akka hin qaanofneef, karaa bitaas akka hin dhaabanneef ammumaa adeemsa keenya sirreeffachuun dirqama ta’a. Inni karaa dhugaarraa fagaate gara karaa dhugaatti deebi’uu qaba; inni hojii gaarii irraa fagaatee cubbuu keessa jiraatu ammoo, maqumaaf qofa amantiin qaba inni jedhus dafee qalbii jijjiirrachuudhaan du’aa ka’umsa isa lammaffaaf of-qopheessuu qabna. Maqaa Kiristoos waamudhaan qafa fayyinni akka hin jiraanne, garuu hojii gaarii fi daandii dhugaarra deddeebi’uun dirqama akka ta’e hubchuun nurraa eegama.
Dhumarrattis, du’aa ka’uun Gooftaa keenyaa, dhala namaa hundumaaf gammachuu dha. Garbummaa diinaa jalaa baanee bilisummaan akka jiraannuuf kan nuuf ta’e du’aa ka’uu Kiristoosiin waan ta’eef. Egaa amantii ishee dhugaa keessa hojii gaariin jiraannee mootummaa isaa isa hin darbine akka dhaalluuf eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u. Ameen.

                                                                                                                                 

Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e

Taabonni  Hatame  dinqii  Hojjechuudhaan gara  teessoo  Isaatti  kabajaan  deebi’e

Guraandhala 19/2007                                                                                                

                                                                                                     Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun                                 

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel  Mana kiristaanaa  Daamotaa Dabra Haayil qulqulluu Rufaa’el jedhamutti dinqiin waaqayyoo, humni ergamtootaa bakka itti mul’atedha. Burqaan oduu keenyaa Dursaa Phaaphaasii Godina Wallaggaa Lixaa Abbaan Keenya Heenook kan Gaazexaa Sim’aa Tsidqiif kennan; Poolisii Aanaa Baabboo Gambeelii fi Waldaa qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeelidha.  Qulqulluu Abbaan keenya Heenook Gaazexaa

 Simi’aa Tsidqiif kennaniin:- “Kootaa Dinqii Waaqayyo hojjetu ilaalaa jedhee Abbaan keenya Daawit akkuma dubbate  har’as bara keenyatti Waaqayyo dinqii hojjechaa jira.

Kunis Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’el Onkololeessa 19 bara 2007 hatame dinqii hojjetedha jechuudhaan ibsaniiru. Guyyaa kana halkan keessaa naannoo sa’aatii  torbaa hanga saddeetii gidduutti osoo Waardiyyaan jiruu hattoonni dukkana dahoo godhachuudhaan karaa taabotichi jiruun Beetaliheemii Qulqulluu Rufaa’eel bu’uura isaa qonforuudhaan seenanii taaboticha hatanii fudhatani

Manni kiristaanaa kun kan argamu Magaala Baabboo irraa  miilaan Daqiiqaa 45 kan deemsisu yoo ta’u bakkicha irraa taabota sana fuudhanii magaalatti seenuuf hattoota kanatti sa’aatii shan itti fudhateera.

 

Deemsa isaanii kana irratti kan taabota sana qabee jiru hordofaa amantaa biro yoo ta’u, innis sammuu isaa dhabee maraatee jira. Maraachuu isaatiin durattis “ Fuuldurakootii akka bakakkaa( qaqawweessaa) akka natti  balaqqeessa’e deemuu hin dandeenye; maaloo taabota kana narraa fuudhaa” akka jedhe dubbachaa turuu isaa jecha isaa poolisiitti kenne irraa hubatamuu danda’eera.

Taabota sana baatanii deemuu waan dadhabeefis bosona magaala Baabboo bakka buufata konkolaataa duuba jiru keessa kaa’uun Konkolaataa ittiin baatan barbaadaa erga turanii booda deebi’anii kaasuuf yemmu jedhan akka ibiddaa akka isaan gube akka kaasuu dadhaban ibsaniiru. Bakki taabotichi taa’ee tures baalli naannoo sanaa gubatee akka ture argameera. Sana booda luboonni dhufanii kadhannaa taassisuun erga kaasanii booda yeroodhaaf  Tsillaatii sana Mana kiristaanaa Qulqululluu Gabri’eelii fi  Uraa’eelii akka taa’u taassisame” jedhu.

“ Waaqayyo hojii dinqii Isaa kan jalqabe har’a miti kan jedhan Qulqulluun Abbaan Keenya Heenook; Waaqayyo abbootii keenya Raajotarra bulee, boodarras Duukaabuutotarra bulee, bara beektotaas dinqii baay’ee hojjechaa tureera. Har’as Aanaa Baabboo Gambeel keessatti dinqiin kun mul’achuun isaa amantoonni irra caalatti akka cimanii fi amantaa isaaniitiin cimanii akka jiraatan kan taassisudha. Fedha Waaqayyoo ta’ee dinqii kana bakka kanatti natti agarsiisuu Isaatiin gammadeen jira, anis carroomeeran jedha” jechuudhaan ibsaniiru.

Namni maraachuu isaatiin ni gaddina; kadhannaas isaaf taassisna kan jedhan Abbaan keenya Heenook Dinqii Waaqayyo hojjete garuu ni ajaa’ibsiifanna jedhaniiru.

Akka ibsa Qulqulluu Abbaa keenya Heenookitti yeroo taabonni sun hatametti kiristaanonni  naannoo sanaa gadda cimaa keessa turani; akka nama firri jalaa du’eettis uffata isaanii gadi garagalchanii boo’aa turaniiru; namoonni taabota sana hatanis Waajira Poolisiitti dhiyaatanii  taaboticha akkamiin akka hatan, eenyu akka isaan kakaasee fi sababa maaliin hatuu akka danda’an jecha isaanii erga kennanii guyyaa sadi booda Shakkamaan inni tokko Maraatee jira jedhaniiru.

Yeroo sanatti “ Dhagni koo na gubate” jedhee uffata isaa of irraa baasuun qullaa isaa Mana murtiitti dhiyaachuuf yeroo jedhu Poolisiin mana murtiitti kan dhiyaachuu qabdu uffata uffachuudhaani” jedhee yeroo itti uffisuuf yaalutti uffata sana deebisee yeroo darbatu namni uffatichi tuqe “ Dhagni koo na gubate” jechuudhaan dhukubsatee guyyaa sadiif ciisee ture jedhaniiru.

Namni sun Maraatee uffata isaa of irraa baasuun qullaa isaa deemuu irratti dabalataan  “Gubadhe” jedhee yeroo iyyutti bishaan dhagna isaatti yemmu naqan dhagna isaa irraa akka aaraatti hurkaa akka ture, innis ani gubadhe; ka nana arge akka taabota hin tuqne; ani kanan akkana ta’e taabota Waaqayyoo waanan hateefidha  jedhee bakka kiristaanonnis namoonni amantaa biraa qaban argamanitti ragaa ba’aa ture jedhaniiru.

 Mana Kiristaanaa dadhabsuu fi amantoota abdii kutachiisuuf  alaanis keessaanis diinni yeroo itti baay’ate bara dhumaa waan ta’eef kiristaanni martuu mana kiristaanaa waliin ta’uudhaan akka eegan Imaana koon dabarsa jechuun  Abbaan keenya Heenook ergaa isaanii dabarsaniiru.

Dursaan Lubootaa Aanaa Baabboo Gambeel Luba Girmaa Ittaanaas Hattoota keessaa lamaan isaanii poolisii, dhimma nageenya naannoo fi carraaqqii uummataatiin to’annaa jala oolanii akkamiin akka hatan jecha isaanii kennanniiru. Keessattuu hattuun inni adda dureedhaan dhimma kana raawwachaa ture kan amantaa biraa hordofu yoo ta’u, jecha isaa poolisiitti kennee guyyaa sadi booda maraateera jedhaniiru. Namni kun maraachuu isaas magaala Baabboo Gambeel keessaatti argineerra; yeroo uffata itti uffisanis  “Gubadhe” akka jedhe of irraa baaseet darbata jedhaniiru.

Beetaliheemii Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’eel karaa hattoonni cabsanii seenanii Tsillaatii baasan.

 Qorataa  Poolisii dhimma kana qorachaa ture Itt/Saaj. Daanyee Indaaluu bilbilaan kan haasofsiisne yoo ta’u, isaanis haala raawwannaa yakkichaa fi yakkamtootaa haala armaan gadiitiin  nuuf ibsanii jiru:-

 Galmeen yakkaa Poolisii (CR) aanaa Baabboo Gambeel  galmee lakk 57/2007 akka  ibsutti onkololeessa 19 bara 2007 halkan keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 7 hanga 8 gidduutti Shakkamtoonni lama

(1). Abdii Mahaammadii fi

(2).Raamataa Bayyanaa   jedhaman

Dukkana dahoo godhatanii  Mana kiristaanaa Dabra Haayil Daamotaa Qulqulluu Rufaa’el Beetaliheemii cabsanii seenuudhaan tsillaatii kana hatanii kan deeman yoo ta’u, gara magaala Baabboo geessuun buufata konkolaataa duuba dhoksanii hordoffiin taabonni sunn argameera.

Shakkamtoonnis to’annaa jala oolanii jecha shakkamummaa isaanii bu’uura s/d/f/y keeaawata 27 tiin kan kennan yoo ta’u, yeroo jecha isaanii kennanis yakka kana akka raawwannuuf namoonnni (1) Jamaal Ayyaanaa fi (2) Xaahir teessoo jedhamanitu qarshii 500 (Dhibba shan)  nuuf kennee taabonni sun ni gurguramaatii dhaqaa cabsaa nuuf fidaa jedhani jechuun dubbatani. Nutis jecha isaanii kana irratti hundaa’uun namoota caqasaman kanas to’annaa jala oolchinee yeroo beellamaatiin tursuun qorachaa kan turre yoo ta’u namoota lamaan kana irratti ragaa argachuu hin dandeenye.

Shakkamaan Raamtaa Bayyanaa garuu gocha hannaa kana waajjira poolisiittis ta’e mana murtiitti dhityaatee yemmu gaafatamu kana mane yoo ta’u, ragaadhaanis irratti mirkanaa’ee jira waan ta’eef manni murtii aanaa Baabboo Gambeelaa lakk. Galmee 04099 ta’e irratti dhaddacha gaafa 22/04/2007 ooleen murtee balleessummaa kennuudhaan hidhaa Waggaa sadiitiin adabeera jedheera.

Himatamaa Abdii Mahaammad ilaalchisee Itt. Saj. Daanyeen akka ibsanitti Shakkamaan kun waajjira Poolisiitti dhiyaatee bu’uura s/d/f/y keww. 27 tiin jecha amantaa isaa erga laatee booda  waan mataa dabarsee/ Maraateef/ mana murtiitti dhiyaate jecha himatamummaa isaa kennuu dadhabeera. Jedheera.

Itt. Saj. Daanyeen akka ibsanitti shakkamaa Abdii Mahaammad kan jedhamu kun amma illee maraatee kan qullaa isaa daandiirra deemaa jiru yoo ta’u,  taabota hateen gubadhe, dhagni koo na gubaa jira jedhee akka iyyaa ture, ammas akkasuma akka iyyaa deemu ibsee jira.

 Taabonni hatame kabajaan bakka teessoo isaatti yemmu deebi’u uummanni haala kanaan bahee kabaje

Hattoonni kun namni nu argu hin jiru jechuudhaan Mana Waaqayyoo cabsanii seenuun Tsillaattii Ergamaa Waaqayyoo qulqulluu Rufaa’eel kan mana kiristaanaa sana keessa jiruu fi qabeenyota biros hatuun  Miliquuf ariifatanis akka yaada isaanii ta’uu dhiisee  Taabonni Waaqayyoo Dinqii hojjechuudhaan Gara teessoo isaatti kabajaan deeb’ee jira.

Mana Kiristaanaa  Daamotaa Dabra Haayil Qulquluu Rufaa’eelii kan haaraa ijaarame

Kutaan Qindeesaa Weebsaayitii afaan oromoo Kunis namoota Odeeffannoo nuuf kennuudhaan Qarqaarsa nuuf taassisan Keessaattuu Dursaa Phaaphaasii Kutaa Lallaba Biyaa Wallagga Lixaa qulqulluu Abbaa keenya Heenook, kutaa mana lubummaa Aanaa Baabboo Gambeel, Liqa Tiguhaan Luba Girmaa Ittaanaa waajjira Poolisii Aanaa Baabboo Gambeel, Itt. Saj. Daanyee Indaaluu, Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeeliin Galatoomfachaa Kiristaanni hundinuu caalmaan kadhannaa fi gaabbiidhaan Gara Waaqayyootti deebi’uun mana kiristaanaa isaa akka eege kiristaanummaa isaa cimsachuu qaba jenna.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u,

 Kadhaan Giiftii keenya Qulqulleettii Maariyaam

Egumsi Ergamaa Rufaa’eel nu irraa hin fagaatiin

Ameen!

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan  keenya  Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Guraandhala 9  bara 2007

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Ameen !

Warri biyya keessaa fi biyya alaa; naannoo addunyaa maratti argamtan:- Amantaadhaan cimtanii abdiin mootummaa Waaqayyoo akka isinii raawwatamuuf warreen abdiidhaan eeggattan ijoolleen Waaqayyoo cubbuu hojii qulqullummaatiin haquuf diyaabiloosis sagalee Waaqayyootiin kan ittiin injifannu sooma keenya isa guddaa kan Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga’e.

“Dhalli namaa sagalee Waaqayyo irraa bahuun malee biddeena qofaan hin jiraatu” (Maat 4:4) Gooftaan keenya, Waaqayyo keenya, Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomaffaa Isaatti harka Yohaannisitti Laga Yordaanositti cuuphame; osoo oolee hin buliin yeroodhuma sana gara gammoojjii deemuun sooma soomuu eegale. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf yeroo soomu bineensota bosonaa irraa kan hafe kan biraa homti achi hin turre. Guyyaa sooma Isaa erga raawwatee booda Diyaabiloos nyaata Addaamiin ittiin dogoggorseen Isas dogoggorsuu barbaade. Ta’us Gooftaan keenya “Namni sagalee Waaqayyootiin malee biddeena qofaan hin jiraatu” jechuun gamoo dogoggorsa isaa jalaa diige.

 

Itti aansuun Diyaabiloos “ Ergamtoota Isaa keessaa siif ergaatii; miilli kees dhakaadhaan akka hin rukutamneef      (akka hin gufanneef) harka isaaniitiin si kaasu” jedhee kitaaba Isaa afuura of tuulummaatiin caqasuun Gooftaan keenya baaxii mana qulqullummaa Isaa irraa akka of darbatuuf caqasa isaa dogoggoraatiin Isa mooqsuuf yaale. Haa ta’u malee ammas Gooftaan keenya “ Waaqayyo kee hin qoriin jedhamee barreeffameera” jechuudhaan lammata saaphana badii isaa jalaa cireera ( Faar. 90:11 ; Se.Ke.de. 6:6)

Diyaabiloos yeroo sadaffaadhaaf kabajaa fi badhaadhina addunyaa agarsiisuudhaan Gooftaa keenyaan “ Kuftee yoo naaf sagadde kana hunda Siifan kenna” jechee jaalala qabeenyaa ( horii)tiin; waaqeffannaa waaqa alagaatiin kiyyoo keessa galchuuf yemmu yaalu yeroo sana Gooftaan keenya yaa seexana nana asii deemi “ Waaqa kee Gooftaadhaaf sagadi  Isa qofas Waaqeffadhu” (Se.ke.de. 6:13) jedhamee barreeffameera jedhee yeroo deebisuuf diyaabiloosis abdii kutee injifatamee akka deemu taassiseera.

Jaalatamtoota Ijoolee afuuraa keenya

Bara kakuu duraa irraa eegalee raajonni qulqulloonni Waaqayyo irraa wanta tokko yemmu barbaadan bishaanii fi midhaan irraa of dhorkuun soomaan daanga’anii subaa’ee galanii yemmu Waaqayyoon kadhatan  kadhaan isaanii fudhatama akka argachaa turan kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti barreeffameera; kanaanis raajichi Daani’eelii fi Izraan; akkasumas Musee fi Eeliyaas; Asteerii fi obboleessi ishee Mardookiyoos warra caqasaman keessaati. Gama biyyaatiin ammo Magaala Nanawwee yoo ilaalle waa’ee barbaachisummaa soomaa barumsa guddaa irraa arganna ( Ast. 4:1-4; Yon. 3:1-10)

Gooftaan Keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoosis kan hir’ate guutuuf, kan dhokate ifa baasuuf kan jal’ate soroorsuu (sirreessuuf) kan dhufe waan ta’eef  “Seeraa fi Raajii raawwachuufan dhufe malee diiguuf hin dhufne” jechuun barsiiseera. ( Maat.5:17)

Diyaabiloos Gooftaa keenya hojjaa gabaabaadhaan gateettii dhiphoodhaan mul’atee dhaabbina Addaamiin yemmu ilaalu mala Addaam jalqabaa irratti fayyadame fayyadamuun Addaam lammaffaa kuffisuuf baay’ee dhama’eera. Haa ta’u malee malli Addaam jalqabaa irratti bare Gooftaa keenya Isa Addaam lammaffaa jedhame irratti hojjechuu hin dandeenye.

Gooftaan keenya diyaabiloosiin kan injifate waantota sadiin akka ta’e agarra. Isaan kunis;- Sooma, Kadhannaa fi Sagalee Waaqayyooti (Luuq. 4:1-13)

Gooftaan keenya qormaata gama diyaabiloosiin dhufan hunda kan deebise caqasa sagalee Waaqayyoo ta’e  caqasa kitaaba qulqulluutiinidha. Diyaabiloosis isumaan nan waraana jedhee caqasa kitaaba qulqulluu fayyadameera. Haa ta’u malee caqasoonni inni itti fayyadame hiika sirrii fi qabiyyee afuuraatiin osoo hin ta’iin kaayyoo hammeenyummaa isaatiif akka isaaf tolutti oftuulummaa fi jaalala horiitiin kan itti fayyadame waan ta’eef madaala isaaf kaasuu  waan hin dandeenyeef dhuma irratti injifatamee jira.

Jaalatamtoota ijoollee afuuraa keenya

       Soomni  humna afuuraa diyaabiloosii fi meeshaalee dogoggorsaa isaa cabsinee ittiin gannudha.

      Soomaa fi kadhannaadhaan lubbuun madaa cubbuu irraa fayyiti.

      Soomaa fi kadhannaadhaan Waaqayyo wajjin wal qunnamuun ni danda’ama

      Walumaa galatti soomnii fi kadhannaan fedha foonii to’annaa jala oolchuudhaan lubbuun cimina, injifannaa fi ol’aantummaa akka argattu  taassisa.

Egaa sababoonni gurguddoon akka sooma soomnu nu taassisan isaan kana yoo ta’u, raayyaalee baay’ee akka qaban immoo irraanfachuu hin qabnu. Yeroo soomaa:-

 

      Harki keenya kadhannaaf, hiyyeessota qarqaaruuf kan hiixataman

      Afaan  keenya amantaa, nageenya, jaalala,tokkummaa fi obbolummaa kan lallabu

      Gurri keenya sagalee Waaqayyoo, wantoota gaarii fi dhugaa qofa kan dhagahan

      Ijji keenya gara hojii qulqullummaa qofa kan ilaalu

      Miilli keenya gara mana Waaqayyootti kan deeman ta’uu qabu. Afuuraa fi hubannaa kanneeniin sooma yoo soomne diyaabiloosiin mo’achuun keenya, Waaqayyoonis fakkaachuun keenya kan shakkisiisu miti.

 

Ji’a soomaa kana nagaan nu xumursiisee ifa du’aa ka’uu Isaatiin akka nu gahu eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u

 

Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!  Ameen!

Abbaa Maatiyaas I

Dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Dursaa Phaaphaasii Aksum Iceggee Teessoo Takla Haaymaanot

Guraandhala 9 bara 2007

Finfinnee

DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos

DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos

 Mudde 28                                                                               Dn. Dajanee Gasheetiin

 

“Kunoo Eefraataatti dhageenye; bosona keessattis Isa arganne. Gara bultiiwwansaatti ni seenna;bakka miilonnisaa dhaabatanitti ni saganna” (Faar. 131: 6-7)

 

 

Waaqayyo Addaamii fi Heewaan wanta isaan barbaachisu hunduma erga guuteefii booda, biyyee lafaarraa harkasaatiin tolchee, afuura jireenyaa itti baaafachuun, fakkeenyasaatiin isaan uume. Uumees allaattota Samii fi bineensota Dachee hunduma akkaa bulchaniif, aangoo kenneef (Uum. 1: 26). Walabummaa guddaas (free will) kenneef. Akka ergamootaa ifa uffatanii Waaqayyoon galteeffachaa akka jiraatan, ulfina guddaas isaan gonfachiise. Wanta fooniin isaan barbaachisu hundas guuteef. Dhumarras wanta Jannata keessa jiru hunda akka nyaatan, garuu muka gaarii fi yaraa nama barsiisu qofaa akka hin xuqne ajaja jalqabaa kenneef (Uum. 2: 16-17).

 

Ajaja kana cabsinaan du’a du’aa akka du’an isaan akeekkachiise. Addaamii fi Heewaan garuu ajaja Waaqayyoo dagachuun, gorsa bofaa dhagahanii muka hin nyaatiinaa jedhaman nyaatani (Uum. 3: 1-24). Waaqayyo Uumaanis balleessaasaanii itti dheekkame. Jannata keessaas isaan baase. Du’a fooniirratti du’a lubbuu, gara awwaalaatti fooniin bu’uurratti, lubbuun Si’ool bu’uu isaaitti murteesse. Balleessaa Addaam balleesseen cubbuun ilmaan namootaa hundarratti aangome; ilmi namaa hunduu cubbamaa ta’e (Room. 5: 12).

 

 

Akka abbootiin keenya nu barsiisanitti, Addaamis Gooftaataa hundaa olii Waaqayyoonii fi bakka gammachuu, Jannata, dhabuusaatti gadde. Guyyaa guyyaanis laphee gaabbiitiin gara Waaqayyootti boo’e. Waaqayyo gara laafinni amalummaasaa ta’es boo’icha Addaam dhagahee isa fayyisuu fi kabajasaa duraatti isa deebisuu barbaade. Garuu Waaqayyo dhugaa waan ta’eef, dhugaan akka jallattu hin barbaadu. Kanaaf, ajaja cabeef ajajamee, dogoggora hojjetameef beenyaa kaffalee kan namaaf Waaqayyo walitti araarsu dirqama barbaachise. Kanarraa kan ka’e, Tokkichi Ilma Waaqayyoo cubbuu dhiigni hoolotaa fi ro’ootaa ilmaan namootaarraa dhiquu hin dandeenye Dhiigasaatiin nurraa dhiquu barbaade. Mataasaa fi abbaasaattis nu araarsuuf, Dubroo Maariyaamirraa foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fuudhuun tokkoomee (Tawaahidoon  kabajamee) dhalate.

 

Dubbii dhalootaa Gooftaa keenyaa keessatti wantoonni qalbii namaa hawwatanii fi xiinxala afuuraa hedduutti nu ceesisan hedduudha. Iccitiiwwan kunneen foonii fi lubbuu keenya afuuraan sooru. Sagalee jireenyaa fi bu’uura fayyinaa kana hubachuuf, wantoota yeroo Gooftaan ulfinaa fi Waaqni jaalalaa dhalate raawwatan akka armaan gadiitti ilaalla. Iccitichi baay’ee gadi fagoo fi ibsa bal’aa waan barbaaduuf, haala adda addaatiin mata duree tokkicha irra deddeebinee ilaaluun dirqama ta’a. Kunis hubannoo keenya bal’isuuf malee, yaada baay’isuuf akka hin taane gamanumaan haa hubannu. Ka’umsi barnoota keenyaas Wangeela Luqaas 2: 1-20rra kan jiru ta’a.

 

Seenaansaa gabaabaatti akkasi: Bara Aawgisxoos Qeesaar Bulchaa Roomaa (addunyaa yeroo sana ture uummata Israa’eel dabalatee biyyoota hedduu bulchaa kan ture) addunyaan akka lakkaawamtuuf ajaja dabarse. Ajajichis namni hunduu bakka qomoosaatti lakkaawamuu qaba waan jedhuuf, Yooseefii fi Giiftiin keenya, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara Beetaliheem, magaalaa Daawiit deeman. Namoonni hedduun lakkaawamuuf gara Beetaliheem waan deemaniif, mana keessa bulan dhabnaan dallaa loonii keessa boqochuuf dirqaman. Yeroo kanas Uumaan Samii fi Lafaa, Gooftaan keenya dallaa loonii keessatti dhalate. Yeroo Gooftaan Ulfinaa, Mootiin Samii fi Dachee dhalatu, ergamoonni gammachuu fayyinaa kana tiksoota horii eeguuf naannoo Beetaliheem turanitti himan. Tiksoonni sunneenis wanata arganii fi dhagahan namoota naannoosaanii hundatti himan. Namoonnis oduu gammachiisaa kana tiksootarraa dhagahanii ajaa’ibsiifatan. Ergamoonni Samiis Gooftaa marsanii “Galanni Waaqayyoof Samiirratti, nageenyi lafarratti ilma namaaf fedha gaariin haa ta’u” jechuun faarfatan.

 

Galmee namootaa

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo addunyaan hundi lakaawamu dhalachuunsaa akka carraa ta’eet osoo hin ta’iin, kaayyoo fi fedha Waaqayyoon kan raawwatame. Kiristoos cubbuu jalaa nubaasuuf jecha, cubbamoota wajjin lakkaawame (Isa. 53: 12). Jireenya bara baraa fi mucummaa kennaa Waaqayyoo cubbuun dhabne deebisee nuu kennuuf jecha, hangafa hunda keenyaa ta’ee Gooftaan nu wajjin lakkaawame. Akkasumas, maqaa keenya galmee jireenyaarratti barreessuuf jecha, maqaan Uumaa keenyaa nu wajjin barreeffame. Namni Waaqayyotti amanu maqaansaa kitaaba galmee jireenyaarratti barreeffama (Bahu. 32: 32; Luq. 10:20; Filiph. 4: 3). Kanaaf, Inni qulqulluu waan ta’eef, cubbamoonni jireenya qulqullaawaa akka jiraataniif, nu wajjin galmaa’e.  Inni Waaqa jiraataa waanta’eef, jireenya bara baraa nuu kennuuf nu wajjin lakkaawame. Lakkoofsi kun lakkoofsa warra Qeesaar Roomaa osoo hin ta’iin, galmee Waaqayyoo lubbuun isatti amantu kitaaba jireenyaarratti akka galmooftu eeyyamedha. Bakka kanatti, Beetaliheem fakkeenya Mana kiristaanaa fi Samiiti. Namni guyyaa afurtamaa fi saddettamatti cuuphaa dhaan Sillaaseerraa dhalatummoo kan galmee jireenyaarratti Kiristoos wajjin galmaa’utti fakkaata.  

 

Maaliif Beetaliheemitti dhalate?

Magaalonni hedduun osoo jiranii Kiristoos Beetaliheemitti dhalachuunsaa akka carraa ta’eet osoo hin ta’iin, kaayyoosaa qulqulluun kan raawwatame. Kunis, fakkeenyaa fi raajii raawwachuufi. Fakkeenyisaa, mootiin Israa’eel fooniin bulche, Daawiit, Beetaliheemii filatame (1 Saam. 16: 1). Kiristoos bulchaan Samii fi Lafaa fi Gooftaan foonii fi lubbuus Beetaliheemitti dhalachuusaa hubachiisa. Raajiinsaa, Kiristoos akka Beetaliheemitti dhalatu dursee dubbatameet ture (Faar. 131:6; Miik. 5: 2). Beetaliheem jechuun Mana Biddeenaa jechuudha. Biddeena jireenyaa, biddeena bara baraa fi biddeena fayyinaa kan ta’e Kiristoosis Beetaliheemitti kanaaf dhalate. Biddeenni kun akka biddeena warri Israa’eel yeroo Gibxii bahan gammoojjii keessatti nyaatanii beela’anii (Yoh. 6: 58) osoo hin ta’iin, biddeena bara baraa fi nami nyaate hundi kan jireenya itti argatu. Biddeenichis Foonsaa fi Dhiigasaa yoo ta’u, leematiin  biddeenichaa ammoo deessuu Isaa, haadhasaa, Qulqulleettii Dubroo Maariyaami. Biddeen akkuma leemaatii keessaa argamu, Kiristoosis foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Nama ta’eera.

 

Addunyaa mataasaa fi abbaasaatti araarsuuf, luba ol aanaa ta’ee foonicha isheerraa fudhate fannoorratti aarsaa dhiyeesse. Foonichaa fi Dhiigicha nyaannee akkaa jireenya bara baraa argannuufis nuuf kenne. Kanaaf, Beetaliheem maqaa dursitee Mana Biddeenaa jedhamtee iccitiin ittiin waamamaa turte ifatti argatte. Akkuma beekamu, ilmi namaa nyaata hin nyaatiin jedhame nyaachuun du’aa fi Daabiloosiif gabroome. Kiristoosimmoo nyaata dhugaa ta’ee du’a jalaa nu baasuuf jecha Beetaliheemitti dhalate. Kanaaf, ilmi namaa muka dhorkame nyaachuun du’ee ture, Foonii fi  Dhiiga Kiristoos nyaachuu fi dhuguun deebi’ee fayye jechuudha. Har’a nyaata kana Mana Biddeenaa kan taate Beetaliheemitti (Mana Kiristaanaatti) argamuun nyaannee jireenya bara baraa argachuu qabna.

 

Beetaliheemitti dhalachuunsaa iccitii guddaa biraas ni qaba. Gooftaan bakka tuffatamaatti dhalachuun gara kabajaatti nu deebise. Akkasumas, biyya lafaatti dhalachuun Kiristoos kabaja Jannataa fi Samiitti nu deebise. Kiristoos osoo Waaqa ta’ee jiruu mataasaa gadi qabee dhufe; hamma du’a fannoottis kan ajajame ta’e (Filiph. 2: 7-8). Ilmi namaa sababa balleessaa Addaam Jannata dhabeet ture. Kanaaf, Kiristoos Addaam lammaffaa ta’ee, Heewaan lammafaa kan taate Giitii keenya Dubroo Maariyaamirraa dhalachuun ajajamee Jannatatti nu deebise (Room. 5: 18).

 

Waaqeffannaa tiksootaa

Yeroo Gooftaan dhalte Heeroodsi hin dhageenye; Barreessitoonnii fi Farisoonnis hin simanne. Tiksoonni uummata biratti kabaja hin qabne garuu gammachuun simatanii Isa waaqeffatan.  Beelladoonnii fi bineensonnis Waaqasaanii marsanii afuurasaaniin Isa ho’isan. Kana hubachiisuuf raajichi Isaayyaas, “Sangaan kan bitaasaa, harreen dallaa gooftaasaa bare; uummanni Koo garuu hin beekne; Israa’eel hin hubanne” jedhe (Isa. 1: 3). Kunis ilmaan namootaa cubbuutti jilbeeffachuun bineensotaa gadi ta’uun Gooftaasaanii waaqeffachuu dadhabuusaanii agarsiisa. Daawiit abbaan faarfannaa kana hubachiisuuf “namni kabajamaa ta’ee osoo jiruu hin beeku; akka bineensota badanii fakkaate”  (Faar. 48: 12) jedha. Seenaan Beetaliheemitti raawwate ilmi namaa hanga bineensotaa hubannoo dhabuusaa hubachiisa. Har’as namoonni hedduun galmee Qeesaarirratti hiraachuuf (kan addunyaarratti galmaa’uuf) mooraa Qeesaar keessaatti argamuu danda’u. Galmee lubbuu kan ta’e kan Kiristoosiin raawwatamurratti hirmaachhuuf, Beetaliheem (Mana Kiristaanaatti) argamuun garuu irraa fagaatee jira.

 

Tiksoonni sun battalumatti wanta arganii fi dhagahan addunyaatti himaniiru. Nutis waa’ee Iccitii fayyinaa addnuaatti himuun dirqama afuuraa hunda keenyaati. Tiksoonni sun yeroof eegdota horii yooyta’an, iccitiinsaa garuu, tiksitoota  lubbuu kan ta’an fakkeenya lubootaa fi lallabdootaaati. Tiksoonni sun Hangafnisaanii waan dhalatee jiruuf gammachuun isa marsan. Kiristoos Tiksee dhugaa kan foonii fi lubbuuti ( Faar. 22: 1; Yoh. 10: 11). Luboonnii fi lallabdoonni wangeelaas tiksee kiristaanotaati (Hoj. 20: 28; Yoh. 21: 15-17). Kanaaf, har’as hojiin tiksootaa  waa’ee dhaloota Kiristoos addunyaatti himuu yoo ta’u, gaheen amantootaammoo, Tiksicha dhugaa simachuuf gara Beetaliheem (Mana Kiristaanaa) deemuudha (1 Pheex. 2: 25).

 

Faaruu ergamootaa

Yeroo Gooftaan keenya dhalate, ergamoonni tiksoota wajjin walitti makamanii faarfatan. Ergamoonni tiksee ilmaan namootaati (Maat. 18: 10); tiksoonni bakka sana turanis tiksoota kiristaanota hundaa kan ta’an fakkeenya lubootaati (Yoh. 21: 15-17). Kiristoosis Tiksee dhugaa lubbuu fi fooniiti (Yoh. 10: 11). Beetaliheem fakkeenya Mana Kiristaanaati. Tiksoonni kunneen sadan bara baraan Mana Kiristaanaarraa adda hin ba’an. Namni tiksamuu barbaadummoo Beetaliheem (Mana Kiristaanaatti) argamuu qaba.

 

Erga Addaam kufee, seenaa jireenya ilma namaa keessatti, ergamoonni akkanatti yeroo jalqabaaf ilmaan namootaatti makamanii faarfatan. Kunis fayyinni gara ilmaan namootaatti dhiyaachuusaa fi Waaqayyo namatti araraaramuu jalqabuusaa hubachiisa. Ergamoonni Samii, Gooftaan kabajaa fuulasaa golgaa ibiddaa torbaan golgatu Beetaliheemitti dhalachuusaa arganii Isa Waaqeffachuuf dhufan. Akkasumas, hoomaaleen Samii kun ilmaan namootaatti gammachuu fayyinaa itti himuuf mul’atan. Yeroo kanattis Waaqayyo Samiin teessoosaa, lafti ejjennaa miilasaa taate (Isa. 66: 1) fooniin dhaltatee ammuu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam keessa ture. Ergamoonni gara Samii ol ilaalanii Daamicha Beetaliheemitti dhalate Abbaasaa fi Afuura Qulqulluu wajjin osoo qulqulleessamuu fi osoo sagadamuufii argan. Iccitii Samiirratti arguun, “galanni waaqayyoof samiirratti haa ta’u” jechaa Isa galateeffatan. Gooftichuma Samiirratti qulqulleessamu, waaqeffatamuu fi kabajamu lafatti ammuu Giiftii keenyaa keessatti argan. Yeroo kanas “lafarratti nageenyi ilmaan namootaaf haa ta’u” jedhan. Kunis Kiristoos foon namaa uffachuun Nama ta’us, Waaqa bara baraa ta’uusaa fi bakka hunda jiraachuunsaa akka hin daangofne hubachiisa.

 

Gama biraan ergamoonni “galanni waaqayyoof samiirratti, ilmaan namootaaf nageenyi lafarratti” jechuun iccitii guddaa addunyaatti lallaban. Innis, dhalachuu Kiristoosiin kan Dachee fi Samiirra jiran araaramuusaanii hubachiisa. Kiristoos dhalatee aarsaa nuuf ta’uusaatiin, warri lafaa fi samiirra jiran, akkasumas, amantootaa fi al-amantoota (aahizaabota) walitti araarse (Eef. 2: 16). Qulqullichi Phaawuloos kana hubachiisuuf, “Kanaa booda qulqulloota wajjin abbaa biyyaa fi maatii Waaqayyooti malee keessummoota miti” (Eef. 2: 19) jedhe.  Har’a kan Kiristoositti amane, fooniin Ijoollee Abrihaam kan ta’an ijoollee Israa’eelis ta’e, uummanni addunyaa kamiyyuu wal qixa fayyeera. Hunduu ijoollee Abrihaamii fi Israa’eel afuuraa yookaan lubbuuti (Maat. 3: 9). Beektota fiixee addunyaarra jiranis ta’ee, warra qaroominaan duubatti hafuun eegee addnyaa ta’an yoo ta’e, kan Isatti ananuun cuuphame hunduu wal qixa. Kana kan nu hubachiisu, mootonni baha fagoo (ogeeyyiin) duraan amantaa hin qabne dhufanii Kiristoosiif sagaduusaaniiti (Maat. 2: 1-12).

 

Guyyaa dhaloota Gooftaa keenyaa, ergamoonni, tiksoonni, uummanni ogeeyyiin (uummanni baha fagoo) fi uummanni naannoo Beetaliheem bakka sanatti walitti qabamuunsaanii xiinxala  afuuraa guddaa qaba. Kunis, Manni Kiristaanaa Kakuu Haaraa, akka Kakuu Moofaa, bakkaa fi hortee muraasatti kan hin murtoofne ta’uushee hubachiisa. Kakuu Haaraa keessa,  uummanni duraan al-amantoota (aahizaabota) turan amananii miseensa Mana Kiristaanaa ta’aniiru. Gama biraan ergamoonni Samiis Beetaliheem (fakkeenya Mana Kiristaanaa taate)  keessatti argamaniiru. Kunis Manni Kiristaanaa kan warra lafarraa jirajii qofa osoo hin ta’iin, Samiirras dameenshee jiruusaa hubachiisa. Manni Kiristaanaa hundeenshee lafarra kan jiru yoo ta’u, fiixeenshee Samii keessa jira. Birkii yookaan dameen Mana Kiristaanaa Samiirra jiru Mana Kiristaanaa moo’attootaa (church triumphant) yoo ta’u, birkiin lafa jirummoo Mana Kiristaanaa morkattootaa (church militant) jedhama.

 

Gama biraan, Gooftaan ergamoota Samii fi ilmaan namootaa qomoo adda addaarraa dhufaniin Beetaliheemitti waaqeffatamuunsaa iccituma duraan xiinxalle hubachiisa. Kunis, Waaqayyo Mana Kiristaanaa tokko taatetti bara baraan warra lafaa fi samiirra jiraniin (ergamootaa fi qulqulloota Jannata jiraniin) waaqeffatamuusaa hubachiisa. Isaan kunneeniin marfamee gidduu jiraachuunsaas yeroo kamiyyuu Mana Kiristaanaarraa akka Inni adda hin baane hubachiisa. Walumaa galatti, ergamoota Sammiis ta’ee ilmaan namootaa bakka adda addaarraa dhufanitti Kiristoos Beetaliheemitti mul’achuunsaa, Manuma Kiristaanaa tokko taatetti waaqeffatamuusaa hubachiisa. Akkuma dura ibsine, Manni Kiristaanaa lafarras ta’e Samiirra, biyya keenyas ta’e biyya alaa jirtu, tokkuma malee adda miti. Kaayyoon afuuraa bakka hundatti raawwatamus tokkuma: Waaqayyoon waaqeffatanii jireenya bara baraa dhaaluudha.

 

Waaqeffannaa Ogeeyyii (beektota baha fagoo)

Akka armaan olitti ibsinetti, yeroo Gooftaan keenya dhalate, namoonni qaamaan itti dhiyaatanii turan, dallaa loonii keessatti Kiristoos waaqeffataniiru. Akkasumas, namoonni baha fagoo, fageenyi lafaa osoo isaan hin daangessiin Beetaliheemitti argamuun Kiristoos waaqeffataniiru. Harka fuudhaa gosa sadii (warqii, libaanota ykn ixaanaa fi qumbii) kennuufiin Isa waaqeffataniiru. Akka Darbaan qulqulluu Mana Miristaanaa keenyaa nu hubachiisutti, kennaa kana nama sadii ta’aniit tokko tokko Isaaf kennan. Namoonni sadan kunneen fakkeenya ijoollee Nooh sadanii (Seem, Kaamii fi Yaafeetii)ti. Yookaan ammoo fakkeenya uummata addunyaa maraati. Ijoolleen Nooh sadan bishaan badisaa jalaa bahan wal horanii addunyaa kana guutan. Uummanni isaaniin ala ta’es Dachee kanarra hin jiru. Kanaaf, namoonni sadan sunneen uummata addunyaa maraa bakka bu’uun Kiristoos waaqeffatan jechuudha. Kunis, akka dursinee ibsinetti, Kakuu Haaraa keessa uummannii fi qomoowwan hundi Kiristoositti amanuusaa hubachiisa. Waaqayyo Gooftaan iccitii kana dursee Miilkiyaasirra buluun “Baha biiftuutii jalqabee hanga dhihaatti maqaan Koo uummatoota biratti guddaa ta’a; bakka hundattuu maqaa Koofis libaanota ni aarsu” (Miilk. 1:11) jechuun ibsee jira. Kun huduu kan raawwatame fedha Gooftaa jaalalaatiini.

 

Kakuu Haaraa keessa, uummata qomoo tokko ta’ee fi afaan tokko qofa dubbatutu Isa Waaqeffata osoo hin ta’iin, uummanni hunduu  ulaagaan osoo hin daanga’iin Isa waaqeffata. Raajichi Daani’eelis kana ilaalchisuun akkas jedha: “Qommoowwanii fi uummattoonni afaan adda addaa dubbatan akka bitamaniifiif, bulchiinsii fi mootummaan kennameef” (Daan. 7: 14).  Iccitiin fayyinaa kun guyyaa ayyaana Phesxeqoonxee (guyyaa shantammaffaa) namoonni afaanota gara garaa torbaatamaa ol ta’an dubbatan, biyya adda addaatii dhufuun, Kiristoositti amanuun cuuphaman dhugoomeera (Hoj. 2: 1-42). Asirratti, Raajichi Daani’eel “kennameef” jechuunsaa, duraan kan Kiristoos kan hin turre Isaaf kennamuusaa miti. Hiiktisaas, Kirsitoos foon namaa uffatee tokkoomee Nama dhugaa fi Waaqadhugaa ta’uun Gooftaa bara baraa ta’uusaa hubachiisa. Foonichi uffates aangoonsaa osoo hin daangessiin Kiristoos uummatoota hunda biratti waaqeffatama jechuusaati.

 

Kanaaf, Kakuu Haaraa keessatti namoonni qomoo foonii hedduurraa dhalatan cuuphaadhaan Sillaaseerraa lammafaa dhalatu. Akkasumas, qomoo Samii tokko qofa qabaatanii, afaan jaalalaa tokko qofa dubbachuun Waaqayyoon waaqeffatu. Kitaabni qulqulluun ilmaan namootaa hundi Isatti amanan ijoolleessaa ta’uusaanii ibsa. Yohaannis abbaan wangeelaa akkas jedha: “Kan fudhatan hundaaf garuu, warra maqaasaatti amanan isaaniif ijoolle Waaqayyoo akka ta’aniif, aangoo kenneef” (Yoh. 1:12). Qulqullichi Pheexroosis “Sagalee Waaqayyoo jiraataa fi barabaraan jiraatuun sanyii hin bannerraa malee, lammaffaa kan dhalattan sanyii badurraa miti” (1Pheex. 1: 23) jedha. Kunis, hundi keenya cuuphaadhaan haadha tokkoo fi abbaa tokkorraa (Bishaanii fi Afuurarraa) dhalachuun tokko ta’uu keenya agarsiisa. Kanaaf, gurraacha Ameerikaas ta’e, namoota adii, nama Ijibtiis ta’e kan Hindii, amantaa tokko qabaatanii Waaqayyotti kan amananii fi maqaa Sillaaseetiin kan cuuphaman hundi obbolaa ta’uusaanii ibsa. Garaa garummaa malee Waaqa tokkotti amananii fayyuusaaniis hubachiisa.

 

Kennaa Ogeeyyii (uummata baha fagoo)

Ogeeyyiin baha fagootii dhufan Daa’imicha Beetaliheemitti jaalala keenyaan dirqamee dhalateef wantoota sadii qabatanii harka fuudhuusaanii ilaalleerra. Armaan duras, namoonni sadan maaliif kennaa adda addaan akka harka Isa fuudhan ibsineerra. Kennaawwan sadan kunneenis hiika afuuraa fi xiinxala bal’aa mataasaanii ta’e qabu. Iccitii fi xiinxala afuuraa kennaawwan kunneeniis akka armaan gadiitti tokko tokkoon ilaalla.

 

Kennaan inni jalqabaa Ogeeyyiin sunneen Isaaf dhiyeessan warqii ture. Innis fakkeenya mootummaasaati. Moototaaf warqiitu kennama ture. Kiristoosis Mootii Samii fi Lafaa, mootummaansaa yeroon kan hin murtoofnee fi bakkaan kan hin daangofne. Kanaaaf, Ogeeyyin kunneen iccitii kana  hubachiisuuf jecha, warqiin harka Isa fuudhan. Abbaan keenya Yaa’iqob daawitii raajiin arguun Kiristoos Mootii ta’uusaa akkas jedhee dubbateera: “Uleen mootummaa Yihudaatii, jangiin bittootaas miilasaa gidduutii hin dhibamu; Bulchaa kan ta’e hanga dhufutti ajajamummaan uummatootaa isaaf ta’a” (Uum. 49: 10).  

 

Akkuma raajiin dubbatametti, Gooftaan kan dhalate yeroo mootummaan Israa’eel harka hortee Yihudaatii bahee gita bittoota Roomaa jala gale ture. Kunis Yihudaan fakkeenya malee mooticha dhugaa, yeroof malee kan bara baraa akka hin turre hubachiisa. Akkasumas, Yihudaan mootii Israa’ee foonii malee kan Israa’eel lubbuu akka hin turre hubachiisa. Yeroo Mootichi dhugaan qomoo Yihudaa (Daawiit) jalaa dhalte, mootummaan Yihudaa bakka hin qabu. Kiristoos mootii biyya lafaa qofa osoo hin ta’iin kan Lafaa fi Samii, mootummaa Israa’eel foonii qofaa osoo hin ta’iin mootii Israa’eel lubbuutisi (warra itti amannu hundaati). Gooftaan keenya Israa’eel yeroo sana fooniin warra Roomaaf gabroomfatan walaboomsuuf dhufe osoo hin ta’iin, ilmaan namootaa hunda  du’aa fi Diyaabiloomsiin garbroomfataman bilisoomsuuf fooniin dhufe. Kiristoos uummata hunda jaalalaa fi afuura tokkoon cimsee ulee mootummaa sibiilaa (aangoo cimaa hin dabarreen) bulcha (Mul’ata 12: 5). Kanaafis, Inni Mootii bara baraa addunyaa dabarsee jiraachaa ture, ammas kan jiruu fi bara baraan kan jiraatu , Aalfaa fi Oomeegaadha.

 

Kennaa inni lammaffaan kennaa libaanotaati. Libaanonni (ixaanni) lubummaasaaf kennameef. Libaanota aarsuun hojii lubootaati. Kiristoosis Luba bara baraa akka sirna Malkatseedaqitti muudameeti. Luboonni libaanotas ta’e aarsaa biroo fuldura Waaqayyotti dhiyeessaa turani. Kiristoos luba hangafaa jedhama. Sababanisaas luboonni hangafootaa waggaatti yeroo tokko Mana Qulqullummaa seenanii uummataaf aarsaa dhiyeessanii kadhachaa turani.  Kiristoosis aarsaa foon bineensotaa osoo hin ta’iin, Foonsaa kutee Dhiigasaa dhangalaasee Mana Qulqullummaa addaa kan ta’e fannoosaarratti fundurasaa fi Abbaasaatti dhiyeesse. Aarsaa yeroo tokko dhiyeesseenis Abbaasaa fi Ofitti nu araarse. Aarsaan takkaa dhiyaate kunis addunyaa hanga bara baraatti araarsaa jiraata malee, har’a Kiristoos aarsaas ta’a kadhannaa biraa Inni addnyaaf dhiyeessu gonkuma hin jiru (ulfinni Isaaf haa ta’u!) (Ibir. 9: 25-28).

 

Kennaan inni sadaffaan qumbii yookaan karbeedha. Kunis du’asaaf kennameef. Qumbiin hadhaawaadha. Kiristoosis jireenya keenya cubbuun hadhaaye mi’eessuuf jecha, du’a hahaawaa dhamdhame. Waa’ee keenyaaf jechas qumbii dhangaggaawaa fannoosaarratti dhamdhame. Yohaanni abbaan wangeelaa iccitii kana akkas jechuun barreesseera: “dhangaggaawaa ispoonjiitti guutanii, hisoophiitti godhanii, gara afaansaatti dhiyeessaniif” jedha (Yoh. 19: 29). Gama biraan qumbiin wanta cabe deebisee walitti qabsiisuuf ni fayyada. Kiristoosis wantoota dhalootasaa dura lolaan turan torban walitti araarseere. Isaanis: Waaqayyoo fi nama, ergamootaa fi namoota, Samii fi Dachee fi foonii fi lubbuu turan. Walumaa galattis Kiristoos warra Dachee fi Samiirra jiran akkasumas amantootaa fi aahizaabota (al-amantoota) walitti araarsuusaa hubannee jirra. Kanaaf, uummanni kun Kiristoos mootii bara baraa, Luba Foonsaa fi Dhiigasaa aarsaa dhiyeessuu fi jaalala ilmaan namootaan dirqamee du’a dhangaggaawaa dhamdhamu ta’uusaa dursanii raajuun, Gooftaa keenyaaf kennaa adda addaa kennuufiin harka fuudhaniiru.

 

Nutis iccitii afuuraa fi xiinxala guddaa kana hubannee Isatti amanuun akka jireenya dhuma hin qabne argannu fedhasaa nuuf haa ta’u. Galanni Waaqayyoof, Deessuu Haadhasaa fi kabajamaa Fannoosaaf haa ta’u. Ameen!  Nu haa tursu!

 

 

Yaa’ii Waliigalaa

          Waldaan Qulqullootaa yaa’ii 11ffaa gaggeesse

 

                                               Hagayya 27                                                 

 Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaatti Waldaan Qulqullootaa yaa’ii waliigalaa 11 ffaa hagayya 25 fi 26 galma waajjira Waldaa qulqullootaa keessatti gaggeesseera. Yaa’ii kana irratti Ittigaafatmtoonni wiirtuulee,wiirtuulee aanotaa, bakka buutonni yaa’ii moraalee, bakka buutonni wiirtuulee biyya alaa, fi keessummoonni kan hirmaatan yoo ta’u abbootiin mana kiristaanaas hirmaataniiru.

Waldaan Qulqullootaa yaa’ii waliigalaa kan gaggeessu waggoota lama lamaan yoo ta’u, yaa’iin ammaa kun yaa’ii waliigalaa 11ffaa akka ta’e ibsameera. Hirmaattonni Yaa’ii kanaa hagayya 24 kan finfinnee galan yoo ta’u, galgala sana  ergaan baga nagaan dhuftani jedhuu fi sirni miila dhiqaa gaggeeffameera.

Yaa’ii guutuun kan gaggeeffame hagayya 24 fi 25 guyyaa fi halkan walitti fufee ture. Yaa’ii kana irrattis marii bal’aanii fi murteewwan gara garaa kennamaniiru.

 

Yaa’iin waliigalaa kun agayya 24 kadhannaa abbootiitiin  banameera. Sagantaa kana irratti barumsi wangeelaa erga kennamee booda raawwiin karoora waggaa lamaa dura taa’aa Waldaa Qulqullootaa Luba Doktar Sammuu Mitikkuutiin dhiyaateera. Itti fufuunis  gabaasni Odiitii odiitara alaatiin dhiyaatee booda mana keessaa raawwii karooraa fi gabaasa odiitii dhiyaate irratti kennaneera. Guyyuma kana sa’aatii booda Gabaasni Inispeekshinii Obbo Yeshiiwaas Maammootiin manaaf dhiyaatee gabaasota dhiyaatan irrattis mariin bal’aan taassifameera. Mannis marii erga taassisee booda gabaasa dhiyaatee fi hojiiwwan raawwataman hunda sagalee guutuudhaan mirkaneesseera.

Dabalataanis qophii yaa’ii Waliigalaa waldaa qulqullootaa fi sirna filannoo gaggeessitoota waldaa kanaa ilaalchisee qajeelfamni fooyya’e dhiyaateera. Mannis qajeelfama fooyya’ee dhiyaate kana irratti mari’atee kallattii hojii gaggeessitootaaf kennee jira.

 

Yaa’iin kun hagayya 25 kan itti fufe yoo ta’u, karoora yaa’ii mooraa, ilaalchisee qajeelfamni haaraa qoratamee dhiyaateera. Mannis qajeelfama kana irratti marii bal’aa gaggeessee kallattii barbaachisaa kennee jira. Dabalataanis  karoora Waldaa qulqullootaa irrattis marii bal’aan erga taassifamee booda kallattiin hojii hirmaattota irraa hojii gaggeessitootaaf kennamee jira. 

 Guyyaa kana Dursaa Phaaphaasii Harargee fi baha Itiyoophiyaa kan ta’an Abuna Salaamaan argamanii gorsaa fi eebba kennaniiru. Yaa’iin kun hagayya 25 kan raawwate yoo ta’u Yaa’ii kana irratti namootni 650 ol ta’an hirmaataniiru.

Badhaasa

  Dn. Tolasaa Taayyee Badhaasa Geeba Yuunivarsitii irraa argate Waldaa Qulqullootaatiif Kenne.

Hagayya 27

                                                                                                                        Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

Yuunivarsitii Walloo Kaampaasii Daseetti Barumsa Idilee isaa hordofaa turuun qabxii Ol’aanaa galmeessisee Geeba Yuunivarsitii badhaasa barattootaatiif dhiyaate kan fudhate Daaqon Tolasaa Taayyee badhaasa argate Waldaa qulqullootaatiif kenne.

 Dn. Tolasaan Godina  Wallaggaa Lixaa aanaa Mana sibuutti kan dhalatee guddate yoo ta’u barumsa isaa qabxii gaarii galmeessisuudhaan gara Yuunivarsitii Walloo daseetti ramadamee barumsa  isaa hordofaa tureera. Dabalataanis yeroo mooraa kana keessa turetti yaa’ii mooraa keessatti ittigaafatamummaa adda addaa akka fudhate mana kiristaanaa tajaajilaa tureera. Barumsa Yuunivarsitii keessatti kennamuunis cimee qu’achuudhaan qabxii 4:00 fi A+18 fiduun  Qabxii Daraan olaanaa galmeessiseen ankii Daraan olaanaa ta’een  eebbifameera. Sirna eebbaa kana irrattis badhaasa Yuunivarsitichi barattoota qabxii olaanaa galmeessisaniif qopheesse hunda caaluudhaan geeba Yuunivarsitichaa fi Meedaaliyaa qophaahe badhaafameera. Haata’u malee Dn. Tolasaan Badhaasa argate kana ofiif fudhatee galuu hin barbaanne geeba argate Waldaa qulqullootaatiif Yemmu kennu Meedaaliyaa isaa ammo Mana Kiristaanaa isa guddiste, Mana Kiristaanaa Madihaanee’aalamii Daabbusiif kennee jira. Dn. Tolasaan  Hagayya 24 Waldaa qulqullootaatti qaamaan argamee waldaan kun yaa’ii isaa 11ffaa osoo gaggeessaa jiruu badhaasa argate kenneefii jira.

 

Dn. Tolasaan sababa badhaasa kana Waldaa qulqullootaatiif kenne yemmu ibsu “ Jalqaba Yemmuun Yuunivarsitii seenu Sagantaa Yaa’ii Mooraatiin ‘baga nagaan dhuftani’ jechuuf mana kiristaanaatti qophaa’e irratti argameen ture sagantaa kanarrattis baruullee ‘’ gubaa’ee qaanaa” jedhamtu biteen yemmuun dubbisu barataa Yuunivarsitii Jimmaa kan ture Dr.Dn Ingidaa kan jedhamu badhaasa Meedaaliyaa Yuunivarsitii irraa argate Mana kiristaanaatiif akka kenne galmaa’ee argeen anis akka isaa cimee baradheen Meedaaliyaa fudhadhee Mana kiristaanaa na guddisteef kennuun qaba jedheen Murteeffadhe ture; Waaqayyoof galanni haa gahu meedaaliyaa fi geeba kaasuu danda’eera! Kan anaa fi Dn. Dr.Ingidaa Yaadaan Wal nubarsiise Waldaa Qulqullootaati: akkan cimee baradhuuf kan na kakaase Waldaa qulqullootaati Waan ta’eef Geebni kun isaaf mala jedheen kenneef ; dabalataanis kana gochuun koo umurii koo guutuu mana Kiristaanaa akkan tajaajiluuf waan na jajjabeessuuf raawwadheera” jedheera.

Kennaa kana kan Dn. Tolasaa irraa fuudhee Waldaa Qulqullootaatti kenne Yuunivarsitii Finfinneetti  Barsiisaa seeraa kan ta’e Profeesar  Xilaahun Tashoomaa yaada kennaniin ‘’ seenaa Yuunivarsitootaa keessatti qabxii akka kanaa namoonni galmeessan muraasadha! Carraa yeroo tokko argamu kana ammo dabarsanii kennuun wareegamummaadha! Ani mucaa kana irraa barumsa baay’ee argadheen jera; baay’ees na gammachiiseera” jedhaniiru.  Waldaa qulqullootaa bakka bu’uudhaan kennaa kana kan fuudhan Luba Doktar Sammuu Mitikkuu yoo ta’n ; kuni adaraa guddaadha! Cimnee akka hojjennuufis nu jajjabeessa! Waldaa kana bakka bu’uudhaan kennaa kana yemmuun fudhu Waaqayyo galateeffachaarradha jedheera. Meedaaliyaa Mana kiristaanaa  Daabbus Madaanaalamiitiif akka kennuuf kan bakka bu’uun  fuudhe  dura taa’aa Wiirtuu Gimbiiti.Dn. Tolasaa Wajjin turtii dheeraa kan taassifne yoo ta’u Gabaasa bal’aa Gaazexaa gara fuulduraatti afaan Oromootiin maxxansinu irratti dhiyeessina.

Qulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa Gaazexaa kennan

Qulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa  Gaazexaa kennan.

                                                                                                       Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

Adoolessa 28

 Bu’uura Sirna mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaatiin Waggaa waggaadhaan hagayya 1 hanga 16tti Tsoomiin Giiftii keenyaa qulqulleettii dubroo Maariyaam tsoomamu bara kanas Kamisa dhufu kana eegala. Kana ilaalchisee qulqulluu Paatiriyaarikiin Abbaan Keenya Maatiyaas Waajjira Isaanii addaa keessatti ibsa Gaazexaa kennaniiru.

Qulqulluun abbaan keenya ibsa gaazexaa kennaniinis:-“ Ayyaana Du’aa ka’uu Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sababeeffachuun tsoomiin tsoomnu kun biyya keenyaf;uummata keenyaa fi addunyaa hundaaf dhiifamaaf nageenya argamsiisuufidha jechuun dubbataniiru.

Qulqulluun Abbaan keenya Maatiyaas “ Yeroo tsoomii kana keessa kiristaanonni kan beela’eef laachaa, kan daare daara baasaa(uffisaa) fi kan rakkate qarqaaraa tsoomuuf ammumaa qophii taassisuun irra jiraata” jechuun yaadachiisaniiru.

 

 Manni kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan duukaa buutotaa fi kan duraa akka ta’uu isheetti durii eegaltee kabaja qulqulleettii dubroon Maariyaam eeguudhaan hanga ammaatti turteetti; gara fuuladuraattis hanga guyyaa dhufaatii Gooftaatti haaluma kanaan itti fufti” jedhaniiru.

Tsoomni Filsataa (Tsoomiin Maariyaam) mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti Tsoomii labsiidhaan tsoomaman toorban keessaa tokko yoo ta’u daa’ima irraa eegalee kiristaanonni hunduu ciminaan kan tsoomudha.

Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse

Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse.

 

Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 

Dilbata Adoolessa 6 bara 2006 waldaan Qulqullootaa tajaajila Wangeelaa  Afaan Oromootiin kennamu babal’isuuf siimpooziyeemii Galma Hoteela Ililliitti taassise.

Waldaan Qulqullootaa  sagalee dursaa  ‘’Daandii Duukaabu’ummaa” jedhuun gaafa dilbataa siimpooziyeemii  yemmuu gaggeessu tajaajila wangeelaa Afaan Oromootiin kennamu daraan babal’isuu fi uummata sagalee Waaqayyoo dheebote mara bira gahuuf ta’uu ibsameera.

Siimpooziyeemii kana irratti   Abbootiin mana kiristaanaa, keessummoonnii fi gaggeessitoonni Waldaa Qulqullootaa  kan argaman yoo ta’u: barumsi Wangeelaa, Faarfannaan akkasumas rakkinni mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo naannoo Oromiyaarra jiru maal akka fakkaatu Dn Birhaanuu Taaddasaatiin  qu’annaa bal’aan dhiyaateera.

 

Akka qu’annaan dhiyaate kun ibsutti  hordoftoonni mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa Naannoo oromiyaa yeroo irraa gara yerootti hir’achaa akka jiranii fi sababni hordoftoonni  amantaa  kanaa hir’ataniifis  dhiibbaa keessaa fi alaa, akkasumas namoota seenaa darbee raawwatanii fi yeroo ammaa kana seenaa darbe sana akka ka’umsaatti fayyadamuun hiika hin taane itti kennuudhaan kaayyoo isaanii dabaa fi jai’aa ta’e galmaan gahuuf socho’aniin ta’uu isaa ibsameera.

 Qu’annichi itti fufuudhaan tajaajila manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoks Tawaahidoo afaan  Oromootiin taasistu baay’ee gadi bu’aa kan ta’ee fi kan nama hin  quubsne  yoo ta’u,  uummata sagalee wangeelaa dhugaa ta’e dheebotee badaa jiru kana afaan inni dhagahuun barsiisuun barbaachisaa ta’uun ibsameera. Amaluumaa Mana Kiristaanaa keessaa inni tokko manni kiristaanaa kan duukaa bu’ootaan babal’attee fi eenyuunuu osoo hin qoodiin afaan uummanni sun dhaga’uun barsiistee cuuphuu, akkasuma hordoftoota Gooftaa isaanii akka ta’anitti hojjechuun hunda caalaatti hojii filatamaa kan ta’edha. Kanaafis Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duukaa buu’oota Isaa yemmu wangeela akka barsiisaniif gara addunyaatti ergetti afaan ittiin addunyaa mara barsiisan isaanii kennee gara tajaajilaatti bobbaasuun Isaa ga’een tajaajila mana kiristaanaa yeroo ammaa kanaas irra guddaa akka ittin hojjetuu kan nutti agarsiisu dha jedhameera.

 Siimpooziyeemii kana irratti rakkina qu’annicha keessatti caqasame furuudhaaf adeemsa furmaataa tokko ta’uu danda’a kan jedhame dhiyaateera. Kanaafis yeroo ammaatii eegalee tajaajilli Wangeelaa gama Miidiyaatiin taasisamu akka qabu kan ibsu pirojeektiin kan dhiyaate yoo ta’u, inni kun tarkaanfii jalqabaa ta’uun isaas ibsameera.

Pirojeektiin siimpooziyeemiin kun akka qophaa’uuf sababa ta’e kun qarshii miliyoona 1.6 kan gaafatu yoo ta’u, kan raawwatamus waggaa sadiif ta’uun isaa ibsameera. Pirojeektii kanaanis sagantaaleen  tajaajila wangeelaa gama intarneetii, Raadiyoo, Televisiyoonaa, Gaazexaa, barulee, fi kitaabaatiin kennaman kan ittiin gaggeessamu ta’uun kan ibsame yoo  ta’u:- sagantaa kana namni deeggaruu barbaadus gama buusii, ispoonsaraa fi deeggarsa meeshaaleetiin taassisan hunda wajjin hojjechuuf qophii ta’uun ibsameera.

Hirmaattonni sagantaa kanaa marii oo’aa kan gaggeessan yoo ta’u namoonni baay’eenis sagantaa kana deeggaruuf waadaa galaniiru.

 

Sagantaa kana irratti artistoonni beekamoon kan ijoollee mana kiristaanaa ta’an diraamaa afuuraa kan dhiyeessan yoo ta’u, keessummoonni sagantaa kana hirmaachuuf dhufan diraamaa dhiyaattetti baay’ee kan gammadanii fi rakkina manni kiristaanaa nannoo oromiyaa yeroo amma kanaa kan sirriitti ibse kan argame waan ta’eef hirmmattota sagantichaa kan ajaa’ibsiifatan ta’ee argameera. Namoonni baay’eenis imimmaan buusanii yemmu boo’uun miira isaanitti dhagame ibsaniiru.

Saganticha irratti Faarfattoonni waldaa qulqullootaa faarfannaa afaan oromootiin  dhiyeessaniiru.

 

Dura taa’aan Waldaa Qulqullootaa Luba Doktar Sammuu Mitikkuu haasawa cufiinsaa taassisaniin “Waldaan qulqullootaa beekumtii Qulqulluu Sinoodoosiitiin erga hundaa’ee as gama adda addaatiin mana kiristaanaa tajaajilaa tureera, ammas tajaajilaa jira. Amma ammo tajaajila afaan Oromootiin kennamu daraan cimsinee kennuuf sochiirra kan jirru yoo ta’u, Waaqayyo nuti amannu tajaajila kana akka raawwannuuf nu haa qarqaaru. Waaqayyoon amannee eegalleerra, Waaqayyos nu qarqaara.” jedhaniiru.

 

 

Oduu Wal-fakkaatuun Waldaan qulqullootaa tajaajiltoota wiirtuuwwan Oromiyaa irraa dhufaniif leenjii guyyaa lamaa kenne.

Waldaan qulqullootaa tajaajila Wangeelaa gama miidiyaatiin Afaan oromoodhaan kennamu irratti tajaajiltoota hirmaataniif leenjii guyyaa lamaa adoolessa 5 fi 6 B.A. 2006 kenneera. Leenjiin guyyaa lamaa kenname kun akkaataa gabaasonni fi odduun adda addaa itti barreeffamaan, tajaajila Afuuraa  kennuun akkamiin akka danda’amu, waa’ee hog barruu fi Gaazaxeessummaa  akkam akka ta’e ibsamemeefira.

Leenjichi kan kenname tajaajiltoota Wiirtuulee Oromiyaa 14 irraa dhufaniif yoo ta’u leenjii kana irratti leenjitoonni 19 hirmaataniiru.