Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e

in Tibbana

Taabonni  Hatame  dinqii  Hojjechuudhaan gara  teessoo  Isaatti  kabajaan  deebi’e

Guraandhala 19/2007                                                                                                

                                                                                                     Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun                                 

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel  Mana kiristaanaa  Daamotaa Dabra Haayil qulqulluu Rufaa’el jedhamutti dinqiin waaqayyoo, humni ergamtootaa bakka itti mul’atedha. Burqaan oduu keenyaa Dursaa Phaaphaasii Godina Wallaggaa Lixaa Abbaan Keenya Heenook kan Gaazexaa Sim’aa Tsidqiif kennan; Poolisii Aanaa Baabboo Gambeelii fi Waldaa qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeelidha.  Qulqulluu Abbaan keenya Heenook Gaazexaa

 Simi’aa Tsidqiif kennaniin:- “Kootaa Dinqii Waaqayyo hojjetu ilaalaa jedhee Abbaan keenya Daawit akkuma dubbate  har’as bara keenyatti Waaqayyo dinqii hojjechaa jira.

Kunis Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’el Onkololeessa 19 bara 2007 hatame dinqii hojjetedha jechuudhaan ibsaniiru. Guyyaa kana halkan keessaa naannoo sa’aatii  torbaa hanga saddeetii gidduutti osoo Waardiyyaan jiruu hattoonni dukkana dahoo godhachuudhaan karaa taabotichi jiruun Beetaliheemii Qulqulluu Rufaa’eel bu’uura isaa qonforuudhaan seenanii taaboticha hatanii fudhatani

Manni kiristaanaa kun kan argamu Magaala Baabboo irraa  miilaan Daqiiqaa 45 kan deemsisu yoo ta’u bakkicha irraa taabota sana fuudhanii magaalatti seenuuf hattoota kanatti sa’aatii shan itti fudhateera.

 

Deemsa isaanii kana irratti kan taabota sana qabee jiru hordofaa amantaa biro yoo ta’u, innis sammuu isaa dhabee maraatee jira. Maraachuu isaatiin durattis “ Fuuldurakootii akka bakakkaa( qaqawweessaa) akka natti  balaqqeessa’e deemuu hin dandeenye; maaloo taabota kana narraa fuudhaa” akka jedhe dubbachaa turuu isaa jecha isaa poolisiitti kenne irraa hubatamuu danda’eera.

Taabota sana baatanii deemuu waan dadhabeefis bosona magaala Baabboo bakka buufata konkolaataa duuba jiru keessa kaa’uun Konkolaataa ittiin baatan barbaadaa erga turanii booda deebi’anii kaasuuf yemmu jedhan akka ibiddaa akka isaan gube akka kaasuu dadhaban ibsaniiru. Bakki taabotichi taa’ee tures baalli naannoo sanaa gubatee akka ture argameera. Sana booda luboonni dhufanii kadhannaa taassisuun erga kaasanii booda yeroodhaaf  Tsillaatii sana Mana kiristaanaa Qulqululluu Gabri’eelii fi  Uraa’eelii akka taa’u taassisame” jedhu.

“ Waaqayyo hojii dinqii Isaa kan jalqabe har’a miti kan jedhan Qulqulluun Abbaan Keenya Heenook; Waaqayyo abbootii keenya Raajotarra bulee, boodarras Duukaabuutotarra bulee, bara beektotaas dinqii baay’ee hojjechaa tureera. Har’as Aanaa Baabboo Gambeel keessatti dinqiin kun mul’achuun isaa amantoonni irra caalatti akka cimanii fi amantaa isaaniitiin cimanii akka jiraatan kan taassisudha. Fedha Waaqayyoo ta’ee dinqii kana bakka kanatti natti agarsiisuu Isaatiin gammadeen jira, anis carroomeeran jedha” jechuudhaan ibsaniiru.

Namni maraachuu isaatiin ni gaddina; kadhannaas isaaf taassisna kan jedhan Abbaan keenya Heenook Dinqii Waaqayyo hojjete garuu ni ajaa’ibsiifanna jedhaniiru.

Akka ibsa Qulqulluu Abbaa keenya Heenookitti yeroo taabonni sun hatametti kiristaanonni  naannoo sanaa gadda cimaa keessa turani; akka nama firri jalaa du’eettis uffata isaanii gadi garagalchanii boo’aa turaniiru; namoonni taabota sana hatanis Waajira Poolisiitti dhiyaatanii  taaboticha akkamiin akka hatan, eenyu akka isaan kakaasee fi sababa maaliin hatuu akka danda’an jecha isaanii erga kennanii guyyaa sadi booda Shakkamaan inni tokko Maraatee jira jedhaniiru.

Yeroo sanatti “ Dhagni koo na gubate” jedhee uffata isaa of irraa baasuun qullaa isaa Mana murtiitti dhiyaachuuf yeroo jedhu Poolisiin mana murtiitti kan dhiyaachuu qabdu uffata uffachuudhaani” jedhee yeroo itti uffisuuf yaalutti uffata sana deebisee yeroo darbatu namni uffatichi tuqe “ Dhagni koo na gubate” jechuudhaan dhukubsatee guyyaa sadiif ciisee ture jedhaniiru.

Namni sun Maraatee uffata isaa of irraa baasuun qullaa isaa deemuu irratti dabalataan  “Gubadhe” jedhee yeroo iyyutti bishaan dhagna isaatti yemmu naqan dhagna isaa irraa akka aaraatti hurkaa akka ture, innis ani gubadhe; ka nana arge akka taabota hin tuqne; ani kanan akkana ta’e taabota Waaqayyoo waanan hateefidha  jedhee bakka kiristaanonnis namoonni amantaa biraa qaban argamanitti ragaa ba’aa ture jedhaniiru.

 Mana Kiristaanaa dadhabsuu fi amantoota abdii kutachiisuuf  alaanis keessaanis diinni yeroo itti baay’ate bara dhumaa waan ta’eef kiristaanni martuu mana kiristaanaa waliin ta’uudhaan akka eegan Imaana koon dabarsa jechuun  Abbaan keenya Heenook ergaa isaanii dabarsaniiru.

Dursaan Lubootaa Aanaa Baabboo Gambeel Luba Girmaa Ittaanaas Hattoota keessaa lamaan isaanii poolisii, dhimma nageenya naannoo fi carraaqqii uummataatiin to’annaa jala oolanii akkamiin akka hatan jecha isaanii kennanniiru. Keessattuu hattuun inni adda dureedhaan dhimma kana raawwachaa ture kan amantaa biraa hordofu yoo ta’u, jecha isaa poolisiitti kennee guyyaa sadi booda maraateera jedhaniiru. Namni kun maraachuu isaas magaala Baabboo Gambeel keessaatti argineerra; yeroo uffata itti uffisanis  “Gubadhe” akka jedhe of irraa baaseet darbata jedhaniiru.

Beetaliheemii Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’eel karaa hattoonni cabsanii seenanii Tsillaatii baasan.

 Qorataa  Poolisii dhimma kana qorachaa ture Itt/Saaj. Daanyee Indaaluu bilbilaan kan haasofsiisne yoo ta’u, isaanis haala raawwannaa yakkichaa fi yakkamtootaa haala armaan gadiitiin  nuuf ibsanii jiru:-

 Galmeen yakkaa Poolisii (CR) aanaa Baabboo Gambeel  galmee lakk 57/2007 akka  ibsutti onkololeessa 19 bara 2007 halkan keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 7 hanga 8 gidduutti Shakkamtoonni lama

(1). Abdii Mahaammadii fi

(2).Raamataa Bayyanaa   jedhaman

Dukkana dahoo godhatanii  Mana kiristaanaa Dabra Haayil Daamotaa Qulqulluu Rufaa’el Beetaliheemii cabsanii seenuudhaan tsillaatii kana hatanii kan deeman yoo ta’u, gara magaala Baabboo geessuun buufata konkolaataa duuba dhoksanii hordoffiin taabonni sunn argameera.

Shakkamtoonnis to’annaa jala oolanii jecha shakkamummaa isaanii bu’uura s/d/f/y keeaawata 27 tiin kan kennan yoo ta’u, yeroo jecha isaanii kennanis yakka kana akka raawwannuuf namoonnni (1) Jamaal Ayyaanaa fi (2) Xaahir teessoo jedhamanitu qarshii 500 (Dhibba shan)  nuuf kennee taabonni sun ni gurguramaatii dhaqaa cabsaa nuuf fidaa jedhani jechuun dubbatani. Nutis jecha isaanii kana irratti hundaa’uun namoota caqasaman kanas to’annaa jala oolchinee yeroo beellamaatiin tursuun qorachaa kan turre yoo ta’u namoota lamaan kana irratti ragaa argachuu hin dandeenye.

Shakkamaan Raamtaa Bayyanaa garuu gocha hannaa kana waajjira poolisiittis ta’e mana murtiitti dhityaatee yemmu gaafatamu kana mane yoo ta’u, ragaadhaanis irratti mirkanaa’ee jira waan ta’eef manni murtii aanaa Baabboo Gambeelaa lakk. Galmee 04099 ta’e irratti dhaddacha gaafa 22/04/2007 ooleen murtee balleessummaa kennuudhaan hidhaa Waggaa sadiitiin adabeera jedheera.

Himatamaa Abdii Mahaammad ilaalchisee Itt. Saj. Daanyeen akka ibsanitti Shakkamaan kun waajjira Poolisiitti dhiyaatee bu’uura s/d/f/y keww. 27 tiin jecha amantaa isaa erga laatee booda  waan mataa dabarsee/ Maraateef/ mana murtiitti dhiyaate jecha himatamummaa isaa kennuu dadhabeera. Jedheera.

Itt. Saj. Daanyeen akka ibsanitti shakkamaa Abdii Mahaammad kan jedhamu kun amma illee maraatee kan qullaa isaa daandiirra deemaa jiru yoo ta’u,  taabota hateen gubadhe, dhagni koo na gubaa jira jedhee akka iyyaa ture, ammas akkasuma akka iyyaa deemu ibsee jira.

 Taabonni hatame kabajaan bakka teessoo isaatti yemmu deebi’u uummanni haala kanaan bahee kabaje

Hattoonni kun namni nu argu hin jiru jechuudhaan Mana Waaqayyoo cabsanii seenuun Tsillaattii Ergamaa Waaqayyoo qulqulluu Rufaa’eel kan mana kiristaanaa sana keessa jiruu fi qabeenyota biros hatuun  Miliquuf ariifatanis akka yaada isaanii ta’uu dhiisee  Taabonni Waaqayyoo Dinqii hojjechuudhaan Gara teessoo isaatti kabajaan deeb’ee jira.

Mana Kiristaanaa  Daamotaa Dabra Haayil Qulquluu Rufaa’eelii kan haaraa ijaarame

Kutaan Qindeesaa Weebsaayitii afaan oromoo Kunis namoota Odeeffannoo nuuf kennuudhaan Qarqaarsa nuuf taassisan Keessaattuu Dursaa Phaaphaasii Kutaa Lallaba Biyaa Wallagga Lixaa qulqulluu Abbaa keenya Heenook, kutaa mana lubummaa Aanaa Baabboo Gambeel, Liqa Tiguhaan Luba Girmaa Ittaanaa waajjira Poolisii Aanaa Baabboo Gambeel, Itt. Saj. Daanyee Indaaluu, Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeeliin Galatoomfachaa Kiristaanni hundinuu caalmaan kadhannaa fi gaabbiidhaan Gara Waaqayyootti deebi’uun mana kiristaanaa isaa akka eege kiristaanummaa isaa cimsachuu qaba jenna.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u,

 Kadhaan Giiftii keenya Qulqulleettii Maariyaam

Egumsi Ergamaa Rufaa’eel nu irraa hin fagaatiin

Ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-02-26 14:34:222018-10-26 09:21:21Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Soomaa fi gosoota isaa Link to: Soomaa fi gosoota isaa Soomaa fi gosoota isaa Link to: TORBANOOTA SOOMII GUDDAA Link to: TORBANOOTA SOOMII GUDDAA TORBANOOTA SOOMII GUDDAA
Scroll to top